Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Wal’aansoo Isa Guddaa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 15—Macaafa Qulqulluu fi Warraaqsa Faransaayi

    Jaarraa kudha ja’aaffaa keessa haara’umsi sabaaf Macaafa Qulqulluu bane dhiyeessuudhaan biyyota Awuroopaa hunda keessatti fudhatama argatee ture. Biyyoonni tokko tokko akka ergamaa waaqaatti gammachuudhaan isa simatanii turan. Biyyoota kan biro keessatti immoo phaaphaasiin akka Macaafni Qulqulluun hin seennee dhorkuudhaan milkaa’era; ifti Macaafa Qulqulluu inni ol kaasuu danda’u guutummaatti daangefamee ture. Ifichi biyya tokko keessa seenuuf karaa yoo argate illee sababa dukkanichaatiif hubatamuu hin dandeenye. Jaarraa hedduuf dhugaa fi dogoggorri mo’icha argachuuf waliin mormaa turan. Xumuratti hamminni mo’atee, dhugaan Waaqayyo gadi baafamee gatame. “Ifichi gara biyya lafaa dhufeera, namoonni garuu hojiin isaanii hamaa waan ta'eef, ifa irra dukkana jaallatan; firdichis akkuma kanatti in raawwatama.” Yoh. 3:19. Biyyattiin firii hojii isheetii isa filatte makarachuuf dhiifamte. Eegumsi Hafuura Waaqayyoo saba kennaa ayyaana isaa tuffatan irraa in fuudhame. Cubbuun gara bilchinaatti akka dhufuuf heyyamame. Guutummaan addunyaas fedhiidhaan ifa tuffachuun bu’aan isaa maal akka ta’e in argan.WG 215.1

    Biyya Faransayi keessatti lolli jaarraa hedduuf Macaafa Qulqulluu irratti geggeefame warraaqsaan gara xumuraatti dhufe. Kaka’umsa hamminaa kanaaf sababni guddaan isa Roomaan Macaafa Qulqulluu ukkaamsite ture. Innis hojii imaammata phaaphaasii ilaalchisee fakkeenya biyyi lafaa argitee hin beekne argisiise - inni argiisiifame kunis bu’aa barsiisa waldaa Roomaa isa isheen waggoota kuma tokkoof qabattee turteedha.WG 215.2

    Bara olaantummaa phaaphaasii keessa Macaafni Qulqulluun akka ukkaamfamu dursee raajiidhaan dubbatamee ture; bittaa “nama cubbuu” sanaatiin bu’aan jibbisiisaan addumaan Faransaayi irra ga’u abbaa Mul’ataatiin ifatti baafamee ture.WG 216.1

    Ergamaan gooftaa akkas jedhe: “Garuu oobdii mana qulqullummaa safaruu dhiisi! Inni warra saba Waaqayyoo hin ta'initti kennameera; isaan immoo ji'a afurtamii lamaaf mandara qulqullaa'aa sana dhidhiituuf jiru. Dhuga-baatonni koo lamaan uffata gaddaa uffatanii, guyyoota kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamman sana raajii akka dubbataniif ani karaa nan kennaaf jedhe…. Yommuu isaan dhugaa ba'uu isaanii raawwatan, bineensichi iddoo lafa jalaa sana keessaa ba'ee, lola isaanitti kaasuuf, isaan mo'uuf, isaan ajjeesuufis jira. Reeffi isaaniis mandaricha guddicha isa gooftaan isaanii duraan itti fannifame keessaa karaa irratti argamuuf jira; mandarri sunis ija hafuuraatiin yommuu ilaalamu Sodoom yookiis Gibxi jedhamee in waamama. Nama hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, afaan hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaa warri dhufan, guyyaa sadii fi walakkaadhaaf reeffa isaanii lafatti in ilaalu malee, hin awwaalchisan. Warri biyya lafaa irra jiraatan kanatti in gammadu; kun isaanitti in tola; raajonni warra biyya lafaa irra jiraatan dhiphisan kun waan du'aniifis, namoonni gammadanii kennaa waliif in ergu. Guyyaa sadii fi walakkaa booddee immoo hafuurri jireenya kennu Waaqayyo biraa dhufee, raajota du'an sanatti gale. Isaanis ka'anii dhaabatan; warri isaan argan hundinuu guddaa in sodaatan.” Mul.11:2-11.WG 216.2

    Yeroon inni “ji'a afurtamii lamaa” fi “guyyoota kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamma” jedhaman kun lamaan isaanii iyyuu tokko yeroo ta’an, innis yeroo itti waldaan Kiristos cinqursaa Roomaa jalatti dhiphaachaa turte kan bakka bu’uudha. Olaantummaan phaaphaasii waggoota 1260 bara 538 D.K.B. kan jalqabe yeroo ta’u, kan inni xumurame bara 1798. Yeroo sana loltoonni Faransaayi Roomaa seenanii phaaphaasii hidhaatti galchanii, innis boojuu keessatti du’e. Bataluma sana phaaphaasiin haaraan yoo filame illee sirni phaaphaasii aangoo duraan qabataa turetti deebi’uu hin dandeenye.WG 216.3

    Ari’atamuun waldaa guutummaa waggoota 1260 itti hin fufne ture. Araara isaa irraa kan ka’e Waaqayyo yeroo qorumsaa saba Isaaf gabaabsee ture. Waa’ee “rakkina guddaa” waldaatti dhufuuf jiruu ilaalchisee fayyisaan akkas jedhe, “guyyoonni sun utuu gabaabbachuudhaa baatanii, namni tokko iyyuu hin fayyu ture; amma garuu warra fo'amaniif jedhanii guyyoonni sun gabaabbachuuf jiru.” Maat.24:22. Utuu 1798 hin dhufin fuula dura dhiibbaa haara’umsaatiin ari’annaan gara dhumaatti dhufee ture.WG 216.4

    Dhuga baatota lamaan ilaalchisee itti dabaluudhaan raajichi akkas jedha: “Dhuga-baatonni lamaan immoo, muka ejersaa lamaanii fi baattuu ibsaa lamaan Waaqayyo gooftaa biyya lafaa dura dhaabatanii dha.” “Dubbiin kee” jedha abbaan faarfannaa “miilla kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis in ifa.” Mul.11:4; Faar. 119:105. Dhuga baatonni lamaan Macaafa Qulqulluu kakuu Moofaa fi kakuu haaraa bakka bu’u. Maddaa fi kan barabaraa ta’uu seera Waaqayyoo ilaalchisanii lamaan isaanii iyyuu dhuga ba’umsa barbaachisoodha. Lamaan isaanii karoora fayyinaa irratti dhuga ba’umsa barbaachisoodha. Fakkeenyi, aarsaanii fii raajiin kakuu moofaa fayyisaa dhufuuf jiru fuula duratti argisiisu. Wangeelonnii fi ergaan (xalayoonni) kakuu haaraa waa’ee fayyisaa isa akka duraan karaa fakkeenya aarsaa fi raajii dursee dubbatameetti akkaataa sirriitti dhufe dubbatu.WG 216.5

    “Isaan uffata gaddaa uffatanii, guyyoota kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamman sana raajii in dubbatu.” Kutaa yeroo kanaa keessaa gara caalaa dhuga baatonni Waaqayyoo kun dhokfamanii turan. Aangoon phaaphaasii sagalee dhugaa saba duraa dhoksuu yaalee ture, akkasumas dhuga baatota sobduu dhuga ba’umsa isaatiin mormanis kaa’ee ture. Yeroo Macaafni Qulqulluun aangoo amantii fi aangoo waldaatiin dhorkamee ture; yeroo dhuga ba’umsi isaa micciiramee turee fi sammuu namootaa isa irraa deebisuuf yaaliin hundumtuu karaa namaa fi karaa seexanaa godhamee ture; yeroo warri dhugaa isaa isa qulqulluu labsuuf ija jabaatan adamsaman, dabarfamanii kennaman, dhiphifaman, mana hidhaa keessatti awwaalaman, dhugaa isaatifis ajjeefaman, yookiin gara gaarotaatti, gara boollaa fi holqa lafaatti baqachuuf dirqisiifamanii dhuga baatonni amanamoon kun maaqii uffatanii raajii dubbachaa turan. Haa ta’u malee waggoota 1260 guutuu dhuga ba’umsa isaanii itti fufanii turan. Yeroo dukkana cimaa keessa namoonni amanamoon sagalee Waaqayyoo jaallatanii fi ulfina Isaatiif hinaafan tyuraniiru. Baroota kana guutuu dhugaa Isaa labsuuf ogummaan, humnii fi aangoo garboota amanamoo kanaaf kennamee ture.WG 217.1

    “Eenyu illee isaan miidhuu yoo barbaade, ibiddi afaan isaanii keessaa ba'ee diinota isaanii in fixa; eenyu illee isaan miidhuu yoo barbaades akkasitti ajjeefamuun irra jira.” Mul.11:5. Namoonni tuffiidhaan sagalee Waaqayyoo irra ejjechuu hin danda’an. Hiikkaan balaalefannaa sodaachisaa kanaa boqonnaa Macaafa Mul’ataa isa xumuraa keessatti caafamee jira: “Ani kana kanan caafe, nama dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame dhaga'u, of e'eggachiisuudhaa fi dhugaa itti ba'uuf nan jedha. Namni dubbii kanatti yoo waa dabale, Waaqayyo adaba isaa irratti dha'icha waa'een isaanii macaafa kana keessatti caafaman isatti dabaluuf jira. 19 Namni dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame irraa yoo waa hir'ise immoo, Waaqayyo muka jireenya kennuu fi mandarattii qulqulluu waa'een isaanii macaafa kana keessatti caafaman keessaa qooda isaa hir'isuuf jira.” Mul.22:18, 19.WG 217.2

    Wanta inni mul’ise yookiin abboome karaa kamiin illee jijjiiruu irraa akka namoonni eegamaniif Waaqayyo akeekkachiisi akkasii kenne. Balaalefannaan jabaan akkasii warra seera Waaqayyoo salphisanii ilaaluutti namoota geggeessuu danda’aniidha. Isaan warra seera Waaqayyootiif yoo abboomamnes yoo dhiifnes bu’aan isaa muraasa jedhanii maal dhibdiidhaan dubbatan sodaachisuu fi rommisiisuu qabu. Warri yaada isaanii mul’ata Waaqayyoo gararraa ka’anii ilaalan hundumtuu, warri akka isaaniif mijatutti yookiin biyya lafaa wajjin walii galuuf jecha hiikkaa Macaafa Qulqulluu isa ifaa ta’e jijjiiran hundumtuu itti gaafatama sodaachisaa mataa isaanii irratti fudhataa jiru. Sagalee barreefame, seerri Waaqayyoo, amala nama hundumaa madaala, warra qormaataa dogoggora hin qabne kan darbuu dadhabanittis in farada.WG 217.3

    “Yommuu isaan dhugaa ba'uu isaanii raawwatan.” Yeroon dhuga baatonni kun lamaan maaqii uffatanii raajii itti dubbatan bara 1798 xumurame. Hojii isaanii isa dhoksaatti hojjetan gara xumuraatti yeroo isaan fidan aanggoo “bineensichi iddoo lafa jalaa sana keessaa ba'een” lolli isaan irratti geggeefame. Biyyoota Faransaayi baay’ee isaanii keessatti humni jaarraa hedduutiif waldaa fi mootummaa geggeessaa ture karaa bakka bu’umsa phaaphaasii seexanaan to’atamee ture. Macaafa Qulqulluuf kabaja kennuu fakkeessanii qooqa hin beekamne jalatti macaafa cufuun (furtuudhaan hidhuun) yookiin saba duraa dhoksuun imaammata Roomaa ture. Dhuga baatonni kun “maaqii uffatanii” qajeelfama ishee jalatti raajii dubbachaa turan. Garuu humni biraan - bineensichi iddoo lafa jalaa sana keessaa ba'e mul’inatti sagalee Waaqayyoo irratti lola banuuf ka’e.WG 217.4

    “Mandaricha guddicha” inni reeffi dhuga baatota lamaanii karaa irratti argame akka “hafuuraatti” Gibxi jedhamee in waamama. Biyyoota seenaa Macaafa Qulqulluu keessatti caqafaman hundumaa keessaa jiraachuu Waaqayyo isa jiraataa mul’inatti kan mormitee fi abboommii isaa fudhachuu kan didde Gibxiin turte. Akka mootii Gibxiin aangoo samii irratti ija jabinaan mul’inatti kan fincile mootiin kan biraan hin jiru. Yeroo karaa Musee maqaa gooftaatiin ergaan gara isaa dhaqe Fara’oon akkas jedhee oftuulummaadhaan deebise, “Waaqayyo inni ani sagalee isaa dhaga'ee namoota Israa'el gad dhiisu kun eenyu inni? Ani Waaqayyoon hin beeku, namoota Israa'elis immoo gad hin dhiisu jedhe.” S/Ba’uu 5:2. Kun jiraachuu Waaqayyoo ganuudha (atheism), mootummaan Gibxitti fakkeefamtes jiraachuu Waaqayyo isa jiraataa ganuudhaan hafuura amanuu diduu fi fincilaa argisiifti. “Mandaricha guddicha” akka “hafuuraatti” Sodoomii wajjinis wal bira qabamtee ilaalamtetti. Seera Waaqayyoo cabsuu ilaalchisee xuraa’umaan Sodoom wal quunnamtii saalaa daangaa hin qabneen mul’ate. Cubbuun kun amala biyya waa’een ishee addumaan Macaafa Qulqulluu kana keessatti caqafame kan argisiisuudha.WG 218.1

    Akka sagalee raajiitti, bara 1798 yeroo muraasa booda humni maddi fi amalli isaa seexana biraa ta’e tokko Macaafa Qulqulluu irratti lola geggeessuuf in ka’a. Biyya dhuga ba’umsi Waaqayyoo lamaan keessatti ukkaamfaman keessatti, gantummaan Fara’oonii fi halalummaan (saal quunnamtiin daangaa hin qabne) inni kan Sodoom in mul’ata.WG 218.2

    Raajiin kun seenaa Faransaayi keessatti sirriitti raawwatame. Yeroo warraaqsaa keessa, bara 1793, namoonni qaroominakeessatti guddatanii fi baratan, mirga biyyoota Awuroopaa warra guddatanii bulchuu qabna kan jedhan dhugaa kabajamaa lubbuun namaa fudhachuu barbaaddu ganuuf yeroo jalqabaaf walitti qabamuudhaan tokko ta’anii sagalee isaanii ol fudhatan, amantii fi waaqefannaa Waaqayyoos in morman.” —Sir Walter Scott, Life of Napoleon, vol. 1, ch. 17. “Biyyoota addunyaa keessa jiran hundumaa keessaa fincila mul’ataadhaan uumaa Yunivarsii irratti harka ishee ol fudhachuudhaan galmee dhugaa kan qabdu biyya Faransaayi qofaadha. Biyya Ingilizi, Jarmaan, Ispe’iinii fi iddoo hundumaa keessa Waaqayyoon kan arrabsan baay’een, gantoonni baay’eenis turaniiru, itti fufaniis in jiraatu; garuu Faransaayi labsii mana maree bakka bu’oota uummataatiin guutummaa uummata magaalaa guddaa keessa jiratanii fi saba bal’aa bakka hundumaa jiran keessatti Waaqayyo hin jiru jettee labsuudhaan seenaa addunyaa keessatti biyya qofaa ishee dhaabbateedha, dhiironnii fi dubartootni sirbaa fi faarfannaadhaan labsii kana gammadanii fudhatan.” —Blackwood’s Magazine, November 1870.WG 218.3

    Faransayii amala isa Sodoomiin adda baasee argisiise mul’ifte. Bara warraaqsaa keessa kufaatii amilee fi xuraa’ummaa isa magaalaa Sodoomitti badiisa fide fakkaatutu mul’atee ture. Hayyuun seenaa gantummaa (atheism) fi quunnamtii saalaa isa daangaa hin qabne osa kan Faransaayiin walitti qabee akka raajiidhaan dubbatametti dhiyeesse: “seerota amantii miidhuu wajjin walitti hidhamee kan jiru kan biraan isa tokkummaa gaa’eelaa isa hariiroo namni godhu hunda caalaa qulqullaa’e fi jabina hawaasaatti geessu gadi buusee ilaaluudhaan gara amala kontoraataa isa namni lama akka fedha isaatti walii galee yeroo barbaade keessa jiraatee yeroo barbaade immoo keessaa ba’uu danda’u seera siivilii qofa ta’e…. ormoonni amma danda’an gaa’ela qulqulla’aa, gammachiisaa fi jireenya maatii keessatti dhaabbataa ta’e balleessuuf tooftaa uumanii irratti hojjechuuf utuu ka’anii yookiin haxxummaan isaanii inni isaan kaayyefatan dhalotaa gara dhalotaatti barabaraan akka darbu utuu mirkaneefataniiru ta’e gaa’ela gadi deebisuu irra caalaa karoora biraa hin baafatan turan. Qoosaadhaan kan beekamte Artistiin Sofiyi Arno’ulti jedhamtu gaa’ela warra Repaabilikii yeroo ibsitu, “sirna eejjummaa (sagaagalaa) jette dubbatte.” —Scott, vol. 1, ch. 17.WG 218.4

    “Gooftaan keenya iddoo itti fannifame.” Jechi raajii kunis Faransayii irratti raawwatamee ture. Achi keessatti kan mul’ate hafuurri diinummaa Kiristos lafa irratti eessatti illee hin mul’anne ture. Mormiin hadhaa’aa fi cimaan achi keessatti dhugaa mudate biyya kam keessa iyyuu hin turre. Faransaayi lallabdoota wangeelaa ari’achuudhaan, wanta bartoota isaa irratti gooteen Kiristosiin fannifte.WG 219.1

    Jaarraa isa tokkoo gara jaarraa isa kaaniitti dhiigni qulqullootaa dhangala’aa ture. Yeroo warri Waldensotaa “sagalee Waaqayyoo fi dhugaa Yesusiif” jedhanii tulluu Piidomonti irratti lubbuu isaanii kennan, oboloonni isaanii warri Albijensonni immoo biyya Faransayii keessatti dhuga baatota dhugaa akka isaanii turan. Bara haara’umsaa keessa bartoonni isaa dhiphina cimaatiin ajjeefamaa turan. Mootonnii fi ijoolleen moototaa, giiftonnii fi saajatoonni, oftuultonnii fi warri kabajamoon biyyicha keessa jiran dhiphina kitimamtoota Yesusitti ija isaanii bohaarsaa turan. Gootonni Hugu’enootis qajeelummaa isa onneen namaa qulqullaa’aa godhee fudhatuuf yeroo lolan dirree lolaa baay’ee irratti dhiigni isaanii dhangala’ee ture. Protestaantonni seeraan ala akka ta’anitti lakkaa’amanii akka bineensa bosonaatti adamsaman.WG 219.2

    “Waldaan lafa onaa” jaarraa kudha saddeettaffaa sanyiin kiristiyaanota durii muraasi amantii abboota isaanii qabatanii tulloota gara Kibbaa keessa dhokachuudhaan biyya Faransaayi keessatti hafanii turan. Halkan gaarota cinatti yookiin bakka namni hin jirretti walitti qabamuu yeroo yaalan loltootaan ari’amanii lafa irra gototamuudhaan garbummaa umurii guutuuf gara doonii yakkamtootaatti geeffamu. Namoonni Faransaayi warri qullaa’oon, qajeeloo fi ogeeyyiin saamtotaa fi warra lubbuu ajjeesan gidduutti fuuncaadhaan hidhamanii dhiphina hamaa dhiphifamaa turan. (See Wylie, b. 22, ch. 6.). Warri kaan immoo hidhata meeshaa waraanaa fi ittis utuu hin qabaatin bakka kadhataaf jilbeenfatanii jiranitti rasaasaan reebaman, kun iyyuu akka waan araarri godhameefitti ilaalame. Namoonni dulloomoon dhibbaan lakkaa’aman, dubartoonni dadhaboon, daa’imni badii hin qabne bakka wal ga’iitti ajjeefaman. Roggee gaarotaa yookiin bosona isaan keessatti walitti qabamuu amaleefatan cina yeroo dedeebi’an “faana afur fuudhanii dhagna du’aa billaadhaan kukkutamee fi reeffa mukkatti rarraafame arguun” waan haaraa hin turre. Biyyi isaanii isheen billaadhaan, qottoodhaan, ibiddaan dhumte “gara gammoojjii jibbisiisaatti jijjiiramte.” “gar jabinni akkasii kan ta’e jaarraa dukkanaa keessa utuu hin taane yeroo qaroominaa keessa bara Luwiis 14 ffaa keessa ture. Yeroo sana qaroominni saayisii kan dagaage, barnooti kan babal’ate, abbootiin seeraa kan baratanii fi waan qajeelaa dubbachuu kan danda’an turan, garuu ayyaanni gaarummaa fi gara laafinaa baay’ee kan miidhame ture.” --- Ibid., b. 22, ch. 7.WG 219.3

    Haa ta’u malee, galmeen yakkaa hunda caalaa gurraacha’e, gochaa jaarraa jibbisisoo keessa raawwataman hundumaa keessaa hamminni dorgomaa hin qabne ajjeechaa isa Bartaloomee Qulqulluutiin ta’e ture. Ajjeechaa gar jabinaa fi soda of keessaa qabu isa bara sana keessa raawwatame biyyi lafaa har’a illee rifannaa guddaadhaan yaadatti. Mootiin Faransaayi lubootaa fi phaaphaasota Roomaatiin dirqisiifamee hojiin jibbisiisaan kun akka dalagamuuf labse. Halkan walakkaa sagaleen qaacilaa (bilbilaa) yeroo dhaga’amu inni milikkita ajjeechaati. Protestaantonni kumaatamatti lakkaa’aman kakuu mootii isaanii amanatanii irriba boqonnaa keessa utuu rafanii akeekkachiisa malee gadi gototamanii ajjeefaman.WG 219.4

    Akkuma Kiristos gabrummaa Gibxi keessaa saba isaa baasuuf geggeessaa ijaan hin argamne ture, hojii jibbisiisaa kitimamtoota baay’iisuu keessatti seexanni warra isaaf bitamaniif geggeessaa ijaan hin argamne ture. Guyyoota torbaaf ajjeechaan kun magaalaa Paaris keessatti itti fufe, guyyoota sadan gara jalqabaa aarii hin yaadamneen geggeefame. Kunis magaalaa keessatti kan daangefame utuu hin taane, ajaja addaa mootichi baaseen gara godinaalee fi magaalota xixiqqoo protestaantonni keessa jiran hundatti kan babal’ate ture. Umuriinis ta’e kornaayaan (saala) hin kabajamne ture. Daa’imni balleessaa hin qabne yookiis jaarsi mataa harrii hin baraaramne. Inni kabajamaa fi deegaan, jaarsii fi dargaggeessi, haatii fi mucaan wal faana ajjeefaman. Faransaayi keessatti qalamuun kun ji’a lamaaf itti fufe. Biyyaaf abaaboo kan turan kuma torbaatamatu haala Kanaan ajeefame.WG 220.1

    Oduun ajjeechaa kanaa Roomaa yeroo ga’e gammachuun lubootaa daangaa kan hin qabne ta’e. kardinaali Looran ergamaa oduu kana fide gonfoo kuma tokko badhaase; dhukaasa gammachuu madfiitiin (meeshaa waraanaa guddaa) Anjelos Qulqulluu nagaa gaafate; mana sagadaa hunda keessaa sagalee bilbilaatu (qaacilaatu) dhaga’ame; guci qabsiifames halkan guyyaatti jijjiire; Girgoorii kudha sadaffaan kardinaalotaa fi luboota ulfina qaboota kan biraa wajjin gara waldaa Loowisitti bakka itti kardinaali Looraniin Waaqayyo galanin si haa ga’u jedhanitti adeemsa dheeraa adeeme…. Yaadannoo ayyaana ajjeechaa kanaaf medaaliyaa tokkotu tolfame, haleellaa human waraana galaanaatiin ta’e isa mootichi dhimma ajjeechaa kanaa mana maree keessatti mari’atee fi ajjeechaa kana mataa isaa kan argisiisu fakkiin Vaasarii sadii keenyan irratti kaafamee akka illee Vaatikaan keessatti in mul’ata. Girgooriin angooxoo warqee (abaaboo/tsigeraadaa/ warqee) Charlesiif erge; ajjeechaan kun ta’ee ji’a afur booda lubni Faransaayi tokko lallaba isaa keessatti yeroon abbaan inni qulqulluun oduu kana dhaga’e, yeroo kabajamaa inni Waaqayyoo fi qulqulluu Loowisiif galata galchuudha jedhee Girgoriin gammachuudhaa dhageefate.” —Henry White, The Massacre of St. Bartholomew, ch. 14, par. 34.WG 220.2

    Hafuurri inni ajjeechaa Qulqulluu Bartaloomee geggeessee taatee warraaqsaas isumatu geggeesse. Kiristos waliin dhooftuudha jedhamee dubbatame, iyyi dhaadannoo gantoota Faransaayi “isa hiyyeessa sana ajjeesaa” kan jedhu yeroo ta’u hiyyeessa jechuunis Kiristos. Arrabsoon ija jabinaa samii irratti ka’ee fi hamminni jibbisiisaan harka wal qabatee adeeme, namoonni salphoon, gar jabinnii fi hamminni isaanii akka bulguu ta’e hunduma caalaa kabajaman. Kana hundumaa keessatti, Kiristos amala isaa isa dhugaa, isa qulqulluu fi ofitummaa kan hin qabne jaalala isaatiin fannifamee utuu jiruu, kabaji guddaan seexanaaf kenname.WG 220.3

    “Bineensichi iddoo lafa jalaa sana keessaa ba'ee, lola isaanitti kaasuuf, isaan mo'uuf, isaan ajjeesuufis jira.” Aangoon Waaqayyo hin jiru jedhu inni bara warraaqsa Faransaayi geggeessee fi shororkeesummaa sana keessatti mo’e laloa addunyaan argitee hin beekne Waaqayyoo fi sagalee isaa isa qulqulluu irratti bane. Waaqayyoon Waaqesuun yaa’ii mana maree biyyoolessaatiin dhorkame. Macaafni Qulqulluun tuffiin danda’amu hundumtuu isa irratti ta’ee bakka jiru hundumaa sassaabamee walga’ii namootaa gidduutti gubame. Seerri Waaqayyoo miilla jalatti irra ejjetame. Dhaabbanni Macaafa Qulqulluu in cufaman. Guyyaan boqonnaa inni torbaniin dhufu dhiifamee bakka isaa guyyaa kudhan keessaa si’a tokko itti gammaduu fi maqaa Waaqayyoo arbasuuf dabarfamee kenname. Cuuphaa fi irbaati qulqulluun in dhurkame. Bakka awwaalchaatti duuti irriba barabaraa ta’uu isaa kan himu beeksisi in maxxanfame. Sodaan Waaqayyoo jalqaba ogummaa ta’uun isaa hafee, akka jalqaba doofummaatti imame. Waa’ee biliisummaa fi waa’ee biyyaa irraa kan hafe waaqefannaan amantii hundumtuu in dhorkame. Phaaphaasiin Paaris inni aangoo seeraa qabu bakka buutota biyyaa duratti gochaa addagummaa fi nama qaanessu keessatti shoora guddaa taphachuu akka danda’utti dhi’eefame…. Amanitin inni waggoota dheeraaf barsiisaa ture wanta lubootaa tolfame malee seenaadhaanis ta’e yookiin dhugaa qulqulluudhaanis hundee kan hin qabne ta’uu isaa imuuf gara fuula duraatti ba’e. Jiraachuu Waaqayyoo isa waaqefannaa isaatiif of kennaa turee ifaa fi mul’inatti ganuudhaan fuula duratti kabaja biliisummaaf, wal qixxummaaf, sona amilee fi hojii gaariif akka of kennu dubbate. Sana booda miidhagina lubummaa isaa teesuma irra kaa’ee presideentii waarraaqsaatiin hammannaa obbolummaa argate. Luboonni gantootni baay’een fakkeenyummaa luba kanaa hordofan.” —Scott, vol. 1, ch. 17.WG 220.4

    “Warri biyya lafaa irra jiraatan kanatti in gammadu; kun isaanitti in tola; raajonni warra biyya lafaa irra jiraatan dhiphisan kun waan du'aniifis, namoonni gammadanii kennaa waliif in ergu.” Faransaayi isheen gantuun sagalee dhuga baatota lamaanii isa cubbuu iftu cal jechisiifte. Sagaleen dhugaan daandiwwan ishee irratti ajjeefaman, waan seerri waaqaa isaan gaafatuu fi isaan daangessu kan jibban in gammadan. Namoonjni mul’inatti mootii samiitiin morman. Akkuma cubbamoota durii “Waaqayyo attamitti beekuu danda'a ree? waa beekuun jiraa ree? Jedhanii iyyan. Faar. 73:11.WG 221.1

    Lubni sirna harawaa tokko arrabsoo ija jabinaa amanuun isaa nama rakkisuun akkas jedhee dubbate: “Waaqayyo, yoo dhuguma jirta ta’e maqaa kee isa salphateef ijaa baafadhu. Ani sinaan morma! Ati calisi; Ati bakaakkaa kee gadi hin buuftu. Kana hundumaa booda jiraachuu kee eenyutu amana?” —Lacretelle, History, vol. 11, p. 309; in Sir Archibald Alison, History of Europe, vol. 1, ch. 10. Kun gaaffii Fara’ooniin attam irra deebi’ee dhageesisa: “Waaqayyo inni ani sagalee isaa dhaga'ee namoota Israa'el gad dhiisu kun eenyu inni? Ani Waaqayyoon hin beeku.”WG 221.2

    “Gowwoonni garaa isaaniitti,'Waaqayyo hin jiru’ in jedhu;” Faar. 14:1. Warra dhugaa jal’isan ilaalchisee gooftaan akkas jedha: “gowwummaan isaan kanaa nama hundumaa biratti beekamuuf jira.” 2 Ximo.3:9. Faransaayi Waaqa jiraataa, isa “ol jedhaa fi guddaa, bara baraan jiraatu” waaqessuu erga dhiiftee booda waaqa qaroomina sammuu bifa dubartii algalummaadhaan jiraattuun (safuu malee jiraattu) mul’atutti waaqessuutti gadi bu’uuf yeroo dheeraa hin fudhanne. Kunis kan ta’e walga’ii bakka bu’oota biyyaa keessatti karaa warra aangoo seeraa fi aangoo uummataa olaaaa qabanii ti. Hayyuun seenaa tokko akkas jedhu: “maraatummaan yeroo ayyaanefannaa kanaa inni tokko gowwummaan dorgomaa hin qabne qulqullummaa dhabuu wajjin kan wal make ta’uu isaati. Balballi walga’ii Sanaa garee sirbitootaatiif baname, isaaniin faana bu’anii miseensi mana qopheessaa hiriiranii faarfannaa galataa kan biliisummaa faarfachaa waaqayittii dubartii ishee waaqa qaroomina sammuu jedhanii maqaa baasaniif sana haguuganii tumsuudhaan gara galma sanaatti seenan. Gara galma Sanaa fidanii kabaja guddaadhaan haguuggii erga irraa fuudhanii booda akka durba sirbituutti akka ilaalamtuuf mirga presidaantichaa ka’aan…. Nama human qaroomina sammuu bakka bu’uu dandeessi jedhanii waaqessan kanaaf manni maree biyyoolessaa Faransaayi mul’inatti sagadan.WG 221.3

    Ayyanefannaan kabajaa fi soda waaqaa hin qabne kun bifa addaa qaba ture; waarraaqsaa wajjin tarkaanfachuu isaanii argisiisuu kan jaallatan jiraatonni hundumtuu bakka jiran hundumaatti waaqni qaromina sammuu haarefamtee fi akkeefamtee biyya hundumaa wal geese.” -- Scott, vol. 1, ch. 17.WG 221.4

    Waaqa qaroomina sammuu yeroo beeksise dubbataan tokko akkas jedhe: “Yaa warra seera tumtanii! Makaraarsummaan qaroomina sammuutiif bakka gadi dhiise. Iji isaa inni dimimmise calaqqee ifichaa dura dhabbachuu hin dandeenye. Guyyaa kana sabni bal’aan ijaarsa warra gootiki jalatti irra deebi’ee dhugaa dhageesisuuf yeroo jalqabaaf walitti qabameera. Achitti warri Faransaayi ayyaana waaqefannaa dhugaa, - kan biliisummaa, kan qaroominaa sammuu ayyanessan. Achitti milkaa’insa irree Ripabilikii keenyaaf fedha qabnu argisiifnerra. Achitti qaromina sammuu, fakkeenya isa lubbuu qabu, angafa uumama hundumaa isa ta’eef jennee waaqa tolfamaa isa lubbuu hin qabne dhiifne.” —M. A. Thiers, History of the French Revolution, vol. 2, pp. 370, 371.WG 222.1

    Waaqni tolfamtuun kun gara walga’iitti dhufte namni dubbatu kun harka isaatti ishee fuudhee gara namoota walitti qabamaniitti garagalee akkas jedhe: “warri du’eeyyiin! Kakkawwee waaqa human hin qabnee isa sodaataa turtan duratti raafamuu dhiisaa. Kana booda qaroomina sammuu irraa kan hafe waaqa kan biraaf beekamtii hin kenninaa. Ani fakkeenya isaa isa kabajamaa fi qulqulluu isiniif nan dhiyeessa; waaqa tolfamaa qabachuu qabdu taanaan kan akkanaa qofaaf aarsaa dhiyeessaa…. Ulfina mana maree biliisummaa duratti kufaafi, yaa! Uffata qaromina sammuu!WG 222.2

    Waaqni tolfamtuun kun presidaantiidhaan erga hammatamtee booda konkolaataa aja’iiba ta’e irra ka’amtee bakka Waaqayyoo qabachuuf tuuta baay’ee keessa dabartee gara mana sagadaa Notre Damitti karaa ishee qajeelfatte. Achi erga geesse iddoo aarsaa irra ka’amte, achitti kan argamu hundumaanis in waaqefamte. —Alison, vol. 1, ch. 10.WG 222.3

    Kun ta’ee utuu hin turin Macaafni Qulqulluun saba duratti ba’ee gubate. Yeroo tokko “miseensa golambaa beekamaa” kan ta’an “qaroominni barabaraan haa jiraatu” jechaa gara galma mana qopheessaa seenan, hafaa macaafota gubatanii keessaa kakuu Moofaa fi Haaraa ibiddicha guddaa irraa gubatee hafe presidaantichi fiixee uleetiin fuudhee ‘sanyii namaa gowwoomsanii kan fajachan kunoo in gubatan’ jedhee dubbate.” -- Journal of Paris, 1793, No. 318. Quoted in Buchez-Roux, Collection of Parliamentary History, vol. 30, pp. 200, 201.WG 222.4

    Hojii sirni jiraachuu Waaqayyoo hin amanne xumure kana sirna phaaphaasitu jalqabe. Imaammati Roomaa haala hawaasummaa, kan siyaasaa fi amantii Faransayiin gara badiisaatti ariifachiise. Haala jibbisiisaa warraaqsa Faransaayi ilaalchisanii barreesitoonni yeroo dubbatan badii raawwatametti kan itti gaafatamu warra teessoo irra jiranii fi waldaadha jedhan. Haqatti yoo ilaalame itti gaafatama kana waldaatu fudhata. Sirni phaaphaasii haara’umsi diina gonfoo moototaa akka ta’anii fi nagaa fi tokkummaa biyyaaf kan sodaachisan madda jeequmsaa akka ta’anitti sammuu moototaa summeeseera. Teessoo moototaa keessaa gar jabinni kallattii fi hacuuccaan rifachiisaan dhangala’uu kan danda’e haxxumaa Roomaatiin ture.WG 222.5

    Hafuurri walabummaa Macaafa Qulqulluu wajjin adeemee ture. Bakka wangeelli fudhatametti sammuun namootaa dammaqee ture. Isaan fuuncaa doofummaatti, jal’inaa fi tolchatti amanuu gabrummaatti isaan hidhee turettii hiikamuu jalqabanii turan. Isaan akka namaatti yaaduu fi hojjechuu jalqabanii turan. Mootonnis kana arganii bittaa isaaniif sodaatan.WG 222.6

    Roomaan sodaa isaanii itti caalchisuuf hin dhiboofne. Bara 1525 keessa phaaphaasiin bakka bu’aa Faransaayiin akkas jedhe: “Maraatummaan kun (protestaantummaa) amantii qofa kan bita galchanii fi kan balleessan miti, garuu aanga’ootaa, angafootaa, seeraa, caasaa (toora) fi gulantaa jiranis dabalateeti malee.” —G. de Felice, History of the Protestants of France, b. 1, ch. 2, par. 8.WG 222.7

    Waggoota muraasa booda bakka bu’aan phaaphaasii akkas jechuudhaan mooticha akeekkachiise: “Hin gowwomin, protestaantonni sirna bulchinsaa uummataas kan amantiis in jeequ…. Teessoonis akkuma iddoo aarsaa balaa guddaa keessa jira…. Amantii haaraa fiduun mootummaa haaraa fiduuf dirqisiisa.” —D’Aubigne, History of the Reformation in Europe in the Time of Calvin, b. 2, ch. 36. Hayyuun qu’annoo amantii barsiisni protestaantii “gara waan haaraa fi gara gowwummaatti geessa, of kennuu jaalalaa sabni mootiidhaaf qaban saama, waaldaa fi mootummaas in balleessa jedhanii ibsuudhaan sabni akka jibbu godhanii turan.” Akkasitti Faransaayi haara’umsa irratti akka kaatuu gochuu keessatti Roomaan milkoofteetti. “Biyya Faransaayi keessatti yeroo jalqabaaf billaan ari’annaa kan inni luqqifame teessoo ol qabuuf, sanyii moototaa eeguu fi olaantummaa seeraa kabajichiisuuf jecha ture.” —Wylie, b. 13, ch. 4.WG 223.1

    Geggeesitoonni biyyichaa bu’aa imaammata balaa qabu kanaa dursanii hin argine. Barsiisni Macaafa Qulqulluu qajeelfamoota milkaa’insa biyyaatiif bu’uura ta’an kan akka qajeelummaa, of qabuu, dhugaa, wal qixxoomaa, fi kan arjummaa sammuu fi onnee namootaa keessa kaa’a. “Qajeelummaan saba ol in kaasa, cubbuun garuu saba hundumaaf yeelloo dha;” “Teessoon isaa qajeelummaadhaan jabaatee waan dhaabatuuf, jal'inni mootii biratti jibbamaa dha.” Faak. 14:34; 16:12. “Iddoo qajeelummaan jiru nagaan jira, iji qajeelummaa bir'aa malee gabiitti jiraachuu dha;” Isaa. 32:17. Seera Waaqayyootiif kan abboomamu seera biyyaas dhugaatti kabaja, in abboomamafis. Waaqayyoon kan sodaatu waan mootiin qajeelummaa fi aangoo isaatiin godhe in kabaja. Faransaayi isheen itti hin tolle garuu macaafa Qulqulluu dhorkitee, bartoota isaas daangesite. Jaarraa tokkoo gara jaarraa isa kaanitti namoonni qajeelfama eeganii fi namoonni amanamoon, namoonni sammuu si’ataa fi sona amilee jabaa qaban, warri waan itti amanan beeksisuuf jabina qabanii fi dhugaaf dhiphachuun akka isaaniif ta’u amanan baroota hundumaa akka garbootaatti doonii irra asii fi achi jooraa, ibiddaan gubachaa, yookiin mana hidhaa keessatti tortoraa turan. Kumaatamatti kan lakkaa’aman baqatanii of oolchaniiru; kunis erga haara’umsi jalqabee waggoota dibba lamaa fi shantamaaf itti fufe.WG 223.2

    Baroota dheeraa kanatti dhalootaan nama Faransaayi ta’ee bartoonni wangeelaa maaraatummaa aarii warra isaan ari’atanii baqachuudhaan dandeettii sammuu isaanii, aartii ogummaa isaanii, industirii, sirnaan jiraachuu, fi qajeelfama eeguu isa ittiin biyya keessatti da’oo argatan sana ittiin misoomsanitti fudhatanii utuu adeemanii kan hin argine hin jiru. Faallaa Kanaan biyya kan biraa kennaa gaarii Kanaan utuu misoomsanii kan ofii isaanii immoo duwwaa taasisan. Warri ari’aman kun hunduu biyya Faransaayi keessatti hafaniiru utuu ta’e; utuu dandeettiin warra ogummaa industirii qaban kanaa waggoottaan dhibba sadan kana keessa lafa ishee misoomsera ta’e; utuu waggoottan dhibba sadan kana keessa dandeettiin aartii isaanii isheedhaaf waan haaraa kalaquu keessatti fooya’iinsa fideeraaf ta’e, utuu waggoottan dhibba sadan kana keessa kennaan waan haaraa uumuu fi humni waa yaaduu isaanii ogbarruu ishee badhaasee, saayinsii ishees misoomsera ta’e; utuu ogummaan isaanii gorsitoota ishee qajeelchee, lola ishee keessatti gootota ishee to’atee, seera tumuu keessatti walqixxooma fidee, amanitin Macaafa Qulqulluu immoo dandeettii sammuu cinsee, yaada saba ishees geggeeseera ta’e silaa har’a Faransaayi ulfina guddaa hammamii qabdi turte! Silaa hammam biyya misoomtee fi biyya gammachuu — biyyoota warra kaaniif fakkeenya taati turte!WG 223.3

    “Haa ta’u malee jaamummaa fi dhiphummaan jijjiiramuu hin dandeenye barsiisota amala gaarii hundumaa, ajajamtoota hundumaa, teessoo moototaaf amanamummaadhaan kan lolan hundumaa lafa ishee irraa ariisise; namoota biyya isaanii lafa irratti ‘kabajichiisuu fi beeksisuu’ danda’an sanaan ibiddaa yookiin hidhaa keessaa kan isiniif wayyu filadhaa ittiin jedhame. Gara xumuraatti badiisi biyyichaa in raawwatame; kana booda sammuun ceephaa’amu, amanitin ibiddatti darbatamu, jaalalli biyyaa garbummaatti ariisisu deebi’ee hin argamne.” —Wylie, b. 13, ch. 20. Waarraaqisi naasuu isaa hundumaa wajjin kana buufate.WG 223.4

    “Baqannaa warra Hugu’inootii wajjin kufaatii waliigalaatu Faransaayi irratti mul’ate. Maagaalonni industiriidhaan guddatanii turan lafatti dabalaman; godinaleen misoomanii turanis gara lafa onaatti deebi’an; sammuudhaan daagii ta’uu fi sana amileetiin kufuun guddina hin barbaachifne kana boodaan dhufe. Paaris iddoo kadhaa guddaa taate, yeroo warraaqsaa sana keessa kadhatoota kuma dhibba lamatti tilmaamamntu kadhaaf harka isaanii gara mootiitti bal’isaa ture. Biyya kufte sana keessaa warra Jeesiwiiti qofaatu badhaadhee waldaa fi mana barumsaa, hidhamtootaa fi warra dooniidhaan asii fi achi jooran irratti bittaa hacuuccaa isaanii babal’’ise.”WG 224.1

    Wangeelli dandeettii lubootaa, kan mootota ishee fi kan seera tumtoota ishee warra xumuratti biyyattii seera malee jiraachuu fi badiisatti dabalanii hundumaa kan waa’ee hin baafne taasisuudhaan rakkoo siyaasaa fi hawaasummaa Faransaayiif furmaata fiduu in danda’a ture. Garuu bittaa Roomaa jalatti sabni barsiisa fayisaa eebbifamaa waa’ee mataa ofii ganuu fi jaalala ofittuummaa hin qabnee dhabee ture. Isaan warra kaaniif gaarii gochuuf jecha mataa ofii ganuu shaakaluu irraa fagaatanii turan. Sooreyyiin warra hiyyeesota hacuucuu isaaniitiif ifata tokko hin arganne, hiyyeeyiinis salphinaa fi garboomanii hojjechuu isaaniif waan tokko hin gargaaramne. Ofittummaan warra sooreyyii fi warra aangoo qabanii caalmaatti mul’achaa fi cinqursaan isaaniis itti dabalaa adeeme. Horii jaallachuu fi gar-malee bittimsuun warra angafootaa jaarraa hedduuf qotee bultoota cinqursaa hiiqii fudhachuu keessatti kufise. Sooreyyiin hiyyeeyyii miidhan, hiyyeeyyiinis sooreyyii jibban.WG 224.2

    Godinaalee baay’ee keessatti lafti warra angafootaan kan qabame ture, dafqanii kan hojjetan immoo warra lafa dugda bitanii hojjetan qofaa ture; warri abbaa lafaa akka fedha isaanii isaan godhu, wanta isaan gaafatan hundumaa dhiyeessuufis in dirqisiifamu ture. Ba’aan waldaa fi mootummaa deggeruu garee warra sadarkaa gadii fi giddu — galeessaa jiraatanii gibiraa aango qaboota lafaa fi kan lubootaa baasuuf dirqisiifamanii irratt kufe. “angafoota gammachiisuun akka olaantummaa seeraa kabajuutti ilaalame; qotee bulaan warra isaan hacuucan kunuunsuuf jecha in beela’an…. Haala kamiin illee taanaan sabni fedhii abbaa lafaa eeguuf dirqwisiifame. Jireenyi warra hojii qonnaa irra bobba’anii jiranii dadhabbii halkanii fi guyyaa fi dhiphina haara — galfii hin qabneen kan guute ture; yoo ija jabaatanii komee isaanii dhiyeessanis akka nama kabja hin qabneetti ceepha’amu. Manni murtii komee warri angafootaa warra qotee bulaa irratti kaasan qofa dhaga’a; abboonni firdiis matta’aa fudhatu; sirna malaamaltummaadhaan guutame kana keessatti angafootaan kan dhi’aatu wantoonni firii hin qabne seera biratti human qabu turan. Karaa tokko moototaan karaa kan biraa lubootaan gibira sassaabamu keessaa walakkaan isaa illee gara gombisaa (kutaa horii) mootumootaa yookiin phaaphaasotaatti hin galu ture; inni hafe faayidaa dhuunfaa irra ooluudhaan gar — malee bittimfama. Namoonni akkasittiin warra bittaa isaanii jala jiran hiyyoomsan ofii isaaniitii gibira baasuu irraa walaba turan, taayitaa mana mootummaa argachuufis aadaa fi seerri isaaniif heyyama. Mirgi addaa kan isaaniif kenname lakkoobsaan kuma dhibba tokkoo fi shantama kan hin caalle yeroo ta’an, miliyoonatti kan lakkaa’aman isaaniin gammachiisuuf jecha jireenya gadadoo fi abdii kutachiisu jiraachuuf dabarfamanii kennaman.”WG 224.3

    Manni murtii jireenya qananii fi hafoleessuummaa (horii qisaasessuu) kan guutame ta’e. Sabaa fi geggeesitoota gidduu wal amantaan jiru xiqqoo ture. Tarkaanfii mootummaan fudhatu hundumtuu ofittumaaf akka karoorfametti ija shakkiitiin ilaalama ture. Yeroo warraaqsaa fuula dura walakkaa jaarraatiif teessoon Lowiis 15 ffaa mootii isa yeroo gadhee keessa dhibaa’ummaadhaan, yaada waa’ee hin baafnee fi fedhii fooniitiin guutameen qabamee ture. Angafootaa fi gooftota salphoo fi gar jabeeyyii wajjin saba hiyyeessaa fi walaalaa sadarkaa gada aanaa irra jiruun mootummaan maallaqa dhabuutti, sabnis gaddaan liqimfamuutti kufuun isaa utuu argamaa jiruu wanti sodaachisaan tokko ta’uuf akka jiru ilaaluuf raajii hin barbaachisu. Gorsitoonni isaa akeekkachiisa yeroo kennan mootichi akkas jedhee deebisuu amaleefatee ture: “hamma ani jiraachuu danda’utti wantoonni akka gaariitti akka adeeman gochuuf dhama’aa; du’a koo booda akka barbaade ta’uu in danda’a.” Barbaachisummaan haara’umsaa akkasumaan ta’e. Inni hammina itti aanee dhufu argeera, garuu isaaniin quunnamuuf jabinas ta’e human isaas hin qabu ture. Badiisi (firdiin) Faransaayiin eeggachaa jiru deebii dhibaa’ummaa fi ofittummaa inni dubbate keessatti fakkiin isaa inni argameera, “ana booda balaan haa dhufu!”WG 224.4

    Roomaan akkasittiin mootummaa kana dadhabsiisuu akka dandeessu beekuudhaan, akkasumas Kanaan immoo geggeesitootaa fi saba walitti qabdee gabrummaa ishee keessatti hidhuuf hinnaaffaa moototaa fi geggeesitootaatti fayyadamuudhaan akka isaan waanjoo gabrummaa jalatti saba tursan gochuuf dhiibbaa geggeesite. Karaa bu’a qabeessa ta’een namoota bagroomsachuuf hidhaan lubbuun isaanitti jabaachuu qaba kan jedhu imaammata ishee ture; gabrummaa jalaa akka isaan hin bane dhorkuuf karaan mijataan biliisummaa argachuu akka isaan hin dandeenye gochuudha. Bu’aa imaammata isheetiin kan argamee kufaatiin amilee dhiphina qaamaa irra caalaa harka kumaan hammaata. Sabni Macaafa Qulqulluu irraa daangefamuu fi ofittummaa fi dhiphummaa irraa fagaachuuf akka hin barsiifamneef dhorkamee doofummaa fi xibaaratti amanuudhaan haguugame, akkasumas jal’ina keessatti liqimfamuudhaan guutummaatti ofiin of buulchuu akka hin dandeenye taasifame.WG 225.1

    Haa ta’u malee bu’aan hojichaa waan Roomaan karoorsite irraa adda ta’e. Hojiin ishee qooda sabni jaamummaadhaan akka isheef bitaman taasisu, akka isaan gantootaa fi tarkaanfachiiftuu warraaqsaa ta’an isaan godhe. Amantii Roomaa fudhachuun imaammata fedhii lubootaa akka ta’eetti tuffatan. Luboonni gartuu warra isaan cinqurasanii akka ta’anitti ilaalan. Kan isaan beekan waaqa Roomaa qofaa ture; amanitin isaanis barsiisa ishee qofa ture. Sassataa fi gara jabina ishee (kan Roomaa) akka firii barsiisa Macaafa Qulqulluutti lakkaa’an, isa irras maal arganna jedhanii yaadan.WG 225.2

    Roomaa amala Waaqayyoo dogoggoraan bakka bu’uu fi seera isaa micciiruudhaan waan dhi’eessiteef, amma namoonni Macaafa Qulqulluu fi Barreessaa isaa (Waaqayyoon) fudhachuu didan. Isheen ajaja Macaafa Qulqulluu fakkeessaa ta’e jalatti akka barsiisa ishee jaamummaadhaan amananiif gaafatte. Voltayeerii fi warri isaa wajjin hojjetan kanaaf deebii kennuuf jecha walumaa galatti sagalee Waaqayyoo of duubatti gatanii bakka hundumaatti summii gantummaa (waaqayyoon walaaluu) facaasan. Roomaa koomee sibiilaatiin saba miilla ishee jalatti dhidhiitte; kana irraa kan ka’e sabni gadi bu’ee akka bineensaa ta’e amma gar jabina ishee mormee dhorkaa ishee irra keesse of irraa gate. Namoonni gowwomsaa calaqisaa baroota dheeraaf itti sagadaa turanitti aaruudhaan dhugaa fi soba walitti qabanii jibban; heyyama biliisummaa dogoggoraa fudhatanii hojii hamminaaf garboomuudhaan walabummaa yaada isaanii aragchuu isaaniitiif burraaqan.WG 225.3

    Yeroo jalqaba warraaqsaatti heyyama mootichaatiin sabni bakka bu’oota kan moototaa fi kan lubootaa irra caalu argatanii turan. Akkasitti aangoo harka isaanii keessa galee ture; haa ta’u malee ogummaa fi qixatti itti fayyadamuuf hin qophoofne turan. Dogoggora isaan mudate deebisaanii sirreessuuf hawwanii hawaasa deebisanii ijaaruu irratti hojjechuuf murteefatan. Sabni yaadannoo miidhaa yeroo dheeraatiin sammuun isaa guutamee dheekkame dhiphina haala rakkisaatiin babal’achaa adeeme warraaqsaan sirreessuu fi warra dhiphina kan isaan irratti fidan irratti ijaa ba’uuf murteefatanii ka’an. Warri cinqurfamoonni barumsa gar — jabina jalatti argatan fudhatanii kanneen isaan cinqursaa turan cinqursuu jalqaban.WG 225.4

    Faransaayii isheen carraan itti bade isa ofii isheetii facaafte dhiigaan haammatte (makaratte). Aangoo oggansa Roomaatiif bitamuun ishee bu’aan isaa hamaa ture. Faransaayi dhiibbaa Roomaa jala ta’uudhaan yeroo haarefamni jalqabe boolla ibiddaa keessatti namoota guban uumte sanatti warraaqsi immoo meeshaa ittiin morma namoota muran isa jalqabaa uumte. Bakka jaarra 16 ffaa keessa kitimamtoonni amantii protestaantii itti gubatanitti, jarraa 18 ffaa keessa miidhamtoonni warri jalqaba mormi isaanii irraa murame. Faransaayi wangeela isa ishee fayyisu ofirraa diibuudhaan amanti dhabinaa fi badiisaaf balbala bante. Daangaan seera Waaqayyoo yeroo duubatti gatamu bubbee miira namaa to’achuuf seerri namaa ga’uumsa akka hin qabnetu mul’ate; biyyatiinis fincilaa fi jeequmsatti liqimfamte. Waraanni Macaafa Qulqulluu irratti baname seenaa biyya lafaa keessatti shororkeessummaan akka mo’uuf boqonnaa haaraa bane. Nagaa fi gammachuun onnee fi mana namootaa keessaa bade ture. Wabii jireenyaa kan qabu hin turre. Har’a mo’ichaan kan darbe bor immoo shakkamee itti faradama. Goolii fi hamminni biyya fudhate.WG 226.1

    Mootonni, luboonnii fi angafoonni gar — jabina saba aaree fi maraateetti harka kennuuf dirqaman. Dheebuu ijaa ba’uu isaanii ajjeefamuu mootii qofaatiin quufaan; warri murtii du’aa isa irratti labsan isa faana gara waltajjii ajjeechaatti dhufan. Farra warraaqsaatti kan shakkaman hundumtuu walumaa galatti akka ajjeefamaniif murtaa’e. manni hidhaa namootaan guutamanii si’a tokkotti hidhamtoota kuma dhibba lama kan ta’an of keessatti qabatu turan. Magaalota mootumicha keessa jiran hunda keessatti shororkeessummaan guutee ture. Dhaabni warraaqsaa inni tokko dhaaba isa kaan irratti ka’e, Faransaayis dirree morkatootaa bal’aa ta’e. “Paaris keessatti jeequmsi kan biraan jeequmsa isa tokkotti aanee dhufe, lammileen biyyichaas waan dhumiisa walii wajjinii fakkaatuun garagar qoqoodaman.” Rakkina walii galaatti rakkina dabaluudhaan biyyatiin humneetii gurguddoo Awuroophaa wajjin lala dheeraa fi kan badiisaa keessa seente. “Biyyichi kiisaaraatti dhi’aateetti, loltoonnis miindaa yeroo dheeraa hin argatin turaniif hiyyatu, jiraatonni Paaris immoo ni beela’an, kutaa biyyattii garaagaraa shiftootaan muddaman, qaroominnis jeequmsaa fi mirga daangaa hin qabneen hamma manca’anitti ga’anii turan.”WG 226.2

    Sabni sun gar — jabinaa fi dhiphisuu isa Roomaan barsiifte akka gaariitti baratanii turan. Kana irraa kan ka’e xumuratti guyyaa ijaa baasuutu dhufe. Yeroon kun garuu yeroo bartoonni Yesus mana hidhaatti darbatamanii fi gara ibiddaatti herkifaman miti. Kan isaan dhabamsiifamanii turan yookiin gara hiidhaatti oofamaa turan yeroo dheeraan dura ture. Humanni warra dhiiga dhangalaasuutti Roman ishee gar — jabeettiin leenjisaa turtee amma itti dhaga’ame. “Fakkeenyi ari’annaa inni luboonni Faransaayi baroota dheeraaf argisiisaa turan amma milikkita jabaa ta’ee isaanitti garagale. Iddoon itti nama ajjeesan dhiiga lubootaatiin diimate. Doonii fi manni hidhaa si’a tokko warra Hugunootisiin guutamee ture amma warra isaan ari’ataa turaniin guutame. Fuuncaadhaan barcumatti hidhamanii bidiruu mooquudhaan dadhabuudhaan luboonni Kaatolikii boo’icha waldaan isaanii ittiin gantoota garaammii dhiphisaa turte shaakalan.”WG 226.3

    “Sana booda yeroo seeronni gar jabinni isaanii jibbisiisoo ta’an mana murtii gar — jabinni isaanii jibbisiisoo ta’an irraa ba’anii hojii irra oolan; yeroo namni yakka cimaa utuu hin dalgini hollaa isaa nagaa gaafachuu yookiin kadhannaa godhachuu hin dandeenye; … yeroo basaastonni golee hundumaa keessa marsan; yeroo meeshaalee morma namaa ittiin kutan ganama yeroo hundummaa hojii cimaa fi dheeraa hojjetan; yeroo maneen adabaa akka doonii garboonni ittiin fe’amaniitti humnaa ol guutan; yeroo bo’oon lolaa inni gara bishaan Zaa’initti geessu dhiigaan gutee in dhufe. … Yeroo konkolaatonni warra murtiin itti kenname baatanii daandii Paaris irra adeemaa turanitti ajajaan waraanaa inni hojii kana raawwachuuf koreen olaanaan bakka buusee erge gar- jabina magaalaa sana keessatti argamee hin beekneen of agaarsiisaa bashanana ture. Haaduun maashinii ittiin morma namaa kutanii hojii ajjeechaa isaa yeroo raawwatu suuta jedhee ol ka’ee gadi deebi’a ture. Warri qabaman hiriira dheeraatiin dhaabbatanii dhukaasa madfiitiin si’a tokkicha gadi naqaman. Bakka ajjeechaa sana goodaatti boolli qotamee ture. Magaalaan Liyoonis lafa onaa taate. Arrasi bakka jedhamutti immoo hidhamtootaaf akka araaraatti kan ilaalamu dafanii ajjeefamuu illee dhorkamanii turan. Irraangadee Lo’iree hundatti, Sa’uumurii qabee hamma galaanaatti hoomaan harraagessaa fi culuulleen reeffaa qullaa isaanii wal keessa galanii walitti maxxanan hamma quufanitti nyaatan. Umurii yookiin saalaan araarri hin godhamne. Lakkoobsi dhiirotaa fi durboota unuriin isaanii kudha torbaa mootii gar — jabeessa Kanaan ajjeefaman dhibbaan kan lakkaa’aman turan. Mucooliin harma haadha isaanii irraa butamanii qara gasoo isa tokko irraa gara qara gasoo isaa kaaniitti hamma tarree warra Jakobiin jedhamutti darbataman.” Waggoota kudhan keessatti sanyii namaa hedduutu dhume.WG 226.4

    Kun hundumtuu hojii Seexanaa ture. Baroota keessatti wanti Seexanni argachuuf hojjete kana ture. Imaammati isaa jalqabaa hamma xumuraatti gowwomsuu yeroo ta’uu, kaayyoon cimaan inni kana godhuuf immoo namoota irratti boo’ichaa fi gadadoo fiduuf, hojii Waaqayyoo balleessuu fi xureessuuf, karoora gaarummaa fi jaalala Waaqayyoo mancaasuu fi mootummaa Waaqayyoo irratti immoo gadda fiduuf kana godha. Kana booda gochaa gowwomsuu isaatiin sammuu namootaa jaamsee gadadoon kun hundumtuu bu’aa karoora uumaa akka ta’etti waan hojjete kana hundumaatti Waaqayyoo akka komatamu godha. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni human gar — jabina isaatiin sadarkaadhaan gadi bu’anii fi akka bineensaa ta’an kun birmadummaa isaanii yeroo argatan, irra caalaa akka isaa hojii gar — jabinaa raawwatan isaan godha. Kana booda fakkin heyyama ittisa hin qabnee kun akka fakkeenyummaa bu’aa biliisummaatti warra gar — jabeeyyii fi warra cinqursitootaan caqafama.WG 227.1

    Yeroo dogoggorri inni tokko bira ga’amu seexanni gowwomsaa biraa keessa isa dhoksa, namoonni hedduunis akkuma yeroo isa jalqabaatti hawwiidhaan isa fudhatu. Sirni Roomaa gowwomsaa ta’uu isaa yeroo namoonni hubatanii fi inni immoo karaa bakka bu’oota kanaa akka namoonni seera Waaqayyoo cabsan gochuu yeroo dadhabe amanitin hundumaa akka gowwomsaatti, Macaafa Qulqulluu immoo akka oduu duriitti akka ilaalan godhe; seera Waaqayyoos of duubatti gatuudhaan cubbuu ittisa hin qabnetti mataa isaanii kennan.WG 227.2

    Dogoggorri hamaan jiraatota Faransaayitti boo’icha guddaa fide kun dhugaa guddaa kana tuffachuudha; biliisummaan dhugaan seera Waaqayyoo keessaa argama. Eeyyee, ati seerrata koo utuu eegdeetta ta'e, silaa nagaan kee akka laga bishaanii in yaa'a, qajeelummaan kees akka guuboo galaanaa ol in ka'a ture;” “Haa ta'u iyyuu malee, Warri jal'oonni nagaa hin qaban jedha Waaqayyo.” “Namni anaaf dhaga'u garuu nagaatti in jiraata, wanta hamaa hin sodaatu, hin bir'atus’‘ Isa. 48:18, 22; Fakk. 1:33.WG 227.3

    Warri Waaqayyo hin jiru jedhan, warri Waaqayyootti hin amannee fi gantoonni seera Waaqayyoo in mormu in balaalefatus; garuu nagummaan ilmaan namootaa seera Waaqayyoo wajjin walitti hidhamee akka jiru bu’aan dhiibbaa isaan godhanii in mirkaneessa. Macaafa Waaqayoo irraa dubbisuudhaan kan hin baranne seenaa biyyoota irraa akka dubbisanii barataniif abboomamaniiru.WG 227.4

    Seexanni bara darbee keessa karaa waldaa Roomaa akka namoonni abboomamuu irraa fagaataniif yeroo hojjete bakka buutota isaa akka ta’an dhokseeti, akkasumas salphinnii fi gadadoon inni bu’aa hojii isaatii isa dhokataa ta’e firii seera irra dadarbuu akka ta’e hin argamne ture. Kaayyoon isaa guutummaatti bu’a qabeessa akka hin taaneef humni isaa hojii Hafuura Waaqayyootiin daangefamaa ture. Sabni yeroo sanatti ka’umsaa fi bu’aa isaa, akkasumas madda gadadoo isaanii bira hin geenye turan. Garuu warraaqsa sana keessatti seerri Waaqayyoo karaa mana maree biyyoolessaa ifatti tufatamee ture. Shororkeesummaa itti aanee mo’ate keessatti sababnii fi bu’aan hojii isaatii ija hundumaa duratti argamuu danda’eera.WG 228.1

    Yeroo Faransaayi ifaatti Waaqayyoon mormitee fi Macaafa Qulqulluu of duubatti gatte, namoonni hamoonnii fi hafuuronni dukkanaa kaayyoo yeroo dheeraaf hawwaa turan —daangaa seera Waaqayyoo irraa mootummaa biliisomte argachuu isaaniif gammadaniiru. Sababni isaa adabni warra wanta hamaa hojjetan irra dafee waan hin geenyeef, garaan ilmaan namootaa “guutummaatti wanta hamaa hojjechuutti in jabaata.” Lall. 8:11. Haa ta’u malee seera dhugaa fi qajeelaa irra dadarbuun bu’aan isaa gadadoo fi badiisa. Yoo battalatti firdiin isaanitti dhufuu baate illee jal’inni namootaa gara badiisaatti akka isaan geessu mirkana’aadha. Yakkii fi gantummaan jarraa hedduuf raawwatamaa turan dheekamsa guyyaa ijaa baasuu sanaaf walitti qabamanii jiru; warri Waaqayyoon tuffatan xoofoon cubbuu isaanii yeroo guutu erga yeroon itti darbee obsi Waaqayyoo dhumuun isaa sodaachisaa akka ta’e hubatu. Hafuurri Waaqayyoo inni human seexanaa isa gar — jabeessaa daangessudhaan to’atu fudhatameera, inni gadadoo ilmaan namootaa qofatti gammadu akka fedha isaatti akka hojjetuuf isaaf heyyamameera. Warri fincila filannoo isaanii ta’e hamma biyyattiin yakka jibbisiisaa qalamaan ibsamuu hin dandeenyeen guutamtutti firii yakka isheetii makarachuuf dhiifamte. Kutaalee biyyaa manca’anii fi magaalota barbada’an keessaa boo’ichi dhiphinaa guddaan in dhaga’ame. Faransaayi akka waan kirkira lafaatiin raafamtee taate. Amanitin, seerri, toorri hawaasaa, maatiin, mootummaanii fi waldaan hundumtuu harka isa seera Waaqayyoo irratti ol fuudhameen rukutaman. Dhugaadhumatti ogeesichi akkas jedhee ture: “jal'oonni garuu jal'inuma isaaniitiin in kufu;” “Namni cubbamaan si'a dhibba hamaa hojjetee bara dheeraa yoo jiraate illee, warri Waaqayyoon sodaachaa fuula isaa dura jiraatan isa caalaa gaariitti akka jiran ani beeka. Namni hamaan garuu Waaqayyoon sodaachaa fuula isaa dura waan hin deddeebineef, bara isaa akka gaaddisaa dheereffachaa hin adeemu.” Fakk.11:5; Lall. 8:12, 13. “Isin beekumsa in jibbitan, sodaa Waaqayyoos hin fo'anne;” “kanaaf isin ija hojii keessanii in nyaattu, wanta akeeka baafattaniinis in wichirooftu.” Fakk.1:29, 30.WG 228.2

    Dhuga baatonni Waaqayyoo warri amanamoon kanneen human isa Waaqayyoon arrabsu “bineensicha isa iddoo lafa jalaa sana keessaa ba'een” ajjeefaman yeroo dheeraaf callisanii hin turre. “Guyyaa sadii fi walakkaa booddee immoo hafuurri jireenya kennu Waaqayyo biraa dhufee, raajota du'an sanatti gale. Isaanis ka'anii dhaabatan; warri isaan argan hundinuu guddaa in sodaatan.” Mul.11:11. Labsiin amantii kiristiyaanaa fi Macaafa Qulqulluu balleessuu yaa’ii Faransaayi irratti kan labsame bara 1793 ture. Waggaa sadii fi walakkaa booda qaamuma labsii kana baaseen labsiin duraa haqamee Macaafni Qulqulluun akka heyyamamuuf murteen darbe. Yakki seera qulqulla’aa mormuu bu’aa inni fide guddaa ta’uu isaa addunyaan argitee rifatte, namoonnis Waaqayyotti amanuun barbaachisaa ta’uu isaa fi sagaleen isaa bu’uura safuu fi amala gaarii ta’uu isaa ni hubatan. Gooftaan akkas jedha: ati eenyuun arrabsite, eenyuttis ga'ifte? Eenyu irratti sagalee kee ol fudhatte, eenyuttis achii ol ija baafte? Isa qulqulluu kan Israa'el irratti kaate mitii ree?’ jedha.” Isa.37:23. “Waaqayyo immoo deebisee, Kunoo, sabni lafa irraa amma irree koo fi aangoo koo akka beekan nan godha; yommus isaan ani Waaqayyo gooftaa akkan ta'e in beeku jedhe.” Erm.16:21.WG 228.3

    Dhuga baatota lamaan ilaalchisee itti dabaluudhaan raajiin akkas jedha: “Yommus raajonni lamaan sun waaqa keessaa sagalee guddaa, As ol kottaa! jedhee isaan waamu tokko in dhaga'an. Isaan duumessa keessa gara waaqaatti ol in ba'an; diinonni isaaniis kana in argan.” Mul.11:12. Erga faransaayi dhuga baatota Waaqayyoo lamaan irratti lola bantee isaan kan duraa caalaa kabajaman. Bara 1804 keessa waldaa Macaafa Qulqulluu Ingilizii fi kan biyya ormaatu hundeefame. Kan faana bu’ee immoo dhaabbatoota kan biro dame bal’aa qabantu ardii Awuroophaa irratti argame. Bara 1816 waldaa Macaafa Qulqulluu Ameriikaatu dhaabbate. Yeroo waldaan Ingilizii hundeefame Macaafni Qulqulluun afaan shantamaan maxxanfamee raabsame. Isaan asitti qooqaa fi afaanota dhibba hedduutti lakkaa’amanitti hiikamaniiru.WG 229.1

    Bara 1792 fuula duraa waggoota shantamaaf ergama wangeelaa biyya ormaatiif xiyyeefannoo xiqootu kennamee ture. Waldooleen Macaafa Qulqulluu haaraan hin hundoofne ture, waldoonni biyya ormootaa keessatti kiristiyaanummaa tamsaasuuf yaalanis muurasa turan. Garuu naannoo dhuma jaarraa kudha saddeetaffaa tti jijjiirama guddaatu ta’e. namoonni bu’aa qorannoo sammuutti hin quufne ture, akkasumas barbaachisummaa mul’ata Waaqayyoo fi amantii qoramee ilaalamee hubataniiru. Yeroo Sanaa jalqabee hojiin ergama wangeelaa biyya ormaa guddina argamee hin beekne argisiise.WG 229.2

    Fooya’iinsi maxxansaa irratti ta’e hojii tatamsa’ina Macaafa Qulqulluuf balbala bane. Biyyoota garagaraa gidduutti meeshaleen quunnamtii guddachuun, dallaan garaagarummaa durii fi biyyaan wal qooduu jiguun isaa, fi phaaphaasonni Roomaa aangoo lafaa gadi dhiisuun isaanii hubannaa sagalee Waaqayyoof karaa bane. Waggoota muraasaaf Macaafni Qulqulluun daandiwwan Roomaa irratti dhowwaa tokko malee gurguramee ture, ammas mulullee (globe) namni irra jiraatu hundatti geefamee jira.WG 229.3

    Voltayeer inni amantii hin qabne yeroo tokko oftuulummaadhaan akkas jedhe: “namoota kudha lamatu amantii kiristiyaanaa hundeesse jedhanii isa namoonni irra deedeebi’anii dubbatan dhaga’uun na nuffisiiseera. Isa garagalchuuf namni tokko ga’aa akka ta’e nan mirkaneessa.” Erga inni du’ee dhaloonni hedduun darbeera. Miliyoonatti kan lakkaa’aman Macaafa Qulqulluu irratti lola bananii turan. Garuu inni hin balleefamne, bakka bara Voltayeer keessa dhibbi tokko ture, amma kuma kudhantu jira, eeyyee, koppii Macaafa Qulqulluu kuma dhibba tokkotu jira. Sagalee haaressaa durii keessatti Waldaa kiristiyaanaa ilaalchisee, “Macaafni Qulqulluun sibiila burrusa baay’ee butuchee dha” kan jedhutu jira. Gooftaanis akkas jedhe: “si balleessuudhaaf mi'i waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin danda'u, dubbii warra firdii duratti si hammeessaniis in busheessita;” Isa. 54:17.WG 229.4

    “Dubbiin Waaqayyo keenyaa garuu bara baraan dhaabatee in hafa.” “Abboommiin isaa hundinuus amansiisaa dha; isaan amanamummaa fi qajeelummaadhaan hojjetaman, yeroo hundumaaf baruma baraan jabaatanii in dhaabatu.” Isa. 40: 8; Faar. 111: 7,8. Wanti kam illee aangoo namaa irratti kan ijaarame in kufa; garuu sagalee Waaqayyoo kattaa isa hin jijjiiramne irratti kan hundeefame barabaraan jabaatee dhaabbata.WG 229.5

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents