Boqonnaa 5—Bilisummaa
Seenaa Abdii
- Contents- Seensa
- Boqonnaa 1—Fincila
- Boqonnaa 2—Uumama
- Boqonnaa 3—Badiisa
- Boqonnaa 4—Furmaata
- Boqonnaa 5—Bilisummaa
-
- Boqonnaa 7—Fayyisaa isa Nama Furu
-
-
-
-
- Boqonnaa 12—Mana Qulqullummaa
-
-
- Boqonnaa 15—Jalqabbii Haaraa
Search Results
- Results
- Related
- Featured
- Weighted Relevancy
- Content Sequence
- Relevancy
- Earliest First
- Latest First
- Exact Match First, Root Words Second
- Exact word match
- Root word match
- EGW Collections
- All collections
- Lifetime Works (1845-1917)
- Compilations (1918-present)
- Adventist Pioneer Library
- My Bible
- Dictionary
- Reference
- Short
- Long
- Paragraph
No results.
EGW Extras
Directory
Boqonnaa 5ffaa—Bilisummaa
Warra Isa irratti fincilan keessaatti akka waan hin jirree fakkaatan iyyuu Waaayyo yeroo hudumaa iyyuu namoota qaba. Fakkeenyaaf, bidiruu isa iddoo bishaan badiisaa jalaa itti baqatan akka ta'uuf Waaqayyo abboomee, Nohi tolche sanatti namoota sadetti, Nohii fi maatii isaa, qofatu gale. Bara Waaqa-malee ta’uun baay’ee ta’ee keessa Heenok Waaqayyoo wajjin adeeme. Waaqayyo qomoo isaa dhiisee Kana’aaniin akka dhaquuf Abrhaamiin waame. Ijoolleen isaa warri Israa’eloota jedhamanii beekaman, hamma yeroo beelli Gibxitti, lafa isaan booda keessa itti garboomaniitti, isaan oofuutti achi Kana’aaniin jiraatan. Kuni akkamittiin Waaqayyo dhaloota Kristos dura gara waggaa kuma tokkoo keessa warra garbummaa Misir jala turan inni itti bilisa baase seenaa dinqisiisaa dha.SA 54.1
Baroota hedduudhaaf ijoolleeen Israa’el warra Gibxiif garboota ta’anii turan. Gara Gibxiin kan dhaqan maatii muraasa qofa yommuu ta’u, garuu achitti saba guddaa ta’an. Waaqa tolfamaadhaan marfamanii baay’een isaanii beekumsa Waaqa dhugaa gatanii seera Isaas irraanfataniiru. Akkasumas waaqeffannaa ija biiftuu, ji'aa fi urjootaa, akkasumas bineelda bifa fakeenyaa, hojii harka namaa isa kan warra Gibxii waaqefachuuf itti dabalamaniiru.SA 55.1
Garuu Ibrootuma gidduu beekumsa Waaqa dhugaa, uumaa waaqaa fi lafaa, kan ol kaa'an jiru turan. Warri amanamoon dhiphachaa turan waan ta'eef rakkina isaanii keessatti Waaqa isa nama garbummaa warra Misirii irraa bilisoomsu, Gibxii akkanni isaaniin baasee waaqa nam-tolchee waaqessuu fi haalota naannoo isaaniitii isaaniin mancaasu irraa bakka isaaniin bilisomanitti akka isaaniin geessuuf iyyatan.SA 55.2
Baay’een Ibrootaa kan waaqa tolfamaadhaan faalaman ta’ullee, warri amanamoon jabaatanii dhaabatan. Amantii isaanii utuu hin haqin isaa tokkicha. isa dhugaa fi jiraataa kan ta’e Waaqa qofaaf akka gugguufan dhugaa ba’aniif. Yeroo uumamaatii qabee jiraachuu Waaqaa fi aangoo qabeessa ta’uu isaa irra deddeebi’ anii raga kennaniif.SA 55.3
Boqonnaan kun Bau.5-15 kan hundaa’uudha.SA 56.1
Warri Misir amantii fi Waaqa warra ibrootaa beekuuf carraa argatan. Amantii amantoota warra Waaqa dhugaa waaqessan kanaa tuffachuu barbaadan, mareedhaanis, waan tokko tokko abdachiisuudhaanis, miidhaa hadhaa’aa geessisuudhaanis isaaniif raawwachuu waan dadhabeef immoo in jeeqaman.SA 56.2
Mootonni Gibxii warri dhuma irra teessoo mootummaatti ol baafaman gara jabeeyyii, warra saba Ibrootaa baay’ee miidhan turan. Jaarsoliin Israa’elootaa amantii Israa’el isa liqimfamaa ture sana abdii Waaqayyo Abrhaamiin abdachiise fi dubbii raajii isa Yooseef du’a isaa jala waa’ee gadi lakkifamuu Israa'eliin dubbate yaadachiisanii jajjabeessaa turan. Kaan kaan dhaga’anii amanaan; Kaan immoo haala gaddisiisaa keessa turan ilaaluudhaan abdii qabaachuu hin dandeenye.SA 56.3
Fari’oon immoo Waaquma harka isaa keessaa bilisa jara baasu arguudhaaf koormaadhaan in dubbata ture. Dubbiin kun immoo Isaraa’eloota hedduu duraa abdii isaanii balleesse. Haalli jiru kan mootichii fi gorsitoonni isaa dubbatan baay'ee kan fakkaatu ta'ee argame. Garboota akka ta'an waan beekaniif miidhaan hammamii yoo irra ga'e iyyuu danda’uudhaan akkaataa namni isaan hojjechiisuu barbaadetti hojjechuuf qophaa'oo turan. Ijoolleen dhiiraa isaanii barbaadamanii ajjeefamu turan. Jireenyumti mataa isaanii iyyuu ba’aa ture, kan isaan amanaanii fi waaqessan garuu Waaqa waaqotaati.SA 57.1
Haala mataa isaaniitii fi kan warra Gibxiin warra tasuma iyyuu Waaqa jiraataa oolchuufis baleessuufis aangoo isa qabutti kan hin amannee wajjin wal bira qabanii ilaalan. Kaan kaan isaanii bifa fakkeenyaa mukaa fi dhagaa irraa tolfaman waaqa tolfamaa waaqessu, kaan immoo ija biiftuu, ji’aa fi urjoota waaqessuu filatan. Haa ta'u malee garuu isaan sooreyyii fi fayya buleeyyi turan. Ibroota keessaa tokko tokko immoo Waaqni dhugaan utuu waaqota hundumaan oli ta’ee, silaa saba waaqa nam-tolchee waaqeffattu kanaaf garboota nun taasisu ture jedhu.SA 57.2
Waaqayyo kadhannaa saba isaa warra cunqurfaman deebisee biyya Misirii humna isaa isa dinqisiisaan, warri Misir waaqni Ibroota warra isaan tuffatan sun Waaqa hundumaa ol ta’uu isaa hamma dhugaa ba’anitti hojjetee isaaniin Yeroonni itti baasu in gahe. Waaqayyo sabni biraan waa’ee humna isaa akka dhaga’anii fi hojii isaa isa dinqisiisaan akka na'an taasisuuf, sabni sunis isa ajaa'ibsiisaa hojii isaa akka odeessaniif, akka isaan waaqota nam-tolchee irraa deebi’aniif akkasumas waaqeffanna dhugaa akka isa waaqessaniif maqaa ofii isaa in kabajchiisa.SA 58.1
Israa’eloota warra Misir harkaa baasuu keessatti, Waaqayyo warra Misirtii, saba addaa kan Isaaf ta’an Ibrootaaf araara akka godhe mullinatti itti argisiise. Fari’oon karaa kamiinuu hin amanu waan ta’eef, Waaqayyo firdii isaa isa gubbaatti raawwachuun barbaachisaa akka ta’e arge, muuxannoo gaddisiisaan illee yoo ta’e inni waaqota hundumaa irra akka caalu akkanni beekuuf godhe. Inni humna Waaqummaa fi qajeelummaa isaa guutummaa biyya lafaatti akka dubbatamuuf hubatamaadhaa fi dhugaa hin haalamne saba hundumaaf in kenneef. Waaqayyo humna kana argisiisuu kan inni yaadeef amantii saba isaa akka inni jabeessuu fi dhalooti isaan booda dhufan amanmummaadhaan isa qofaa waaqessanii innis dinqii kana akka isaaniif raawwatuuf ture.SA 58.2
Labsii isa utuu cidiin hin kennaminiif xuubii hojjechuu Fari’oniin baase booda, Waaqayyo. Museen waan Isa hin beekin kan of fakkeesse ta'us, gaaffii isaa akkanni raawwatuuf, akka isa dhiibuu fi aangoo isa hundumaa olii akkanni qabu dhugaa ba'uuf akka jiru itti himeera.SA 59.1
Dha’icha:-Dinqiin ulee Bofatti deebisuu, galaana immoo dhiigatti jijjiiruu isa jabaa garaa Fari’ooniin akkanni Ijoollee Israa’eliin Gadi lakkisu hin taasifne, garuu jibba inni Israa’eloota irratti qabu jabeesseera. Hojiin xibaartotaa, Museenis xibaarummaadhaan dinqii sana hojjete jedhee akkanni amanu taasise. Garuu. dha’ichi fattee yommuu balleeffameef, dubbiin akka inni yaade akka hin taane ragaa baay'ee argate. Waaqayyo libsuu ijaatti dhabamanii akka isaan owwaaratti deebi'an gochuu in danda’a ture; inni garuu akkas hin goone ture mootichiif warri Misir hunduu hojii xibaaraati akka hin jenneef dhiise. Fatteewwan du’aniiru, namoonni walitti qabaniitu tuulan. Ofii isaanii duratti qaama fattee tortoranii qilleensa faalanii ilaalan. Asitti mootichii fi warri Misir hundumtuu duwwaa kan ta’e faalasama isaanii, hojiin kun firdii Waaqayyoo ti malee hojii xibaaraa akka hin ta’in ibsa kennuufii hin dandeenye ture.SA 59.2
Xibaartummaan Injiraanii isa akka dha'icha itti aanuutti fayyadu argamsiisuu hin dandeenye. Ofii isaanii warruma Misiriifuu dha'icha Injiraanii argisiisuuf Waaqayyos akka isaan kana godhaniif hin eyyamneef. Sababii fari’oon hin amanneef hundumaa baasuu barbaade. Xibaartonni illee “kun quba Waaqayyoo ti” akka jedhan taasise.SA 60.1
Itti aansee dha’ichaa hoomaa titiisaatu dhufe. Akka titiisa warra miidhaa hin geessifne waqtii tokko tokko nu jeeqan miti. Utuu akkas hin taane Titiisonni Waaqayyo Misiritti fide gorguddoodhaaf kan nama hiddan turan. Ilkeen isaanii kan baay’ee namas horiis kan dhukkubsan turanii dha. Waaqayyo saba isaa wara Misir irraa addaan baasee naannoo isaaniitti Titiisichi akka hin argamne godhe.SA 60.2
Gooftaan dha’icha dhukkubaa horii isaanii irratti ergee yommuu kana immoo dha’ichi kun warra Ibrootaa akka hin xuqne taasise waan ta’eef kansaani keessaa tokko illee hin duune. Itti ansee dha’ichaa hiita madaatiin namaa fi horii hundumaa irratti ba’e; xibaartonni mataadhuma isaanii iraallee dha’icha kan ittisuu hin dandeenye. Gooftaan dha’icha cabbii abiddaan makame qawweessaa fi balaqqeessa qabu warra misiritti erge. Akka carraa ta’e akka hin jedhamneef Yeroon dha’ichoonni kun itti ta’an durfamee dubbatama ture. Guutummaan biyya lafa ajaja Waaqa ibrootaa jala akka jiru itti argisiise—Bakakkaan, cabbiin fi bubbeen sagalee isaaf akka abboomaman. Fari’oon gara jabeessi inni altokko “eenyuu dha Waaqayyo ani kanan dubbii isaaf abboomamu?” kan jedhe, gadi of qabee akkas jedhe, anatu yakke... Waaqayyo qajeelaa dha aniif sabni koo cubbamoota” jedhee Waaqayyoon kadhateefii qawweessaa fi balaqqeessa kana akka irraa dhaabsisuuf Musee kadhate.SA 61.1
Yeroo itti aanutti Waaqayyo sodaachisaa kan ta’e hoomaa hawwaannisaa itti erge. Israa’el Misirii ak-ka ba’aniif Waaqayyoof gadi dhiisuu irra mootichi dha’icha filate. Gaabbii tokko malee mootummaa isaa dha’ichoota firdii Waaqaa isaa sodaachisoo jala galche. Achii booda gooftaan Misiritti dukkana erge. Namoonni callisaniidhuma ifa hin dhabne; qillensumti isaalle arganuuf kan nama dhiphisu ture. Ibroonni garuu qilleensa haaraa fi ifas mana isaniitii qabu turan. Gaaffi Musee isa dhumaa kan morman mootichaa fi luboota Waaqa tolfamaa sana turan. Sabni sun Ijoolleen Ibrootaa akka adeemaniif eyamaniiru. Museen fari'oonii fi saba Misiriin amalaa fi dhiibbaa dha’icha dhumaa beeksisee ture. Ma-na hundumaa keessaa ilmi hangafni in du’a. Galgala gaafa sanaa Misiriif hamaa kan ta’e warra Ibrootaaf immoo baay’ee kabajamaa ture. Ayyaaneffannoo faasikaa jalqabameetu ture.SA 62.1
Mootii warra Misir isa of tuulaa fi saba waaqa namtolchee waaqeffatu sanaaf waan Waaqni waaqaa gaafatu fudhachuun baay’ee ulfaataa ture. Dha’ichi dha’icha boodaan warra Misiritti dhufee, mootichi aarii Waaqa biraa isatti dhufe caalaa waan biraan akka hin dhiibamin beekee abdii kutate.SA 62.2
Dha’ichi inni tokko xinnoodhuma isa duraan ta'e irraa siqeetu caalaa itti hammaatee dhufaa ture; inni kun immoo kan duraan ta’an hundumaa irra kan sodaachisu ture. Garuu mootiin of tuulaan sun gar malee aaruudhaan gadi of qabuus dide. Halkan sodaachisaa sanaaf warra Israa’el gidduutti qophaa’ummaan guddaan akka ta’aa jiru warri Gibxii yommuu baran, mallattoo dhiigaa Israa’eloonni michichila mana isaanii irratti godhatanitti in kolfan.SA 63.1
Israa’el qajeelfama Waaqayyo isaaniif kenne hordofan, ergamaan du’aa manaa gara manaatti warra Gibxiin gidduu yommuu darbe, isaan hundinuu adeemsaaf qophaa’anii eyyama mootii didaa sanaaf gurguddota isaa eegaa turan.SA 63.2
“Halkan walakkaa yommuu ta’e Waaqayyo biyya Gibxii keessaa angafa kan ta’e hundumaa, dhala mootichaa isa angafa teessoo isaa dhaaluu jalqabee hamma dhala nama hidhamee mana boollaa keessa jiru isa angafaatti akkasumas hangafa horii hun-dumaa in dha’e.”SA 63.3
“Yommuus mootichi halkaniin Museefi Harooniin waamsisee, Ka’aa isin, Israa’eloonni saba koo kees-saa ba’aa! Akkuma gaafattanii turtan dhaqaa Waaqayyoof hojjedhaa. Akkuma jettan bushaa’ee keessan, saawwa keessan fudhadhaatii dhaqaa! Anis immoo eebba akkan argadhu godhaa! Jedheen. War-ri Gibxii, nuyi hundumti keenya in dhumna waan jedhaniif, jara biyya sana keessaa baasuudhaaf, jabeessanii itti ariifatan.”SA 64.1
“Kanaaf jarri bukoo utuu raacitiin itti hin nammin fudhatanii, qoda bukoo isaanii wayyaa isaaniitiin hidhanii gatiittii isaanii irra kaa'atan. Israa’eloonni akka Museen isaanitti hime in godhan. Mi’a meetiif warqee irraa hojjetaman, uffatas warra Gibxii irraa argachuf in gaafatan. Waaqayyos wanta jarri gaafatan akka isaa kennaniifitti, jara warra Gibxiin duratti faara tolaadhaan akka ilaalaman in godhe; akkasitti jarri warra Gibxii irraa guurratanii in ba’an.”SA 64.2
Waqayyo kun utuu hin rawwatamin waggaa dhibba afur dursee Abrhaamitti beeksisee ture “Waaqayyo yommus Abraamiin, sanyii kee biyya kan isaanii hin ta’in keessatti gala ta’uuf, achittis garbummaatti hojjechuudhaaf, waggaa dhibba afur cunqurfamuuf akka jiran dhugaa isaa beeki! Garuu ani saba isaa hojjetaniif sanatti adaba nan fida, booddees qabeenyaa guddaa fudhatanii achii in ba’u.” Uma. 15:13,14.SA 65.1
“Sabni makaman baay’een isaanii wajjin adeeman bushaa’een sawwan baay’eenis.” Ijoolleen Israa'el waan isatti hin gurguratiniif kan Fari’on kan in ta’in qabenyaa isanii wajjin, Gibxii ba'anii. Yaqobii fi ijoolleen isaa horii isaanii fudhatanii Gibxitti gadi bu’anii turan. Israa’eloonni lakkoobsaan biyyichatti hedduu guddatan. bushaa’ee fi saawwan isaa baay’ee dabalan. Dha’icha itti erguudhaan Waaqayyo Gibxitti murteessee waan isaan qabanii wajjin Israa’eloota ariitiidhaan akka isaan baasisan taasise.SA 65.2
Utubaa Ibiddaa:-“Jarri Suukootii ka’ani, Etaam qarqara lafa onaa buufatan. Waaqayyo akka isaan halkaniif guyyaa adeemuu danda’aniif, guyyaa utubaa duumessaatiin, isaan dura adeemee karaa isaan-itti argisiisee, halkan immoo utubaa Ibiddaatiin isaaniif ibse. akkasittiin isaan in geggeesse. Guyyaa utubaan dumessaa, halkan immoo utubaan ibiddaa fuula jaraa duraa hin dhabamne ture.”SA 65.3
Warri Ibrootaa Gibxii ba’anii guyyaa muraasa booda warri Gibxii dhufan isaan ba’aniiru waan ta’eef lammata dhufanii siif hin hojjetan jechuudhaan mootichatti himan. Gibxii akka isaan ba’aniif eyyamuu isaaniif in gaabbani. Tajaajila Israa’elootaa dhabuun isaaniif dhabiinsa guddaa dha waan ta'eef akka isaan adeemaniif dhiisuu isaanii itti hin tolle ture. Firdiin Waaqayyo biraa kan ta'e gara jabina isaaniitiif irraa ka’e dhiphinni sun hundi irra ga'u iyyuu, humnaan dhaqani Israa’eloota deebisanii Gibxitti fiduuf murteeffatan. Mootichi warraana hedduu fi konkolaataa fardaa dhibba ja'a ofii wajjin fudhachuudhaan isaaniin faana bu’ee galaana qaraqara buufatanii utuu isaan jiranii isaaniin qaqqabe.SA 66.1
“Yeroo mootichi isaanitti dhi’aate, Israa’eloonni ol ilaalanii, kunoo, warri Gibxii booddee isaaniitiin isaan hordofaa akka dhufan argan; yommus Israa’eloonni guddaa sodaatanii gara Waaqayyootti in iyyan; Museedhaan immoo. biyya Gibxii keessaa iddoon owwaalaa waan hin jirreef, as lafa onaatti akka dhumnuuf nu fiddee? Inni ati biyya Gibxiitii nu baafte kun maal nurratti hojjechuu keeti? Wanti nuyi, ‘kottu nu dhiisi, warra Gibxiif garba taanee in hojjetna!’, Gibxii keessatti sitti himne isuma kana mitii ree? Nuyi lafa onaa irratti dhumuu irra, warra Gibxiif hojjechuu nuuf wayya ture jedhan”SA 66.2
“Museen immoo, Saba sanaan, warra Gibxi warra har ‘a argitan kana deebitanii akka kanatti lammaffaa waan hin argineef, hin sodaatinaa, jabaadhaa dhaabadhaatii, har a gochaa Waaqayyo isin fayyisuudhaaf raawwatu ilaalaa!”SA 67.1
Gadi Lakkifamuu Gaalaana Diimaa Biratti:-“Waaqayyo yommus Museedhaan, ‘maaliif gara kootti iyyatta, ka'anii gara fuula duraatti akka adeemaniif lsraa'elootatti himi! Atimmoo, ulee kee ol fuudhii, harka kee galaanicha irratti diriirsi, Israa’eloonni galaanicha yommuu ce’an lafa gogaa irra akka adeemaniif galaanicha gargar hiri’! Museen Waaqayyo akka saba isaaf hojjetu akkanni beeku barbaada. Wanti Museen barbaadu sun carraa Waaqaayyo fedhuu dha. Hamma danda’an ergaa adeemanii, amma iyyuu Museen fuuluma duratti akka isaa adeeman gaafachuudha. Ulee Waaqayyo isaaf kenne galaanicha ittiin gargar hiruudhaaf dhimma itti ba’uu qaba ture.SA 67.2
“Ani akka isaan mataa jabaatan nan godhaa,; ani yommuus mootichaa fi loltuu isaa hundumaa konkolaataa isaa, abboota fardeenii isaa irratti ulfina nan argadha; yeroo ani mooticha irratti, konkolaata isaa irratti, abboota fardeenii isaa irrattis, mo’icha argadhutti immoo, warri Israa’el ani Waaqayyo akkan ta’e kanaan in beeku jedhe.SA 68.1
“Yommus ergamaan Waaqayyo inni macca Israa’el dura adeemaa ture, ka’ee gara isaa booddeetti in darbe; utubaan duumessaa sunis isaa fuula duraa ka’ee isaa booda in dhaabbate. Utubaan duumessichaa sun macca warra Gibxii fi macca warra Israa'el gidduu goree gar tokkotti duumessaa'ee dukkaneesse. Gara kaanitti immoo halkan in ibse; akka kanatti halkan sana guutuu macci inni tokko isa kaanitti hin dhi’aanne ture.” SA 68.2
Duumessumti inni Israa’elootaaf ifu isaaniitti duumeessa dukkana limixii isaa dura waan tureef warri Gibxii warra Ibrootaa arguu hin dandeenye ture. Akkataa kanatti Waaqayyo saba isaaff jaalala fi eeggannaa isaaniif qabu ragaa kennee, amantii dhabuu fi guungummii isaaniif isaaniin ifatee, isa in amantumoo hin amantan kan jedhu qoruuf humna isaa mul’ise.SA 69.1
“Museenis harka isaa galaanicha irratti in diriirse; Waaqayyo immoo halakan sana guutuu qilleensa baha Biiftuu isa jabaadhaan galaanicha gara booddeetti in deebise; bishaanichis erga gargar hirame galaanicha gidduu lafa gogaa godhe. Israa’eloonni galaanicha gidduu lafa gogaa irra in adeeman; bishaanichis mirga isaanii fi bita isaaniitti akka keenyanii isaaniif ta’e.” bishaanni ol ka'ee gama lamaaniinuu akka keenyanii dhaabbate, Ijoolleen Israa’el galaanicha gidduu lafa gogaa irra adeeman.SA 69.2
Galagala gaafasii Israa’eloonn waan harka isaaniitti galaniif warri Gibxii gammadaa bulani. Fuula dura warra Israa’el galaanni diimaan diriiree waan tureef, loltoonni baay’een suni immoo duubaan itti siqanii waan jiraniif Israa’elootaaf Karaan ba’umsaa akka hin jirretti yaadan. Ganama gara galaanichaatti siqani yommuu isaan ilaalan, karaa gogaatu galaanicha gidduu jira, bishanni hiramee garanaa fi garasiin akka keenyaniitti dhaabataa ture; sabni Israa’el laficha gogaa gubbaa adeemanii walakkaa galaanichaa ga’aniiru. Warri Gibxii itti aansee maal gochuu akka jiran murteessuu xiqqoo turan. Yeroo Ibroonni harkuma isaaniitti deebi'anii turan, qabachuus akka danda’an mirkaneeffatanii yommuu turan karaan tasuma iyyuu hin eegamne, galaanicha keessatti baafameef arganii abdii kutatannii dheekkamsaan guutan. Ammas duukaa bu'uudhaaf murteffatan.SA 69.3
“Warri Gibxi, fardeen mootichaa, konkolaattonni isaa, abboonni fardeenii isaa hundinuu Israa’elota ari’anii isaan booddeedhaan galaanicha lixan. Yeroo darbe dammaqa bariitti Waaqayyo utubaa abiddaa fi duumessaa keessaan macca warra Gibxii Sana gadi ilaalee gara itti goran isaa wallalchise. Akka isaan danqamaan adeemaniif geengoon konkolaattota isaanii rakkinaan akka naanna'u in godhe; warri Gibxiis, Waaqayyo, nu warra Gibxii irratti Ka’ee warra Israa’eliif waan loluuf kottaa isaan duraa in baqannaa! Jedhan”SA 70.1
Karaa waaqayyo saba isaaf qopheesse irra warri Gibxii adeemuu dadhaban, eragmaan Waaqayyoos loltoota isaanii gidduu adeemee, geengoo Konkolaataa isaaniis buqqise. Dha'icha isaanitti ta’e. guddin isaanii baay’ee suuta ta’ee yaadda’uus jalqaban. Firdii Waaqni Israa’el biyya Gibxitti isaani irratti akka sabni isaa gadi lakkifamaniif Fide yaadatanii, amma immoo Waaqumti kun harka Israa’elootaatti guutummaatti dabarsee nu kennuuf jedhanii yaadan. Waaqayyotu Israa’eliif lolaa jira jechuudhaan waliif galan, guddaas sodaatanii isaaniin jalaa ba’uudhaaf fiigicha jalqaban; yommus Waaqayyo Museedhaan. bishaanichi warra Gibxii irratti konkolaattota isaaniif abboota fardeenii isaanii irratti walitti akka deebi’uuf, ati harka kee galaanicha irratti diriirsi! jedhe.”SA 71.1
“Museen harka isaa galaanicha irratti diriirsee, barii lafaattis warri Gibxii baqachaa utuu jiranii, galaanichi akka isaa duraatti in deebi'e; Waaqayyo akkasittiin warra Gibxiin galaana keessatti in hanbise. Bishaanichi walitti deebi’ee, konkolaattota, abboota fardeenii, loltuu mootichaa warra isaan hordofanii galaana keessa lixan hundu in liqqimse: isaa keessaa namni tokko illee hin hafne. Israa’eloonni garuu bishaanichi gara mirga isaanii tii fi gara bita isaaniitiin keenyan ta’eef, galanicha keessa lafa gogaa irra adeemanii ce’an.”SA 71.2
“Waaqayyo akkasittiin gaafas warra Israa’el harka warra Gibxii in oolche; warri Iraa’el reeffa wara Gibxii qarqara galaanaati argan, sabni Israa’el Waaqayyo irree Isaa isa guddaadhaan warra Gibxii irratti waan hojjete yommuu argani, isa in sodaatan; isaa Waaqayyoon Musee garbicha Isaas in amanaan.”SA 72.1
Ibroonni isa dinqisiisaa irree Waaqayyoon badiisa warra Gibxiin keessatti mul’ateef farfannaadhaan, ho’a kan ta’e galata amansiisaadhaan dhugaa ba’an.SA 72.2