Manni qulqullummaan sun akka abboommii Waaqayyootti hojjetame. Waaqayyo namoota oggummaa harkaa qaban kaasee, hojii baay'ee barbaachisaa sana akka hojjetaniif dandeettii uumamaa caalaatti qulqullinaan akka hojjetan taasise. Manni sun akkamitti namaan akka ijaaramu Museenis ogeeyyoti sunis hin karoorsine. Waaqayyo ofuma isaatii plaanii sana baaseetu, guddinaa fi boca isaa akkasumas mi’a inni ittiin ijaaramu ilaalchisee qajeelfama addaa wajjin Museetti laatee, meeshaan akkamiis isaa keessa akka taa'u addaan baasee itti hime. Moodela yookiin fakkeenya xinnoo kan mana qulqullummaa Waaqaa fakkaatu qopheessee wanti hundumtuu akka itti argisiifame sanatti akka hojjetamuuf itti hime. Museenis qajeelfamoota kana hundumaa kitaaba keesstti barreessee namoota murteessoo ta’an hundumaaf dubbise. SA 89.1
Achii boodaa Waaqayyo akka isaaniin gidduu jiraatuuf, namoonni hundinuu kennaa jaalalaa akka fidanii mana qulqullummaa isaaf ijaaran gaafate. Yommus, guutummaan waldaa Israa’el Musee biraa ka’anii in adeeman’ isaan dhuunfaatti tokkoon tokkoon isaanii garaan isaanii kan isaan dammaqse. hafuurri isaaniis kan isaa abboome, dunkaana itti wal ga'anii, hojii isaa hundumaaf, uffata qulqullaa’afis jedhanii Waaqayyoof kennaa in dhi’eessan. Dhiironnii fi dubartoonni warri garaan isaanii kennuuf fedha qabu hundinuu dirata warqee, amartii gurraa fi amartii garaagaraa, mia miidhaginaa, mi’a warqee hundumaas fidanii aarsaa sochoofamu Waaqayyoof in dhi'eessan.” SA 90.1
Qophii guddaa fi minyaa ta'e gochuun barbaachisaa dha. Baay’ee kan hin argamne mi’i gati jabeeyyiinis walitti qabamuun in barbaachisa. Waaqayyoof bakka qopheessuu keessatti aarsaa garaa irraa ka’e gochuu fi hojichaaf kutannoodhaan ka’uudha. ljaarsi mana qulqullummaa sun yeroo geggeeffamaa jiruu fi namoonni kennaa isaanii Museetti fidanii warra hojjetutti kennaa jiran, ogeeyyonni hojicha hojjetan hundinuu kennaalee sana qoratanii ilaaluudhaan wanti namoonni sun kennan hamma barbaachisu caalaa gahaa ta’uu isaa murteessan. “Museen immoo ‘dhiirri yookiin dubartiin tokko illee kennaa godoo qulqullaa’aa sanaaf dabalee waan tokko hin godhin!’ Jedhanii guutummaa buufata sanaa keessatti akka labsaniif in abboome. Kanaafis namoonni waa fiduu irraa in ittifaman.” SA 90.2
Dhaloota Boodaatiif kan Galmaa’e:-Guungumuun ijoollee Israa'elii fi dheekkamsa Waaqaatiin adabbuun isaanii barreeffama qulqulluu keessatti barreeffamuun, bu'aa saba Waaqayyo warra bara dhumaa lafa kana irra jiraataniif. Sana caalaas immoo, namoota warra bara dhumaa keessa jiraataniif akeekkachiisa akka ta’uufiidha. Itti dabalataan immoo, gochi of laachuu isaanii fi humni isaanii akkasumas bilisummaadhaan kennaalee sana gara Museetti fiduun isaanii bu’aa saba Waaqayyootiif barreeffameera. Inni akka isaanii wajjin wal arguuf yommuu mana ijaaraniif aragmuu Waaqa qulqulluu kan badhaasatti fudhatan, hammuma eebba waaqa irraa kan lafaa irra caalchifatan, hammuma sanammoo, hojii qulqulluu kana irratti humnaa fi fedhii guddaa argisiisu qabu turan. Waaqayyoof mana akka ijaaraa turan yaadaniiru ta'a. SA 91.1
Akka Fakkeenya Sanaatti:-Manicha qulqullumaa ijaaruu ergaa xumuranii booda, Museen hojii hundumaa ilaale, akka fakkeenya Waaqayyo isaaf kennamee sanatti ta’uu isaa ilaaluudhaaf wal bira qabe. Kutaan hundinuu akka fakkeenya laatameefitti ta’uu isaa fi saba sana eebbisuu isaa arge. SA 92.1
Waaqayyo fakkeenya saanduqa akkamittiin akkanni hojjetamu kan argisiisu qajeelfama addaa wajjin Museetti kennee ture. Saanduqi sun kan ijaarame akka gabatee dhagaa isa abboommiin kurnan quba Waaqayyootiin itti caafame sana akka baachuu danda’utti ture. Akka saaxinniitti tolfamee keessaa fi bakkeen isaa Warqee qulqulluun dibame. Irra isa keessaan gonfoo warqeetiin bareechamee ture. Qadaaddiin saanduqa qulqulluu kun teessoo araaraa jedhama; innis Warqee irraa kan tolfameedha. Barcuma araaraa kana gama lamaanuun iyyuu warqee qulqulluu jabaa irraa kan hojjetaman Krubeelotatu jira. Fuulli isaanii kan walitti garagale ta’ee sodaatti barcumaa araaraa akka ilaalanitti jiru. Kunis erga-moonni waaqa gubbaa sanduqa kakuu keessa isa jiru abboommii Waaqayyoo fedhii fi kabajaan akka isaa ilalanitti kan fakkeeffamuuudha. Krubeelonni kun koochoota qabu. SA 92.2
Koochoon ergamoota kanaa kan tokkoo tokkoo isaanii irraan yommuu diriiru kochowwan hafan tokko tokkommoo qaama isaanii aguugu. Saanduqi kakuu inni mana qulqullummaa lafaa keessa dur ture isaa dhugaa saanduqa kakuu isaa waaqaatti fakkeeffameera. Achi, saanduqa mana qulqullummaa samii sana bira, cinaacha saanduqichaa lamaaniin, lamaanuu koochoo isaaniitiin barcuma araaraa sana aguuguudhaan, isa irratti hiixatanii, kabajaa fi gadi of qabuu isaanii argisiisuuf, koochoon isaanii inni hafe dacha’ee, ergamoota jiraatootu dhaabata. SA 93.1
Museen gabatoota dhagaa sana sanduqa kakuu isa mana qulqullummaa lafaa keessa akka kaa’u itti gaafatamee ture. Isaa kun gabatoota dhuga-ba'umsaa kan jedhaman yommuu ta'u saanduqichi immoo saanduqa dhuga-ba'umsaa jedhama ture, sababiin isaas dhuga-ba’umsa Waaqayyoo isa abboommii kurnan keessa jiru waan of keessaa qabuufiidha. SA 93.2
Kutaalee Lamaan:-Manni qulqullummaadhaa golgaadhaan kan gargar baafame kutaalee lama kan qabuudhaa. Meeshaan mana qulqullummaa sun hundumttuu warqee qulqulluu irraa kan tolfamee warqeedhumaan kan uffifamee ture. Golgaan mana qulqullummaa haalluu garaa garaa kan qabuu baay’ee bareechifamee kan toora naqame fi golgaa kanneen irrattis krubeloonni kirrii Warqee fi Meetiitiin kan hodhamanii dha. Kunis kan argisiisu lakkoobsa kan hin qabne ergmoota warra hojii mana qulqullummaa samii keessatti hidhata qabaniif saba Waaqayyo warra lafa irra jiraaniif ergamoota tajaajilan kan argisiisuudha. Golgaa lammaffaa wajjin isa iddoo sanduqi duga-ba’umsaa kaa’ame sana duratti golgaan baay’ee bareedaa ta’e sanduqa qulqullaa’aa sana duratti kaafameera. Golgaan inni kun fiixee manaa kan qaqqabu miti. Ulfinni Waaqayyo inni teessoo araaraa gubbaa jiru kutaa lamaani irraa iyyuu in argama ture; garuu isa jalaqabaa irraa xinnoodha kan inni mul’atu. SA 94.1
Fuula duraa saanduqichaa, kallattiidhumaan, garuu golgaan kan gidduu ture, warqee irraa kan hojjetame siree arsaatu ture. Gooftaan ofii isaatii, siree aarsaa kana irratti abidda in qabsiisee guyyaadhaaf halkan mana qulqullummaa keessaa kan aaru irraas foolii ixaanaa gaarii ta’e infudhata. Fooliin aara isaa naan-noo mana qulqullummaatti fagaatee maayila hedduu in adeema. Lubni aarsaa ixaanaa fuula Waaqayyootti yommuu dhi'eessu, gara barcuma araaraa in ilaala. Arguudhaa yoo baates, inni akka achi jiru ni beeka; akkuma aarri ixaanaa akka hurrii ol ka’een, ulfinni Waaqayyo teessoo araaraa irra buufatee kutaa qul-qulluu qulqullootaa guutuudhaan iddoo qulqulluuttis in argama. Ulfinni Waaqayyoo yeroo hedduu kutaa lamaan waan guutuuf lubni achi keessatti tajaajiluun dhibaa waan ta’eef gara balbala mana qulqullummaa dhaabata. SA 95.1
Lubni inni qulqulluu kadhannaa isaa amantiidhaan gara barcuma araaraa isa ofii argaa hin jirretti erguun isa sabni Waaqayyoo kadhata isaanii gara Krists isa baracuma araaraa bira jirutti dhi’eeffachuutti kan fakkeeffamuudha. Araarsituu isaanii ija fooniitiin arguu hin dandeenyetti. Garuu ija amantiitiin utuu Kristos barcuma araaraa bira jiruu in argu. Kadhannaa isaanii gara isatti in ergatu, shakkii malees bu’aa araarsuu isaa irraa argamu in fudhatu. SA 95.2
Kutaan qullaa’aan kun ifi akka ol galuuf foddaa kan hin qabneedha. Ibsaan, yookiin baattuun ibsaadhaa warqee qulqulluu irraa hojjetamee halkanii fi guyyaa kan ifu kutaa lamaanuufuu ifa in kenna ture. Ifni ibsaa sana irraa ifu deresumaa cinaacha ijaarsichaa jiru kan warqee irra tolfamanii, meeshaalee fi golgaa babbareedoo kirrii warqqee fi meetiin Krubeelota hodhaman qaban fi qulqulluu sana irratti balaqqeessa’u. Bareedina isa kutaaleen kun argamsiisan, jaallatamuu isaa kan qulqullaa’e ulfina isaa isaa afaanni ibsuu danda’u hin jiru. Warqeen mana qulqullummaa keessa jiru aakka qalama sabbata Waaqaa addadda kan ta’an haalluu golgaa sanaa callaqqisa. SA 96.1
Waggaatti yeroo tokko qofa, angafni lubaa qophaa’ummaa eeggannaa qabu ergaa godhee booda, iddoo isa hundumaarra qulqulluu ta’e sana lixuu danda’a. Angafa lubootaa malee iji nama tokkoo iyyuu qulqullina iddoo hundumaarra qululluu sana arguu hin danda’u; sababiin isaas, argamuu kan danda’u ulfianaa Waaqaatiif iddoo bultii addaa waan ta’eefiidhaa. Hangafn lubaa yeroo hundumaa sodaachaa yommu lixu namoonni immoo deebi’uu isaa callisuu guddaadhaan eeggatu. Fedhii guddaadhaan eebba Waaqayyoon gaafatu. Barcuma araaraa biratti Waaqayyo angafa lubaa wajjin in dubbata. Yeroo baratamee ol iddoo qulqulluu qulqullootaa yoo inni tureef, yeroo baay’ee namoonni in sodaatu sababii cubbuu isaanii yookiin cubbuu lubichaa ulfinni Waaqayyoo isa ajjeese jedhaniii waan sodaataniif in dhiphatu. Garu sagalee callee wayyaa isaa irra jiruu yommuu dhaga’an baay’ee isaaniniitti fooyya’a. Achii booda ba’eetu saba sana eebbisa. SA 96.2
Hojiin mana qulqullummaa ergaa raawwatee booda,’’Duumessi dunkaana itti wal ga’anitti uffise, ulfinni Waaqayyo godicha keesasa guute; Moseen immoo duumessi Godicha irra waan tureef, ulfinni Waaqayyoo godicha sana keessa waan guuteef, dunkaana itti wal ga’an sana keessa lixuu hin dandeenye. ‘‘Duumessi Waaqayyoo, guyyaa guyyaa dunkaanicha irra in buufata ture, ibiddi immoo halakan halakan duumessicha irra ture; namoonni Israa’el yeroo karaa adeemaa turan hundumaatti kana in argu turan.” SA 97.1
Godoon qulqulaa’aan sun karaa isaanii hundumaattuu akka isaanii wajjin adeemuu danda'utti tolfame. SA 98.1
Duumessa Geggeessu :-Waaqayyo Israa’eloota adeemsa isaanii lafa onaa keessatti isaa geggeesseera. Gaarummaa saba isaa fi ulfina Waaqaaf yommuu ta’u, isaa dunkaana isaanii dhaabbatanii akka achi buuufataniif Waaqayyo bak-ka sana isaanif jaallachuu isaa kan inni argisiisu duumessa isaanitti gadi siqee dunkaanicha irra dhaabuudhaan ture. Hamma waaqayyo akka isaa adeeman barbaadutti achuma turu. Duumessi ulfinaa ol ka’ee godoo qulqulluu sanaa ol yommu ta’u ademuu jalqabu turan. SA 98.2
Adeemsa isaanii hundumaa keessatti tartiiba guutuu ta’e qabaataniiru. Alaabaan isaanii mallatto maatii abbootaa kan ofirratti qabu ta’ee goosi hundumtuu akka sadrkaa isaaniitti dunkaana isaanii in dhaabbatu turan. Yommuu adeeman immoo, goosi hundumtuu akka akka goosa isaatti in iriira ture. Adeemsa isaaniittii yommuu boqotani godichi qulqulluun isaanii in dhaabata, hundumtuu naannoo godoo qulqulluu sanatti fageenya Waaqayyo isaanitti himeen dunkana isaa dhaabbata. SA 99.1
Namoonni yommuu adeeman sanduqi kakuu Waaqayyo, isaaniin dura baatamee in adeemama ture. “Duumessi aaqayyo guyyaa yommuu isaa gararraa ta’u, dunkaanicha keessaa ba’u. sanduqichi yommuu fuudhamuuf jedhu, Museen, “yaa Waaqayyo ka’i! Diinonni kee haa tamsa'anii, warri si jibban si dura haa baqatanii!” jedha. Yommuu inni boqotu immoo: Yaa Waaqi gara Israa’eloota kumaatamaatti deebi’i! Jedha. SA 99.2