Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Qoramuu Kristoos

    Seexannii fi ergamoonni isaa galma murtii sana keessatti miira garraamummaa namoota keessaa dhabamsiisuuf waan ojjetaniif, hojiin itti baayyachaa ture. Qilleensumti duraa dhiibbaa isaaniitiin manca’ee, faalamee ture. Dhalli namaa baachuu kan danda’u caalaatti Yesusiin akka arrabsaniif lubootaa fi maanguddoota kakaasaa turan. Arrabsoonii fi gochi suukanneessaan akkasii Ilma Waaqayyoo keessaa guungummii tokko kaasee, humna Waaqummaa isaatti fayadamuudhaan warra isa miidhan sana harkaa of baasuudhaan akka kanatti karoorri fayyinaa waan danqamu itti fakkaatee Seexanni abdachaa ture.SA 126.1

    Ganuu Phexiros:-Pheexiros Gooftaan erga dabarfamee kennamee booda iyyuu, isa faana bu’aa ture. Waan Yesus irratti ta’u arguu in fedha ture. Bartoota Isaa keessaa isa tokko ta’uu isaaf yommuu himatame, nagummaa isaaf sodaachuun. namicha hin beeku jechuutti isa geesse. Bartoonni qulqullina afaan dubbataniitiin beekamu, Pheexiros immoo, inni bartoota Kristos keessaa tokko akka hin ta’in amansiisuuf jedhee, himata sana yeroo sadaffaatti of abaaruudhaa fi kakachuudhaan haale. Yesus, Phexiros irraa xinnoo fagaatee kan ture, fuula isaa gaddaan guutee jiru akka ifannaatti itti naannesse. Kana booddee, bartuun sun waan mana ol aanu keessatti, Yesus itti dubbate akkasumas isa ofii isaatii nan godha “isaan hundinuu si mamanii yoo Si buusan iyyuu, an gonkumaa Siin hin buusu” jedhe sana yaadate. Mat.26:33. Kakadhaa fi of abaaruudhaan Gooftaa isaa gane iyyuu, Yesus kan baqe garaa Phexirosiin fayyise. Gaddee boo'uudhaan, isa guddaa cubbuu isaa himatee, yaada garaas jijjiirrate, bakka itti obboloota isaa iyyuu jabeessu irra kaa’ame.SA 126.2

    Galma Murtichaa keessatti:-Uummatichi dhiiga Yesusiif iyye. Loltoonni hamminaan isa garafan. Moofaa kan ta’e uffata mootummaa bifa dhiilgee irra buusan. Isa qulqulluu mataa isaatti gonfoo qoraattii naannessan. Ulee harka isaa keessa kaa’anii dura jilbeenfatanii sagaduudhaan, qoosaadhaan nagaa isa gaafatan. “Attamiree yaa mootii Yihuudotaa” jedhan. Yoh.l9:3. Sana booda ulicha isa harkaa fuudhanii ittiin mataa isaa keessa dha'an, qoraattichi mataa isaatti galee dhiigni fuulaa fi areeda isaarra akka dhangala’u taasisuuf.SA 127.1

    Ergamoonni haala gadi of qabuu Isaa kana akka dhugaa ba’an Yesus ni beeka ture. Uummata sana dadhabsiisee, Yesusiin harkaa baasuuf Ergamaan inni hundumaa irra dadhabaan iyyuu, in danda’a ture. Abbaa isaa yoo gaafate, ergamoonni battalumatti akka gadi dhiisisan ni beeka ture. Karoora fayyinaa raawwachuuf jecha, rukuttaa namoonni cubbamoonni isa irraan gahaniin dhiphachuun barbaachisaa ta’e argame.SA 128.1

    Sabni ariidhaan guute sun maqa balleessii baay’ee gadhee yommuu Isarratti dhi’eessan Yesus garraamii fi kan gadi of qabe ta’eetu dhaabate. Fuula Isaa isa gaaftokko duraa dhokkachuu jiran, fuula Iisaa isa magaalaa Waaqayyoof ifa kennee isheen/ magaalattiin/ aduu caalaatti calaqqisuuf jirtu sanatti tufan. Kristos warra Isa miidhan duratti haaraa ta'ee hin mul”anne ture. Mataa isaa wayyaa moofaadhaan aguuganii. akka hin argine taasisuudhaan fuula isaa rukutanii, in gaafatu turan; “raajii keetiin nutti himi! enyuudha kan si rukute?” Luq 22:64.SA 128.2

    Bartoonni kaan kaan isaanii hamma bakka Yesus turetti seenanii waan isarra ga’e arganii dhag'uu danda’aniiru. Humna Waaqummaa isaa argisiisee waan harka diinota isaa keessaa ba’ee gocha hamminaa isaan Isa gubbaatti raawwataniif isaaniin adabu itti fakkaataa ture. Abdiin isaanii akka wanti biraa mul’achaa adeemeen ol ka’ee kufaas ture. Al tokko tokko in gowwoomnee laata kan jedhu sodaan isaan qabachaa ture. Garuu sagaleen isaa gaara jijjiirama isa irraa dhaga’an, ulfinna isaa achitti arganii, inni Ilma Waaqayyoo ta'uu Isaatiif amantii isaanii jabeesseef. Waan argan hundaa dinqii utuu Yesus godhuu argaa turan, dhukkubsataa fayyisuu, ija warra qaro dhabeeyyii banuu isaa, gurra duude banuu, ifatee hafuura hamaa baasuu isaa, warra du’an jireenyatti deebisuu akkasumas qilleensaa fi galaana abboomuu isaa keessatti waan inni hojjete yaadachuu yalan.SA 129.1

    In du’a jedhanii amanuu hin dandeenye. Ta’us humnaan akka inni ka’uu fi sagalee abboommii Isaa sanaan ka’ee saba sana bittimsee, akka isa gaafa ma-na qulqullummaa keessaa daldaaltotaa fi warra horii jijjiiran, warra mana Waaqayyo iddoo itti daldaalaan godhatan sana, akka waan homaan warraanaa isaan ari’uutti isaaniin baasee sana, ammas akkasuma godha jedhanii amanaan. Inni mootii Israa’eliin ta’uu isaa humna Waaqummaa isaa fayyadamee amansiisa jedhanii abdatan.SA 130.1

    Dhuga-ba’umsa Yihuudaa:-Yihuudaan gocha gantummaa isa Yesusiin gurgureef gaabbii hadhaadhaa fi qaanitu itti dhaga’ame. Miidhama Fayisaa irra ga’e hundumaa yommuu arge inni in mo’atame. Yesusiin in jaallata ture, garuu caalaatti horii waan jaallateef malee. Namoota warra isa qabuu dhaqan, warra ofii itti geesse sanatti, Inni of kenna jedhee hin yaadne ture. Dinqii hojjetee isaan-iin harkaa of baasa jedhee abdatee ture. Garuu namoota dheekkamsaan guutan, kan dhiiga dheebotan, mana murtichaa keessatti yommuu arge yakka isaatu gadi-fageenyaan itti dhag’ame. Yeroo namoonni baay’een jabeessanii Yesusiin hammeessan, Yihuudaan ariifachaa saba sana gidduudhaan dhiiga qulqulluu kana dabarsee kennuu kootiif gaabbeera jedhee himate. Lubootaaf horii isaan kennaniif sana deebiseefii, Yesusiin akka isaan gadi dhiisaniif kadhate, inni raawwatee yakka kan hin qabne ta’uu isaas dhugaa ba’e.SA 130.2

    Yeroo gabaabaadhaaf, aariidhaa fi waan godhan wallaaluun yaada lubootaa qabatee callisan. Duuka buutota Yesus warra beekamoo keessaa, nama tokko Yesusiin akkanni dabarsee kennuuf qacaruu isaanii namni akka irratti beeku hin barbaadne turan. Akka hattuutti Yesusiin adamsuu fi dhoksaatti qabuu isaanii dhoksuu barbaadan. Garuu dhuga-ba’umsi Yihuudaa fi bututee akka reebichaan dadhabbetti dhi’aachuun isaa, luboota sana saba sana duratti ak-ka isaan Yesusiin qabaniif kan kakaase jibba akka ta’e isaaniin duraa saaxile. Akkuma Yihuudaan sagalee isaa ol kaasee Yesus kan yakka hin qabne ta’uu Isaa dubbateen, luboonni immoo “nuun maaltu dhiberee, atumti faladhu malee! jedhan.” Mat.27:4. Yesusiin harkaan ga’ataaniiru waan ta’eef karoora isaanii bakkaan ga’uuf ittuma fufan. Yihuudaan dhiphinaan guutame, horii isa amma jibbe kana miila luboota warra isaaf kaffalee jalatti darbatee, gaddaa, dhiphinaan achii adeemee ofii isaa hudhe.SA 131.1

    Namoota naannoo isaatti walitti qabamanii jiran keessaa kan isaaf gaddanis baay’ee qaba ture, gaaffii gaafatamu baay’ee sanaaf, deebii kennuu dhiisuun isaa immoo saba sana in ajaa’ibsiise; fuula gurraachessuun, mallattoon jeeqamuu fuula isaa irraa hin argamu ture. Ayyaana qabeessaa fi kan gab jedhe ture. Ilaaltonni dinqifannoodhaan isa ilaalan. Guutuu fi jaba kan ta’e bifa isaa, dhaabbannaa ayyana qabeessaan isa irraa mul”atu warra Isatti faraduuf taa’anii wajjin wal bira qabanii ilaalanii, geggeessitoota iyyuu utuu hin taane caalaatti inni mootii fakkaata jedhan. Mallattoon yakkamaa ta’uu irraa hin argamu. Iji isaa tasgabbaa’aa, sodaa kan hin qabne qulqulluu, addi Isaa bal”aa fi ifaa ture. Mal-lattoon Isarraa hundinuu garraamummaa fi amala gaarii kan argisiisaniidha. Obsi Isaa fi of qabuun Isaa akka namoota kaanii waan hin ta'iniif namoota raase. Philaaxosii fi Herodis iyyuu amala garii isa kan Waaqaa fakkaatu sanatti guddaa jeeqaman.SA 132.1

    Yesusiin Philaaxos duratti:-Yesus akka namoota kaanii akka hin taane Philaaxos silumaa iyyuu amaneera. Amalli isaa hundumaa irra kan caalu, waan ittiin isa komatan kanattii bilisa akkanni ta’e inni amaneera. Ergamoonni warri dhimmicha hordofaa turan amanuu mootii warra Roomaa kanaa hubataniiru. Yakka sodaachisaa Kristosiin du’aaf kennu kana isa oolchuudhaaf jecha kan abbaa manaa ishee biratti sakatta’amaa jiru Ilma Waaqayyoo ta’uu isaa fi qoratamaa mudaa hin qabne ta’uu isaa karaa abjuu odeeffannoo isheedhaaf kan kenne ergamaan tokko, haadha mana Philaaxositti ergamee ture. Isheenis achumaan daftee Philaaxositti ergaa ergitee, sababa namicha Yesus jedhamuu abjuutti akka dhiphachaa turtee fi inni nama qulqulaa'aa waan ta’eef homaa tokko iyyuu akka isa hin goone akekkachiiftee itti dhaamte. Ergamtoonni sun ariitiidhaan saba sana gidduu dhiibanii darbuudhaan, xalayicha Philaaxositti kennan. Akkuma isa dubbiseen, roqomee bifni isaa daalachaa’e, innis Yesusiin akka ajeefamu akka hin goone murteeffate. Yihuudonni dhiiga Yesusiin kan barbaadan yoo ta'e, inni ofii dhiibbaa irratti gochuu dhiisee, akkanni bilisa gadi lakkifamu yaade malee.SA 133.1

    Heroodistti Ergamuu:-Heroodis Yerusaalemiin jiraachuu isaa Philaaxos yommuu dhaga’e, sakatta’iin Yesusiin balleessuuf godhamu keessatti mataa isaa itti gaafatama jalaa baasuuf waan abdateef, yaadni isaa guddisee boqote. Yommuudhuma sana Yesusiin himattootaa wajjin gara Herodisitti erge. Geggeessaan kun nama cubbuu keessatti jabaate ture. Ajjeesisaan Yohaannis cuuphaa, yaada isaa irraatti, qalama inni ittii of bilisoomsuu hin dandeenye irratti hanbise. Waa’ee Yesusii fi hojii ajaa’ibsiisaa Isaan hojjetamuu yomuu dhaga’e, Yo-haannis cuphaatu du’aa ka'e jedhee waan amaneef sodaatee raafame. Yommuu Philaaxos Yesusiin gara isaatti ergu Heroodis gocha sanaa akka beekamtii humna, aangoo fi firdii isaatti fudhate. Gochi kun geggeessitoota warra yeroo sanaa dura diina turan sana lamaan walitti araarse.Heroodis Yesusiin arguu gammadeera, akka itti quufuufis dinqii tokko tokko naaf godha jedhee abdate. Garuu nageenya ofii isaaf argachuuf jedhee nama waa arguu fedhu gammachiisuun hojii Yesus hin turre. Inni humna Waaqummaa isaa dhimma ba’ee waan ajaa'ibaa hojjechuun fayyuu namoota birootiif malee gama ofii isaaf hin turre.SA 134.1

    Yesus gaaffii Heroodis isa gaafate hunda deebii hin kennine, warra jabeessanii isa komatan diinota isaafis homaa hin deebifne. Yesus aangoo isaa / aangoo Heroodis/ sodaachuufii waan dideef Her-oodis aaree loltoota isaa wajjin Ilma Waaqayyootti qoosee, arrabse. Garuu innis, gar-malee salphisee yeroo inni isa miidhu amala gaarii isa kan Waaqayyoon fakkaachuu Yesus argisiiseen dinqifatee, isa ajjeesisuu sodaatee innis Philaaxosumatti deebise.SA 135.1

    Seexannii fi eragmoonni isaa Philaaxos irratti hojjetanii gara badiisa isaatti isa geessaa turan. Yesusiin balleessuu keessatti qooda hin fudhatu yoo ta’e, warri kan biraan kan inuma godhu jedhanii yaada kees satti uuman. Sabni baay’een sun dhiiga isaa dheebochaa turan waan ta’eef Philaaxos Yesus akka fannifamuuf dabarsee hin laatu taanaan, aangoo fi kabaja isaa lafarraa dhabuu fi akka amanaa waliindhooftuutti lakkaa’ama jedhan. Sodaa humnaa fi aangoo isaa dhabuu kana keessaan, Philaaxos ajjeefamuu Yesus irratti walii gale. Dhiiga Yesus warra isa hammeessan irra kaa’u iyyuu, uummati sunis “dhiigni isaa nuyi irra. ijoollee keenya irras haa barbaadamu” Mat.27:25 jedhanii iyyan illee,, Philaaxos itti gaafatama jalaa hin baane; inni dhiigni Yesus kan irra barbaadamuu dha. Fedhii ofittummaa mataa isaaf, jaalala ulfina gurguddoota lafaa irraa argatuuf jecha, nama yakka hin qabne du’atti dabarsee kenne. Philaaxos akka yaadni mataa isaa isa amansiisetti utuu adeemeera ta’e, Yesusitti faraduu keessatti homaa tokko qooda hin fudhatu ture.SA 135.2

    Bifaa fi jechi Yesus yeroo qorama isaa argisiise, sammuu namoota achi turan hundumaattuu dhiibbaa gadi fagoo uumeera. Bu’aan dhiibbaa kanaa, du’aa ka’uu booddee mul’ate. Warra ergasii waldaatti dabalaman keessaa, namoota gidduu Yesus qorame amanan of keessaa qaba ture.SA 136.1

    Hamminni inni Yihuudonni akka Yesus irratti godhan taasise hunduu xiqqoollee kana na gootan jedhee Yesusiin hin dubbachiisin hafuu yommuu beeke Sexanni guddaa gadde. Bifa namaa ofi irratti fudhatu iyyuu, waan humna Waaqaa fakkaatuun keessa darbeera; fedhii abbaa isaa irraammoo waan xiqqoo illee hin kaanne.SA 137.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents