Samii keessatti, finciluu isaan dura, Lusifer, ulfinaan Ilma Waaqayyootti aansee, ergamaa ol-aanaadhaa fi kabajamaa ture. Fuulli isaa, akkuma ergamoota warra biroo surra qabeessaa, gammachuun, ifaa ture. Addi isaa oljedhaa fi guddaa, beekumsa guddaa qabaachuu isaa kan argisiisu ture. Ijaarsi qaama isaa mudaa kan hin qabne ture. Ifni adda ta’e fuula isaa irraa kan argamu naannoo isaatti ifuudhaan bareedinni isaa kan ergamoota naannoo isaa jiran irra akka caalu tasisa ture; garuu kan Kristos Ilma Waaqayyoo, yaa’ii ergamoota sana hundumaa irra in caala ture. Inni utuu ergamoonnuu hin uumamin Abbaa wajjin isa tureedha. Lusifer Kristosiin hinaafee, suuta suuta Kristos qofaaf kan ta’e abbomuu ofitti fudhate. SA 9.1
Ergamoonni Kristos bulchaa samii akka ta’e fudhataniiru, angoonii fi humni isaa kan Abbaa wajjin tokkuma. Lusifer ofii isaa ergamoota gidduudhaa akka waan addumaan jaallatamuutti of fudhateera. Waaqayyo taayitaa guddaa isaaf kenneera, Kun garuu ulfinaa fi galata akka inni uumaa isaaf kennu hin taasifne. Gara Waaqayyoo, mataa isaatti guddachuu barbaade. OI of qabuu isaatti of kabaje. Akka ergamoonni isa kabajan bare. Ergama raawwwatu adda ta’e qaba ture. Uumaa isa guddichatti dhi'oo ture, dhuma kan hin qabne ifni surra qabeessi kan Waaqa bara baraa marsee jiru kara addaa gara isaatti in yaa’a ture. Akkamittiin ergmoonni ajaja isaa dafanii gammachuudhaan akkka fudhatan yaade. Uffatni isaa ifaa fi bareeda hin turre moo? Isa malee Kristos maaliif akka sana kabajame? SA 9.2
Kan qabutti kan hin quufne, Kristosiin hinaafuudhaan guutee Abbaa biraa adeeme. Dhugaa kan ta’e kaayyoo isaa dhoksee, ergamoota naannoo isaa jiran walitti qabe. Akeeka isaa itti beeksise, innis ofuma isaa ture. Akka waan dogoggorameetti, akkamittiin Waaqayyo isa bira darbee Yesusiin filateetti dubbate. Yommuusi irraa qabee gammachiistuu kan taate bilisummaan ergamootaa akka dhumatti dhufte dubbate. Akka garbootaatti sanaan booda kan kabajan geggeessaan isaan irratti waan hin shuumaminiif. SA 10.1
Boqonnaan kun Isa. 14:12-14, His. 28:12-17, Mul. 12:7-9 irratti kan hundaa’eedha. SA 11.1
Walitti isaaniin qabee, Sana booddee weeraramuu mirga isaa fi kan isaaniitti of kennuu akka hin dandeenye fi Yesusiif akka hin sagadne isaaniif akka mirkaneessu itti dubbate; akkas utuu hin taane, Waaqayyo kan isaaf kenne ulfina sana akka fudhatuu fi kan isa faana bu’uu fi sagalee isaaf abboomamuuf ajajaa akka ta’u isaanitti hime. Ergamoota gidduutti hubatamaa kan ta'e wal-dhabdeetu argame. Lusferii fi warri isaaf gaddan bulchiinsa Waaqayyoo bifa biraan caasessuuf yaalii gochaa turan. Hundumti isaanii aangoo Ilmaa irratti mormii kaasan. SA 11.2
Ergamoonni warri dhugaadhaaf amanamoo ta’an, lakkoobsa kan hin qabne ergamoota fincilan sana gara yaada uumaa isaaniitti isaaniin deebisuuf yaalaa turan. Kristos Ilma Waaqayyoo ta’uu isaa fi utuu ergamoonni iyyuu hin uumamin inni isaa wajjin turuu isaa hubatamaatti argisiisan. Inni yeroo hundumaa mirga Waaqayyoo dhaabachaa ture. Suuta Kan jedhe jaallatamaa aangoo isaa sanaan dura takkuma iyyuu gaafatamee kan hin beekin, warri samii sana keessa jiraatan gochuu kan jaallatan abboommii malees kennee hin beeku. SA 11.3
Ulfinni addaa Kristos qabu ulfina Lusifer fudhatee ture akka hin jeeqne hubachiisan. Ergamoonni sun in boo’an. Karaa isaa isa hamaa Sana dhiisee uumaa isaatti akka inni of kennatu fudhachiisuuf cimsanii kadhatan. Hanga yeroo sanaatti wanti hundumtuu nagaa fi tasgabbiitti akka ture argisiisan. Waldhabdee fi sagalee diddaa kanaaf maalii dha laata kan sababii ta’uree? SA 12.1
Lusifer dhaga’uu dide. Ergamoota warra dhugaa fi amanamoo ta’an biraa hafee, akka garbootaattis isaaniin lakkaa’e. Ergamoonni warri Waaqaaf amanamoo ta’an isa Lusiferiif fincilaan jeequun kun milkaa’aafii jiru yommuu argani dinqiffannoodhaan dhaabbatan. Kan isaan qabaachaa turan irra kan caaluu fi wayyu mootummaa, innis kan bilisummaa guutu qabaatan isaaniin abdachiisaa ture. Lakkoobsi guddaan isa akka geggeessaa fi abboomaa isaaniitti fudhachuu isaanii beeksisan. Dhama’iinsi isaa milkaa’ina argisiisaa akka deeme yommuu beeke dhi’ootti ergamoota hundumaa akka gama ofii isaatiin dhaabuu fi Waaqaan qixxaatuun ofii isaa jaje. Achii booda hundumtuu yeroo inni sagalee aangootiin guutummaa samii keessatti ajaja laatu isa dhaga’uuf turan. SA 12.2
Ammas ergamoonni warri amanamoon yoo inni dide maaltu akka itti dhufuuf jiru mirkaneessaniifii in akeekkachiisan. Inni ergamoota uumuu kan danda’e humna isaatiin aangoo isaanii hundumaa garagalchuu akka danda’uu fi kara barbaachisaa ta’een ija jabinaa fi fincila isaanii isa hadhaa’aa kanaaf isaaniin adabuus ni danda’a. Ergamaan tokko akka Waaqichaa qulqulluu isa ta’e seera Waaqaa faccisuu danda’a jedhanii yaaduun! Warra fineilaa jiran ergamoota sana gurra isaanii falmii gowwoomsaa Lusiiferitti cufaa akka godhani akeekkachiisani, akkasumas isaaf warra inni dhiibbaa irratti uume, gara Waaqaa dhaqanii gaaffii dhuma iyyuu aangoo isaa irraatti kaasuun dogoggora ta'uu isaa akka himataniif isaaniin gorsani. SA 13.1
Baay’een warri Lusiferiif gaddan, gorsa ergamoota warra amanamoo faana bu'uu fi itti quufuu dadhabuu isaaniif gaabbuudhaan deebi’anii amantaa Abbaa fi Ilmaatti galuu barbaadaniitu turan. Mormituun guddichi sun seera Waaqaa akka beeku, yoo amanee abboomamuu garboomsaa kanatti of deebisuutti walii gale kabaji isaa hundumtuu akka irraa fudhatamu dubbatee. Abboomaa ta’uun isaa lammata akka itti hin kennamnee dha. Innis isaanis duuba deebi’uu Kan hin dandeenye fagaatanii akka adeeman isaanitti hime, kana booda Ilmaaf waan hin sagadneef, rakkoo dhuma bu’aa hojii isaa irraa argamu baachuu akka qabuudha. Waaqayyo dhiifama hin kennu waan ta’eef bilisummaa isaanii labsatanii aangoo fi taayitaa ofiin isaanitti hin kennamne Sana humnaan akka qabatan dubbata. Akka kanatti Lusifer, “baattuun ifaa” ulfina Waaqaa Kan hirmaate, teessoo isaatti aanee Kan dhaabatu, daddarbaadhaan Seexana “mormituu” ta’ee argame. SA 14.1
Ergamoonni amanamoon waan ergamoota gidduutti ta’aa ture himuudhaaf gara Ilma Waaqaatti fiigan. Abbaanis Ilmaa isaa wajjin gaarummaa ergamootaaf, warra amanamoodhaaf aangoo isa Seexanni ofiif barbaade akkamittiin akka barabaraan akka tursan irratti marii gochuuf haasa’aa utuu jiranii argani. Waaqni guddichi gocha gowwomsaa kana battalumatti akka samii keessatti hin taaneef qabuu in danda’a ture, garuu isaaf kana gochuun yaada isaa hin turre. Finciltootaafis Ilma ofii isaa fi ergamoota amanamoo irratti jabeenya fi cimina isaanii akka qoranii beekaniif carraa wal qixxee kenneef. SA 14.2
Lola kana keessatti ergamaan, hundumtuu, hunduu akka argutti gama goru filachuutu irra ture. Samii keessatti lolli akka itti fufuuf Seexana faana Kan bu’e eenyuunuu dhiisuun filatamaa hin turre. Kan hin jijjiramne seera Waaqaa irratti fincila dhugaa geggeessuun kun immoo kan irraa hin fayyamne barumsa barataniiru. Angafa finciltootaa kana adabuudhaaf, Utuu Waaqayyo humna isaa fayyadameera ta’ee, ergamoonni shakkan sun bakkeetti hin baafaman turan. Kanaaf iyyuu Waaqayyo, Gama kan biraa qabatee tuuta samii jiran hundumaatti firdii fi araara hubatamaa itti argisiisuu barbaade. SA 15.1
Lola Samii Keessaa:-bulchiinsa Waaqayyoo irratti lola kaasuun yakka hundumaa irra caaluudha. Guutummaan samii waan jeeqame fakkaate. Ergamoonni gareetti hirmaman, kutaan hundumtuu ergamaa mataa ta’ee isaa abboomu kan qaban turan. Seexanni seera Waaqaa irratti lola geggeessaa ture, sababiin isaas ofii isaa ol of qabuu waan fedhee fi samii keesatti Ilma Waaqayyoo akka ajajaa isa hundumaa oliitti fudhachuu waan hin barbaadneef ture. SA 16.1
Ergamoonni waaqaa hundumtuu Abbaa dura dhaabachuuf waamaman. Seexanni saalfii malee Kristos isa duratti kabajamuutti akka hin amanne beeksisa. Koormaatti ka’ee dhaabachuudhaan Waaqaa wajjin wal qixa ta’uu isaa beeksise. Ergamoonni warri gaariin jechoota Seexanaa dhaga’uu isaanii fi of tuulummaa kabaja hin qabne sanaaf in boo’an. Fincilli sun sanaan booda samii keessa akka hin turre Waaqayyo in beeksise. Seera Waaqayyoo isa uumama yaada qaban bulchuuf laatame sanaaf abboomamuudhaan kan argamu jireenya gammachuuf ol aanaa sanatti qabaman. Warra seera isaarra darbuu barbaadaniif falli hin jiru. SA 16.2
Seexanni diddaa isaatti ija jaabaate, abboomii uumaa isaar iratti yaada qabu ibsate. Ergamoota seera hin barbaachisu akka fedha isaanii isa isaaniin geggeessutti akka jiraataniif bilisoomuu qabu jedhe. Seerri, jedhe, bilisummaa isaanii irraa kan isaan dhorkuu dha, kanaafuu seera balleessuun sababii inni mormii kaaseef keessaa isa guddaa tokkoo dha. SA 17.1
Gammachuun ergamootaa Kan inni keessatti argamu guutummaatti seeraaf abboomamuu keessattiidha. Hundumtuu dalagaa isatti laatame qaba, hanga yeroo Seexanni fincileetti, samii keessa tartiiba mudaa hin qabnee fi gocha walii galteetu ture. SA 17.2
Achii booda samii keessatti lolli ta’e. Ilmi Waaqayyoo, mootiin Waaqaa fi amanamoo Kan ta’an ergamoonni angafa finciltootaa fi gartuu isaa wajjin walitti bu'an. Ilmi Waaqayyoo fi dhugaaf amanmoo Kan ta’an ergamoonni isaa mo’atanii Seexanaa fi gartuun isaa warri isaaf gaddan samii keessaa baafaman. Kan hafan ergamoonni Waaqa haqaa kana beekanii isaafis sagadan. Cabduun fincilaa tokko illee samii keessatti hin hafne. Wanti hundumtuu nagaa ture, akkuma isaa duraa tasgabbaa’e. Ergamoonni samiidhaa carraa warra duraan isa faana gammachuu fi eebba qabaachaa turaniif mudateef in boo’an. Samii keessa kan jiran hundumaattuu badiisi isaanii in dhag’ame. SA 17.3
Abbaan waa’ee lafa akka dhaalaniif battalatti karoora ittiin dhala namaa uumu isaan mar’achiise. Barabaraan jiraachuun isaanii utuu hin mirkanaa’in dura haala isaan keessatti ilaalaman keessa isaan kaa’e. Oolmaa Waaqayyoo qabaatanii turan. Ergamootaa wajjin in haasa’u turan; eragmoonnis isaanii wajjin. Waaqayyo dandeettii abboomamuu dhabuu olitti isa kaa’uun qajeelaa ta'ee itti hin mul'anne ture. SA 18.1