Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Wal’aansoo Isa Guddaa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 26—Hojii Haara’umsaa

    Hojiin haara’umsa Sanbataa bara xumuraatti hojjetamuu qabu Macaafa Isaayaas raajichaa keessatti dursee himameera: “Waaqayyo, ‘Fayyisuun koo harka irratti in dhufa, qajeelummaan koos dafee in mul'ata; firdii sirriitti eegaa, wanta qajeelaas godhaa! Namni wanta kana godhu, inni kana jabeessee eegu, inni Sanbata hin xureessine, inni harka isaa wanta hamaa hojjechuuttii dhowwus haa gammadu!’ jedhe.” “Warra orma anaaf hojjechuudhaaf, na jaallachuudhaaf, anaaf sagaduudhaafis ana Waaqayyotti maxxanan, warra Sanbata koo utuu hin xureessin eegan, kakuu koottis jabaatan hundumaa immoo, ani gara tulluu koo isa qulqullaa'aatti ol nan baasa; mana kadhataa isa kan kootii keessattis isaan nan gammachiisa; manni koo saba hundumaaf mana kadhataa waan jedhamuuf, qalmi gubamuu fi aarsaan isaanii iddoo aarsaa koo irratti isaaniif in fudhatama jedhe.” Isa 56:1, 2, 6, 7.WG 332.1

    Akkuma qabiyyee kana keessatti argisiifametti, jechoonni kun bara Kiristiyaanummaa keessa hojii irra oole: “Waaqayyo gooftaan inni saba Israa'el warra bittimfaman walitti qabu, ‘Ani warra amma walitti qabaman kana malees kan biraa dabalee walitti nan qaba’ jedha.” Lakk. 8. Iddoo kana irratti ormootni karaa wangeelaa walitti sassaabamuu isaaniitu mul’ifame. Warra Sanbata kabajaniif immoo eebbi kan kennamu ta’uu isaatu dubbatame. Kana waan ta’eef, dirqamni abboommii afuraffaa; fannifamuu, du’aa ka’uu fi gara samitti ol ba’uu Kiristoos bira darbee, hanga gaafa garboonni Waaqayyoo misiraachoo wangeelaa macca hundumaatti lallabaniitti itti fufa jechuu dha.WG 332.2

    Waaqayyoo Gooftaan karaa raajicha kanaa “Dubbii dhuga baatuu kana hidhi, fuula bartoota koo durattis abboommii kanatti mallattoo godhi” (Hiikkaa abbaa Gammachiis irraa) jedhee dubbateera. Isa. 8:16. Mallattoon seera Waaqayyoo abboommii afuraffaa keessatti argama. Abboommota kurnan keessa maqaa fi aankii qaama seericha kennee kan agarsiisu isa kana qofaadha. Innis uumaa waaqaa fi lafaa ta’uu Waaqayyoo dubbata, akkasittis hundumaan olitti kabajamuu fi waaqeffamuun akka isaaf ta’u argisiisa. Seerri aangoo eenyuutiin akka kenname kan ibsu abboommii isa kana keessa malee abboommota warra kaan keessa hin jiru. Yeroo Sanbanni aangoo Phaaphaasiitiin jijjirame, mallattoon seerichaa irraa fudhatame. Duuka buutotni Kiristoos Sanbata abboommii afuraffa olqabanii akka yaadannoo uumaa fi mallattoo aangoo Isaatti iddoo isaa isa sirriitti deebisuuf waamamaniiru.WG 332.3

    “Akka abboommii kanaa fi akka dhugaa kanaatti.” Barsiisni amantii (doktiriniin) fi tiiyooriin waliin morman hedduun yoo jiraatan illee, yaadonni, barsiisni amantii (doktiriinonni) fi tiyooriin kun hundinuu seera Waaqayyoo isa dogoggora tokko illee of keessaa hin qabneen madalaamanii ilaalamuu qabu. Raajichi Isaayaas akkana jedhee dubbata: “Warra akka abboommii kanaa fi akka dhugaa kanaatti hin dubbanneef lafti hin bari'u.” Lakk. 20.WG 333.1

    Ammas ajaji akkana jedhu kennameera: “Hamma dandeessu guddisii dubbadhu malee, of hin qabiin! Sagalee kee akka fiinootti ol kaasii dhageessisi, saba kootti irra-daddarbaa isaanii, sanyii Yaaqoobitti cubbuu isaanii himi!” Iddoo kana irratti akkuma arginu, waa’ee cubbuu isaaniitiif ifatamuu kan qaban saba biyya lafaa warra cubbuudhaan xuraa’anii jiran osoo hin taane, saba warruma Waaqayyo “saba koo” jedhee isaan fo’ate dha. Waaqayyo itti fufe akkana jedhe: “Isaan guyyaa hundumaa na barbaaddatu, karaa koo beekuus in fedhu, akka saba wanta qajeelaa hojjetuu fi seera koo isa qajeelaa hin dhiisiniitti, wanta gochuun isaaniif ta'u beekuu in fedhu; ana Waaqayyotti dhi'aachuus in jaallatu” jedhe. Isa 58:1, 2. Iddoo kana irratti, namoota akka qajeelotaatti of-lakka’anii fi hojii Waaqayyoo keessattis fedha olaanaa waan qaban of-fakkeessan argina. Haa ta’u iyyuu malee, ifannaan jabaa fi ulfaataa Waaqa Isa onnee namootaa qoree ilaaluu seera Waaqayyoo irra ejjechaa kan jiraan ta’uu isaanii raggaasisa.WG 333.2

    Akkasitti raajichi seera isa dhiifame bakkeetti baasee agarsiisa: “isa dur diigamee ture in deebiftu, hundee isa abaabiliin keessan kaa'an irrattis in ijaartu; isin, ‘Warra isa caccabe deddeebisan, warra karaa isa duudee ture tottolchanis’ in jedhamtu. Isin guyyaa Sanbataatti lafuma halle dhaquu yoo dhiiftan, guyyaa koo isa qulqullaa'aa kanatti fedha keessan duukaa bu'uuttii yoo of eeggattan, guyyaa Sanbataa, guyyaa gammachuu, guyyaa qulqullinni koo ulfina itti argatu yoo godhattan, guyyaa sanatti dhimma ofii keessaniitiif adeemtanii itti gammaduu, wanta waa'ee hin baafnes dubbachuu yoo dhiiftan, yommus ana Waaqayyotti in gammadu, ani immoo iddoo ol ka'aatti akka isin ol baatan, dhaala Yaaqoob abbaa keessaniis akka isin nyaattan nan godha” jedhee afaan kootiin kana dubbadheera.” lakk 12-14. Raajiin kun yeroo nuti keessa jirru kanas ni ilaallata. Yeroo Sanbanni aangoo Roomaatiin jijjirame seera Waaqayyoo keessatti bowwaatu uumame. Haa ta’u iyyuu malee yeroo dhaabbatni Waaqayyoon hundeeffame deebi’ee haara’u dhufeera. Bowwaan uumame deebi’ee ijaaramuu qaba, akkasumas hundeen dhaloota baay’ees ol ni kaafama.WG 333.3

    Addaam utuu cubbuutti hin kufiin dura, Sanbata isaa karaa boqonnaa fi eebba uumaa qulqulleeffame kana Eeden qulqullittii keessatti eegeera. Addaam erguma kufee qalbii isaa jijjirratee booda illee, iddoo jireenyaa isaa ishee gammachuudhaan guutamte keessaa baafamee utuuma jiruu illee Sanbata eegera. Abeelii kaasee hanga Nohitti, hanga Abraahamii fi Yaaqoobitti, abboota amantii hundumaan eegamera. Yeroo sabni Waaqayyoo warri filatamoon garbummaa warra Gibxi jala turan, sababa waaqeffanaan waaqa tolfamaa biyya sana keessatti gar-malee mo’eef jecha, baay’een isaanii beekumsa seera Waaqayyoo isa dur- qabu turan ni dhaban. Haa ta’u iyyuu malee erga garbummaa jalaa isaan baasee booda, akka isaan fedha Isaa beekaniif, akka isaan Isa sodaatanii fi Isaaf abbomamanif, seera Isaa haala sodaachisa fi ulfina qabeessa ta’een saba walitti qabamee ture sanatti labse.WG 333.4

    Guyyaa sanaa kaasee hanga har’aatti beekumsi seera Waaqayyoo biyya lafaa irratti eegamee ture, Sanbanni abboommii afuraffaas eegamaa ture. Yooma “namni cubbuu (inni hamaan seera malee jiraatu)” sun guyyaa Waaqayyoo isa qulqullaa’aa miilla isaa jalatti gatee dhidhiituudhaaf milkaa’eera ta’e illee, baruma olaantummaa isaa sanaa keessa iddoo dhokataa ta’aanii guyyichaf kabaja barbaachisaa kennaa kan turan lubbuu amanamoon turaniiru. Erga bara haara’umsaatii jalqabee dhaloota hundumaa keessa namoonni Sanbata eegaa turan turaniiru. Ceephoo fi ari’atamuu guddaa keessatti yoo ta’e illee, seerri Waaqayyoo fi dirqamni qulqullaa’aa sanbata uumamaa tasa kan hin jijjiiramne ta’uu isaa ilaalchisee dhuga ba’umsi wal-irraa hin citne kennamaa tureera.WG 334.1

    Dhugaan kun, akka Mul’ata 14 keessatti dhi’aatetti “wangeela barabaraa” wajjiin wal-qabatee ibsamee yeroo inni mul’atu keessa waldaan Kiristoos ishee kam akka taatee adda baasee mul’isa. Sababiin isaas, ergaa ergamoota sadanii keessatti “As jira obsi qulqulloota, abboommii Waaqayyo kan eeganu, amantii Yesuusinis” jedhamee caafamee jira waan ta’eef. Ergaan xumuraa dhufaatii Kiristoos isa lamaaffaa fuul-dura kennamu ergaa kanaadha. Battaluma lallabbiin ergichaa goolabametti, ilmi namaa makara (haamaa) biyya lafaa geggessuuf jecha ulfinaan utuu dhufuu raajichatti mul’ate.WG 334.2

    Namoonni waa’ee mana qulqullummaa fi seera Waaqayyoo isa yoomiyyuu hin jijjiramne ilaalchisee ifa dhugaa fudhatan hundinuu, miidhaginaa fi tokkumma ergaa isaaniif ife kanaa yeroo hubatan gammachuu fi ajaa’ibsifannaa guddaadhaan guutaman. Ifni gati jabeessi isaaniif ife kun Kiristiyaanota maraaf akka hiramu hawwan. Akkasumas, ifni kun gammachuudhaan simatamee fudhatama jedhanii yaaduu irraan kan hafe kan biraa wanta yaadaan tokko illee hin qaban turan. Haa ta’u iyyuu malee, dhugaan isaanii fi biyya lafaa gidduutti garaagarummaa uume kun, namoota nuti duuka buutota Kiristoosidha jedhanii of waaman baay’ee isaanii biratti hin simatamne. Abboommii afuraffaatiif abbomamuun aarsaa guddaa namoonni baay’ee irraa baqatanii jiran gaafate.WG 334.3

    Waa’een dhimma guyyaa Sanbataa eeguu yeroo dhi’aate, namoonni hedduun yaada biyya lafaa iratti hunda’anii sababa dhi’eessan. Isaan akkana jedhan “Nuti yeroo hundumaa guyyaa Dilbataa (jalqaba torbanii) eegne, abboonni keenyas isuma eegan, akkasumas namoonni gaggaarii fi sodaa Waaqayyoo qaban hedduun utuma guyyicha eeganii gammachuudhaan du’aniiru. Yoo isaan sirrii turan ta’e, nutis sirrii dha. Sanbata isa haaraa kana eeguun tokkummaa addunyaa keessaa darbatee nu baasa sababa ta’eef, nuti isaan irratti dhiibbaa geessisuu hin dandeenyu. Gartuun xiqqaa guyyaa torbaffaa eegaa jiran addunyaa mara warra guyyaa Dilbataa (jalqaba torbanii) eegaa jiran irratti dhiibbaa maalii geessisna jedhanii abdatu? Yihuudonni Kiristoosiin fudhachuu diduun isaanii gochaa qajeelaa ta’uu isaa agarsiisuuf jecha sababa wal-fakkaataa dhi’eessan. Abboonni isaanii aarsaa dhi’eessuudhaan Waaqa biratti fudhatama argataniiru. Erga akkana ta’ee maaliif ijoolleen isaanii karaa wal-fakkataa adeemuudhaan fayyina argachuu hin dandaa’aniree? Akkuma kana, bara Luutar keessa, phaaphaasonni akkana jedhanii sababeessaa turaniiru: “Kiristiyaanonni dhugaan amantii Kaatolikiitti qabamanii utuu jiranii du’aniiru. Kana waan ta’eef, amantiin sun isaan fayisuuf ga’aa dha.” Yaadni akkasii guddina shaakala amantiitti gufuu mijataa ta’uun isaa mirkanaa’aa dha.WG 334.4

    Namoonni baay’een, kabaji guyyaa Dilbataa (jalqaba torbanii) waldaan jaarraa hedduudhaaf ittiin geggeeffamaa turte barsiisa dhaabbataa fi aadaa bal’aa akka ta’e dubbatu. Haa ta’u iyyuu malee, faallaa yaada kanaa, sanbannii fi kabaji guyyaa Sanbataa baay’ee bal’aa fi akkuma dulluma umurii biyya lafaa kan dur-durii ta’uun isaa, akkasumas beekamtii Waaqayyoo fi ergamootaa kan qabu ta’uun isaa mul’ifameera. Hundeen Sanbataa kan inni ka’ame, yeroo hundeen lafaa ka’ame fi Yeroo urjoonni gara barii faarfatan, warri waaqa irraa ‘Ilmaan Waaqayyoo’ jedhamanis guddisanii sagalee gammachuu dhageessisan ture. Iyo. 38:6, 7; S/Uum. 2:1-3. Dhaabbanni kun, aangoo namaatiin hin hundeeffamne waan ta’eef, bu’uurri isaas aadaa namaa irratti kan ijaarame miti waan ta’eef, akka nuti isa kabajnuuf nu gaafachuu dandaa’a ta’a. Inni Isa bara baay’ee dheeraa jiraateen hundeeffame, sagalee Isaa isa bara baraatiinis ajajame.WG 334.5

    Yeroo waa’een haara’umsa guyyaa Sanbataa yaada garaa namootaa hawwate, tajaajiltootni bebbeekamoon sammuu dhugaa barbaaduudhaan gaaffii kaasan mara cal-jechisiisuuf mijataa akka ta’utti sagalee Waaqayyoo micciranii dhuga-ba’umsa isaatti hiikkaa mataa isaanii kennan. Warri ofii isaaniitii Macaafa Qulqulluu hin qayabannee immoo goolabbii akka fedha garaa isaanitti goolabametti quufanii fudhatan. Namoonni baay’een; falmii, gowwomsaa, aadaa abbootii fi aangoo waldaatti fayyadamanii dhugaa garagalchuu yaalaniiru. Falmitootni abboommii afuraffaa dhugummaa abboommichaaf faccisa kennuuf jecha gara Macaafa Qulqulluutti fuula isaanii deebifatan. Namoonni gadi of deebisoon sagalee Waaqayyo qofa meeshaa waraanaa isaanii godhanii hidhatan haleellaa namoota barumsa olaanaa qabanii dandamatanii dhaabbatan. Isaaniis, dandeettiin dubbannaa isaanii inni gowwomsaa irratti hundaa’ee, dandeettii isa salphaa, qajeelaa fi kallattii, isa kan warra ogummaa biyya lafaa irratti osoo hin taane heertuu Macaafa Qulqulluu irratti bu’uureffamee duratti humna dhabuu isaa arganii aarii fi raajeffannaadhaan guutaman.WG 335.1

    Namoonni danuun, dhuga ba’umsi Macaafa Qulqulluu yaada isaanii deggaru bakka hin jirreetti, sababa wal-fakkaataa Kiristoosii fi bartoota Isaa irratti dhi’aatee irraanfachuudhaan ejjennaa isaaniitti cichanii akkas jedhanii dubbatu: “Namoonni keenya warri gurguddoonni maaliif gaaffiwwan dhimma sanbataa wajjin wal-qabatanii jiran hin hubatan? Garuu muraasi isaanii akkuma isin amantanitti amanu. Beektotni addunya marti kan dogoggoran ta’anii, isin immoo sirrii ta’uu hin dandeessan.”WG 335.2

    Yaadni falmiidhaaf dhi’aatan akkanaa soba ta’uu isaanii raggaasisuudhaaf barsiisa Macaafa Qulqulluu fi seenaa Gooftaan baroota hundumaa keessatti saba Isaa gidduutti hojjete caqasuun barbaachisaadha. Waaqayyo karaa namoota dubbii Isaa dhaga’anii dubbichaaf abbomamanii, karaa warra yoo barbaachisaa ta’ee argame dhugaa namoonni dhaga’uu hin barbaanne lallabanii fi warra cubbuu sabaa ifachuu hin sodaanneen hojjeta. Namoonin taayitaa guddaa fi barumsa olaanaa qaban yaada mataa isaanii, tiyoorii fi sirna qu’annoo amantii (Theological system) isaanitti hirkatu malee Waaqayyoo irraa barachuun akka isaan barbaachisu isaanitti hin dhaga’amu. Sababa kana ta’eef, Waaqayyo sochii haara’umsaa akka isaan geggeessaniif isaan hin fo’atu. Heertuu Macaafa Qulqulluu hubachuu fi ibsuu kan danda’an warra madda ogummaa Isa ta’e wajjin hidhata qaban qofa. Yeroo tokko tokko namoota sadarkaa mana barumsaatti barnoota hedduu hin barannetu dhugaa labsuudhaaf waamama. Kun immoo sababa isaan kan hin barannee ta’aniif osoo hin taane, sababa isaan Waaqayyoo irraa barachuudhaaf warra ofitti quufan hin taaneefi dha. Isaan mana barumsaa Kiristoositti waan barataniif, abbomamuu fi gadi of deebisuun isaanii namoota gurguddaa isaan taasisa. Waaqayyo beekumsa dhugaa isaaniif kennee ulfina isaan gonfachiisa. Ulfinni biyya lafaa fi guddina dhala namaa ulfina Waaqayyo isaaniif kennu kanaa wajjin wal-bira qabamee yeroo ilaalamu gatii hin qabu.WG 335.3

    Adiventistoonni harka caalan waa’ee mana qulqullummaa fi seera Waaqayyoo ilaalchisee dhugaa caafamee jiru hin fudhanne. Baay’een isaanii immoo sochii dhufaatii lammaaffaa keessatti amantii isaanii dhiisanii raajii hojicha ilaallatu irratti ilaalcha amansiisaa hin taanee fi wal-faallesu fudhatan. Kaan isaanii guyyaa dhufaatii Kiristoos isa lammaffaadhaaf guyyaa murta’aa muranii kaa’uudhaan dogoggora irra deddebi’ee dalagamu hojjechuutti oofaman. Waa’ee mana qulqullummaa ilaalchisee ifni yeroo ammaa kana ifaa jiru, yeroon raajii (prophetic period) hanga dhufaatii Kiristoos isa lammaaffatti dheeratu kan hin jirre ta’uu isaa fi Yesuus gaafa akkasii dhufa jedhamee guyyaan murtaa’ee kenname kan hin jirre ta’uu isaa isaanitti mul’isuu qaba ture. Isaan garuu dhugaa irraa fuula isaanii achi deebisanii guyyaa dhufaatii Gooftaaf yeroo murtaa’aa murteessanii kaa’uu itti fufan. Bu’aan isaas akkuma kanaan duraa abdi kutannaa ture.WG 336.1

    Yeroo waldaan Tasaloonqee Waa’ee dhufaatii Kiristoosiin ilaalchisee ilaalcha dogoggoraa fudhatte, ergamaan Phaawulos akka isaan abdii fi hawwii isaanii sagalee Waaqayyootiin qoran isaan gorse. Taatewwaan dhufaatii Kiristoos fuul-dura ta’uu qaban maal akka ta’an raajii keessaa erga isaaniif caqasee booda, dhufaatiin Gooftaa guyyaa keenya keessa ta’a jedhanii eeggachudhaaf bu’ura kan hin qabne ta’uu isaa isaanitti agarsiise. Akeekkachisni isaa: “kanaaf namni tokko karaa kam illee isin hin walaalchisin” kan jedhu ture. 2Tas 2:3. Abdii Macaafa Qulqulluutiin hin deggeramnetti dabarsanii yoo of kennan, adeemsa dogoggoraatti geggeefamu. Abdi kutannaanis ceephoo warra hin amanneetti isaan saaxila. Kana qofas osoo hin taane, balaa fi qorumsa abdi kutannaadhaan mo’amuu fi dhugaa fayina isaaniif barbaachisaa ta’e shakkuu keessatti kufu. Gorsi ergamaan Phaawulos amantoota waldaa Tasaloonqeetiif kenne namoota yeroo xumuraa keessa jiraataniif barumsaa barbaachisaa qaba. Adiveentistoonni baay’een isaanii, guyyaan dhufaatii Gooftaa gaafa akkasii ta’a jedhanii yeroo murtaa’aa tokko irratti amanannaa isaanii hin dhaabbachisan yoo ta’e, hojii qophaa’insaa irratti dammaqoo fi dhimmamoo ta’uu akka hin dandeenye isaanitti dhagaa’amee ture. Haa ta’uu iyyuu malee abdiin isaanii ammaa ammaa haara’ee akkasumaan kan badu yoo ta’e, hanga garaan isaanii dhugaa gurguddoo raajii keessatti caafamanii jiran fudhachuu didutti amantiin isaanii balaa sodaachisaa keessa bu’a.WG 336.2

    Ergaa isa duraa lallabuu keessatti, yeroon firdii adda ba’ee akka lallabamu kan abbome Waaqayyoo dha. Shallaggiin yeroo raajii (prophetic period), inni xumura guyyoota 2300 arfaasaa 1844 irraa ka’u sun, bu’ura ergichaa qofa osoo hin taane shallaggii mudaa tokko illee hin qabne dha. Jalqabbii fi xumurri yeroo raajii kanaa guyyaa biraa ta’a jedhanii guyyaa haaraa barbaacha irra deddeebi’anii dhama’uu fi yaada kana tumsuuf jecha sababa amansiisaa hin taane dhi’eessun, sammuu namoota dhugaa yeroo irraa kaachisuu qofa osoo hin taane, dhama’insa raajii Macaafa Qulqulluu ibsuudhaaf taasifamu irratti tuffii darbachiise. Guyyaan dhufaatii Gooftaa gaafa akkasii ta’a jedhanii irra deddeebiidhaan guyyaa murtaa’aa kaa’uu fi waa’ee kanaa caalmaatti bal’isanii barsiisuun, kaayyoo seexanaa galmaan ga’uu keessatti iddoo olaanaa qaba. Seexanni erga yerichi darbee booda namoota ergicha lallaban irratti qoosaa fi jibba sochoosa. Sochii dhufaatii lammaaffa isa 1843 fi 1844 irrattis uffata ceephoo uwwisa. Xumura irratti, namoonni dogoggora kanatti cichan hundinuu guyyaa dhufaatii Gooftaa achi fageessanii kaa’u. Yeroo kun ta’u, isaan nageenya sobaa keessa boqochuutti geggeefamu. Baay’een isaanis hanga yeroon guyya’utti gowwomsaa keessa turu.WG 336.3

    Seenaan Israa’eloota bara durii muuxannoo Adiiventistoota darbanii haala ajaa’ibsiisaa ta’een ibsa. Waaqayyo saba Israa’eliin biyya Gibxii akkuma geggeesse, saba isaas sochii dhufaatii lammaaffaa keessatti geggeesse. Akkuma amantiin saba Ibirootaa qarqara galaana Diimaatti qorame, yeroo abdi kutannaa isa guddaa sana keessa amantiin sochii kanaas gar-malee qorame. Harka isa shaakala jireenya isaanii isa darbe keessatti isaan geggeessaa turetti amanachuu itti fufaniiru utuu ta’ee, silaa fayisuu Waaqayyoo ni argu turan. Warri hojii bara 1844 keessatti tokkummaadhaan hirmaachaa turan hundinuu ergaa ergamaa sadaffaa tole jedhanii fudhatanii humna Hafuura Qulqulluutiin lallabaniiru utuu ta’ee, silaa Waaqayyo karaa dhama’insa isaanii humna Isaa isa olaanaa ni mul’sa ture. Akkasumas lolaan ifa dhugaa addunyaa guutummaatti ni lolaa’a ture. Silaa baroota hedduu fuul-dura biyyi lafaa akeekkachiifamtee hojii yeroo xumuraas kan goolabame ture, Kiristoosis ijoollee isaa furuuf ni dhufa ture.WG 336.4

    Ijoolleen Israa’el waggaa afurtama lafa onaa keessa jooruun isaanii fedha Waaqayyoo hin turre; Inni kallattiidhaan gara Kanaa’anitti isaan galchee akka saba qulqullaa’aa fi gammachuu guutuu qabuutti isan hundeessuu barbaada ture. Isaan garuu “amantii dhabuu irraa kan ka’e iddoo sanatti galuu dadhaban.” Ibr 3:19. Isaan lafa onaa keessatti kan isaan dhuman sababa gantummaadhaan duuba deebi’aniif, biyya abdachiifametti galuuf kan biraatu kaafame. Haaluma wal-fakaatuun, dhufaatiin Gooftaa akka lafa irra harkifatuu fi ilmaan namootaa biyya lafaa cubbuu fi gaddaan guutamte keessa baroota hedduu jiraachuun isaanii jaalala Waaqayyoo miti. Haa ta’u iyyuu malee amantii dhabiinsi isaanii Waaqayyottii gargar isaan baase. Hojii isaanitti kenname hojjechuu yeroo isaan didaa turan, nama kan biraatu ergaa lallabuudhaaf kaafama ture. Yesuus o’a biyya lafaaf qabu irraan kan ka’e, akka cubbamoonni dha’icha Waaqayyoo fuul-dura akeekkachiisa barbaachisaa dhagaa’anii iddoo baqaa Isa godhataniif jedhee dhufaatii Isaa isa lammaaffaa dheeresse.WG 337.1

    Har’as akkuma baroota darbanii, lallabni ergaa dhugaa inni cubbuu fi dogoggora barichaa ifatu mormii guddaa sochoosa. “Hamaa kan hojjetu hundinuu ificha in jibba, hojiin isaa akka irratti hin beekamneef gara ifichaatti hin ba'u.” Yoh. 3: 20. Namoonni ejjeennaa (dhaabbannaa) amantii isaanii karaa Macaafa Qulqulluu deggeranii tursuu akka hin dandeenye yeroo hubatan, baay’een isaanii balaa kam keessatti illee dhaabbaannaa isaanii sana deggeranii tursuuf kutannoo taasisu. Itti dabalees, hafuura xuraa’atiin geggeeffamanii amalaa fi yaada garaa (kaka’umsa) namoota dhugaa fudhatama hin qabne (beekamaa kan hin taane) Kanaan namoota morman irratti lola adeemsisu. Baroota hundumaatti iyyuu himaammata wal-fakkaataatu hojii irra oolfamaa ture. Eliyaas saba Israa’eliin kan garagaggalchu jedhamee waamameera, Ermiyaas gantuu, Phaawulos immoo nama mana qulqullummaa xureessu jedhamanii moggaafamaniiru. Namoonni yeroo sanaa kaasee hanga ammaatti dhugaadhaaf amanamanii dhaabbatan hundinuu, akka finciltootaatti, gantoota amantii fi madda gargar ba’insa sabaatti balaaleffatamaniiru. Baay’onni warri amantii dhabuu irraan kan ka’e sagalee raajii isa dhugaa fudhachuu didan, gaaffii tokko malee himata namoota cubbuu bara kanaa ifatan irratti geggeffamu simatanii fudhatu. Hafuurri akkanaa kun caalmaatti guddachaa adeema. Yeroo seerri biyyaa (mootummaa) seera Waaqayyoo wajjin walitti bu’u fi yeroo warri abboommii Waaqayyoo hundumaa eegan akka yakkamtootaatti ceepha’amanii adabaman dhi’aachaa kan jiru ta’uu isaa Macaafni Qulqulluun mul’inatti barsiisa.WG 337.2

    Haala kana ilaalchisee, hojiin ergamaa dhugaa maali? Erga namoonni si’a baay’ee dhugichaan mormu ta’ee dhugichi lallabamuu hin qabu jedhee goolabuu qabaa? Lakki; mormii haaressitota bara durii quunname caalaa mormii jabaa kaasa sababa ta’eef dhuga ba’umsa sagalee Waaqayyoo dabarsuu dhiisuudhaaf sababa biraa hin qabu. Dhuga ba’umsi amantii qulqullotaa fi wareegamtoota (kitimamtoota) amantiitiin dubbataman hundinuu, bu’aa dhaloota dhufee darbuutiif caafaman. Fakkeenyi jiraataan karaa qulqullummaa fi amanamummaa isaanii isa jabaan mul’ate, jireenya warra yeroo ammaa kana Waaqayyoof dhuga baatota ta’uuf waamamanii keessatti jajjabina horachiisuuf darbee as ga’e. Isaan ayyanaa fi dhugaa kan isaan fudhatan bu’aa mataa isaanii qofaaf osoo hin taane, beekumsi dhugaan akka karaa isaanii addunyaa mara ibsuufi. Waaqayyo garboota Isaa dhaloota kana keessa jiraniif ifa kenneeraa? Yoos egaa akka ifichi addunyaa mara keessatti ifu gochuu qabu.WG 337.3

    Bara durii keessa Gooftaan nama maqaa Isaatiin dubbate tokkon akkana jedhe: “Garuu namoonni Israa'el anaaf waan dhaga'uu hin jaallatiniif, siifis dhaga'uu hin jaallatan, guutummaan mana Israa'el addaggee dha, boqu-jabeeyyii dha.” Haa ta’uu malee “Isaan warra didanii ka'anii dha, yoo dhaga'an, yoo dhaga'uu dhabaatanis ati dubbii koo isaanitti dubbadhu!” isaan jedhe. His. 3: 7; 2: 7. Yeroo kana keessa ajaja akkas jedhutu garbicha Waaqayyootti kenname: “Hamma dandeessu guddisii dubbadhu malee, of hin qabin! Sagalee kee akka fiinootti ol kaasii dhageessisi, saba kootti irra-daddarbaa isaanii, sanyii Yaaqoobitti cubbuu isaanii himi!” Isa. 58: 1.WG 338.1

    Namni ifa dhugaa argate kam iyyuu, hanga carraan isaaf eyyametti akkuma raajii Israa’el kana itti gafatamummaa ulfaataa fi sodaachisaa jala jira. Dubbiin Waaqayyoo inni gara raajii Israa’el dhufe akkana jedha: “Yaa mucaa namaa! Ani mana Israa'eliif eegduu si godheera, ati immoo dubbii koo dhaga'ii of isaan eeggachiisi! Ani nama jal'aadhaan, “Yaa nama jal'aa! Ati dhugumaan in duuta” yommuun jedhu, ati immoo inni jal'aan sun karaa isaa irraa akka deebi'uuf of hin eeggachiiftu yoo ta'e, inni jal'aan sun yakka isaatiin in du'a; ani immoo dhiiga isaa harka kee keessaa nan barbaada; ati garuu isa jal'aa sana karaa isaa irraa akka deebi'uuf utuma of eeggachiiftuu, inni isa irraa deebi'uu yoo dhiise, inni yakka isaatiin in du'a; ati garuu of in oolchita.” His 33:7-9.WG 338.2

    Danqaan guddaan dhugaa fudhachuu fi labsuu keessa jiru ceephoo fi mijachuu dhabuu hojicha keessa jiruudha. Sababni deggertoonni isaa dhugaa ilaalchisee isaan falmiin mormuu hin dandeenye kana qofaadha. Haa ta’u iyyuu malee kun duuka buutota Kiristoos warra dhugaa booddeetti deebisuu hin danda’u. Isaan hanga dhugaan beekamtii argatutti hin eegan. Isaan dirqama isaanii hubatanii, utuma beekaniis hojii kooti jedhanii fannoo fudhatanii jecha Phaawulos “Rakkinni salphaan inni nuyi yeroodhaaf baannu kun, ulfina bara baraa isa safara malee guddaa sana baachuudhaaf nu qopheessa” jedhee dubbatee faana dha’u. Isa bara durii tokko wajjinis “ija” isaanii “gatii isaa isa booddee irra” kaa'achudhaan, “sooruma Gibxii hundumaa irra, sababii Kristosiif arrabsoo baachuu badhaadhummaa isa caalutti” lakkaa'atu. 2Qor. 4: 17; Ibr. 11: 26.WG 338.3

    Ogummaan isaanii waan fedhe illee yoo ta’e, warra keessa onnee isaaniitti tajaajiltoota addunyaa ta’an qofatu seera (qajeelfama) sirna amantiidhaan osoo hin taane himaamata irratti hundaa’ee hojjeta. Qajeelina kan nuyi fo’achuu qabnuuf sababa inni qajeelina ta’eef. Bu’aa isaa immoo Waaqayyootti dhiisuu qabna. Namoota qajeelfamni, amantii fi jajjabinni qabeenya isaanii ta’eef haarefama isaan godhaniif addunyaan gatii itti baafti. Hojiin haara’umsa yeroo kanaa karaa namoota akkanaa itti fufee hojjetamuu qaba.WG 338.4

    Waaqayyo Gooftan “Isin warri qajeelummaa beektan na dhaga'aa, isin warri seera koo yaadatti qabattanis na dhaggeeffadhaa! Ga'isuu namootaa hin sodaatinaa, yommuu isaan isinitti qoosanis hin na'inaa! Isaan akka uffata biliin nyaateetti, akka gogaa ololeen nyaateettis nyaatamanii in dhumu; qajeelummaan koo garuu bara baraan in jiraata, fayyisuun koos dhalootaa hamma dhalootaatti in tura” jedha. Isa 51:7, 8.WG 338.5

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents