Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Wal’aansoo Isa Guddaa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 25—Seera Waaqayyoo Isa Hin Jijjiiramne

    “Kana booddee manni qulqullummaa Waaqayyoo inni waaqa keessaa banamee, sanduuqi kakuu mana qulqullummaa Isaa keessaas in argame.” Mul. 11:19. Saanduqi kakuu Waaqayyoo kutaa mana qulqullummaa isa lammaaffaa, iddoo qulqulluu qulqullootaa (iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu) keessatti argama. Tajaajila mana qulqullummaa lafa irraa, “inni akka fakkenya fi gaaddidduu wanta waaqarraatti garagalfame” (Ibr 8:5) kutaan kun gaafa guyyaa araaraa isa guddicha qofa banama. Kayyoon banamuu isaatii immoo mana qulqullummaa qulleessuufi dha. Kanaaf iyyuu, labsiin “manni qulqullummaa Waaqayyoo inni waaqa keessaa banamee, sanduuqi kakuu mana qulqullummaa Isaa keessas in argame” jedhu kun, waa’ee banamuu iddoo qulqulluu qulqullootaa mana qulqullummaa samii, isa gaafa Yesuus hojii araaraa isa xumuraa hojjechuuf jecha mana qulqullummaa waaqarratti ol-seenee raawwatamee sanaa agarsiisa. Kunis immoo kan inni ta’e bara 1844tti ture. Yeroo inni iddoo qulqulluu qulqullootaatti seenee tajaajila isaa jalqabe sana warri amantiidhaan angafa lubaa isaanii isa guddicha hordofan, sanduqa kakuu isaa argan. Isaan waa’ee mana qulqullummaa yeroo qayyabatan fayisaan tajaajila Isaa akka jijjiire hubatan; akkasumas, dhiiga Isaatiin cubbamootaaf kadhachuu keessatti saanduqa kakuu Waaqayyoo fuul-duratti tajaajilaa akka Inni jiru argan.WG 319.1

    Mana qulqulluummaa lafarraa keessa Saanduqi inni ture sun gabateewwan dhagaa lamaan warra seerri Waaqayyoo irratti caafamantu of keessaa qaba. Fayidaan saanduqa sanaa gabatewwan abboommonni Waaqayyoo irratti caafamanii turan sana baachuu qofa yeroo ta’uu, saanduqa sana gati-qabeessaa fi qulqullaa’aa kan taasisu garuu seera Waaqayyoo sana dha. Yeroo manni qulqullummaa Waaqayyoo inni waaqa keessaa banamee, sanduuqi kakuu Isaa in argame. Seerri Waaqayyoo inni bakakkaa isa tulluu Siinaa irratti dhagaa’amee sana keessaan karaa afaan Waaqayyoo dubbatamee fi inni quba harka Waaqayyootiin gabateewwaan dhagaa irratti bareeffame, mana qulqullummaa samii keessaa, iddoo qulqulluu qulqullootaa keessa qulqullummaadhaan kaa’amee jira.WG 319.2

    Seerri Waaqayyoo inni mana qulqullummaa samii keessa jiru isa jalqabaa yookiin oriijinaala guddaa yeroo ta’u, abboommonni warri gabatewwaan dhagaa irratti qirixamani fi macaafota Musee shanan keessatti karaa Musee caafaman garagalcha isaati. Namoonni tuqaa barbaachisaa kana hubachuu bira ga’an hundinuu, amalli seera Waaqayyoo qulqullaa’aa fi kan hin jijjiramne ta’uu isaa hubataniiru. Sagalee Fayisaa isa “hamma waaqnii fi lafti badanitti seericha keessaa fidalli xinnaan tokko yookiis gar tokkoon fidalaa utuu fiixaan hin ba'in hin badu” (Mat. 5: 18) jedhu keessa humni jiru humna akkamii akka ta’e haala kanaan dura arganii hin beekneen argan. Seerri Waaqayyoo, agarsiiftuu fedha Waaqayyoo fi barreeffama amalasaa sababa ta’eef, “inni akka dhuga baatuu amanamtuu Waaqa keessaa” barabaraan jiraachuu qaba. Faar 89:37. Abboommota Isaa keessaa tokko illee hin haqamne, tuqaan yookiis xiqqoodhumti ishee illee hin jijjiiramne. Daawwit abbaan faarsaa akkana jedha: “Dubbiin kee yaa Waaqayyo, bara baraan, bantiiwwan waaqaa keessatti jabaatee dhaabateera.” “Abboommiin isaa hundinuus amansiisaa dha; yeroo hundumaaf baruma baraan jabaatanii in dhaabatu.” Far. 119: 89; 111:7, 8.WG 320.1

    Abboommiin afuraffaa akkuma gaafa jalqaba labsameetti, onnee abboommii kurnanii keessatti argama. “Guyyaa Sanbataa qulqullinatti eeguudhaaf yaadadhu! Guyyaa ja'a hojii kee hojjedhu, jiruu kees hundumaa godhadhu! Guyyaan inni torbaffaan garuu Sanbata ana Waaqayyo gooftaa keetiif eegamuu dha; ati, ilmi kee, intalli kee, hojjetaan kee, hojjettuun kee, horiin qe'ee kee, galaan kellaa kee keessa jirus isatti hojii tokko illee hin hojjetin! Ani Waaqayyo guyyaa ja'a keessatti bantii waaqaa fi lafa, galaana, wanta isaan keessa jiru hundumaas uumee, guyyaa torbaffaatti nan boqodhe; kanaaf ani Waaqayyo guyyaa Sanbataa nan eebbise, nan qulqulleesses” jedha. S/Ba’uu 20:8-11.WG 320.2

    Hafuurri Waaqayyoo onnee barattoota warra sagalee isaa qayyabatanii ni tuqe. Wallaalummaa isaanii irraan kan ka’e, guyyaa boqonnaa uumaatiif kabaja kennuu dhiisanii abboommii kana irra daddarbaa akka turan isaan amansiise. Isaanis, sababii maaliitiif guyyaa isa Waaqayyo qulquleessee dhiifne guyyaa jalqaba torbanii kabajna jedhanii qorannaa geggeessuu jalqaban. Abboommiin afuraffaa balleeffamuu isaa yookaan guyyaan sanbataa jijjiramuu isaa kan dhugoomsu Macaafa Qulqulluu keessaa ragaa tokko illee hin arganne. Eebbi inni yeroo jalqabaa abboommii afuraffaa qulqulleesse iddoodhaa hin kaafamne. Isaan fedha Waaqayyoo baruufis ta’e hojii irra oolchuudhaaf dhimmanii dhugaa barbaadaa turan. Amma, irra-daddarbitoota seera Waaqayyoo ta’uu isaanii yeroo hubatan garaan isaanii gaddaan guutame. Akkasumas, guyyaa sanbata Waaqayyoo qulqullinatti eeguudhaan amanamummaa Isaaf qaban agarsiisan.WG 320.3

    Amantii isaanii garagalchuuf jecha dhama’insa baay’ee fi jabaatu geggeeffame. Manni qulqullummaa inni lafa irraa fakkeenya (gaadidduu) mana qulqullummaa isa waaqa irraati erga ta’ee, seerri inni saanduqa mana qulqullummaa isa lafa irraa keessa ka’ame garagalcha seera isa saanduqa mana qulqullummaa samii keessa jiruu ta’uu isaa eenyu iyyuu hubachuu hin dadhabu. Dhugaa waa’ee mana qulqullummaa samii fudhachuun, gaaffii seerri Waaqayyoo fi seerri sanbataa inni abboommii afuraffaa keessatti kenname dirqama inni nama gaafatuuf beekamtii kennuu of-keessatti hammata. Heertuleen Macaafa Qulqulluu, waa’ee tajaajila isa Yesuus Kiristoos mana qulqullummaa samii keessaatti kennaa jiruu ilaalchisee ibsa wal-hin faallessine kennu. Tajaajila Kiristos mana qulqullummaa samii keessatti kennu ilaalchisee ibsa heertuun Macaafa Qulqulluun kennu irratti mormii hadhaa’aa fi kutannoodhaan guutuu dugda duubaa dhoksaan (iccitiin) jiru kana ture. Namoonni balbala Waaqayyo bane cufanii, isa Waaqayyoo cufe immoo banuu barbaadu. Haa ta’u iyyuu malee, “Inni wanta inni banu namni tokko illee cufuu hin dandeenye, wanta inni cufus; namni tokko illee banuu hin dandeenye, Kunoo, ani balbala banamaa fuula kee dura jiru, isa namni tokko illee cufuu hin dandeenye siif kenneera” jedhee dubbateera. Mul 3:7, 8. Kiristoos balbala yookiis tajaajila iddoo qulqulluu qulqullootaa baneera. Balbala banamaa mana qulqullummaa samii sana keessaa ifni ifaa tureera. Abboommiin afuraffaanis seera isa achi keessatti mul’ifame keessatti hammatamee jira. Wanta Waaqayyoo hundeesse namni kam iyyuu diiguu (balleessuu) hin danda’u.WG 320.4

    Waa’ee hojii araarsuu Yesuusii fi waa’ee barabaraan jiraataa ta’uu seera Waaqayyoo ilaalchise ifa jiru warri fudhatan, dhugaan Mul’ata 14 keessatti dhi’aate kana akka ta’e hubatan. Ergaan boqonnaa kana keessatti kenname, akeekkachiisa gurguddaa sadii kan of-keessaa qabu yeroo ta’u, akeekkachisni kun sadan dhufaatii Gooftaa isa lammaffaaf saba biyya lafaa qopheessu. Ergaa inni “Yeroon firdii isaa dhihaateera” jedhu, tajaajilli Kiristoos fayina ilmaan namootaaf kennaa jiru gara xumuraatti kan dhufe ta’uu isaa agarsiisa. Itti dabalees, hanga gaafa Kiristoos hojii araarsuu Isaa xumuree gara biyya lafaa deebi’ee dhufee saba Isaa fudhatutti dhugaalee lallabamuu qaban labsa. Hojii murtii (firdii) inni bara 1844 jalqabe hanga dhimmi nama hundumaa — kan warra jiraniis ta’e kan warra du’anii — murtii isa xumuraa argatutti itti fufuu qaba. Kunis immoo hanga yeroon araaraa inni ilmaan namootaf kenname cufamutti itti fufa. Namoonni yeroo firdii keessa qophee guutuu qabaatanii fuula Waaqayyoo dura dhaabbachuu akka danda’aniif jecha, ergichi “Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaafii, Isa waaqa, lafa, galaanaa fi burqituu bishaanii uumeefis sagadaa” jedhee abbooma. Bu’aan ergaa kana simatanii fudhachuu karaa dubbii isa “As jira obsi qulqullootaa, abboommii Waaqayyoo kan eeganuu, amantii Yesuusinis” jedhuun kenname. Mul 14:12. Namoonni guyyaa firdiitiif qophaa’uu yoo barbaadan, seera Waaqayyoo eeguun murteessaa dha. Seerichi gaafa guyyaa firdii safartuu amalaa ta’ee dhi’aata. Phaawulos ergaaman Waaqayyoo: “Warri seera qabaatanii yakkan hundinuu, seerichaan isaanitti in faradama. Waan seerichi abboomu warri godhan qajeelota in ta’u” jedha. Room 2:12-16. “Amantii malee Waaqayyoon gammachiisuun waan hin dandaa’amneef,” seera Waaqayyoo eeguuf amantiin barbaachisaa dha. kana malees immoo, “wanti amantiidhaan hin hojjetamne hundinuu cubbuudha.” Ibr 11:6; Room 14:23.WG 321.1

    Ergamaan inni jalqabaa, akka namoonni “Waaqayyoon sodaataniif, ulfinas akka Isaaf kennanii” fi akka uumaa waaqaa fi lafaatti akka Isaaf sagadaniif waamicha isaaniif godhe. Kana gochuuf immoo seera Isaa eeguu qabu. Ogeessichi Solomoon akkana jedha: “Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama; xumurri dubbii dhageenye kana hundumaas isa kana.” Lal. 12: 13. Abboommii Isaatiif utuu hin abboomamin Waaqefannaan Waaqayyoon gammachiisuu danda’u hin jiru. “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha.” “Nama seeraaf hin abboomamne, kadhanni isaa iyyuu ciigga'amaa dha.” 1Yoh 5:3; Fak. 28: 9.WG 321.2

    Dirqamni Waaqayyoon waaqessuu Waaqayyo uumaa fi uumama kan biroo hundumaa kan jiraachisu isa akka ta’e hubachuu irratti kan bu’ureffame dha. Macaafa Qulqulluu keessatti, bakka Waaqayyo waaqayyoolii ormaa hundumaa gararraatti kabajii fi sagadni naaf ta’a jedhee falmii dhi’eesse hundumaa keessatti, ragaa humna uumuu Isaatiitu caqafamee jira. “Waaqayyoliin saba warra kaanii hundinuu kan dhimma hin baafnee dha, Waaqayyo garuu bantiiwwan waaqaa in hojjete.” Far. 96: 5. “Eenyutti ana fakkeessitu? Eenyu wajjinis wal nu qixxeessitu?” jedhe inni qulqulluun. Mee ol jedhaatii ija keessaniin ilaalaa! Urjoota kana hundumaa eenyutu uume? Macca isaanii lakkoobsaan eenyutu gad yaasa? Hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan in waama, inni humna-qabeessaa fi aango-qabeessa waan ta'eef, isaan keessaa kan dhabamu tokko illee hin jiru.” “Waaqayyo inni bantiiwwan waaqaa uume, inni Waaqayyoo dha; inni lafa bifa itti godhee, tolchee jabeessee yommuu dhaabe akka irra jiraataniif malee, bifa hin qabnee fi onaa akka ta'uuf hin uumne; inni, “Ani Waaqayyoo dha, ana malee kan biraa hin jiru.” Isa 40:25, 26; Isa. 45: 18. Daawit abbaan faarsaa akkana jedha: “Gooftichi Waaqayyo akka ta'e beekaa! Isatu nu uume, nuyi immoo kan isaa ti; nuyi saba isaa ti, hoolota tika isaa jala jirruu dha!” “Kottaa in sagannaa gadis in jennaa, Waaqayyo uumaa keenya durattis in jilbeenfannaa!” Far. 100: 3; Far. 95: 6. Qulqulloonni samii warri Waaqayyoon waaqessan illee, sababa maaliitiif akka ulfina Isaaf kennan ni ibsu: “Ati waan hundumaa waan uumteef, isaanis jaalala keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniif, gooftaa keenyaa! Waaqayyo keenyaa! Guddina, ulfina, aangoos fudhachuun siif in ta'a” jedhu. Mul. 4: 11.WG 321.3

    Mul’ata 14 keessatti, namoonni Waaqa isa uumaa ta’e waaqessuutti waamaman; raajiin boqonnaa kana keessatti caafamee jiru kun, garee warra bu’aa ergaa sadan kanaa irraa kan ka’e abboommii Waaqayyoo eegaa jiran ifatti baasee agarsiisa. Abboomota kana hundumaa keessaa abboommiin inni tokko kallattiidhumaan Waaqayyoon akka uumaatti dhi’eessa. Abboommiin afuraffaa akkana jedha: “Guyyaan inni torbaffaan garuu Sanbata ana Waaqayyo gooftaa keetiif eegamuu dha…..ani Waaqayyo guyyaa ja'a keessatti bantii waaqaa fi lafa, galaana, wanta isaan keessa jiru hundumaas uumee, guyyaa torbaffaatti nan boqodhe; kanaaf ani Waaqayyo guyyaa Sanbataa nan eebbise, nan qulqulleesses.” Ser/Ba’uu 20:10, 11. Waa’ee guyyaa sanbataa ilaalchisee Gooftaan akkana jedhee dubbii dabalataa dubbate: “Anaa fi isin gidduutti milikkita akka ta'uuf, Sanbata koo qulqullinatti eegaa! Isinis ani Waaqayyo gooftaa keessan akkan ta'e in beektu.” His. 20: 20. Kana ilaalchisee sababiin kenname immoo, Seera ba’uu 31:17 keessatti “Ani Waaqayyo guyyaa ja'a keessatti bantii waaqaa fi lafa uumee, guyyaa torbaffaatti immoo waanan hojjechaa ture hundumaattii boqodheen aara galfadhe; kun anaa fi saba Israa'el gidduutti bara baraan milikkita in ta'a” jedhe ibsamee jira. Bau. 31: 17.WG 322.1

    “Sanbanni akka yaadannoo uumamaatti kan inni barbaachiseef, Waaqayyoo waaqeffamuudhaaf kan male ta’uu Isaaf sababni dhugaan maal akka ta’e barabaraan yaadachiisuufi dha” — sababiin isaa Inni uumaa keenya, nuti immoo uumama Isaa ti. “Kanaaf iyyuu, sanbanni bifa hawwataa ta’een dhugaa guddaa kana barsiisa waan ta’eef, bu’uurri (hundeen) Waaqayyoon waaqessuu isa irra ka’amee jira. Itti dabalees, sanbata irraan kan hafe dhaabbanni kan biraa kana godhu hin jiru. Kan guyyaa torbaffaa qofa osoo hin taane, bu’uurri waaqeffaanaa dhugaa martinuu garaagarummaa Uumaa fi uumama gidduu jiru irratti hundaa’a. Dhugaa guddicha kana irra yoom iyyuu yeroon hin darbu, akkasumas irraanfatamuu hin qabu.” — J.N. Andrew, History of the Sabbath, chapter 27. Waaqayyo Jannata Qannoo keessatti Sanbata hundeessuun isaa, dhugaa guddaa kana sammuu namootaa keessatti barabaraan hambisuu barbaadeeti. Hanga Isa waaqessuun keenya sababa Inni Uumaa keenya ta’eef ta’ee itti fufutti, sanbanni milikkitaa fi yaadannoo kanaa ta’ee itti fufa. Utuu sanbanni guutummaa addunyaa keessatti kabajameera ta’ee, silaa yaadnii fi fedhiin namootaa gara kabajaa fi waaqeffaannaa Waaqa Isa Uumaa ta’e qofatti harkifama ture. Silaa namoonni waaqa tolfamaatti sagadan, warri waaqayyo hin jiru jedhanii mormanii fi warri amantii hin qabnes hin jiran turan. Guyyaa sanbataa eeguun milikkita (mallattoo) Waaqa Isa dhugaa, “Isa waaqa, lafa, galanaa fi burqituu bishaanii uumeef” amanamuu dha. Ergichi inni Waaqayyoof akka sagadanii fi abboommii Isaas akka eeganiif namootaaf waamicha godhu, karaa adda ta’ee immoo akka isaan abboommii afuraffaa eeganiif isaan yaadachiisa.WG 322.2

    Faallaa warra abboommii Waaqayyoo eeganii fi amantii Yesuusin qabanii, ergamaan sadaffaa immoo gartuu warra sababa dogooggora isaaniif jecha akeekkachiisni cimaa fi sodaachisaan isaan irratti dubbatamee agarsiisa: “Namni bineensichaa fi bifa fakkeenya isaafis yoo sagade, gubaa sanas adda isaatti yookiis harka isaatti yoo fudhate, innis ofii isaatii daadhii waynii dheekkamsa Waaqayyoo, isa utuu makaa hin qabaatin xoofoo dheekkamsa isaatti buufame dhuguuf jira.” Mul 14:9, 10. Ergaa kana sirritti hubachuun kan danda’amu, yoo fakkeenyota ergaa kana keessatti kennamaniif hiikkaan siirrii ta’e kennaman qofa. Bineensi, bifni fakkenya bineensichaa fi mallattoon bineensichaa maalitti fakkeeffama (maal bakka bu’a)?WG 323.1

    Fakkenyonni kun toora raajii mul’ata 12 keessaa jalqabanii kan argaman yeroo ta’u, innis immoo jawwicha isa gaafa Kiristoos dhalate Kiristoosiin balleessuu barbaade irraa jalqabeeti. Jawwichi seexana ta’uun isaa ibsameera (Mul 12:9); Heerodis Fayisaa akka inni ajjeesuuf kan isa kakaase isa. Haa ta’u iyyuu malee, bara Kiristiyaanummaa keessa, jaarraa tokkoffaa keessa bakka bu’aa seexanaa isa olaanaa ta’ee Kiristoosii fi saba Isaa irratti lola geggeessaa kan ture mootummaa Roomaa dha. Amantiin Mootummaa Roomaa keessatti beekamaa ta’e immoo waaqeffannaa waaqa tolfamaa dha. Haala kanaan, jawwichi sadarkaa jalqabaa irratti seexana kan bakka bu’u yoo ta’ellee, sadarkaa lammaaffa irratti immoo Roomaa ishee waaqa tolfamaa waaqessitu bakka bu’a.WG 323.2

    Boqonnaa 13:1-10 keessatti immoo, bineensa kan biraa “Qeerransa fakkaatu,” fi kan jawwichi “humna isaa, teessoo isaa fi aboo isaa” kenneef tokkotu ibsamee jira. Akkuma Pirootestaantonnii baay’een amanan, fakkeenyi kun, Phaaphaasii Roomaa ishee humna, teessoo fi aboo mootummaa Roomaa duriitiin qabamee ture fudhatte bakka bu’a. Waa’ee bineensa isa “qerransa fakkaatu” ilaalchisee sagalee akkana jedhutu caafamee jira: “Dubbii gurratti guddaa fakkaatuu fi Waaqayyoon kan arrabsu dubbachuudhaaf afaan in kennameef… Yommus bineensichi Waaqayyo irratti arrabsoo dubbachuudhaaf, maqaa Waaqayyoo, iddoo buufata isaa, warra waaqa keessa isa bira buufatanis arrabsuudhaaf afaan isaa in bane. Warra Waaqayyoof qulqullaa'an lolee isaan mo'uunis in kennameef; gosa hundumaa irratti, nama hundumaa irratti, afaan hundumaa irratti, saba hundumaa irrattis aboon in kennameef.” Mul 13:5-7. Raajiin kun, gaanfa xiqqaa isa Daani’el 7 keessatti ibsamee jiru wajjin wal-fakkii guddaa qaba sababa ta’eef, gaaffii tokko malee Phaaphaasii ilaallata.WG 323.3

    “… Ji’a afurtamii lamaaf kana gochuudhaaf aboon in kennameef.” Mul. 13: 5. Kana qofas osoo hin taane, raajichi itti dabalee “Mataa isaa torban keessaa inni tokko hamma du'aatti waan madaa'e in fakkaata” jedhee dubbate. Mul. 13: 3. Itti fufee immoo akkana jedhe: “Inni gara boojuutti geggeessu, booji'amuun isaa hin oolu; inni billaadhaan ajjeesus, billaadhaan ajjeefamuun isaa hin oolu.” Mul. 13: 10. Ji’i afurtamii lama “bara tokkoof, bara lamaaf, walakkaa baraa,” wagga sadii fi walakkaa yookaan guyyaa 1260 isa Daani’el 7 keessaatti caqafamee wajjin tokko yeroo ta’u, barri kun bara sabni Waaqayyoo sirna Phaaphaasiitiin hacuucamaa turanidha. Akkuma boqonnaa isa kana fuuldura jiru keessatti ibsame, barri kun, yeroo sirni Phaaphaasii inni bara 538 aangotti ol-ba’e jalqabamee bara 1798 goolabame. Yeroo sanatti, Phaaphaasiin waraana Faransaayiin booji’amuu isaa irraan kan ka’e, aangoon sirna Phaaphaasii madaa du’aan isa ga’u fudhate. Akkataa kanaan “inni gara boojuutti geggeessu, booji'amuun isaa hin oolu” jedhamee dubbiin raajame fiixaan ba’umsa argate.WG 323.4

    Tuqaa kana irratti mallattoo kan biraatu ibsame. Raajichi akkana jedha: “Kana malees bineensa lafa keessaa ba'u biraa tokko nan arge; akka hoolaa gaanfa lama qaba.” Mul. 13: 11. Bifni bineensa kanaa fi akkaataan ka’umsa isaa, mootummaan bineensa kanatti fakkeeffame kun, mootummoota warra jalqaba irratti karaa fakkeenyota kan biraa ibsamanii wajjin garaagara ta’uu isaa ibsa. Mootummoonni gurguddoon addunyaa kana bulchanii darban hundinuu, akka bineensota gara jabeeyyii (adamsanii nyaataniitti) “yeroo qilleessonni bantii waaqaa jalaa golee arfanii qilleensa’anii galaana isa guddaa raasaan” ka’aniitti Daani’el raajichatti mul’ifaman. Dan. 7: 2. Ergamaan waaqayyoo, Mul’ata 17 keessatti, bishaanni “nama baay'ee, tuuta baay'ee, saba baay'ee, afaan baay'eetti” kan fakeeffamu ta’uu isaa ibseera. Mul. 17: 15. Bubbeen (qilleessonni) lolatti fakkeeffama. Qilleensonni golee arfanii galaana raasan weeraraa fi warraqsa gurguddaa mootummoonni aangoo isaanii ittiin qabatan agarsiisa.WG 324.1

    Haa ta’u iyyuu malee bineensi inni gaanfota hoolaa fakkaatan qabu “Lafa keessaa utuu ol ba’uu” mul’ate. Biyyi bineensa kanatti fakkeeffame kun, qooda humna kan biraa garagalchee ofii isaa akka mootummaatti of hundeessu, daangaa duwwaa kanaan dura namoonni irra hin jirre keessaa ka’ee suuta suuta karaa nagaa ta’ee guddachuu qaba. Kanaaf iyyuu, addunyaa moofaa iddoo sab-lammiwwaan heeddun irra jiraanii fi wallansoo geggeessan — iddoo jeequmsa (goolii) galaana “nama baay’ee, tuuta baay’ee, saba baay’ee fi afaan baay’ee” sana keessaa hin ba’u. Mootummaan ykn biyyi kun ardii gara lixaatti argaman keessa barbaadamuu qaba.WG 324.2

    Bara 1798 biyyi addunyaa haaraa keessaa kaatee jabinaa fi guddina abdachiisaa, akkasumas yaada guutumaa biyya lafaa ofitti hawwachaa gara aangootti dhufte eenyu? Dhugummaan mallattooleen kun gaaffii nama hin kaasisisu. Ulaagaa raajii kanaa kan guutu biyya tokkoo fi tokko qofa. Innis immoo dogoogora tokko malee mootummaa Ameerikaa agarsiisa. Ogeessonni seenaa fi namoonni dandeetti dubbii dubbachuu qaban hedduun isaanii, utuu hin beekin irra deddebi’anii yaadaa fi jecha barreessan qulqullaa’a kanaatti fayyadamanii waa’ee akkaataa ka’umsaa fi guddina biyya kanaa ibsaniiru. Bineensi kun “Lafa keessaa utuu ol ba’uu” mul’ate. Akka warri afaan hiikan dubbataniitti, jechi iddoo kana irratti “ol-ba’uu” jedhamee ka’ame yeroo kallattiidhaan hiikamu “guddachuu yookaan akka biqilaa mukaatti ol-ba’uu” jechuu dha. Akkuma argine, biyyi kun daangaa kanaan dura namni keessa jiraatee hin beekne keessaa ka’uu qaba. Barreessaa beekamaan tokko, waa’ee akkaataa ka’umsa Ameerikaa, “iccita lafa duwwaa keessaa ol-ba’uu” ishee yeroo dubbatu, “akka sanyii cal-jedhaatti gara mootummaatti guddanne” jedhe. — G. A. Townsend, The New World Compared with Old, page 462. Bara 1850 keessa, barruun (gaazexaan) biyya Awuuroppaa waa’ee Ameerikaa dubbatu tokko, isheen mootummaa ajaa’ibsiiftuu “as baatee mul’attee” fi “cal-jedhiinsa lafaa keessaa aangoo fi ulfinni ishee guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa kan dhuftedha” jechuun gabaase. — The Dublin Nation. Namichi maqaan isaa Idiwaard Iveeret jedhamu tokko, waa’ee imaltoota amantii warra biyya kana hudeessee ilaalchisee haasaa taasise irratti akkana jedhee dubbate: “Isaan lafa irra jiraatamee dadhabsiifame, iddoo dhokataa ta’uun isaa kan nama hin miinee fi kan fageenyi isaa nagaa amansiisaa kennu, bakka waldaan Leyiden isheen xiqqoon biliisummaa sammuu itti argattu barbaadaa turanii? Bakka guddaa isaan mo’icha nagaatiin alaabaa fannoo isaan itti baatan ilaala!” — Speech delivered at Plymouth, Massachusetts, Dec.22, 1824, page 11.WG 324.3

    “Inni akka hoolaa gaanfa lama qaba ture.” Mul. 13: 11. Gaanfonni gaanfa hoolaa fakkaatan dargaggummaa, qulqullummaa fi namuusa qabeessummaa kan agarsiisan yeroo ta’u, kun immoo amala Ameerikaan bara 1798 yeroo aangootti “ol-baatu” ni qabaatti jedhamee raajichatti dursee mul’ifame wajjiin dogoggora tokko malee wal-simata. Kiristiyaanota warra hacuuccaa moototaa fi ari’annaa lubootaa jalaa iddoo kooluu argachuuf jecha dursanii biyya Ameerikaatti baqatan keessaa, mootummaa bilisummaa amantii fi bilisummaa uummataa giddu galeessa godhatee bu’ureffame hundeessuuf kutannoo guddaa kan qaban turaniiru. Yaadni isaanii kun yeroo bilisummaan isaanii inni dhugaa guddaa ta’e — inni “namni hundinuu wal-qixxummaatti uumamuu isaa,” fi mirga “jireenyaa, isa walabummaa fi gammachuun” tasa mulqamuu hin dandeenye akka qabu labsame bakka argate. Heerri mootummaa akka bakka buutotni sagalee caalmaadhaan filaman seera tumanii hojii irra oolchuu danda’aaniif haala mijeessee mirga ofiin of-bulchuu namootaaf raggaasise. Namni hundinuu akkaata sammuun isaa isa ajajetti Waaqayyoon waaqessuuf mirga qabaachuu isaa kan dhugoomsu bilisummaan amantiis ni raggasifame. Ripaabilikummaa fi Pirootestaantummaan qaajelfama bu’uraa biyyattii ta’an. Icciti badhadhummaa fi humna biyyatti qajeelfamoota kana lamaani dha. Addunyaa Kiristiyaanummaa mara keessatti hacuucamaa, akkasumas miidhamaa kan turan hundinuu abdii fi fedha olaanaadhaan fuula isaanii gara biyya kanaatti deebisan. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman lafa qarqara galaana biyyatti ni barbaadan, Ameerikaniis haala kanaan guddattee biyyoota addunyaa keessatti olaantummaa qaban keessaa ishee tokko taate.WG 324.4

    Haa ta’u iyyuu malee bineensi akka gaanfa hoolaa qabu kun “akka jawwee in dubbata…. aboo bineensi inni duraa qaba ture hundumaan isuma duratti in hojjeta; biyyi lafaa, warri isa keessa jiraatanis bineensa isa duraa, isa rukuttaan du'aan ga'u deebi'ee fayyeef sanaaf akka sagadan in godha… warra biyya lafaa irra jiraatan wallaalchisuudhaafis bifa fakkeenya bineensicha billaadhaan rukutamee deebi'ee jiraatee, waaqessuudhaaf akka tolfatan isaanitti in hima.” Mul 13:11-14.WG 325.1

    Fakkeenyi gaanfa hoolaa fakkaatuu fi akka jawweetti dubbata jedhamee ibsame, biyyi fakkeenya kanaan bakka buufamte wanti isheen hojii irra oolchituu fi waa’ee eenyummaa ishee ilaalchisee wanta ishee afaaniin dubbattu gidduu wanti wal-faalleessu akka jiru ibsa. “Dubbachuun” biyyattii gochaa aangawwota biyyattii warra seera tumanii fi seera hojii irra oolchanii (qaamolee haqaa) dha. Gochaa akkanaatiin qajeelfamoota wal-qixxummaa fi nageenyaa isa akka hundee (bu’uraa) imaammata isaaniitti diriirfame soba taasisu. Raajiin “akka jawwee” in dubbata, “aboo bineensi inni duraa qaba ture hundumaan isuma duratti in hojjeta” jedhamee dursee himame, hafuurri wal-dadhabuu (obsa dhabiinsaa) fi ari’anna, inni biyyoota bineensa akka jawwee fi qerransatti fakkeeffaman keessatti calaqqisaa ture kan guddatu ta’uu isaa mul’inatti ibse. Waa’ee bineensa isa gaanfa lama qabuu ilaalchisee “biyya lafaa, warri isa keessa jiraatanis bineensa isa duraaf akka sagadan in godha” jedhamee kan caafame immoo, kabaja Phaaphaasiif jecha seerri wayii karaa aangoo mootummaa kanaa dirqisiifamee hojii irra kan oolu ta’uu isaa ibsa.WG 325.2

    Gochaan akkanaa qajeelfama biyyatti wajjin, ga’umsa dhaabbatoota walabaa, kakuu barbaachisoo yeroo bilisummaa biyyattii labsame kakatamee fi heera biyyattii wajjin kallattiidhaan wal-faalleessa. Hundeessitoonni biyyattii akka aangoon mootummaa dhimma waldaa keessa hin seenne gochuuf, akkasumas bu’aa wantoota kanaa kan ta’an — kan akka ari’annaa fi wal-dadhabuu, ittisuuf jecha ejjennoo ogummaan guutame fudhatan. Heerri mootummaa “Koongiresiin (Manni maree uummataa) waa’ee hundeeffama dhaaba amantii ilaalchisee seera tumuu hin danda’u. Yookiis mirga bilisummaadhaan waaqessuu seeran ka’amee jiru dhorkuus hin danda’u” jedha. Akkasumas “Waajjiraalee mootummaa Ameerikaa keessatti gita hojii kam irratti illee fudhatama argachuuf jecha amantiin akka ulaagaa madaalliitti gaafatamu hin jiru” jedha. Seerri amantii kam illee karaa aangoo mootummaa humnaan dirqisifamee hojii irra ooluu kan inni danda’u, yoo seerri walabummaa biyyattii inni ittisa isheedhaaf godhu haala naasisaa ta’een mul’inatti cabe qofa. Haa ta’u iyyuu malee, hojii irra oolfamuu dhiisuun gochaa kanaa, isa fakkeenyaan ibsame caalaa guddaa miti. Qulqulluu, namuusa qabeessaa fi miidhaa kan hin qaqqabsiifne ta’uu isaa of-himaa, garuu immoo akka jawweetti kan dubbatu, bineensicha isa akka hoolaa gaanfa lama qabu sana dha.WG 325.3

    “warra biyya lafaa irra jiraatan sana wallaalchisuudhaafis bifa fakkeenya bineensicha billaadhaan rukutamee deebi'ee jiraatee, waaqessuudhaaf akka tolfatan isaanitti in hima.” Mul. 13: 14. Iddoo kanatti gosa mootumma aangoon seera tumuu isheetii harka uummataa keessa kaa’amee jiru mul’inatti ibsuun isaa Ameerikaan raajii kana keessatti mootummaa ibsamte ta’uu isheef ragaa olaanaa dha.WG 326.1

    Haa ta’u iyyuu malee “bifni fakkenya bineensichaa” maali dha? Akkamittis tolfama? Fakkenyichi bineensa isa gaanfa lama qabuun hojjetame, innis fakkenya bineensichaati. Akkasumas immoo fakkenya bineensichaa jedhamee waamama. Fakkeenyi bineensichaa maal akka inni fakkatuu fi akkamittis akka inni uumamuuf jiru baruuf immoo amala bineensichaa — kan Phaaphasii qayyabachuu qabna.WG 326.2

    Waldaan bara jalqabaa yeroo barsiisa wangeelaa isa dhugaattii fagaachuudhaan aadaa fi sirna warra Waaqa maleeyyi (warra ormaa) fudhachuudhaan xuraa’ummaa keessatti kufte, humnaa fi Hafuura Waaqayyoo dhabde. Kun yeroo ta’e, yaada garaa namootaa to’achuuf jecha deggersa humna biyya lafaa barbaadde. Bu’aan karaa kana argame sirna Phaaphaasii ture. Waldaan humna mootummaa to’annaa ishee jala galfattee milkaa’ina kaayyoo isheetiif, keessumatti immoo “warra faallaa barsiisa ishee dhaabbatan” adabuudhaaf maayii itti baate. Mootummaan Ameerikaa bifa fakkenya bineensichaa tolchuu akka dandeessutti, waldaan aangoo mootumaa to’achuu danda’uu qabdi. Kun immoo akka waldaan aboo mootummaatti fayyadamtee galma ishee bakkaan ga’attuuf ishee gargaara.WG 326.3

    Waldaan yeroo aangoo biyya lafaa harka ishee keessa galfattee turte hundumaatti, namoota barsiisa amantii ishee wajjin walii galuu didan adabuuf maayii itti baate. Waldoonni Pirootestaantii warri humneetii biyya lafaa (mootummaa) wajjin gamtaa uumuudhaan faana waldaa Roomaa hordofaa jiran, birmaddummaa sammuu daangessuudhaaf fedha wal-fakkaataa qabaachuu isaanii calaqqisiisaniiru. Dhimma kanaaf, inni waldaan Ingilizii namoota barsiisa amantii (doktiriinii) isheetiin morman irraan yeroo dheeraadhaaf ari’annaa geesse fakkeeya gaarii ta’ee kennameera. Jaarraa kudha ja’affaa fi kudha torbaffaa keessa, luboonni barsiisa waldattii wajjin walii galuu didan kumaatamni waldaa isaanii keessaa baqachuudhaaf dirqamaniiru. Akkasumas, luboonnii fi namoonni hedduun isaanii adaba maallaqaatti, mana hidhaatti, dararama (gidiraa) fi du’atti dabarfamanii kennamaniiru.WG 326.4

    Waldaan bara jalqabaa deggersa mootummaa barbaaduutti kan ishee geggeesse gantummaa dha. kun immoo hundeeffamuu sirna Phaaphaasiitiif (bineensichaaf) haala mijeesse. Phaawulos akkana jedhee dubbate: “Waaqayyoon mormanii isa irratti ka’uun utuu hin dhufin, inni hamaan seera malee jiraatus ilmi badiisaa sun utuu bakkeetti hin baafamin, guyyaan sun hin dhufu.” 2 Tas 2:3. Kanaaf iyyuu gantummaan waldaa keessaa bifa fakkeenya bineensichaatiif karaa bana.WG 326.5

    Akkuma jaarraa jalqabaa keessa ta’ee ture, ammas dhufaatii Gooftaa fuuldura kufaatiin amantii ta’uf akka jiru Macaafni Qulqulluun dubbateera. “Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan akka dhufu hubadhu! Namoonni warra ofittoo, sassatoota, of jajoo, afuufamoo, arrabsituuwwan, warra abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne, galata hin qabnee, warra wanta qulqullaa'aadhaan morman in ta'u.Warra jaalala of keessaa hin qabne, warra araara hin jaallanne, warra maqaa namaa balleessan, warra of hin qabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban, warra dabarsanii nama kennan, warra eeggannaa hin qabne, warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan ta'uuf jiru. Akka bakkeedhaan mul'atutti nama Waaqayyoo in fakkaatu, humna isa nama akkasii keessa jiru garuu in ganu; warra akkasii irraa fagaadhu!” 2Xim. 3:1-5. “Bara booddeetti namoonni tokko hafuurota wallaalchisoodhaa fi barsiisa hafuurota hamootaa duukaa bu'anii, amantii wangeelaa irraa akka garagalan; hafuurri qulqulluun keessaa baasee in dubbata.”1Xim. 4: 1. Seexanni “wanta hojii aangoo, milikkitootaa fi dinqii fakkaataniinis in dhufa.” “Warri… fayyuudhaaf dhugaa jaallatanii fudhachuu didan” hundinuu, “gowwoomsaa hamminaa hunduma…wanta dhugaa hin ta'inis akka amananiif” ni dhifamu. 2 Tas. 2:9-11. Yeroo Waaqayyoof abboomamuu (ulfina kennuu) diduu akkanaa bira ga’amu, bu’aa wal-fakkaataa jaarraa jalqabaa keessaa argametu mul’ata.WG 327.1

    Garaagarummaan barsiisa amanti waldoolee Pirootestaantotaa keessa jiru namoota baay’ee gidduu bal’inaan jiru, tokkummaa amantii dhiibbaadhaan uumamuu argamsiisuuf jecha dhama’insi godhame tokko illee tasa kan hin jirre ta’uu isaa dhugoomsuuf jecha ragaa quubsaa namoonni hedduun maayii itti ba’an ta’eera.WG 327.2

    Addaddummaan amantii bal’aan Waldoolee Pirootestaantii gidduu jiru tokkummaa amantii dhiibbaadhaan uumamu argamsiisuuf jecha dhama’insi godhame kam illee tasa kan hin jirre ta’uu isaa dhugoomsuuf ragaa murteessaa akka ta’etti namoonni hedduun ilaalaniiru. Haa ta’u iyyuu malee, waldoota Pirootestaantii keessa, tuqaalee barsiisa amantii (doktiriini) gamtaadhaan qaban irratti tokkummaan akka uumamuuf jecha fedhi guddaa fi guyyaadhaa gara guyyaatti guddaachaa adeemuu waggootaaf mul’achaa tureera. Tokkummaa akkanaa milkeessuuf, mata dureen mariidhaaf dhi’aatee akka ejjennoo Macaafa Qulqulluutti barbaachisaa yoo ta’e illee kan hundumtuu irratti walii galuu dadhaban barbaachisummaan hambifamuu isaa dirqama ta’a.WG 327.3

    Chaarles Biicher lallaba bara 1846 lallabe keessatti akkana jedhee dubbate: “baroota hundumattuu, tajaajilli dhaabbileen protestaantota wangeelaa godaadhaa kaasee hamma oliitti kan isaan ijaaraman dhiibbaa sodaa namaa jabaa waa’ee hin baafne jalatti qofaan utuu hin taane, haala guutummaa guututti xuraa’aa ta’een jiraataa, socho’aa fi hafuura baafata, akkasumas dhugaa ukkaamsuuf kajeellaa uumama isaanii isa xura’aatiin yeroo hunda harkifamuudhaan humna gantummaaf jilbeenfachaa turan. Roomaa keessatti wantootni hundinuu haala kanaan adeemaa hin turree? Nuti jireenyuma isheen jiraatte irra deebinee jiraachaa hin jirruu? Wanti nuti gara fuul-duraatti arginu maali? Mana maree walii-galaa kan biraa dha! Wal ta’iinsa addunyaatii! Walii galtee wangeelaa fi seera amantii addunyawwaati!” — Sermon on “The Bible a Sufficient Creed,” delivered at Fort Wayne, Indiana, Feb. 22, 1846. Yeroo kun bakka ga’u, wal fakkaachuu guutuu ta’e argamsiisuuf dhamaasuu godhamu keessatti humnatti fayyadamuuf tarkaanfii tokko qofaatu hafa.WG 327.4

    Yeroo waldoonni biyya Ameerikaa warri angafoonni barsiisa amantii (doktiriinii) waliin qaban irratti tokkummaa uumanii akka mootummaan labsii isaanii humnaan hojii irra oolchuu fi dhaabbata isaanii deggeruuf dhiibbaa geessisan, Ameerikaa isheen Pirootestaantiin bifa fakkenya aangoo Roomaa qirixxe (tolchite) jechuu dha. Bu’aan isaa immoo adabaaf saaxilamuu warra barsiisa isheetiin mormanii ta’a.WG 327.5

    Bineensichi inni gaanfa lama qabu “namni hundinuu, xinnaan, guddaan, sooressi, hiyyeessi, birmaduun, garbis harka mirgaa irratti yookiis adda irratti gubaa akka qabaatu in gochisiisa [in abbooma]. Kana gochuun isaas namni gubaa bineensicha isa duraa, isa maqaa isaa yookiis lakkoobsa maqaa isaa argisiisu of irraa yoo qabaate malee, bituus gurguruus akka hin dandeenyeef.” Akeekkachisni ergaa ergamaa sadaffaa “Namni bineensichaa fi bifa fakkeenya isaafis yoo sagade, gubaa sanas adda isaatti yookiis harka isaatti yoo fudhate, innis ofii isaatii daadhii waynii dheekkamsa Waaqayyoo, isa utuu makaa hin qabaatin xoofoo dheekkamsa isaatti buufame dhuguuf jira.” Mul 14:9, 10. Ergaa kana keessatti, bineensi inni gaanfa lama qabu yeroo inni bineensa kan biraatiif akka namoonni sagadaniif abboommii kennu argina. Bineensi waaqeffamuudhaaf mirga fudhate kun, bineensa isa Mul’ata 13 keessatti jalqaba irratti caafamee jiru yookaan bineensa isa qerrensa fakkatu dha, innis Phaaphaasii dha. “Bifni fakkenya bineensicha” Pirootestaantummaa ishee gantuu bakka kan bu’u yeroo ta’u, kunis immoo yeroo waldoonni Pirootestaantii barsiisa amantii (doktiriinii) isaanii humnaan hojii irra oolchuuf jecha gargaarsa humna mootummaa iyyaafatan uumama. Waa’een “milikkita bineensichaa” garuu ammallee ibsamuu qaba.WG 328.1

    Raajiin caafamee jiru, waa’ee sagada bineensichaa fi bifa fakkeenya isaa erga akeekkachiisee booda akkas jedhee dubbate: “As jira obsi qulqullootaa, abboommii Waaqayyoo kan eeganuu, amantii Yesuusinis.” Erga namoonni warri abboommii Waaqayyoo eegan, namoota warra bineensichaa fi bifa fakkeenya isaaf sagadanii milikkita isaa fudhatanii wajjin haala kanaan wal-bira qabamanii ilaalamanii, gama tokkon seera Waaqayyoo eeguun, gama biraatiin immoo seera Isaa cabsuun, waaqeffattoota Waaqayyoo fi waaqeffattoota bineensichaa garaagara baasa jechuu dha.WG 328.2

    Amalli addaa Bineensichaa fi bifni fakkeenya isaatii seera Waaqayyoo cabsuu dha. Daani’el waa’ee gaanfa xiqqaa (Phaaphaasii) akkana jedha: “Ayyaana beekamaa, seera Waaqayyoos geddaruu in yaada.” Dan. 7: 25. Phaawulosiis waa’ee humna kanaa yeroo dubbatu “Nama cubbuu” isa Waaqa gararraatti ol-of qabu jedhee lafa kaa’a. Raajii inni tokko raajii isa kan biraa guutuu taasisa. Phaaphaasiin Waaqa gararraatti ol-of qabuu kan inni danda’u seera Waaqayyo jijjiruu qofaadhani. Warri utuu beekanii seericha isa jijjiirame sana eegan, humna seericha jijjiire sanaaf kabaja kennaa jiru. Seerota Phaaphaasiidhaan tumamaniif abboomamuun mallattoo Waaqayyoon dhiisanii Phaaphaasiidhaaf ulfina kennuudha.WG 328.3

    Phaaphaasiin seera Waaqayyoo jijjiiruuf yaaleera. Abboommiin lammaaffaa, inni waaqeffannaa bifa qirixamee dhorku seeraa keessaa baafameera. Abboommiin afuraffaa, qooda guyyaa 7ffaa guyyaa jalqaba torbaniitiif beekamtii akka kennutti jijjiirame. Haa ta’u iyyuu malee, Phaaphaasonni waa’ee seera keessaa hir’ifamuu abboommii lammaffaa ilaalchisee sababa yeroo kennan, abboommichi abboommii isa tokkoffaa keessatti haammatamuu isaa, isaan immoo akka Waaqayyoo barbaaduu fi akkaataaa hubatamaa ta’etti seericha kennaa kan jiran ta’uu isaanii dubbatu. Kun jijjiirama isa karaa Raajii duraan dursee dubbatame ta’uu hin danda’u. Jijjiirama beekaa, karoorfamee (itti yaadamee) raawwatametu ibsamee jira: “Ayyaana beekamaa, seera Waaqayyoos geddaruu in yaada.” Daan. 7: 25. Raajii iddoo kana irratti kenname sirritti galmaan kan ga’u, jijjiirama abboommii afuraffaa irratti godhamedha. Sababiin isaa, jijjiirama taasifame kana gochuuf aangoon qaba jettee kan dubbattu waldaa qofaadha waan ta’eef. Iddoo kana irratti, aangoon Phaaphaasii mul’inumatti Waaqa gararraa of-kaa’e.WG 328.4

    Waaqeffattootni Waaqayyo karaa adda ta’e adda baafamanii kan isaan ittiin beekaman abbommii afuraffaadhaaf kabaja kennuudhaani, kunis immoo sababa inni milikkita humna uumuu Isaa ta’eef qofa osoo hin taane, sababii inni gaaffii isa Waaqayyo akka ilmaan namootaa ulfinaa fi kabaja Isaaf kennaniif gaafateef ragaa ta’eefi. Warri bineensichaaf sagadan immoo, yaadannoo uumaa jigsanii dhaabbata Roomaa ol-qabuudhaaf dhama’insa taasisaniin adda baafamanii hubatamu. Sirni Phaaphaasii jalqaba irratti koormaadhaan guutamee naaf ta’a jechuudhaan kan inni dubbate waa’ee deeggersa guyyaa jalqaba torbanii ilaalchiseeti; Akkasumas, jalqabuma iyyuu gara humna mootummaatti garagaluun isaa, guyyaan Dilbataa “akka guyyaa Gooftaatti” humnaan akka kabajamu taasisufi. Macaafni Qulqulluun garuu jalqaba torbaniidhaan osoo hin taane guyyaa torbaffaatiin guyyaa Gooftaa jedhee waama. Yesus Kiristoos “Ilmi namaa sanbata irratti iyyuu Gooftaa dha” jedhe. Abboommiin afuraffaa immoo “Guyyaa inni torbaffaan garuu Sanbata ana Waaqayyo Gooftaa keetiif eegamudha” jedha. Akkasumas, Waaqayyo karaa raajicha Isaayaas guyyaa sanbataaf muudama “guyyaa koo isa qulqullaa’aa” jedhu kenne. Maar 2:28; S/ba’uu 20:10; Isa 58:13.WG 329.1

    Kiristoos sanbata jijjiireera jedhamee dubbiin si’a baay’ee dubbatamu soba ta’uun isaa karaa sagalee Kiristoosiin mirkanaa’eera. Yesus lallaba gaara gubbaa irratti lallabe keessatti akkana jedhee dubbate: “Seeraa fi barsiisa raajotaa diiguudhaaf waanan dhufe hin se'inaa, ani isaan raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne. Ani dhuguman isinitti hima, amma waaqnii fi lafti badanitti seericha keessaa fidalli xinnaan tokko yookiis gar tokkoon fidalaa utuu fiixaan hin ba'in hin badu. Kanaafis namni abboommota hundumaa irra xinnaatan keessaa tokko diigee, diigamuu isaas namoota barsiisu, mootummaa waaqaa keessatti isa hundumaa irra xinnaatu in jedhama; namni abboommota kana eegee barsiisu garuu mootummaa waaqaa keessatti guddaa in jedhama.” Maat 5:17-19.WG 329.2

    Jijjiramuun sanbataaf Macaafa Qulqulluun aangoo kan hin kennine ta’uun isaa haqa Pirootestaantonni akka walii galatti amananii fudhatani dha. Dhimmi kun maxxansaalee karaa Ameeriikaan Tiraakt Soosaayitii (American Tract Society) fi Ameeriikaan Saandey Iskuul Yuuniyenii (American Sunday Aschool Union) maxxafamaniin mul’inatti ibsamaniiru. Maxxansaalee kana keessa inni tokko akkana jedha: “sanbataa (Dilbata, isa jalqaba torbanii) akka seeraatti kabajamuu ilaalchisee Kakuun haaraan kan callisu ta’uun isaa achi keessatti caqafameera.” — George Elliott, The Abiding Sabbath, page 184.WG 329.3

    Maxxaansaan kan biraa immoo akkana jedha: “hanga gaafa du’a Kiristoositti jijjiramni tokko illee guyyicha irratti hin taasifamne;” akkasumas “hanga ammaatti, akka caafanni mul’isutti, isaan [bartootni] kabaji sanbata guyyaa torbaffaa hafee qooda isaa guyyaan jalqaba torbanii akka kabajamuuf ajaja hin kennine.” — A.E. Waffle, The Lord’s Day, Pages 186-188.WG 329.4

    Hordoftoonni amantii Kaatolikii, akka jijjiiramni guyyaa Sanbataa waldaa isaaniitiin taasifame ni amanu. Itti dabalees, Pirootestaantonni guyyaa Dilbataa kabajuu isaaniitiin olaantummaa waldattiif beekamtii kennaa jiraachuu isaanii dubbatu. Barsiisa amantii Kiristiyaana isa karaa waldaa Kaatolikii bifa gaaffii fi deebiidhaan dhihaatu (Catholic Catechism of Christian Religion) keessatti, “abboommii afuraffaa hojii irra oolchuuf jecha guyyaan kabajamuu qabu isa kami dha?” jedhamee gaaffii gaafatameef deebiin kenname akkana jedha: “Bara seera isa durii keessa, guyyaan qulqulleeffame guyyaa 7ffaa (Sanbata duraa) ture; haa ta’u iyyuu malee, waldaan, Kiristoosiin qajeelfamtee, Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamtee, guyyaa 7ffaa (sanbata duraa) guyyaa Dilbataatiin bakka buufteetti. Kanaaf iyyuu, nuti amma guyyaa torbaffaa utuu hin taane guyyaa tokkoffaa qulqulleessina. Guyyaa jalqaba torbanii (Dilbata) jechuun, ammas taanaan guyyaa Gooftaa jechuu dha.”WG 329.5

    Akka mallattoo (milikkita) aangoo waldaa Kaatolikiitti, barreesitootni sirna Phaaphaasii wabii akkana jedhu caqasu: “hojiin Sanbata gara Dilbataatti jijjiiruu waan Pirootestaantonni eyyamanii fudhatanii dha; sababiin isaa, Pirootestaantonnii guyyaa Dilbataa kabajuu isaaniitiin, sirna ayyaana eebbisuu fi cubbuu jalattis isaan abboomuuf aangoo (aboo) waldattiif beekamtii kennaniiru.” — Henry Tuberville, An Abridgment of the Christian Doctrine, page 58. Egaa jijjiirraan Sanbataa maaliree, mallattoo yookaan milikkita aangoo waldaa Roomaa dha — “mallattoo bineensichaa” dha.WG 330.1

    Waldaan Roomaa falmii ishee isa olaantummaan naaf ta’a jettu sana hin dhiifne. Biyyi lafaa fi waldooleen Pirotestaantii Sanbata Macaafa Qulqulluutti dugda gatanii sanbata isa isheen uumte yeroo fudhatan, yaada kana amananii fudhachuu isaaniiti jechuu dha. Jijjiiramni kun aangoo aadaa fi abbootaatiin raawwatame jedhanii dubbachuu ni danda’u ta’a; haa ta’u iyyuu malee, kana gochuu isaaniitiin qajeelfama olaanaa waldaa Roomaa wajjin garaagara isaa taasisu irra ejjetu. Qajeelfamichis “amanitiin Pirootestaantotaa Macaafa Qulqulluu fi Macaafa Qulqulluu qofa” isa jedhu dha. Dhimma kana irratti Pirootestaantonni fedha isaaniitiin dhugaa irraa ija isaanii deebisanii of gowwamsaa kan jiran ta’uu isaa Phaaphaasonni arguu ni danda’u. Sochiin guyyaa Dilbataa humnaan hojii irra oolchuuf taasifamu yeroo fudhatama argatu, sochichi xumura irratti Pirootestaantota addunyaa irra jiran mara alaabaa Roomaa jalatti kan walitti sassaabu ta’uu isaa mirkaneefachuun waan itti dhagaa’amuuf ni gammada.WG 330.2

    “Pirotestaatonni guyyaa Dilbataa kabajuun isaanii aangoo waldaatiif [waldaa Kaatolikiif] kabaja kennuu isaanii warri waldaa Roomaa in dubbatu.” -Mgr. Segur, plain Talk about the Protestantism of Today, page 213. Waldoonni Pirootestaantii karaa gama isaanii kabaja guyyaa Dilbataa dirqisiisuun isaanii, sagada (waaqeffannaa) Phaaphaasii (bineensichaa) dirqisiisuu isaaniidha. Namoonni dhugaa abboommii afuraffaa keessatti caafamee jiru sirriitti hubatanii utuma jiranii sanbata isa dhugaa dhiisanii sanbata sobaa eeguu filatan hundinuu, gochaa akkanaa gochuu isaaniitin humna isa ajajicha kenneef kabaja kennuu isaanii agarsiisu. Garuu, humna mootummaatti maayii ba’anii hojii amantii dirqisiisuu isaaniitiin, waldoonni mataan isaanii illee bifa fakkeenya bineensichaa uumu. Kanaaf iyyuu, biyya Ameerikaa keessatti kabaja guyyaa Dilbataa dirqiidhaan hojii irra oolchuun, sagada (waaqeffannaa) bineensichaa fi bifa fakkenya isaa dirqiidhaan hojii irra oolchuu dha.WG 330.3

    Haa ta’u iyyuu malee, Kiristiyaanonni dhaloota darban keessa jiraachaa turan sanbata Macaafa Qulqulluu eegaa waan jiran isaanitti fakkatee guyyaa Jalqaba torbanii (Dilbataa) eegaa turaniiru. Har’uma illee, waldaa Kaatolikii dabalatee waldoota hundumaa keessa, “Sanbatni Waaqayyoon hundeeffame guyyaa Dilbataadha” jedhanii amanamummaadhaan kan amanan Kiristiyaanonni dhugaan jiru. Waaqayyo dhugummaa gochaa isaanii fi amanamummaa isaan Isa fuulduratti agarsiisan ni fudhata. Garuu yeroo kabaji guyyaa Dilbataa (jalqaba torbanii) karaa seeraa humnaan hojii irra oolfamu fi yeroo addunyaan waa’ee Sanbata isaa dhugaa ilaalchisee itti gaafatamummaan ishee maal akka ta’e isheedhaaf ifu, namni seera aangoo Phaaphaasiidhaan tumame kabajuuf jecha abboommii Waaqayyoo cabsu hundinuu, gochaa kana gochuu isaatiin Waaqa caalaa Phaaphaasiidhaaf ulfina kenna. Namni akkana godhuu hundinuu, Roomaa fi humna dhabbata Roomaan hundeessiteef kabaja kenna jechuu dha. Namni akkana godhu kam iyyuu bineensichaa fi bifa fakkeenya isaaf sagada. Yeroo namoonni dhaabbata Waaqayyo mallattoo aangoo Isaa godhee dhaabe tuffatanii, bakka isaa immoo dhaabbata Roomaan akka milikkita (mallattoo) olaantummaa isheetti dhaabbatteef kabajan kennan, isaan kana gochuu isaniitiin milikkita Roomaadhaaf “mallattoo bineensichaaf” buluu isaanii agarsiisu fudhatu. Namni seericha irra daddarbu kam iyyuu, hanga gaafa dhimmi kun sirritti isaanitti lallabamee abboommii Waaqayyoo fi abboommii namaa keessaa tokko akka filataniif carraan isaaniif kennamutti “mallattoo bineensichaa” hin fudhatu.WG 330.4

    Akeekkachiisni baay’ee sodaachisaa takkaa ilmaan namootaatti kennamee hin beekne ergaa ergamaa sadaffaa keessatti haammatamee kenname. Cubbuun sun cubbuu dheekkamsa Waaqayyoo isa araaraan hin makamin (araara of keessaa hin qabne) kan gadi roobsu sababa ta’eef cubbuu balaalleffatamu ta’uu qaba. Namoonni waa’ee dhimma barbaachisaa kanaa ilaalchisee dukkana keessatti dhiifamuu hin qaban. Dha’ichi isaanitti dhufuuf jiru sababa maaliitiif akka ta’e beekanii carra baraaramuu akka argatanitti, waa’ee cubbuu kanaa ilaalchisee guyyaan firdii utuu hin ga’in akeekkachiisni barbaachisaan ni kennama. Ergamaa inni tokkoffaan “sanyii, qomoo, afaanii fi saba” hundumaatti ergaa isaa akka inni dabarsu raajiidhaan dubbatameera. Qaama ergaa ergamoota sadanii kan ta’e ergaa inni sadaffaan bal’ina tatamsa’ina isaatiin xiqqaa miti. Ergaan kun macaafa raajii keessatti ibsamee akka jirutti, ergaa ergamaa walakkeessa samii keessa balali’uu lallabamu, ergaa sagalee guddaaadhaan labsamu, fi yaada namoota addunyaa mara kan hawwatu ta’uu isaatu ibsame.WG 331.1

    Wal’aansoo geggeeffamu kana keessatti Kiristiyaanonni addunyaa martinuu garee gurguddaa lamatti gargar qoodamu — warra abboommii Waaqayyoo fi amantii Yesuusin eeganii fi warra bineensichaa fi bifa fakkeenya isaaf sagadan, akkasumas warra milikitta isaa fudhatan. Yoomallee waldaa fi mootummaan humna isaanii tokkummeessanii akka namoonnii hundi “xinnaan, guddaan, sooressi, hiyyeessi, birmadduunii fi garbi” “mallattoo bineensichaa” fudhataniif humnaan dirqisiisan iyyuu (Mul 13:16), sabni Waaqayyoo garuu “mallattoo bineensichaa” hin fudhatan. Raajichi inni Phaaximoo keessa ture “warra bineensicha, bifa fakkeenya bineensichaa, lakkofsa maqaa isaatiif dhaabatu irrattis mo’icha argatan, kiraara isa kan Waaqayyoo harka isaaniitti qabatanii, wanta akka galaana dhoqqee of-ilaallee sana irra dhaabbatanii” faarfannaa Musee garbicha Waaqayyoo fi faarfannaa hoolichaa yemmuu faarfatan arge. Mul 15:2, 3.WG 331.2

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents