Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Abdii Deebi’uu:

    Bartoonni yeroo dhumaatiif isa ol ba'aa jiru Gooftaa isaanii arguuf gaddanii gara waaqaa ilaalanii yommuu hafan,ergamoonni wayyaa adii uffatan lama isaniin bira dhaabatanii “Isin namoota Galiilaa maaliif dhaabattanii waaqa keessa ilaalaa jirtu? Yesus inni isin biraa gara Waaqaatti ol fudhatame kun akkuma amaa itti gara waaqaa dhaquu isaa argitan kanatti immoo deebi’ee in dhufa” HoE 1:11 jechuudhaan isaanitti dubbatan. Bartoonni gochaalee isaa warra dinqisiisoo, aakkasumas takkaa ta’ee kan hin beekiin ta'iinsa kabajamaa yeroo gabaabaa keesstti raawwate sana dubbatan.SA 167.1

    Dheekkamsa Seexanaa:-Ammas Seexanni ergamoota isaa wajjin mari’atee, jibba guddaa mootumma Waaqayyoo irratti qabuun, humnii fi aangoon inni lafa irratti qabu yoo deebi’eef, dhama’iinsi isaa duuka buutota Yesus irratti godhan dacha kudhan kan baay’;atuu dha jedhee dubbate. Kristosiin rukutanii mo’achuu waan hin dandeenyeef yoo danda'ame duuka buutota isaa garagalchuu irra jiraata. Dhaloota hundumaa keessatti warra Yesusiin amananiif kiyyoo qopheessu. Sana boodee Seexanni akka Leenchaa aaduudhaan duukabuutota Yesusiin liqimsuu barbaade.SA 168.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents