Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 7ffaa—Fayyisaa isa Nama Furu

    Yeroon Yesus itti bifa namaa uffatee akka namaatti gadi of qabee qorumsa Seexanaa itti argu in ga'e. Ulfina lafaa malee dallaa keessatti dhalatee waan horiin itti nyaattu keessa ciibsame. Haa ta'us malee dhalooti isaa kan dhaloota nama hundumaa caalaatti kan kabajame ta’e. Ergamoonni Waaqaa dhalachuu Yesusiin tikfattootatti himan; ifnii fi ulfinni Waaqa biraa dhuga-ba’umsa isaanii faana bu’e. Jiraattonni samii kiraara isaanii rukutuudhaan Waaqayyoof ulfina Kennan. Mo’ichaan dhufaatii Ilma namaa isanni hojii fayyinaa raawwiitti fiduuf gara biyya lafaa kuftee dhufee, du’a isaatiin nagaa, gammaachuu fi jireenya barabaraa namaaf fide odeessan. Waaqayyo dhufaatii Ilma isaa in kabaje. Ergamoonnis isaaf sagadan.SA 100.1

    Cuuphamuu Yesus:-Waggoota soddomii tokko (31) booda, ergamooni ta'iinsa cuuphaa isarra golboban. Hafuurri Qulqulluun, bifa gugeetiin waaqa irraa gadi dhufee isa gubbaa qubate; utuu namoonni dinqifatanii ija isaanii isarra kaa’anii jiranii, sagalee Waaqayyo Abbaa waaqa irraa “‘Ati Ilma koo isa jaallatamaadha, gammachuun koos sitti in raawwatama.’” utuu jedhuu in dhaga'ani. Mar. 1:11.SA 101.1

    Yohaannis cuuphaan, inni galaana Yordaanos keessatti harka isaatti cuuphamuu dhufe kun, Fayyisaa ta’uu isaa sirriitti hin beeku ture. Waaqayyo garuu maaliin inni hoolaa Waaqayyoo akka ta'e Kan beeksisu waa isa abadachiisee ture. Yohaannis mallattoo kana kan beeke, yeroo hafuurri bifa Gugeen samiidhaa Yesus irra qubattee, ulfinni Waaqayyoo naannoo isaatti ife hubate. Yohaannis harka isaa hiixatee, Yesusiin argisiisuudhaan, sagalee guddaadhaan iyyee “ilaa! Hoolaa Waaqayyoo cubbuu biyya lafaa kan balleessu” jedhe. Yoh. 1:29.SA 101.2

    Tajaajila Yohaannis:-Yesus Masihii isa abdachiifame, Fayyisaa biyya lafaa ta’uu isaa Yohaannis bartoota isaatti himeera. Akkuma tajaajilli Yohaannis gara xumuraatti dhufaa deemeen bartoonni isaa Yesusiin barbaadanii akka barsiisaa jabaatti isa faana akka adeemaniif barsiisee ture. Jireenyi Yohaannis gaddaan kan guute jireenya mataa ofii ganuuti. Dhufaatii Kristoos isa duraa labsu iyyuu dinqii inni hojjetuu fi humna inni argisiise dhugaa ba’uuf hin kennamneef ture. Yesus akka barsiisaatti yommuu ofii isaa fudhate, Yohaannis immoo innumti mataan isaa akka du'uu qabu beekeera. Sagaleen isaa lafa duwwaa keessatti malee hin dhaga’amne ture. Ji-reenyi isaa jireenya qopha galeessaa ture. Maatii abbaa isaatti hawwaasummaa isaaniitti gammaduuf of hin sossobne, ergama isaa raawwachuuf isaan biraa adeeme malee. Namoonni baay’een, magaalaa fi mandaroota hojiin itti baay’atu keessaa sagalee raajii dinqisiisaa kana dhaga'uuf lafa onaattii in yaa’uu turan. Yohaannis gara wiirtuu rakkina namootaa xuqe. Sodaa malee waan inni fiduuf Cubbuu ifachuudhaan, hoolaa Waaqayyoof karaa qopheesse.SA 101.3

    Humna qabeessa kan ta’e dhuga-ba'umsa Yohaannis kallattiin godhu dhaga’ee, Herodis in raafamee, fedhii guddaadhaan bartuu isaa ta’uudhaaf gaafate. Yohaannis garuu Heroodis kun haadha manaa obboleessa isaa abbaan manaa ishee utuu lubbuun ji-ruu, akkanni fuudhuudhaaf jedhu beeka ture waan ta’eef kun seera miti jedhee Heroodisitti dubbate. Heroodis aarsaa barbaachisaa ta'e tokko iyyuu go-chuu hin barbaadne. Haadha manaa oboleessa isaa fuudheetu, isheedhaan dhiibamee, Yohaannisiin qabee booda gadi dhiisuuf yaadee mana hidhaa keessa issa kaa’e. Yohaannis achitti qabamee utuu jiruu, karaa bartoota ofii isaa isa dinqisiisaa hojii Yesusiin dhaga’e. Ayyaana qabeessa kan ta’e dubbii Yesus dhaqee dhaga’uuf waan hin dandeenyeef ergamoonni isaa waan dhaga’an itti himuudhaan isa jajjabeessaa turan. Utuu hin turin dhiibbaa haadha manaa Herodisiin kan ka’e mormi Yohaanis murame. Yesus faana kan bu'an ergamoonni baay’ee gadi of qaban, dinqii isaa kan dhugaa ba’an, dubbii dinqisiisaa inni godhu kan dhaga’an, Yohaannis cuuphaa irra in caalu turan (Mat. 11:11); Kana jechuun. caalaatti kan ol qabamanii fi kabajaman fi gammachuu caalu jireenya isaanii keessatti akka qabanii dha.SA 102.1

    Yohaanis hafuuraa fi humna Eliyaasiin dhufaatii Kristoos isa duraa lallabuuf dhufe. Luq. 1:17. Yo-haannis namoota bara dhumaatti hafuuraa fi humna Eliyaasiin adeemaanii guyyaa dheekkamsaa fi dhufa Yesus isa lammaffaa labasan kan bakka bu’uudha.SA 103.1

    Qorumsa:-Cuuphaa Yesus Yorodaanosiin keessattii booda, Seexanaan qoramuudhaaf, hafuuraan lafa onaatti geeffame. Hafuurri Qulqulluun adda kan ta’e ta’iinsa qorumsa dhiphisaa ta’e sanaaf isa qopheesse. Guyyaa afurtamaaf Seexanaan qoramee, guyyoota kana homaa hin nyaanne ture. Wantoonni naannoo isaa turan hundumtuu kan hin gammachiifne, uumamumaan namni ofirraa fageessuu kan barbaadu turan. Bineensa bakkee fi Seexanaa wajjin lafa duwwaa keessa iddoo qophaa ture. Ilmi Waaqayyoo soomaa fi dhiphinaan daalachaa’ee, huuqatee ture. Karaan isaa isa duraa kaa’ameera; waan hojjechuuf dhufe raawwachuutus irra ture.SA 104.1

    Seexanni carraa qorama Ilma Waaqayyootti dhimma ba’ee qorama baay’een isa dhiphisuu, akka namaatti dadhabee waan jiruuf nan mo’adha jedhee yaadaa ture. Seexanni qorumsa kanaa wajjin dhufe: “dhugumaan Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagaa kanaan buddeena ta’i jedhiitii abboomi!” jedhe. Inni Masihii ta’uu isaa dhugoomsuuf jecha mataa isaa isa duratti gadi qabee akkanni humna Waaqummaa isaa dhimma ba’uuf yaade. “Caaffata qulqullaa’aa keessatti ‘namni nyaata duwwaan hin jiraatu”‘ jedhe. Luq. 4:3,4.SA 104.2

    Ilma Waaqayyoo ta'uu Yesus irratti Seexanni falmii geggeessuu barbaada. Haalaa dadhabbii isaa, dhiphinaa isaa caqasuudhaan kooree ofii isaatii Yesus irra jabaa ta’uu isaa jabeesseef. Garuu dhugaba’umsi samiidhaa, “Ati Ilma kooti gammachuun koos sitti in raawwatama.” kan jedhe (Luq. 3:22), dhiphina isaa keessa isa dabarsuuf ga’ahaa ture. Kristos humna isaa fi Fayyisaa biyya lafaa ta’uu isaa Seexanaaf mirkaneessuu isa hin barbachisne ture. Waa’ee aangoo Ilma Waaqayyoo fi isa kabajamaa iddoo isaa Seexanni ifaa kan ta’e ragaa qaba. Aangoo Kristositti of kennuu diduu isaatu samii cufaa isatti taasise.SA 105.1

    Humna isaa argisiisuudhaaf, Seexanni Yesusiin Yerusaalemitti geessee, fiixee mana qulqulummaatti ol isa baasuudhaan, achitti Ilma Waaqayyoo ta’uu isaa mirkaneessuuf akkanni iddoo ol fagoo saana gubbaadhaa of darbatuuf isa qore. Seexanni kan barreeffame dubbii Macaafa Qulqulluu wajjin dhufe: “‘dhimmanii akka si eeganiif ergamoota isaa siif in abbooma, isaanis miilla kee dhagaatti akka hin buunetti, harka isaanii irratti si baatu ‘kan jedhu caafamee jira ittiin jedhe; Yesus yommus, ‘Waaqayyoon Waaqa kee gar malee hin eeggatin’ ” Luq. 4:10-12.SA 105.2

    Seexanni wanti inni barbaade, Yesus abbaa isaatti of laachuudhaan ergama isaa utuu iddoodhaan hin ga’in akka inni balaa keessa of galchu gochuu barbaadeetu ture. Karoorri fayyinaa in kufa jedhee abdate garuu karoorri sun Seexanni gara galchuu yookiin faaluu akka hin dandeenyetti baay’ee gadi fagaatee dhaabateera.SA 106.1

    Kristos fakkeenya kristaanota hundumaati. Yommuu qoraman, mirgi isaanii yommuu sarbamu, obsaan baachuu danda’uu qabna. Sana gochuu isaatiin Waaqayyo kan irratti kabajamu yoo ta’uu baate, diina isaanii irratti mo’icha argachuudhumaaf, humna isaa akkanni argisiisuuf, maqaa Waaqayyoo waamuun mirga keenya jechuu hin qaban. Utuu Yesus bantii Mana qulqullummaa sanarraa ofii isaa darbateera ta’e, kun abbaa isaa hin kabachiisu ture, sababiin isaas ergamoota Waaqaa fi Seexana malee kan gochaa sana argee dhugaa ba’u waan hin jirreef. Kunis immoo, diina hamaadhaaf akka inni isaa ar-gisiisu Waaqayyoon qoruu ta’a. Isa Yesus mo’achuuf dhufe jalatti gadi of qabuu ta’a ture.SA 106.2

    “Seexanichi itti aansee iddoo ol jedhaatti isa geese; hamma libsuu ijaatti mootummoota biyya lafaa guutummaatti isatti agarsiisee, achuman immoo, kana hundumaa irratti aboo siifan kenna, ulfina isaaniis siif nan dabala, isaan kun hundinuu anatti dabarfamaniiru; anis immoo abbaan jaalladheef nan kenna, kanaafis jilbeenfattee yoo anaaf sagadde, hundinuu kan kee in ta’a jedheen. Yesus immoo deebisee, ‘Waaqayyo Gooftaa keetiif jilbeenfattee sagadi, isa duwwaafis hojjedhu!’ kan jedhu caafamee jira jedheen.” Luq. 4:5-8.SA 107.1

    Seexanni mootummoota biyya lafaa karaa hawwataa ta’een Yesussitti argisiise. Utuu Yesus achumatti isaaf sagadeera ta’ee, waan barbaadu hundumaa qabeenya biyya lafaaf akka inni dhabuuf dhi’eessee ture. Karoorri fayyinaa raawwatamee, Yesus cubbamootaaf du’a ta’e, humni isaa akka daanga'aa ta’ee fi booda immoo akka irraa fudhatamu akkasumas akka balleeffamu Seexanni in beeka ture. Kanaafii in kan qoratame karoora isaa, yoo danda’ame, hojicha gudda Yesus jalqabe akka inni hin xumuramneef dhorkuuf ture. Karorri fayyinaa Waaqayyo qopheesse yoo hin raawwatamin hafe immoo, mootummaa yommus jedhu sana in hanbifata ture. Bakkaa mootummaa waaqaan qabadha jechuun of gammachiise.SA 107.2

    Inni qoru sun ifatamuu:-Seexanni yommuu Yesus humnaa fi ulfina isaa lafa kaa’ee dhufe in gammade. Kun Ilma Waaqayyoo harka koo keessa naaf galche jedhee yaade. Qoramasi cimdii qulqulluu Sa-naa irratti Eden keessatti salphaatti ta’e sun; humna Seexanummaa sanaa fi gamnummaa sanaan, Ilma Waaqayyoo illee garagalchee jireenyaa fi moo-tummaa isaa oolfachuuf in abdate. Jaalala abbaa isaa irraa isa kaachisuuf, Yesusiin qoruu danda’eera utuu ta’ee akeeki isaa raawwatameefii ture. Garuu Yesus ifachuudhaan Ana duubaa fagaadhu! Ati Seexana nana“jechuudhaan Seexanatti dhaqee. Abbaa isaa qofaaf sagaduutu irraa eegama waan ta’eef.SA 108.1

    Seexanni mootummaan biyya lafaa hundumtuu akka waan kan isaa ta’eetti dubbachuudhan Yesusiin dhiphina isaa hunda dhabamsiisuuf, mootummaa lafaa kanas kan ofii isaa godhachuuf Yesus du'uu akka hin barbaachifne abdachiise. Salphaadhumatti yoo jilbeenfatee sagadeef, qabeenyaa lafa irraa fi ulfina isa irratti mo'uu hundumaa argachuu dandeessa jedha. Garuu Yesus kan hin sochoonee dha. Mootummaa isaa lubbuu ofii isaatiin Seexana harkaa baasee, yeroo sana boodaa guutummaan Waaqaa fi lafaa isatti kennamuuf, yeroon dhufaa akka jiru Yesus in beeka ture. Jireenya dhiphisaa jiraatee du’a sodaachisaa du’uudhaan akkaataa abbaan isaa dhaaltuu mootummaa lafaa isaa taasisee waan hundumaa akka qabeenya barabaraatti akkani qabaatu barbade sana filate. Seexannis immoo lammaffaa Yesus fi warra ulfina isaa deebifamanii bitaman akka hin dhiphifneef balleeffamuuf harka isaatti in kennama.SA 109.1

    Tajaajila Yesus:-Seexannis qoruu isaa ergaa raawwatee booda, yeroodhaaf Yesusiin dhiisee adeeme. Ergamonni lafa onaa keessatti nyaata isaaf qopheessanii isaa jajjabeessan; eebbi Abbaa Isaas Isarra in ta’e. Kan Seexanaa qoramsi cimaan sun akka inni yaade hin taane waan ta’eef amma iyyuu fuula duratti Yeroo garaagaraa mala isaa kan irratti yaalu yeroo tajaajila Yesus in eggata ture. Amma iyyuu warra barumsa isaa hin fudhanne irratti kakaasee isa jibbanii akka isa balleessan gochuudhaan isa mo’uuf in abdata ture.SA 109.2

    Seexann fi ergamoonni isaa yeroo tajaajila Yesus keessa, namooti akka hin amanne gochuuf, jibbaa fi tuffii namoota kakaasuudhaaf baay’ee Kan hojiin isaanitti baayyatu turan. Yeroo baay’e yommuu Ye-sus cubbuu isaanii kan argisiisu dhugaa qara ta'an tokko tokko inni dubbatu namoonni baay’ee aaru. Seexannii fi ergamootni isaammoo, jireenya Ilma Waaqayyoo akka isaa balleessaniif isaaniin kakaasu. Yeroo tokko caalaa dhagaa fuudhanii isatti darbachuuf ka’aniiru. Garuu ergamoonni isa eeganii uummata aaree jiru gidduu dhaa iddoo nagaatti isa geessaniiru. Ammas akkuma dhugaan hidhii isaa isa qulqulluu keessaa argameen gara qarqara tulluutti isa geessanii namoonni achi irraa isa gatuuf yaalaniiru. Isaan maal gochuuf akka qaban wal falmiin isaaniin gidduutti geggeeffamaa ture; ammas yeroo ergamoonni agartuu uummata sanaa duraa isa dhoksan innis isaanuma gidduu darbee adeema ture.SA 110.1

    Seexanni amma iyyuu inni guddaan karoorri fayyinaa waan kufu itti fakkaataa ture. Garaa namootaa jabeessee Yesus irratti hadhaa'ummaan akka itti dhaga’amu taasisuudhaaf humna isaa hundumaan hojjete. Namoota muraasa qofatu akka Ilma Waaqaatti isa fudhata jedhee abdachaa ture waan ta’eef dhiphinnii fi aarsaan ani godhe garee muraasa kanatti waan baay’ee guddateedha jedhee yaada itti fakkaate. Yesusiin akka Ilma Waaqayyootti kan fudhatan namuma lama qofa iyyuu utuu ta’anii, fayyinaaf immoo isatti amananii, karoora sana hinuma raawwata ture.SA 111.1

    Warra Dhiphatan Boqochiisuu:Yesus hojii isaa kan inni jalqabe warra dhiphatan irraa aangoo Seexanaa cabsuudhaan ture. Warra dhibaman fayyummaatti isaaniin deebise, warra hin argine agartuu isaanii baneef, warra okkolan in fayyisee, gammachuu fi galata Waaqaaf akka isaan utaalan taasise. Warra dhukkubsachaa baroota dheeraadhaaf aangoo Seexanaa isa hamaa sanaa jala turan fayyummaa isaaniitti isaan deebise. Jecha garraamummaatiin, warra dadhaban, warra roqoman, war-ra abdii kutan in jabeesse. Dadhaboota, Seexanni isaaniin mo’atee warra dhiphatan Yesus qabaa isaa keessaa isaan baasee, fayyummaa qaamaa, iiiiiee fi gammachuu isaaniif argamsiise. Warra du'an jireenyatti kaasee, isaanis isa mul’ate humna Waaqayyoof galata galchan. Warra isatti amanatan hundumaafuu humna guddaadhaan hojjete.SA 111.2

    Jireenyi Yesus gochaa fi jechoota garraamummaa, gara laafinaa fi jaalalaan kan guute ture. Rakkoo warra isa bira dhaqanii dhaggeeffatee furmaata kennuuf yeroo hundumaa qophiidha. Lakkoobsi isaanii baay’ee kan ta'e qaamni warra fayyanii ragaa humna Waaqummaa isaa baatee adeema ture. Garuu waan hedduu ergaa isaaniif raawwatee booda, salphaa fakkaatee, garuummoo lallabaa jabaa ta’e sanatti in leeyya’an. Sababiin isaa geggeessitoonni isatti hin amanne waan tureef sabni sunis Yesusiin fudhachuu waan hin barbaadiniif ture. Inni nama gaddaa fi muddamatti bareedha. Gammachuu biyyi lafaa kennu arganii gammaduu barbaadan. Garuu warri kaan immoo Ilma Waaqayyoo faana bu’anii, dubbii isaa dhageeffachaa, ayyaanatti, hidhii isaa irraa kan coccobu dubbii isaa akka dhangaatti fudhataniiru. Dubbiin isaa hiikkaa hedduu kan qabu garuu immoo dadhaboonni illee hubachuu kan danda'an hubatamaadha.SA 112.1

    Mormii Bu’aa hin Qabne:-Seexannii fi erga-moonni isaa ija warra Yihuudotaa jaamsanii hubannaa isaan dukkaneessuudhaan, jireenya fayisaa balleessuudhaaf angafoota fi geggeessitoota saba sanaa kakaasaniiru. Geggeessitoonni Yesusiin gara isaaniitti akka fidaniif warra biraa erganiiru, garuu isaan kun naannoo bakka inni turee yommuu dhaqan isaani iyyuu baay’ee dinqisiifatan. Yommuu inni waa’ee dhiphina namaa dhugaa ba’u, gara laafinaa fi garraamummaadhaan guutuu ta’uu isaa dhaga’an. Warra dadhabootaa fi miidhamtootatti akkaataa isaaniin jajjabeessutti jaalalaa fi eeggannaadhaan utuu inni dubbatuu dhagaa’an. Sagalee aango qabeessaan utuu inni humna Seexanaa ifatee booji’amtoota sana bilisa gadi dhiisisuus dhaga’aniiru. Sagalee isaa isa ogummaan guute dhaga’anii booji’amaniiru. Isa qabuu hin dandeenye. Yesusiin utuu hin qabin gara lubootaa fi angafootaatti deebi’aniiru.SA 113.1

    “Maaliif Yesusiin hin dhi'eessine?” jedhanii Yommuu gaafatan, isaan immoo, waa’ee dinqii inni godhuu waan argan, akkasuma qulqulluu kan ta'e dubbii ogummaa, jaalalaa fi beekumsaa dhaga'an itti himan. ” ‘Akka namicha kanaatti takkaa namni dubbatee hin beeku’ jedhanii dhaaban. Yoh. 7:45, 46. Isaanis gowwoomfamuu isaaniitiif luboonni isaa hammeessanii, geggeessitoonni tokko tokko immoo to’annoo keessa waan isa galchuu dadhabaniif in yeella’an. Geeggeessitoota keessaa namni tokko illee akka isatti hin amanneef luboonni dheekkamsaan akeekkachiisan. Garuu baay'een abbootii seeraa fi angafoonni Yesusitti amananii Seexanni akka isaan of hin beeksifanne taasise. Waaqayyoon sodaachuu irra dheekkamsa namootaa sodaatan.SA 114.1

    Hanga kanatti itti maluu fi jibbi Seexanaa karoora fayyinaa hin cabsine. Kaayyoo biyya lafaa dhufeef Yeroon Yesus itti raawwatu dhi’aachaa jira. Seexannii fi ergamoonni isaa waliin mar'atanii sabuma Yesusiin kakaasanii dhiiga isaaf iyyanii hamminaa fi tuffii isa irratti akka walitti qabamu walii galan. Tarii Yesus waan akkasii waan jibbuuf gadi of qabuu fi garraamummaa isaa eeggachuu in dadhaba jedhanii abdatan.SA 115.1

    Seexanni karoora isaa baafachaa yommuu jiru, Ye-sus immoo suuta eragmoota isaatti maal keessa darbuuf akka jiru itti himaa ture. Akka fannifamu fi guyyaa sadaffaattis akka ka'u. Hubannaa waan dhabaniif waan in jechaa ture galuufii hin dandeenye.SA 115.2

    Jijjiiramuu:-Jijjiiramuu isaa irratti yeroo Kristos ulfina uffatee sagaleen waaqa irraa waa’ee amala waaqummaa isaa utuu dubbatuu dhaga’uu isaaniitiif amantiin bartoota Isaa jajjabeeffameera (Mat. 17:1-8 ilaali) yeroo dhiphinaa fi gadda isaanii waa'ee fannoo Isaa keessatti guutummaatti amantii isaanii akka hin dhabneef, inni Masihii abdachiifame ta'uu Isaaf Waaqayyo ragaa cimaa duuka buutota Yesusii kennuu jaallate. Yeroo Jijjiiramuu Gooftaatti dhimma dhiphinaa fi du’a isaa akka duddubbataniif Musee fi Eliyaasiin ergeef. Akka Ilma isaa wajjin haasa’aniif ergamoota erguu irra, Waaqayyo warruma ofii isaaniitii dhiphina lafaa kessatti qorama argan erguu jaallateera.SA 115.3

    Eliyaas Waaqayyoo wajjin adeeme. Karaa isaa Waaqayyo cubbuu Israa’eliin waan argisiiseef, hojiin isaa dhukkubsaa fi qorama ture. Eliyaas raajii Waaqayyoo ta’ee utuma jiruu, lubbuu isaa oolfachuudhaaf, iddoodhaa gara iddootti baqachaa ture. Sabuma isaatu isa balleessuudhaaf akka bineensa bosonaa isa adamsaa ture. Garuu waaqayyo Eliyaasiin in jijjiire. Utuu du’a hin mi'eeffatin ergamoonni ulfinaa fi mo’ichaan samiitti isa geessan.SA 116.1

    Museen kan isa dura jiraatan hundumaa irra kan caaluudha. Waaqayyo guddisee kabaja kenneeraaf. Akka namni Michuu isaa wajjin haasa’u, Gooftaa wajjin fuulaa fi fuulatti haasa’uudhaaf carraa argateera. Ifa calaqqisaa fi ulfina hundumaa caalu isa Abbaa marsee jiru arguu danda’eera. Karaa Museedhaa Waaqayyo Israa’eloota garbummaa Biyya Misir irraa bilisa baaseera. Museen yeroo baay’ee saba isaa fi dheekkamsa Waaqayyoo gidduu dhaabatee saba isaaf kan kadhatuuf ture. Yeroo amantii dhabuu isanii, guungummii isaaniif, cubbuu isaaniif dheekkamsa Waaqayyoo, Israa'el irratti jabaateen, jaalala Museen isaaniif qabutu qoramee ilaalame. Waaqayyo isaaniin balleesse saba jaba ofiif kaafachuu barbaadee ture. Museen garuu jaalala Israa’elotaaf qabu bakka isaanii ta’ee kadhachuudhaan argisiise. Dhiphinaan Waaqayyo dheekkamsa isaa isa akka ibiddaa boba'u sana irraa akka deebi’u fi Israa’eliif dhiifama akka godhu yookiin immoo maqaa isaa galmee isaa irraa akka balleessu kadhate.SA 116.2

    Museen du’a keessa darbee, utuu dhaqni isaa hin tortorin, Mikaa’eel dhufee jireenya isaaf kenne. Seexanni, inni kan kooti jechuudhaan, qaama isaa qabachuu barbaadeetu ture; garuu Mikaa'el du'aa isa kaaseetu gara samiitti isa fudhate. Seexanni baayyisee Waaqayyo irratti aare, kan inni adamsee miidhuuf ture isa harkaa waan baaseef, Waaqayyo qajeelaa miti jedhe. Garbichi Waaqayyoo kufuun kara hojii Seexanaa ta’ullee, Kristos garuu diina isaa kana hin ifanne ture. Gara laafinumaan abbaatti isa kennuudhaan “Gooftaan sitti haa dheekkamu jedhe” Ergaa Yihudaa 9.SA 117.1

    Yesus bartoota isaatti, as isaa wajjin dhaabachaa kan jiran keessaa mootummaa Waaqayyo humna isaatiin utuu hin argin du’a kan hin mi’eeffanne jiru jedhe. Bakka jijjiiramaatti abdiin kun raawwatame. Fuulli Yesus achitti jijjiiramee akka ija Biiftuu ife. Uffati isaa adiidhaa fi calaqqisaa ture. Warra du’anii dhufaatii Yesus lammaffaatti du'aa ka’an bakka bu’uudhaaf Museen achi ture. Eliyaas immoo warra utuu du’a hin argin deebii Kristositti foon hin duune uffachuutti jijjiiramanii fi utuu du’a hin argin gara samiitti kan jijjiiraman bakka bu’a. Sodadhaa fi dinqifannoodhaan isa dinqisiisaa surraa Yesus fi duumessa isa aguuge arganii, sagalee Waaqayyoo isa sodaachisaa “Kun Ilma koo isa jaallatamaadhaa, isa dhaga’aa” utuu jedhuu dhaga’an.SA 118.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents