Yeroo Dhipina Yaaqob
Toloonni magaalaa fi mandaroota gadi dhiisanii, garee gareedhaan walitti dabalamanii, iddoo qofaa jiraatan. Yeroo cubbamoonni beelaa fi dheebuudhaan dararaman, Ergamoonni nyaataa fi bishan isaaniif dhi’eessan. Namoonni biyya lafaa geggeessan waliin mari’atanii Sexanaa f i ergamoota isaa wajjin naannoo tollotaatti boqonnaa dhabaniiru. Gama biyya lafaa hundumaatti, tolloonni mul’ataa kan ta’e amantii isaanii, sanbata dhiisanii yoo Jalqaba torbanii hin eegan ta’e, yeroo muraasa booddee namooti kun isaaniin ajjeessuu in danda’u kan jedhu, gargalchi barreeffamaa facaafamaniiru. Garuu yeroo qorama isaanii sana tolloonni, karaan rakkina sana keessaa ba’an akka isaaniif qophaa’uu, Waaqayyoon amanuudhaa fi abdii inni kennes fudhachuudhaaf, kan tasgabbaa’aniif kan gab jedhan turan.SA 216.1
Iddoo tokko tokkotti, yeroon labsiin sun raawwatu utuu hin ga’in dura, cubbamoonni toloota ajeesuuf ariitiidhaan itti fiigu; garuu akka isaaniin eeganiif Yesus ergamoota abboomeera. Warra diinota isaanii warra isaaniin naanna'anii jiran duratti seera isaa eeganii wajjin kakuu gochuun in kabajama. akkasumas warra yeroo dheeraadhaaf utuu hin du’in isa eeggatan amanamoota sana jijjiiruudhaan in kabajama.SA 217.1
Toloonni guddaa kan ta’e dhphina sammuu iyyuu argaa turan. Jiraattota cubbamoota lafaan waan marfaman isaanitti fakkaachaa ture. Wanti hunduu waan isaaniin mormu itti fakkaateera. Kaan kaan isaanii immoo Waaqayyo harkuma cubbamoota kanaatti akka duunu nu dhiiseera jedhanii yaadaniiru. Garuu utuu iji isaanii banamuu danda’e ergamoota Waaqaatiin marfamanii ofii isaanii argu turan. itti aansee ergamoota hamoo baay’eetu saba cubbamootaa warra aaran, akka isaan toloota ajeesaniif kakaasaa , dhufe. Garuu utuu saba Waaqayyootti hin dhi’aatin dura, cubbamoonni kun dursa, jaboo kan ta’an ergamoota qulqulluu bira darbuutu irra ture. Kun immoo kan hin danda’amne ture. Ergamoonni Waaqaa akka ergamoonni xuraa’oon warri isaaniin dhiibaa jiran kun duuba deebi’anii akka kufan taasisan.SA 217.2
Iyya Bilisummaa:-Tolootaaf yeroon isaa yeroo sodaachisaa, yeroo dhiphina dhukkubsaa ture. Guyaa fi halkan bilisummaaf gara Waaqayyootti in boo’u turan. Waan bakkeen mul'atuuf, oolfamuuf carraan waan jiru hin fakkaatu. Cubbamoonni akka waan mo’ataniitti itti qoosuu eegalaniiru. “Waaqayyo maaliif harka keenya isin hin oolchuu?” Garuu tolonni isaaniin hin dhaggeeffanne turan. Akkuma isa Yaaqob Waaqayyoon wallaansoo qabaa tureetti, (Uma. 32:22-32). Rgamaan isaa furuu barbaadee ture, garuu takka turuu qabu. Sabni Waaqqayyoo xoofoo sana irraa dhuguu qabu, cuuphaa qoramsa cimaas cuubamuu qabu. Ergamoo kan isaanitti kennamee fi amanamuudhaan eegumsa isaanii ittuma fufan. Waaqayyo maqaan isaa warra amantii hin qabne gidduutti akka salphatu hin fedhu. Yeroon inni itti isa guddaa humna isaa agarsiisuudhaan isa ayyaana qabeessa bilisoomsuun isaa tolootaaf dhufeera. Ulfina maqaa isaaf jedhee warra obsaan isa eeggachaa turan fi warra maqaan isaanii galmichaa keessatti barreeffame hundaa bilisa in baasa.SA 218.1
Inni akka shaakala isa amanamicha Nohiiti. Yeroo roobni bu’ee lolaan dhufe, Nohii fi maatiin isaa Bidiruutti seenanii Waaqayyoo achi keessatti bakkeen isaanitti cuffe. Nohi amanmummaadhaan namoota bara bishaan badiisaa duraa, utuu isaan isatti qoosanii akekkachiisaa ture. Akkuma bishaan gara lafaatti gadi roobeen, wal duraa boodaan liqimfamuutti erga ka’anii, bidiruu sana argani, innis kan isaanumtti itti qoosan, nagaatti bishaan gubbaa balali’aa warra amanamoo Nohii fi maatii isaa tursan. Bara dhumaatti sabni Waaqayyoo, dheekkamsa yeroo dhufa isaa amanamumaadhaan biyya lafaa kan akeekkachiisan, oolfamuun isa bara bishaan badiisaa sanaa gaditti mit kan mirkaneefatamu. Waaqayyo warra jijjiiramuuf eeggatan, warra ajaja bineensichaaf hin sagadin, yookiin mallattoo isaa hin fudhatin sana cubbamootaan akka isaa balleeffaman hin eyyamu. Cubbamoonni toloota balleesuuf yoo dhiifaman, Seexannii fi ergamoonni isaa warri hamoon akkasumas warri Waaqayyoon jibban hundinuu in kabajamu. Kun immoo wallaansoo isa dhumaa keessatti, humneetiin Seexanaa warra yeroo dheeraadhaaf dhufaatii Gooftaa eeggatan, warra inni jaallatu irratti humna mo’ichaa akkamii argate jechuudhaaree! Warri yaada toloota ol ba’aa jiranitti qoosan, eegumsa Waaqayyo saba isaaf qabu fi kabajaan baafamuu isaanii dhugaa ba’uuf jiru.SA 219.1
Akkuma toloonni magaalota fi manadaroota keessaa gadi lakkisaniin, cubbamoonni isaan faana bu’anii isaaniin ajjeessuuf yaalii godhaniiru. Garuu meeshaaleen saba Waaqayyoo ajeessuuf kaafame akka cidii humna malee ta’uudhaan caccabee kufe. Ergamoonni Waaqayyoo tolootaaf gaachana ta’an. Akkuma halkanii fi guyyaa bilisummaaf boo’an, boo’ichi isaanii Waaqayyoon bira gahe.SA 220.1