Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Wal’aansoo Isa Guddaa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 29—Madda Hamminaa

    Akkaataa cubbuu itti jalqabee fi sababii jiraachuu isaatii yaaduun sammuu namoota baay’eetiif madda bita galummaa guddaati. Hojii hammeenyaa, bu’aa isaa isa bo’ichaa fi badiisaan guutamee wajjiin yeroo argan, akkamitti wantootni kun hundinuu aangoo Waaqa Isa ogummaan Isaa, humnii Isaa fi jaalalli Isaa daangaa hin qabne jala jiraachuu danda’a jedhanii gaafatu. Icciti isaan ibsa isaa argachuu dadhaban isa kana dha. Shakkii fi mirkaneefachuu dadhabuu isaanii irraa kan ka’e dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti ifa ta’e mul’átee fi fayyina isaaniif barbaachisaa ta’e akka hin hubannetti iji isaanii jaame. Waa’ee jiraachuu cubbuu ilaalchisee gaaffii dhi’aatu keessatti, namoonni wanta Waaqayyo hin mul’isin sakkatta’uuf dhamaa’an jiru; waan kana ta’eef haala rakkisaa isaan mudateef furmaata hin argatan; warri shakkiidhaan mo’aman kun sagalee barreefama qulqulla’aa fudhachuu diduu isaaniitiif shakkii isaanii sababeefatu. Kaan isaanii garuu, waa’ee rakkoo hojii hammeenyaa isa guddaa hubannaa ga’aa waan hin qabneef waa’ee amala Waaqayyoo, waa’ee maalummaa mootummaa Isaa fi adeemsa cubbuu keessatti waan inni godhu ilaalchisee aadaa fi hiikkaan dogoggoraa barsiisa Macaafa Qulqulluu isaan duraa dhokateera.WG 361.1

    Sababa jiraachuu cubbuu ibsuun kan danda’amu yoo ta’e illee, madda (ka’umsa) isaa ibsuun hin dandaa’amu. Haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyo tarkaanfii cubbuu dhabamsiisuuf fudhate hundumaa keessatti haqa qabeessaa fi gaarii ta’uu Isaa guutummaatti mul’isuuf, ka’umsa fi xumura cubbuu ga’aatti hubachuun ni dandaa’ama. Cubbuun uumamuu isaatiif Waaqayyo karaa kamiin illee kan itti hin gaaftamne ta’uu Isaa, ayyana Waaqayyoo dhiisuudhaaf sababni kan hin jirre ta’uu isaa fi mootummaa Waaqayyoo keessa fincilaaf ka’umsa kan ta’u hanqinni tokko illee kan hin jirre ta’uu isaa irra caalaa wanti Macaafa Qulqulluu keessatti barsiifame hin jiru. Jiraachuu isaatiif sababni kennamuu tokko illee waan hin jirreef cubbuun loote-seentuudha. Waa’een isaa dhoksaadha, ibsamuus kan hin dandeenyeedha; isaaf sababa kennuun isaaf faccisuudha. Jiraachuu cubbuuf sababa kennuun yoo dandaa’ame yookiin ka’umsi isaa yoo bira ga’amee cubbuu ta’uun isaa ni hafa. Cubbuudhaaf hiikkaa nuti qabnu tokkichi isa Macaafa Qulqulluu keessatti kennamee dha: “Cubbuun seera irra daddarbuudha.” Inni, seera jaalalaa isa guddichaa, isa hundee (bu’uura) mootummaa Waaqayyoo ta’ee wajjin qajeelfama wal-loluu dha.WG 361.2

    Cubbuun utuu hin seenin fuul-dura Yuunivarsii guutummaa keessa gammachuu fi nagaatu ture. Uumamni hundinuu fedha uumaa wajjin walii galtee guutuu qabu turan. Waaqayyoon jaallachuun hunda irra kan caalu ture, jaalalli walii isaa gidduu jirus loogii of keessaa hin qabu ture. Kiristoos Inni sagalee ta’e, ilmi Waaqayyoo inni tokkichi, Abbaa Isa isa barabaraa wajjin uumamaan, amalaa fi kayyoodhaan tokko ture. Guutummaa Yuunivarsii keessa uumamni tokkichi kaayyoo fi maree Waaqayyoo keessa seenuu danda’u Isa qofa. Abbaan karaa Kiristoosin macca (uumama) samii mara uume. “Wanti waaqa keessa jiruu…warri teessota irra taa'anii fi warri mootummaa qaban, warri bantii waaqaa keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaatanutn isaan uumaman; wanti hundinuu karaa isaa uumame, isaafis uumame.” (Qol. 1: 16); Samii hundinuu wal-qixxummaatti Abbaa fi Kiristoosiif amanamummaadhaan bitamu.WG 362.1

    Seerri jaalalaa bu’uraa (hundee) mootummaa Waaqayyoo ta’uu isaa irraan kan ka’e, gammachuun uumama hundumaa qajeelfama qajeelummaa seerichaa wajjin walii galtee guutuu isaan qaban irratti kan hundaa’e ture. Waaqayyo uumama Isaa hundumaa irraa tajaajila jaalalaa — abboomamuu beekumsa gad-fagootiin amala Isaa dinqisiifachuu irraa madde isaan irraa fedha. Inni abboomamuu dirqama keessaa dhufutti hin gammadu, tajaajila fedha irratti hundaa’e akka isaaf kennaniif hundumaaf filannoo biliisaa kenne.WG 362.2

    Haa ta’u iyyuu malee mirga (bilisummaa) kana jallisuu kan barbaade uumama tokkotu ture. Cubbuun uumama isa sadarkaadhaan Kiristoositti aanuu, isa hunda caalaa Waaqayyo biratti kabajamee fi isa jiraattota samii gidduutti humnaa fi ulfinaan gararraa ta’een jalqabame. Luusifer Kuufaatii isaa fuul-duraa qulqulluu, xuraa’ummaa tokko kan hin qabnee fi Kiruubeloota warra teessoo Waaqayyoo golgan keessaa isa jalqabaa ture. “Ati fakkeenya guutummaa ti, ogummaadhaa fi miidhagummaadhaan guutteetta. Ati iddoo dhaabaa Waaqayyoo isa Eden jiru keessa turte; dhagoonni gati-jabeeyyiin hundinuu, si miidhagsu turan; … Ani akka Kiruub eegduu isa dibamaatti sin dhaabe, ati tulluu koo isa qulqullaa'aa irra in teesse, ati dhagaa ibiddaa gidduus in deddeebita turte; ati gaafa uumamtee jalqabdee, hamma jal'inni si irratti argamutti, adeemsa keetti mudaa hin qabdu turte.” Hisq 28:12-15.WG 362.3

    Luusifer macca ergamoota samii biratti jaallatamaa fi kabajamaa ta’ee, humna isaa isa olaanaas eebba warra kaanii fi ulfina uumaa isaa irra oolchuu ni danda’a ture. Garuu Raajichi akkana jedhe: “Sababii miidhagummaa keetiif garaan kee in koore, sababii simboo keetiifis ogummaa kee in balleessite.” Lakk 17. Luusifer suuta suuta fedha ol of qabuutiin guutame. “Ati Waaqayyo isa ogeessa waan of seetuuf.” “Ati garaa kee keessatti, ‘Ani gara bantiiwwan waaqaatti ol nan ba'a, urjoota Waaqayyoo gararraas teessoo koo nan dhaabbadha, tulluu iddoo walga'ii isa dhuma gara bitaa jiru irras nan taa'a; duumessoota ol fagoo irratti ol nan ba'a, isa hundumaa gararraa jiruttis of nan fakkeessa’ in jette.” Lakk 6; Isa 14: 13, 14. Qooda uumama fuul-duratti olaantummaa Waaqayyoo agarsiisuuf dhama’u ergamoota irraa kabajaa fi tajaajila fudhachuu barbaade. Angafni ergamootaa kun, ulfina isa Abbaa Ilma Isaatiif kennetti hinaafuu irraan kan ka’e, aboo Kiristoos qofaaf kenname harka isaa keessa galfachuu barbaade.WG 362.4

    Samiin hundinuu ulfina uumaa isaanii calaqisisuu fi galata Isaa labsuutti kan gammaddan turan. Yeroo Waaqayyo haala kanaan ulfeefamaa(kabajamaa) ture uumamni hundinuu nagaa fi gammachuu qabu turan. Amma garuu walii galtee samii kan faalu walitti bu’insi ni mudate. Mataa ofii tajajiluu fi ol of qabuun inni faallaa karoora Waaqayyoo ta’e sammuu ulfina Waaqayyootiif olaantummaa yookaan dursa kennaa turan keessatti hammeenya jibbisisaa dadammaqse. Manni maree samii Luusiferiin ni kadhatan. Ilmi Waaqayyoo waa’ee guddina, gaarummaa fi haqummaa uumaa, akkasumas, waa’ee qulqullummaa fi amala seera Isaa isa hin jijjiramnee fuula Luusiferiitti dhi’eesse. Waaqayyo ofiidhuma Isaatii toora samii dhaabe; Luusifer garuu isa irraa goruudhaan uumaa isaa ulfina dhowwatee ofii isaattis kufaatii fide. Haa ta’u iyyuu malee akeekkachiisi jaalalaa fi araaraa gad-fageenyaan kenname, hafuura fincilaa isa keessatti kakaase. Luusifer hinaaffaan Kiristoos akka isatti jabaatu heyyamee isa duraa caalaa murteefannaadhaan adeeme.WG 363.1

    Ulfina ofii isaatiin kooruun isaa keessa ture fedha olaantummaa isaa keessatti babal’ise. Ulfinni olaanaan Luusifer irra ka’ame akka kennaa Waaqayyotti hin ilaalamne ture, ulfina addaa isaaf kenname kanaafis uumaa isaas hin jajanne ture. Miidhagina isaa isa calaqqisaa fi guddina isaatti hirkachuudhaan Waaqayyoo wajjin wal-qixxee ta’uu barbaade. Macca samii biratti jaallatamaa fi kabajamaa ture. Ergamoonni wanta inni isaan ajaje hojjechuutti ni gammadu turan, inni hunda isaanii irra caalaa ogummaa fi ulfina uffatee ture. Haa ta’u iyyuu malee, Ilma Waaqayyoo aango qabeessa samii, isa humnaa fi aboodhaan Abbaa wal-qixxee ta’uun isaa beekameedha. Kiristoos maree Waaqayyoo hunda isaa keessatti qooda kan fudhatu yeroo ta’u, Luusifer garuu kaayyoo Waaqayyoo keessa seenuun isaaf hin heyyamamu ture. Ergamaan guddichi kun “Maaliif” jedhee gaafate. “Kiristoos olaantummaa argachuu qabaa? Maaliif Kiristoos Luusifer gararratti ulfina argate?”WG 363.2

    Luusifer iddoo isaa isa teessoo Waaqayyootti aanuu gad-dhiisee hafuura waan qabanitti quufuu dadhabuu (na ga’a jechuu dhiisuu) ergamoota gidduutti facaasuuf adeeme. Yeroodhaaf akka wanta Waaqayyoof hojjetuutti eenyummaa isaa isa dhugaa haguugee kaayyoo isaa isa dhokataa bifa iccitaatiin adeemsisaa, seerri Waaqayyoo dhorkaa barbaachisaa hin taanee uumama irra kaa’ee kan jiru ta’uu isaa ergamootaaf raggaasisee, seericha isa uumama samii to’atu irratti gammachuu akka isaan hin qabaannee gochuuf dhama’e. Erga uumamni isaanii qulqulluu ta’ee ergamoonni yaada mataa isaanii duukaa bu’uu ni danda’u jedhee dubbate. Waaqayyo ulfina guddaa Kiristoosiif kennuu Isaatiin gochaa haqa maleessa isa irratti akka hojjete ergamootaaf ibsuudhaan, akka ergamoonni isaaf gaddan gochuuf yaalii geggeesse. Aangoo fi ulfina guddaa argachuuf hawwuun isaa mataa isa ol of qabuuf osoo hin taane, jiraattota samii hundumaaf bilisummaa guutuu argamsiisee akka isaan jireenya sadarkaan isaa olaana ta’e jiraatan gochuuf kan kaayyeefate ta’uu isaa isaanitti dubbate.WG 363.3

    Waaqayya araara Isaa isa guddaadhaan Luusiferiif baay’ee obse. Yeroo jalqabaa hafuura na ga’a jechuu dadhabuutti gad-of- dhiiseettis taanan yeroo ergamoota Waaqayyoo warra amanamoo fuul-duratti falmii (himata) sobaa dhiheesse, battaluma sanatti gita isaa isa olaana irraa gad-hin buufamne. Yeroo dheeraadhaaf samii keessatti qusatamee jiraate. Gadi of deebiisee mataa isaa yoo kennee fi qalbii isaa yoo jijjirratee dhiifamni kan isaaf kennamu ta’uu isaa irra deddeebi’amee isatti himame. Dhama’insi jaalalla fi ogummaa dhuma hin qabnen taasifamaa ture hundinuu dogoggora isaa isa hubachiisuuf ture. Hafuurri waan qabanitti quufuu dadhabuu (na ga’a jechuu dhiisuu) kanaan dura samii keessatti hin beekamu ture. Luusifer mataan isaa iyyuu gara jalqabaa sarara gad-dhiisee ba’aa akka ture hin hubane; maalummaa miira isatti dhagaa’amaa tures sirritti adda hin baafne ture. Haa ta’u iyyuu malee, gita isaaf kennametti quufuu dadhabuu isaatiif sababii kennamu tokko illee kan hin jirre ta’uun isaa yeroo mirkanaa’e, Luusifer kan dogoggore ta’uu isaa, wanti Waaqayyo dubbate hundinuu qajeelaa ta’uu isaa fi macca samii fuul-duratti dhugaa kanaaf beekamtii kennu akka qabu hubatee ture. Inni utuu kana godheera ta’e, silaa mataa isa fi ergamoota danuu badiisa oolche ture. Luusifer yeroo kana amanamummaa Waaqayyoof qabaachaa ture guutummaa guutuutti hin dhiifne ture. Akka Kiruubeel isa teessoo Waaqayyoo golguutti gita hojii isa irra hojjechaa ture kan gad-dhiise yoo ta’e illee, ogummaa Waaqayyootiif beekamtii kennee, karoora Waaqayyoo isa guddaa keessatti gita isaaf kenname irra hojjechuu fi gara Waaqayyotti deebi’uudhaaf fedha qabaateera osoo ta’ee, silaa waajjira (ga’ee hojii) isaatti ni deebi’a ture. Haa ta’u iyyuu malee koormaan akka inni dabarsee ofii isaa hin kennineef isa daangesse. Qalbii jijjirannaa kan isa hin barbaachifne ta’uu isaa murteefatee, laafina tokko malee daandii isaaf faccisa dhiheessu itti fufe. Haala kanaan uumaa isaa irratti lola adeemsisuuf jecha wallansoo isa guddicha keessa guutummaa guutuutti of galche.WG 363.4

    Ergamoonni ajaja isaa jala turan martinu akka isaaf gaddan (o’aan) gochuuf jecha dandeetti sammuu isaatii hundumaa jallisee hojii gowwomsaa irra oolche. Gorsii fi akeekachiisni Yesuus Kiristoosin isaaf kennaman hundinuu illee saxaxa gantummaa isaa fiixaan baasuuf hojii irra olfaman. Warra amanamummaa fi jaalala baay’eetiin isatti dhihaatan hundumaatti, akka wanta dogoggoraan isatti murtaa’etti, akka wanta taayitaan isaa isaaf hin kabajamnee fi bilisummaan isaa jalaa sarbametti fakkeessee dhiheese. Jiraattota samii fuul-duratti isa salphisuuf karoorsee Ilma Waaqayyoo sobaan himachuudhaan sagalee Kiristoosiin gar-malee dhiheessuu irraa gara dubbii micciruu fi kallattiidhaan sobuutti ce’e. Isaa fi ergamoota warra amanamoo gidduuttis soba dubbachuu barbaade. Warra guutummaa guutuutti garagalchee ofii isaa duukaa buusuu dadhabe immoo, waa’ee fedha jiraattota samii dhimmaa hin qaban jedhee hammeesse. Hojii hammeenyaa isa ofii isaatii hojjechaa ture hunda ofii isaa irra dabarsee warra Waaqayyoof amanamanii hafuu fo’atan irra kaa’e. Himata isa “Waaqayyo Waaqa haqa qabeessa miti” jedhee eegale sana itti fufsiisuuf jecha, gochaa uumaa fi sagalee Isaa bifa dogoggoraatin dhiheessuu fo’ate. Waa’ee kaayyoo Waaqayyoo ilaalchise yaada (falmii) haxxumaadhaan xaxaman dhiheessee ergamoota burjaajessuun himamata isaa ture. Wanta baay’ee salphaa ta’a iccita godhee haguugee dhiheessaa ture, sagalee Jihoovaa isa ifaa ogummaadhaan haqaaqee mul’suudhaan shakkii keessa buuse. Taayitaan isaa inni guddaani bulchiinsa Waaqayyoo wajjin walitti dhiheenya guddaa qabu, hojii gowwomsaa isaa keessatti humna guddaa waan isaaf kenneef, baay’onni Luusiferii wajjin gamtaa uumanii aboo samii irratti fincila adeemsisuuf ni hawwataman.WG 364.1

    Hafuurri na ga’a jechuu dadhabuu isaa bilchaatee hanga inni gara fincila siyyaasaatti jijjiramutti, Waaqni ogeessi akka seexannii hojii isaa itti fufee hojjetuuf heyyame. Amallii fi kallattin kaayyoo isaatii inni dhugaan hundumatti akka mul’atuuf jecha karoorri seexanaa guutummaa guutuutti dagaagee mul’achuun barbaachisaa ture. Luusifer, akka Kiruubeel isa dibamaatti, ulfinaaan ol-qabamee ture; inni macca samii biratti baay’ee kan jaallatamee fi dhiibbaa jabaa kan godhu ture. Mootummaa Waaqayyoo keessatti kan haammataman jiraattota samii qofa osoo hin taane, addunyaa Waaqayyo uume mara dha. Seexanni, ergamoota samii of-duukaa buusee fincila irratti hirmaachisuu yoon danda’e, addunyaa warra kan biroos salphaatti of-duukaa hirirsisuu nan danda’a jedhee yaade. Warra kiyyoo isaa keessa galfachuudhaaf irratti xiyyeeffate booji’uuf akka isaaf mijatuuf jecha, abshaalummaa fi gowwomsaatti fayyadamee gaaffii isaa ogummaadhaan dhiheessaa ture. Hojii gowwomsaa hojjechuuf humni inni qabu baay’ee guddaa ture. Waaroo (kaabbaa) gowwomsaa uffatee wallaalchifachuudhaan faayidaa (bu’aa) guddaa argate. Ergamoonni warri amanamoon illee amala isaa isa dhugaa sirriitti hin hubanne, yookiin hojiin isaas garamitti akka isa geessu hin argine turan.WG 364.2

    Seexanni ulfina baay’ee guddaa qaba ture, hojiin isaa hundinuus dhoksaadhaan kan haguugame (iccita) sababa ta’eef, waa’ee amala hojii isaatii isa dhugaa ergamootatti mul’isuun ulfaataa ture. Hanga guutummaatti dagagee guddatuutti, cubbuun waan hamaa ta’ee hin mul’atu. Cubbuun kanaan dura Yuunivarsii keessa hin turre sababa ta’ef, qulqulloonni waa’ee amala isaa fi badiisa inni qaqqabsiisuu hin beekan turan. Seera Waaqayyoo tuffatanii of-duubatti gatuun bu’aa hadhaa’aa akkamii akka inni hordofsiisu sirritti hin hubanne. Seexanni gara jalqabaa, akka wanta Waaqayyoof amanamaa jiruu fakkeessee hojjechaa ture. Akka wanta ulfina Waaqayyoo beeksisuu fi mootummaan Waaqayyoo jabaatee akka inni dhaabbatuu gochuuf hojjechaa jiruutti, akka wanta gaarummaa jiraattota samii mirkaneessuuf socho’aa jiruutti labse. Sammuu ergamoota hoggantummaa isa jala jirani keessatti hafuura waan qabanitti quufuu (na ga’a jechuu) dadhabuu facaasaa, akka wanta hafuura waan qabaniitti quufuu (na ga’a jechuu) dadhabuu dhabamsiisuuf hojjechaa jiruutti haxxummaadhaan of-dhoksee deddeebi’aa ture. Tooraa fi Seeraa mootummaa Waaqayyoo keessatti jijjirama gochuun barbaachisaa ta’uu isaa ilaalchise yeroo gorsa kenne, gochaa kana hojii irra oolchuun walii galtee samii keessa jiru iddootti eeguuf barabaachisaa jedhee yaada kennuudhaan gowwomsaa jala of dhoksee dhihaate.WG 365.1

    Morkii cubbuu wajjin adeemsifamu keessatti, Waaqayyo qajeelummaa fi dhugaa qofatti dhimma ba’a. Seexanni immoo gowwomsaa fi wallaalchisa isa Waaqayyo itti hin fayyadamnetti dhimma ba’a. Waaqayyo jiraattota samiitiif seeraa fi heera dirirsuun Isaa qajeelaa akka hin taanee fi uumamni akka Isaaf abboomamaanii fi mataa isaanii dabarsanii Isaaf kennan gaafachuun Isaa mataa Isaa ol of qabuu giddu galeessa kan godhate ta’uu isaa dubbachuudhaan, sagalee Waaqayyootti soba uffisuu fi kayyoo mootummaa Waaqayyoo fuula ergamootaa duratti haqaaqee mul’isuuf dhama’e. kanaaf iyyuu, mootummaan Waaqayyoo mootummaa qajeelaa ta’uun isaa, seerri Isaas mudaa kan hin qabne fi qulqulluu ta’uun isaa, macca samii fi guutummaa Yuunivarsii fuul-duratti agarsiifamuu qaba. Seexanni mataan isaa iyyuu akka wanta nageenya guutummaa Yuunivarsii kabachiisuuf dhamaa’aa tureetti fakkeessaadhaan ofii isaa dhiyeessaa ture. Amalli fi kaayyoon uumama isa aangoo isaaf hin malle humnaan fudhachuuf dhama’aa ture kanaa uumama hundumaa biratti sirritti beekamuu qaba. Hojii isaa isa hamaa hojjetee eenyummaa isaa isa dhugaa hanga mul’isuutti yeroo argachuu qaba ture.WG 365.2

    Lolli fi jeequmsi samii keessatti uumamuun isaa sababii hojii hamminaa isaatiif ta’ee osoo jiruu, Seexanni garuu maddi yookaan ka’umsi lolaa fi jeequmsaa “Seeraa fi mootummaa Waaqayyoo dha” jedhee hadheessee dhiyeesse. Hammeenyi hundinuu bu’aa bulchinsaa Waaqayyoo ta’uu isaa labse. Seera Waaqayyoo fooyyeessuun kaayyoo isa akka ta’e dubbate. Kanaaf iyyuu, amalli falmii isaatii maal akka ta’ee fi akkamitti seera Waaqayyoo jijjiruu akka yaade hojjetee argisiisuun barbaachisaa ture. Hojiidhumti harka isaatii isatti farachiisuu qaba. Seexanni jalqabuma irraa kaasee fincila geggeessaa kan hin turre ta’uu isaa dubbachaa ture. Yuunivarsii guutummaan hojii gowwomsituu guddicha kana irraa waaroon (kaabbaan) fuudhamee yookiin bakkeetti saaxilamee arguu qabu.WG 365.3

    Kanaan booda samii keessa turuu akka inni hin dandeenye yeroo murtaa’etti illee, Waaqni Inni ogummaan Isaa daangaa hin qabne seexana hin balleessine. Tajaajilli Waaqa biratti fudhatama qabu tajaajila onnee jaalalaa keessaa madde qofa waan ta’eef, uumamni hundinuu Waaqayyoof tole jedhanii bitamuun isaanii haqa qabeessummaa fi arjummaa Isaa amananii fudhachudhaan ta’uu qaba. Jiraattotni samii fi addunyaa kan biroo, waa’ee amala yookaan bu’aa cubbuu ilaalchisee hubannaa ga’aa qabaachuudhaaf qophaa’oo hin turree waan ta’aniif, utuu yeroo sana seexanni balleeffameeraa ta’e, silaa araaraa fi haqa qabeessummaa Waaqayyo utuu hin argin hafu turan. Utuu inni battaluma sana dhabamsiifameera ta’ee, silaa jaalalaan osoo hin taane sodaadhaan Waaqayyoof hojjetu turan. Dhibbaan gowwomsituu guddicha kanaa fi hafurri fincilaa guutummaa guutuutti badu hin danda’u ture. Hammeenyi hanga bilchaatee bakkeetti ba’ee mul’atuutti heyyama argachuu qaba. Baraa dhuma hin qabneef guutummaa Yuunivarsiif gaarummaan akka ta’utti, himati inni mootummaa Waaqayyoo irratti dhiyeesse uumama hundumaa biratti ifa sirrii ta’een akka hubatamuutti, qajeelummaa fi araarri, akkasumas, seerri Isaa inni barabaraan jiraatu gaaffii kam irraa illee bilisa akka ta’utti, seexanni qajeelfama isaa gabbifachuutu irra jira.WG 366.1

    Fincilli seexanaa baroota gara fuul-duraatti dhufan hundumaa keessatti Yuunivarsii guutummaaf barumsa, akkasumas maalummaa fi bu’aa cubbuu isa hadhaa’atiif dhuga baatuu dhaabbataa ta’uu qaba. Qajeelfamni hojii seexanaa, bu’aan isaa ilmaan namootaa fi ergamoota irraatti hojii irra ooluun aangoo Waaqayyoo of duubatti gatanii dhiisuun bu’aa akkamii akka inni qabu agarsiisa. Nageenyi Uumama inni uume hundumtuu jiraachuu mootummaa Waaqayyoo fi seera isaa wajjin walitti hidhamee akka jiru dhugaa ba’a. Akkasitti seenaan fincilaa inni hamaan qulqulloota hundumaaf eegumsa barabaraa akka ta’u, waa’ee amala cubbuu ilaalchisee akka isaan hin gowwomfamneef isaan eeguuf, cubbuu hojjechuu fi adaba sababa cubbuutiif dhufuun dhiphachuu irraa isaan oolchuuf eeyyamame.WG 366.2

    Hanga gaafa wallansoo inni samii keessatti geggeeffamaa ture gara xumuraatti dhufutti, gowwomsituu inni giddichi qajeelaa ta’uu isaa falmachaa ture. Duuka buutota isaa wajjin iddoo gammachuu sana keessaa akka ari’amaniif yeroo labsame, hogganaan finciltootaa kun mul’inatti seera Waaqayyoo kan jibbu ta’uu isaa beeksisuu eegale. Ergamoonni to’atamuu akka hin barbaachifne, garuu fedha mataa isaanii isa karaa qajeelaa irra isaan geggeessuu duukaa bu’uu akka qaban irra deebi’ee falme. Seerri Waaqayyoo seera bilisummaa uumamaa sarbudha jedhee balaalefachuudhaan seera Waaqayyoo dhabamsiisuun kaayyoo isaa akka ta’e dubbachuudhaan, macci samii dhorkaa kana jalaa biliisomuudhaan jireenya ulfina qabeessaa fi olaanaa ta’etti galuu jedhee dubbate.WG 366.3

    Seexanni fi macci isaa utuu hin ifatamne taane tasa hin fincillu turre jechuudhaan yaada tokkoon ceephoo fincila isaanii hundumaa Kiristoos irra kaa’an. Akkasitti amanamummaa dhabuu isaanii keessatti mata jabootaa fi finciltoota ta’uudhaan akkasumaan mootummaa Waaqayyoo irratti fonqolcha geggeessuun barbaadan, akka waan balleessaa malee humna abbaa hirree jalatti hacuucamaa jiranitti himachuudhaan Waaqayyoon arrabsanii angafni finciltootaa fi duuka buutotni isaa xumura irratti samii keessaa darbataman.WG 366.4

    Har’as biyya lafaa kana irratti fincila geggeessaa kan jiru hafuurichuma isa samii irratti fincila kaasedha. Seexanni imaammata wal-fakkaataa ergamoota irratti hojii irra oolche ilmaan namoota irrattis hojii irra oolchaa jira. Amma hafuurri isaa ijoollee hin abbomamne irratti mo’ee jira. Isaan akkuma isaa dhorkaa seera Waaqayyootiin ka’ame cabsuu barbaadu, namootas seera Waaqayyoo cabsanii bilisummaan akka argamuutti abdachiisu. Cubbuu ifachuun amma illee hafuura jibbaa fi mormii kakaasa. Yeroo ergaan akeekkachisaa Waaqa biraa gara sammuu isaanii dhufu, seexanni immoo akka isaan akka nama cubbuu hin qabneetti of isaanii lakka’anii fi akka isaan daandii cubbuu isa irra adeemaa jiran irratti namoota isaan deggeran barbaadan isaan taasisa. Qooda dogoggora isaanii sirreeffachuu, akka wanta namni isaan sirreesuuf dhama’insa gochaa jiru sun madda rakkina isaanii ta’eetti, namicha irratti aariidhaan dubbatu. Bara Abeel nama qajeelaa sanaa kaasee hanga bara keenyaatti hafuura wal-fakkataa akkanaatu namoota cubbuu ifatan irratti calaqqisiifamaa jira.WG 366.5

    Seexanni, akkuma samii irratti amala Waaqayyoo maqsee mul’isee fi Waaqayyoon Waaqa gara-jabeessaa fi hacuuccaa (abbaa hirree) fakkeessee agarsiisetti ilmaan namootaa cubbuutti galche. Erga hanga kana milkaa’ee booda immoo, kufaatiin ilmaan namoota sababii Waaqayyo dhorkaa haqa-maleessa kaa’eef uumame jedhee labse. Itti dabalees, isuma mataa isaayyuu gara fincilaatti kan geggeessee dhorka haqa - maleessa Waaqayyoon diriirfame ta’uu isaa dubbate.WG 367.1

    Garuu Waaqni Inni barabaraan jiraatu waa’ee amala Isaa ilaalchisee akkana jedhee labseera:“Gooftichi achumaan Musee dura darbee sagalee isaa dhageessisee, “Ani Waaqayyo gooftichi, Waaqayyo isa oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa; aariitti suuta-jedhaa dha; gaarummaan koo fi amanamummaan koo guddaa dha. Ani gaarummaa koo dhaloota kumaatamaaf jabeessee kanan eeguu dha; yakka, irra-daddarbaa, cubbuus namaaf nan dhiisa; haa ta'u iyyuu malee, isa yakkaa utuun hin adabin hin dhiisu.” —S/ Ba’uu 34:6, 7.WG 367.2

    Waaqayyo samii keessaa seexana arii’uu Isaatiin, qajeelummaa isaa labsee (ulfina teessoo Isaatii iddoo kabachiise.(iddoo ulfina teessoo isaatii kabachise.) Yeroo namni gowwomsaa hafuura gantuu kanatti harka kennee cubbuu hojjete garuu, Waaqayyoo akka Inni sanyii cubbuutti kufee kanaaf du’uuf Ilma Isaa dabarsee kennuudhaan ragaa jaalala Isaa mul’ise.WG 367.3

    Karaa aarsaa isa ilmaan namoota Waaqatti araarsuuf jecha fannoo irratti baafamee jaalalli Waaqayyoo ni mul’ate. Falmiin fannoo inni humna qabeessi, mootummaan Waaqayyoo karaa kamiin iyyuu dandii cubbuu isa Luusifer fo’ateef itti gaafatamummaa kan hin fudhannee ta’uu isaa guutummaa Yuunivarsiitiif adeesse ibse (mirkaneesse).WG 367.4

    Yeroo tajaajila fayyisaa isa biyya lafaa lolli Yesuusii fi seexana gidduutti adeemsifamaa ture amalli gowwomsituu isa guddicha kanaa bakkeetti saaxilame. Lola hamaa (gara-jabeessa) inni fayisaa biyya lafaa irratti geggeesse irra caalaa, wanti onnee ergamoota samii fi Yuunivarsii amanamoo hundumaa keessaa seexana hundeetti buqqaasee baasuu danda’u hin jiru. Akka Kiristoos isaaf sagaduu fedhuun isaa fi ija jabinaan naaf sagadi jedhee dubbachuudhaan Waaqayyoon arrabsuun isaa, saalfii tokko malee roggee gaaraa fi bantii Mana Qulqulluu irratti Yesuusin ol-baasuun isaa, bantii Mana Qulqullummaa irraa akka Inni gad-of-darbatu gochuuf haxxummaadhaan yaalii gochuun isaa, kiyyootti Isa galchuuf jecha iddoodhaa gara iddootti Isa adamsuun isaa, luboonnii fi namoonni jaalala Isaa balfanii fudhatama akka dhabsiisani fi xumura irratti immoo: “fannisi! fannisi!” jedhanii akka isaan iyyan gochuun isaa — Yuunivarsii hundumaa ni raajefachiise, ni aarses.WG 367.5

    Akka biyyi lafaa Kiristoosiin hin fudhanne kan godhe seexana. Araarrii fi jaalalli fayisaa, garummaa fi gara laafinni Isaa, biyya lafaatti amala Waaqayyoo kan mul’isu ta’uu isaa yeroo arge, angafni hamminaa sun Yesuusin balleessuuf humnaa fi haxxummaa isaa mara hojii irra oolche. Seexanni dubbii Ilmi Waaqayyoo dubbatu hundumaan mormuudhaan jireenyi fayisaa keenyaas gaddaa fi gidiraadhaan akka inni guutamu gochuuf ilmaan namoota bakka buutota isaa godhatee maayii itti ba’e. Haxxummaa fi sabni inni ittiin hojii Yesusiin duubatti harkisuu barbaade, jibbi guddaan inni karaa warra hin abboomamnee m ul’ate, himati (hadheessaan) gara-jabinaa inni Isa jireenyi Isaa fakkeenya gaarummaa qabu sana irratti dhiyaate hundinuu fedhii haaloo ba’uu isa onnee isaa keessa riphee ture keessaa kan madde dha. Utuu macci samii hundinuu miiraa suukanneessaa keessaa ta’anii callisuu guddaadhaan ilaalanii, ibiddi hinaaffaa fi hammeenyaa, akkasumas, kan jibbaa fi haaloo ba’uu Qaraaniyoo irratti Kiristoos irratti boba’e.WG 367.6

    Yeroo aarsaa inni guddichi raawwatame Kiristoos gara samiitti ol-ba’e. Hanga gaafa “Yaa Abbaa, isaan Ati anaaf kennite kun iddoon ofii jiraadhu haa jiraataniif, ulfina isa Ati biyyi lafaa utuu hin uumamin waan na jaallatteef Anaaf laattees haa arganiif nan fedha!” jedhee kadhata Isaa dhi’eessutti sagada ergamootaa fudhachuu ni dide. Yoh 17:24. Akkuma Inni kadhata Isaa fuula Abbaa duratti dhiheessee xumureen, deebiin: “Ergamoonni Waaqayyoo hundinuu Isaaf haa sagadan” jedhu humnaa fi jaalala ibsamuun hin dandeenyee teessoo Abbaa biraa ni dhufe. Ibr 1:6. Mudaan tokko illee Yesuus irratti hin argamne. Leeyyoon Isaa ni raawwatame, aarsaan Isaa fiixaan ba’e, maqaan maqoota hundumaa irra caaluus isaaf ni kenname.WG 368.1

    Amma yakki seexanaa sababa kan hin qabne ta’uun isaa ni mul’ate. Sobduu fi ajjeessaa akka ta’e amala isaa isa dhugaa mul’ise. Utuu jiraattota samii akka to’atuuf eeyyamni isaaf kennameera ta’ee, silaa hafuura fi imaammata ilmaan namoota warra humna isaa jala jiran ittiin bulchaa jiru sana hojii irra akka oolchu ni mul’ate. Seera Waaqayyoo cabsuun bilisummaa fi ufina olaanaa fida jedhee dubbatee ture; haa ta’u iyyuu malee, bu’aan isaa garbummaa fi salphina kan fidu ta’uun isaa ni argame.WG 368.2

    Waa’ee amala Waaqayyoo fi mootummaa Isaa ilaalchisee himatni (hadheessaan) sobaa seexanaan dhiyaatan hundinuu ifa sirrii ta’een bakkeetti ba’ee mul’ate. Uumaan utuu ofii isaatii of ganuu hin shaakalinii fi aarsaa of hin godhin warra kaan irraa of ganuu yeroo gaafatuu fi uumama isaa irraa abboomamuu fi isaaf bitamuu yeroo gaafatu mataa isaa qofa ol of qabuu barbaaduu isaati jedhee Waaqayyoon hammeessee ture. Amma garuu fayyina sanyii kufee cubbuudhaan manca’eef jecha, geggeessaan Yuunivarsii aarsaa guddaa jaalalli qofti gochuu danda’u raawwachuun Isaa ni mul’ate; “Waaqayyo …. Kara Kiristoos biyya lafaa ofitti araarse…” 2 Qor 5:19. Itti dabalees, yeroo Luusifer dharraa ulfinaa fi olaantummaa argachuudhaan oofamee cubbuun akka seenuuf balbalaa baneetti, Kiristoos immoo cubbuu balleesuuf jecha gad-of-deebisee hanga du’aatti abboomamuun Isaa ni mul’ate.WG 368.3

    Waaqayyo qajeelfama fincilaa akka jibbu mul’iseera. Firdii seexanatti kennamee fi fayina ilmaan namootaaf godhame keessatti, samiin hundinuu qajeelummaa Waaqayyoo arganiiru. Luusifer, Seerri Waaqayyoo kan hin jijjiramne fi adaba isaa jalaa ba’uun kan hin dandaa’amne yoo ta’e, yakkamaan hundinuu barabaraan ayyanaa Waaqayyoon ala ta’uu qaba jedhee dubbatee ture. Sanyiin namaa inni cubbuutti kufe dangaa fayinaa keessaa ba’eera waan ta’eef, isaan seeraan qabiyyee kooti jedhee falmate. Haa ta’u iyyuu malee duuti Kiristoos ilmaan namootaa bakka bu’ee du’e falmii injifatamuu hin dandeenye seexanatti ta’e. Adabni seeraa Yesuus Isa Waaqayyoo wajjin wal-qixxee ta’e irratti kufe. Namni tola Kiristoosiin fudhachuudhaaf, akkasumas, akkuma Kiristoos mo’icha argate karaa gad-of-deebisuu fi qalbii jijjirachuu humna seexanaa irratti moi’cha gonfachuudhaaf bilisummaa argate. Akkasitti Waaqayyo qajeelaa ta’uun isaa fi warra Yesusitti amananis qajeeltota akka godhu beekame.WG 368.4

    Kiristos gara biyya lafaa dhufee kan inni dhiphatee fi kan inni du’e fayyina ilmaan namootaa fiixaan baasuuf qofa miti. “Seera Isaa guddaadhaa fi ulfina-qabeessa” gochuudhaaf dhufe. Isa 42:21. Jiraattotni biyya lafaa seera Waaqayyootiif kabaja barbaachisaa akka kenna gochuuf qofa osoo hin taane, seerri Waaqayyo kan hin jijjiramne ta’uu isaa guutummaa biyya lafaatti agarsiisuudhaafi. Utuu wanti seericha keessatti caafamee dhiifamuu (hafuu) ni dandaa’a ta’ee, silaa, Ilmi Waaqayyoo yakka seericha irra daddarbuudhaan hojjetameef araara buusuuf jecha lubbuu Isaa dabarsee kennuu hin barbaachisu ture. Duuti Ilma Waaqayyoo seerichi seera barabaraa ta’uu isaa raggasisa. Aarsaa Abbaa fi Ilmi jaalala Waaqumaatiin giddisifamanii fayyina ilmaan namootaaf baasan, karoora araaraa (fayinaa) kanaa gadi kan ta’e wanti dhiifamuu cubbuutiif dhiyaachuu danda’u tokko illee kan hin jirre ta’uu isaa fi qajeelummaa fi araarri hundee mootummaa fi seera Waaqayyoo ta’uu isaa guutummaa Yuunivarsiitti agarsiisa.WG 369.1

    Yeroo firdii inni xumuraa kennamu cubbuudhaaf sababiin kennamu tokko illee akka hin jirre ni argama. Abbaan firdii guutummaa biyya lafaa kanaa: “Maaliif Ana irratti fincila geggeesite? Maaliif lubbuu bittaa koo jala jiran na saamtee?” jedhee yeroo Inni seexana gaafatu, hamajajiin inni cubbuu maddisise deebii kennu hin qabu. Arrabni hundinuu sochii isaa dhaaba, finciltootni hundinuus waan dubbatan dhabu.WG 369.2

    Fannoon Qaraaniyoo, seerri Waaqayyoo seera barabaraa ta’uu isaa hubachiisuu bira darbee, gatiin (beenyaan) cubbuu du’a ta’uu isaa guutummaa Yuunivarsiitti beeksisa. “Raawwatameera” kan jedhu sagaleen iyya araarsuu fayisaa keessaan sagaleen shaakura (bilbila) du’a seexanaa ni dhagaa’ame. Wallansoon guddichi inni waggoota dheeraadhaaf geggeefamaa ture ni murtaa’e, hammenyis guutumaa guuututti duguugamee kan badu ta’uun isaa ni mirkanaa’e. Ilmi Waaqayyoo “du'a isaatiin Seexana isa humna du'aa qabu balleessuudhaaf” awwalcha keessa darbe. Ibr. 2: 14. Fedhiin mataa isaa ol of qabuu Luusiferiin akkas jechuutti isa geesse: “Ani urjoota Waaqayyoo gararraas teessoo koo nan dhaabbadha… Isa hundumaa gararraa jiruttis of nan fakkeessa” jedhe. Waaqayyo immoo: “kanaafan akka ati daaraa taatee lafatti dabalamtu godhe…. deebitees hamma bara baraatti hin argamtu” jedhee labse. Isa 14: 13, 14; His. 28: 18, 19. “Guyyaan akka iddoo ibiddaa gubu” yeroo dhufu; “yommus warri koortuunii fi warri hamaa hojjetan hundinuu akka cidii in ta'u; guyyaan dhufu sun isaan in guba; hidda yookiis damee isaaniif hin hambisu.” Mil. 4: 1.WG 369.3

    Guutumaan Yuunivarsii hundinuu waa’ee amala cubbuu fi bu’aa isaa isa hamaa ilaalchisee dhuga baatota ni ta’u. Barbaadeefamuun isaa inni utuu jalqabuma ta’eera ta’ee silaa ergamootatti sodaa fidee, Waaqayyoonis salphisu, amma garuu jiraattota Yuunivarsii warra fedha Isaa gochuu barbaadanii fi seera Isaa onnee isaanii keessa ka’atan fuul-duuratti jaalalaa fi ulfina Waaqayyoo mirkaneessa. Hammeenyi lammaffaa deebi’ee hin argamu. Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha: “Egaa rakkinni deebi'ee hin argamu.” Naho. 1: 9. Seerri Waaqayyoo, inni akka waanjoo garbummaatti seexanaan ceepha’ame, akka seera birmadummaatti ni kabajama. Uumamni qoramee qulqullaa'e, Waaqa Isa jaalalli fi ogummaan Isaa dhuma hin qabne ta’uun Isaa mul’ifame kanaaf bitamuu (amanamuu) irraa gara booddeetti hin deebi’an.WG 369.4

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents