Xalayaa isaa gara Tasalonqee isa lammaffaa keessatti, eragamaan Phaawulos waa’ee gantummaa guddichaa isa humna Phaaphaasummaa bu'uuressuun xumuramuu dursee dubbateera. “Waaqayyoon mormanii isa irratti ka’uun utuu hin dhufin, inni hamaan seera malee jiraatu ilmi badiisaa sun utuu bakkeetti hin baafamin guyyaan sun hin dhufu” jedhee dubbate. Inni bakkeetti baafamuuf jiru sun, ol of qabuudhaan Waaqayyoon kan jedhamuun waanuma namni itti sagaduunis in morma. Ofuma isaatii Waaqayyo ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa taa’umsa in dhaabbata. Caalaatti immoo ergamichi amantoota akka isaa kan akeekkachiisu, “humni inni dhokataan sun kanumaan dura iyyuu hojii irra jiraachuu isaati.” 2Tas.2:3, 4. 7. Baruma jalqabaa iyyuu, karaan guddina Phaaphaasum-maa gara waldaatti qaxxisaa akka ture inni argeera. SA 189.1
Xinnoo xinnoodhaan, jalaqaba dhokatee, sagalee dhoksee, achii immoo, mul’inatti humna jabeeffatee sammuu namaa to’annoo jala galche, humni cubbuu inni dhokataan hojii isaa isa wallaalchisaa fi arrabsaa hojjetate. Karaa hin hubataminitti akkaataan amantii malee ta’uu waldaa Kristositti gale. Hafuurri mareetti dhi'eessanii walii galuu yeroo hari’atama cimaa duraanii, isa waldaan bara waaqa tolfamaa argaa turte sana kan jalqabe. Garuu ari’atamni dhaabatee, Kristaanummaan manneen murtii fi masraa mootummaa seenuudhaan gadi of qabummaa Kristosii fi ergamootaa lafa keessee bakka wantoota Waaqayyo barbaaduu, barumsa fi barsiifata namaa itti galfatte. Jaarraa arfaffaa gara jalqabaa keessa, maqaadhumaaf jijjiiramuun Konstaantiin, gammachuu guddaa argisiisee biyyi lafummaan wayyaa tolummaa uffattee waldaatti ol seente. Hojiin jallinaa ariitiidhaan fuula duratti adeeme. Waaqa tolfamaa waaqessuun, waan badde fakkaattee, mo’attuu taatee turte. Hafuurri ishee waldaa to’ate. Barsiisi ishee, sirni ishee, waaqeffannaan ishee inni fayida dhabeessi, amantii fi waaqeffannaa warra nuyi duuka buutuu Kristos jedhaniitti ol gale. SA 189.2
Walii galteen amantii waaqa tolfamaa fi Kristaanummaa, guddina nama cubbuu isa durfamee raajiin dubbatame isa mormuu fi ofii isaa Waaqaa olitti ol of qabu jedhame bu’uuressuun raawwate. Inni guddichi sirni amantii sobaa, humna Seexanaa isa dursaa dha—siidaa dhama'iinsa isaa, isanni teessoo irra of ka’ee akka fedha isaatti biyya lafaa bulchuu yaaduu ti. SA 190.1
Guutummaa biyya lafaatti aangoo isa caalu phaaphaasotaa fi lubootaa irratti qabaachuudhaan Phaaphaasiin hubatamaa kan ta'e mataa waldaa addunyaati kan jedhu barsiisa warra Roomaa isa dursaa dha. Kana caalaas immoo, maqaadhuma Waaqni ittiin waamamu ofii fudhate. SA 191.1
Maacaafni qulqulluun, namoonni akka isaan gowwomsaa isaa beekanii humna isaa dura dhaabatan akka godhu, Seexanni sirriitti beeka. Dubbii kanaaniidha kan Fayyisaan keenya mo’atamuu of irraa ittise. Miidhaa hundumaa keessattuu Kristos “barreeffamee jira” kan jedhu gaachana dhugaa barabaraa godhate. Yaada diinni isaaf dhi’eessu hundumaa keessattuu ogummaa fi humna dubbichaatiin itti dhaqaa ture. Seexanni dhiibbaa isaa namoota irratti gochuuf Phaaphaasii seera malee teessoo qabachiisuuf kitaaba qulqulluu akka isaan hin hubanne isaaniin gochuu qaba. SA 191.2
Macaafni qulqulluun Waaqayyoon kabachiisee, namoota warra dhiiraa fi dhalaa warra daanga’oo ta’an immoo bakka isaaniif dhugaadhumaan ta’u isaaniin kaa’a. kanaaf, dhugaan qulqulluun isa keessa dhokfamee in cunqurfama. Waggoota dhibbootaan lakkaa’aman kitaabni qulqulluun akka hin tatamsaane dhorkamee ture. Namoonni akka hin dubbifne, mana isaanii keessaa akka hin qabaanne akkasuma dhorkamani seera malee kan ta’an luboonnii fi oggantoonni mana qulullummaa waan yaadan jabeeffachuuf barsiisa isaa hiikkatan. Akkaataa kanatti, Phaaphaasiin akkuma guutummaa addunyaattuu, waldaa fi mootummaa irratti aboon kennameefii, bakka bu’aa Waaqaa lafa gubbaa ta’e beekame. SA 192.1
Barrii fi Yeroon in Jijjiirame:-Inni dogoggora mul’isu baafamuudhaan, Seexanni akka fedha isaatti hojjete. Phaaphaasiin “baraa fi Yeroo jijjiiruu in yaala” Dan. 7:25 Raajiin in dubbata. Hojiin kun, bira ga’uun suuta jedhamee miti. Warra amantii hin qabne keessaa kan jijjiiraman kennuuf, innis bakka bu’aa waaqeffannaa waaqa tolfamaa, akkasumas isa maqaadhaaf Kristaanumaa fudhatan sana beeksisuuf, bifa fakkeenyaa fi hanbaalee kabajuun, suuta suuta waaqeffannaa Kristaanaatti dabalame. Labsiin mana maree walii galaa dhuma irratti sirna waaqa tolfamaa kana bu’uuressan. Hojii arrabsoo kana fiixan baasuuf, Roomaan abboommii Waaqayyoo isa lammaffaa isa waaqa tolfamaa waaqessuu dhorku keessaa baasuu fi abboommi isa kurnaffaa immoo hirtee lakkobsichi akkuma duraatti akka turu gochuuf yaadde. SA 192.2
Hafuurri warra waaqa tolfamaa waaqessanii wajjin harama ta’e sissiquu caalaatti aangoo samiidhaa ak-ka tuffatan taasise. Seexanni abboommii isa arfaffaa xuquudhaan Sanbati durii, guyyaan Waaqayyo eebbisee, qulqulleesse, akka dhiifamuu fi bakka isaa guyyaa ayyaanaa warra amantii hin qabneen ayyaaneffatamu sana “guyyaa aduu isa kabajamaa” akka kabajatan taasise. Geddaramni kun jalaqaba irratti mul’inatti hin taane. Jaarraa isa jalqabaa keessa Kristaanonni hundinuu sanbata isa dhugaa eegan. Ulfina Waaqaaf hinaaffaa qabu waan turaniif Seerri Waaqaa kan hin jijjiiramneedha jedhanii amanu; fedhiidhaanis seera isaa in eegu turan. Garuu Seexanni kaayyoo isaa bakkaan ga’achuuf karaa bakka buutota isaa baay’ee gamnummaan hojjete. Qiyyaaffannoo namootaa gara guyyaa jalqaba torbaniitti naannessuuf, du’aa ka’uu Kristosiin ayyaaneffachuutti qabsiisee ayyaaneffannoo godhe. Tajaajilli amantii guyyicha irratti kennaman, garuu akkuma guyyaa bashannanaatti fudhatama ture; sanbatnis qulqullinatti eegamaa ture. SA 193.1
Ammallee, nama amantii gurguddaa lafa irra jiranitti hin amanne ta’ee, Mootumma Roomaa hundumaa keessatti hundumtuu ayyaana uummataa isa gaafa Dilbataa akka ayyaaneffatu jechuudhaan Konstaantin labsii baase. Erga amantii fudhatees inni walaawaltuu kan hin taane degartuu guyyaa Dilbataa ta’eetu hafe, sana booddees ajaja seeraa isaa fedhii amantii isaa, isa haaraa irratti akka ta’u dirqisiise. Haa ta’u iyyuu malee, ulfinni guyyaa kanaaf argisiifame, Kristaanota guyyaa sanbataa Waaqayyoon akka hin kabajne gochuuf gahaa hin taane. Tarkaanfiin kan biraan fudhatamuutu irra ture: sanbatni sobaa, sanbata dhugaan wal qixa kabajamuutu barbaadame. Konstaantin, labsii erga baasee waggoota muraasa booda, Phaaphaasiin Romaa, maqaa Guyyaa Waaqayyoo jedhu guyyaa Dilbaataaf kenne. Akkasittiin namoonni suuta suuta akka labsii qulqullinaatti fudhatan. Hamma sanatti Sanbatni jalqabaa kabajamaadhuma ture. SA 194.1
Hangafni gowwoomsituu hojii isaa hin xumurre ture. Kristaanota lafa gubbaa jiran alaabaa isaa jala galchuudhaan humna isaa karaa beekumsa isaa shaakaluu barbaade, Phaaphaasii. isa ani bakka bu’aa Kristositi jedhee dha. Karaa warra walakkaa jijjiiramani waaqeffattoota waaqa nam-tolchee, luboota fedhii qabanii fi namoota waldaa warra biyya lafaa jaallatanii, kaayyoo isaa raawwate. Yeroo dhaa gara yerootti marii gurguddoon taasifamanii namoonni kabajamoon keessatti jijjiiramaniiru. Marii sana hundumaa keessatti sanbati inni Waaqayyo dhaabe, xiqqoo gadi butachaa adeeme, Dilbati immoo hammuma sana kabajamaa ol adeemeera. Akka kanatti ayyaanni waaqeffattoota waaqa tolfamaa akka waan Waaqayyo dhaabeetti xumura irratti kabaja argate, Sanbati inni Waaqayyo dhaabe immoo aadaa Yihuudotaati jedhamee eegamuun isaas abaarsa ta’uun labsame. SA 195.1
Gantummaan inni guddaan inni of tuuluu isaatiin bakka gahe “Waaqyyo kan jedhamuun waanuma, namnis itti sagaduunis in morma” 2Tas 2:4. Seera Waaqayyoo isa dogoggora tokko malee dhala namaa hundumaa gara dhugaa fi Waaqa jiraataatti geessu jijjiiruu in barbaada. Aboommii arfaffaa keessatti, Waaqayyo uumaa waaqaatii fi lafaa isa waaqota sobaa hundumaa irraa adda isa baasu nutti argisiise. Inni yaadannoo hojii uumamaa isa Waaqayyo guyyaa torbaffaa qulqulleessee akka itti boqotuuf namaa kenneeti. Yeroo hundumaa Waaqa jiraataa akka madda waan hundumaaf waaqeffatamuu fi sodaatamuu qabuutti sammuu keenya keessatti akka qabaannuuf kan wixineeffamee dha. Saexanni kan inni yaadu Waaqaaf amanamuu fi seera isaaf abboomamuu irraa namoota deebisuu barbaada. Kanaaf iyyu yaalii isaa keessumaa abboommii isaa Waaqayyo uumaa ta'uu dubbatu irratti xiyyeeffata. SA 196.1
Warri Protestaantii du'aa ka'uu Kristostu guyyaa Dilbataa sanbata Kristaanotaa taasisa jedhanii dub-batu. Garuu deggarsa macaafa qulqulluutu itti hanqata. Kristosis ta’e ergamoota isaatiin kabaji akkasii guyyaa kanaaf hin laatamne. Akka dhaabbata Kristaanaatti eegamuun guyyaa Dilbataa bu’uura mataa isaa danda’e “dhoksa seera malee ta’uu” isa hojii isaa baruma Phaawulos keessa eegalee qaba. Mueaa Phaaphasummaa kana Waaqayyo eessatti, yoomis guddifatee? Geddarama Macaafni qulqulluun callisu kanaaf sababii ga’aa maalii qaba? SA 196.2
Jaarraa ja’affaa keessa Phaaphasummaan waan jabaatee dhaabate ta’e. taa’umsa isaa magaalaa biyyatti magaalaa Roomaa wiirtuu godhatee, phaaphaasiin Roomaa mataa waldaa ta’uun isaa labsame. Waaqeffannaan waaqa tolfamaa sirna Phaaphaasiidhaaf bakka gadi dhiise. Jawwichi bineensichaaf “humna isaa, teessoo isaa fi aangoo isaa isa guddaa” kenne. Mul 13:2. Kana booddee waggoonni 1260 yeroo itti Phaaphasummaan inni raajii Dani’eliin dura dubbatame in jalqabe. Dan 7:25, Mul 13:5-7. Kristaanonni yookiin amanamummaa isaanii sirna phaaphaasii fi kennanii waaqessuu, kanaachimmoo mana hidhaa keessatti jireenya isaanii dabarsuu, yokiin immoo dhagaan, ibiddaan yookiin immoo qottoo isa morma kutuun adabamuu keessaa filachuudhaa. SA 197.1
Amma dubbiin Yesus in raawwatame’’ warri isin hore, obbooloonni, aantiin keessanii fi firri keessan illee dabarsanii isin in kennu, isin keessaas, kaan in ajeessu, hundinuu anaaf jedhanii isin in jibbu.” Luq 21:16,17. Ari’annaan aarii guddaa sanaan dura ta’ee kan hin beekneen warra amanamoo irratti ta’uu eegale, biyya lafaa akka dirree lolaa bal’aa ta’e. Waggoota dhibbootaaf waldaan, dukkana keesatti iddoo dhokannaa argachaa turan. Raajichi jedhee: “dubartittiin, immoo lafa onaatti in baqatte, achitti iddoo Waaqayyo guyyaa kuma 1260f waan ittiin jiraattu argattuuf qopheessee qabdi turte. Mul 12:6. SA 198.1
Baroota Dukkanaa:-Waldaan Roomaa gara aangootti ba’uun, jalqaba baroota dukkanaa argisiisa. Akkuma aangoon ishee dabalaa adeemeen, dukkanni dabalaa adeeme. Amantiin Kristos isa bu’uura dhugaa irraa, gara Phaaphaasii Roomaatti darbe. Dhiifama cubbuutii fi fayyina barabaraatiif Ilma Waaqayyoon amanachuu irra, namoonni gara Phaaphaasii fi lubootaa warra aangoo kennaniifii ilaallachuu jalqaban. Phaaphaasiin kan isaaniif kadhatu ta’uu, karaa isaa malee eenyu iyyuu Waaqayyotti akka hin dhi’aanne, caalaatti immoo, isaaniif iddoo Waaqaa akka inni dhaabatuu fi kabajamuu akka qabu in barsiifaman. Ulaagaa kana irraa kaachuun qofti qaamaa fi lubbuu nama yakka kana raawwatee adabbii irraan ga'uuf ga’aa dha. SA 198.2
Kanaafuu sammuun namoota, Waaqayyo irraa deebi’ee, salphaatti kan dogoggoru, dogoggoroo fi hamoota kan ta’an irra kaa’atansana caalaa iyyuu, karuma isaanii humna isaa kan shaakalu, mootiidhuma dukkanaa sana irra godhatan. Cubbuun qabaa qulqullummaa keessa jiraate, bifa jijjiirratte. Heertuun macaafaa yommuu gadi qabaman, namni ofii isaa guddisee of ilaalan, kan nuyi eegnu fakkeessaa, gowwoomsaa fi cubbuu tuffii dha. Seerri fi barsiifati namaa ol kaafamuu biratti bu’aan seera Waaqayyo dhiisuu yeroo hundumaa ni dhufa. SA 199.1
Guyyoota badiidsaa :-Isaa sun walddota Kristosiif guyyoota badiisaati. Amanamummaadhaan safartuu-dhugaa kan baatan muraasa turan. Dhugaan ragaa malee yoo hin dhiifamne illee, garuu yeroon tokko tureera dogoggorrii fi barsiisi dharaa kan mo’atee fi amantiin waan lafa gubbaadhaa bade yeroon itti fakkaate. Waldoonni mul’ata wangeelaa dhabdee, bifti waaqessuu baayyatee, namoonni ulaagaalee cimoodhaan itti ulfaachifaman. SA 199.2
Akka araarsituutti, gara Phaaphaasii akka ilaallatan qofa hin barsiifamne, hojii ofii isaaniitiin dhiifama argachuu akka danda’anis baratan malee. Imala amantii dheeraa adeemuu, of adabuu, hanbaalee duriitti sagaduu, waldaa ijaaruu, bakkoota qulqulluu, iddoo aarsaa, waldaaf horii guddaa kennuu, kanaaf kan biroon baay’een dheekkamsa Waaqayyo dura dhaabachuuf yookiin araara isaa argachuuf, akka waan Waaqayyo akka nama ta’ee waan gatiin isaa xiqqateetti, yookiin kennaa yookiin of adabuudhaan qabbanaa’uutti, wantoonni kun kan ajajamaniidha. SA 200.1
Baroonni itti aanan dogoggora barsiisa Roomaa irraa dhufe dhugaa ba’aniiru. Utuma Phaaphaasummaan hin dhaabatin dura falaasamni warra homaattuu hin amannee xiyyeeffannoo argatee waldaa keessatti dhiibbaa uumsee ture. Baay’een jijjiiramne kan jedhan amma iyyuu falaasama warra waaqa tolfamaatti qabamanii ofii qorachuu qofaa utuu hin taane, warri biraanis akka daandii ittiin warra hin amanne bira ga’aniitti akka fudhatan gochuuf ariifachiisan. Kun immoo amantii Kristaanaa keessatti dogoggora yaachisaa fide. Isaan kana keessaa bebbeekamoon amantii isa namni uumamumaan hin du’u jedhu, du’a keessatti of beekuu faa. Barsiis kun bu'uura isa Roomaan irra dhaabattee kadhata gara tolootaatti godhachuu fi Maariyaam durbaaf sagaduu argamsiise. Warri uttuu qalbii hin jijjiirratin obbaafatan barabaraan in gubatu kan jedhu barumsa sobaa kan fide isa kana yommuu ta'u gara jalqaba amantii Phaaphaasummaa keessa kan argameedha. SA 200.2
Wantoonni kun ammas waaqa tolfamaa kan waaqessan irraa waan biraa argamsiisaa jira; inni kan Roomaan “bakka lubbuun itti qulqul’aa’u” jedhee moggaasuudhaan ittiin namoota homan beekin fi warra waaqa tolfamaa waaqeffatan namoota baay’ee yaaddessan. Barsiisi sobaa kun. iddoon dhiphina addaa, bakki lubbuun firdii barabaraatti hin galin cubbuu isaaniif dhiphatanii erga xuraa’ummaattii qulqul’aa’anii booda immoo gara samiitti darban jira jedhee kan jabeessuudha. SA 201.1
Ammas kan hin jirre oduu biraa uumuudhaan Roomaan sodaadhaa fi gocha hin taaneen warra isatti qabatanii jiran irraa akka fayadamu kan taasisu barbaachisee argame. Barsiisi hamma barbaadamuu ol jiraaachuu kanatti kan ta'uudha. Yeroo Mootummaa warra Phaaphaasotaa isa yeroodhaafii kana dheeressuudhaaf namoonni lolatti hirmaatan, cubbuu darbe, isa ammaa fi cubbuu fuula duraa irraa dhiifama argachuu,akkasumas dhukkubbii fi adaba irraa bilisa akka ta’an jedhanii barsiisu. Kan biraan na-moonni sun kan baratan, waldaadhaaf horii kennuudhaan cubbuu irraa bilisa of gochuu fi lubbuu firoota isaanii warra du’anii ibidda gubu keessatti dhiphachaa jiran furuun akka danda’amu baratu. SA 201.2
Akkataa kanatti Roomaan qodaa qabeenyaa ishee guuttachuudhaan ulfina, meeshaa miidhaginaa bakka buutota Isa bakka mataa Isaa kaa’atu hin qabne sanaa ta’uuf barbaadanii guuttiif. Irbaati gooftaa, aarsaa waaqa tolfamaaf namoota walitti qabamaniin bakka buufame. Lubboonni budeenaa fi Wayinii gara isa dhugaa qaamaa fi dhiiga Yesusitti waan jijjiiran fakkeessu. TIlmaama arrabsootiin, humna “uumaa isaanii uummachuu” qabna jedhanii mul’inumatti dubbatu. Dhukkubbii du’aa irratti baay’ee gaddisiisaa kan ta'e barsiisa sobaa, isa samii arrabsuun, Kristaanonni hundinuu amantii isaanii ibsachuuf eegamu. SA 202.1
Galgalli Phaaphaasummaa halkan walakaa hamilee biyya lafaa ture. Barreeffamni qulqulluun namoota qofaatiinuu utuu hin taane luboota birattuu wallaalameera. Akkuma Fariisotaa durii, geggeessitoonni waldaa ifa cubbuu isaanii argisiisu in jibbani. Seera Waaqayyoo, safartuu qajeelummaa, kaasanii, daangaa malee humna isaaniitti fayyadamanii dhorkaa malee gocha gadhee raawwatan. Waliin dha’uun, doqnummaan, seera maleeta’uun mo’ateera. Namoonni karaa ittiin sooroman yokkinn tayita argatan taanaan yakka irraa booda hin deebi’an turan. Masaraan Phaaphaasotaa fi lubootaa bakka cubbuu hamaan itti geggeeffamu ta’e. SA 203.1
Phaaphaasonni bulchan tokko tokko teessoo irrattuu, isaaniif obsuun kan hin danda'amne yakka geggeessitoota biyaa biratti kan ilaalame, namoota kabajamoota mana sagadaa ta'an kuffisuuf irratti ka’uudhaan kan komatamaniidha. Jaarraa baay’eedhaaf barachuu, og-barru yookiin qaroomina irratti guddin hin turre. Kristaanummaa irratti kufaatii beekumsaatiif hamileetu gahe. SA 203.2