Boqonnaa 2ffaa—Uumama
Abbaadhaa fi Ilmi hojii isa guddaadhaaf dinqisiisaa isa karoorsan sana eegalan biyya lafaa uumuu. Lafti harka Uumaa ishee keessaa baay’ee bareedduu taatee baate. Gaarotaa fi tulloonni galaanaa fi qaamota bishaaniitiin gargar babaafamani darbani darbanii turaniiru. Lafti guutummaatti diriiraa bal'ate utuu hin taane tessumaa lafaa naannoo walqixxaataa adeemee darbee darbee gaarriii fi tulluun gidduu seenu, gaaronni kuns akka warra ammaa kan namatti hin tolle caccabaa fi boca gara hin qabne utuu hin ta’in tooraan guddachaa yookiin gad bu'aa kan adeeman bifa bareedoo qabu turan. Duwwaa kan ta’an dhagoonni gurguddoon irra isaaniitti hin mul’ane turan, garuu akka lafee lafaatti jala keessa lafaa turaniiru.SA 19.1
Bishaanonni walqixxeetti darbanii darbanii tamsa’aniiru. Tulloonni, gaaronni dhedheeroo, dinqisiisoodhaa fi mukeeti amma jiran irra dacha baay’ee kan guddatanii fi bareedan muukeetii fi ililiidhaan kan mimmiidhagan bakkeen diriirootu ture. Qilleensi ququlluudhaaf Kan fayyaa kennu yommuu ta’u guutummaan lafaa akka masaraa mootummaa isa ajaa’iba jedhamuuti. Ergamoonni kana arganii isa dinqisiisaa fi bareedaa hojii Waaqaatti gammadan.SA 19.2
Lafaa fi bineelda isa irra jiraatan ergaa uumanii booda, Abbaanii fi Ilmi kufaatii Seexanaa duraan Kan karoorsan yaada isaanii hojii irra oolchan; innis akka bifa isaaniitti nama uumuu ture. Lafaa fi waan lafa gubbaa jiraatu lubbu qabeeyyi hundumaa uumuuf walii wajjin hojjetan. Kana booddee Waaqayyo Ilma isaatiin “kottaa akka bifaa fi fakkeenya keenyaatti nama in uumnaa” jedhe.SA 20.1
Addaam harka uumaa isaa keessaa yommuu ba’e hojjaa dinqisiisaa fi danaa/naqaa qaama/ wal-qixxee bareeduun ture. Bifti isaa guutuudhaa fi kan bareede ture. Haalluun bifa isaa adiis daalachas miti, gara diimachuutti kan jiru sinboo calaqqisaa haallu gammachisaan guute ture.SA 20.2
Hewwaan hamma Addaamiin hin dheerattu turte. Maataan ishee xiqqoo gatiittii isaa irra caala. Isheenis baay’ee Kan miidhagdu qaama mudaa hin qabne baay’ee bareedduu turte.SA 21.1
Boqonnaan kun Uma. l irratti kan hundaa’uu dha.SA 21.2
Uumama
Waaqayyo waan hundumaa bareedina mudaa hin qabneen uumu iyyuu, laftis Addaamii fi Hewwaaniin gammachiisuuf homaa kan itti hin hanqatin fakkaattu iyyuu, garuu Waaqayyo jaalala guddaa isaaniif qabu jannata addaa isaaniif tolchuudhaan argisiise.SA 21.3
Gar-tokkoo yeroo isaanii gammachiisaa Kan ta'e hojii iddoo qonnaa Sana irratti Kan dabarsan yommuu ta'u gara kaan immoo ergamootaa isaaniin daawwatani wajjin gorsa isaanii dhaggeeffachaa gammachuu argisiisaa turu. Hojiin isaanii dadhabsiisaa utuu hin ta’in kan gammachiisuuf nama jabeessu /haaressaa adeemu/ ture. Iddoon jannataa gaariin kun mana isaanii ta’uuf turte.SA 21.4
Jannata kana keessatti Waaqayyo gosa mukaa hundumaa akka dhimma baasuu fi bareedinaaf kaa’e. Jannata kana keessa kaa’eera. Mukeetii ulfaatoodhaa fi firii baay’ee, foolii gaarii Kan qaban, ijatti Kan bareedan, dhamdhamni isaanii gammachiisaa kan ta’aniidha. kan Waaqayyo akka cimdiin qulqulluun sun nyaataniif kan qopheesse. Ol qajeelanii kan guddatan, ba’aan firii isaanii kan ulfaate Wayinii jaallatamootu ture. Damee muka Wayiniitiin gaaddidduu golboo bareedduu Kan laatu uumanii qajeelchuun, uumama iddoo bultii uumamaa jallatamaa fi mukeetii jiraatanii fi kan isa irraa harca'u, akkasumas foolii isaanii akka kennan taasisuun hojii Addaamii fi Hewwaaniin gammachiisu ture.SA 22.1
Biyya lafaa magariisa kan ta’e waan bareedaa lubbu qabeessaan kan marfamte turte, naannoo Addaamii fi Hewwaanitti immoo kan baay’atan qomoo garagaraa kan ta’an haalluu addaa addaa kan qabaatan kumaatamaan kan lakkaa’aman abaaboon daraaran in argamu turan. Wanti hundinuu haala hawwataadhaa fi gammachiisaadhaan kan toora galan turan. Walakkeessa iddoo qonnaa sanatti mukicha jirenyaatu dhaabatee ture. Surraan isaa kan mukeetii biraarra kan caalu ture. Iji isaa kan barabaraan isaaniin jiraachisu ture. Baalli isaas amala fayyisuu kan qabu ture.SA 22.2
Addaamii fi Hewwaaniin Eden Keessatti:-Cimdiin qullaa’oon kun jannata keessatti baay'ee gammadaniiru. Waaqayyo wantoota jiraatoo irratti aangoo daangaa hin qabne kenneef. Leencii fi Ilmoon hoola nagaa fi walii galteetti naannoo isaanii kan xabatan ykn miilla isaanii jala kan ciisan turan. Allaattonni/sinbirroonni bifa garaagaraa mukeetii fi ilillii naannoo Addaamii fi Hewwaan jiru irra asii fi achi in balali'u turan; sagaleen farfannaa isaanii, yommuu isaan Uumaa isaaniif galata galchan walduraa duubaan bareedee in dhaga’ama ture. Addaamii fi Hewwaan bareedina mana isaanii Edenitti gammadaa turan. Sagalee farfannaa sinbirroota naannoo isa calaqqisaa fi simbo qabeessakoochoo isaanii uffatanii gammachuu isaanii muuziqaa isaanii isa gammachiisaa keessaan farfachaa turan sana isaan gammachuu qabaachaa turaniiru. Cimdiin qulqulluun sun sagalee isaanii ol fudhachuudhaan farfannaa jaalalaa sana keessatti itti dabalamanii jaalala isaaniin marsee jiruuf galataa fi ulfina kennu. Tooraa fi naamusa uumamaa isa beekumsaa fi oggummaa argisiisu sana in hubatu turan.SA 23.1
Yeroo hundumaa bareedina haaraa fi ulfina dabalataa; onnee isaanii jaalala gadi fagoodhaan kan guute, hidhii isaanii irraa ibsa galataa fi sodaa kan uumaa isaaniif argamsiise manni isaanii Eden qabdu in argu turan.SA 24.1