Seera Waaqayyoo Isa Siinaatti Dubbatame :- waaqayyo milikkita humna isaan akkasittiin kenneefii boda, inni eenyu akka ta’e isaanitti hime. “Ani Waaqayyo gooftaa kee isa mana garbummaa biyya Gibxii keessaa si baaseedhaa.” Waaqumti inni warra Gibxitti humna isaa argisiisaa ture ammammoo saba isaatti dubbachaa jira. SA 73.1
“Waaqayyoolii kan biraa tokko illee ana biratti hin qabaatin, bifa qirixame fakkeenya wanta ol waaqa irra jiruu, gadi lafa irra jiruu, yookiis bishaan keessa lafa jala jiru hin tolfatin. Ati bifa fakkenyaa kanaaf hin sagadin, isaafis hin hojjetin, ani Waaqayyo Gooftaan kee, Waaqa inaafaadha, cubbuu abbootaa hamma dhaloota sadii hamma dhaloota afuriittis harka ijoollee warra na jibbanii keessa nan barbaada, dhaloota warra na jaallatanii, abboommii koo eeganiitti garuu, kumaatama isaaniitti gaarummaa koo nan agarsiisa.” SA 73.2
“Ani Waaqayyo nama akkasumaan maqaa koo dha’u utuun hin adabin waan ani hin dhiifneef, ati maqaa koo maqaa Waaqayyo Gooftaa keetii akkasumaan hin dha’in” SA 74.1
“Guyyaa sanbataa qulqullinatti eeguudhaaf yaadadhu, guyyaa ja'a hojii kee hojjedhu, jiruu kees hun-dumaa godhadhu, guyyaan inni torbaffaan garuu sanbata ana Waaqayyo gooftaa keetiif eegamuudha. Ati ilmi kee, intalli kee, hojjetaan kee, hojjettuun kee, horiin qe’ee kee, galaan kellaa kee keessa jirus isatti hojii tokko illee hin hojjetin. Ani Waaqayyo guyyaa ja’a keesatti bantii waaqaa fi lafaa, galaana wanta isa keessa jiru hundumaas umee, guyyaa torbaffaatti nan boqodhe kanaafis ani Waaqayyo guy-yaa sanbataa nan eebbisee, nan qulqulleesses. SA 74.2
Boqonnaan kun Bau.19, 20, 25-40 kan hundaa’uu dha. SA 74.3
“Biyya ani Waaqayyo Gooftaan kee siif kenne, keessa bara dheeraa akka jiraattuuf, abbaa kee fi hadhaa keef ulfina kenni. SA 75.1
“Hin ajjeesin. SA 75.2
“Hin ejjin. SA 75.3
“Hin hatin. SA 75.4
“Nama irratti sobaan dhugaa hin ba’in. SA 75.5
“Mana namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin, haadha manaa namaa, hojetaa isaa, hojjettuu isaa, Qotiyyoo isaa, Harree isaa, waan kan isaa ta'e duraa fudhachuudhaaf hin hawwin. SA 75.6
Abboommiin inni duraa fi lammaffaan, kana Waaqayyo duubatte akka waaqa tolfamaa hin waaqessineedha, sababiin isaas waaqa tolfamaa waaqessuun, hamma nama aarsaa taasisanitti waan adeemsisu cubbuu fi fincilatti waan nama geessisuufiidha. Waaqayyo wantoota jibbisiisoo keessaa isa dhumaatti illee akka nuyi hin buuneef irraa nu eeguu barbaada. Abboommiin warri jalqabaa arfan hidhata namaa fi Waaqayyoon gidduu jiruuf kan kennamaniidha. Inni arfaffaan immoo Waaqa guddaa fi sanyii namaa kan walitti qabsiisuudha. Addumaan sanbatni immoo kennamuun fayidaa namaa fi ulfina Waaqayyof. Warra dhumaa ja’an walii walii keenyaaf waan nuyi gochuu qabnu kan argisiisuudha. SA 75.7
Sanbati namaa fi Waaqa gidduutti akka mallattoo ta’uuf kenname. Akka kanatti inni mallattoo— sanbataa kan eegan hundumti isaanii sana gochuu isaaniitiin waaqeffattoota Waaqa jiraataa isa waaqaa fi lafa uumee ta’uu isaanii argisiisu. Sanbatni hanga inni lafa kana gubbaatti kan isa tajaajilan qabuutti Waaqayyoo fi saba isaa gidduutti mallattoo ta’ee jiraata. SA 76.1
“Namoonni sun hundinuu qaqqawwee, guca boba’u, sagalee fiinoo, tulluu aarus in hubatan; kana irraan kan ka’es na’ani hoollatan, achi irraa fagaatanii in dhaabatan. Jarri yommus Museedhaan, ‘nuyi akka hin dhumnetti Waaqayyo nuu wajjin akka dubbatu hin godhin ati nuu wajjin dubbadhu!’ Jedhan. SA 76.2
“Museen immoo saba sanaan Waaqayyoon sodaachuun isin bira akka jiraatuf isinis cubbuu akka hin hojjenneef Waaqayyo qoree isin ilaaluudhaaf hin sodaatinaa jedhe. Yommus sabni irraa fagaatee in ijaajje; Museen garuu gara duumessa gurraacha dukkanaa’aatti in dhi'aate. SA 76.3
“Yommus Waaqayyo Museetti dubbatee, ati lsraa’elotaan Waaqayyo akkana jedha: ani waaqa irraa isinitti dubbachuu koo ofii keessanii iyyuu argitaniittu.” Ulfinaan Siinaatti mul''achuun Waaqayyoo, warra lafa irraa wajjin dubbachuu argamuun Isaa fide qaqqawweessaa fi balaqqeessi daawwannaa Waaqaa wajjin argame, sammu namoota sanaa sodaa fi safeeffannaa isa sodaachisaa argamuu Waaqayyoo irratti akka qabaatan taasiseera. Isa cimaa ulfina isaa baachuu waan hin dandeenye ta’ee isaaniin sodaachise. SA 77.1
Balaa Waaqeffannaa waaqa nam-tolchee:-Amma immoo Israa'eloota Waaqa tolfamaa irraa ittisuu barbaade. “Isin ana dhiiftanii Waaqayyolii meetii irraa, yookiis waaqayyoolii warqee irraa hojjetaman hin tolfatina!” isaaniin jedhe. Waaqa dhugaa bakka buufachuudhaaf bifa fakkeenya tolfachuudhaan Balaa fakeenyaa warra Gibxiin faana bu’uu keessa turan. SA 77.2
Waaqayyo Innumti qofaan kaayyoo waaqeffannaa akka ta'uu qabu akka isaan hubatan in barbaada ture. Saba naannoo isaanii warra waqa tolfamoo waaqessan yommuu injifatan, bifa fakkeenyaa isaanii guutummaatti akka balleessaniif malee akka kaa’ataniif hin turre. Waaqonni tolfamoon sun namoota waaqa tolfamoo waaqessan kana qoruu kan danda’an baay’een isaani gatii guddaa kan baasan babbareedoo hojii harka namaa waan turanif, waanuma miira hin qabne kanaaf ulfina kennuun Gibxiin keessatti beekamaa ture. Waaqa tolfamaa waaqessuun saba kanaa gara sadarkaa cubbuu sana hundumaatti akka saba sana geesse, waaqota tolfamoo isaanii balleessuu lsraa'eloota meeshaa godhachuu isaa sabni isaa akka beekaniif Goftaan barbaadeera. Museen Waaqayyo biraa Firdii kana ergaa fuudhee, sabaafis ergaa barreessee, abdii abboomamuu irrattis hundaa’ee booda, Gooftaan akkana jedhe, “Waaqayyo yommus Museedhaan, ati, Aaron, Naadaab, Abihuu, jaarsolii israa’el keessaa torbatamman asi gara koo gara Waaqayyoo kottaa, fagoo dhaabbadhaatii sagadaa! Ati qofaan gara koo gara Waaqayyootti dhi’aadhu malee, warri kaan hin dhi’aatin! Sabni matumaa sii wajjin ol hin ba'in.” SA 78.1
“Museen dhufee wanta Waaqayyo jedhe hundumaa, seera isaas hundumaa saba sanatti in hime. Sabni immoo sagalee tokkichaan deebisanii, ‘dubbii Waaqayyo dubbate kana hundumaa in goona jedhan.”‘ Bau.24:l-3. SA 79.1
Museen kan barreesse abboommii kurnan utuu hin taane firdii Waaqayyo akka isaan hubatan isa barbaade fi abdii isa isaan isaaf abboomamuu irratti hundaa’e sanaadha. Kana saba sanaaf dubbisuudhaan isaanis waan Waaqayyo jedhe in goona jechuudhaan waadaa galan. Kanaa booddee Museen waadaa kabajamaa kan galmee irratti galmeessee waa’ee saba sanaaf Waaqayyoof aarsaa dhi'eesse. “Yommus macaafa kakuu sana fuudhee akka sabni sun dhag’utti dubbise; isaani immoo “wanta Waaqayyo dubbate hundumaa in dhageenya, in goonas” jedhan. Museen dhiigicha fuudhee namootatti facaasee, “ilaa dhiiga kakuu isa Waaqayyo akka dubbii kana hundumaatti isiiniif dhaabe” jedhe.Bau. 24:7, 8. SA 79.2
Kan Waaqayyoo Seera Barabaraa:-Seerri Waaqayyoo utuu namni iyyuu hin uumamin kan jiraateedha. Ergamoonni ittiin bulfamu. Seexxannis kan kufeef qajeelfama bulchiinsa Waaqaa irra Waan darbeefiidha. Waaqayyo Addaamiif Hewwaaniin ergaa uumee booda, seera isaa isaanitti beeksise. Yommus hin barreeffamin ture, garuu Waaqayyo isaaniin barsiiseera. SA 80.1
Jannata Eden keessatti Waaqayyo Sanbata Abboommii arfaffaa dhaabe. Waaqayyo waaqaa fi lafa erga uumee, namas lafa gubbaatti uumee booddee, sanbata isaaniif uume. Addaam erga yakkee booddees, seera Waaqaa irraa wanti tokko hin hir’anne. Qajeelfamni abboommii kurnanii inni kufaatii dura kan ture tartiiba qulqullaa'oo hundumaafuu kan ta’uudha. Kufaatii boodas qajeelfaamni abboommi kurnan keessaa hin jijjiiramne; garuu Waaqayyotu haala kufanii jiranitti namoota qaqqabuuf jecha seerrata dabalataa kenne malee. SA 80.2
Dhugaa isa bofattiin Hewwaaniin akka hin amanne goote nama dura kaa’uuf Waaqayyo sirna aarsaa horii barbaadu hundeesse. Seera Waaqayyoo irra darbuun aarsaa ta'ee akka Kristos du'u fi cubbamaan karaa ittiin adabbi sana jalaa ba’ee, ulfina seerra Waaqaa sana qabaatu barbaachisaa taasise. Sirna aarsaadhaan, haala cubbuu keessa jiraniin, karaa isa abdachiifame Fayyisaa, isa duraan seera Waaqaa irra darbeef dhiifama argachuu danda'u, cubbamoonnni akka gadi of qabanii, akka qalbii jijjiirratan fi Waaqayyon qofa akka amantan kan barsiisuudha. Utuu seera Waaqayyoo irra daddarbuun hin taane ta’eeti, duutis jiraachuu hin danda'u ture, nama sadrkaa kufaatii inni keessa jirutti hubachiisufuu, seerrati dabalataan laataman sunis hin barbaadaman turan. SA 81.1
Addaam dhaloota isatti aananii dhufan seera Waaqaa barsiise, kunis isa dhaloota hundumaa keessatti namoota amanamoodhaan daddabarfamaa dhufeedha. Itti fufiinsaan cabuun seera Waaqayyoo bishaan badiisaa lafa gubbaatti fide. Nohii fi maatiin isaa seera Waaqayyo of keessaa kan qabaatan, gochaa gaarii godhan kanaaf, bidiruu dinqii Waaqayyootiin oolfamuu danda’aniiru. Nohis dhaloota isatti aananii jiran abboommii Kurnan barsiiseera. Addaamii qabee achii asi, Waaqayyo, abboommiin isaa garaa isaanii keessa kan ture namoota ofiif hanbifateera. Waa’ee Abraamiin “dubbii koo waan dhaga’eef, ajaja koo, abboommii koo, seerrata koo, seera koos waan dhaga'eef, ani kana siif nan jabeessa” jedhe.”Uma 26:5 SA 81.2
Waaqayyo Abraamitti mul’atee akkas ittiin jedhe: “ani El-shaadaayiidha [El-shaadaayi jechuun Waaqayyo isa hundumaa danda’u jechuudha]; balleessaa kan hin qabne ta’i, fuula koo duraa deddeebi’i anis kakuu koo anaa fi si gidduu nan dhaaba. Hamma malees sin baayisa! “jedhe. Uma. 17:11.2. “Anis siif Waaqayyo ta'ee, si booddedhaanis sanyii keetiif Waaqayo ta’uufis kakuukoo, ofii koo fi si gidduutti, dhaloota si booddee jiran, sanyii isaanii hundumaa gidduuttis kakuu barabaraa godhee, cimsee nan dhaaba.” Uma. 17:7 SA 82.1
Sana booddee Abrhaamii fi sanyii isaa irraa, dhaqna qabaa isa gogaan foonii naanneffamee citu, isa Waaqayyo akka qabeenyaa dhuunfaa isaatti saba warra biraa irraa addaan baasuutti kan fakkeeffamu in barbaade. Mallatto kanaan waadaa kabajamaa saboota biroo wajjin akka wal hin fuune, yoo kana godhan kabaja Waaqa isaaniif isa qulqulluu seera isaaf qaban dhabuudhaan akkuma saba warra Waaqa tolfamaa waaqessan, warra naannoo isaanii jiran sa-naa in ta’u. SA 82.2
Gocha dhaqna qabaatiin, Gama isaanitiin haala kakuu Abrhaamii wajjin galame, innis, saba naan-noo jiran irraa adda ta'ee mudaa kan hin qabne nan ta’a jechuu argisiisu. Sanyiin Abrhaam saba naan-noo isaanii irraa uttuu adda ta'aniiru ta'ee, silaa waaqa nam-tolchee waaqessuutti hin harkifaman turan. Saba biroo irraa adda ta’uudhaan, namoonni shaakala cubbuun guute godhanii Waaqayyo irraatti akka fincilan kan taasisan qoramsa baay’ee hanbisu turan. Sana caalaatti immoo, hubatamaa kan ta’e, amanamummaa isaanii, amala qulqulluu, saba ormaatti makamuudhaan dhabaniiru. Isaaniin adabuudhaaf, lubbuu isaanii oolfachuudhaaf akka isaani gara Misiritti gadi bu’an kan dirqisiise Waaqayyo laficha irratti beela fidee. Garuu sababii kakuu Abrhaamiif kakatee biyya Misiris yommu isaan turan isaaniin hin gatne ture. Dhiphina isaanii keessatti gara isaatti akka isaan deebi’anii tolaa fi araara qabeessa mootummaa isaa barbaadanii, ulaagalee inni gafatu eegan gochuuf warri Gibxii akka isaaniin cunqursan eyyame. SA 83.1
Gara jalqabaatti kan Gibxitti gadi bu’an maatii muraasa qofa turan. Isaanumti kun gara lakkosa guddaatti baayyatan. Kaan kaan isaanii seera Waaqaa ijoollee isaanii barsiisuuf kan eeggatan tu-ran, garuu baay’een Israa’eloonni immoo waaqeffannaa waaqolii nam-tolchee baay’ee dhugaa-ba’anii yaadni isaan seera Waaqaaf qaban duraa jeeqame. Warri Waaqayyoon sodaatan hafuura gaddaatiin garbummaan isaanii cabee biyya boojuutii baafamanii isaaf akka hojjetaniif, gara Waaqatti iyyan. Waaqayyos iyya isaanii dhaga’eefii meeshaa ittiin saba isaa bilisa baasu Musee isaaniif kaase. Biyya Gibxiin erga gadi lakkisaniis, Waaqayyo isaanuma duratti bishaan galaana diima gargar qooduudhaan. Waaqayyo isa akka saba tokkootti saba biraa keessaa, mallattoo, qorumsaa fi dinqiidhaan isaan baase kana in amanatu yoo ta’e isaniin ilaale. Garuu isaan qorama kanas bachuu dadhaban. Sababii rakkinoota karaatti isaaniin mudataniin Waaqayyo irratti guungumanii, Gibxitti deebi'uu barbaadan. SA 84.1
Gabatee Dhagaa irratti Barreeffame:-Waan itti qabatan isaan dhabsiisuuf, Ulfinaan kan guute. ergamootaan kan marfame, Gooftaan ofii isaatti gaara Siinaa irra dhufuuf gadi of qabe. Karaa baay’ee hubatamaa ta’een haala qabatamu danda'uun seera abboommii isaa kurnanii isaanitti beeksise. Eenyuunuu akka isaan barsiifamaniif, ergamoota isaattillee, hin kennine; sagalee hundumtuu dhaga’uu danda’uun seera isaa dubbate malee. Yommusumaa qabee iyyuu, gabaabduu kan taate, waan barbaachisaa irraanfachuu kan dandeessu. yaada namaattuu utuu hin dhiisin, isa qulqulluu quba harka isaatiin gabatee dhagaa irratti barreesse. Barsiifatni akkan isa qulqulluu seera Isaa wajjin waliin makamu yookiin shaakala namaa keessatti wanti inni nama irraa barbaadu namaaf galuu diduu waan hin barbaadneef eeguu barbaade. SA 85.1
Abboommiidhuma kurnan qofa itti laatee dhiisuu kan hin barbaadne saba isaa warra salphaatti karaa irraa kaachuu danda’anitti caalaattis siqee. Murtii fi seera, warra Waaqayyo abboome sana Museen akka barreessuuf itti himame, akkaataa kanatti, abboommii kurnan eeguuf gabatee dhagaa irratti barreesse. Salphaatti kan dogooggoran dhalli namaa, seera ka-na cabsuufis saaxilamoo warri ta’an akka eeganiif, xiyyeeffannoo isaanii harkisuuf qajeelfama fi ulaagaalee barbaachisoo adda ta’an kana kenne. SA 86.1
Kufaatii booda akka Addaamitti kennamee, Nohiin immoo bidiruu keessa kaa’ameetti, abrhaamiin im-moo eegametti dhalli namaa utuu seera Waaqayyoo eegeera ta’ee, silaa sirni dhaqna-qabaa hin bar-baachisu ture. Utuu sanyiin Abrhaam kakuu isa dhaqna-qabaan bakka bu’uu eeganiiru ta’ee, silaa qajeelfamni addaa inni Waaqayyo Museetti kennee, inni immoo macaafatti barreesse, silaa hin barbaachisan turan. Qajeelfamni hubatamaan Waaqayyo walii isaanii fi ormootaafis dirqama isaan qaban inni kenne, qajeelfamuma abboommii kurnan keessa jiran, salphifamee akka hubatamutti akka isaan hin dogoggorreef kennamanii dha. SA 86.2
Waaqayyo haala hubatamaa ta’een waa’ee aarsaa tokko tokkoo du’a Yesusiin xumuratti akka dhufan Musee barsiiseera. Sirni aarsaadhaa akka hoolaa mudaa hin qabneetti du'a Kristosiin kan argisiisan turan. SA 87.1
Gooftaan dursee kufaatii isaa booda Addaamii waj-jin sirna kennaa aarsaa bu’uuressuudhaan, Addaamis immoo dhaloota isa boodaa barsiiseera. Sirni kun, bishaan badiisaa duras bade ture; akkasumas ofii isaanii duuka-buutota Waaqaa, warra dhugaa irraa adda of baasanii, gamoo Baabeliin ijaaraniinis badeera. Waaqa waaqaaf aarsaa dhi’eessuu irra waaqa ofiin tolchataniif aarsaa dhi’eessan. Aarsaa dhi’eessuun isaanii Fayyisaan in dhufa jedhanii waan amananiif utuu hin taane, kan manca’e iddoo aarsaa isaanii irratti horii baay’ee qalanii yoo gammachiisan waaqolii isaanii garaa ciibsa jedhanii waan yaadaniifiidha. Wantotuma fafakkaatanitti amanuun isaanii saamamuuf isaan saaxile. Namootas hammuma aarsaa gati jabeessa isa caalu kennan, hammuma sana immoo waaqota tolfamoo isaaniif gammachuun inni kennu guddatee, akkuma sanammoo hawwaasa sana keessatti caalaatti eebbifamanii sooromu jedhanii barsiisan. Kanaafuu, namuma iyyuu waaqa tolfamaa isaanii warra miira iy-yuu hin qabneef aarsaa godhaniiru. Gochaalee namootaa to’achuudhaaf, hawwaasi sun baay'ee hamaa kan ta’an ittiin bulmaataa fi tumaa ofii isaanii qabu turan. Kan seerrata sana isaaniif tumu, geggeessitoonni warra garaan isaanii ayyaanaan hin makamin sana ture. Warra aangoo irra jiraniin, Yakka komachiisu, warra gurguddaa bira darbanii dogoggorri xixxiqoon adabbii guddaa hamaatu in kennu turan. SA 87.2
Yommuu inni Israa’elootaan “Kunoo, isin biyya dhuunfaa keessan godhachuudhaaf itti galtan kees-satti akka hojjettaniif, ani akkuma Waaqayyo Goof-taan keessan na abboometti seerrataa fi wanta qajeelaa ta’e isin barsiiseera; Kun saba hundumaa duratti ogummaadhaa fi hubannaa keessan waan ta’uuf, isaan seerrata kana hundumaa yeroo dhaga’an, dhugumaan sabni guddaan kun saba ogeessaa fi qabataadha isiniin in jedhu; kanaaf isin kana duukaa bu’aa eegaa! Akkuma Waaqayyo Gooftaan keenya yeroodhuma nuyi isa waammannutti nutti dhi’aatu kanatti, sabni guddaan waaqayyoliin isaa isatti dhi'aatan isa kamiree? Sabni guddaan seerrataa fi firdii isa ani har’a isin dura kaa’u kana hundumaa qabu isa kamiree?” Ked.4: 5-8 yommuu jedhu kana sammuu keessaa qaba ture. SA 88.1