Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Wal’aansoo Isa Guddaa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 34—Michoonni keenya du’an nu haasofsisuu ni danda’uu?

    Tajaajilli ergamoota qulqulluu akka Macaafa Qulqulluu keessatti dhi’aatetti duuka buutota Kiristoos hundumaaf dhugaa gati-jabeessaa fi jajjabina guddaa kennudha. Haa ta’u iyyuu malee, dhimma kana irratti barsiisi Macaafa Qulqulluu barsiisa qu’annoo amantii bebbeekamoo bara har’aatiin hubannoo jalaa dhokfamee jallifameera. Barsiisni lubbuun hin duutu jedhu, inni jalqabatti falaasama warra waaqa hin beeknee irraa ergifatamee, bara dukkanaa’ummaa gantummaa guddaa keessa amantii Kiristiyaanaa keessa seenee, dhugaa Macaafa Qulqulluu isa “warri du’an homaa tokko illee hin beekan” jedhamee barsiifame bakka bu’e. Sababa kanaa irraan kan ka’e, baay’oonni “Isaan kun hundinuu hafuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman” hafuura warra du’aniidha jedhanii amananii fudhachutti dhufaan. Yaadni kun immoo waa’ee jiraachuu ergamoota samii fi du’a ilmaan namootaa fuul-dura walitti dhufeenya isaan seenaa ilmaan namootaa wajjin qaban ilaalchisee barsiisa Macaafni Qulqullun kennuu wajjin kan wal-faallessudha.WG 404.1

    Barsiisni “namni erga du’ee booda of beeka” jedhu, keessumatti immoo, amantiin inni “hafuurri warra du’anii jiranii deebi’ee dhufee warra hin du’in jiran tajaajila” jedhu tolcha (falfala) ammayyaatiif (modern spiritualism) karaa baneera. Warri du’anii jiran Waaqayyoo fi ergamoota qulqulloota fuul-duratti argamuu kan danda’an yoo ta’e, akkasumas, beekumsa isa kanaan dura qaban caalaa beekumsa baay’ee olaanaa ta’e qabaachuudhaaf kan ayyaanoman yoo ta’e, maaliif gara biyya lafaatti deebi’anii warra jiraaniif qajeelfamaa fi beekumsa hin kennaniifiree? Akkuma hayyuun qu’annoo amantii bebbeekamoon bara har’aa barsiisan, yoo hafuurri namoota du’anii jiranii naannoo michoota isaanii warra lafa irra jiranii kan naanna’uu ta’e, maaliif waan hamaa irraa akka isaan of-eeggataniif isaan akeekkachisuu fi gadda isaanii keessatti isaan quunnamanii jajjabeessuf maaliif heyyama hin arganne? “Namni erga du’ee booda of beeka” jedhanii warri amanan akkamitti ifa Waaqayyoo isa karaa hafuurota ulfina qabeeyyii gara isaanii dhufeen mormuu danda’an? Wanti akka qulqullaa’aatti fudhatame kun karaa seexanni kaayyoo isaa fiixaan baafachuuf ittiin hojjechaa jiru dha. Akka wanta addunyaa hafuuraatii ergamanitti warri mul’atan kun ergamoota warra kufan, warra hojii seexanaa hojjetaniidha. Mootiin hamminaa, namoota jiranii fi du’anii jiran walii wajjin akka haasa’an ni goona jechaa hojii tolchaa (xinqolaa) sammuu namootaa irratti hojjechaa jira.WG 404.2

    Inni bifa michoota isaanii warra lafa kana irraa godaananii fuula isaanii duratti dhi’eessuuf humna qaba. Hojiin fakkeessuu isaatii kunis mudaa hin qabu; bifa beekamaa, sagalee, qooqa, wal-fakkaataa ta’e oomishuudhaan dinqii adda ta’een dhi’eessa. Baay’oonni michoonni isaanii warri jaallatamoon gammachuu samii dhandhamachaa jiraachuu isaanii abdatanii balaan jiraachuu isaa utuu hin shakkin “hafuurota nama gowwomsanii” fi “barsiisa seexanaatiif” gurra kennaanii kan jajjabaatan jiru.WG 404.3

    Warri du’anii jiran deebi’anii dhufaanii isaanii wajjin kan haasa’an ta’uu isaa erga amananii booda, seexanni warra utuu hin qophaa’in gara awwalchaa dhaqan akka isaan mul’atan godha. Isaan immoo samii keessatti gammachuu guddaa qabaachaa akka jiranii fi iddoo olaanaa ta’e qabatanii akka jiran dubbatu. Haala kanaan qajeelotaa fi cubbamoota gidduutti garaagarumman godhamu tokko illee kan hin jirre ta’uu isaa dogoggorri bal’aan barsiifama. Daawwatoota addunyaa hafuuraatii dhufan warri of fakkeessan kun, si’a tokko tokko akeekkachiisa dhugaa ta’ee dubbatu. Sanaan booda, erga yaadni namootaa gara isaaniitti luucca’ee booda barsiisa dharaa amantii namoonni Macaafa Qulqulluu irratti qaban gadi xiqqeessu dhi’eessu. Akka wanta nageenya michoota isaanii warra lafa irraatiif dhimmaniitti dhi’aatanii dogoggora baay’ee balaafamoo ta’an haxxummaadhaan dhi’eessu. Isaan dubbii dhugaa muraasa of keessaa qabu waan dubbataniif, akkasumas si’a tokko tokko taatewwan gara fuul-duraatti ta’an dursanii dubbachuu waan dandaa’aniif dubbiin isaanii amansiisaa fakkatee mul’ata. Barsiisni sobaa isaan barsiisanis salphaatti, shakkii tokko malee akka wanta dhugaa qulqullaa’aa isa Macaafa Qulqulluu keessatti barsiifamee jiruutti baay’otaan simatamee fudhatama. Seerri Waaqayyo ni dhiifama, hafuurri ayyaana Waaqayyoos ni tuffatama, dhiigni kakuus akka wanta xuraa’atti lakaa’ama. Hafuuronni kun Waaqummaa Kiristoosiin ni ganu; uumaa uumama hundumaas gara sadarkaa isaaniitti gad-fidanii ofii isaanii wajjin wal-qixxeessu. Fincilaan guddichi kun haala Kanaan haguuggii haaraa jala of-dhoksee lola isa samii keessatti Waaqayyoo irratti jalqabe amma illee naannoo waggoota kuma ja’aaf lafa kana irratti geggeessaa jira.WG 405.1

    Namoonni hedduun waa’ee mul’ina hafuurotaa yeroo haasa’an, akka wanta inni guutummaa guututti gowwomsaa ta’ee fi bu’aa hojii namoota hafuurota warra du’anii waamanii namootaa wajjin wal-quunnamsiisaanii qofa ta’eetti amanu. Haa ta’u iyyuu malee, bu’aan gowwomsaa kanaa si’a tokko tokkoo mul’ina isa dhugaa fakkaatanii dhihaachuun isaanii dhugaa yoo ta’e illee, yeroo humni uumaman olii itti mul’atan tureera. Jalqabbiin dhoksaan tolcha ammayyaa (modern spiritualism) bu’aa haxxummaa yookiin tooftaa namaa utuu hin taane, kallatiidhumaan hojii ergamoota hammeenyaa, warra gowwomsaa lubbuu balleessu dhi’éessuutti milkaa’ina guddaa qabaachuutti beekamoo ta’aniin jalqabame. Baay’oonni tolchi (spiritualism) hojii harka namaatiin hojjetamu qofa ta’uu isaa amanuu irraan kan ka’e kiyyoo keessatti kufu; yeroo mul’ina humna uumamaan olii isa ittiin mormuun isaa ulfaataa ta’ee wajjin fuulaa fi fuulatti walitti dhufan ni gowwomfamu, Wantoota mul’atan sanaas akka humna Waaqayyoo isa guddaatti fudhatu.WG 405.2

    Namoonni akkasii kun waa’ee dinqii isa seexanni fi ergamoonni isa hojjetanii ilaalchisee dhuga ba’umsa Macaafa Qulqulluu keessatti caafamee jiru dagatu. Tolchitoonni Fara’on hojii Waaqayyoo fakkeessanii dinqii hojjechuu kan isaan dandaa’an gargaarsa seexanaatiin ture. Dhufaatii Kiristoos isa lammaffaa fuul-dura humni seexanaa haala wal-fakkaataa ta’en akka inni mul’atu Phaawulos dhugaa ba’eera. Dhufaatiin Kiristoos “hojii aangoo, milikkitootaa fi dinqiwwan, akkasumas gowwomsaa hamminaa hundumaan” mulcha’uu “seexanaatiin” durfama. 2Tas. 2:9, 10. Ergamaan Yohannisis waa’ee humna isa bara booddee kanatti mul’atee dinqii hojjetuu ilaalchisee dubbuu akkana jedhu dubbate: “Inni milikkita gurguddaa in argisiisa; ibidda iyyuu ija namootaa duratti waaqa keessaa lafatti gad in buusa. Milikkita … akka inni argisiisuuf kennameef sanaan, warra lafa irra jiraatan in wallaalchisa.” Mul 13:13, 14. Wanti iddoo kana irratti dubbatame gowwomsaa salphaatti ilaalamu miti. Namoonni dinqii bakka buutonni seexaanaa ni goona jedhanii dubbatan qofaan osoo hin taane, dinqiidhuma isaan hojjechuuf humna qabaniin gowwomfamaa jiru.WG 405.3

    Gooftichi dukkanaa, inni humna sammuu isaatii isa olaanaa hojii gowwomsaatiif dabarsee kenne, namoota gitaa fi haala hundumaa keessa jiraniif qormaata wal-gitu ogummaadhaan qopheessa. Namoota warra ogeeyyii fi sadarkaa barnootaa olaanaa qabaniif, kallatti inni ogummaa fi beekumsa isaanii wajjin wal-simatuun tolcha (spiritualism) isaaniif dhi’eessuudhaan namoota hedduu gara kiyyoo isaatti galchuu irratti milkaa’ina argata. Waa’ee ogummaa hafuurri tolchaa biraa kennuu yeroo ibsu Yaaqob, “ogummaan akkasii kun isa lafa irraati, kan yaada fooniiti, kan hafuura hamaati malee waaqa irraa gadi bu’e miti” jedhe. Yaq 3:15. Gowwomsituu inni guddichi kaayyoo isaa fiixaan baafachuuf jecha dhugaa kana dhoksuun barbaachisaa ta’ee bakka argametti dhugaa kana ni dhoksa. Diinichi inni lafa onaa, iddoo Yesuusin qore sanatti ifa Kirubeelota samii uffatee dhi’aate ture sun, har’a immoo bifa irra caalaa hawwataa ta’e uffachuudhaan ergamaa ifaa fakkatee ilmaan namootaatti mul’ata. Mata duree hawwataa dhi’eessee sammuu yookaan yaada namootaa ofitti harkisa. Mul’ata fakkiwwan qalbii namootaa booji’uu danda’aniin fedhii namootaa gammachiisa. Itti dabalees, jechoota arjummaa fi jaalalaa dubbachuudhaan onnee namootaa booji’a. Namoonni ogummaa mataa isaaniitiin kooranii Waaqa Isa barabaraa akka tuffatan gochuuf jecha yaada garaa isaanii dadammaqsa. Diinichi inni humna qabeessi, inni fayisaa biyya lafaa gara gaara ol-dheeraatti ol-baasee mootummaa biyya lafaa fi ulfina ishee mara Isatti agarsiise, namoota humna Waaqayyootiin hin golgamin jiran hundumaa irratti gowwomsaa sammuu isaanii haqaaqee gara jal’inatti isaan geessu isaanitti fida.WG 406.1

    Seexanni akkuma Jannata qannoo keessatti saadoodhaan, beekumsa dhorkamaa argachuuf ishee keessatti fedhii kakaasuudhaan, Hawwii ol of qabuu ishee keessatti dadammaqsuudhaan akkuma ishee gowwomse, har’as tooftadhuma wal-fakkataa fayyadamuudhaan namoota gowwomsa. Seexana gara kufaatiitti kan geesse hawwii hamaa akkanaadha waan ta’eef, tooftaadhuma wal-fakkataadhaan ilmaan namootaa balleessuuf xiyyeefate. “Hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyo in taatu” jedhe. Uma. 3: 5. Ispiriichu’aalizimiin akkana jedhee barsiisa: “Namni uumama jijjiramaati. Galmi isaas, guyyaa gaafa dhalatee kaasee hanga barabaraatti, hanga Waaqa tokkicha bira ga’utti uumama guddatu yookaan jijjiramuudha” jedhee barsiisa. Itti dabalees: “Tokkoon tokkoo sammuu ofiidhuma isaatti farada malee sammuu kan biraan isa kaanitti hin faradu.” “Murtiin kun immoo murtii mataa ofii sababa ta’eef qajeelaadha… Teessoon firdii kan inni jiru keessuma keeti.” Barsiisaan tolchaa (spiritualism) tokko, yeroo “yaadni hafuuraa” isa keessatti dadammaqetti akka jedhe: “Michoonni koo warri anaa wajjin jiran hundinuu waaqa hin kufnedha.” Barsiisaa kan biraan immoo “Uumamni qajeelaa fi mudaa hin qabne kam iyyuu Kiristoos dha” jedhe.WG 406.2

    Akkataa kanaan, qooda qulqullummaa fi muda maleeyyummaa Waaqayyoo isa dhugaatti jajamuu qabuu, fi qooda qajeelummaa seera Isaa isa safartuu hojii (gochaa) namootaa ta’ee, seexanni immoo akka wanta uumamni (eenyummaan) namaa inni cubbuudhaan manca’aa fi kufaa ta’ee kun jajamuu qabuu fi safartuu amalaa fi firdii ta’eetti bakka buuseera. Dhugaadhumatti jijjiramni kun guddina gara olii osoo hin taane kan gara gadiiti.WG 406.3

    Nuyi ilaaluudhaan jijjiramuun keenya seeruma Sammuun fi uumama hafuuraati. Sammuun mata duree irratti yaaduudhaaf (xiinxaluudhaaf) heeyyama argate irratti suuta suuta madaqaa adeema. Wanta jaallachuu fi iddoo olaanaa kennuufi amaleeffatee wajjin wal-fudhachaa adeema. Namni safartuu qulqullummaa yookaan gaarummaa yookaan dhugaa ofii isaatii kaa’ee gararraatti tasa ol-ka’uu hin danda’u. Yoo anummaan kaayyoo isaa isa olaanaa ta’e, wanta sana irra caalaa ulfina qabeessa ta’e bira ga’uu hin danda’u. Qooda kanaa, suuta suuta walitti fufinsaan gara gadiitti adeema. Nama ol-qabuuf humna kan qabu ayyaana Waaqayyoo qofadha. Yoo qofaatti dhiifame garuu, shakkii tokko malee adeemsi isaa gara hallayyatti.WG 406.4

    Hafuurri tolchaa (spiritualism), warra fedha fooniitti gad of dhiisanitti, warra qannoo jaallatanii, miiraan kan geggeefamanitti mataa isaa yeroo mul’isu, haxxummaa salphaa isa kan warra hayyootaa fi beektota gadi ta’e qabatee isaanitti mul’ata; haala hin qarominiin yaada isaanii wajjin kan wal simatu ta’ee argatu. Seexanni mallattoolee ishee amala dadhabaa nuti uumaman qabnu agarsiisan tokko tokkoon qorata, Cubbuu tokkoo tokkoon namaa hojjechuudhaaf itti luucca’anii jiran ni galmeeffata. Sanaan booda akka namni sun cubbuutti kufu gochuuf jecha of-eeggannoodhaan carraa garaagaraa dhi’eessa. Of-qabuu dadhabuudhaan dandeetti qaamaa, kan sammuu fi kan safuu dadhabsiisuuf jecha wanta seera qabeessa ta’e akka namoonni safara gararraatti (qixxee olitti) akka raawwataniif qora. Seexanni kajeellaa fooniitti akka gadi-of-dhiisan godhee guutummaa uumama namaa mancaasuudhaan lubbuu kumaatamatti lakkaa’aman balleesseera, ammas balleessaa jira. Hojii isaa galmaan ga’achuuf jechas hafuurotatti fayyadamee akkana jedhee labsa: “Beekumsi dhugaan seera hundumaa gararraa nama teessisa” “Wanti hundinuu sirrii dha” “Waaqayyoo yakka namatti hin murteessu” “Cubbuun hojjetaman hundinuu qulqulluu dha.” Egaa erga namoonni seerri olaanaa fedha yookaan hawwii ta’uu isaa, bilisummaan immoo waan barbaadan hojjechuuf heyyama kan kennu ta’uu isaa fi namni hundinuu mataadhuma isaatiif qofa kan itti gaafatamuu ta’uu isaa amanuutti geggeeffamanii booda, kufaatiin safuu iddoo hundumaatti argamuun isaa fi jal’inni harka nama hundumaa irra jiraachuun isaa maal na ajaa’iba? Namoonni hedduun barsiisa fedha foon isaanii akka isaan hordofaniif bilisummaa isaaniif kennu gammachuudhaan fudhatu. Luugamni mataa ofii seerrachuu moqoo kajeellaa foonii irratti rarraafama, humni sammuu fi lubbuu bittaa (to’annaa) kajeellaa horii (animal propensities) jalatti garboomu, seexanni haala kanaan namoota duuka buutota Kiristoosi ofiin jedhan baay’ee isaan saaphana isaatti sassaabbata.WG 407.1

    Garuu namni kam iyyuu soba Ispiriichu’aalizimiin dubbatuun gowwomfamuu hin qabu. Kiyyoo kana adda baasaanii hubachuu akka dandaa’aniif jecha Waaqayyo ifa ga’aa biyya lafaatiif kennera. Duraan dursee akkuma ibsame, tiyooriin tolcha (spiritualism) hundeesse barsiisa Macaafa Qulqulluu wajjin irra jira. Macaafni Qulqulluun, warri du’anii jiran waan tokko iyyuu kan hin beekne, yaadni isaanii kan bade, wanta aduu jalatti geggeeffamu yookaan hojjetamu hundumaattiis qooda tokko kan hin qabnee fi gammachuus ta’e gadda michoota isaanii warra lafa irraa ilaalchisee homaa tokkoo illee kan hin beekne ta’uu isaanii dubbata.WG 407.2

    Itti dabalees, Waaqayyo hariiroo (walitti dhufeenya) hafuurota warra du’anii wajjin godhamu kami iyyuu dhowweera. Akkuma hordoftoota Ispriichu’aliizimii bara har’aa, dur-bara Ibrootaa keessas namoonni hafuurota warra du’anii wajjin haasa’un ni dandaa’ama jedhanii amanan turaniiru. Garuu daawwatootni addunyaa biraa, warri “hafuurota beekamoo” jedhamanii waamaman kana Macaafni Qulqulluun “hafuurota seexanaa” jedhee waama. (S/Lakk 25:1-3; Faar 106:28; 1 Qor 10:20; Mul 16:14 wal-bira qabii dubbisi.) Hafuurota beekamoo wajjin walitti dhufeenya taasisuun fuula Waaqayyoo duratti ciiggaasisa qofa osoo hin taane, yakka adaba du’aatiin nama adabsiisu ta’ee dhorkamee jira. (S/Leww 19:31; 20:27.) Har’a maqaan tolchituu (xonqaayii) jedhu jibbamaadha. Namoonni hafuurota xuraa’oo wajjin wal-quunnamtii gochuu ni danda’u yaadni jedhus akka oduu durii Jaarraa Dukkanaatti ilaalama. Garuu, Ispiriichu’aalizimiin, inni hordoftoota kumaatama dhibbatti, akkasumas Miliyoonotatti lakkaa’aman qabu, inni daangaa warra saayinsii keessa seenee jiru, inni waldaa weeraree jiru, inni warra seera tumaanii fi mooraa moototaa keessatti illee fudhatama argatee jiru — waan kan biraa utuu hin taane, tolcha isuma bara durii dhorkamee turee fi ciiggaasisaa turetu gowwomsaa guddaa fi haguuggii haaraa uffatee dadammaqee adeemsifamaa jira.WG 407.3

    Waa’ee amala tolchaa (spiritualism) isa dhugaa ilaachisee ragaan kan biraa utuma hin jiru ta’ee illee, hafuuronni kun, qajeelummaa fi cubbuu, ulfina fi qulqulloota ergamoota Kiristoosii fi garboota seexanaa warra daran xuraa’oo gidduutti garaagarummaa kan hin goone ta’uun isaanii qofti Kiristiyaanotaaf ragaa quubsaa ta’uu qaba. Seexanni, akka wanta namoonni amala xuraa’aadhaan deddeebi’a jireenya isaanii lafa kana irraa xumuran samii keessa, iddoo ol ol jedhaa irra jiraniitti fakkeessee dhi’eessa. Ergasii booda immoo biyya lafaatiin akkana jedha: “Hamma cubbaamaa yoo taate illee rakkinni tokko hin jiru; Waaqayyottis ta’e Macaafa Ququlluutti yoo amantes yoo amanuu baattees rakkinni hin jiru. Akka si gammachiisetti jiraadhu; samiin mana keeti.” Barsiisonni Ispiriichu’aliizimii dhoksaa tokko malee akkana jedhanii barsiisu: “Warri waan hamaa hojjetan hundinuu ija Waaqayyoo duratti gaariidha, Waaqayyos isaaniitti ni gammada; yookiis immoo Waaqayyo inni abbaa firdii dhugaa ta’e eessa jiraa?” Milk. 2:17. Sagaleen Waaqayyoo garuu akkana jedha: “Warra isa hamaadhaan “Gaarii dha, isa gaariidhaan immoo hamaa dha” jedhaniif, warra dukkana ifa fakkeessanii, ifa immoo dukkana fakkeessaniif, warra wanta dhangaggaa'aa miyaa'aa fakkeessanii, wanta miyaa'aa immoo dhangaggaa'aa fakkeessaniif wayyoo!” Isa. 5: 20.WG 408.1

    Ergamoonni akkuma hafuuronni sobaa Kanaan bifa isaanii uffatanii yeroo mul’atan, caafata isa yeroo lafa kana irra turan Hafuura Qulqulluutiin geggeefamanii barreessan faallessanii mul’atu. Isaan maddi Macaafa Qulqulluu Waaqa ta’uu isaa ganuudhaan hundee abdii Kiristiyaanotaa dhabamsiisu, akkasumas ifa isa daandii samiitti geessu ni dhaamsu. Seexanni, akka wanta Macaafni Qulqulluun asoosama gatii hin qabne ta’eetti, akka wanta inni kitaaba haala jireenya sanyii ilmaan namootaa warra bara durii wajjin qofa wal-simatuu fi akka wanta inni yeroo amma kana salphifamee ilaalamuu qabuutti biyya lafaa amansiisuuf dhama’a. inni bakka Macaafa Qulqulluu fudhachuuf jecha mul’ina hafuurotaa qabatee dhi’aata. Caasaan guutummaa guutuutti harka isaa keessa jiru isa kana; biyyi lafaa wanta inni fedhe akka isheen amantu gochuu kan inni danda’u daandii kanaanidha. Macaafa isa eenyummaa isaa fi eenyummaa hordoftoota isaa bakkeetti saaxilee agarsiisuu dukkana keessa, bakka ofii isaatii barbaade ka’a; fayisaa biyya lafaa immoo nama foonii kam irra iyyuu kan hin caalle yookaan hin wayyine godhee agarsiisa. Akkuma loltoonni Roomaa warri awwalcha Yesuusiin eegaa turan dhugaa du’aa ka’uu Kiristoosiin sobsisisuuf jecha dubbii geggeesitoonnii fi luboonni afaan isaanii keessa ka’an dubbatan, hordoftoonni mul’ina hafuurotaa kunis jireenya fayisaan keenya biyya lafaa kana irratti jiraate keessa taateewwan dinqisiisoo raawwataman tokko illee akka waan hin jirreetti fakkeessanii agarsiisu. Erga haala kanaatti fayyadamanii Kiristoosiin golgaa duuba kaa’uu yaalaanii booda, qalbii namootaa gara dinqiwwan isaaniitti harkisani “kun hojii Kiristoos irra baay’ee caala” jedhanii labsu.WG 408.2

    Yeroo ammaa kana, tolchi (spiritualism) bifa isaa jijjiiraa kan jiru qofa osoo hin taane, amala isaa isa mormii isa irratti kaasisuu dhoksee Kiristiyaanumma uffachaa jira. Haa ta’u iyyuu malee, ergaa inni waltajjii irraa, akkasumas, karaa maxxansa garaagaraa dabarsaa ture baroota hedduudhaaf saba fuul-duratti dhi’aachaa ture waan ta’eef amallii fi barsiisi isaa inni sirriin bifa ganamuu fi dhokachuu hin dandeenyeen bakkeetti baafamee jira.WG 408.3

    Bifa amma ittiin jiruun bifa gowwomsaa haxxummaa olaanaadhaan guutame uffatee waan jiruuf, isa duraa caalaa baay’ee sodaachisaa dha, obsaanis ilaalamuu hin qabu. Dur Macaafa Qulqulluus ta’e Kiristoosiin ni morma ture. Har’a garuu lachanuu isaa iyyuu amanee fudhachuu isaa labsaa jira. Haa ta’u iyyuu malee, heertuleen Macaafa Qulqulluu onnee hin haara’in jiru gammachisuu akka danda’utti waan hiikamaniif jecha, dhugaaleen baay’ee barbaachisaa ta’anii fi mareedhaaf dhi’aachuu hin qabne onnee namootaa irratti dhiibbaa kan hin uumne ta’u.Jaalalli amala Waaqayyoo isa olaanaan jaalala ta’ee irratti xiyyeeffatama, garuu gaarii fi hamaa gidduu garaagarumma jiru gadi xiqqeessuudhaan sadarkaa jaalala kana gadi buusa. Haqa qabeessummaan Waaqayyoo, cubbuu ciigga’uun Isaa fi ulaagaa seerronni Isaa warri qulqulluun nama gaafatan hundinuu ija namootaa duraa dhokfamu. Namoonni abboommota kurnaan akka xalayaa du’eetti akka lakkaa’an barsiifamu. Oduun durii qalbii namaa hawwatanii fi gammachiisan sammuu namootaa booji’anii akka namoonni Macaafa Qulqulluu bu’uraa amantii isaanii godhanii hin fudhanne taasisu. Dhugaadhumatti Kiristoos akkumaa kanaan duraa akka ganametti jira; garuu gowwomsaan kun akka hin hubatamneef seexanni ija namootaa jaamsee jira.WG 409.1

    Waa’ee humna gowwomsaa tolchaa (spiritualism) fi balaa dhiibbaa isaa jalatti kufuun qaqqabsiisuu ilaalchisee hubanna kan qaban namoota muraasa qofa. Baay’onni hawwii garaa isaanii isa waa baruu dharra’u quubsuuf jecha wanta kanaa wajjin tapha waa’ee hin baafne taphatu. Isaan ispiriichu’aliizimii irratti amantii dhugaa hin qaban. Keessumatti immoo, waa’ee mataa isaanii to’annaa hafuurichaatti dabarsanii kennuu yeroo yaadan siqiqiidhaan guutamu. Haa ta’u iyyuu malee sababa daangaa dhorkamaa keessa socho’aniif jecha, inni jabaan lubbuu balleessuutti beekamaa ta’e fedha isaaniin ala humna isaa isaan irratti maayii ba’a. Mee si’a tokko qofa kallattii isaa irra adeemuuf sammuu isaanii haa eyyaman malee booji’amtoota isaa isaan godhata. Boojuu hawwata kana keessaa jabina ofii isaaniitiin cabsanii ba’uu hin dandaa’an. Humna Waaqayyoo, isa karaa kadhannaa onnee irraa maddee amantiidhaan kadhatamuf deebii ta’ee ergamu irraan kan hafe, lubbuu boojuu keessatti kufan kana kan hurrii baasuu danda’u wanti biraan hin jiru.WG 409.2

    Warri amala cubbuu wajjin qoosanii fi fedha isaaniitiin cubbuu beekamaa hojjechuutti dabarsanii of-kennan hundumtuu qorumsa seexanaa jireenya isaanitti afeeraa jiru. Isaan waaqayyoo fi eegumsa ergamoota Waaqayyoo jalaa of baasaa jiraachuu isaanii irraan kan ka’e, yeroo inni hamaan sun gowwomsaa isaa hidhatee isaanitti dhi’aatu ittisa (golgaa) tokko malee waan argamaniif salphaatti qaama boojuu isaa ta’u. Namoonni haala kanaan humna isaa jala of-galchan waa’ee xumura jireenya isaanii hubannoo muraasa qofa qabu. Gowwomsituu inni guddichi sun erga kufaatii isaanii mirkaneeffatee booda, namoota warra kaan gara kufaatiitti akka isaan geggeessaniif bakka buutota isaa godhatee isaaniitti fayyadama.WG 409.3

    Isaayyas raajichi akkana jedha: “Yommuu isaan, “Warra ekeraa dubbisan, warra qaalluu, warra hasaasanii fi warra guunguman gaafadhaa!” isiniin jedhan, isin immoo, “Sabni maaliif Waaqayyoon gaafachuu dhiisee waa'ee warra jiranii warra du'an gaafata?” jedhaa! Warra akka abboommii kanaa fi akka dhugaa kanaatti hin dubbanneef lafti hin bari'u.” Isa. 8:19,20. Waa’ee akkataa uumama namaa fi haala warri du’an itti jiranii ilaalchisee dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti caafamee jiru fudhachuudhaaf utuu namoonni fedha qabaataniiru ta’ee, silaa barsiisaa fi mul’achuu tolchaa (spiritualism) keessatti yeroo seexanni humna, dinqiwwannii fi milikkitoota garaagaraatiin hojjetu ni argu turan. Haa ta’u iyyuu malee, bilisummaa yaada (onnee) foonii wajjin walii galuu qooda dhiisuu, akkasumas, cubbuu jaallatan qooda dhiisuu, baay’onni akeekkachiisa isaaniif kennametti dugda gatuudhaan, ifa isaaniif ifettis ija isaanii jaamsuudhaan gara kiyyoo isa seexanni isaaniitti naanneessee xaxee jiruutti dunuunfatanii adeemu; akkataa kanaanis boojuu isaa ta’u. “Warri baduuf jiran hundinuu immoo fayyuudhaaf dhugaa jaallatanii fudhachuu waan didaniif, gowwoomsaa hamminaa hunduma isaan irratti in fida. Kanaafis Waaqayyo, wanta dhugaa hin ta'in akka amananiif gochaa nama wallaalchisu isaanitti in erga.” 2Tas. 2:10, 11.WG 409.4

    Warri barsiisa tolchaatiin (spiritualism) morman namoota foonii wajjin qofa osoo hin taane, seexanaa fi ergamoota isaa wajjin lola geggeessaa jiru. Isaan humnoota hafuura hammeenyaa warra gooftummaa fi aangoo olaanaa qabanii wajjin lolatti seenaniiru. Seexanni yoo ergamoota samiitiin boddeetti oofame malee iddoo qabatee jiruu taakkuu tokko illee gadi hin dhiisu. Akkuma fayisaan keenya Yesuus gaafa sana godhe, sabni Waaqayyoo “caafamee jira” jedhanii ittiin mormuu danda’uu qabu. Seexanni gowwomsaa isaa fiixaan baafachuuf jecha har’as akkuma bara Kiristoos sanaa heertuu Macaafa Qulqulluu caqasee hiikkaa isaa immoo haqaaquu ni dandaa’a. Namoonni yeroo hamaa kana keessa dandamatanii darban hundinuu dhuga ba’umsa Macaafa Qulqulluu ofii isaaniitii sirritti bilcheessanii hubachuu qabu.WG 410.1

    Baay’oonni hafuuronni seexanna michootaa yookaan firoota fakkaatanii fi gantummaa balaa qabu dubbatanii wajjin wal quunnamu. Daawwatoonni kun yaada garaa keenyaa booji’uuf jecha nu kadhatu, fakkeessan isaanii fudhatama akka argatuuf immoo dinqiwwan garaagaraa hojjetu. Namoonni du’anii jiran wanta tokko illee kan hin beekne ta’uu isaanii, akkasumas, warreen haala kanaan mul’atan hafuurota seexanaa ta’uu isaanii ilaalchisee dhugaa Macaafni Qulqulluun barsiisu qabannee dhaabbachuudhaan isaaniin mormuuf qophaa’oo ta’uu qabna.WG 410.2

    “Yeroo qoramsi guutummaa biyya lafaa irratti namoota lafa irra jiraatan hundumaa qoruudhaaf dhufu” fuula keenya dura jira. Mul 3:10. Namoonni amanitin isaanii Macaafa Qulqulluu irratti jabaatee hin hundoofne hundinuu gowwomfamanii mo’amu. Seexanni ilmaan namootaa gowwomsaa isaa jala oolchuudhaaf “gowwomsa hamminaan guutame hundumaan” hojjechaa jira, safarri gowwomsaa isaatii kunis itti fufinsaan guddachaa adeema. Garuu kaayyon isaa kan fiixaan ba’u yeroo namoonni fedha isaaniitiin qorumsa isaatti harka kennan qofa. Namoonni warri dhimmamanii beekumsa dhugaa barbaadanii fi warri karaa aboomamuu onnee isaanii qulleessuudhaaf dhama’insa taasisan, akkasumas, lolichaaf qophaa’uuf jecha waan gochuu dandaa’an mara warri godhan hundinuu Waaqa Isa dhugaa keessatti ittisa guutuu argatu. Waadaan fayisaa keenyaa: “Ati dubbii koo isa obsaan danda’uu si irra barbaadu waan eegdeef … Anis sin eega” jedha. Lakk 10. Lubbuun Isatti amanatte tokko illee qofaatti dhiifamtee seexanaan akka hin injifatamnetti fayisaan keenya yeroo dhiyootti ergamoota isaa hunda samiidhaa ergee saba isaaf eegumsa godha.WG 410.3

    Warri cubbamoonni firdii Waaqayyoo jalaa akka wanta oolaniitti of-lakkaa’uudhaan gowwomsaa sodaachisaa keessatti kufuuf jiru. Isaayaas Raajichi waa’ee kanaa ilaalchisee akkana jedhee dubbate: “Isin, ‘Du'aa wajjin waliif kakanneerra, iddoo lafa jalaa wajjinis waliif galleerra, dha'ichi sodaachisaan yommuu dhufu nuyi sobatti waan kooluu galleef, gowwoomsaa jalas waan lixneef, inni nu bira hin ga'u” in jettu.” Isa. 28: 15. Gartuu iddoo kana irratti ibsaman keessatti, namoota of- tuulummaadhaan boquu isaanii jabeessanii “cubbamaa irratti firdiin dhufu tokko illee hin jiru. Sanyiin namaa hundinuu hammam illee xuraa’oo yoo ta’an, samii keessatti akka ergamoota Waaqayyoo ta’u” jedhanii mataa isaanii jajjabeessantu argamu. Kana hundumaa caalaa immoo, isaan du’aa wajjin kakuu kakachuudhaan, akkasumas si’olii (iddoo lafa jalaa) wajjin walii galtee uumuudhaan dhugaa samiin guyyaa rakkinaatti tolootaaf gaachana akka ta’uuf kenne ciigga’anii qooda dhugichaa immoo da’oo soba seexanaan isaaniif dhi’aate — gowwomsaa itti fakkeessaa tolchaa (spiritualism) fudhatu.WG 410.4

    Jaamummaan dhaloota bara kanaa jecha afaaniitiin isa ibsamu caalaa ajaa’ibsiisaa dha. Namoonni kumaatamatti lakkaa’aman sagalee Waaqayyootti amanuun hin barbaachisu jedhanii mormudhaan gowwomsaa seexanaa amanannaa onnee irraa maddeen fudhatu. Mamtoonni fi ga’istoonni namoota amantii raajotaa fi bartootaa baballisaniin mormu, akkasumas waa’ee Kiristoosii fi karoora fayinaa, waa’ee adaba qajeelaa isa mormitootaa dhugaa irratti dhufuuf jiruu ilaalchisee barsiisa heertulee Macaafa Qulqulluutiin kennametti qoosu. Isaan sammuu dhiphaa, dadhabaa fi amantii tolchaatti amanuu irratti akka waan seera isaa fi Waaqayyoof abboomamaniitti waan sodaa waaqaa isa guddaa qaban fakkaachuudhaan dhiibbaa geggeessu. Isaan akka waan du’aa wajjin kakuu galanii fi iddoo lafa jalaa wajjin walii galtee godhaniitti, akka waan isaanii fi ijaa baasuu Waaqayyoo gidduutti dallaa cabuu fi irra darbamuu hin dandeenye ijaaraniitti wabii akka qaban argisiisuudhaan dubbatu. Wanti isaan sodaachisuu danda’u tokko hin jiru. Kanaaf guutummaatti harka isa isaan qorutti kennaniiru, akkuma isaa wajjin walitti dhufeenya uumanii fi hafuura isaatiin liqimfamaniin kiyyoo isaa cabsuuf humnaa fi fedha hin qaban.WG 411.1

    Seexanni biyya lafaa gowwomsuu akka danda’utti dhama’insa isaa isa xumuraa hojii irra oolchuudhaaf yeroo dheeraa qophii gochaa tureera. Bu’uurri hojii isaatii abdii Eeden keessatti “Isin dhugumaan hin duutan” jedhamee Heewaaniif kennameen ka’ame. S/Uum. 3:4, 5. Suuta suuta guddina tolchaatiin (spiritualism) gowwomsaa isaa isa olaanaaf karaa qopheesse. Amma illee fiixaan ba’umsa kaayyoo isaa bira guutummaa guutuutti hin geenye; haa ta’u iyyuu malee yeroo xumuraa ishee hafte keessatti kaayyoo isaa galmaan ga’a. Raajichi akkana jedha: “Yommus ani … hafuuronni xuraa'oon sadii fattee fakkaatanii utuu ba'anii nan arge. Isaan hafuurota Seexanaa warra milikkita garaa garaa argisiisanii dha; isaan kun mootota, guutummaa biyya lafaa lola guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa danda'u sanaaf, walitti qabuudhaaf warra ba'anii dha.” Mul 16:13, 14. Warra humna Waaqayyoo fi amantii sagalee isaa irratti qabaniin eegaman irraan kan hafe guutummaan biyya lafaa gowwomsaa kanaan haxaa’amee fudhatama. Namoonni, hanga gaafa dha’ichi Waaqayyoo isaan irratti bu’ee isaan dammaqsuutti nageenya yookaan eegumsa sobaa jalatti ururfamaanii sossobamaa jiru.WG 411.2

    Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Ani firdii ulee ittiin safaran, qajeelummaas madaallii ittiin miijanan nan godhadha; soba isa isin kooluu itti galtan sana cabbiin in balleessa, da'oo isin jalatti baqattanis lolaan in jigsa; kakuun isin du'aa wajjin waliif kakattan in hafa, inni isin iddoo lafa jalaa wajjin waliif galtanis gatii hin qabu; dha'ichi sodaachisaan yommuu dhufu, ittiin rukutamtanii lafatti in dabalamtu.” Isa 28:17, 18.WG 411.3

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents