Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Gatii Tolootaa

    Magaalicha keessaa:-Ergamooti lakkobsi isaanii baayyatan,—gonfoo tokkoo tokkoo tolootaaf, kan maqaan isaanii irratti barreeffame gonfoo ulfinaa fidaniif. Yesus gonficha akka fidaniif yommuu waame, ergamoonni gara isaatti fidanii, harka isaa mirgaatiin Yesus mataa tolootaa sanaa irra kaa’e. Haaluma kanaan ergamoonni sun Kiraaras fidanii, Yesus ammas ergamootatti isaaniin hire. Ergamaan inni ajaju sagalee dursaa kennee, achii booda sagaleen hundumtuu haala gammachiisaadhan, galata gammachiisaa, harki hundinuu ogummaadhaan kirrii kiraara kanaa irra adeemee sagalee muuziqaa wal fudhataan fi gammaachiisaan dhaga'ame.SA 225.2

    Yesus warra fayyan sana gara balbala magaalichaatti geese. Balbalicha qabee, hammaa baattuun isaa banamutti banee saba warra dhugaa eegan sana akka itti galaniif affeere. Magaalicha keessatti iji namaa kan itti gammadu waan hundumaatu jira. Iddoo hundumaa ulfina guutuutu jira. Kana booddee Yesus tooloota fayyan irra ija isaa kaa’ee, kunoo’is fuulli isanii ulfinaan ifeera. Isa jaallatamaa ija isaa, isaan irra kaa’ee, sagalee isaa, isa akka Muuziqaa bareedeen, “amma gatii dadhabbii lubbuu koo argaan jira, ittis quufeen jira. Ulfinni guutuun kun akka barabaraan itti gammaddaniif kan keessan. Gaddi keessan darbeera. Kana booda duuti hin jiru, gaddis boo’ichis, dhukkubbiinis egaa hin jiraatu.” Warri fayyan isa callaqqisaa gonfoo isaanii of irraa fuudhanii miilla Yesus jala in kaa’an, achii, kan jaallataman harkoonni isaa akka ol isaaniin kaaseen, isaan kiraara warqee isaanii rukutatanii, guutummaa samii sagalee muuziqaa fi farfannaa isaanii hoolichaaf dhi'eessan.SA 226.1

    Achii booda Yesus saba isaa gara mukicha jireenyaatti geessee ammas sagalee isaa isa bareedaa, akka sagalee muuziqaa isa takkuma gurra namaa lixee hin beekin,“iji mukaa kanaa fayyina namootaatiif; Hundumti keessan Isa irraa nyaadhaa”utuu jedhuu dhaga'an. Mukicha jireenyaa kanattii toluma nyaatan, firii bareedaatu jira. Magaalicha keessa teessoo baay’ee ulfina qabeessi jira ture; isa jalaas calala kan ta’e qulqulluu akka birillee, galaana bishaan jireenyaatu yaa'a ture. Bukkee isaa mukeetii babbareedoo ija nyaatamuuf gaarii ta’an kan godhatantu ture.SA 227.1

    Waa’ee Samiidhaa ibsuudhaaf afaanni dubbatamu hunduu baay’ee dadhabadha. “maaloo! Jaalala akamiitii! Jaalala dinqisiisaa akkamiiti!” jechuudhuma dandeenya. Afaanni hundumaa caalaa kabajamaan i1lee fakeenya kan hin qabne jaalala yookiin ulfina Samii ibsuu hin danda’u.SA 227.2

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents