Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 11ffaa—Gantummaa

    Carraa Yerusaalemiin mudachuuf jiru fi haala dhufa isaa lammaffaa yommuu bartoota isaatti hime, yeroo isaan biraa fudhatamee kaasee hamma deebii isaa isa humnaa fi ulfinaan isaaniin bilisomsuuf dhufuutti waan saba isaa mudachuuf jirus dursee isaanitti dubbateera. Gaara Ejersaa irraa Fayyisaan bubbee waldaa ergamooti ijaaruuf jiran irratti dhufu argee, caalchisee yeroo fuula duraa keessa ilaaluudhaan, baroota dukkanaa fi ari’atamaa keessa qoramsa isa akka ibiddaa duuka buutota isaa irra ga'uuf jiru ilaale. Karaa gadi of qabuu, balleeffamuu fi dhiphinaa isa barsiisaan isaanii irra adeeme gubbaa duuka buutonnis adeemuu qabu. Jibbi inni Fayyisaa biyya lafaa irratti xaaxa’e, warra maqaa isaa amanaan hunduma irratti in argama.SA 180.1

    Seenaan waldaa jalqaabaadhaa dhugummaa dubbii Fayyisaa kan mirkaneessuu dha. Humneetiin lafaa fi si’ol nameenya duuka buutota isaa keessatti Kristos irratti wal ga’an. Waaqa dharaa waqessuun, wangeelli kan mo’atu yoo ta’e manni sagadaa ishee fi iddoon aarsaa ishee dhiqamanii badu kan jedhu dursa argite. Kanaaf humna ishee Kristaanota balleesuuf iriirsite. Hari’atamni cimaan in qabsiifame. Kristaanota irraa qabeenyaa isaanii fudhatamee ma-na ofii isaanii keessaa baafaman. “Wallansoo guddaa ulfina of keessaa qabu, obsan danddeessan sana yaadadhaa!” “Warri kaan ga’oof ta’an, in reebaman,funyoo sibiilaatiin iyyuu in hidhaman, mana Hidhaatti in galfaman.” Ibr. 1032, 11:36. Lakkoobsi isaanii guddaa kan ta’e namoonni aarsaa isaanii dhiga ofii isaaniitiin qadaadan. Warri birmadduu fi garboonni, sooressii fi hiyyeessi, kan baratanii fi kan hin baranne haala wal fakkaatuun ho’a malee ajjeefaman.SA 180.2

    Dhama’insa Seexanni humnaan waldaa Kristosiin balleessuuf yaalu akkasumaan ta’e. Wallaansoon guddaan inni bartoonni Kristos keessatti lubbuu isaanii kennan yommuu safartuun warri amanamoon kun bakka isaaniitti boqotan achuma irratti hin dhaabbanne. Mo’atamuudhaan mo’atan. Hojjetoonni Waaqayyoo in ajjeefaman; hojiin Isaa garuu ariitiidhaan fuula duratti adeeme. Wangeelli tatamsa’uu ittuma fufe, namoonni isatti qabamanii jiraatan dabaluu isaanii itti fufan. Naannoo itti hin seenamin, loltoota Roomaatti illee, haaraa itti lixan. Kristaanni tokko akkas jedhe, ari'annaadhaan warra isaa duukaa jiran geggeessitoota ormaatti yommuu iyyatu: “nu ajjeessuu, nu dhiphisuu, nu balleessuu... jallinni keessan iyyuu nu yakka kan hin qabne ta’uu in dubbata... hammeenyi keessanis isin... hin gargaaru” jedhe. Warra kan biraa Kristositti akka amanuuf fiduun affeerraa guddaa ta’ee ture. “Akkuma yeroo baay’ee dhiitamnu, hammuma sana immoo lakkoobsaan guddanna, dhiigni Kristaanaa sanyii dha”SA 181.1

    Kumaatamaan kan lakkaa’amni hidhamanii ajj-eefaman, kaan immoo utaalanii iddoo isaanii in bu’u. Warri amantii isaaniitiif qalaman, Kristositti of kennatanii akka mo’attootaatti lakkaa’amaniiru. Lola gaarii sana lolaniiru, yommuu Kristos dhufu gonfoo ulfinaa sana in fudhatu. Dhiphinni isaan argani akka Kristaanonni walii isaanii fi Fayyisaa isaaniitti siqan taasise.SA 182.1

    Maree warra Waqa tolfamaa Waaqessanii wajjin:-Alaabaa isaa waldaa keessa dhaabbachuudhaan mootummaa Waaqayyoon loluudhaaf Seexanni caalaatti karoora isaa baase. Utuu duuka buutonni Waaqayyoo gowwoomanii Waaqayyoon gaddisiisuutti geeffamaniiru ta’ee silaa jabeenyi, obsaan danda’uun fi jabinni isaanii kufee salphaatti irbaata Seexanaa ta’u turan.SA 183.1

    Diinn guddichi sun, waan humnaan fudhachuu dhabe gowwoomsaan fudhachuu barbaadeera. Hari'annaan in dhaabbate; bakka isaa gammachuu qabeenya yerooti fi ulfina biyya lafaatiin bakka buuse. Waaqeffattoonni waaqa nam-tolchee, gara dhugaa barbaachisaa dhiisuudhaan, gar-tokkoo amantii Kristaanaa fudhachuu eegalan. Yesusiin ak-ka Ilma Waaqayyootti fudhachuu, du’uu fi du’aa ka’uu Isaa akka amanaan, in dubbatu; garuu cubbuun isaanii itti argamee qalbii jijjirrannaa yookiin geddarama garaa hin barbaadne turan. Gama isaaniitiin dhiifama tokko tokko gochuudhaan Kristaannoonni akkasuma walii dhiisanii wal tajjii amantiin Kristosittii tookko akka ta’uuf yaada dhi’eessu.SA 183.2

    Amma waldaan balaa sodaachisaa keesa galte. Kanaa wajjin yoo wal bira qabamu, hidhamuun, reebamuun ibiddii fi billaan eebbatti kan lakkaa’amu ta’a. Kristaanonni tokko tokko, amantii irratti marii hin goonu jechuudhaan, jabaatanii dhaabatan. Warri kaan immoo amantii isaanii keessaa waan tokko tokko fooyyessanii warra gar tokko amantii Kristaanummaa fudhatanii wajjin tokkummatani, kun karaa nuyi ittiin guutummaatti jijjiiramnu ta’uu danda’a jedhanii sodaatan. Yeroon sun amanamoota kan turan duuka buutota Yesusiif yeroo gaddisiisaa isa gadi fagoo ture. Qola Kristaana fakkaachuutiin, amantii isaanii mancaasee sammuu isaanii dhugaa irraa deebisuudhaaf, Seexanni gamnummaadhaan waaldaatti ofii isaa galchaa ture.SA 184.1

    Dhuma irratti Kristaanonni baay’een sadarkaa amantii isaanii gadi buusanii Kristaanummaa fi amantii maleessummaa tokkummaa uuman. Waaqeffatoonni waaqa tolfamaa nuyyuu in jijjiiramne jedhanii waldaatti dabalaman iyyuu, yommusuma iyyuu waaqa tolfamaatti qabamanii meeshaalee waaqeffanna isaanii qofa gara fakkii Yesus, Maariyaamii fi tolootaatti jijjiiran. Kan manca’e raacitiin waaqa tolfamaa waaqessu. akkasittiin waldaatti galee. isa mancaasaa ta’e hojii isaa itti fufe. Barsiisi amanamaa hin taane, akkaataa Waaqa tolfamaa ittiin waaqessan fi sirni isaa, amantii waldaa fi Waaqeffannaatti gale. Akkuma duuka buutonni Kristos warra waaqa tolfamoo waaqessanii wajjin walitti makamanin aamantiin Kristaanummaa faalamee waldaan qulqullummaa fi humna ishee dhabde. Waliin makamuu kanaan karaa irraa kan hin kaatin, muraasi garuu turaniiru. Abbaa dhugichaaf amanamanii Waaqa dhugaa kan waaqeffatanii amanamummaa isaanii eeggatan.SA 184.2

    Nuyi garee Kristos kan jedhan keessa yeroo hundumaa kutaa lamatu jira. Gareen warri tokko jireenya Fayyisaa yommuu qoratanii jallina isaanii sirreeffatanii fakkeenya sana fakkaachuuf fedhii gudda qabaatan, gareen warri biraan immoo, dogoggora isaanii kan bakkeetti baasu dhugaa hubatamaa fi qabatamaa dhabamsiisu. Yeroodhuma baay’ee gaariidha jedhamu iyyuu waldaan guutummaatti dhugaa, qulqulluu. amanamaa kan ta’an irraa walitti hin qabamne. Warri fedhiidhaan cubbuu keessa of galchan waldaatti hin fudhataman jedhee barsiiseera. Garuu immoo inni ofii isaatii namoota amala dogoggoraa qabaatan, mataa isaanii akka ilaalanii sirrataniif carraa isaaniif kennuuf jecha, isaanitti hidhatee barsiisaa fi fakkeenyummaa isaa irraa akka isaan fayyadamoo ta’an mirkaneesseef.SA 185.1

    Garuu mootii ifaa fi mootii dukkanaa gidduu tokkummaan hin jiraatu, duuka buutota isaanii gidduus tokkummaan hin jiraatu. Kristaanonni warra walakkaa jijjiiraman warra waaqa tolfamaa waaqessanii wajjin tokkummaa uummachuuf yaadan dhugaa irraa isaaniin fageessaa kan adeemuu karaa achii gadii deemu jechuudha. Seexanni akkasittiin duuka buutota hedduu waan wallaalchiseef in gammade. Ammammoo humna isaa akka fudhatan taasisee caalaatti warra Waaqayyoof dhugaa ta’anii jiran hari’achuuf isaaniin kakaase. Dhugaa akkamittiin akka morman, warra duraan dhugaaf mormaa turan caalaa kan beeku hin turre. Amantoonni irraa kaatan kun, miiltoo isaanii warra gartokkoon isaanii waaqa tolfamaa waaqessanii wajjin walitti dabalamanii, baay’ee barbaachisaa kan ta'e barsiisa Kristos irratti waraana qajeelchan.SA 186.1

    Warri amanamoo ta’uu fedhan. wayyaa lubaa uffatee waldaa kan seene gowwoomsaa fi xuraa'ummaa kana dura jabaatanii dhaabachuun barbaachisaa ta’uu hubataniiru. Macaafni qulquluun akka safartuu amantiitti fudhatamuun hin hafe. Barsiisi bilisummaa amantii akka barsiisa sobaatti dubbatamee, warri baattuu kanaa ta’an jibbamanii dheekamaman.SA 187.1

    Addaan BaafamuuBarbaachisaa:-Wal dhabdee bara dheeraa fi dhukkubsaa booddee, warri amanamoon muraasi sun, waldoota dhugaa irraa kaatan hundumaa wajjin, sobaa fi waaqa tolfamaattii guutummaatti yoo of qulleessuu baatan akka irraa hiikkatan murteessan. Dubbii Waaqaaf abboomamuun barbaachisaa ta'ee yoo argame isaan irraa adda ba’uun barbaachisaadha. Lubbuu isaaniif dogoggora balaa du'aa qabu kana hojjetanii, lubbuu ijoollee fi ijoollee ijjoollee isaaniif fakkeenya ta’uuf obsuu hindandeenye. Tokkummaa fi nagaan akka jiraatuuf, dhugaa isa kan Waaqayyoo wajjin kan waliif galu waan barbaachisaa hundaa gochuuf qophii turn, garuu qajeelfama kan aarsaa kan taasisu yoo ta’e, nageenyi iyyuu baay’ee minya’aa akka ta’u itti dhaga’ameera. Nageenya dhugaa fi qajeelummaa mareetti fiduudhaan qofa kan dhufu taanaan, waraana iyyuu yoo ta’e, wanti addaa haa ta’u. Waldaafis biyya lafaafis gaarii kan ta’u qajeelfamni inni amantoota jaboo keessa jiru, garaa saba Waaqayyoo warra jedhamanii keessatti yoo haara’eedha.SA 187.2

    Ergamaan Phawulos,“akkasuma nama Waaqayyoo ta’ee jiraachuuf kan hawwu hundinuu, ar’atamuuf jira” 2Xim.3:12 jedhee dubbate. Erga akkas ta’ee, maaliif ari’annaan, caalaatti waan rafe kan fakkaateef? Sababiin tokkicha waldaan gara sadrkaa biyya lafaatti gadi waan of buteef kun immoo mormii hin kakaasu waan ta’eef. Amantiin jabana kana nuyi qabnu akka amantii Kristaanaa isa bara ergamootaa, amalatti makaa kan hin qabnee fi qul-qulluu miti. Sababii hafuurri cubbuu wajjin waliif galu jiruuf, sababii inni guddichi dhugaan dubbii Waqayyoo maal na dhibeedhaan akkasiitiin ilaalameef, sababii Waaqayyoon fakkaachuun muraasi qofti waldaa keessa jiruuf qofa, Kristaanummaan akka kanatti biyya lafummaatiin beekame. Haara’umsi hafuuraa fi humni waldaa jalaqabaa haa jiraatu, hafuurri hari’atamuu ka'ee, ibiddi ari’atama deebi’ee in qabsiifamaa.SA 188.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents