eexanni Yihuudaa Gowwoomsee bartoota Gooftaa warra amanamoo keessaa akka isa tokkootti akkanni ofii isaa yaadu taasise ‘garaan isaa yeroo hundumaa akka fooniitti ture. Isa guddaa hojii Kristosiin argeera; tajaajila isaa hundumaa keessatti isaa wajjin ture, inni Masihii ta’uu isaa humna isaaf ragaa argeera, Yihuudaan garuu doqnaa fi ofittoo ture. Horii jaallata. Urgooftuu dibataa gati jabeessa Maryaam Yesus irratti dhangalaafteef baay’ee aaree dubbate. SA 119.1
Mariyaam Gooftaa jaallatte. Inni kan baayyate cubbuu ishee dhiiseeraaf; jaallatamaa obboleessa ishee du’aa kaaseeraaf; kanaaf Yesusiif gochuuf wanti gati jabeessi kanaan qixxaatu akka hin jirretu galeef. Gatiin dibata sanaa akkuma minya’aa ta’aa adeemu, hammuma sanatu galata isheen Fayyisaa isheef qabdu isaaf gochuudhaan ibsaaf. SA 119.2
Doqnummaa isaaf sababii itti qabataa godhachuuf urgooftuun kun gurguramee utuu hiyyeessotaaf kennamee jedhe Yihuudaan. Sana jechuun isaa garagaarsa hiyyessotaaf dhimma waan qabuuf hin turre. Inni mataa isaa kan jaallatu waan tureef, hiyyeesso-taaf kennamuudhaaf, horii akkanni eeguuf itti kenname fayidaa dhuunfaa isaaf waan oolfatuuf ture male. Yihuudaan waan Yesusiin akka itti tolu godhus ta’e waan dirqama Yesusiin barbaachisuuf dhimma ittii hin qabu ture, of jaallachuu isaan yeroo baay’ee hiyyeessota ija dura qabata ture. Gochi arjummaa Mariyaam goote sun, mala mataa ofii jaallachuu isaa kan ifatuudha. Kun qoramni Seexanaa garaa Yihuudaatti akka fudhatamuuf karaa kan qopheesseedha. SA 120.1
Luboonnii fi geggeessitoonni warra Yihuudotaa Ye-susiin jibbani, garuu lakkoobsi isaanii guddaa kan ta’an namoonni barsiisa ogummaa isaa dhaggeeffatanii isa guddaa hojii isaa dhugaa ba’an. Namoon-ni fedhii guddaan raafamanii, gorsa isaa dhaggeeffaChuudhaaf- fedhiidhaan barsiisaa ajaa’ibaa kana dhaggeeffachuuf isa faana bu’an. Baay’een geggeessitoonni isatti amanan, garuu mana qulqullummaa keessaa akka hin ari’amneef jecha hin himanne turan. Luboonnii fi maanguddoonni. xiyyeeffannoo namootaa Yesus irraa kachisuuf jecha wanti tokko ta’uutu irra jira jedhan. Namni hundinuu isatti amanuu hin oolu jedhanii yaadda’an. Ofii isaaniitii iddoo itti oolfaman waan qaban isaanitti hin fakkaanne yookiin taayitaa isaanii dhabuu kanaan achi immoo Yesusiin ajjeesuutu irra ture. Isa ajjeesanis immoo, dhuga-baatota humna isaatu jira. SA 120.2
Yesus Alaazariin du’aa kaaseera waan ta’eef yoo isaan Yesusiin ajjeesan, Alaazar immoo isa jabaa hojii isaa dhugaa ba'a jedhanii sodaatan. Namoonni namicha du’aa kaafame ilaaluudhaaf baayyisanii in yaa’u turan waan ta’ee geggeessitoonni ammas Alaazaariin ajjeesanii dinqifannoo sana lafa gochuu barbaadu turan. Achii booda namoota gara barsiifataa fi barsiisa aadaatti deebisanii, gara dhimma Kurnaaffaa waan hundumaa keessaa baasuu fi gaabbiitti deebisanii dhiibbaa isaan irratti qabaachuutti isaaniin geessuuf yaadan. Yeroo inni qofaa jirutti Yesusiin qabuu barbaadan, sababiin isaas utuu namoonni isatti fedhii guddaa qabaatanii jirani yoo uummata gidduudhaa isa qaban akka dhagaadhaan hin rukunneef ture. SA 121.1
Yihuudaan Yesusiin argachuudhaaf hammam dhimmamoo akka isaan ta’an beeka ture, meetii muraasaan isa kennuudhaaf angafa lubootaa fi maanguddootaa wajjin walii gale. Jaalalli inni horiidhaaf qabu, harka diinota isaa warra hadhaa’ootti, Gooftaa isaa akkanni gurguruuf walii galu isa taasise. Seexanni Kallattiidhumaan Yihuudaa keessaan hojjechaa ture, yaadatamaa kan ta’e yeroo Irbaata isa dhumaa, inni gantuun sun Gooftaa isaa gurguruuf karoora baasaa ture. Yesus yaada gaddaatiin sababii Isaa hundi isaanii iyyuu galgala sana abdii kutachuuf akka jiran bartootatti dubbate. Pheexiros garuu dafee hundinuu utuu isa gananii iyyuu inni akka isa hin ganne jabeessee dubbate. Yesus Pheexirosiin “Seexanni akka qamadii isin gingilchuuf isin falmateera. Ani garuu amantiin kee iddoodhaa akka hin badneef siif kadhadheera; ati yeroo itti gara kootti deebitu, obboloota kee jajjabeessi!” Luq. 22:31.32. SA 122.1
Iddoo Qonnaa Sanatti:-Yesus bartoota isaatii wajjin Iddoo qonnaa Geetasamaanee ture. Gadda guddaa keessa utuu jiruu qoramatti akka hin galleef dammaqanii akka kadhataniif isaanitti hime. Amantiin isaanii ilaalamuuf akka jiru, abdiin isaaniis gara abdii dhaabuutti akka adeemu waan beekeef, jabeenya isa dammaqanii kadhachuu keessaan argamu waan isaan barbaachisuuf. Boo'ichaa fi iyya guddaadhaan, Yesus in kadhate. “Yaa Abbaa, kun fedha kee yoo ta'e, xoofoon dhiphinaa ani fudhaachuuf jiru kan ana irraa fuudhi! Luq. 22:42 SA 123.1
Ilmi Waaqayyoo dhiphina keessatti kadhate. Coccobbiin dhiigaa fuula isaa irratti walitti qabamee lafatti coccoba ture. Ergamoonni haala sana ilaaluudhaaf bakka sana irra balali'aa turan, garuu tokkicha qofatu Ilma Waaqayyoo dhiphina isaa keessatti jajjabeessuuf ergame. SA 123.2
Yesus erga kadhatee booda gara bartoota isaa dhufee, isaan garuu rafaa turan. Yeroo sodaachisaa akkasii keessa, ergamootuma isaa biraallee kadhannaadhaaf kan isaa yaadu hin qabaanne. Phexiros, yeroo muraasa fuula dura baay'ee dhimmaa kan ture, hirriba ulfaataa keesssa ture. Yesus isa inni duraan gaarummaadhumaaf dubbate sana yaadachiisee akkas ittiin jedhe. “Egaa isin immoo saa’atii tokkittii anaa wajjin dammaquu hin dandeenyee?” Mat.26:40. Ilmi Waaqayyo yeroo sadii dhiphina keessa utuu jiruu kadhate. SA 123.3
Yihuudaan Yesusiin Gurgure:-Kana booddee Yihuudaan garee loltootaa wajjin mul’ate. Akkuma beekamaa ta’etti nagaa gaafachuuf barsiisaa isaatti siqe. Gareen loltootaa Yesusiin marsan, “eenyuun barbaaddu?” “Anaa?” yommuu jedhe sana humna Waaqummaa isaa argisiisee ture. Isaanis duubaan lafatti kufan. Isaan humna isaa dhugaa ba'uu akka danda’anii fi yoo barbaade isaan harkaas ba'uu akkanni danda’u akka beekaniif gaaffii kana isaaniin gaafate. Bartoonni tuuta billaa fi bokkuu qabatee ariifataa dhufan yommuu arganii abdachuu jalaqaban. Akkuma dammaqanii Ilma Waaqayyootti naanna’aniin, Phexiros billaa luqqifatee gurra naa’oo angafa lubaa tokko irraa kute. Yesus billicha achii akkanni deemsisuuf “Ani abbaa kootti dhageessifachuu hin danda’u sitti fakkaataaree? Innoo ammuma ergamoota duula kudha lama irra caalan iyyuu anaaf in erga ture”Mat.26:53 jechuudhaan abboome. Jechoota kana jedhe fuulli ergamootaa abdiidhaan guutame. Abboomaa isaaniitti naanna’uudhaan tuuta aariidhaan guute sana bittimsuuf yaadanii turan. Garuu ammas yommuu Yesus “silaa immoo akkas ta'uun akka isa irra jiru kan dubbatan caaffatni qulqullaa’oon akkamittiin raawwatamuree? jedhe” Mat.26:54 jedhee yommuu itti dabale gaddi isaa irratti mul’ate. Garaan ergamootaa, yommuu Yesus diina isaan geggeeffamuutti of kenne, gaddaa fi abdii kutannaa hadhaa’aa keessatti liqimfame. SA 124.1
Bartoonni jireenya mataa isaaniif iyyuu yaadda'anii qofaa Isaatti dhiisanii baqatan. Yommusii qabee Seexanaaf mo'icha akkamiiti! Ergamoota Waaqaaf immoo yeroo gaddaa fi dhiphinaa akkamiiti! Gareen ergamoota qulqullaa'anii hundinuu, tokkoo tokkoo isaaniirra ergamaa isaan ajaju akka geggeessaatti kan qaban haala sana akka dhugaa ba’aniif ergamman. Arrabsoo fi hammina Ilma Waaqaa irratti geessifame hundumaa galmeessuuf, dhukkubbii Yesus arguuf jiru hunda galmeessuuf namoonni haala sodaachisaa sana argan hundinuu jireenya keessatti deebi’anii akkuma waan inni ammas ta’ee arganitti, waan eeganif sana godhan. SA 125.1