Kristos, jaallatamaan Ilmi Waaqayyoo; fannifamuudhaaf baafamee jaratti kenname. Bartoonni fi amantoonni naanna’aa sanaa uummata Qaraaniyyootti isa geessanitti makaman. Haati Yesusis, Yohaannisiin ergamaa jaallatamaa sanaan tumsamtee, achi turte. Garaan ishee dhiphina batamuu hin dandeenyeen kan guute ta’u iyyuu, isheenis bartootumaa wajjin haalli dhiphisaan sun jijjiiramuuf akka jiru in abdatti turte, Yesusis akka Ilma Waaqayyootti humna isaa argisiisuudhaan diinota isaa dura in dhaabata. Wantoota guyyoota sana isa irratti raawwataa jiran jechoota ifaadhaan innumti dubbatee yommuu yaadattu garaan haadha isaa in mooga’a ture. SA 137.2
Utuuma Yesus balabala Philaaxosiin darbee hin turin yommusuma fannoon Baarbaadhaaf qophaa’ee ture dhufee isa garafamee dhiigaa jiru saggoo isaarra kaa’ame. Yesus wajjin fannifamuuf warra jiran michoota Baarbaa irras fannoon in kaa’ame. Sababii dhangala’uu dhiigaa, humnaa ol isatti ta’e dadhabbii fi dhukkubbii irraan kan ka’e, gaggabee waan kufeef, fannoo yeroo gabaabduu qofa baate. SA 138.1
Yesus yommuu achi gahe, ammas fannichi sago isaa irra kaa’amee, fuula duratti akka adeemuuf dirqisiifame. Tarkaanfii muuraasa, fannoo isaa baadhatee fuula duratti daddarbatamee, akka waan lubbuu hin qabneetti lafatti kufe. Gara duraa du’eera jedhanii, gara dhumaatti lubbuun keessa deebite. Luboonnii fi geggeessitoonni isaa dhiphisaa jiran kanaaf garaa hin laafne turan, garuu immoo, meeshaa ittiin isa dhiphisan, fannoo kana caalaa baachuu akkanni hin dandeenye arganiiru. Waan godhan yaadaa utuu isaa jiranii, Simon namni biyya Qareenaa, achii as itti deemaa dhufee saba sanatti dabalame. Kaka’umsa lubootaan fannoo Kristosiin baachuudhaaf dhiibame. Ijoolleen Simon bartoota Yesus, garuu inni ofii Yesusii wajjin wal argee hin beeku ture. SA 138.2
Namoota hedduutu gara fannootti Fayyisaa faana deemaa ture. Baay’een isaanii itti qoosaa, itti gayisaa, garuu muraasi immoo boo'aa galata isaas odeessaa adeemu turan. Warri inni dhibee garaagaraa irraa isaa fayyise, warri inni du'aa kaase dhimmamaniitu gochaa dinqisiisaa inni godheef himaniitu, waanuma akka yakkamaatti akkasitti isa adabsiisu in gaafatu turan. Guyyaa muraasa dura, yeroo inni mo’ichaan Yerusaalemiin seene gammachuudhaan Hosa'inaa jedhanii wajjin ayyaaneffachaa, dame meexxii kan afaniif turan. Garuu sana gochuun waanuma beekamaa tureef, baay’een kan iyyani isa galateeffatan ammammoo “fannis, fannisi” jedhanii iyyan. SA 139.1
Fannootti Waqrame:-Iddoo itti firdii du’aa sana raawwatan yommuu ga’an warri ajjeefamuuf jiran meeshaa dhiphina/fannootti/ isaanii sanatti hidhaman. Hattoonni sun lamaan warra fannoo irratti isaaniin diriirsuu yaalan yommuu wallaansoo qaban, Yesus ofirraa faccisuu tokko iyyuu hin argisiifne ture. Haati Isaa haala gaddaatiin liqimfamteetu, tarii dinqii hojjetee of oolcha jettee abdachaa ilaalaa turte. Harki Isaa fannoo gubbaatti diriiruu argiteeharka jaallatamaa eebba kennaa ture yeroo hedduu warra dhiphatan gargaruuf diriiru ture. Amma egaa Mismaarrii fi waqaraan in fidaman. Akka eeboo jaallatama foon isaa keessa darbee fannootti maxxansee, garaan isaanii kan cabe bartoonni isaas haala dhiphisaa sana keessatti akkuma haadha Kristos sana garaa isaaniitti dhukkubbiin dhaga'ame. SA 139.2
Yesus komee tokko illee hin dhageessifne. Fuulli isaa akkuma diimatetti nagaan kan irraa dubbifamu ture, garu coccobbii dafqaa gurguddaatu fuula isa irraa argama. Harki isaaf dhimmee dafqa du’aa kana fuula isaa irraa haxaa’u hin turre, sagaleen jajjabinaa fi amanamummaa hin jijjiiramnee garaa namummaa isaa jabeessuuf hin turre. Qophaa isaa cuunfaa wayinii dhiitaa ture, kan achi jiran keessaa isaa wajjin kan ture hin jiru. Loltoonni isa sodaachisaa hojii isaanii hojjechaa yommuu turan, innis isa baay’ee dhukkubsaa ta’e dhiphina isaa utuu baatuu, Yesus dinota isaatiif kadhate.”yaa abbaa, isaaniif dhiisi, waan hojjetan hin beekanii” Luq.23:34 jedhe. Kadhannaan Kristos diinota isaaf godhe sun guutummaa lafaa kan hammatuudha, hamma dhuma yerootti cubbamaa lafarra jiraate hundumaa kan ilaallatuudha. SA 140.1
Yesus fannootti erga maxxanfamee booda, namoota humna qaban hedduudhaan ol kaafame humna guddaadhaan, Ilma Waaqayyoo baay’ee dhiphisa jedhamee bakka isaaf qoheeffame keessa kaa’ame. Achii booda wanti baay’een dhukkubsaan ta’e. luboonni fi geggeessitoonni, beektonni macaafaa, hojii isaanii isa qulqulluu dhiisanii, gayistootatti dabalamanii ” yoo dhuguma mootii Yihuudotaa taate ofii kee oolchi ” Luq.23:37, jechuu jalqaban. Kaanis walii isaanii gidduutti “Inni namoota biraa oolcheera, ofii isaammoo oolchuu hin danda’u.’’waliin jedhan Mar.15:31 jechudhaan itti qoosan. Kabajamtoonni mana qulqullummaa, loltoonni gara jabeeyyiin, hattuun fannoo gubbaa,kabajja warri hin qabnee fi hamminaan kan guutan namoonni hundinuu Yesusiin arrabsuu irratti immoo walii galan. SA 141.1
Hattoonni warri Yesusii wajjin fannifaman, isaa wajjin dhukkubbii qaamaa wal fakkaatu dhiphatan: garuu tokko qofatu dhukkubbii isaatiin abdii kutate. Gayisuu lubootaa fi arrabsoo isa jarri jedhan irra deebi’ee “Ati Kristos yoo taate, ofi oolchi, nuunis oolchi.” Jedhe. Luk 23:39. Kan duuti itti faradame inni kaan yakkamaa garaan isaa jabaate hin turre.haasaa namicha yakka keessatti miiltoo isaa ta’e kanaa yommuu dhaga’e, “isa ifatee, namana, akkuma isaa firdiidhaan dhiphachaa utuu jirtuu, Waaqayyoon illee hin sodaattu moo? Nuyi qajeeltootti nutti faradamee, hojii keenya nyaanne; inni kun garuu homaa hin yakkine jedheen.” Luq. 23:40, 41. Achii akkuma garaan isa gara Yesus dhaqeen ifni samiidhaa sammuu isaa keessa lola’e. SA 142.1
Yesus, isa reebamee, itti qoofamee fannoo irratti fannifamee jiru keessatti fayisaa isaa argee amantii salphaadhumaan isatti himate. “Yaa Yesus Mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu! Jedhe. Yesusis immoo “dhuguman sitti hima, Har’a , anaa wajjin jannata keessatti in argamta” jedheen. Luq 23: 42, 43. SA 142.2
Dinqifannoodhaan, eragmmoonni isa dhuma hin qanbe jaalala Waaqayyoo ilaalanii, baay’ee dhukkubsaa kan ta’e dhukkubbii qaamaa fi sammuu keessa utuu jiruu, warra kaan keessaa cubbamaa amanuuf kadhachaa jiru qofa jabeessuudhaaf ilaale. Jireenya isaa du’a keessatti dhangalaasaa utuu jiruu, kan badaa jiran sanyii namootaaf jaalala isaa isa du’a irra caalu sana hojii irra oolcheef. Namoonni baay’een waan Qaraaniyootti ta’e sana hunda argani, booda keessa haalli sun amantii Kristos keessa isaaniin dhaabuu isaa in hubatan. SA 143.1
Amma egaa diinonni Yesus abdii obsa hin qabneen eeggatan. Duuti isaa baruma baraan oduu humna Waaqummaa fi dinqii hojii isaa isa ajaa'ibsiisaa isaa barabaraan callisiisu itti fakkaatee ture. Lammata sababii dhiibbaa inni uumuu akka hin dhiphanne ofitti dubbbatan. Isa booda loltoonni homtuu itti hin dhaga’amne, warri qaama Yesusiin fannoo gubbaatti diriirsan wayyaa isaan walii isaanii gidduutti hirmaatan; wayya xiyyoo hodhamu malee dha’ame tokko irratti wal qaban. Dhuma irratti carraa irratti buufachuudhaan waliif galan. Barreeffamni kitaabaa kanaa sirriitti kaa’a: “warri akka saree adamsan ana in naanna’an, gareen warra hamaa godhaniis ana in marsan, harka koo fi miilla koos huranii in fullaasan. Isaan uffata koo in hirmaatan. Wayyaa koottis muka in buufatan.” Far. 22:16, 18 SA 143.2
Barumsa Jaalala keessaa Maatiidhaaf:-Iji Yesus du’a isaa ilaaluudhaaf saba walitti qabame sana gubbaa naanna’ee, miilla fannoo biratti Yohaannisiin Maariyaamiin, haadha isaa, utuu inni gargaaruu arge. Gara haala dhukkubsaatti deebitee, mucaa ishee irraa addaan baafamuu dadhabdee turte. Barumsi dhumaa Yesus kenne waa'ee jaalala maatii ti. Gara fuula haadha isaa ishee gaddi cimaan rukutee ilaalee” Hadha ko ilaa Ilma kee! Jedhe” achii booda immoo bartichaan, ilaa! Haadha kee” Yoh. 19:26, 27. Yohaannis dubbii Yesusiin fi kennattaa qulqulluu inni isatti kennate sirriitti hubate. Yommusumas hadha Kristosiin hala sodaachisaa Qaraaniyoo sana keessaa baase. Sa’atii sana irraa qabee akka mucaa abboomamaatti, gara mana isatti ishee geessuudhaan isheedhaaf in eeggataa ture. Guutuu kan ta’e jaalalli mueaa kan Kristos kun ifa hin dukkanoofneen baroota keessatti in ifa. Dhiphina guddaa keessa utuu jiruu, haadha isaa irraanfachuu hin dandeenye, gara fuula duraa isheetiif iyyuu kan ta’u haala isheef mijeesse malee. SA 144.1
Ergamni Kristos yeroo lafa gubbaa jiraatuu amma gara raawwachuutti dhufee ture. Arrabni isaa gogee. “nan dheebodhe” jedhe. Daadhii dhangagga’aa waan akka cumaa buqqee hadhaa'aa isa bishaan daqnatti xuuxu tokkotti guutanii hanxaxii Hisoophiitti kaa’anii afaan Yesusitti qaban. Innis yommuu afaaniin qabe, in dide. Egaan Gooftaan jireenyaatii fi ulfinaa furii sanyii namaa ta’ee du’uuf. Xoofoo inni keessaa dhugus hadheessee garaa Ilma Waaqayyoon cabsee akka bakka bu'aa keenyaatti dheekkamsa Waaqayyoo kan isatti fide miira cubbuudha. SA 145.1
Yakki dhala namaa hundumtuu akka bakka bu’aa keenyaatti Kristosirra kaa’ame. Cubbamoota abaarsa seeraa ittii bituudhaaf akka cubbamatti lakkaa’amee. Yakki namootaa bara Addaamii qabee garaa isaa gadi qabaa ture. Sababii yakka dheekkamsi Waaqayyoo fi mul”achuun namaatti gammachuu dhabuu isaa lubbu Mucaa isaa gaddaan guute. Yeroo gaddaa hundumaa irra caalu keessatti fuulli Waaqayyoo abbaa Fayyisaa keenya duraa fudhatamuun, gadda namni guutummaatti ibsuun dhibaa ta’uun onnee isaa waraane. SA 145.2
Dhukkubbiin Ilmi Waaqayyoo fannoo irratti baate hundinuu, coccobbiin dhiigaa mataa, harkaa fi miilla isaa irraa coccobu, eenyummaa isaa kan raase hargansuun dhiphinaa sun, fuulli abbaa isa duraa dhokachuun gaddi inni itti galche, yakki kun akka irra kaa’amuuf eyyamuun Ilmaa jaalalaaf jedheeti jechuudhaan nutti dubbata. Daangaa du’aa ofii isaatii siif saamee balabala jireenyaa fi du'a malee jiraachuu siif baneera. Inni, guuboo galaanaa hamaa dubbii isaatiin kan callisiise, guuboo galaanaa akka hoomachaa irra kan adeeme, hafuura hamaa hollachiisee, dhukkubni xuquu isaa jalaa baqatan, warra du’an jireenyatti inni kaase,ija warra jaamanii kan bane fannoo gubbaatti cubbamootaaf akka aarsaa dhumaatti ofii isaa dhi’eesseera. Inni, baattuun cubbuu, akka seeraatti adabbii yakkaa baachuudhaan nuuf jedhee cubbuudhuma ta’eera. SA 146.1
Seexanni qorumsa cimaadhaan garaa Yesusiin cafaqeera. Cubbuun, ija isaa duratti akkas jibbamee, hamma inni baachuu danda’uu olitti irra tuulame. Namummaadhaan yeroo sodaachisaa sana keessatti dhiphachuun isaa gaaffii hin qabu.abdii kan nama kutachiisan dhiphina Ilma namaa ergamoonni arganiiru; dhiphina qaama isaa irra iyyuu, isa boodaatu is dhukkubse. Tuuti samii keessaa dhiphina isaa ilaaluu sodaatanii fuula isaanii aguuggatan. SA 146.2
Uumamni lubbu dhabeeyyiin illee gadda isaanii isa arrabsamee du’e uumaa isaaniif argisiisan. Iji biiftuu haala gaddisiisaa sana arguu didde. Guutummaan ifa isaa gara walakkaa guyyaatti lafa ibsaa turee, booda akka waan tasuma badee ta’e. Dukkanni limixiin fannoo fi naannoo sanatti akka ‘kafana’ reeffaa marame. Dukkannichi sa’atii sadii guutuu fudhate. Saa’atii sagal irratti dukkanni cimaan sun namoota sana irraa ka’e, garuu yommusuma iyyuu akka wayyaatti Fayyisaatti maramee ture. kan aaran balaqqeessi yommuu inni fannootti fannifamee jiru. waan itti darbataman fakkaatan. “Sa’atii sagalittis Yesus sagalee guddaadhaan, Elo’ii, Elo’ii, lamaa sabaktanii?’ Jedhee waammate. Waaqayyo koo, Waaqayyo koo malliif Na dhiifte jechuutti in hiika ma.” Mar. 15:34 SA 147.1
In raawwatame:-Namoonni callisanii haala sodaachisaa kana in eegu turan. Iji aduu ammas in baate, garuu fannoon dukkanaan marfamee ture. Dingata yeroo qayyooti sun fannoo irraa kaafame, akka sagalee malakataa guutummaa uumamaa bira kan ga’e Yesus yommus sagalee guddaadhaan iyyee “in raawwatame” “Yaa Abbaa koo Hafuura koo harka keettan kennadha” jedhe. Ifni tokko fannootti marse, fuulli Fayyisaa keenyaa akka aduu ulfinaan ifee argame. Sana booda mataa isaa qoma isaa irratti kuffisee, du’e. SA 148.1
Yeroo Yesus du'e, golgaa mana qulqullummaa isa iddoo qulqulluu fi qulqulluu qulqullootaa gargar baasu duratti kan tajaajilaa turan lubootatu ture. akka tasaa lafti isaan biraa socho’ee itti dhaga’ame.Akkasumas golgaan mana qulqullummaa, gati jabeessa kan ta’e, akkuma quba harkaa isa mana mootummaa Belshaazaar keessatti dubbii firdii barreessee, harki dhiiga hin qabne, gararraadhaa hamma goodaatti bakka lamatti tarsaase. SA 148.2
Yesus hamma hojii dhufeef raawwatutti lubbuu isaa hin kennine ture, hafuura isattii adda ba’aa jirtuun “in raawwatame “jedhe. Karoorri fayyinaa mo’ichaan waan xumurameef.sagalee kana dhaga’uutti ergamoonni in gammadan. Karaa jireenya abboomamuu, ijoolleen Addaam dhuma irratti kabajaan gara teessoo Waaqayyootti waan dhi’eeffamaniif amma samiitti gammachuutu ta’e. seexanni in mo’amee, mootummaan isaas akka bade in beeke. SA 149.1
Owwaalcha :-Waa’ee reeffa barsiisaa jaallatamaa kanaa maal gochuu akka qabu Yohannis dhiphachaa ture. Yaada loltoota warra humna qabeeyyii namaaf hin yaadne sanaan fuudhamee iddoo owwaalchaa kabaja hin qabne sanatti geeffamaa laata kan jedhu yaadaan sodaachaa ture. Geggeessitoota Yihuudotaa biratti faara tolaan akka hin ilaalamne ni beeka ture, Philaxos irraas waa baay’ee waan abdatu hin qabu ture. Yeroo rakkisaa akkasii keessa Yoseefii fi Niqodimos dhufan. Lamaanuun isaanii iyyuu miseensa warra seera muranii waan turaniif Pilaxosiin in beeku turan. Lamaanuun isaanii iyyuu qabeenyas dhageettii warra biroos qabu. Kanaaf isaan qaamni Yesus owwaalcha kabajaa akka argatu murteeffatan. SA 149.2
Yoseef Sodaa malee gara Philaaxosiin dhaqee akka owwaalamuuf qaama Yesusiin kadhate. Kanaaf Philaaxos ajaja seeraa qaamni Yesus akka owwaal-amuuf Yoseefitti akka kennamu ajaja dabarse. Utuu Yohaannis waa’ee qaama barsiisaa isaa isa jaallatamaa kanaa inni yaadda’uu Yoseef namani Armaatiyaa sun, namoonni mooticha biraa ergaman, Niqoodimos, bu’aa haasaa Philaaxosii wajjin godhamee eeggaa kan ture . Qumbii fi urgooftuu gati jabeeyyii gara Paawoondii dhibbaa kan ulfaatu qabatani. Warri baay’ee Yerusaalemitti kabajamoon du’a irratti akkas kabaja argatanii hin beekan. SA 150.1
Suuta kabajaan, qaama Yesusiin harka ofii isaaniin meeshaa dhiphisaa, fannoo sana irraa buusanii, isa tumamee fi gar malee moccoqame yommuu ilaalaa imimmaan jaalala dhangalaasuudhaan, eeggannaan dhiqanii dibaa dhiigaa irraa baasan. Yoseef kan ofiif tolfate, dhagaadhaan kan bareechifame owwalcha haaraa qaba ture. Qaraaniyyootti dhi'oo ture waan ta’eef Owwaalcha kana Yesusiif qopheesse. Qaamicha Urgooftuu Niqoodimos fidee wajjin, eeggannaadhaan hucuu Nayilooniitiin maranii, ergamoonni sadii ba’aa isaanii isa gati jabeessa kana baatanii iddoo owwaalcha haaraa kan takkumaa namni itti hin owwaalaminitti geessan. Jilba hokkate qajeelchanii, harka tumame sana qoma hargansuun keessa hin jirre irratti dachaasan. Dubartoonni Galiilaa wanti hundumtuu isa lubbuu hin qabne jaallatamaa barsiisaa isaaniif ta’uu isaa ilaaluudhaaf dhufan. Ilmi Waaqayyoo iddoo boqonnaa kaa’amee, dhagaan guddaan balabala owwaalcha sanaa irra kaa’amuu isaa argan. Dubartoonni fannoo birattis bakka owwaalchaatti dhuma irra jiru. SA 150.2
Geggeessitoonni Yihuudotaa Ilma Waaqayyoo ajjeesuudhaaf, karoora isa kan Seexanaa raawwatan iyyuu, yaaddoon isaanii irraa hin fagaanne, du’a Kristosiin amanuu dhabuun isaan hin dhiifne. Gammachuu haalloo isaanii guuttachuu wajjin waliin makamee sodaa ta’ee hin beekin, qaamni isaa inni owwaalcha Yoseef keessa ka’ame jireenyaan ka’a jedhanii yaadda’an. Kanaafuu ‘“angafni lubootaa fi Fariisonni Philaaxosiin biratti walitti qabamanii, gooftaa, inni wallaalchifataan sun, utuu jiruu, “guyyaa Sadii booddee nan kaafama akka inni jedhe yaadanneerra. Kanaaf owwaalichi hamma guyyaa sadaffaatti akka eegamu abboomi! Kun yoo ta’uudhaa baate garuu bartoonni isaa dhufanii, isa hatanii namootaan immoo, inni du'aa ka’eera in jedhu. Wallaalchisuun inni gara dhumaa kun immoo, isa duraarra in caala” Mat.27:62-64. Isa Yesus humnaan du’aa ka’ee, warra isa ajjeese yakka isaaniitiif isaan balleessu irraatti akkuma warri Yihuudotaa waan fedhii hin qabneef, Philaaxos, akkuma luboonni jedhanitti garee loltoota Roomaa tokko owwaalchicha bira kaa’e. SA 151.1
Yihuudonni naannoo owwaalcha kanaa loltuu kaa’uun bu’aa akkamii akka inni qabu hubataniiru. Dhagaa afaan owwaalchaa cufu irratti chaappaa gochuudhaan, utuu hin darbatamin waan hin jeeqaamneef, qaama Yesusiin ilaalchisee bartoonni isaa akka nama hin gowwoomsineef eeggannaa barbaachisu hundumaa taasisan. Garuu karoorrii fi eeggannoon isaan godhan hundumtuu, mo’cha du’aa ka’uu sana guutuu ta’ee dhugaan caalaadhumaatti guutuu ta’e dhaabuu qofaaf dhimma baase. SA 152.1