Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Yeroo soomtanitti, akka warra of agarsiiftuu nyaara keessan hin guurinaa.” Mat. 6:16.

    Soomni (laguun) Waaqayyo barbaadu isa amalumaaf godhan miti. Inni nyaata lagachuu, moofaa uffachuu fi daaraa mataatti firfirsuu miti kan ilaalu. Namni dhuguma cubbuu isaatiif gadde namatti of hin mul’isu.LGEI 86.1

    Soomni Waaqayyo akka soomnuuf nu gaafatu waa’ee cubbuutiif foon keenya akka adabnuuf utuu hin taane, cubbuun hamaa akka ta’e agarsiisuuf, onnee keenya Waaqayyo duratti gad deebifnee araara Isa argachuuf dha. Israa’eloota kan Inni abboome, “Garaa keessan tarsaasaa malee uffata keessan hin tarsaasinaa, gara Waaqayyo Gooftaa keessanittis deebi’aa.” Yo’el 2:13.LGEI 86.2

    Ofii isaatiin dhiifama nuuf argamsiisu hin qabu; ykn sana gochuu keenyaan gatii dabalachuu hin dandeenyu; ykn warra qulqullootaa keessaa ittiin dhaala hin bitannu. Yeroo Yesuusiin gaafatan, “Hojii Waaqayyoof akka dhamaanuuf maal gochuutu nuuf ta’a? Yesuus deebisee, “Isa Inni ergetti amanuu keessaniin hojii Waaqayyoo ni hojjettu.” Yoh. 6:28, 29. Qalbii jijjiirrannaan anummaa irraa gara Kiristoositti gara galuu dha; yeroo amantiidhaan nu keessa akka jiraatuuf Kiristoosiin fudhannu, hojii gaariin mul’achuu jalqaba.LGEI 86.3

    Yesuus akkas jedhe, “Yeroo soomtutti mataa kee dibadhu, fuula kees dhiqadhu; soomuun kee Abbaa kee Is,sa wanta dhoksaatti hojjetame hundumaa argutti malee namoota duratti akka hin mul’anne godhi.”Mat.6:17, 18. Wanti ulfina Waaqayyoof godhamu hundinuu gammachuudhaan godhamuu qaba malee gaddaan miti. Amantii Yesuus keessaa dukkanni hin jiru. Kiristaanotni ilaalacha gaddaatiin Waaqayyotti abdii kutachuu isaanii dhageessisan, amala Kiristoosiin gar-malee dhiyeessuudhaan diina isaanii waan Inni ittiin falmatu afaan kaa’u. Afaaniin Waaqayyo Abbaa keenya yoo jedhan iyyuu, gaddi isaan biyya lafaatti agarsiisan garuu ijoollee abbaa hin qabne ta’uu isaanii mul’isa.LGEI 86.4

    Kiristoos tajaajilli Isaa akka nama harkisu barbaada, kan harkisu dhas. Of ganuun keenyaa fi qorumsi onnee keenyaa inni dhookataan Fayyisaa keenyatti haa mul’atu. Ba’aa keessan fannoo jalatti dhiisaatii, jaalala isa dursee nu jaallateetti gammaduudhaan karaa keessan itti fufaa. Namootni waan dhoksaatti Waaqayyoo fi lubbuu gidduutti hojjetamaa jiru hin beekan ta’a, bu’aan hojii Hafuurri onnee keessatti hojjetee hundumatti ni mul’ata, Inni “dhoksaatti argu mul’inatti ni badhaasa” waan ta’eef.LGEI 87.1