Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Wal’aansoo Isa Guddaa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 30—Diinummaa namaa fi seexana gidduu jiru

    “Ani sii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita” jedhe. Uuma. 3: 15. Firdiin Waaqayyoo inni erga sanyiin namaa kufee boodaa seexana irratti labsame raajii yeroo ta’u, innis immoo hanga xumura yerootti baroota hundumaa kan hammatuu fi wallansoo guddicha sanyiin namaa biyya lafa kana irra jiraatu kam iyyuu keessatti hirmaatu kan argisiisuudha.WG 370.1

    Waaqayyo “Ani diinummaa nan buusa” jedhee dubbate. Diinummaan kun uumamaan kan keessa seename miti. Namni yeroo seera Waaqayyo cabse, uumamni (amalli) isaa hamaa ta’e, seexanaa wajjinis qooda garaagara ta’uu, walii galtee taasise. Nama cubbamaa fi hamajaajii isa cubbuu maddisise gidduu uumamaan dinummaan hin jiru. Lamaan isaanii iyyuu gantummaadhaan hamoo ta’an. Inni gantuun sun yoo warra kaan gowwomsee deggersaa fi jaalala isaanii argate malee hin boqotu. Sababa kanaaf, ergamoonni kufanii fi cubbamoonni walitti dhufeenya abdii hin qabne uumuuf jecha waliigalan. Utuu Waaqayyoo karaa adda ta’ee gidduu hin seenne ta’ee, silaa seexannii fi namoonni gamtaa’anii samii irratti fincila geggeessu turan; maatiin dhala namaa hundinuus qooda seexana ija jibbaatiin ilaalan, Waaqayyon mormuudhaaf seexanaa wajjin tokkummaa uumu turan.WG 370.2

    Seexanni akkuma ergamoota fincilsiise, lola samii irratti geggeessaa jiru keessatti deggersa ilmaan namootaa argachuuf jecha namni cubbuu akka hojjetuuf qore. Seexannii fi ergamoonni isaa jibba Kiristoosiif qaban irratti garaagaraummaa tokko illee hin qaban turan; tuqaa kan biroo hundumaa irratti garaagarummaa yoo qabaatan illee, aboo geggeessaa Yuunivarsii irratti mormii geggeessuudhaaf tokkummaa jabaa ta’e uuman. Haa ta’u iyyuu malee, isaa fi dubartittii gidduu, akkasumas, sanyii ishee fi sanyii isaa gidduu diinummaan akka jiraatu ilaalchisee labsii labsamee yeroo dhaga’e, dhama’insi inni uumama (amala) namaa mancaasuuf saganteeffatee gargar kan citu ta’uu isaa fi ilmaan namootaa humna isaan mormuu akka dandaa’an hubate.WG 370.3

    Aariin seexanaa ilmaan namootaa irratti baay’isee boba’e, sababni isaa karaa Kiristoosiin jaalaalaa fi araara Waaqayyoo argachuu waan isaan danda’aniifi. Seexanni hojii harka Uumaa mancaasee xureessuudhaan, karoora fayinaa Waaqayyo ilmaan namootaaf qabu gufachiisuu fi Waaqayyo irra salphina kaa’uu barbaada; inni samii gadda guddaadhaan guutuu, biyya lafaa immoo iddoo boo’ichaa fi onaa homtinuu irra hin jirre gochuu barbaada. Hamminni kun hundinus bu’aa hojii harka Waaqayyoo isa inni nama uume akka ta’etti argisiise.WG 371.1

    Akka namni seexanaa wajjin diinummaa qabaatu kan taasisu ayyaana Kiristoos isa onnee cubbamaa keessa dhaabamuudha. Ayyaana isa nama jijjiruu fi humna nama haaressu kana yoo argate malee, namni boojuu seexanaa fi garba hojii isaa hojjechuuf yeroo hundumaa qophaa’e ta’ee itti fufa. Haa ta’u iyyuu malee qajeelfamni haaraan onnee keessa seenu kun iddoo duraan nagaan buufatee ture keessatti lola uuma. Humni Kiristoos hidhachiisu jabina namni ittiin hacuuccaa fi haxxummaa diinaa mormu namaaf kenna. Qooda cubbuu jaallachuu utuu isa jibbu kan argamu kam iyyuu, kajeellaa cubbuu isa onnee bitee jiruun kan mormuu fi kan injifatu kam iyyuu, hojiin qajeelfama samii jireenya isaa keessa jiraachuu isaa agarsiisa.WG 371.2

    Diinummaan hafuura Kiristoosii fi hafuuraa seexanaa gidduu jiru yeroo kam irra caalaa bifa ajaa’ibsiisaa ta’een kan inni mul’ate simannaa biyyi lafaa Yesuusiif goote irratti dha. Warri Yihudotaa Isa simachuu diduu isaaniitiif sababii guddaa kan ta’e, Yesuus badhaadhummaa fi ulfina biyya lafaa fudhatee dhufuu dhiisuu Isaa miti. Humna isa faayidaalee duubaan mul’atu dhabuuf beenyaa baasu bira darbee waan guddaa hojjechuu danda’u akka Inni qabu arganiiru. Garuu qulqullummaa fi muda malee argamuun Kiristoos jibba warra waaqa hin qabnee Isatti fide. Jireenyi of ganuu fi cubbuu irraa walaba ta’uu Isaa, yeroo hundumaa warra koortuu fi gammachuu fooniitti gad-of-dhiisan mara kan ifatu (qeequ) ture. Ilma Waaqayyoo irratti jibba kan kakaase kana ture. Seexannii fi ergamoonni hamoonni namoota jal’ootaa wajjin gamtaa uuman. Humnoonni gantummaa hundinuu tokko ta’anii Shaampiyoonaa (Goota) dhugaa adamsan.WG 371.3

    Diinummaan duuka buutota Yesuus irratti geggeefame isuma Gooftaa isaanii irratti geggeeffamee wajjin tokko. Amala cubbuu isa jibbisiisa kan hubatuu fi jabina olii kennamuun guutamee qormaata seexanaatiin kan mormu hundinuu shakkii tokko malee jibba seexanaa fi duuka buutota isaa kakaasa. Jibbii qajeelfama dhugaa isa qulqullaa’aa, fi ceephoo fi ari’atamuun deggertoota isaa irratti geggeefamuu hundinuus hanga cubbuunii fi cubbamoonni jiranitti itti fufee jiraata. Duuka buutonni Kiristoosii fi garboonni seexanaa walii galuu hin dandaa’an. Gufannaan fannoo amma illee hin dhaabbanne. “Akkasuma karaa Kiristoos Yesus nama Waaqayyoo ta'ee jiraachuu kan hawwu hundinuu ari'atamuuf jira.” 2Xim. 3: 12.WG 371.4

    Bakka buutonni seexanaa, mootummaa Waaqayyoon mormanii qajeelfama isaa jalatti angoo fi mootummaa seexanaa hundeessuuf geggeessaa isaa jala hiriiranii walitti fufinsaan hojjechaa jiru. kana gochuudhaaf immoo duuka buutota Kiristoosiin gowwomsuu fi amanamummaa isaanii irraa isaan gufachiisuu barbaadu. Isaan kaayyoo isaanii kana galmaan ga’uuf jecha akkuma geggeessaa isaanii heertuu Macaafa Qulqulluu jal’isuu fi hiikkaa dogooggoraa itti kennuudhaan hojjetu. Akkuma seexanni Waaqayyoon ceepha’uuf (arrabsuuf) dhama’e, bakka buutonni isaa saba Waaqayyoo irratti jal’inaan ni dubbatu. Hafuurri Kiristoosiin ajjeesise akka jal’onnii duuka buutota Isaa ajjeesaniif isaan kakaasa. Wantootni kun hundinuu raajii isa jalqaba raajame keessatti ibsameera: “Ani sii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa.” Kun immoo hanga xumura baraatti itti fufa.WG 371.5

    Seexanni humna waraanaa isaa mara walitti qabatee dandeetti qabu hundumaan gara lolaatti ni seena. Sababii maaliif kan inni mormii (ittisa) cimaatiin hin qolatamneef? Loltoonni Kiristoos kan dhimma hin qabnee fi kan hirribaan mudhukaa’an maaliif ta’u? Sababni isaa walitti dhufeenyi dhugaa isaanii fi Kiristoos gidduu jiru muraasa waan ta’eef; sababni isaa Hafuura Qulqulluutiin guutamuu irratti hiyyeessota waan ta’aniifi. Akka uumaa isaanii biratti ilaalametti cubbuun ciigasiisaa fi jibbisiisaa ta’ee isaan biratti hin ilaalamne. Isaan akka Kiristoosiin gara kuteenyaa fi ejjennaa walaalammii hin qabneen cubbuudhaan hin mormine. Isaan guddina hammeenyaa fi haxxummaa cubbuun qabuu hin hubanne, akkasumas, amalaa fi humna gooftummaa dukkanaa akka hin hubaneef iji isaanii jaameera. Seexanaa fi hojii isaa irratti diinummaan jiru muraasa, sababni isaa humna fi haxxummaa isaa ilaalchisee, akkasumas, waa’ee lola bal’aa inni Kiristoosii fi waldaa irratti geggeessaa jiruu irratti wallaalummaa jiru guddaa waan ta’eef. Kana irratti hedduun gowwomfamaniiru. Diinni isaanii Jeeneraala (hogganaa waraanaa) cimaa sammuu ergamoota hamoo to’atuu ta’uu isaa, akkasumas, fayina lubbuu karaatti hambisuuf jecha karoora baay’ee bilchaataa ta’ee fi sochii ogummaadhaan guutameen deggeramee kiristoos irratti lola geggeessaa kan jiru ta’uu isaa hin beekan. Nuti Kiristiyaana kan ofiin jedhan baay’een isaanii, akkasumas, tajaajiltoota (lallabdoota) wangeelaa baay’ee isaanii dabalatee, yooma akka tasaa waltajjii irratti maqaa seexanaa dha’an irraan kan hafe waa’ee hojii isaa ilaalchisee wanti isaan dubbatan muraasa. Isaan sochii seexanni guyyaadhaa gara guyyaatti adeemsisaa jiruu fi milkaa’ina inni gonfachaa jiru ilaalchisees ragaa jiru hubachuu dadhabu; Waa’ee haxxummaa seexaanaa ilaalchisee akeekkachisaa kennamanii jiran ni dagatu; jiraachuu isaa illee waan dagatan fakkatuu.WG 372.1

    Yeroo namoonni tooftaa hojii isaatii sirritti hubachuu dadhaban, diinni dammaqaan kun gaafa hundumaa faana dha’ee isaan hordofa. Seexanni tokkoo tokkoo maatii, daandiwwaan magaalaa keenya hundumaa, waldoota Kiristiyaanaa keessa, mana maree biyyooleessaa fi mana murtii keessatti argamee burjaajessaa, gowwomsaa, hojii hamaa akka hojjetaniif sossobaa, iddoo hundumaatti lubbuu fi qaama abbootii, haadholii fi ijoollee mucoolii balleessaa, maatii gargar diigaa, jibbaa, diinummaa, lola, jeequmsa fi ajjeechaa facaasaa jira. Kiristiyaanonni addunyaa kanaa immoo akka waan taatewwan kun biyya lafaatti raawwatamuu qabanii fi akka wanta Waaqayyo abboomeetti waan ilaalaa jiran fakkaatu.WG 372.2

    Seexanni daangaa sararaa biyya lafaa wajjin gargar isaan baasu diigee saba Waaqayyoo injifachuudhaaf dhama’insa wal-irraa hin citne taasisaa jira. Israa’eloonni bara durii cubbuu keessatti kan isaan kufan yeroo ormoota warra Waaqayyoon hin beeknee wajjin walitti dhufeenya dhorkame raawwatan ture. Israa’elonni bara kanaas haaluma wal-fakkaataa ta’een karaa irraa kaachifamu. “Inni hamaan waaqayyicha bara si'anaa kana ta'e, yaada warra hin amanin sanaa jaamseera; inni ifa ulfina Kiristos, isa fakkaattii Waaqayyoo wangeela keessaa ibsu sana, akka hin argineef isaan dhowweera.”2Qor. 4: 4. Warri kutannoodhaan Kiristoos duukaa bu’uuf hin murtefanne hundinuu garboota seexanaa ti. Onnee hin haarofne keessa jaalala cubbuu, amala cubbuu kunuunsuu fi cubbuudhaaf sababa kennuutu jira. Onnee haara’e keessa immoo amala cubbuu jibbuu fi gara kuteenyaan cubbuudhaan mormuutu jira. Kiristiyaanonni hawaasa Waaqayyoon hin beeknee fi Waaqayyotti hin amanne wajjin yeroo tokkummaa uumuu filatan, mataa isaanii qormaataaf saaxilu. Seexanni ija isaanii duraa of-dhoksee erga bifa callisaa ta’een gara isaaniitti dhiyaate booda golgaa gowwomsaa isaa ija isaaniitti haguuga. Michummaan akkasii kun, jireenya isaanii miidhuuf akkaa qophaa’ee arguu hin danda’an; yeroodhaa gara yerootti, amalaan, akkataa dubbannaa fi gochaadhaan biyya lafaa wajjin walitti makamaa (Michoomaa) yeroo adeeman, irra caalaa gara jaamummaatti seenaa.WG 372.3

    Aadaa biyya lafaatti madaquun waldaa gara biyya lafummaatti jijjiira malee biyya lafaa gara Kiristoositti hin jijjiiru. Cubbuu wajjin michumma (firooma) uumuun, akka cubbuun wanta hamaa fi ciiggaasisaa ta’ee hin mul’anne godha. Garboota seexanaa wajjin michoomuu kan filatu kam iyyuu yeroo dhiyoo keessatti Gooftaa isaa sodaachuu dhaaba (dhiisa). Akkuma Daani’eel yeroo mana mootummaa keessa jiru qorame, nutis utuu hojii keenya seeraan hojjennuu qoramsi nutti dhufuu danda’a, haala akkasii keessatti Waaqayyo akka nu eegu amanuu qabna; haa ta’uu iyyuu malee yoo nuti fedha keenyaa qormaatatti dabarsinee of kennine, dafee ta’us yookiin dafee ta’uu baatus gaaf tokko ni kufna.WG 373.1

    Seexanni yeroo baay’ee namoota to’annaa isaa jala jiru jedhamanii hin shakkamneen hojii isaa milkaa’ina olaanatiin hojjeta. Warri kennaa (dandeettii) fi barumsa olaanaa qaban akka waan dandeettiin kun bakka sodaa Waaqayyoo bu’uutti yookiin akka waan fuula Waaqayyoo duratti fudhatama nama argachiisuutti fuula namaa duratti ulfinaa fi jajjannaa namaaf argamsiisu. Dandeettii fi aadaan ofiidhuma isaaniiti iyyuu kennaa Waaqayyooti; haa ta’u malee yeroo bakka qullaa’ummaa buufamanii ilaalaman, yeroo qooda lubbuu Kiristoositti butuu Kiristoos irraa achi fageessan kiyyoo fi abaarsa ta’u. Wanti gara lafinaa fi qajeelummaa fakkaatee mul’atu hundinuu Kiristoos biraa kan maddeedha yaadni jedhu sammuu namoota baay’ee keessatti mo’ee jira. Dogoggorri kana caale takkaa hin jiru. Amaloonni kun hundinuu waa’ee amantii isa dhugaa ilaalchisee dhuga ba’umsi godhamuu dhibbaa guddaa waan qabuuf jireenya Kiristiyaanota mara keessatti calaqqisuu qabu; haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyoof kennamuu qabuu yookiin immoo humna hamminaas ta’uu danda’u. Shaakalaan dandeettii sammuu fi amala gammachisaa kan qaban, gochaalee safuudhaan balaalefataman hojjechuu kan hin dhiifne, garuu meeshaa harka seexanaa keessatti totolfaman kan ta’an namoota baay’eetu jiru. Dhiibbaa fi fakkenyummaan namoota akkanaa, inni utuu hin mul’atiin miidhaa qaqqabsiisu fi wallaalchisaa ta’e, namoota warra wallaaloo fi hin baranne caalaa hojii Kiristoosiif diina balaafamaadha.WG 373.2

    Solomoon dhimmee kadhachuu fi Waaqayyotti hirkachuu isaa irraan kan ka’e ogummaa guutummaa biyya lafaa ajaa’ibsese argate. Garuu yeroo Waaqa isa madda jabinaa ta’e irraa garagalee mataa isaatti hirkachuudhaan gara fuul-duraatti adeeme, kiyyoo qormaataa keessatti booji’amee kufe. Sanaan booda, humni dinqisiisaan mooticha isa mootota hundumaa irra caalaa ogeessa ta’e kanaaf kenname akka inni diina lubbuutiif bakka bu’aa jabaa ta’u isa taatsise.WG 373.3

    Yeroo seexanni sammuu isaanii dhugaaf jaamsuuf walitti fufinsaan hojjechaa jiru kana keessa Kiristiyaanonni “namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal-qabaa kan hin jirre; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aasoo wal qabaa akka jiran” hin irraanfatin. Efe. 6: 12. Akeekkachiisni karaa Hafuura Qulqulluu caafame jaarraawwan darban hundumaa keessa darbee as ga’uudhaan, har’as, “Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela'utti aadaa naanna'utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna'a” jedhee nu akeekkachiisaa jira. 1Phe. 5: 8. “Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!” Efe. 6: 11.WG 373.4

    Diinni keenya inni guddaan bara Addaamii jalqabee hamma bara keenyaatti humna isaa hojii cunqursaa fi badiisaaf hojjechuuf maayii itti ba’aa tureera. Amma immoo duula isa xumuraa waldaa irratti geggeessuuf qophaa’aa jira. Namni Kiristoosin duukaa bu’uu barbaadu kam iyyuu diina gara jabeessa kanaa wajjin lolatti seenuuf jira. Kiristiyanni baay’isee itti siqeenya amala Waaqayyoo duukaa bu’u, hanguma sana haleellaa seexanaatiif baay’isee kan xiyyeefatame ta’a. Namoonni gowwomsaa isa hamaa sanaa saaxiluu fi fuula namootaa duratti Kiristoosiif dhuga ba’umsa kennuuf jecha hojii Waaqayyoo keessatti dammaqinaan hirmaatan hundinuu, dhuga ba’umsa isa Phaawuloos sammuu guutummaa guutuutti gad-of deebise, imimmanii fi qorumsa danuutiin Gooftaa tajaajilla jedhee isa inni dubbateetti makamuu ni danda’u.WG 374.1

    Seexanni qormaata baay’ee cimaa fi gamnummaadhaan (haxxummaadhaan) guutameen Kiristoosiin adamsaa ture, haa ta’u iyyuu malee dirree lolaa hunduma isaa irratti ni injifatame. Lola sana hundumaa bakka keenya bu’ee nuuf lole; mo’ichi sun hundinuu akka injifannuuf dandeetti nuuf kennu. Kiristoos warra Isa barbaadan hundumaaf humna ni kenna. Namni kam iyyuu fedha ofii isaatiin dabarsee yoo of kenne malee seexanaan mo’amuu hin danda’u. Seexanni inni nama qoru, fedha namaa to’achuufis ta’e humnaan dirqisiisee cubbuu nama hojjechisuuf aboo hin qabu. Tarii nama dhiphisuu ni dandaa’a, garuu faaluu hin danda’u. Gidirsuu ni dandaa’a, garuu xureessuu hin danda’u. Kiristoos duraan dursee injifannoodhaan xumuruun Isaa, duuka buutotni isaa hundinuu lola cubbuu fi seexanaa wajjin adeemsisfamu keessatti gootummaadhaan akka hirmaataniif isaan dadamaqsuu qaba.WG 374.2

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents