Yeroon Waaqayyo itti saba isaa baasuu jaallate walakkaa halkanii ture. Utuu cubbamoonn naannoo isaanii itti qoosaa jiranii, akka tasaa aduun baatee, humnaan iftee, jiinis iddoo tokko dhaabatte. Gammachuu jaallatamaadhaan toloonnii mallattoo gadi lakkifamuu isaanii argan, cubbamoonni haala kana dinqifannoo guddaadhaan ilaalani. Mallatoolee fi dinqiin hedduun daddafanii ta’an. Wanti hundumtuu akka uumamaan silaa beekamuu ala waan ta’e fakkaata. Burqoonni yaa’uu dhaabaniiru. Dukkanaa’aa kan ta’e duumessi ulfaataan dhufanii walii isaaniitti rukutaman. Garuu habatamaa kan ta’e iddoo kabajamaa tokkotu ture, iddoo kanaas sagaleen Waaqayyoo akka huursaa sagalee bishaanota baay’eetti waaqaa fi lafa raasa dhufe. Guddaa kan jabaate kirkirri lafaas ta’e. Owwaalonni banamanii, erga ergamaa sadaffaa jalatti sanbata eeguudhaan, amantiidhaan kan boqotan, biyyoo isaanii keessaa, kakuu nageenyaa isa Waaqayyo warra abboommii isaa eeganii wajjin gochuuf jiru sana dhaga’uudhaaf kabajaan kaafaman. SA 220.2
Samiin banamee cufama akkasumas jeeqamatu ta’a. Gaaronni akka shimala qilleensaan raafamuu raafamu, dhagoonni in tatamsa’u. Galaannonni akka xuwwee danfanii, laficha irratti dhaagoota in yaasu. Waaqayyos kakuu barabaraa saba isaaf in godha, hima tokko dubbatee dubbichi guutummaa addnyaa keessatti in dhaga'ama. Israa’el Waaqayyoo, ija isaanii ol fudhatanii, dubbii afaan Waaqayyoo akka sagalee Bakakkaa guutummaa lafaati dhaga’amu dhaggeeffachaa in dhaabatan. Dhuma hima hun-dumaa irraatti toloonni “Ulfina!haleluyya!” jedhanii in iyyu. Bifni isaanii ulfina Waaqayyootiin in ife, akkuma fuula Museen gaafa gaara Siinaa irraa gadi dhufee, ulfinichaan calaqqisee sababii ulfina isaanii cubbamoonni isaaniin ilaaluu hin dandeenye. Gaafa Waaqayyo eebba isa hin dhumne warra isa kabajan, sanbata isaa qulqullummaatti eegan irratti dubbate, bineensichaa fi bifa isaa irratti mo’icha argachuu isaanii sagalee guddaadhaan ibsan. SA 221.1
Dhufaatii Kristos isa Lammaffaa, battaluma sanatti guddaa kan ta’e duumessi adiin kan Ilmi Waaqayyoo irra taa’e mul’ate. Jalqaba yeroo fagoo irratti argame, duumesichi baay’ee xinnoo fakkaatee ture. Gara lafaatti dhi’aachaa yommuu adeeme, hundumtuu isa hundumaa irra caalu ulfina fi guddina Yesus gara mo’ichaatti utuu adeemuu argaa dhufan. gonfoo ifaa fi calaqqisaa mataa irraa kan qaban Ergamooti isa marsanii adeeman. SA 222.1
Ulfina haala sanaa ibsuu Kan danda’u, afaanni hin jiru. Jiraataa kan ta’e duumessi guddinaa fi ulfinniahin caalamnee wajjin caalaatti dhi’aachaa dhufe; isarras kan taa'e isa jaallatamaa, gonfoo qoraatti uffatee utuu hin taane Gonfoo ulfinaa mataa isaatti kaa’atee ture. Wayyaa fi Gudeeda isaa irratti maqaan barreeffameera, Mootii moototaa, Gooftaa gooftotaa kan jedhu (Mul. 19:6). Fuulli isaa akka ifa guyyaa safaa ti. Iji isaas akka arraba ibiddaa, miilli isaas akka sibiila qulla’aa ti. (Mul. 1:15,16). Sagaleen isaa akka meeshaalee Muuziqaa baay'ee ti. Bakka argama isaatti lafti in roqomti, samiin akka waraqaa maramaa in ta'e, gaaronnii fi lafti bishaaniin marfaman iddoo isaaniitii in kaafaman. “kana booddee mootonni lafa kana irraa, namoonni gurguddoonni. abboonni duulaa, sooreyyiin, jajjaboonnii garbichi birmadduunis hundinuu holqa keessa, katta tullootaa gidduus in dhokatan, tullootaa fi kattaawwanis waammatanii, nu irratti jigaa, fuula isa teessoo irra taa’u duraa dheekkamsa hoolichaa duraas nu dhoksaa,; guyyaan guddaan inni itii isaa kun dheekkaman dhufeera; egaa eenyutu dura dhaabbachuu danda’aree jedhan” Mul. 6:15-17. SA 223.1
Warri yeroo muraasa dura ijoollee Waaqayyo lafa irraa balleessuuf yaadan, amma ulfinni Waaqayyoo akka isaan irra buufate dhugaa in ba’u. Akkasumas soda isaanii hundumaa keessatti, sagalee tollootaa utuu galateeffataniin “Ilaa! Inni Waaqayyo keenya, inni nuyi nu fayyisa jennee eeggachaa turre isa, inni nuyi amanannes isa;” kan jedhan dhaga'an. Isa 25:9. SA 224.1
Du’ aa Ka’uu Duraa:-Sagaleen Waaqayyoo, yommuu inni warra obbaafatan owwaalcha isaanii keessaa waame lafti jabeessitee raafamte. Waamichicha dhaga’aanii, qaama hin duune uffachuudhaan “Mo’icha! Mo’icha Du’a fi Si’ol irraatti, arfiin kee meerre yaa du’aa, mo’ichi kee meerre yaa Si’ol” lQor 15:55 jedhanii iyyan. Achii booda toloonni lubbuun jiranii fi warri du’aa kaafaman sagalee isaanii walii wajjin ol kaasanii iyya gamma-chuu mo’ichaa dhageessisan. Qaamni inni mallattoo du’aa baatee owwaalcha keessa kaa’amef if duuti faayummaa du’a hin beeknee fi jabinaan in kaafamu. Toloonni jiran libsuu ijaa keessatti jijjiiramanii warra kaafamanii wajjin ol butaman, walii wajjin qilleensa irratti Gooftaa simatan. Wal-argee gammachiisa akkamiiti. Michoonni warri duuti gargar baase akka lammata gargar hin baanetti walitti deebi’an. SA 224.2
Gama lamaanuu duumesichaatiin konkolaataa fardaa Koochoo qabutu ture, isa biraan immoo geengoo lubbu qabeessattu ture. Toloonni duumessicha kees-sa turanis, Ulfina! Haaleluyyaa! Jedhanii iyyan. Konkolaatichi garuu gara magaalattii qulqullooftuutti gangalate. Utuu magaalaa sana hin seenin du-ra, tooloonni roga arfee wal-qixa ta'een toora nammanii Yesus gidduu isaanii ture. Mataa fi gatiittiin isaa tolootaa fi ergamoota irra caalee dhaabate. Kan roga arfanuun isa marsanii dhaabatan hundinuu fuula isa, surra qabeessaa fi jaallatamaa sana arguu in danda’u turan. SA 225.1