“Amma bantii waaqa haaraadhaa fi lafa haraa nan arge, bantiin waaqaa inni duraa, lafti inni duraas darbaniiru, galaannis deebi'ee hin argamu” Mul.21:l Ibiddi inni cubbamoota nyaatu lafa immoo in haaressa. Harca'aan abaarsaa hundumtuu qulleeffameera. Ibiddi Si'ol kan barabaraan gubu bu’aa isaa isa sodaachisuu wajjin warra fayyan dura yeroo dhuma hin qabneef turfamus hin jiru. Yaadachiiftuu tokko qofatu hafa: Fayyisaan keenya baruma baraan godaannisa fannifamuu isaa baatee jiraata. Mataa isa madaa’e irratti, harkaa fi miilla isaa irratti milkiti hamminni cubbuu isa irratti hojjete ta’anii hafu. SA 249.1
“Atimmoo yaa riqaa eegduun hoolotaa irra ijaajjuu, yaa tulluu mandara Xiyoon! Akka duriitti mo’uun harka keetti in deebi’a, mootummaan mandara yerusaalem in dhufa” Mik.4:8 SA 249.2
Mootummaan cubbuudhaan fudhatamee ture Kristosiin iddootti deebifame, toloonni isaa wajjin isa hin fudhatu.” Warri qajeelonni biyya in qabatu, yeroo hundumaafis keessa in taa’u” Far.37:29. Sodaan Dhaala qulqullootaa baay'ee waan qabatamaa fakkeessu; namoonni baay'een dhugaa kana akka hafuuraatti lafaa haaraa akka mana isaaniitti akka ilaalan taasise. Kristos iddoo isaaniif qopheessuuf akka adeemu bartoota isaaf mirkaneessee ture. Warri barsiisa sagalee Waaqayyoo fudhatan waa'ee mana isaanii waaqa irraa guutummaatti hin wallaalan. Garuu ergamichi Phaawulos “iji namaa hin arginee, gurri namaas hin dhgeenye, yaadni namaas bira hin geenye” l Qor. 2:9 Afaanni namaa badhaasa tolootaa ibsuuf gahaa miti. SA 249.3
Inni warra dhugaatti isa arganitti qofa beekama. Ulfina galata Waaqaa sammuun daanga'aan hubachuu hin danda'u. Macaafa qulqulluu keessatti iddoon jireenya warra fayyanii biyya jedhama (Ibr. l1:14-16.) achitti tikseen guddichi Hoolota isaa burqaa bishaan jireenyaatti isaaniin geesse. Mukichi jireenyaa ji’a ji'aan ija godhata, baalli mukichaas tajaajila uummata sanaaf oola. Burqaa yeroo hun-dumaa yaa’utu jira, qulqulluu akka birillee, karaa warra Gooftaan fayyaniif qophaa’e irratti kan gaaddisa buusan mukeetiin naannoo ishee dhaabatu. Tabba babal'aa gara bareedina gaaraatti guddachaa adeemantu jira, gaaronni Waaqayyoos dheerina isaanii ol kaasu. Balleensota naga qabeeyyii sana irra, galaana jiraataa sana bira, sabni Waaqaa baroota dheeraadhaaf kara adeemtuu fi joortuu kan turan mana in qabaatu. SA 250.1
Yerusaalem Haaraa:-Yerusaalem haaraan “Ulfina Waaqaa kan qabdu” turte. Calaqqisi ishees “akka dhagaa baay'ee gati jabeessaa, akka Yaasphiis, qulqullaa’aa akka cabbiitis” Mul. 21:11 jedha Waaqayyo. “Ani manadara Yerusaalemitti, saba kootti nan gammada” Isa.65:19 “kunoo, iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduudha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa ta'uuf jiru; Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaanii ta’uuf jira. Inni imimmaan hun-dumaa ija isaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru jedhe.” Mul.21:3,4. SA 251.1
Magaalaa Waaqayyoo keessatti, “Halkannis deebi'ee, hin argamu”, boqochuus kan barbaadu homtuu hin jiru jaalala Waaqyyoo rawwachuus ta'e galata isaaf dhi’eessuu “nan dadhabe” kan jedhu hin jiru. Kan addaan hin cinne miira haara’uutu nutti dhaga'ama. Miirri akkasii yoom iyyuu nurraa hin fagaatu. “Ifni ibsaa, ifni Aduus isaaniif hin barbaachisu. Waaqayyo gooftaan ifa isaanii ta'uuf waan jiruuf.” (Mul. 22:5). Ifa aduu irraa maddu carallaa cimaadhaan akka hin miidhamneef golgaa nuuf ta’a, golgaan kun jiraatu iyyuu humni ifaa nuyi aduu irraa argannu inni waaree boodaa baayyee kan caalu in ta’a. Ulfini Waaqayyoo fi Hoolicha ifa hin dimismisoofneen magaalaa qulqullittii in guuta. Toloonni ifa adu—dhabeessa ta'een guyyaa bara baraa keessa adeemu. SA 251.2
“Manni qulqullummaa ishee waaqayyo gooftaa isa hundumaa danda’uu fi hoolicha waan ta’eef ani ma-na qulqullummaa tokko illee mandarattii keessatti hin argine.” (Mul.21:22). Sabni Waaqayyo abbaa fi Ilmaa wajjin carraa waliin haasa'uu in argatu. Nuyi amma akka nama of ilaallee abaluu isaa hin hubatiin hafeetti in argina” (1 Qor. 13:12) Har'a fakkii Waaqayyoo akka waan of ilaallee irra callaqisuutti, umamaa fi karaa hariiroo inni namaa wajjin qabuutti argina. Yomuus garuu homtuu utuu nu hin danqin fuulaa fi fuulatti in argina. Isa dura dhabannee ulfina fuula isaa in argina. “Achitti sammuu hin duunee kan qaban hunduu qannoo bara baraa keessa ta'anii humna uumaa , dinqii fi dhoksaa jaalala fayyisuu isaa hin sakatta'u. SA 252.1
Achitti akka Waaqa irraanfannu kan nu taasisu diinichi sobduu fi gara-jabeessi hin jiru. Tokkoon tokkoon kutaa sammuu in guddata, ga'umsi hundumaa dabalaa adeema. Guyyaa guyyaatti kan argamu beekumsi haaraan sammuus. humnas hin dadhabsiisu. Itti gaafatamni caalu geggeeffamuu danda'a ta'a. SA 253.1
Fedhiin guddaan bira ga'amu, kaayyoon caalu hubatamee, amma iyyuu ol fageenyi biraan kan yaabbatamuu qabu jira, wanti ajaa'ibaa haaraan dinqifatamu, dhugaan haaraan hubatamu, kaayyoo ho'aan kan sammuu. lubbuu fi qaama namaa harkisu jiraachuu danda'u. Akkuma yeroon bara baraa adeemeen kan Waaqayyoo fi kan Kristos mul’ata haaraa qabatanii dhufu. Dhuga ba’umsichi akka dabalaa adeemeen nummoo isa jaallachaa, kabajaa fi gammachuun keenya dabalaa adeema. Namoonni akkuma caalaatti Waaqayyo irraa barachaa adeeman hammuma sana immoo amala isaa dinqisiifachaa adeemu. Akkuma Kristos isa duratti dhoksaa fayyinaa fi isa dinqisiisaa raawatama wallaansoo guddaa Seexanaa wajjinii sana argamsiisaa adeemeen garaan warra bitamanii amanamummaadhaan isaaf jabaatee rukutaa ademuudhaan Kiraara warqee isaanii kaasanii harka cimaan rukutanii kumni kudhanii fi kumni kumaatamni sagalee walii galeen isa guddaa farfannaa galataa ol kaasanii faarfatu. SA 253.2
“Wanti, waaqa irratti, lafa irratti fi lafa jalatti, galaana keessatti uumamee isa keessa jirus hundinuu,“hooqubaa, ulfinni, guddinni, aangoon isa teessoo irra taa’ee jiruu sanaaf. hoolichaafis baraa hamma bara baraatti haa ta'u” utuu jedhanii nan dhaga’e. Mul. 5:13. SA 254.1
Sana booda cubbuu fi cubbamoonni hin jiran. Guutummaan biyyaa in qullaa’aa, wallaansoon guddaan barabaraan dhumatti dhufe. SA 254.2