Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Wal’aansoo Isa Guddaa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 23—Manni Qulqullummaan Maali?

    Waan hundumaa caalaa utubaa fi bu’ura amantii dhufaatii lammaffaa kan ta’e heertuu “Hamma ganamaa fi galgala kuma lamaa fi dhibba sadiitti in tura; kana booddee iddoon qulqullaa'aan sun qajeeltootti in deebifama” jedhu ta’uu isaa Macaafni qulqulluun in ibsa. Daan.8:14. Dhufaatii gooftaa kan amanan hundumaa biratti jechi kun beekamoo turan. Raajiin kun akka eegduu amantii isaaniitti hidhii kumaatamaatiin irra deddeebi’amee dubbatamaa ture. Abdii isaanii inni jaallatamaa fi eeggachuun isaanii inni ifaan taatee achi keessatti dursee dubbatame irratti hundaa’ee akka jirutti hunda isaanitti dhaga’ameera. Guyyoonni raajii kun ji’a Arfaasaa bara 1844 akka xumuramutti argiisiifamanii turan. Adventistoonni addunyaa kiristiyaana hafanii wajjin lafti yookiin kutaan lafaa garri tokko mana qulqullummaadha yaada jedhu qabaatan. Mana qulqullummaa qulqulleessuun isa guyyaa xumuraa guddaa sanatti lafti ibiddaan qullaa’uu ishee akka argisiisutti hubatan, kun immoo yeroo dhufaatii lammaffaa irratti ta’a. Kanaaf bara 1844 Kiristos gara lafaa deebi’ee dhufa jedhanii goolaban.WG 304.1

    Garuu guyyaan kaa’ame in darbe, Kiristosis hin dhufne. Amantoonni beeku sagaleen Waaqayyoo akka hin kufne; dogoggorri hiikkaa raajii bira jiraachuu akka qabu hubatan; garuu dogoggorri eessa jira? Baay’een isaanii Guyyaan 2300 bara 1844 akka xumuramu ganuudhaan gudunfaa rakkisaa kana hiikuuf ariifatan. Kiristos yeroo yaadametti dhufuu dhiisuu irraa kan hafe maaliif dhufuu akka dhiise sababni kenname tokko hin turre. Utuu guyyoonni raajii bara 1844 rawwatamaniiru ta’ee Kiristos ibiddaan lafa qulleessuudhaan mana qulqullummaa in qulleessa ture jedhanii falman; erga inni hin dhufne ta’ee guyyoonni raajii sun hin xumuramne jedhan.WG 304.2

    Goolabbii kana fudhachuun shallaggii yeroo raajii duraan ture balaaleffachuudha. Guyyaan 2300 yeroo labsiin ijaarsaa fi haaressuu Yerusaalem inni karaa Artashaastaa ba’ee ture bara 457 Dh.K.D ji’a Arfaasaa keessa hojii irra oole jalqabe. Kun akka yeroo jalqabaatti yoo fudhatame raajii Daani’eel 9:25-27 keessatti taatee yeroo wajjin wal qabsiifamee dursee ibsamee wajjin wal sima. Waggoota 2300 keessaa waggoonni 483 inni jalqabaa, kana jechuun torban jaatamii sagal, hamma Masihii isa dibameetti dheerata; kanaaf cuphamuu fi Hafuura Qulqulluudhaan dibamuun Kiristos bara 27 DH.K.B ta’uun isaa waan dubbatame raawwachiise. Walakkaa torbanichaatti Masihiin in murama. Cuuphaa isaa booda waggaa sadii fi walakkaatti, bara 31 DH.K.B ji’a birraa keessa Kiristos in fannifame. Torban torbaatamni, yookiin waggaan 490 addumaan Yihudoota ilaallata. Xumura yeroo kanaatti biyyi kun bartoota isaa ari’achuudhaan Kiristosiin mormuu ishee mallatteessite, DH.K.B bara 34 keessa wangeelli gara ormootaatti deebi’e. Waggoota 2300 keessaa kutaan jalqabaa waggaan 490 akkasitti yeroo xumuramu waggoota 1810 hafa. DH.K.B 34 irraa kaanee waggoota 1810 yeroo lakkoofnu hamma 1844 tti dheerata. “Kana booddee iddoon qulqullaa'aan sun qajeeltootti in deebifama” jedhe ergamaan. Taateen duraan raajii keessatti ibsamanii turan yeroo kaa’ame keessatti raawwatamuun isaa gaaffii hin qabu.WG 305.1

    Mana qulqullummaa qulqulleessuu isa 1844 ta’e kan deebisu taateen tokko illee hin mul’anne malee, akka shallaggii kanaatti wanti hundumtuu ifaa fi kan wal simatuudha. Guyyoonni kun yeroo sana akka raawwataman ganuun gaaffii hundumaa bita galummaa keessa buusa, akkasumas eejjennoo raawwii raajii dogoggora hin qabneen fudhatame balaaleffachiisa.WG 305.2

    Garuu Waaqayyo saba isaa gara sochii dhufaatii lammaffaa isa guddaatti geggeesse; humnii fi ulfinni isaa hojicha keessa ture, kanaaf akka sochii sobaa fi leellistootaatti ilaalamee dukkanaa fi abdii kutannaadhaan akka xumuramu hin heyyamne. Inni sagalee isaa shakkii keessatti hin dhiifne.WG 305.3

    Baay’een isaanii shallaggii yeroo raajii isa duraa fi dhugummaa sochii isa irratti hundaa’e yoo dhiisan illee, kan biroon amantii fi shaakala isaanii isa Macaafa Qulqulluu fi dhuga ba’umsa Hafuura Waaqayyootiin deggerame dhiisuuf fedha hin qabaanne. Isaan qorannoo raajii keessatti qajeelfama hiikkaa sirrii ta’e kan hordofan, dhugaa argatanitti immoo qabamuun hojii isaanii akka ta’ee fi qorannoo Macaafa Qulqulluu itti fufuu akka qaban amananiiru. Ejjennoo isaanii kadhannaadhaan irra deebi’anii ilaaluudhaan bakka dogoggora isaanii bira ga’uuf Macaafa Qulqulluu qoratan. Yeroo raajii shallaguu keessatti dogoggorri akka hin jirre yeroo hubatan, mata duree mana qulqullummaa itti siqeenyaan sakkata’uutti qajeelfaman.WG 305.4

    Qorannaa isaanii keessatti ragaan Macaafa Qulqulluu yaada sabaa isa lafti mana qulqullummaadha jedhu deeggaru akka hin jirre baran; garuu mata duree mana qulqullummaa, uumama isaa, bakka argama isaa fi tajaajila isaa ilaalchisee Macaafa Qulqulluu keessatti ibsa guutuu argatan; dhuga ba’umsi barreesitoota caaffata qulla’aa dhimma kana haala wal nama hin gaafachiifneen ifaa fi guutuu godhee dhiyeessa. Ergamaan Phaawulos ergaa gara Ibrotaatti erge keessatti akkas jedhe: “Kakuun inni duraa iyyuu lafa kana irratti seerrata sagadaa, godoo qulqullaa'aas qaba ture. Godoon tokko qopheeffamee ture; godicha keessaa kutaan gara balbalaa Iddoo qulqulluu jedhama ture; isa keessa, baattuu ibsaa, gabatee buddeena ilaalchaa isa Waaqayyo duratti dhi'aatu sana baatu buddeenichaa wajjin in kaa'u. Golgaa isa lammaffaa garasiin inni jiru, inni gara booddee immoo, Iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu in jedhama. Achi keessa immoo iddoo aarsaa isa warqee irraa hojjetamee ixaanni irratti aarfamu, akkasumas sanduuqa kakuu guutummaan isaa warqeedhaan uffifametu jira; killi warqee inni maannaa baatu, uleen Aaron inni late, akkasumas gabatoonni dhagaa lamaan warri abboommonni irratti caafaman, sanduuqa sana keessa in kaa'amu. Kiruubel ulfinaa lamaan isa irraan teessoo araaraa golboobanii jiru turan; waa'ee wanta kana hundumaa tokko tokkoon dubbachuuf garuu amma yeroo isaa miti.” Ibr. 9:1-5.WG 305.5

    Manni qulqulluummaan inni Phaawulos caqasu kun godoo isa iddoo buufata Waaqa hundumaan olii akka ta’uuf Museen ajaja Waaqayyoo biraa fudhatee ijaareedha. “Ani isaan gidduu akkan jiraadhuuf isaan godoo qulqullaa'aa anaaf haa ijaaran!” (S/Ba’uu 25:8) kan jedhu qajeelfama yeroo inni Waaqayyoo wajjin tulluu irra ture Museetti kennamedha. Israa’eloonni lafa onaa keessa adeemaa waan jiraniif godoon qulqulla’aan sun bakkaa gara bakkaatti socho’uu akka danda’utti hojjetame; haa ta’u malee inni caasaa ijaarsa guddaa miidhagaa ture. Keenyanni isaa saanqaa qajeelaa ol dheeratee warqee fi sibiila diimaatiin maxxanfamee bantiin isaa golgaa walirraa hin cinneen godhamee yookiin haguugamee gogaan isaa inni bakkee, keessi isaa immoo haarrii miidhagaatiin godhamee bifa Kiruubeeliin kan tolfame ture. Godoon sun oobdii isa gara bakkee iddoon aarsaa qalma gubamuu keessa jirutti dabalee kutaa qulqulluu fi qulqulluu qulqullootaa jedhamee golgaa miidhagaa, kan golgaa kutaa tokkoffaatti ittiin seenan cufee jiruu wajjin wal fakkaatuun gargar ba’u kutaa lama qaba.WG 306.1

    Kutaa qulqulluu keessa gara kibbaatiin qodaa ibsaa torban halkanii fi guyyaa mana qulqullummaaf ifa kennantu jira; karaa kaabaa buddeen ilaalchaatu jira; golgaa isa idoo qulqulluu fi iddoo qulqulluu qulqulootaa gargar baasu fuula dura iddoo aarsaa ixaanaa, isa duumessi foolii gaarii qabu kadhannaa Israa’elii wajjin wal make gara samiitti fuula Waaqayyoo duratti ol ba’utu jira.WG 306.2

    Iddoo qulqulluu qulqullootaa (isa hundumaa caalaa qulqullu) keessa saanduqa kakuu (taabota) muka gati jabeessa irraa hojjetamee warqeedhaan dibamee, gabateen dhagaa lamaan isa abboommiin kurnan quba Waaqayyootiin barreefame keessa taa’utu jira. Sanduqa kakuu sana gararraadhaan isa qadaadee kan jiru teessoo araaraa miidhagaa harka ogeessaatiin hojjetamee kirubeelonni lamaan warri warqee irraa tolfamanii fiixee gamaa lachuun irratti golboobanii jiru. Kutaa kana keessatti argamuun Waaqayyoo duumessa ulfinaatiin kirubeelota gidduutti mul’ata.WG 306.3

    Erga warri Ibrootaa biyya kana’aan buufatanii booda godoon kun mana qulqullummaa Solomooniin bakka bu’e. Yoo ijaarsi isaa dhaabbataa ta’ee fi guddinaan isa duraa irra kan caalu ta’e illee, akkaataan kutaan isaa itti qoodamee fi meeshaan achi keessa jiru tokkuma ture. Bara Daani’eelii fi bara 70 DH.K.B keessa Roomaadhaan hamma balleefamutti manni qulqullummaa akkasitti ture.WG 306.4

    Kun mana qulqullummaa isa tokkicha lafa kana irra turuu isaa Macaafni Qulqulluun dubbatudha. Kunis mana qulqullummaa kakuu isa jalqabaa akka ta’e Phaawulosiin dubbatameera. Garuu kakuun haaraan mana qulqullummaa hin qabuu?WG 306.5

    Gara Macaafa Ibirotaatti yeroo deebinu manni qulqullummaa kakuu haaraa yookiin lammataa sagalee Phaawulos duraan dubbate keessa akka jiru warri dhugaa barbaadan bira ga’aniiru: “Kakuun inni duraa iyyuu lafa kana irratti seerrata sagadaa, godoo qulqullaa'aas qaba ture.” Jechi “iyyuu” jedhu Phaawulos duraan waa’ee mana qulqullummaa dubbachuu isaa argisiisuuf dhimma itti ba’ame. Gara jalqaba boqonnaa isa kana dura turetti yeroo deebinu akkasitti dubbifama: “Wanta dubbannu keessaa, Nuyi angafa lubootaa isa bantii waaqaa keessatti, gara mirga teessoo Waaqayyoo surra-qabeessaa taa'e akkasii qabna isa jedhutu hunduma irra caala. Inni godoo qulqullaa'aa sana keessatti, godoo namni dhaabe utuu hin ta'in, godicha isa dhugaa Waaqayyo gooftaan dhaabe sana keessatti, angafa lubootaa ta'ee in hojjeta.” Ibr. 8:1-2.WG 306.6

    Asitti mana qulqullummaa kakuu haaraatu mul’ate. Manni qulqullummaa kakuu isa jalqabaa harka namaatiin dhaabate, Museedhaan ijaarame; inni kun namaan utuu hin taane gooftaadhaan dhaabate. Mana qulqullummaa is sana keessatti luboota biyya lafaatu tajaajila kenna; isa kana keessatti Kiristos, angafa lubaa keenya isa guddaatu mirga Waaqayyoo ta’ee tajaajila. Manni qulqullummaa inni tokko lafara ture, inni kaan immoo Waaqa irra jira.WG 307.1

    Itti dabalees godoon inni Museedhaan ijaarame fakkeenya isaatti tolfame. Gooftaan akkas jedhee isa qajeelche: “Iddoo buufataa sanaaf mi'a isaa hundumaa akka fakkeenya isa ani sitti argisiisuutti hojjedhu!” Ammas akkas jedhee isa abboome, “Akka fakkeenya isa tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti ilaalii hojjedhu!” S/Ba’uu 25:9, 40. Phaawulos godoon inni jalqabaa “fakkeenya bara si'anaa ti; akka qophee kanaatti kennaawwan, aarsaawwan” keessatti dhiyeefamaniidha; iddoon inni qulqulluun isaas “gaadidduu isa waaqa” ti, luboonni akka seeraatti kennaa dhiyeessan “akka fakkeenyaa fi gaaddidduu isa waaqa irraatti” hojjetu, “Kiristos iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu, harkaan ijaarame fakkaattii isa dhugaa sanatti gale miti inni bantii waaqaatti iddoo itti amma Waaqayyo duratti nuuf mul'atutti gale.” Ibr. 9:9, 23; 8:5; 9:24.WG 307.2

    Manni qulqullummaa inni waaqa keessaa inni Yesus bakka keenya bu’ee keessatti nuuf araarsu isa jalqabaa (original), yeroo ta’u, manni qulqulluummaan Museen ijaare immoo jaltuu /garagalcha / (copy) isaati. Waaqayyo warra mana qulqullummaa isa lafa irraa ijaaran irra Hafuura Isaa Kaa’eera. Ogummaan hojii harkaa ijaarsa isaa keessatti mul’ate ogummaa Waaqayyoo ture. Keenyan isaa bifa warqee guddaa ifa qodaa ibsaa torbanii isa warqee irraa tolfamee kallattii hundumaatti callaqisu qaba ture. Teessumni buddeen ilaalchaa fi iddoon aarsaa ixaanaa akka warqee qulqulluu calaqqisa ture. Golgaan miidhagaan inni demdemoon (tishoon) isaa irraa tolfame fakkii ergamootaa bifa cuquliisaa, boorajjii fi diimaatiin bifeeffamee miidhagina isaa dabale. Golgaa lammaffaa duubaan gaachana firdii qullaa’aa (holy Shekinah) mul’achuun ulfina Waaqayyoo irratti argamu, isa angafa lubaa irraa kan hafe namni kam illee itti seenuu fi bira jiraachuu hin dandeenyetu jira.WG 307.3

    Godoon lafa irraa inni miidhaginni isaa qixxee hin qabne mana qulqullummaa samii isa Kiristos dura buutuun keenya keessatti fuula Waaqayyoo duratti nuuf araarsuu dha. Iddoon buufata mootii moototaa bakka warri kuma kumaatamatti lakkaa'aman isaaf in hojjetanii fi warri miliyoonii baay'eetti lakkaa'amanis isa dura dhaabataniidha (Daan. 7:10); manni qulqullummaa sun iddoo suraafeloonni warri eegduu balaqqisu ta’an Ijaarsa isaa isa ulfina qabeessa harka namaatiin hin ijaaramiin keessatti ulfinaa fi guddina isaa arguu danda’uudhaan ulfina fuula isaanii golboobbatan bakka itti argamanii fi iddoo ulfinni teessoo barabaraa guuteedha. Haa ta’u malee dhugaan barbaachisaan waa’een mana qulqullummaa waaqa irraa fi hojiin guddaan dhimma fayyina namaatiif achi keessatti geggeefamu mana qulqullummaa waaqa irraa fi tajaajila isaa keessatti ta’uun barsiifame.WG 307.4

    Iddoon qulqulluun kan mana qulqullummaa waaqa irraa kutaa lamaan mana qulqullummaa lafa irraatiin bakka bu’e. Yeroo ergamaa Yohannisiif mul’atni mana qulqullummaa waaqa irraa kennameef, “teessicha fuula duratti guci ibiddaa torba boba'u” achitti arge. Mul. 4:5. Inni “iddoo aarsaa warqee irraa hojjetame isa teessicha fuula duraa sana irratti, kadhata warra Waaqayyoof qulqullaa'anii hundumaa wajjin akka inni dhi'eessuuf, ixaanni baay'een ergamichatti kennamuu” isaa arge. Mul. 8:3. Asitti raajiin kun mana qulqulluummaa isa waaqa irraa kutaa tokkoffaa isaa akka ilaaluuf isaaf heyyamame; innis “guca ibiddaa torba” fi “iddoo aarsaa warqee irraa hojjetame” mana qulqullummaa lafa irraa keessatti qodaa ibsaa warqee irraa hojjetamee fi iddoo aarsaa ixaanaatiin bakka buufamee arge. Kana booddee “manni qulqullummaa Waaqayyoo inni waaqa keessaa banamee” (Mul.11:19) golgaa isa gara keessaa keessatti iddoo qulqulluu qulqulootaa ilaale. Achi keessatti “sanduuqi kakuu” inni sanduqa Museen abboommiin Waaqayyoo akka keessa ka’amuuf tolcheen kan bakka buufame arge.WG 307.5

    Kanaaf mata duree kana kan qoratan waaqa keessa manni qulqullummaan jiraachuu isaa ragaa hin falmisiifne argataniiru. Museen mana qulqullummaa isa lafa irraa fakkeenya isatti argisiifameen hojjete. Fakkeenyi kun mana qulqulummaa dhugaa isa waaqa keessaa akka ta’e barsiisa. Yohannisis waaqa keessatti kana arguu isaa dhugaa ba’a.WG 308.1

    Mana qulqullummaa isa waaqa keessaa, isa iddoo buufata Waaqayyoo ta’e keessa, teessoon isaa qajeelummaa fi firdiidhaan jabaatee jira. Iddoo qulqulluu qulqulootaa keessa kan sanyiin namaa ittiin qoramu, qajeelfama tolaa isa gudda kan ta’e seera isaatu jira. Saanduqi inni seerri kurnan keessa jirus teessoo araarsuu isa Kiristos bakka cubbamaa bu’uudhaan fuula isaa dura dhaabbatee dhiiga isaatiin araarsuun aguugamee jira. Karoora fayyuu dhala namaa keessatti araarrii fi firdiin tokko ta’anii kan argaman akkasitti. Tokkummaa kan ogummaa isa daangaa hin qabnee qofaatu karoorsu danda’a, humna isa daangaa hin qabneetu raawwata; tokkummaan kunis isa samii guutummaa dinqifannaa fi ulfinaan guutuudha. Mana qulqullummaa lafa irraa keessatti inni kirubeelonni kabajaan gara teessoo araarsuu ilaalan, isa macci samii hojii fayyinaa xiyyeefannaadhaan ilaalan bakka bu’a. kun dhoksaa araaraa isa ergamoonni ilaaluu hawwaniidha — innis Waaqayyo cubbamaa qalbii jijjiirratu tolaa yeroo taasisu fi hariiroo sanyii kufanii wajjin qabu yeroo haaressu innis tolaa ta’uu danda’uu isaati; Kiristosis lakkoobsa kan hin qabne warra kufan halayyaa badiisaa keessaa gugguufee ol kaasuu fi uffata qajeelummaa isaa isa mudaa hin qabne isaanitti uffisee ergamoota tasa kufanii hin beeknetti isaan dabalee barabaraan fuula Waaqayyoo dura akka jiraataniif dhoksaa hawwii inni qabuudha.WG 308.2

    Hojiin Kiristos akka araarsaa sanyii namaatti godhu ilaalchisee raajii Zakkaariyaas keessatti akkasitti bifa miidhagaatiin dubbatame “Kunoo namni maqaan isaa Latii jedhamu tokko as jira; inni iddoo jiru sanatti damee in godhata, Waaqayyoofis mana qulqullummaa in ijaara. Isatu mana qulqullummaa Waaqayyoof ijaara; inni surraa uffatee teessoo isaa irra taa'ee in mo'a; lubni tokkos teessoo isaa bukkee in jiraata; isaan lamaan nagaadhaan walii wajjin in mari'atu’ jedhe;” Zaka. 6:12, 13.WG 308.3

    “Isatu mana qulqullummaa Waaqayyoof ijaara;” Aarsaa fi araarsuu isaatiin Kiristos bu’uuraa fi ijaartuu waldaa Waaqayyooti. Ergamaan Phaawulos gara isaatti argisiisuudhaan inni “dhagaa golee qajeelchuudha. Guutummaan ijaarsa sanaa isumaan walitti qabamee, mana qulqullummaa Waaqayyoo ta'uudhaaf gooftaatti in guddata. Isinis immoo isumaan mana isa Waaqayyo hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii itti ijaaramuu keessan” jedha. Efee. 2:20-22.WG 308.4

    “Inni surraa in uffata.” ulfinni furamuu sanyii namaa kan Kiristos. Faarfannaan warra furamanii baroota lakkoobsa hin qabneef akkas kan jedhu ta’a: “Inni nu jaallatee, dhiiga isaa isa nuuf dhangala'een cubbuu keenya irraa nu fure…. Isaaf ulfinnii fi aangoon baraa hamma bara baraatti haa ta'u! Ameen.” Mul. 1:5,6.WG 308.5

    “Inni teessoo isaa irra taa'ee in mo'a. Teessoo isaa irrattis luba in ta’a.” Mootummaan ulfinaa sun amma illee waan hin dhufneef, mootummaa ulfinaa isaarra kan inni taa’u amma miti. Hojiin inni akka araarsaatti hojjetu hamma xumuramutti Waaqayyo “teessoo abaabilii isaa Daawitiin” “mootummaa isa “dhuma hin qabne” hin kennuuf. Luq. 1:32, 33. Amma Kiristos akka lubaatti abbaa isaa wajjin teessoo irra taa’ee jira. Mul. 3:21. Teessoo kana irratti Isa barabaraa, Isa ofiin of jiraachisuu wajjin “dhugumaan dhiphina keenya of irra kaa'e, muddama keenyas baate jira;” inni “Cubbuutu irraa dhabame malee, isa karaa hundumaan akka keenya qorame dha” “warra qoramni itti dhufu gargaaruu in danda'a.” “Namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna,” Isa. 53:4; Ibr.4:15; 2:18; 1Yoh. 2:1. Araarsuun isaa dhagna waraanamee fi caccabeen, jireenya mudaa hin qabneenis. Harki inni madaa’e, cinaachi inni waraanamee fi milli inni dhiige namoota kufan, warra furamuun isaanii gatii hammana hin jedhamneen bitameef araara kadhata.WG 309.1

    “Isaan lamaan nagaadhaan walii wajjin in mari'atu” jaalalli Waaqayyoo inni jaalala ilmaa gadi hin taane sanyii namaa badeef burqa fayyinaati. Utuu isaan biraa hin adeemin fuula dura Yesus bartootaan akkas jedhe: “ani immoo abbaatti isiniif nan dubbadha isiniin hin jedhu. Abbaan ofii isaa isin in jaallata.” Yoh. 16:26, 27. Waaqayyo “karaa Kristos biyya lafaa ofitti araarse.” 2 Qor. 5:19. Tajaajila mana qulqullummaa isa olii keessatti ta’u irratti “mareen nageenyaa isaan lamaan gidduutti in ta’a.” “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; Kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” Yoh.3:16.WG 309.2

    Manni Qulqullummaa maali? Gaaffiin jedhu Macaafa Qulqulluutiin deebii ifaa ta’e argateera. Macaafa Qulqulluu keessatti jechi “mana qulqullummaa” jedhu jalqaba godoo isa fakkeenya waan waaqatti Museedhaan ijaarame ilaalata; lammaffaa immoo “godoo isa dhugaa” waaqa keessaa isa inni lafa irraa gara isaa argisiisuudha. Tajaajilli inni fakkeenya ta’e du’a Kiristosiin dhaabbate. “Godoon dhugaan” inni waaqa keessaa mana qulqullummaa kakuu haaraati. Raajiin Daani’eel 8:14 yeroo raawwatamu, manni qulqullummaa isa keessatti caqafame kun mana qulqullummaa kakuu haaraa ilaallata. Bara 1844 keessa Guyyaan 2300 yeroo xumurame jaarraa hedduutiif manni qulqullummaa lafa irra hin turre. Kanaaf raajiin “Hamma ganamaa fi galgala kuma lamaa fi dhibba sadiitti in tura; kana booddee iddoon qulqullaa'aan sun qajeeltootti in deebifama jedhu” mana qulqullummaa isa waaqa keessaa kan argisiisu ta’uun isaa gaaffii hin qabu.WG 309.3

    Garuu gaaffiin caalaatti barbaachisaan deebi’uu qabu kan biraan hafeera: innis mana qulqullummaa qulqulleessuu jechuun maali? Tajaajilli mana qulqullummaa lafa irraa wajjin walitti hidhame akka jiru caaffanni kakuu moofaa in ibsa. Garuu waaqa keessa wanti qulqullaa’uu qabu jiraa? Manni qulqullummaa lafa irraa fi waaqa keessaa qulqulleefamuu akka qabu Ibiroota 9 keessatti ibsamee barsiifameera. “Dhuguma iyyuu akka seerichaatti wanti hundinuu, dhiigaan in qulleeffama jechuun in danda'ama; dhiiga utuu hin dhangalaasin immoo dhiifamuun cubbuu hin jiru. Egaa wanti akka isa waaqa irraatti garagalfaman kun isaan kanaan qulleeffamuun in ta'aaf; warri waan dhugaa ta'anii waaqa irra jiran garuu ofii isaaniitii aarsaa isaan kana irra caalaniin (dhiiga Kiristos isa gatii guddaa qabuun) qulleeffamuu isaan barbaachisa.” Ibr. 9:22, 23.WG 309.4

    Tajaajila isa gadidduu ta’ee fi isa dhugaa keessatti lamaan isaa iyyuu qulqulleessuun dhiigaan raawwatamuu qaba; inni jalqabaa dhiiga horiitiin; inni lammaffaan immoo dhiiga Kiristosiin. Qulqulleessuun kun dhiigaan raawwatamuu kan inni qabuuf maaliif akka ta’e yeroo ibsu Phaawulos dhiiga utuu hin dhangalaasin immoo dhiifamuun cubbuu hin jiru jedhee dubbata. Dhiifamuun cubbuu yookiin cubbuu dhabamsiisuun hojii raawwatamuu qabudha. Garuu samii keessattis ta’e yookiin lafa irratti cubbuun attamitti mana qulqullummaa wajjin walitti dhufuu danda’e? Kun tajaajila isa gaadidduu (fakkeenya) ta’e ilaaluudhaan baramuu in danda’a; sababni isaa luboonni warri lafa irratti tajaajilan “akka gaadidduu isa waaqa irraatti garagalfame sanaa keessatti in hojjetu” waan ta’eef. Ibr. 8:5.WG 310.1

    Tajaajilli mana qulqullummaa lafa irraa kutaa lama qaba: kutaa qulqulluu keessatti luboonni guyyaa guyyaatti tajaajilu, kutaa qulqulluu qulqullootaa keessatti immoo angafni lubaa waggaatti si’a tokko mana qulqullummaa qulqulleessuuf hojii araarsuu adda ta’e raawwata. Guyyaa guyyaatti cubbamaan qalbii jijjiiratu kennaa isaa gara balbala godoo mana qulqullummaa fidee harka isaa mataa horii aarsaadhaaf dhiyaatee irra kaa’uudhaan cubbuu isaa himata, akkasitti cubbuun isa irraa gara horii aarsaa mudaa hin qabneetti darba. Kana booda horiin sun in qalama. Utuu dhiiga hin dhangalaasin immoo dhiifamuun cubbuu hin jiru jedha ergamichi. Lubbuun uumama foon uffatee dhiiga keessa jira.” Leww. 17:11. Seerri Waaqayyoo inni cabe lubbuu cubbamaa gaafate. Dhiigni lubbuu cubbamaa isa cubbuun balleesse, isa yakka isaa horiin qulqulluun baatteef bakka bu’a, isas lubni fuudhee gara iddoo qulqulluutti galuudhaan golgaa fuula dura, iddoo saanduqa kakuu isa seerri Waaqayyoo inni cubbamaan irra daddarbe keessa jiru duubatti facaafama. Sirna Kanaan cubbuun karaa dhiigaa gara mana qulqullummaatti darba. Haala tokko tokko keessatti dhiigni gara kutaa qulqulluutti hin geeffamu; garuu foonni horii Sanaa akkuma Museen ijoollee Aarooniin abboometti lubootaan nyaatama ture: “Waaqayyo akka isin yakka jaraa irraa fuutanii fuula isaa duratti araara isaaniif buuftaniif aarsaa sana isiniif kenneera.” Leww. 10:17. Sirni lamaan isaa keessatti bifa wal fakkaatuun cubbuun isa cubbuu himate irraa gara mana qulqullummaatti darba.WG 310.2

    Waggaa guutuu hojii akkasiitu guyyaa guyyaadhaan geggeefama ture. Cubbuun Israa’el akkasitti gara mana qulqullummaatti waan darbuuf kana balleessuuf hojii addaatu barbaachise. Kutaa mana qulqullummaa hundumaaf araarsuun akka ta’u Waaqayyo abboome. “Inni akkasitti sababii xuraa'ummaa, irra-daddarbaa fi cubbuu namoota Israa'el hundumaaf, iddoon inni qulqullaa'aan sun akka hin xuroofne in godha; dunkaana walga'ii isa xuraa'ummaa isaanii keessa isaan gidduu jiru sanaaf akkasuma in godha. Iddoo aarsaatiifis araarsuun in barbaachisa ture, “xuraa'ummaa namoota Israa'el irraa addaan baasee iddoo aarsaa sana haa qulqulleessu!” Leww. 16:16, 19.WG 310.3

    Angafni lubaa waggaatti si’a tokko, guyyaa araaraa isa guddaatti mana qulqullummaa qulqulleessuuf gara kutaa qulqulluu qulqulootaatti seena. Hojiin achi keessatti raawwatamu tajaajila marsaa waggaa sana keessatti ta’e xumura. Guyyaa araaraa kanatti Korbeeyyii reettii lamatu gara balbala godoo waldaatti dhiyaata, Korbeeyyii sana lamaan irratti mukti lama haa buufamu! “Mukti inni tokko kan irra bu'e ana Waaqayyoof, mukti inni kaan kan irra bu'e immoo gad dhiifamuudhaaf haa ta'u!” Lakk. 8. Reettiin inni mukti Waaqayyoo irra bu’e kennaa cubbuu sabaatiif qalama. Lubni dhiiga isaa golgaa keessatti ol galchuudhaan teessoo araarsuu irratti fi teessoo araarsuu duratti facaasa. Akkasumas dhiigni sun iddoo aarsaa ixaanaa isa golgaa fuula dura jiruttis in facaafama.WG 310.4

    “Harka isaa lamaan mataa korbeessa isa fayyaatti jiru sana irra kaa'ee, yakka, irra-daddarbaa fi cubbuu namoota Israa'el hundumaa beeksisee, mataa korbeessichaa irra erga kaa'ee booddee, korbeessicha nama hojii kanaaf qophaa'ee jirutti kennee lafa onaa keessatti gad akka dhiisu in godha; Namichi sun korbeessicha lafa onaa keessatti gad in dhiisa, korbeessichi akkasitti yakka isaanii hundumaa of irratti baatee iddoo onaatti in geessa.” Lakk. 21, 22. Korbeessi reettii inni gad dhiifamu gara waldaa Isra’elitti hin deebi’u, namni gara lafa onaa keessatti gadi dhiisu immoo utuu gara waldaatti hin deebi’iin uffata isaa fi mataa isaa bishaaniin dhiqachuu qaba.WG 311.1

    Guutummaan sirna kanaa kan inni karoorfameef Israa’eloonni waa’ee qulqullummaa Waaqayyoo fi inni cubbuu akka hin jaallanne isaan hubachisuu fi kan xuraa’an yoo ta’an malee cubbuu wajjin wal quunnamuu akka isaan hin qabne isaan hubachiisuuf jedhameeti. Hojiin araarsuu adeemsifamaa yeroo jiru namni hundumtuu lubbuu isaa gadi deebisuu qaba. Hojiin hundinuu dhiifamee waldaan Israa’el guutummaan fuula Waaqayyootti gadi of deebisuudhaan, kadhannaadhaan, soomaa fi garaa ofii qoruudhaan guyyaa sana dabarsu.WG 311.2

    Dhimma araarsuu ilaalchisee dhugaa barbaachisaatu karaa tajaajila gaadidduu ta’ee barsiifame. Cubbammaa kan bakka bu’u fudhatama qaba ture; garuu dhiiga horii aarsaatiin cubbuun hin haqamu ture. Kanaaf karaa ittiin cubbuun gara mana qulqullummaatti darbutu karoorfame. Cubbamaan kennaa dhiigaatiin aangoo seeraa hubachuudhaan yakka isaas himatee fayyisaa dhufutti amanuudhaan dhiifama argachuuf fedhii qabu argisiise; haa ta’u malee garuu adaba seeraattii amma illee guutummaatti hin hiikamne. Guyyaa Araaraatti angafni lubaa saba keessaa kennaa aarsaa fudhachuudhaan dhiiga aarsaa kanaa wajjin gara kutaa qulqulluu qulqullootaatti seena, isas gaaffii inni (seerri) gaafatuu quubsuuf teessoo araarsuu irratti, kallattii seerichi jirutti dhiigicha facaasa. Kana booda hojii araarsuu isaatiin cubbuu sana mataa isaatti fudhatee mana qulqullummaa keessaa gadi ba’a. Mataa korbeessa reettii isa gadi dhiifamu irra harka isaa kaa’ee cubbuu kana hunda erga himatee booda mataa isaa irraa gara korbeessa reettiitti dabarsa. Korbeessi reettiis isa in baata, haala Kanaan cubbuun barabaraan saba irraa akka fagaatetti ilaalama. “Fakkeenyaa fi gaadidduu waan waaqaatti” hojii akkasiitu raawwatama. Wanti tajaajila mana qulqullummaa lafa irraa keessatti fakkeenya godhame, tajaajila mana qulqulummaa waaqa irra keessatti immoo qabatamaadha (dhugaadha). Fayyisaan keenya ol butamuu isaa booda akka angafa lubaa keenyatti hojii Isaa eegale. Phaawulos akkas jedha: “Kristos iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu, harkaan ijaarame fakkaattii isa dhugaa sanatti gale miti inni bantii waaqaatti iddoo itti amma Waaqayyo duratti nuuf mul'atutti gale.” Ibr.9:24.WG 311.3

    Tajaajilli lubni waggaa guutuu kutaa mana qulqullummaa isa jalqabaa keessatti, “keessoo golgichaa” isa kutaa qulqulluu oobdii isa bakkee irraa adda baasu keessatti godhamu, hojii tajaajilaa isa Kiristos yeroo ol ba’e itti seene bakka bu’a. Dhiiga aarsaa cubbuu, akkasumas ixaana isa kadhannaa Israa’elii wajjin ol ba’u fuula Waaqayyootti dhiyeessuun hojii tajaajila guyyaa guyyaati. Yesusis akkasitti bakka cubbamaa bu’ee dhiiga isaatiin Abbaatti araarsa, akkasumas kadhannaa amantoota cubbuu isaaniitti gaabbanii qajeelummaa ofii isaatii isa foolii gaarii qabuu wajjin fuula Isaatti dhiyeessa. Hojiin tajaajila mana qulqulummaa samii kutaa tokkoffaa keessatti raawwatamu kan akkasiiti.WG 311.4

    Yeroo inni ija isaanii duraa ol fuudhame amantiin bartoota Kiristos warra isa hordofanii isa duukaa achi galee ture. Abdiin isaaniis achira akka ture yeroo dubbatu Phaawulos akkas jedha, “Akka qofoon sibiilaa markaba qabee dhaabu, nuyis abdii amanamaadhaa fi cimaa lubbuun qabatee dhaabatu qabna; inni iddoo hundumaa irra caalaa qulqulluu gara isa keessaa iyyuu in ga'a. Iddoon sun isa Yesus dura adeemee nuuf lixee dha.” “Kiristos aarsaadhaaf dhiiga re'ootaa fi dhiiga jibootaa baate utuu hin ta'in, dhiiga ofii isaa dhangalaasuu isaatiin al tokko bara baraan gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti ol gale; nuufis furee bara baraa argate.” Ibr.6:19, 20; 9:12.WG 311.5

    Hojiin tajaajila kanaa kutaa mana qulqullummaa isa jalqabaa keessatti jaarraa kudha — saddeetiif itti fufe. Dhiigni Kiristos bakka amantoota cubbuu isaanitti gaabbanii bu’ee isaaniif kadhatee Waaqayyoon duratti fudhatamuu fi dhiifamuu cubbuu isaan argachiise, haa ta’u malee cubbuun isaanii macaafota irratti akka galmaa’etti hafee jira. Akka tajaajila isa fakkeenya (gaadidduu) ta’eetti xumura waggaatti hojiin araarsuu jira, kanaaf utuu hojiin Kiristos fayyina dhala namaatiif hojjetu hin xumuramiin fuula dura mana qulqullummaa keessaa cubbuu balleessuuf hojiin araarsuu ni godhama. Kun immoo tajaajila isa xumura guyyoota 2300 tti jalqabameedha. Yeroo sana, akkuma raajicha Daaní’eeliin dursee dubbatame, angafni lubaa keenya hojii isaa keessaa kutaa isa ulfina qabeessa xumuraa raawwachuuf — mana qulqullummaa qulqulleessuuf gara iddoo qulqulluu qulqulootaatti seene.WG 312.1

    Akkuma bara durii cubbuun namootaa amantiidhaan aarsaa cubbuuf dhi’aatu irra kaa’amee karaa dhiiga isaatii gara mana qulqullummaa isa lafa irraatti darbaa ture, kakuu isa haaraa keessattis cubbuun warra qalbii jijjiiratanii amantiidhaan Kiristos irra kaa’amee gara mana qulqulummaa isa waaqa irratti darba. Cubbuu isa mana qulqulummaa xureesse dhabamsiisuudhaan qulqulleessuun mana qulqulummaa waaqa irraa akkuma raawwatamu, cubbuu isa achitti galmeeffamee jiru haquudhaan yookiin dhabamsiisuudhaan qulquleessuun mana qulqullummaa waaqa irraa sirriitti ni raawwatama. Garuu kun utuu hin raawwatamiin fuula dura cubbuu irraa qalbii jijjiirachuu fi Kiristositti amanuudhaan araara isaa fudhachuu (argachuu) kan qaban eenyu akka ta’e murteessuuf galmeen macaafotaa qoratamuu qabu. Kanaaf mana qulqulummaa qulqulleessuun hojii sakkata’umsaa — hojii murtii gaafata. Hojiin kun utuu Kiristos saba isaa fayyisuuf hin dhufiin fuula dura raawwatamuu qaba; sababni isaa yeroo dhufu gatii isa adduma addaan akka hojii isaatiitti namaaf kennus fidee dhufa. Mul.22:12.WG 312.2

    Kanaaf warri ifa sagalee raajii hordofan 1844 guyyoonni 2300 yeroo xumuraman Kiristos yeroo sana qooda gara biyya lafaa dhufu, cufamuu hojii araaraa qophii dhufa isaa raawwachuuf mana qulqullummaa waaqa irraa gara kutaa qulqulluu qulqullootaatti akka gale argan.WG 312.3

    Akkasumas, aarsaan cubbuu Kiristosiin akka aarsaatti kan argisiisu, angafni lubaa immoo Kiristosiin akka araarsaatti akka bakka bu’utu mul’ate, korbeessi reettii inni gadi dhiifamu sun immoo seexana isa madda cubbuu ta’e, isa cubbuun warra cubbuu isaaniitti gaabbanii xumuratti isa irra kaa’amutti fakkeeffama. Angafni lubaa dhiiga aarsaa cubbuutiin mana qulqullummaa keessaa yeroo cubbuu gadi baasu korbeessa reettii sana irra kaa’a. Kiristosis xumura tajaajila isaatti dhiiga ofii isaatiin mana qulqullummaa waaqa irraa keessaa cubbuu saba Isaatii yeroo haqu, yakka hundumaa fuudhee seexana isa yeroo murtiin raawwatamu adaba hunda fudhachuu qabu irra kaa’a. Korbeessi reettii inni gadi dhiifamu sun akka deebi’ee gara waldaa Israa’eliin hin dhufnetti lafa namni hin jirretti geeffama. Akkuma kana immoo seexanni bakka Waaqayyoo fi sabni isaa itti argaman keessaa in ari’atama, badiisa cubbuu fi cubbamootaa isa xumuraatiin jireenya keessaa haxaa’amee ni bada.WG 312.4

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents