Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Wal’aansoo Isa Guddaa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 28—Galmee Jireenyaa Quunnamuu

    Daani’el raajichi akkana jedha: “Mul'ata ani arge keessatti teessonni kaa'amanii, inni bara baay'ee dheeraa jiraate tokko teessoo irra taa'e; uffanni isaa adii calaqqisaa dha, rifeensi mataa isaas akka jirbii hiddamaa in addaata; teessoon isaa akka arraba ibiddaa ti, miilli teessoo isaa inni geengoon akka ibidda boba'uu ti; yaa'aan ibiddaa isa duraa ba'ee in yaa'a; warri kuma kumaatamatti lakkaa'aman isaaf in hojjetu, warri miliyoonii baay'eetti lakkaa'amanis isa dura in dhaabatu; abboonni firdii in taa'an, caaffatoonni duraan caafamanii jiranis in banaman.” Daan 7:9, 10.WG 352.1

    Guyyaa guddaa fi sodaachisaan amallii fi jireenyi nama hundumaa fuula abbaa firdii guutummaa biyya lafaa duratti sakattaa’amee ilaalamuu fi gatiin nama hundumaa “akkaataa hojii isaatti” tokkoo tokkoo namaaf kennamu haala kanaan karaa mul’ataa raajichatti mul’ifame. Inni bara baay’ee dheeraa jiraate Waaqayyoo Abbaa dha. Daawit abbaan faarsaa akkana jedha: “Tulloonni utuu iddoo isaaniitti hin dhalatin lafti, guutummaan biyya lafaas utuu hin argamin, bara baraa jalqabee hamma bara baraatti ati Waaqayyoo dha.” Faar. 90: 2. Maddi uumama lubbuu qabu hundumaa fi burqaan seera hundumaa, akkasumas, Inni teessoo firdii irra taa’u Isa. Ergamoonni qulqulloonni “kuma kumaatamatti, miliyoonii baay'eetti lakkaa'aman” akka tajaajiltootaa fi dhuga baatotaatti dhaddacha kana keessatti argamu.WG 352.2

    “Kunoo, ilma namaa kan fakkaatu duumessoota waaqaatiin dhufuu isaa halkan mul'ataan nan arge; yommus inni gara isa bara baay'ee dheeraa jiraate sanaa dhaqee isa duratti in dhi'eeffame. Warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif, gooftummaan, ulfinni, mootummaan isaaf in kenname; gooftummaan isaa kan hin darbinee dha, inni gooftummaa bara baraa ti; mootummaan isaas isa balleeffamu miti.” Daan 7:13, 14. Dhufaatiin Kiristoos inni iddoo kana irratti caqafame dhufaatii Isaa isa lammaffaa, isa Inni ittiin gara biyya lafaa dhufu miti. Ulfina, mootummaa fi aangoo, isa hojii araarsuu Isaa erga Inni xumuree booda Isaaf kennuuf jiru fudhachuuf jecha gara samii, “Isa bara baay’ee dheeraa jiraatee” bira dhaqe. Yeroo guyyoonni 2300 bara 1844 tti xumuraman dhufa jedhamee raajii keessatti dursee kan dubbatame, isa Yesuus lammaaffaa deebi’ee gara biyya lafaa dhufu osoo hin taane dhufaatii isa kana dha. Angafni lubaa keenya Inni guddaan, tajaajila fayyina isa xumuraa bakka ilmaan namootaa bu’ee hojjetu hojjechuuf jecha hojii sakatta’insa murtii (firdii) hojjechuu fi warra tajaajila Isaa irraa fayadamoo akka ta’aaniif mirgi isaaniif kenname hundumaaf araara buusuuf jecha - ergamoota samiitiin hordofamee iddoo qulqulluu qulqullootaatti (iddo isa hundumaa caalaa qulqulluutti) ol-seenee fuulaa Waaqayyootti dhi’aata.WG 352.3

    Tajaajila isa gaaddidduu sana keessatti, namoota cubbuu isaanii himatanii qalbii jijjirrannaadhaan fuula Waaqayyoo duratti dhi’aatanii fi namoota warra cubbuun isaanii karaa dhiiga horii isa sababa cubbuuf aarfamuu gara mana qulqullummaatti darbe qofatu tajaajila guyyaa araaraa keessatti hirmaata. Kanaaf iyyuu, guyyaa araaraa isa guddaa fi xumuraa sanatti, akkasumas guyyaa sakatta’insa murtii sanattis dhimmoonni ilaalaman dhimma ijoollee Waaqayyoo qofa. Murtiin warra cubbamootaa adda, hojiin isaas adda. Raawwiin isaas booda raawwatama. “Yeroon firdiin kennamu ga'eera; firdiin kunis warra mana Waaqayyoo keessaatti in jalqabama; erga dura nutti in jalqabama ta'ee, dhumni warra wangeela Waaqayyoo amanuu didanii maal haa ta'u ree?” 1Phexfe. 4: 17WG 353.1

    Galmeen samii inni maqaa fi hojiin nama hundumaa irratti caafamu murtii kennuuf gargaara. Raajichi Daani’el akkana jedha: “abboonni firdii in taa'an, caaffatoonni duraan caafamanii jiranis in banaman.” Yohannis abbaan Mul’ataas waa’ee taatee wal-fakkaataa kana itti dabalee yeroo ibsu akkana jedha: “Macaafonni in banaman; macaafni biraa, inni warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman tokkos in baname; warri du'an immoo akka hojii dur hojjetaniitti, akka isa macaafota keessatti caafameettis firdii argatan.” Mul. 20: 12.WG 353.2

    Macaafa jireenyaa keessatti maqaa namoota warra Waaqayyoof hojjetaniitu caafamee jira. Yesuus bartoota Isaatiin akkana jedhe: “Maqaan keessan waaqa irratti waan caafameef, guddisaa gammadaa.” Luq. 10: 20. Phaawulos waa’ee namoota amanamoo warra hojii keessatti hidhata isaa ta’aanii yeroo ibsu, “warra jireenya argachuudhaaf maqaan isaanii macaafa jireenyaa keessatti caafame” jedhee dubbata. Filp. 4: 3. Daani’el gara “guyyaa dhiphinaa isa sanyii isaa takkaa ta’ee hin beknee” yeroo ilaale, ijoolleen Waaqayyoo “warri maqaan isaanii macaaficha keessatti caafame hundinuu adduma addaan” akka isaan jalaa ba'an dubbate. Yohannis abbaan mul’ataa immoo, namoota warra maqaan isaanii “Macaafa hoolichaa isa warri jireenya argachuuf jiran keessatti caafaman” duwwatuu magaalaa Waaqayyootti gala jedhee dubbata. Daan 12:1; Mul. 21: 27.WG 353.3

    Macaafni seenaa waa’ee hojii gaarii “warra Waaqayyoon sodaatanii fi warra maqaa Isaatiif ulfina kennanii” dubbatu fuula Waaqayyoo duratti ni caafame. Mil 3:16. Jechonni amantii isaan dubbatanii fi gochaan jaalalaa isaan agarsiisan samii keessatti galmaa’era. Nahimiyaan “Yaa Waaqayyo ko, wanta kanaaf na yaadadhu; hojii gaarii ani mana qulqullummaaf, eegumsa isaatiifis hojjedhe haxooftee hin balleessin” jedhee kan inni dubbate waa’ee kanaa ture. Nah. 13: 14. Gochaaleen qajeelummaa Macaafa seenaa Waaqayyoo keessatti caafaman hundinuu barabaraan yaadatamu. Achi keessatti, qorumsi mormiidhaan keessumsiifaman hundinuu, hammenyi injifataman hundinuu, jechoonni gara laafinaa fi jaalalaan dubbataman hundinuu amanamummaadhaan caafamanii jiru. Akkasumas aarsaan baafamu hundinuu, dhiphinnii fi gaddi Kiristoosiif jedhamee baatamu hundinuu caafamee jira. Daawit abbaan faarsaa akkana jedha: “Joora koo ati lakkooftee keesseetta, imimmaan koo qodaa safaraa keetti walitti qabi! Isaan dhugumaan macaafa kee keessatti caafamaniiru.” Faar 56:8.WG 353.4

    Galmeen cubbuun namootaa irratti caafamus jira. “Waaqayyo hojii hundumaa, gaarii ta'us hamaa ta'us wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaaf firdii in kenna.” “Namoonni dubbii yaada malee afaan isaanii keessaa ba'e hundumaatti gaafatamanii; guyyaa firdiitti deebii deebisuuf jiru.” Fayisaan akkana jedha: “Dubbii kee hundumaan siif in faradama, dubbii kee hundumaanis sitti in faradama.” Lal. 12: 14; Maat 12:36, 37. Gooftaan “waan dukkana keessa dhokatee jiru ifatti, yaada garaa namaas bakkeetti” waan baasuuf, kaayyoo fi kaka’umsi yaada garaa (onnee) namaa inni dhokataan hundinuu galmee hin dogoggorre irratti ni mul’ata. 1Qor 4:5. “Kunoo…yakki isaanii fi yakki abboota isaanii caafamee na dura jira jedha Waaqayyo.” Isa 65:6, 7.WG 354.1

    Hojiin nama hundumaa Waaqa duratti qoratamee darba. Amanamummaa fi amanamumaa dhabuun hundinuu ni galmaa’a. Galmee samii keessatti, maqaa namoota hundumaa biratti jechoonni dogoggoraan dubbataman hundinuu, gochaan ofittummaadhaan godhaman hundinuu, hojiin hojjetamanii hin xumuramin hafan hundinuu, cubbuun dhokataan fakkeessaa ogummaadhaan qophaa’e hundumaa wajjin dogoggora tokko malee ni galmeeffamu. Akeekkachiisni yookiis ifati samii tuffataman, yeroowwan hojii malee qisaasa’e, carraawwaan gaarii argamanitti hin foyyefamin hafan, dhiibbaan gaarummaadhaafis ta’e hammeenyaaf taasifaman hundinuu bu’aa isaa hundumaa wajjin tartiiba isaa eeggatee ergamaa isa barreessun ni barreeffama.WG 354.2

    Seera Waaqayyoo ulaagaa amallii fi jireenyi namootaa fuula murtii duratti ittiin madaalamudha. Ogeessichi Solomoon akkana jedha: “Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama; xumurri dubbii dhageenye kana hundumaas isa kana. Waaqayyo hojii hundumaa, gaarii ta'us hamaa ta'us wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaaf firdii in kenna.” Lall 12:13, 14. Ergamaan Yaaqob immoo “Akka warra ija seera birmadummaatiin ilaalamanii firdii argattaniitti dubbadhaa, hojjedhaas” (Yaaq. 2: 12) jedhee obboloota isaa gorsa.WG 354.3

    Yeroo firdiin kennamu sana warri “ayyaana argatan” du’aa ka’uu tolootaa keessaa qooda qabaatu. Yesuus akkana jedhe: “Bara biyya isa dhufuu keessa jiraachuudhaaf, du'aa ka'uudhaafis, warri ayyaana argatan garuu, hin fuudhan, hin heerumanis. Du'aa erga ka'anii deebi'anii du'uu hin danda'an, ergamoota Waaqayyoo fakkaatanii, warra du'aa ka'an waan ta'aniifis ijoollee Waaqayyoo ta'u malee.” Luq 20:35, 36. Itti dabalees “Isaan awwaala keessaa in ba ‘u, warri waan gaarii hojjetan jireenya argachuudhaaf in ka'u” jedhee dubbate. Yoh. 5: 29. Qulqulloonni du’anii jiran, hanga yeroon murtii ga’ee “du’aa ka’uu jireenyaa” keessaa qooda qabaachuun isaaniif murtaa’utti du’aa hin ka’an. kana waan ta’eef, yeroo galmeen isaanii qoratamee dhimmi isaanii murtii argatu dhaddacha samii duratti qaaman hin argaman.WG 354.4

    Yesuus abukaattoo isaanii ta’ee Waaqa fuul-duratti argamee isaaniif kadhata. “Yaa ijoollee ko, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan caafa; namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna, innis Yesus Kiristoos isa qajeelaa dha.” 1Yoh. 2: 1. “Kiristoos iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu, harkaan ijaarame fakkaattii isa dhugaa sanatti gale miti inni bantii waaqaatti iddoo itti amma Waaqayyo duratti nuuf mul'atutti gale.” “Kana irraa kan ka’ es, inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhi'aatan hamma dhumaatti fayyisuu in danda'a.” Ibr. 9: 24; 7: 25.WG 354.5

    Yeroo macaafonni caafamanii jiran teessoo firdii duratti banaman, seenaan jireenya warra Yesuusitti amananii jiranii fuula Waaqayyoo duratti dhi’aatanii qoratamu. Abukaattoon keenya, warra jalqabaa kaasanii biyya lafa irra jiraatanii darbanii kaasee hanga dhaloota dhufee darbe hundumaatti dhimma namoota hundumaa dhi’eessa, kan warra lubbuudhaan jiraniitiin Xumura. Maqaan nama hundumaa waamamee dhimmi nama sanas gadi fageenyaan qoratama. Maqaan warra kaanii ni fudhatama, kan warra kaanii immoo ni gatama. Namoonni cubbuu isaanii himatanii qalbii hin jijjirratin, warri cubbuun isaanii galmee irraatti hafe hundinuu, maqaan isaanii galmee jireenyaa keessaa haqama, hojii gaarii isaan hojjetan hundinuus galmee seenaa Waaqayyoo keessaa balleeffama. Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe: “Isa na duratti cubbuu hojjete duwwaa macaafa koo keessaa nan balleessa.” S/Ba’u. 32: 33. Raajichi Hisqeelis akkana jedha: “Namni qajeelaan immoo qajeelina isaa irraa deebi'ee wanta qajeelaa hin ta'in yoo hojjete, wanta ciiggaasisaa isa namni jal'aan hojjetes yoo godhe… Inni amanamummaa dhabee waan yakkeef, cubbuu hojjete sanaan du'a malee, qajeelina inni hojjete sana keessaa tokko illee hin yaadatamuuf.” His. 18: 24.WG 355.1

    Warra dhugaadhaan qalbii isaanii jijjiratani fi dhiigni Kiristoosii dhiifamuu cubbuu isaaniitiif aarsaa ta’uu isaa amantiidhaan kan fudhatan hundumaaf, milikkinni dhiifamaa galmee waaqarraa irratti, maqaa isaanii cinatti ni godhamaaf. Yeroo isaan qajeelummaa Kiristoos keessaa hirmaattuu ta’ani fi yeroo amalli isaanii seera Waaqayyoo wajjin kan wal-sime ta’ee argamu, cubbuun isaanii ni balleeffama. Jireenya barabaraatiifis kan malan ni ta’u. Waaqayyo Gooftaan karaa Isaayyas raajichaa akkana jedhee dubbata: “Ana, anumatu ofuma kootiif jedhee, irra-daddarbaa kee siif balleessa; cubbuu kees deebi'ee hin yaadadhu.” Isa. 43: 25. Yesuus immoo akkana jedhe: “Nama mo'utti akkasuma uffata adiitu uffifama; ani maqaa isaa macaafa jireenyaa, isa warri jireenya argachuuf jiran keessatti caafaman keessaa hin balleessu; abbaa koo duratti, ergamoota isaa durattis maqaa isaa waamee kan koo ta'uu isaa nan beeksisa.” “Eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa ba'ee yoo mul'ise, anis abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti dhugaa nan ba'aaf. Eenyu illee namoota duratti yoo na gane garuu, anis immoo abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti isa nan gana” jedhe. Mul. 3: 5; Maat 10:32, 33.WG 355.2

    Garuu murtii dhaddacha lafaa keessatti ta’u irratti fedhiin gad fagoon namoota gidduutti mul’atu fedhii isa yeroo maqaan namootaa inni macaafa jireenyaa keessatti galmaa’ee ture fuula abbaa murtii guutummaa lafaatti dhi’aatu mul’atuu bakka hin bu’u. Waaqni Inni araarsaa ta’e, namoonni dhiigaa Isaatti amananii mo’icha agatan hundinuu dhiifamuu cubbuu argatanii mana isaanii Eedenitti akka deebi’anii fi Kiristoosii wajjin dhaaltota ta’anii gonfamanii “qoroo durii” akka fudhataniif isaaniif kadhata. Mik. 4: 8. Seexanni sanyii namaa gowwomsuu fi qoruuf dhama’insa geggeessuun isaa, kaayyoo Waaqayyo uumamuu namaa keessatti kaayyesse karaatti hambisuu yaadeti. Kiristoos garuu amma, akka wanta dhalli namaa takkaa hin kufneetti kaayyoon sun galma akka ga’uuf kadhata. Akka sabni Isaa dhiifamuu cubbuu fi qajeelummaa, akkasumas guutuummaa fi hiri’ina dhabuu argataniif qofa osoo hin taane, akka isaan ulfina Isaa keessaa hirmaatanii teessoo Isaa irra ta’aniif isaaniif kadhata.WG 355.3

    Yeroo Yesuus warra ayyaana Isaa fudhatan hundumaaf kadhatu, seexanni immoo seera Waaqayyoo irra daddarbaniiru jedhee fuula Waaqayyoo duratti isaan hammeessa. Gowwomsituu guddichi kun, akka isaan shakkitoota ta’aniif, akka isaan Waaqayyo irratti amanannaa dhabaniif, jaalala Waaqayyoottii gargar isaan baasuu fi seera Isaa akka isaan cabsan gochuuf dhama’eera. Amma gara galmee jireenya isaaniitti, gara mudaa amala isaaniitti, gara garaagarummaa isa isaanii fi Kiristoos gidduu ijaajjee fayisaa ulfina dhowwatee fi gara cubbuu isa ittiin isaan qoree hundumaatti quba qabee akka wanta isaan kan isaa ta’aniitti falmata.WG 355.4

    Yesuus cubbuu isaanii hin dhiisu, garuu gaabbii fi amantii isaanii agarsiisee araara isaaniif kadhata. Abbaa isaa fi ergamoota durattis harka Isaa isa madaa’e ol-fuudhee agarsiisee, “Ani maqaadhanan isaan beeka. Barruu harka koo irrattis isa qirixeera” jedhee dubbata. “Hafuurri yaada cabaa aarsaa Waaqayyo biratti fudhatamuu dha, yaa Waaqayyo, ati garaa cabaadhaa fi bullaa'aa hin tuffattu!” Faar. 51: 17. Hammeessituu saba Isaatiin immoo “Waaqayyo si haa ifatu Seexana nana! Waaqayyo inni Yerusaalemin fo'ate si haa ifatu! Namichi kun akka mukukkula ibidda boba'aa jiru keessaa butamee ti mitii ree jedha.” Zakk. 3: 2. Warra Isaaf amanaman hundumaa “Waldaas xurii fi dirmammuun, wanti kana fakkatuus utuu irratti hin argaman fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee, ulfinaan” Abbaa Isaa dura dhaabuuf jecha qajeelummaa (tola) Isaa isaanitti uwwisa. Efe. 5: 27. Maqaan isaanii macaafa jireenyaa keessatti galmaa’ee hafa. Waa’ee isaanii ilaalchisee “Warri kun uffata adii uffatanii anaa wajjin deddeebi'uuf jiru, isaan kanaaf warra malanii dha” jedhamee caafameera. Mul. 3: 4.WG 356.1

    Abdiin kakuu haaraa guutummaa guutuuutti fiixaan ba’uun isaa akkasitti hubatama. “Ani yakka isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis deebi'ee isaanitti hin lakkaa'u.” “Bara sanatti, yeroo sanattis yakki Israa'elii fi cubbuun Yihudaa in qoratama; garuu warran hambise hundumaaf yakka isaanii waanan dhiiseef, tokko illee isaan irratti hin argamu; ani Waaqayyo kana dubbadheera.” Erm. 31: 34; Er. 50: 20. “Yommus wanti Waaqayyo lafa irratti biqilchu miidhagaadhaa fi ulfina-qabeessa in ta'a; iji muka lafa irratti biqiluus saba Israa'el keessaa warra hafaniif of jajuudhaaf, ulfinaaf in ta'a; warri Xiyoon keessatti hafanii Yerusaalem keessa turan, maqaan isaanii warra Yerusaalem keessa jiraatan keessatti kan caafame hundinuus qulqulloota in jedhamu.” Isa 4:2, 3.WG 356.2

    Hojiin sakatta’insa murtii fi balleefamuu (haqamuu) cubbuu dhufaatii Gooftaa isa lammaaffaa dura raawwatama. Namoonni du’anii jiran wanta macaafa keessatti caafamee jiruun murtii argatu sababa ta’eef, cubbuun namootaa hanga gaafa dhimmi isaanii sakattaa’amee murtii fudhataniitti balleeffamuu hin danda’u. Ergamaan Pheexiroos garuu yeroo cubbuun amantootaa balleeffamuu yoom akka ta’e adda baasee dubbateera. “Waaqayyo yeroo itti hafuurri keessan haareffamu akka isiniif fiduuf, Yesuus Masiihicha, isa duraan dursee isiniif qopheessee tures, akka isiniif erguuf deebi'aa!” H/Erg. 3: 19, 20. Yeroo hojiin sakatta’insa firdii cufamu, Yesuus ni dhufa, gatiin Inni akkaataa hojii isaaniitti namoota hundumaaf kennus Isaa wajjin jira.WG 356.3

    Tajaajila isa gaaddidduu keessatti, angafni lubaa erga saba Israa’eliif araaraa buusee booda gara fuul-duraatti ba’ee waldaa Israa’eliin eebbisa. Akkuma kana, Kiristoosis, hojii araarsuu Isaa yeroo xumuru, saba Isaa warra Isa eeggachaa jiran eebba jireenya barabaatiin eebbisuuf jecha “waa'ee cubbuuf utuu hin ta'in, warra dhimmanii dhufa isaa eeggatan fayyisuudhaaf” in mul’ata. Ibr 9:28. Akkuma lubni mana qulqullummaa cubbuuttii qulleessu jecha cubbuu namoota Israa’el hundumaa beeksisee mataa korbeessa Reettii isa gadi dhiifamu irratti dabarsu, Yesuusis cubbuu kana hundumaa mataa seexana isa madda jalqabbii cubbuu ta’ee fi isa cubbuu babal’ise irra kaa’a. Korbeessi Reettii inni gadi dhiifamu, cubbuu saba Israa’eliin baatee gara “lafa onnaatti” ergamee gadi dhiifama. Lew 16:22. Akkuma kana, seexanni cubbuu saba Waaqayyoo hojjechisee hundumaa baatee biyya lafaa ishee onaa fi duwwaa taatu irratti waggaa kuma tokkoof hidhama. Xumura irratti, ibidda isa cubbamoota mara gubee balleessuu keessatti adaba cubbuu hundumaa guutummaa guutuuttii fudhata. Yeroo cubbuun si’a xumuraa duguugamee badu fi yeroo furamuun warra cubbuu dhiisuudhaaf fedha qabanii raawwatamu, karoorri fayinaa inni guddichi xumura argata.WG 356.4

    Hojiin sakatta’insa firdii fi haqamuun cubbuu, guyyaa murtiidhaaf adda baafamee ka’ameetti-xumura guyyoota 2300, bara 1844 tti jalqabe. Warri maqaa Kiristoosiin of-irratti fudhatan hundinuu qorannoo jabaa sana keessa darbuu qabu. Namoonni lubbuudhaan jiranis ta’e warri du’anii jiran hundinuu “akka hojii dur hojjetaniitti, akka isa macaafota keessatti caafameetti” firdii argatu. Mul 20:12.WG 357.1

    Cubbuun irratti qalbii hin jijjiratamnee fi dhiifamee irraa hin deebi’amne dhiifama hin argatu, galmee irraas haqamee hin balleeffamu. Gaafa guyyaan Waaqayyoo ga’u cubbamaa irratti dhuga baatuu ta’ee dhi’aata. Inni hojii hamminaa isaa ifa guyyaa keessatti yookiis dukkana halkanii keessatti hojjete ta’a; haa ta’u iyyuu malee, isaan fuula Waaqayyoo duratti mul’ataa fi ifaa dha. Ergamoonni Waaqayyoo cubbuu hojjetaman tokkoo tokkoo isheef dhuga baatota, galmee hin dogoggorre irratti katabaniiru. Cubbuun abbaa, haadha, haadha manaa, ijoollee fi hiriyoota jalaa dhokfamuu, haalamuu, fi aguugamee ukkamsamuu ni dandaa’a ta’a; namtichuma cubbuu hojjete sana malee namni kam iyyuu waa’ee balleessaa sanaa shakkii xiqqoo ishee illee qabaachuu dhiisuu dandaa’a. Haa ta’u iyyuu malee cubbuun hojjetame sun fuula hayyoota samii duratti qullaa isaa dhaabbata. Dukkanaa’ummaan dukkana halkanii fi gowwomsaan ogummaa dhokataatiin qophaa’ee kam iyyuu, yaada tokkoo ishee illee beekumsa Waaqa barabaraa jalaa dhoksuuf ga’umsa hin qabu. Waaqayyo gochaa jal’aa fi hojii haqa qabeessa hin taane hundumaaf galmee sirriitti galmaa’e qaba. Inni bifa amantii uffatanii (nama amantii fakkaatanii) dhi’aachuu namootaatiin hin gowwomfamu. Amala namaa miijanee ilaaluttis hin dogoggoru. Namoonni warra yaadni gaaraa isaanii xuraa’aa ta’een gowwomfamuu danda’u ta’a; Waaqayyo garuu haguuggii keessoo jireenya namaa haguugee jiru hundama uree yaada garaa namaa dubbisa.WG 357.2

    Yaadichi hammam ulfaataadha? Guyyoonni guyyaadhaa gara guyyaatti dhufanii gara jireenya bara baraatti darban hundinuu ba’a hojiiwwan hojjetaman hundumaa galmee samii irratti galmeessuu baatanii jiru. Dubbiiwwaan takkaa dubbataman, gochawwaan takkaa godhaman deebi’anii hin yaadataman. Ergamoonni Waaqayyoo isa gaariis ta’e isa hamaa galmeessaniiru. Injifataa jabaan biyya lafaa kana galmee guyyaa tokkoo illee duubatti deebi’ee yaadachuu hin danda’u. Hojiin keenya, jechoonni nuti dubbannu, kaka’umsi yaada garaa keenyaa inni dhokaatan illee, galmi (xumurri) keenya boo’ichaa fi gammachuu keessaa garam akka ta’u murteessuu keessatti ga’ee guddaa qabu. Yoo nuti isaan irraanfanne illee, walaba nu baasuufis ta’e nutti farachiisuuf dhuga ba’insa isaanii qabatanii hafu.WG 357.3

    Akkuma boca fuulaa isaanii ogeessa fakkii kaasuun dogoggora tokko malee fakkiin kaafamu, amallis akkuma kana amanamummaadhaan galmee olii irratti ibsamee kaa’ama. Haa ta’u iyyuu malee, waa’een galmee isa ija jiraattota samii duratti ilaalamu kanaa xiyyeeffannoo xiqqaatiin attamitti ilaalama. Golgaan addunyaa mul’ataa fi addunyaa hin mul’anne gargar baasee jiru utuu banamuu danda’e, akkasumas, utuu ilmaan namootaa yeroo dubbannaan isaanii fi hojiin isaanii inni isaan guyyaa firdiitti irra deebi’anii qunnamuuf jiran, yeroo inni karaa ergamoota samii tokko tokkoon katabamu arganii, silaa jechoota guyyaadhaa gara guyyaatti dubbataman hammamiituu utuu hin dubbatamin hafa ture, hojiwwaan guyyaadhaa gara guyyaatti hojjetaman hammamiituus utuu hin hojjetamin hafa ture.WG 357.4

    Murtiin keessatti makiliitiin hojii irra oolfame hundinuu ni sakatta’ama. Qabeenya samiin nuuf liqeessetti akkamitti maayii baane? Gooftaan yeroo deebi’ee dhufu qabeenya Isaa bu’aa wajjin ni fudhataa? Humna Waaqayyo harka keenya keessa, sammuu fi onnee keenya keessa kaa’e ulfina Waaqayyoo fi eebba addunyaa keenyaaf oolchuuf jecha fooyyeesineerraa? Yeroo keenya, qalama keenya, sagalee keenya, maallaqaa keenya, dhiibbaa geessisuu keenyaatti akkamitti maayii baane. Warra dadhabootaa, warra dhibamoo, warra haadhaa fi abbaa hin qabnee fi dubartoota abbaa mana irraa du’ee gargaaruuf jecha Kiristoosiif maal goone? Waaqayyo kuusaa sagalee Isaa isa qulqullaa’aa nu godheera. Namoonni fayinaaf ogeessota akka ta’aniif ifaa fi dhugaa nuuf kennameen maal hojjenne? Jaalala hojiidhaan agarsiifamu qofatu jaalala dhugaa jedhamee lakkaa’ama malee, afaanuma qofaadhaan Kiristoositti nan amana jechuun bu’aa namaaf hin argamsiisu. Ta’us garuu, fuula samii duratti hojii kam iyyuu bu’a qabeessa kan taasisu jaalala qofa. Hammam illee ija namaa duratti xiqqaa fakkaatee yoo mul’ate, hojiin jaalalaan hojjetame kam iyyuu Waaqayyoo duratti ni fudhatama, ni badhaafamas.WG 358.1

    Ofittummaan namaa inni dhokataan galmee samii irratti ifaa ta’ee mul’ata. Hojii namoonni obboloota isaaniif gochuu utuu qabanii garuu utuu hin raawwatin hafan fi utuu Fayisan isaan irra barbaaduu dirqamni isaan utuu hin hojjetin dagatanii dhiisan galmaa’ee jira. Achitti yeroo, yaadaa, fi jabina Kiristoosiif oolfamuu utuu qabanii yerooo baay’ee irra dedeebi’amee seexanaaf akka kennaman ni argu. Galmee ergamoonni gara samiitti geessan baay’ee gaddisiisaa dha. Namoonni hayyoonni fi warri akka duuka buutota Kiristoositti of-lakkaa’an, badhaadhummaa biyya lafaa horachuu fi gammachuu lafaatiin of-gammachisuuf fiiguu keessatti liqimfamaniiru. Maallaqni, yeroonii fi jabinni (humni) isaanii mataa isaanii agarsiisuu fi of-qananiisuu irratti aarsaa taasifama. Kadhannaa, qorannaa Macaafa Qulqulluu fi gadi of-deebisanii qalbii jijjirrannaadhaaf yeroon fudhatamu garuu baay’ee muraasa.WG 358.2

    Sammuun namootaa hojii akka gaariitti irratti xiyyefatamuu qabu irratti akka hin hidhamne gochuuf jecha, seexanni tooftaa lakkoofsa hin qabne kalaqa. Gowwomsituun guddichi, dhugawwaan gurguddoo aarsaa isa araara argamsiisuu fi waa’ee araarsaa isa guddichaa bakkeetti baasanii agarsiisan in jibba. Inni sammuu namootaa Yesuusii fi dhugaa Isaa irraa jal’isuu irratti wanti hundumtuu akka hundaa’u ni beeka.WG 358.3

    Warri bu’aa hojii araarsuu fayisaa keessaa hirmaachuu barbaadan hundinuu, hojii sodaa Waaqayyootiin gara qulqullummaa guutuutti isaan geessuu gidduu wanti kam illee akka seenu heyyamuu hin qaban. Yeroowwan gati jabeeyyiin hundinuu, qooda gammachuu foonii, of-agarsiisuu fi bu’aa biyya lafaa barbaacha irratti balleeffaman, qayabannaa Macaafa Qulqulluu onnee keessaa maddee fi kadhannaadhaan taasifamu irratti dabarfamuu qabu. Sabni Waaqayyoo waa’ee dhimma mana qulqullummaa fi sakatta’insa firdii sirritti hubachuu qabu. Hundumtuu iddoo fi hojii angafa lubaa isaanii isa guddichaa ilaalchisees beekumsa dhuunfaa isaanii qabaachuun in barbaachisa. Yoo kana ta’uudhaa baate, amantii yeroo kanaaf barbaachisaa ta’ee shaakaluu yookiis gita (iddoo) Waaqayyoo isaaniif karoorse irra dhaabbatanii argamuu hin dandaa’an. Namni hundinuu lubbuu fayiisu yookiis balleessu qaba. Namni hundinuu teessoo firdii Waaqayyoo duraa dhimma rarra’ee hin xumuramin jiru qaba. Namni hundinuu abbaa firdii Isa guddichaa wajjin fuulaa fuulatti wal- arguu qaba. Kanaaf iyyuu, waa’ee yeroo isa murtiin (firdiin) itti ilaalamuu fi macaafonni banamanii, waa’ee guyyaa dhumaa isa namni hundinuu hiree isaa isa dhumaa fudhachuuf Daani’elii wajjin ijaajjuu irra deddeebi’anii yaaduu hammam barbaachisaa dha.WG 358.4

    Namoonni mata dureewwan kana irratti ifa argatan hundinuu dhugaa guddicha Waaqayyo isaanitti kenne kanaaf dhuga ba’umsa kennuu qabu. Manni qulqullummaa samii hojii Kiristoos ilmaan namaa bakka bu’ee hojjetuuf iddoo giddu galeessa olaanaa dha. Inni namoota biyya lafa irra jiran mara ilaallata. Inni gara xumura yerootti nu fidee wallansoo qajeelummaa fi cubbuu gidduu jiru keessatti mo’icha argamuuf jiru nutti mul’isuudhaan waa’ee karoora fayinaa nuuf ibsa. Abdii mata durewwan kana keessa jiru baruu kan barbaadan hundumaaf deebii kennuu akka dandaa’anitti, namoonni hundinuu waa’ee mata dureewwan kana sirritti qoratanii beekuun barbaachisummaa guddaa qaba.WG 359.1

    Hojiin araarsuu Kiristos mana qulqullummaa samii keessatti ilmaan namootaa bakka bu’ee hojjechaa jiru akkuma isa du’a fannoo irraa karoora fayinaa keessatti barbaachisaadha. Inni hojii isa erga du’aa ka’ee booda xumuruuf jedhe gara samiitti ol-ba’e sana du’a isaatiin jalqabe. Nutis golgaa sana keessa, “Iddoo Yesuus… dura adeemee nuuf lixe” sana amantiidhaan seenuu qabna. Ibr 6:20. Achiitti ifni fannoo Qaraaniyoo ni calaqqisa. Achitti waa’ee iccita fayinaa hubannaa ifaa ta’e argachuu dandeenya. Fayinni ilmaan namaa aarsaa samii isa tilmaamamuu hin dandeenyeen raawwatame; aarsaan baafame gaaffii bal’aa seerri Waaqayyoo inni cabe gaafatuu wajjin wal-qixa. Yesuus daandii gara teessoo Abbaatti geessu baneera, karaa hojii araarsuu Yesuusin fedhiin dhugaa warra amantiidhaan gara Isaa dhufanii Waaqa duratti dhi’aachuu ni dandaa’a.WG 359.2

    “Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata.” Fakk. 28: 13. Warri irra-dadarba isaanii dhoksanii fi cubbuu isaaniif sababa Kennan, hammam akka seexanni isaanitti gammadu, hammamis waa’ee hojii isaaniif jecha Kiristoosii fi ergamoota qulqulloota akka inni arrabsu utuu arganii, silaa jarjartiidhaan qalbii isaanii jijjirratanii cubbuu isaaniittii deebi’u turan. Seexanni mudaa amalaa namaa keessa jirutti fayyadamee sammuu namaa guutummaa guututti to’annaa isaa jala galfachuuf hojjeta. Mudaawwan amalaa kun yoo kunuunfaman fiixaan ba’umsa akka argatuus ni beeka. Sababa kanaa ta’eef, yaadni injifannoo argachuu hin dandeenyu jedhu duuka buutota Kiristoositti dhagaa’amee akka isaan gowwomfaman gochuuf jecha gowwomsaa isaa isa ajjeessaa walitti fufinsaan diriirsa. Yesuus garuu harka Isaa isa madaa’ee fi dhagna Isaa isa buruqe agarsiisee isaaniif kadhata; warra Isa duuka bu’an hundumaanis: “Ayyaanni koo si ga’a” isaaniin jedha. 2 Qor 12:9. “Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. Waanjoon koo nama hin dhibu, ba'aan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha.” Maat 11: 29, 30. Kanaaf iyyuu namni kam illee akka wanta mudaan amala isaatii fayyuu hin dandeenyetti isatti hin dhagaa’amin. Waaqayyo ayyanaa fi amantii ittiin mo’an namaaf kenna.WG 359.3

    Nuti ammaa yeroo araaraa isa guddaa keessa jiraachaa jirra. Tajaajila isa gaaddidduu keessatti, yeroo anagafni lubaa saba Israa’eliif araaraa buusuu, namni hundinuu saba isaa keessaa muramee akka hin balleeffamnetti, lubbuu isaa dhiphisee Waaqayyo duratti gadi-of-deebisuudhaan qalbii isaa jijjirachuu qaba. Haaluma wal-fakkatuun, warri maqaan isaanii galmee jireenyaa irratti qusatamee akka hafu barbaadan hundinuu, yeroottii araaraa ishee muraasa haftee jirtu kana keessatti, waa’ee cubbuu isaaniif gaddanii qalbii jijjirrannaa dhugaa taasisaa fuula Waaqayyoo duratti dabarsuu qabu. Sakatta’insi onnee gadi fageenyaa fi amanamummaadhaan geggeefamu jiraachuu qaba. Hafurri waa salphisaanii ilaaluu fi dhimma dhabdummaa (yeroo balleessuu) jireenya Kiristiyaanota hedduu keessatti qanansiifamee jiruu dhiifamuu qaba. Namoota amala jal’aa jireenya isaanii bituuf (mo’achuuf) warraaqu injifachuu barbaadan hundumaa dura lola hadhaa’atu diriiree jira. Hojiin qophaa’ummaa hojii dhuunfaa dha. kan nuti fayyinu gareedhaan miti. Qullaa’ummaa fi mataa ofii Waaqayyoof kennuun nama isa tokkoo, qullaa’ummaa dhabuu fi mataa ofii Waaqayyoof kennuu diduu nama isa kan biraaf wabii hin ta’u. Sabni hundinuu fuula firdii Waaqayyoo duratti kan dhi’aatu yoo ta’e illee, Waaqayyo akka wanta namni kan biraan lafa kana irra hin jirreetti dhimma nama hundumaa tokko tokkoon gadi fageessee sakatta’a. Namni hundinuu qoratamee ilaalamee mudaa yookiis dirmammuu yookiis wantooti akkanaa kan irra hin jirre ta’ee argamu qaba.WG 359.4

    Hojiin cufamuu araaraa wajjin wal-qabatee jiru ulfina qabeessa. Bu’aan isa keessaa argamus barbaachisaa fi kan hin irranfatamne dha. Yeroo ammaa kana firdiin mana qulqullummaa isa samii keessatti kennamaa jira. Hojiin kun waggoota hedduudhaaf hojjetamaa ture. Gara kan warra lubbuudhaan jiraniitti hammam ariifatee yeroo dhihootti akka darbu namni kam iyyuu hin beeku. Jireenyi keenya fuula Waaqa Isa sodaachisaa duratti ni ilaalama. Yeroo kam irra iyyuu caalaa yeroo kana gorsa fayisaa dhaggeeffachuun faayidaa guddaa qaba: “Akeekkadhaa, dammaqaas! Yerichi sun yoom akka ga'u hin beektan.” Maar. 13: 33. “…. Yoo dammaqaa ta'uu dhaabaatte garuu, ani akka hattuun dhuftutti nan dhufa, yeroo ani sitti dhufus matumaa hin beektu!” Mul. 3: 3.WG 360.1

    Hojiin sakatta’insa murtii yeroo cufamu xumurri nama hundumaa jireenya yookiin du’a keessaa tokkotti murta’a. Yeroon araaraa utuu Gooftaan duumesa samiitiin hin dhufin yeroo xiqqoo ishee fuul-dura cufama. Kiristoos Macaafa mul’ataa keessatti, gara guyyaa sana fuul-duratti achi ilaalee akkana jedhee dubbate: “Inni waan jal'aa hojjetu, jal'aadhuma isaa haa hojjetu; inni xuraa'aan, ittumaa of haa xureessu; inni waan qajeelaa hojjetu, qajeelaadhuma isaa haa hojjetu; inni Waaqayyoof qulqullaa'e, isumaaf haa qulqullaa’u! Kunoo, ani dafee nan dhufa, gatii isa ani adduma addaan akka hojii isaatiitti namaaf kennus fidee nan dhufa.” Mul 22:11, 12.WG 360.2

    Warri qajeelonnis ta’e warri jal’onni amma iyyuu foon isaaniitiin lafa kana irra jiraachaa jiru — Hundi isaanii iyyuu murtiin xumuraa inni jijjirama hin qabne mana qulqullummaa samii keessatti akka labsame utuu quba hin qabaatin, namoonni amma illee biqilaa dhaabuu fi mana ijaaru, nyaachuu fi dhuguutti jiru. Bishaan badiisaa fuul-dura, yeroo Nohi bidiruutti seene, Waaqayyo Nohin bidiruu keessatti hambisee, warra Waaqa-maleeyyii immoo bidiruun alatti ittisee balbala isaanitti cufe. Haa ta’u iyyuu malee, namoonni sun badiisni isaanii akka murtaa’e utuu hin beekin, guyyaa torba guutuu jireenya dhimma dhabdummaa jiraachuu, jireenya gammachuu keessa ba’aatti gammaduu jiraachuu, fi akeekkachiisa waa’ee firdii dhufaa jiruu ilaalchisee kennametti ga’isuu itti fufan. “Kanaaf iyyuu bara dhufa ilma namaattis akkasuma in ta'a! jedhee Fayisaan dubbate. Maat 24:39. Yeroon baay’ee murteessa ta’e, kan dhumni jireenya nama hundumaa eessa akka ta’e murteessuu fi kennaan araara Waaqayyoo inni amma cubbamootaaf kennamee jiru kan inni itti cufamu, callisee utuu namni tokko hin beekin akka hattuu halkan walakkaatti dhufa.WG 360.3

    “Egaa dammaqaa! Yeroo isin quba hin qabaatinitti yoo dhufe, utuu isin rafaa jirtanii akka isin hin argannetti.” Maar 13:35, 36. Haalli warra dammaqanii eeguu dadhabanii gara biyya lafaa ishee nama hawwattuutti deebi’anii sodaachisaa dha. Utuu warri daldaltoonni bu’aa argachuuf jecha olii fi gadi kaatanii, utuu warri gammachuu keessa ba’aa jaallatan fedha isaanii guuttachuuf fiiganii, utuu shamarreen baranee (faashinnii) jaallattu faayaa miidhaginaatiin of kuultuu — tarii yeroo akkanaatti abbaan firdii guutummaa biyya lafaa kanaa “miijana irra kaa'amtee, hir'uu taatee argamte” jedhee murtii dabarsa ta’a. Dan. 5: 27.WG 360.4

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents