Moosifamuu Kristos:
Yeroo sana kristos yeroo lammaffaa diinota isaatti mul'ate. Magaalattii Irraan, warqee calaqqisaa irra kan dhaabate teessoon ol ka'ee mullate; Teessoo ka-na irra Ilmi Waaqayyoo taa'eera. Naannoo isaatli bulchitoonni mootummaa isaa in argamu. Humnaaf sinboo Waaqayyoo afaanni kamiyyuu ibsuu, qalamni barreessee fixuus hin dandaa’u. Ulfinni abbaa isaa inni barabaraa isa marsee argamuu isaaf ifni calaqqisaan magaalaa Waaqayyoo guuteera.SA 234.2
Teessoo sana biratti yeroo tokko garaan isaanii gochaa Seexanaa kan morman akka mukukkula ibida keessaa butamanii fedhiidhaan Gooftaa isaanii kan hordofaa turantu argama. Isaanitti aansee immoo sobaaf abboomamuu diduun bakka baayyate keessatti guutuu kan ta'e amala kristaanummaa kan shaakalan seerri Waaqayyoo biyya kristaanotaa hundumaatti beekamu iyyuu, isaan kun kan kabajamanii fi baroota hundumaa keessatti amantii isaaniif jedhanii kan aarfaman mili'oonii baay'eetti kan lakkaa'aman dhaabataniiru. Isaan boodaan immoo, saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa. kan dhufan warra homtinuu lakkaa'uu hin dandeenye nan arge (Mul 7:9). Lolli isaanii xumuramee, mo'icha argataniiru, fiigicha isaanii xumuraniiru, gatii isaanii argachuuf qophaa'aniiru. Harka isaaniitti kan qabatan dameen muka meexxii sun mallattoo mo’icha isaanii ti. Kan isaan uffatan uffati adiin immoo, amma kan isaan uffatan, xurii tokko illee kan hin qabne tola kristoosii ti.SA 235.1
Kan lafaa bitaman hunduu, sagaleen isaanii irra deddeebisee hamma samiitti dhaga'amutti ol kaasanii “Fayyinni Waaqayyo keenyaa isa teessicha irra taa'u biraa, hoolicha biraas in argama” jedhanii farfatani. Ergamoonnis jaalalaan sagaalee isaanii kanatti dabalaman. Akkuma toloonni humnaa fi fedhii Seexanaa duraan beekan dhugaa ba’anitti, kun waan takkuma duraan arganii hin beekiin, humna biraan utuu hin taane Kristosiin akka mo’atan akka isaaniin taasise dubbatan. garee achitti argaman warra ifoo sana keessaa gochi fayyinaa kan mataa isaatti harkisu hin turre; gaarummaa ofii isaanii fi humna isaaniitti hin harkifne. Waan godhanis, dhiphina isaan irra gahes waan dubbatan hin qabaanne; ulfaatinni faarfannaa hundumaa. barbaachisummaan galata hundumaa...Hoolichaaf ture!” Mul.7:10SA 236.1
Jiraattoti waaqaa fi lafaa bakka walitti qabamanii jiranitti inni dhumaa, moosifamuun Ilma Waaqayyoo taasifame. Amma egaa, ulfinaa fi hum-na o! aanu fudhatee, mootiin moototaa, mormii mootummaa Isaa irratti ka'urratti, murtii beeksiise; warra seera isaa irraa daddarbee saba isaa cunqursu sana irratti, murtii haqaa raawwate. Raajiin Waaqayyoo “kana booddees teessoo adii guddaa tokkoo fi isaSA 237.1
Teessicha irra taa’e nan arge; lafti fi waaqni fuula Isaa duraa in baqatan. iddoonis isaaniif hin argamne, warra du’anis xinnaa fi guddaa teessicha dura utuu dhaabatanii nan arge. Macaafonni in banaman; macaafni biraa. inni warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman tokkos in baname; warri du’an immoo akka hojii dura hojjetaniitti, akka isa macaafota keessatti caafameettis firdii argatan.” Mul.20:11, 12 jedhee dubbata. Macaafonni yommuu banamaan iji Kristos gara warra cubbamootaa yommuu ilaale, dura kan hojjetan cubbuu hundumaa yaadatu. Akka itti miilli isaanii karaa qulqulluu irraa mucucaate yaadatu. Of tuulummaa fi finccilli akkamittiin Seera Waaqaa irratti akka mormaniif akka isaaniin kakaase in ilaalu. Cuubbuu hin goone yeroo jedhan, eebba isaa yeroo jallisan, ergamoota Waaqaa jalaa yeroo itti didan, of eeggachiisa Isaa yeroo itti didan, waamicha sababii boqu-jabina isaanii fi garaa qalbii jijjiiranaa hin qabneen yeroo itti qoosan, isaan kun hunduu akka qubee ibiddaan barreffamanii ta'aniitti dubbifaman.SA 237.2
Wantoota wallaansoo guddicha keessatti ta’an tora tooraan:-Teessoo isaa gararraatti fannoo isaatu mul’ata. Qorumsi Addaamii fi kufaatiin isaa, itti fufiinsaan kan fudhtaman tarkaafiin karoora fayyinaa akka “fiilmii” mul'atee argama. Mataa ofii isaa gadi qabee dhalachuun Fayyisaa yeroo mucummaa isaatti kan inni argisiise, qajeelumaaf jireenya abboomauu, cuuphaan inni Yordaanositti cuubame, Soomnii fi qorumsi isaa lafa onaa keessaa, isa dinqisiisaa eebba samii namootaaf kan argamsiise tajaajilli wal-ga'ii isaa, jaalalaa fi araaran kan guute gochi isaa guyyaa guyyaa, gaara naamuusaan guute irratti kan qabaate jabeenyi kadhata isaa namoonni isa irratti kan qabaatan hinaaffaan, haalloonii fi jibbi sababii ba'aa biyya lafaa isa dadhabsiisaa sanaa kan ta'e, gaddisiisaa fi iccita kan ture dhiphina Geetasamaanee, harka ajjeesaa isa hamaa sanaatti dabarfamee kennamuun isaa, galgala sana kan ture ta'iinsi sodaachisaan, diduu kan hin beekne hidhamaa, kan jaallatu michoota isaatin dhiifamuun/qofaa ta’uu/, karaa Yerusaalem irra dadarbatamaa fudhatamuun isaa, kan Isa guddaa Ilmi Waaqayyoo, angafa lubaa Haannaa sana durratti dhi'aachuun, kan Philaaxoos teessoo firdii dura dhaabbachuun Isaa, isa gowwaa fi hammeenyaan guutame Heroodis dura ijaajjuun Isaa, kan itti qoosan, kan Inni arabsame arrabsoon, kan Inni garafame reebichi, akka inni du'uuf kan itti faradame hunduu akka agarsiisutti toora tooraan mullata .SA 238.1
Sodaan raafamaa kan jiran sabaaf, jireenyi Yesus lafa irrattii gara dhumaatii;akka fakkiitti itti mul’ata. Dhiphina Qaraaniyyoo kan obse Fayyisaan obsa qabeessi sun fannootti kan fannifame mootiin Waaqaa, muddama dhiphina isaa ilaalaa kan turan luboonni of tuuloon sun, iyyaa kan ture yaa'iin sun, seera uumamaan olitti kan ta'e dukkanni gaafa sanaa, sucho'uun lafaa, tarsa’uun lafaa, owwaalchi banamuun, kun hundumtuu Fayyisaan biyya lafaa lubbuu Isaa kennuu argisiisaniiru.SA 239.1
Argisiisi sodaachisaan akkasii akkuma dura ta’etti toorumaan irra deebi'e mul'ate. Seexanni, ergamoonniif duuka-buutonni isaa, hojii hojjetan ilaaluu irraa fuula isaanii deebisuuf humna hin arganne. Tokkoon tokkoon qooddataan, agarsiisa kana keessatti duraan qooda akkamii xabachaa akka ture sirriitti ni hubata.SA 240.1
Mootii Israa’eliin balleessuuf jecha mucoolii Betaliheem warra qulqulluu kan balleesse Heroodis, isa qulqulluu dhiiga Yohaannis cuuphaa yakka kan of irraa qabdu Heroodiyaan, dhaabbannaa kan hin qabnee dadhabaa kan ta'e Philaaxoos, loltoonnii isaa warri arrabsitoonni, lubootaa fi beektota akkasumas akka waan maraatummaan macha'anii ta'anii, “Dhiigni isaa nuyii fi ijoollee keenya irratti haa ta'u ” kan jedhanii iyyan, geggessitoonni fi sabni akka nama qalbii hin qabnee ta'an sun, hundumtuu tokkummaan guddina yakka isaanii in ilaalu. Warri fayyan, gonfoo isaanii miilla Fayyisaa isaanii jala buusanii “Isatu anaaf du'e yommu jedhan, isaan sun immoo, Biiftuu olitti kan calaqqisu, surraa waaqummaa isaa duraa dhokachuuf akkasumaan dhama'u.SA 240.2
Kan bitaman keessaa bartoonni Yesus jiru. Phawuloos gootichi amantii, Phexiros jarjaraan, jallatamaan michuu isaa Yohaanis, dhugaadhumaan kan garaa irraa jaallatan obboloonni isaanii wajjin amantii isaaniif jedhanii aarsaa kan ta'an kumatamni yeroo dhaabatan; dallaa isheetii ala garuu waan xuraa'aa fi nama jibbisiisu gochuudhaan qulqulloota Kana kan ari'atan, kan isaan hidhaa fi isaaniin qalaa turantu argama. Hamminaa fi xuraa'ummatti dursaa kan ture Neeroon achi keessa taa'ee duraan isaan kan dhiphisee fi dhiphina daarii darbee hojjetee, gammachuu Seexanaa itti argachaa kan ture, amnia immoo gammachuu guddaadhaan utuu isaan burraaqanii isaaniin ilaala. Haati isaas, bu’aa hojii ishee ragaa ba'uuf akkamittiin amala gadhee kana mucaa ishee akka dhaalchifte, dhiibbaa fi fakkeenyummaadhaan, mucaan ishee akkamittiin bu'aa yakka biyya lafaa guutummatti raasu akka horachiifte, achi teesse ilaalti. Nuyi “ambasaaddara” Kristoos ofiin jechaa, garuu, sammuu saba Waaqayyoo dhorkuuf iddoo itti dhiphisan. mana hidhaa fi iddoo itti gubaman qopheessaa kan turan sirni Phaaphasummaa fi beektonni isaa, achitti bakkeen dhabataniiru.SA 241.1
“Nuyi ‘Waaqaa oli’jechuudhan seera waaqa guddichaa jijjiiruu yaadaa kan turan angafi lubootaas akkasuma dhabaataniiru. Isaan kun abboota waldaa kristaanaati” jechaa kan turan hunduu, deebii dhiifama hin qabne kristoosiin duratti laatu. Waaqa hundumaa beeku seera isaa irrati hinaaffaa akka qabu fi akka fedhes taanaan yakkamaa utuu hin adabin akka hin hafne erga carraan isaa isaaniin darbee galaaf. Rakkinni saba dhiphachaa jiranii akkanni kristoositti dhaga'amuufi rakkoon isaaniis kan isaatii wajjin hidhata akka qabu yommus hubatu. “Obboloota koo warra hunduma irra gad-deebi'an kana keessaa isa tokkoof hammi isin gotan anaaf gootan” kan jedhu jechuma afaan Isaa iyyu gaafas in hubatu (Mat. 25:40)SA 242.1
Cubbamoonni hundinu dallaa Waaqayyoo naanna’anii, mootumma Waaqayyoo mormuu isaaniitiin firdii in eeggatu. Dhimma isaaniif kan falmuuf homtuu hin argamne; sababii ga'aas hin qaban. Firdii du'a barabaraatu itti faradama. Gatiin cubbuu bilisummaa fi jireenya barabaraa utuu hin ta'in garbummaa fi badiisaa du'a ta'uun isaa yommus hubatama. Cubbamoonni bu'aan jireenya isaanii isa didaa, maal akka ta'e in argu.SA 243.1
Hunduma irra kan caalu, isa barabaraa afeerraa surraa kabajaa tuffataniiru. Amma garuu, ulfina kana argachuuf waan fedhii qaban in fakkaata. “kun hunduu kan koos ta'uu in danda'a tureem; garuu, kana hundumaa ofirraa fageessuun filadhe, maaloo jaamuummaa akkamiiti! ‘‘Nagaa, gammachuu fi kabaja, abaarsaa, salphinaan, abdii kutannaadhaan jijjiire “jechudhaan warri badan iyyu. Hundumtuu mootummaa Waaqaatti galuu dhorkamuu isaanniitti walii galu.SA 243.2
Sababiin isaas jireenya isaanii lafaatiin “Namni kun (Kiristoos) nu irratti akka inni mo’u hin barbaannu” jedhanii labsaa turan hoo. Akkuma nama abjuu abjootuu cubbammoonni, Ilmi Waaqayyoo utuu gonfoon mataatti kaa'amuufii argan. Harka isaa irrattis isaan kan tuffatanii irra daddarban, Abboommiin Waaqayoo kan irra jiru gabatee dhagaa sana arganii kan fayyan, kan nama ajaa'ibu gammachuu fi farfannaa galataa, ‘Yaa Waaqayyo Gooftaa hundumaa dandeessuu hojiin kee guddaa dha; dinqisiisaadhas; ati yaa mootii saba hundumaa (Mul.’ 15:3) kan jedhu danbaliin galataa dallaa ala kan jiran namoota hedduun amma dhaga’amutti hundumtuu sagalee tokkoon erga jedhanii booda, adda isaaniin kufanii mootii jireenyaaf sagadaniif.SA 243.3
Du’a Lammaffaa:-Yeroo sana Seexanni surraa ulfina Waaqayyoo yommuu arge fajajee dhaabbate. Yeroo tokko Kirubeel aguugduu Kan ture ergamaan, akka kufe beeke. Kan ifu Suraafel “Urjii barii, ammam geddaramee!SA 244.1
Seexanni itti yaadee finciluun isaa samii jiraachuutti akka inni hin taane akka isa taasise in beeke. Humna isaa Waaqayyoon wallaansoo qabuu irratti leenjise waan ta’eef qulqullinni, nagaadhaa fi tasgabbiin samii isaaf waan baay’ee dhiphisaa ta’a. Himati isaa araa fi haqummaa Waaqayyo irratti inni kaase amma in callifaman. Komeen inni Waaqa guddaa sana irra kaa’uu yaade hundinuu isarra ta'u. Kana irratti seexanni gadi gombifamee Firdiin Waaqayyoo qajeelaa ta'uu isaa dhugoomse.SA 244.2
Gaaffiin dhimma dhugaa fi dogoggoraa kan Wallaansoo Guddicha keessaa hubatamaa ta'e.Waaqayyo guutummaatti qajeelummaan Isaa beekame. Abbaanii fi Ilmi bakka namaa ta’anii kan taasisan aarsaan hubatamaa ta’ee argisiifameera. Yeroon abbaan mirga isaa kan ta’e teessoo isaa qabatee mootummootaa fi aangoo, akkasumas maqaa jiru hundumaa ol kan inni itti kabajamu ga’eera.SA 245.1
Seexanni qajeelummaa Waaqayyoo dubbachuuf dirqisiifamee ulfina isaaf sagadu iyyuu, amalli isaa kan hin jijjiiramne ta’e itti fufe. Hafuurri finciluu, akka galaana guddaa ammas futtaafatee ba’e.SA 245.2
Aariidhaan guutee, Wallaansoo Guddicha kennuun akka irra hin jirre murteesse. Yeroon lola isa balaafamaa Mootii waaqaa wajjin inni godhu in gahe. Warra kan isaa ta’an keessa ariitiin fiigee aarii isaatiin isaaniin kakaasee lola ariitiif isaaniin qopheesse. Mili'oonii lakkobsa hin qabne, kan inni lolaaf kakaase keessa amma kan guddina isaa dubbatan hin turre. Aangoon isaa dhumarra gahe. Cub-bamoonni jibba Waaqayyoo isa Seexanas kakaaseen guutamaniiru; garuu Waaqayyoon mo’uu waan hin dandeenyeef abdii kutataniiru. Seexanaa fi warra meeshaa ta'anii isaaniin gowwomsanitti aaran. Aarii hafuura hamaatiin isaanitti gara galan; achii booda addunyaawaa kan ta’e dhiphinni itti fufa.SA 245.3
Sana booddee dubbiin raajii in raawwatame: “Waaqayyo saba hundumaatti aareera, loltuu isaanii huundumaattis dheekkameera; ajjeefamuutti dabarfamanii akka kennaman abboomeera. Raawwatanii akka isaan badanis godheera.” Isa. 34:2. “inni barbadaa ibiddaa, dhagaa boba’us jal’oota irratti in roobsa, qoodni isaaniis qilleensa gubaa finiinaadha” Far 11:6. Abiddi Waaqayyo biraa Samiidhaa in dhufa. Lafti in caccabdi. Meeshaaleen uumamaa gadi fageenyaan dhokfaman in baafamu. Abiddi nama nyaatu boolla hundumaa keessaa in ba’u. Dhagoonni in boba’u. Guyyaan in dhufa”Waaqayyo Gooftaan maccaa kunoo guyyaan akka iddoo ibiddaa gubu in dhufaa,yommuus warri koortunii fi warri hamaa hojjetan hundinuu akka cidii in ta’u, guyyaan dhufu sun isaan in guba, hidda yookiis dame isaaniif hin hanbisu” jedhu in ta’a Mil. 4:1. Wantoonni ho’aan in baqu, lafti fi hojiin isa gubbaatti hojjetaman in gubatu (2Phe 3:10.) baakkeen lafaa waan baqfamaa, kan bal’ate laga ibidda fagootti gubuu in fakkaataa.SA 246.1
Yeroon isaa yeroo firdii fi badiisa warra Waaqa malee ta’aniiti.” Guyyaa Waaqayyo itti ijaa baafatu bara itti Xiyooniif gatiishee baasu qaba” Isa 34:8. Cubbamoonni gatii isaanii isa qajeelaa lafuma kana gubbaatti in fudhatu. Isaan “akka cidii in ta’u, guy-yaan dhufu sun isaan in guba, hidda yookiis damee isaaniif hin hanbisu” jedhu in ta’a Mil. 4:1 jedha. Kaan kaan isaanii dafanii gubatu; kaan immoo guyyoota baay’ee dhiphatu. Hundumtuu akka hojii isaaniitti in dhiphatu. Dhiphinni seexanaa fincila ofii isaaf qofa utuu hin taane, cubbuu saba Waaqaa hojjechiiseefis in dhiphifama. Adabbiin isaa warra gowwoomse irra dachaa guddaa in ta’a. Warri gowwomsaan isaa itti dhaga’ame hundumtuu erga badanii booda, inni jiraatee dhiphinaan itti fufa. Ibidda qulleessu keessatti cubbamoonni, hiddaa fi hanxaxiin hin hafan. Seexanni, hidda isaa kan ta'an duukabuutonni isaa wajjin in balleeffamu. Qajeelummaa Waaqayyyoo itti amanama, toloonnii fi ergamoonni sagalee guddaadhaan ameen in jedhu.SA 247.1
Lafti ibidda ijaa baafannaa Waaqayyoo keessatti yommuu maramtu, toloonni Magaalaa Qullooftuu sana keessatti nagaatti jiraatu. Warra du'aa ka’uu jalqabaa keessatti qooda fudhatan irratti duuti lammaffaan aangoo hin qabaatu. (Mul. 20:6.) Waaqayyo cubbamootatti ibidda gubu yommuu ta’u saba isaaf immoo Ifaa fi gaachana in ta'a (Far. 84:11.) SA 248.1