Yihuudonni saba hundumaa keessa tamsaafamanii afaan garaagaraa dubbatan. Karaa dheeraa kan ta’e gara Yerusaalem dhufanii, waa’ee ayyaneffannoo amantiitiif yeroodhaaf, waan isaan irraa eegamu raawwachaa in turan. Achitti kan waaqeffatan saboonni afaan hundumaa irraati kan dhufan. Garaagarummaan afaanii kun barsiisa Yesusiin gara biyya hundumaatti tamsaasuudhaaf, gufuu guddaa ture. Garuu Waaqayyo karaa dinqii ta’een waan bartoonni barbaadan guutee, akkasittin namoota sanaaf kun karaa milkaa’aa ta’een dhuga-ba’umsa Kristos kana akka dhugaaba’an taasise. Hafuurri qulqulluun waan isaan baruma jireenya isaanii hundumaattuu ofiin godhachuu hin dandeenye godheef. Sirriitti afaan nomoota tajaajilan sanaa fayyadamuudhaan, amma egaa dhugaa wangeelaa ballisanii, fageessannii tatamsaasuu in danda’an. Kennaan ajaa’ibaa kun kan ergaman mirkaneessuu samiitiin ta’uu isaa kan ibsu kennamuus kan danda’u ragaa hundumaarra caaluu dha. SA 171.2
“Yihuudonni Waaqayyoon sodaatan, Yerusaalemiin kan jiraatan, saba irra lafaa hundumaa keessaa kan dhufan turan. Jarreen kun hundinuu huursaa kana yommu dhaga’an, iddoo kun ta’etti dacha’an, warri hafuura qulqulluudhaan guutaman kun, afaan tokkoo tokkoo isaaniitiin akka dubbatan dhagenyaan, waan jedhan wallaalan, na’anii dinqifatanii, warri dubbachaa jiran kun hundinuu Galiilota miti moo? Jedhanii gaafatan. Dabalaniis, tokkoon tokkoon keenya attamittiin afaan itti dhalanneen isaan dhageenya?” SA 172.1
Luboonnii fi geggeessitoonni guddinaa dinqisiisaa Yerusaalemi fi naannawaa isheetti ta’ee dhaga’ameef cimsanii aaran. Garuu jibba namootaaf of saaxiluu waan hin barbaadneef gocha isaanii isaa hamaa gochuuf yaadan hin goone. Barsiisaan akka ajjeefamu taasisaniiru, garuu hojjettoota isaa Galiilaa keessaa iyyuu warra hin barannetu isa dinqisi-isaa waan raajiin dubbatame raawwachiisanii afaan dubbatamu hundumaan immoo barsiisa Yesusiin barsiisu. Humna hojii Fayyisaa isa ajaa’ibsiisaa Sa-naa fi aarsaa Ilma Waaqayyootiin dubbatan. Dubbiin isaanii kan isaaniin dhageeffatan kumaatamaan kan lakkaa’aman amansiisee isaaniin jijjiire. Barsiisa aadaa fi amantiin waaqa tolfaammatti amanuu, kan luboonni barsiisan sammuu isaanii keessaa haqameera, akkasumas qulqulluu kan ta’e barsiisa dubbii Waaqayyoo fudhataniiru. SA 173.1
Lallaba Phexros:-Wanti isaan argaa jiran kallattiidhumaan raawwatama raajii Iyyo’el ta’uu isaa Phexros isaanitti hime, innis hojii addaaf isaaniin qopheessuudhaaf humni akkasii saba Waaqayyoof dhufuf akka jiruudha. Akka isa kabajamaa toora hidda Daawwititti, Phexros hidda dhalootaa Kristos keessaa qaba. Karaa dhugaa ofii qabatee jiru dhugoomsuuf barsiisa Yesus kamiin iyyuu dhimma hin baane ture, sababiin isaas, ilaalcha biraa waan qabaatuuf bu’a qabeessa akka hin taane waan beekuufiidha. Kanaaf inni Daawwitiin, isa sabni sun, abbaa isa kabajamaatti fudhatuun qabee dubbata. Phexros:“Daawwit waa’ee isaatiif, “yeroo hunduma Goofticha fuula koo durattan ilaala, akka ani hin sochooneefis inni gara mirga koo jira; kanaaf garaan koo gammadee, arrabni koos in ililcha; foon koos abdii keessa in buufata. Lubbuu koos iddoo warra du’aniitti hin dhiiftu, dhuunfaa kees tortoratti dabarsitee hin kennitu.”‘ SA 173.2
Asiti Phexros, Daawwit, waa’ee Yesusiin malee waa’ee mataa isaa akka hin haasa’in argisiise. Daawwit akkuma namoota warra kaanii du’eera. Owwaalchi isaa, biyyoo kabajamaa of keessaa qabuun, eeggannaa guddaadhaan hamma yerosiitti tureera. Akka mootii Israa’elii fi akka raajiitti, Daawwiti nama addumaan Waaqa biratti kabajameedha. Mul”ata raajii keessatti, jireenyaa fi tajaajila Yesus isa gara fuula duraa isatti argisiiseera. Didamuu, qoramuu, fannifamuu isaa du'aa ka’uu fi gara waaqaatti ol ba'uu isaa argeera. SA 174.1
Lubbuun Kristos Si’ol /owwaalcha/keessatti akka hin hafne Daawwit dubbateera, foon isaas tortoruuf akka hin dhiifamin. Phexros, Yesus namni Naaziret raajii sana akka raawatte dubbata. Waaqayyo dhuguma iyyuu utuu foonni isaa tortoruu hin eegalin du’aa isa kaaseera. Samii ol aanutti inni amma kabajamaa dha. SA 175.1
Lakkobsi isaanii kan guddate hamma yeroo sanaatti yaada isaa namni gadi deebi’an Yesus llama Waaqayyoo ta’uu qoosaa kan turan dhugaadhaan jijjiiramanii inni Fayyisaa ta’uu isaa dubbachuunYeroo yaadatamuu qabuudha. Namoonni kumni sadii waldaatti dabalaman. Ergamoonni hum-na Hafuura qulqulluutiin dubbatan, namni dubbi isaaniitiin morme tokko illee hin turre. Ergaan isaanii dinqii gurgudaan degeramee, bu’uu hafuura Waaqayyootiin kan hojjetameedha. Bartoonni mataan isaanii mul”achuu humna Waaqayyoo fi isa daddafee walitti qabamu, /sassaabamuu/ amantootaa kana dinqifitan. Naamoonni hundinuu dinqifannoodhaan guutan. Dhiphina sammuu fi yaada hin taane qaban dhokfachuu dadhabanii hojii guddaa kana dhaabuu akka hin dandenyetu isaaniif gale. Sagaleedhaans ta’e miidhaa umuudhan tayitaan isani yeroodhuma muraasa qofaaf ta’e. SA 175.2
Falmiin ergamootaa qofaan, yaada qulqulleessee kan amansiisu qofaan, ilaalcha dhiphummaa Yihuudotaa isa ragaa hedduu ofi irraa ittise baasuu hin dandeeye. Garuu hafuurri qulqulluun falmii akkasii humna waaqummaatiin garaa isaanii keessaa baase. Isaan gooftaa ulfinaa didanii isa isa fannisan yakka isaanii, isaaniin yaadachiisuudhaaf akka xiyya qaramaa isa kan Waaqayyoo ti. “amma kana ergaa dhaga’anii, gara kuteenyaan, Phexrosif ergamoota hafanitti dubbatan ‘jarreen obboloota nana maal goonu?’ kana booddee Phexros yaada garaa keessan geddaradhaa, isin keessaa namni hundumtuu maqaa Yesus Kristositti haa cuubamu, dhiisuu cubbuutiif; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattuu isaaniin jedhe.’” SA 176.1
Pheexros saba amansiifame sanaan daddafee, lubootaa fi geggeesitootaan waan gowwomfamtaniif Kristosiin fudhachuu diddanii turtan jedhe. Utuu ofii akkas hin godhin, Lubootaa fi geggeessitoota Kristosiin nutti him nu gorsa jedhanii utuu eeganiiru ta’e silaa tasuma iyyuu isa hin fudhatan turan. Namoonni jajjaboon kun dhimma qulqullummaa dubbatan iyyuu, isaan soorumaa fi ulfina lafaafis fedhii fi hinaaffaas qabu turan. Ifa fudhachuudhaaf gara Yesus tasuma iyyuu hin dhufan turan. Yesus Ilma Waaqayyoo ta’uun ragaa baayyinaan utuu qabanii, boqu-jabinaan amanuu dhabuu isaaniitiif adabbiin sodaachisaan saba sanatti dhufuuf akka jiru Yesus dursee dubbateera. SA 177.1
Yerosi qabanii gara fuula duraatti, afaan isaanii dhalootaas ta’e afaan biyya ormaaa yommuu dubbatan, haasaan bartootaa, qulqulluu, salphaatti kan hubatame fi dubbiittis akkataa jechuuttis sirrii ta’e. Namoonni gadi qabamoon kun, mana barumsaa raajotaatti kan hin baratin, kan isaaniin dhaga’an kan ajaa’ibsiise, akka kana ol qabanii qulleessanii. dhugaa-yeroo dhi'eessan. Ofuma isaaniitii hanga daarii lafaatti adeemuu hin dandeenye, garuu gama biyya lafaa hundumaatti dhangaa isaanii kan hirmaachaa turan namootatu ture waan ta’eef, isaan kun dhugaa fudhatan gara biyya biyya isaaniitti galanii saba isaanii gidduutti tamsaasuudhaan lubbuu Kristosiif booji'an. SA 177.2
Barumsa bara keenyaaf:-Akkamittiin waldaan Kristaanaa akka dhaabbate, seena qulqulluu qofa uttuu hin taane dhuga-ba’umsa akkanaa iraa barumsas in qabaanna. Warri maqaa Kristosiin qaban hundinuu garaa tokkoon walii wajjin eeguu, dammaquu fi kadhachuutu irraa eegama. Garaagarummaa hanbisuudhaan tokkummaan akka jiraatu goonee, jaalalli gubaan waan hundumaa irratti akka mo’u gochuutu nurra jira. Isa booda kadhati keenya jaba kan ta’e amantii dhugaadhaan gara abbaa keenya waaqaa bira dhaqa. Kana booda raawwatamuu abdii keenya obsaa fi abdiidhaan eegganna. SA 178.1
Deebiin isaa ariitiin akkatasaa fi humna cimaadhaan dhufuu ni danda’a, yookiin immoo, guyyootaa fi torbanootaaf turee amantiin keenya iyyuu ilaalamuu danda’a. Garuu yoomii fi akkamittiin akka kadhata keenya deebisu Waaqayyo ni beeka. Waaqayyotti of qabsiisuun gahee keenya. Waaqayyo gahee ofii isaatiif itti gaafatamaa dha. In kan abdachiisef amanamaa dha. Gama keenyaan wanti barbaachisaan fi cimaan, hinaaffaa fi hammina hundumaa lafa keenyee sammuu fi garaadhaan tokkummaa’uu dha. Yesus bakka bu’aa fi geggeessaan keenya, warra guyyaa shantammaffaatti qophiin eeggateef kan godhe nuufis gochuuf qophii dha. SA 178.2