Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Wal’aansoo Isa Guddaa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Ergaa Warra Afaan Oromootti Hiikanii

    Kaayyoon kitaabni kun hiikameef namootni afaan kana dubbisanii fi yoo isaaniif dubbifame dhaga’uu danda’an hundi “amantii isa al tokkicha yeroo hundumaaf akka ta'utti warra Waaqayyoof qulqullaa'anitti dabarfame sanaaf akka lolaniif dha” (Yiudaa 3). Wal’aansoo hafuuraa jaarraa hedduuf Kiristosii fi Seexana, dhugaa fi soba gidduutti adeemsifamaa turee ammas itti fufee jiru sana saaxiluuf; haxxummaa seexanaa mul’isuu fi milkaa’inaan ittiin mormanii humna dukkanaa jalaa walaba ba’uudhaan dhaala qulqullootaa keessaa hirmaattota akka ta’aaniif akka isaan gargaaruuf yaadameeti.WG 3.1

    Kitaabni kun maxxanfamee dubbistootaaf dhi’aachuu isaatiif gammachuun keenya guddaadha. Kitaabni kun lola Kiristosii fi Seexana gidduu jiru, mo’icha saba Waaqayyoo isa xumuraa, badiisa seexanaa fi hordoftoota isaatii, barabaraan barbada’uu hojii hamminaa fi goolabbii wal’aansoo guddaa irratti, lafti isheen dhaala qulqulootaa taate haarefamuu ishee ifa godhee ka’a. Kanaaf kitaabni kun wal’aansoon Kiristosiif seexana gidduu jiru gara xumuraatti utuu hin dhufin fuula dura manaa fi harka nama hundumaa keessatti argamuun barbaachisaadha.WG 3.2

    Itti dabalees dubbisi kitaaba kanaa Kitaaba Qulqulluu isa Kitaaba kitaabotaa ta’ee fi isa hojii fayyina dhala namaa haala dinqisiisaatiin hojjetee xumure Kiristosiin jaallachuutti, akkasumas Waaqayyoon isa madda oogummaa, beekumsaa fi ayyaana hundumaa ta’e kabajuutti geessa jennee amanna. Dubbistootni yeroo kitaaba kana qorattan haxxummaa seexanaa sirriitti hubattanii isa fayyina keessan fiixaan baasuuf jecha lola kana lolee mo’ate cina dhaabachuudhaan isaa wajjin gonfoo warra mo’atanii fudhachuu akka dandeessaniif ayyaanni gooftaa Yesuus Hunda keessaniif haa baay’atu. Dhoksaa kitaaba kana keessa jiru hubachuu akka dandeessaniif Hafuurri Waaqayyoo hubannaa fi qalbii keessan haa banu. Eebbi Waaqayyoos hunduma keessaniif haa ta’u. Ameen!!!WG 3.3

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents