Yeroo Yesus mootiin ulfinaa, owwaalacha keessa kaa’amee jiru, bartoonni guyyaa sanbataatti boqotanii, du’a Gooftaa isaaniif boo’aa turan. Akkuma galgalli dhi’aachaa adeemeen, loltoonni bakka Fayyisaan kaa’amee jiru eeguudhaaf sochii malee kan eegaa turan yommuu ta’u ergamoonni immoo iddoo qulqulluu sana irra in balali’u turan. SA 154.1
Galgalichi suuta suuta darbaa adeeme, ammallee sirriitti utuu hin ifin, ergamoonni yeroon itti, inni jaallatamaan abboomaan isaanii, Ilmi Waaqayyoo gadi dhiifamu akka gahe beeku turan. Yeroo mo’ichaa sana fedhii guddaan eeggachaa utuu isaan jiranii ergamaan cimaan tokko ariitiidhaan Samiidhaa dhufe. Fuulli isaa akka balaqqeessaa, wayyaan SA 154.2
isaa adii akka cabbii ture. Ifni isaa karaa isaa irraa dukkana balleessee, ergamoota hamoo warra injifannoodhaan qaama Yesusiin eeggatan ifaa fi ulfina sana irraa akka isaan baqatan taasise. Ergamaan tokko, haala gadi of qabuu Kristosiin kan arge iddoo boqonnaa isaas kan ilaalaa ture, ergamaa isa Samiidhaa dhufetti dabalamee iddoo owwaalchaatti gadi bu’an. Akka isaan dhi’aataniin lafti sochootee raafamte, sochiin lafaa guddaanis ta'e. SA 155.1
Loltoota Roomaa yaaddootu qabate. Qaama Yesusiin ittisuudhaaf amma humni isaanii eessa jira egaa? Wa’ee dirqama isaanii yookiin isa ergamooni achii isa hatanii hin yaanne. Akka ifni ergamiichaa, inni aduu calaatti ifu sun, naannoo isaanitti ifeen, loltoonni Romaa akka namoota du’anii lafatti kufan. Ergamoota sana keessaa inni tokko, dhagaa guddichattii bu’ee afaan owwalchichaa irraa garagalchee ofii isaatii irra taa’e. Ergamaan inni biraan immoo, owwaachichatti seenee kafanicha mataa Yesus irraa hiike. SA 155.2
“Abbaan Kee si Waama”, kana booddee, Ergamaan inni waaqa irraa dhufe Sagalee isaa kirkira lafaa kaase sanaan iyyee, “Yaa Ilma Waaqayyoo, abbaan kee si waama! Kottuu ba’i!” jedhe. sana boodee duuti isa irratti aboo qabaachuu hin dandeenye. Yesus du'aa ka’e, mo’icha kan argate ta’e. Fedhii guddaadhaan ergamoonni achitti walitti qabamanii haalicha ilaalan. Yemmuu Yesus boollicha keessaa ba’u, faarfannaa mo'ichaatiin isaaf sagaduudhaa fi nagaa gaafachuuf lafattii gadi jedhanii qoomma’an. SA 155.3
Gabaasa Loltoota Roomaa:-kutati ergamoota samii naannoo owwaalcha sanaa akka gaddhiisaniin, ifnii fi ulfinni akka darbeen, loltoonni Roomaadhaa naannoo isaanii ilaaluudhaan mataa isaanii ol qabatan. Dhagichi afaan owwaalchichaa sana irraa garagalee, qaamni Yesus fudhatamee arguu isaanii in dinqifatan. Waan argan lubootaa fi maanguddootatti beeksisuudhaaf gara magaalaatti jarjaraa sokkan. Warri ajjeeftonni sun gabaasa ajaa’ibsiisaa kana akkuma dhaggeeffataniin, fuulli hunduma isaanii in daalachaa’e. Waan godhaniif soda guddaatu isaan qabate. Gabaasi isaa yoo dhuguma ta’e, isaan kan badan ta’an. Yeroodhaaf callisanii ta’anii, waan godhanii fi waan jedhan wallaalanii fuula walii walii isaanii ilaalan. Gabaasa kana fudhachuun ofii isaanii balleessuudha. Waan godhan mari’aachuudhaaf qobaatti ba’an. Gabaasi waardiyoota kanaa yoo namoota gidduutti odeeffamee, warri Yesusiin ajjeesan, akka ajjeeftota isaatti ajjeefamu. SA 156.1
kanaaf loltoonni kun, kana iccitaan akka qabaniif horiitu kaffalameef. Luboonnii fi maanguddoonni maallaqa guddaa kennaniifii “waa’ee isaa immoo, ‘bartoonni isaa halkan dhufanii utuu nuyi rafnuu, reeffa isaa hatanii sokkan’ jedhaatii namootatti himaa.” Mat. 28:13. Iddoo eeguutti ramadamanii, rafuu isaaniitiif yoo gaafataman waan nurra ga’uuf maal goona jedhanii gaafannaan, geggeessitootoonni warra Yihuudotaa mootii warra Roomaatti nageenya keessaniif isniif himna jedhanii waadaa galaniif. Horichaaf jedhanii, wardiyyoonni warra Roomaa ulfina isaanii gurguranii maree Lubootaa fi maanguddootaatti galani. SA 157.1
Firii Fayyinaa isa Duraa:-Yesus fannootti fannifamee utuu jiruu, “In raawwatame” jedhee yommuu iyye, dhagoonni in dadday’an, lafti in raafamte, owwaalonni tokko tokko in banaman. Du’a fi Si’ol irratti mo’acha ergaa argatee booda, lafti raafamtee, ulfinni Samiidhaa naannoo quliqlaa’aa sanatti ibse. Baay’een toloonni du’an, waamicha isaaf abboomamanii, owwaalcha isaanii keessaa ba’anii, du’aa ka’uu Yesusiif ragaa ta’an. Carraan isaaniif ta’ee kan du'aa kaafaman toloonni ulfinaan kaafaman. Isaan yeroo uumamaatii eegalee hamma Kristositti kan turan dhaloota hundumaa keessaa qulqulloota filataman turan. Kanaafuu, Yeroo geggeessitoonni Yihuudotaa, du’aa ka’uu Ye-susiin dhoksuuf yaalaa turan. Waaqayyo immoo miiltoo isaa owwaalchuma isaanii keessaaa kaasee, Yessus du’aa akka ka’e arganii ulfina isaa akka odeessan taasise. SA 157.2
Du’aa ka’uu Yesus boda warri jireenyatti deebifaman, namoota hedduutti mul’atanii, aarsaan namaaf yaadame sun akka fiixaan ba’e, Yesus inni warri Yi-huudotaa fannisanis du'aa akka ka’e oddeesaniiru. Dubbii isaaniis mirkaneessuuf “nuyyuu isaa wajjin kaane” jedhan. Isaan owwaalcha keessaa waamamuun, isa guddaa humna isaa akka ta’e dubbatan. Gaabaasi sobaa naanna’aa jiraatu iyyuu. du’aa ka’uun Kristos, seexanaan. ergamoota isaatiin. angafoota lubootaatiin dhokfamuu hin danda’u: sababiin isaas, miiltoon qulqul'aa'oon owwaalcha isaanii keessaa baafaman, isa dinqisiisaa oduu gammachuu sana waan labsaniif. Yesusis immoo, garaan isaanii gaddaan kan cabe, gadda keessa warra turan bartoota isaatti mul’achuudhaan, sodaa isaanii balleessee, gammadanii akka ililchan taasiseera. SA 158.1
Dubartoota Owwaalcha Biraa :-Jalqaba torbanii, ganama obboroodhaan, utuu baay'ee hin ifin, dubartoonni amantiitti cimoon ta’an tokko, urgooftuu foolii gaarii qabatanii, qaama Yesus dibuudhaaf, gara owwaalcha dhufan; balbala owwaalchaa sana irraa dhagichi guddaan garagalee, reeffi Yesusis akka achi hin jirre argan. Garaan isaanii na’ee, diinonni isaanii qaama sana hatanii laata jedhanii yaadda’an. Akka tasaa, uffata adii kan uffatan ergamoota fuulli isaanii ifaa fi calaqqisaa ta'e argan. Uumamni samii kun waan dubartoonni kun achi turanif beekaniiru waan ta’eef yommusuma Yesus akka achi hin jirre itti himan. Inni ka’eera, bakka inni kaa’amee ture ilaaluu danda’u turan. Dhaqanii akka dubartoonni kun bartoota isaatti, isaaniin dursee Galiilaa dhaqu itti himaa jedhe.Sodaadhaa fi gammachuu guddaadhaan dubartoonni sun gara bartoota warra gadda irra jiranii deemanii waan arganii fi dhaga’an itti dubbatan. SA 159.1
Bartoonni garuu Yesus du’aa ka’uu amanuu dadhaban iyyuu, dubartoota odicha fidanii wajjin ariitiidhaan gara owwaalchichaatti fiiguu jalaqaban. Yesus akka achi hin jirre baran. Ucuu Naayiloon, uffata owwaalchaa sana arganisgaruu, oduu gammachu, Yesus du’aa ka’uu amanuu hin dandeenye. Waan arganii fi waan dubartoonni sun itti himaniin dinqifachaa gara manaatti deebi'an. SA 160.1
Maariyaam garuu wanti isheetti dhaga’amuu fi isheen argitu kun yaada isa gowwoomfamaan jiraa laata jedhuu sanaan jeeqamtee, yaadaadhuma, naannnoodhuma owwaalchaa sana turuu filatte. Qorama kan biraatu na eeggata jettee yaade. Gaddi ishee itti haara’ee gadditee boosse. Gadi jettee owwaalcha keessa ilaaltee ergamoota wayyaa adii uffatan lama argite. Inni tokko bakka mataan Yesus kaa’ame, inni kaanis bakka miilli isaa kaa’ame taa’anii turan. Gara laafinaan maaliif akka isheen boossu gaafatan, isheenis, “Gooftaa koo fudhataniiru, ani iddoo isa ka'an hin beeku” jettee deebifteef.Yoh. 20:13 SA 160.2
“Ana hin qabin ” akkuma owwaalcha irraa ol jetteen, Yesus itti dhi'aatee ijaajjee argite, garuu isa hin hubanne turte. Jaalalaan isheetti dubbate, maaliif gaddaa waan feetu sana akka isheen barbbaadu gaafate. Nama iddoo qonnaa sana hojjetu itti fakkaateetu, yoo inni Gooftaa ishee achii fuudheera ta’e eessa akka inni kaa'e isarraa hubattee deebiftee fuudhuuf gaafatte. Yesus sagalee ofii isaa isa Samiitiin, “Maariyam” jedhee ishee waamnaan, sagalee jaallatama isheen beektu waan ta’eef, “barsiisa!” jettee sagalee isheen isa waamtee, isa hammachuu barbaadnaan, Yesus immoo “ana hin qabin, ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane, gara obboloota koo dhaqi! Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessanii, gara Waaqyyo Kotii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba’a” jedhe Yoh. 20:17. Gammachuudhaan oduu gaarii kana qabattee gara bartootaatti sokkite. Yesus dafee gara abbaa isaatti, afaan isaa irraa aarsaan isaa fudhatamaa ta’uu isaa dhaga'uudhaa fi aboo waaqaa fi lafaa fudhachuudhaaf ol ba’e. SA 161.1
Yesus ulfina isaatiin marfamee bakka Waaqayyo abbaan jiru yommuu ture, bartoota isaa lafa gubbaa jiran hin daganne ture. Gara isaaaniitti deebi’ee akkka humna isaaniif kennuuf jecha, abbaa isaa harkaa humna fudhate. Gaafuma sana deebi’ee ofii isaa bartoota isaatti mul’ise. Ergasii booda, gara abbaa isaatti ol ba’ee humna argateera waan ta’eef, akka isaan isa xuqaniif in eyyameef. SA 162.1
Toomaas Shakkituu:-Yeroo kana Toomaas bira hin turre. Jaabeessee ofitti amantaadhaan quba ofii isaa bakka mismaarri ure haraka Yesus irraa keessaa fi cinaacha isaa bakka eebboon hamminnaan guute waraane sana keessa yoo kaa’e malee, tasuma inni gadi of qabee gabaasa bartootaa hin fudhatu ture. Akkasittiin obboloota isaarraa amantaa dhabe. Utuu hundumti isaanii ragaa wal fakkataa barbaadanii, har’a namni Yesusiin fudhatee du’aa ka’uu isaatti amanu hin jiraatu ture. Garuu kan ofii isaaniitii du’aa ka’uu isaa arganii hin dhageenyes gabaasa bartoota fudhachuu akka qaban fedhiidhuma Waaqayyoo ti. SA 162.2
Amanuudhaa baannus, Waaqayyo Toomaasitti hin gammadne ture. Yesus yeroo lammata deebi’ee bar-toota isaa wajjin wal arge, amma Toomaas isaanii wajjin jira waan ta’ee gaafa Yesusiin argu in amane. Garuu ilaaluu isaa irratti dabalee yoo qaqqabee arguu baatee akka itti hin quufne dubbate. Yesus ragaa inni barbaade kenneef; Toomaas in iyye, “Gooftaa koo, Waaqayyoo koo!” Yesus immoo garuu amanuu dhabuu isaaf, isa ifate, ” Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanaan akkam haa gammadan!”ittiin jedhe. Yoh. 20:28, 29. SA 163.1
Kufaatii Isa Kristosiin Ajjeesisee :-Oducha mandaraa gara mandaraatti, magaalaadhaas gara magaalaatti tatamsa’een geggeessitoonni Yihuudotaa jireenya ofii isaaniitiif sodaataniitu jibba bartoota irratti qaban dhokfatan. Tokkichi abdiin isaan qabu turan oduu soba sana tamsaasuu qofa ture. Kristos ka’uu isaa yommuu dhaga’e Philaaxos in hollate. Dhuga-ba’umsa laatame shakkuu hin danda’u waan ta’eef yommusii qabee hamma inni jiraate hundumaatti nagaan isa dhiisee biraa deeme. Ulfina biyya lafaaf jedheetu, akka inni du’uuf Yesusiin dabarsee kenne. Dhiiga nama qulqulluu qofaadhaaf utuu hin taane egaa amma, Ilma Waaqayyootiif iyyuu itti gaafatamaa ta'uu isaa in beeke. Abdii kutannaa fi dhiphinni miira abdii fi gammachuun guute cabse. Jajjabaachuu dadhabee haala baay’ee gadhee ta'een obbaafate. SA 163.2
Bartootaa Wajjin Halakan Afurtama:-Yesus bartoota isaa wajjin guyyoota Afurtama dabarsuudhaan, dhugumaa mootummaa Samiidhaa caalaatti akka isaa beekan gochuudhaan gammachuu fi ililleedhaan isaaniin guute. Dhiphina du’aa fi du’aa ka’uu isaa ilaalchisee waan arganii fi dhag'an biyya lafaaf dhugaa’ akka ba’aniif isaaniin erge. Inni cubbuudhaaf aarsaa akka of godhee fi kan gara isaa dhufuu barbaade dhufee isa argachuu akka danda’u akka himaniif isaan irraa eegame. Gara-laafina amanamaadhaan akka isaan ari'atamanii fi jibbaman isaanitti dubbate, garuu shaakala keessa darbanii fi dubbii inni isaanitti hime yaadachuudhaan boqonnaa akka argatan isaanitti dubbate. Inni ofii isaatii qoramsa Seexanaa akka mo’ate, qoramaa fi dhiphina irraa mo’icha akka argate isaanitti hime. Isa irratti sanaan booda Seexanni humna hin qabu; garuummoo kallattiidhumaan qorama sana isaanii fi warra maqaa isaatti amanaan hundumaa irratti fida. Akkuma inni mo'ate isaanis in mo’atu. Yesus bartoota isaaf humna ittiin dinqii hojjetan isaaniif kennee, namoota hamootaan ari’ataman illee, yeroo dhaa gara yerootti akka isaaniin oolchaniif eragmoota isaa isaaniif ergee, hanga eragma isaanii raawwatanitti lubbuun isaanii akka hin fudhatamne itti hime. Dhuga-ba’umsa laatan garuu dhiiga isaaniitiin in caappessu ta’a. SA 164.1
Kan yaadda’an duuka-buutonni isaa, barsiisa isaa fedhiidhaan in dhaggeeffatanii tokkoo tokkoo dubbii afaan isaa keessaa ba’u akka dhangaatti in fudhatu turan. Amma egaa dhugaadhumatti inni Fayyisaa biyya lafaa ta'uu isaa fudhataniiru. Dubbiin isaa gad -fagaatee garaa isaanii keessa galee, garuu barsiisaa samiidhaa dhufe kanattii addaan waan ba’uuf jiraniif lammata isa isaaniin jajjabeessu dubbii isaa, isa ayyaana qabeessa sana hin dhageenyu jedhanii gaddan. Garuu Yesus dhaqee iddo isiniif qopheessee, anaa wajjin yeroo hundumaa akka jiraattaniif, isin nan fudhadha yommuu jedhe, ammas immoo garaan isaanii jaalalaa fi gammachuu guddaadhaan ho’ifame. Kan isaaniin jabeessu dhugaa hundumaatti kan isaaniin geessu. Hafuura Qulqulluu isaaniif erguuhdaafis waadaa isaaniif gale. “Harka isaa ol kaasee isaaniin eebbise” Luq. 24:50. SA 165.1
Ol ba’uu Kristos:-Samiin hundumtuu, Yero Yesus gara abbaa isatti ol ba’u, yeroo mo’ichaa sana eegachaa turan. Ergamaan, mo’ichaan gara samiitti isa geggeessuudhaaf, Mootii ulfinaa fudhachuudhaaf in dhufan. Yesus bartoota isaa erga eebbisee booda, isaan irraa addaan ba’ee ol fudhatame. Akkuma gara samiitti ol butachaa adeemeen, booji’amtooni warri yeroo du’aa ka’uu isaa kaafaman baay’een sun isa faana bu’an. Baay’een kan walitti qabaman eragmoonni Samiidhaa, isaan duukaa yommuu bu’ani, samii irratti immoo hamma kana kan hin jedhamne ergamoota baay’eetu dhaquu isaa eegaa ture. SA 166.1
Kana booddee samiirra kan jiraatan hundinuu isa ulfaataa ajajaa isanii kana naanna’anii, kabaja guddaadhaan isa duratti sagadanii isa calaqqisaa gonfoo isaanii miilla isaa jala kaa’an. Isa booda kiraara warqee isaanii rukutanii hoolicha isa qalameef amma immoo jiraataa ta'ee ulfinaa fi kabajaan jiruuf, sagalee minyaawwadhaan, sagallee Muuziqaatii fi farfannaa guutummaa samii keessa guuchisan. SA 166.2