Giddu-galeessa Jannataa, naannoo muka jireenyaa, muka isa hamaa fi gaarii beeksisutu ture. Waaqayyo karaa adda ta’een abboomamuun, amantiif jaalala isaaf qabaachuun akka barbaachisu yaada kenneef. Gooftaan maatii keenya jalqbaa muka kanattii akka nyaatanii hin duuneef abboomee ture. Muka hundumaattii akka nyaatan, garuu muka isa kanattii yoo nyaatan akka du’an isaanitti himeera. SA 25.1
Waaqayyo Addaamii fi Hewwaaniin Jannata bareedduuu sana keessa yommuu isaaniin kaa’e gammachuu isaaniif waan isaaniin barbaachisu hundumaa qabu turan. Garuu karoora isaa isa ogummaan guute kana keessatti. utuu guutummaatti barabaraan hin eegamin dura amanamummaa isaanii qoratee ilaaluu barbaade. Inni isaanii wajjin haasa’uuf isaanis isaa wajjin jaalala isaa qabaatanii turan. Garuu hamaa sana bakka isaan hin qaqqabne hin keenye. Seexanni akka isaan qoruuf dhiifameera. Qorama Sana keessa darbuu utuu danda’aniiru ta'eetii baruma baraan jaalala Waaqayyoo fi Kan ergamoota isaa keessa ta’u turan. SA 25.2
Haala isaa isa haaraa kana keessatti Seexanni in dinqisiifate. Gammachuun isaa irraa sokke. Akkuma isaa durii ergamoota gammadan turanii amma immoo samii keessaa gataman ergamoota warra turan ilaale. Isaan gidduu walitti bu’iinsa, wal dhabdee fi hadhaa’ummaan wal hammeessuutu ture. Fincila dura wantoonni kun waan hin beekamin turan. Kanaaf amma Seexanni rakkisaa kan ta’e bu’aa fincila isaa in ilaale! SA 26.1
Akka duraan ture Sana utuu qulqulluu, dhugaa, amanamaa, Kan gammaduu akka isaa duraanii ta’uu danda’ee silaa nan argadha isa jedhee aangoo sana argate jedhama ture. Inni garuu in bade! Bu’uura Kan hin qabne fedhiin fincila isaa bakka inni fayyifamuu hin dandeenyee ol isa taasise. SA 26.2
Kana qofaas miti, Warri kan biroonis fincilanii akkuma isaa haala badiisaa keessa akka ta’an godhe— ergamoonni, takkuma iyyuu hamma yeroo inni sammuu isaanii keessa buuseetti, seera Waaqaa diduudhaaf fedhii samii gaafatanii kan hin beekne turan. Abdii kan hin qabne ta’uudhaan rakkina guddaa keessa galan. Gaarummaa guddaa qabaachuu irra bu'aa gaddisiisaa abboomamuu dhabuu fi seera Waaqaa tuffachuu irraa argame dhamdhaman. SA 27.1
Boqonnaan kun Uma.2:15-7, fi Uma.3 irratti kan hundaa’eedha. SA 27.2
Seexanni Karaa Isaa Ilaale:-Karaa isaa yommuu xiinxale seexanni in roqome. Qofaa isaa ta’ee kan darbe, kan amma keessa jiruu fi fuula dura isaa yaade. Fincila isaa keessatti gocha isaa sanaaf sababii waan ta’u hin qabu ture; ofii isaa qofa utuu hin taane, utuu inni samii keessatti akkuma dhugaa ta’een itti fufeera ta’ee silaa samiitti gammachuu qabaataa jiraata, gumii ergamoota hedduu abdii malee isaaniin balleesse. SA 27.3
Fincilli akkasii hojii hiikee akka taa’uu hin dandeenye Waaqayyo beeka. Ergamoota waaqaa suukanneessuuf Seexanni karaa ittiin jibba aangoo sana irratti qabu mul’isu barbaaduu ta’a. Balbala samiin seenuuf waan hin dandeenyeef, balbalicha dura ta’ee yommuu isaan ol lixanii gadis ba'an isanitti falmuuf eeggachaa ture. Gammachuu Ad-daamii fi Hewwaaniin balleessuuf in fedha ture. Kun samiitti gadda guddaa akkanni galchu waan bareef fincilaaf isaaniin kakaasuuf waan danda’u hunda gochuuf ka’e. SA 27.4
Dhala namaa irratti maluu:-Seexanni Addaami nama gaarii fi miiltoo isaa Hewwaaniin harkisee baasuuf kaayyoo isaa duuka buutota isaatti hime. Akkuma ta’e ta’ee utuu isaan akka hin abboomamne godhee, Waaqayyo akka isaanii dhiifamuuf fala wayii in qopheessa waan ta’eef achii boodaa innii fi ergamoonni kufan biroon araara Waaqaa irraa qooddachuu dandeenya jedhee yaade. SA 28.1
Yoo kun hojjechuu baate immoo, Addaamii fi Hewwaanin dabalatu, sababiin isaas, isaanis seera Waaqaa irra yoo daddarban akkuma Seexanaa fi er-gamoota isaa aarii dhekkamsa Waaqaa keessa waangalaniif. Daddarbaan kun immoo, akkuma Seexanaa fi gartuu isaa warra Addaamii fi Hewwaaniin dabalatanii qabeenya Edeniin fudhachuu fi bakka jireenya isaanii godhachuu yaadanii haala ficilaa keessa isaani in galcha. Yoo muka jireenya isa walakkaa jannataa jiru bira ga’uu danda’an immoo jabeenyi isaanii akka ergamoota qulqullootaa fi akka Waaqayyoon iyyuu ta'uu dandeenya waan ta’eef keessaa nu baasuu hin danda’an jedhanii yaadan. SA 28.2
Addaamii fi Hewwaan in Akeekkachiifaman-Waaqayyo hammina yaadame sana hanbisuuf ejjennoo akka fudhataniif eramoota walitti waame. Balaa diinaa keessa waan jirtuuf Ergamoonni Edeniin akka to’ataniif kan murtaa’e mana marii Samii keessattiidha. SA 29.1
Ergaammonni Addaamii fi Hewwaanitti gaddisiisaa isa ta’e oduu fincilaa fi kufaatii Seexanaa itti himan. Achii booda mukti jireenyaa inni walakkaa jannataa jiru akka kakuu isaa abboomamuu fi jaalala Waaqaa ittiin mul'isaniitti achi jiraachuu isaa odeeffannoo kennaniif. Ergamoonni qulqullaa’oon iyyuu gammachuun isaanii fi sadarkaan olaanaan isaan irra jiran kan inni itti fufu abboomamuu keessatti yommuu ta’u haalli isaanii kan walfakkaatuudha. Abboommii Waaqayyoo eeganii gammachuu dhuma hin qabne qabaachuu, ykn immoo, abboomamuu dhiisanii sadrakaa olaanu irra jiran dhabanii haala abdii hin qabne keessa seenuu in danda’u turan. SA 29.2
Ergamaan kristoositti aansee baay'ee kabajamaan tokko seera Waaqayyo ittiin mootummaa samii bulchuuf baaseef abboomamu akka dide ergamoonni Addaamii fi Hewwaanitti himaniiru. Fincilli kun jedhan, Samii gubbaatti lola uumee innis Samii keessaa baafamuu isa fincila uume kanaatiin xumurameera; akkasumas ergamoonni aango Waaqa guddaa kana gaaffii keessa galchuun geggeessaa kana faana bu’an hundinuu Samii keessaa alatti oofamaniiru. Ergamaan kufe Kun amma kan Waaqayyoo fi Ilmi isaa jaallatan hundumaafuu diina ta’eera. SA 30.1
Seexana jechuun kan isaaniin miidhu akka ta’e fi ergamaa kufaa kanaa wajjin wal arguu waan danda’aniif of eeggachuun barbaachisaa akka ta’e itti himaniiru. Utuu isaan seera Waaqayyoo eegaa jiranii isaaniin miidhuu hin danda’u ture; sababiin isaas karaa kamiinu akkanni isaaniin hin miineef yoo barbaachisaa ta’e isaaniin gargaaruudhaaf ergamonni hundinuu Samiidhaa dhufuu ni danda’u waan ta’eef. Garuu abboommii Waaqayyoon yoo cabsan yeroo sanaa eegalee, Seexanni isaaniin jeequu, joonjessuu fi miidhuudhaaf humna in argata. Seexana biraa dhimma cubbuu jalaqaba isaaniin bira dhufe keessatti jabataniiru utuu ta’ee, isaanis akkuma ergamoota warra Samiidhaa Kan eegaman ta’u ture. SA 30.2
Isa isaaniin qoru sanatti yoo of gatan garuu, waaqni innumti ergamaa kabajamaa duraanii sanaaf hin ho’in sun, isaaniinis hin dhiisu. Adabbii daddarbaa isaanii argachuutu irra jiraata, sababiin isaas Seerri Waaqaa akkuma isaa qullaa’aa waan ta’ef warra waaqaa fi lafa gubbaa jiraataniin garaa guutuu eegamuutu barbaadama. SA 31.1
Ergamoonni Hewwaan iddoo jannataa Sana keessatti yommuu gargaartu akka abbaa manaa isheettii addaan hin baaneef akeekkachiisanii turan, kunis immoo diina kufe Sanaa wajjin akka wal hin argineef ture. Wal irraa utuu gargar ba’aniiru ta’ee Kan yeroo lama ta’anii jiran irra Kan caalu balaan qofaatti isaaniin qaqqaba ture. SA 31.2
Addaamii fi Hewwaan isa hubatamaa seera Waaqaa kana akka hin cabsine mirkaneessaniif. Caalaattuu fedhii isaa eeguun gammachuu isaanii isa caalu ture. SA 32.1
Qorumsaa fi Kufaatii:-Seexanni bifa Bofaa uffachuudhaan Edeniin seene. Muka isa hamaa fi gaarii gargar baasu sana keeessa of kaa’uudhaan suutuma ija isaa nyaachuu jalaqabe. SA 32.2
Gara jalqabaa utuu of hin beekin, Hewwaan abbaa manaattii gargar baatee iddoo qonnaa sana seente. Waan ta’e yommuu barte, balaan akka jiru itti dhaga’ameera, garuu ammuma iyyuu, abbaa manaa isheerraa fagaattu iyyuu, akka waan homtuu irra ga’uu hin dandeenyyeetti yaadde. Wanti gadheen yoo ishee mudate beekuudhaaf ogummaa fi jabeenya qabdi turte. Ergamoonni kana akka isheen hin goone ishee akeekkachiisanii turan. Hewwaan firii mukaa dhowwameetti yaada fedhii fi dinqifannoo waliin makameetiin utuu ija babaaftuu of argite. SA 32.3
Baay’ee kan nama gojomaasisu ta’uu isaa argitee waaqayyo maaliif akka kana cimsee akka ittii hin yaanne dhorke jechuudhaan of gaafachuu eegalte. Amma carraan Kan Seexanaa ta'e. Akka waan yaada ishee dubbisuutti isheetti haasa’e.:“dhuguma Waaqayyo ‘ija mukeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa’ isiniin jedhee” jedhee jecha laafaadhaaf bareeda akka sagalee muuziqaatiin ishee dinqifannoon qabatee Hewwaanitti dubbate. Waaqayyo dandeettii dubbachuu Bofaaf akka hin kennin waan beektuuf Bofti dubbachuudhaan waan ta’e walaalte. SA 33.1
Fedhiin Hewwaan ol ka’e. Bakka sana daftee gadi lakkiftee sokkuu irra haasa'uu Bofaa dhaggeffatte. Kun diinichi inni kufe sun Bofa akka meeshaatti kan fayyadamu ta’ee sammuu isheetti hin argamne ture. Hewwaan itti booji'amtee, gammachuu sobaa gammaddee, jaalala ijaan gowwoomfamte. Isa ulfaata abboomaa ishee utuu dhageesseetti ta’ee akka Ergamootaatti of eeggatti turte. SA 33.2
Sagaleen keessummaa ta’e sun maaliif wanti biraan akkas bilisa ta’ee akka itti haasa’e gaafachuuf gara abbaa manaa isheetti ishee oofuutu irra ture. Garuu isheen Bofaa wajjin wallaansootti galte. Gaaffii isaa deebifteef: “nuyi ija mukeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran irraa nyaachuu dandeenya. Garuu muka isa iddoo dhaabaa kana walakkaa jiru duwwaa “waaqayyo ija isaa irraa hin nyaatinaa, isattis hin bu’inaa! Kanaachi in duutu’ jedheera” jette. SA 33.3
Bofichi immoo deebiseefii” du’a hin duutan; isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu hamaa fi gaarii bekuudhaanis akka Waaqayyoo akka isin taatan inni beeka’ jedheen” seexanni Kan isaan barbaade ija muka dhorkamee nyaachuudhaan Kan yommus qaban caalaatti beekumsa jaallatamaa arganna jedhanii akka yaadan taasise. Erga kufee booda hojii addaa inni hojjetee ittis milkaa’e kanaadha akka namoonni waan Waaqayyo isaanitti mul’ise qofaatti quufuu dhiisanii dhoksaa Waaqayyoo isa guddaa keessa lixaniis qoruudhaan waan Waaqayyo abboome eeguuf akka hin dhimmine isaaniin taasise. Abboommii Waaqayyoo akka isaan hin eegne isaaniin gochuudhaan sadarkaa beekumsaa birootti seenaa akka jiran isaaniin amansiise. Kun guutummaa dhumatti ta'inna laataa jechuu fi gowwoomsaa bala-qabeessa. SA 34.1
Waan Waaqayyo isaanitti mul’ise hubachuu dadhabaniitu, mul'ataa kan ta’e abboommii Waaqaas tuffatanii nama jalaa kan inni dhokse qorachuu barbaadan. Yaada guddinaa isaaniitiin burraaqanii falaasama duwwummaa isaaniitiin gammadan; garuu beekumsa dhugaadhaan yoo ilaalaman isaan dukkana halkan walakkaa keessa akkasumaan dhama’an. SA 35.1
Cubbuu kan hin qabaatin cimdiin kun hamaa akka beekaniif fedhii Waaqayyoo hin turre. Inni toluma waan gaarii isaaniif laatee hamaa immoo isaaniin dhowwateera. Hewwaan dubbii Bofa kanaa ogummaadha jettee yaadde, kanaaf falmii isaa isa bal'aa kana in fudhatte. “Hin duutan. Isin ija mukichaa ir-raa yeroo nyaattan, iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyoo akka isin taatan Waaqayyo in beeka.” Kun Waaqayyoon kan sobsiisuudha, isaa wajjin beekumsa wal isiiniin qixxeessu akka isaa hin argnneef isaanii sossobe jechuudha. Waaqayyo, yoo nyaattan in duutu jedheera. Bofti immoo “yoo nyaattan dhugumaan du’a hin duutan”jedhe SA 35.2
Inni isaaniin qore sun akkuma firii sana nyaatteen Waaqaa wajjin kan wal si qixxeessu beekumsa haaraa fi olaanaa ta’e fudhatta jedhee abdachiise. Xiyyeeffannoo ishee gara mataa isaatti harkise. Kan inni dandeettii dubbachuu argateef iyyuu, firii muka isaan akka hin nyaanneef irraa dhorkaman sanaa waanin nyaadheef jedhe. Waaqayyo dubbii isaaf akka dhimma hin qabne milikkita kenneef. Sodaachisanii waan gammachiisaa akkasii irraa dhorkuun balaadha. Akka isaan hin duunes immoo itti himeera. kan hin dune ta'uu kan dhalootatti dabarsiisu muka jireenyaattii hin nyaanne turanii isaan? Akka sadarkaan beekumsa isaanii ol hin darbinee fi isaan caalaatti akka hin kabajamnef Waaqayyo isin gowwoomse isaaniin jedhe. SA 36.1
Innumti ishee qoru sun firii mukichaa kutee Hewwaanitti dabarse. Isheenis harka isheetti fudhatte. Ammammoo akkas jedhe gowwoomsituun sun; akkuma hin duuneefuu hin xuqinaa isiiniin jedhamee ture mitii jedhe. Qabuu fi qaqqabuu irratti argamuu kan danda’u caalaatti yoo nyaatan iyyuu mallattoon hamaa fi du’aa argamu akka hin jirre tIlmaamuu dandeessa jedhe. Battalumatti kan mul’ate mallat-toon Waaqayyoo isheetti gaddu waan hin turreef Hewwaan ija jaabaachuu jalqabde. Dubbiin isa ishee qoru kanaa oggummaadhaa fi sirrii ta’uu qaba jettee yaadde. Nyaattee firii sanatti gammadde. Afaan isheetti kan minyaa'e fakkaate; ofii ishee keessatti dinqisiisaa kan ta’e bu'aa firii sana nyaachuu tIlmaamte. SA 36.2
Hewwaanis kan Qortu Taate:- Achiin booda isheen Firii muka sanaa muraasa cirattee nyaattee, humna firii dhorkamee sana irraan kan ka'e humna cimaa haaraa fi ol-aanaa ta'e kan itti dhaga’ame yoo ta’eef of keessatti yaadde. Harka ishee keessa Firiin muka dhorkamee Kan guute gara abbaa manaa ishee yommuu dhaqxu, keessummaa Kan ta’e naasuu uumamaan hin qabaatiiniin guutteetti. Dubbii ogummaan guute isa Bofti itti hime Sana itti himtee yommusuma gara muka beekumsa gaarii fi hamaa sanaatti geessuu barbaadde. Firii muka Sanaa muraasa akka nyaatte iyyuu itti himte, mallattoo du’aa utuu hin taane miira gammachuu fi dadammaqini akka itti dhaga’amu itti dubbatte. Hewwaan akkuma yakkiteen meeshaa Seexanni ittiin abbaa manaa ish-ee kuffisu taate. SA 37.1
Tokkicha seera Waaqayyo ittiin amanamummaa fi jaalala isaanii beekuuf hin godhinaa jedhee Hew-waan akka cabsite Addaamiif galeera. Hewwaan Bofichi hin duutan nuun jedheera jetti; isheetti itti gadduun Waaqayyoo itti dhaga’amaa waan hin jirreef ergamoonni akkasitti itti dhaga’ama akka jettee yaaddutti itti dhga’amaa waan jiruuf dubbiin Bofichaa dhugaa ta’uu hin ooluum jettee yaadde. SA 38.1
Addaam, Hewwaan isa biraa Adeemuu isheetiif gaabbiitu itti dhaga'ame, garuu amma wanti ta’e taa’era. Baay’ee Kan jaallaatu miiltoo isaattii addaan ba’uuf. Kun akka ta'u akkamittiin haa eyyamu? Jaalalli inni Hewwaaniif qabu jabaa ture. Abdii kutannaa guddaadhaan carraa ishee hirmaachuuf murteeffate. Hewwaan qaamuma kootiim jechuu jalqabe: yoo isheen kan duutu ta'e, yaaddoo ishee irraa gargar ba'uu baachuu sababii hin dandeenyeef, innis ishee wajjin du'uu murteeffate. SA 38.2
Araara qabeessaa fi garraamii isa ta’e uumaa isaa amanuu dadhabe. Waaqayyo biyyoo lafaattii kan isa uumee bareedaa kan ta'e jiraataa isa taasise, inni Hewwaaniin gargaartuu isaa godhe sun bakka isheetti guutuus akkanni danda’u inni hin yaadne. Hundumaa irra immoo, dubbiin Bofa gamna kanaa sirrii ta’uu dhiisuu hin danda'u turee? Hewwaan akkuma utuu cubbuu hin hojjetinii bareeddee yakka kan hin qabne fakkaattee isa dura dhaabachaa jirti turte. Kan kufaatii ishee duraarra caalu jaalala guddaa akka isaaf qabdu, Kun immoo bu’aa firii muka Sanaa nyaachuu kooti jettee dubbachaa jirti. Ishee keessatti milikkita du’aas hin argine. SA 39.1
Carraa isaa fudhachuuf murteeffate. Firii muka Sanaa futee dafee nyaatee, akkuma Hewwaaniin innis bu’aa isaa battalatti hin hubanne ture. SA 39.2
Mirga Filannoo Namaa:-Waaqayyo maatii keenya jalaqabaa dhimma muka jireenyaa ilaalchisee barumsa kenneeraaf, kufaatii seexanaatii fi balaa yaada isaa dhageeffachuus guutummaatti odeeffannoo argataniiru. Waaqayyo humna yoo fedhan firii muka dhorkamee nyaachuu isaan irraa hin dhorkine. Dubbii isaa dhaga’anii, seera isaaf abboomamanii jiraachuu ykn immoo kan isaaniin qoru sana amananii Waaqaaf abboomamuu dhiisanii baduu kan filatan isaaniin taasise. SA 39.3
Jaalalli gaarii fi nageenyi, gammachiisa kan ta’e eebbi waan isaan irraa kaafame fakkaata; iddoo isaatti kan isaan duraan hin beekin hanqina waan tokkootu argame. Yeroo jalqabaatiif xiyyeeffannoo isaanii waan bakkeen mul’atu irra taasisan. Wayyaa kan hin uffanne akka ergamootaa ifaan kan marfaman turan. Ifni isaaniin aguugee ture kun amma isaan irraa sokkeera. Miira dhabiinsaa fi qullaa ta’uu isaanii irraa boqochuuf jecha qullaa isaaniis ija Waaqaa fi ergamootaatti ba’uun waan isaaniin dhibeef waan ittiin qaama isaanii aguuggatan barbaadan. SA 40.1
Seexanni milkaa’ina isaaf gammachuu guddaa gammade. Dubartittiin akka isheen Waaqayyoon shakkitu taasisee, ogummaa isaa irratti akka isheen gaaffii kaaftuu fi karoora ogummaa isaa keessa galtee ilaaluu akka yaaltu taasise. Akkasumas karaa isheemmoo Addaam isa sababii jaalala hewwaaniin abboommii Waaqayyoo cabsee ishee wajjin kufe sana kuffiseera. SA 40.2
Waaqayyo Addaamii fi Hewwaaniin barbaadee bu’aa seera cabsuu isaanii sana itti hime. Dhiimma isa guddaa dhufa Waaqaa kana yommuu dhaga'an duraan yeroo cubbuu hin hojjetin qulqullummaan turan, kan itti gammadaan turan, amma argaa isaa jalaa dhokachuuf yaalan. “Waaqayyo gooftaan Addaamiin waamee ‘eessa jirta’ jedhe. Namichis ani sagalee kee iddoo dhaabaa keessatti dhaga’ee qullaa koo waanan ta’eef nan sodaadhe nan dhokadhes’ jedheen.” Innis akkas jedhe, “Ati qullaa kee akka taate eenyutu sitti hime? Firii isaa akka hin nyaanne mukan sitti himerraa nyaattee?” jedhe. SA 41.1
Gaaffii kana kan gaafateef Waaqayyo oddeeffannoo waan barbaadeef utuu hin taane warri yakka hojjetan kun akka himataniif ture. Akkamittiin qaanoftee sodaatte? Addaam akka seera irra darbe kan inni hime isa guddaa abboomamuu dhiisuu isaaf utuu hin ta'in cubbuu isaatiif Waaqa isaa komachuuf ture. “Anaa wajjin akka taatuuf ishee ati anaaf laattetu naaf kenninaanin nyaadhe.” Achiimmo Waaqayyo Maaliidha kan ati goote kun? Jedhee dubartittii gaafate. Hewwaanis deebiftee, Bofichi na sossobnaan anis nyaadhe. SA 41.2
Abaarsa:Kanaa booddee Waaqayyo bofichatti dubbate “kana waan gooteef, ati horii hundumaa ir-ra, bineensa bakkee hundumaa keessaa abaaramaa in taata, ati garaa keetiin lafa irra in loota, abaaramaa in taata, bara jireenya kee hundumaatti biyyoo in nyaatta. Bofti akkuma duraan bineensota hundumaa irra ulfina qabeessa turte, boodammoo meeshaa Seexanni keessaan hojjete ta'uu isheetiin hundumaa irra abaaramtuu taate. Waaqayyo Addaamiin. “Ati dubbii haadha manaa keetii waan dhageesseef ija mukicha isa ani ‘hin nyaatin!” siin jedhes waan nyaatteef lafti sababii kee abaaramaa in ta’a, ati bara jireenya kee hundumaatti itti dadhabdee isa irraa in nyaatta. Inni qoraattiidhaa fi baalaan waraantee sif in biqilcha. Atis biqilaa lafaa in nyaatta gara biyyoo lafaatti hamma deebitutti dhamaatee dafqitee buddeena in nyaatta” jedhe. SA 42.1
Sababii cubbuu isaanii isa muka hamaa fi gaarii beekuu firii isaa nyaachuu isaanii Waaqayyo lafa abaareera. “Lafti sababii keetiif abaaramaa in ta'a; atis bara jireenya kee hundumaattii itti dadhabdee isa irraa in nyaatta. Isa gaarii kenneefii isa hamaa jalaa dhoksee ture. Ammammoo isattii in nyaatta jedha. Akkas jechuun bara jireenya isaanii hun-dumaa hamaa wajjin wal baru jechuudha. SA 42.2
Yommusii qabee, dhalli namaa qoramsa Seexanaatiin dhiphachaa jiraata. Addaamitti qooda hanga yommusiitti hojii gammachuuf hojjechaa turee, yommusii qabee jireenya dadhabbii, yaaddoo dhalootatti darbaa adeemutu itti kenname. Abdii kutannaa, gaddaa fi dhukkubbiitu isaan mudatee dhuma irratti xumuratti dhufa. Biyyoo lafaattii uumaman biyyoodhuma sanatti in deebi’u. SA 43.1
Mana isaanii Eden akka dhaban itti himameera. Gowwoomsaa seexanaatti qabamanii, jecha isaas amananii dubbiin Waaqaa soba jedhan. Abboomamuu dhabuu isaaniitiin Seexanaanaaf salphaadhumatti karaa bananiiru waan ta’eef Jannata keessa turuun isaaniif waan wayyu hin taane; haala cubbuu keessa jiraniin muka jireenya birammoo dhaqanii cubbuun akka barabaraan jiraatu akka hin gooneef. SA 43.2
Achi keessa taa’uudhaaf kadhataniiru, utuu kun isaaniif eyyamamee iyyuu jireenya eebbaan guute Eden keessatti mirga hundumaa dhabaniiru. Gara fuula duraatti Waaqaaf akka abboomaman yaada kennaniiru. Muda maleessummaa irraa yakkatti kufuun isaanii dadhabbii guddaa malee jabeenya isaaniif akka hin dabalin itti himameera. qulqullummaatti mudaa malee utuu jiranii kan hin argatin amanamummaa, jireenya cubbuu keessatti immoo baay’ee kan gadi xinnaatu amanamummaa fi dhugaa argisiisuu danda’u. Gaabbiidhaa fi gadda gadi fagoo keessa turan. Gatiin cubbuu du’a ta’uun amma in galeef. SA 44.1
Ergamoonni battaluma sanatti karaa muka jireenyaatti geessu eeguuf ergaman. Addaamii fi Hewaaniin seera Waaqayyoo cabsanii jireenyi cubbuu akka barabaraan taa'uuf firii muka jireenyaa nyaachisuun kaayyoo seexanni qopheesseedha. Garuu karaa gara muka jireenyaatti geessu irraa akka dhorkaniif erga-moonni qulqulloonni kaa’aman. Naannoo kanatti ergamoonni gama hundumaatiin ifni akka billaa calaqqisaan akka calaqqisu godhaniiru. SA 44.2