Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Wal’aansoo Isa Guddaa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 5—Joon Wiikliif

    Haara’umsa dura maxxansi Kitaaba Qulqulluu muraasi qofti haa hafu iyyuu malee Waaqayyo guutummaatti akka inni badu hin goone. Dhugaan isaa bara baraan hin dhookatu. Akkuma garboota isaa irraa fuuncaa harka isaanii fi balbala sibiilaa harcaasee biliisa isaan baase, Waaqayyo fuuncaa Kitaabni Qulqulluun ittiin xaxame ni harcaasa. Biyyoota Awurooppaa adda addaa keessatti namootni adda addaa Hafuura Waaqayyootiin geggeeffamanii dhugaa kana akka qabeenya gati jabeessaatti barbaaduu eegalan. Hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii fedhii guddaadhaan fuula tokkoo tokkoo Kitaaba qulqulluu qorachuu eegalan. Waan isaanitti dhufu hundumaaf gatii baasuudhaan dhugaa kana fudhachuuf qophii turan. Yoo waan hunda isaa sirriitti hubachuu dadhaban illee, dhugaa baroota hedduudhaaf owwaalamanii turan hedduu isaa hubataniiru. Akka ergamtoota Samiitti fuula duratti adeemuudhaan fuuncaa doggoraa fi barsiisa sobaa diiguudhaan warra bara hedduuf achi keessatti garboomanii turaniin kottaa biliisa ba’aa jedhanii waamicha gochaa turan.WG 87.1

    Utuu Waldeensotni hin jiraanneetii, silaa Kitaabni Qulqulluu afaanuma warra jalqaba ittiin barreefamniitti hidhamee hafa ture; amma garuu sababii isaaniitiif yeroon itti afaan adda addaatti hiikamee biyyootni adda addaa afaan ofii isaaniitiin itti dubbisan ni dhe. Biyyi lafaa Halkan walakkaa keessa darbe. Yeroon dukkanaa darbuutti jira, biyyoota adda addaa keessatti lafi waan bari’aa jiru fakkaata.WG 87.2

    Jaarraa kudha afuraffaa keessa “Haaromsaan urjii ganamaa” biyya Ingliz keessaa ni ka’e. Joon Wiikliif biyya Ingilizii keessatti qofa utuu hin taane Kiristaanota hundumaaf ergamaa Haara’umsaa ture. Mormiin guddaan Roomaa irratti godhame isaan kan dhaabatu yoo taasifame iyyuu deebi’ee cal jechisiisuun hin danda’ amne. Mormiin sun wal’ aansoo isa dhuma irratti namoota dhuunfaa, waldootaa fi biyya biliisomse fide.WG 87.3

    Wiikliif barnoota walabummaa fudhate; isa biratti jalqabni oogummaa Waaqayyoon sodaachuudha. Kolleejjii keessatti baratu keessatti, of kennaa, dandeettii guddaa kan qabuu fi qorataa ta’uu isaatiin beekama. Beekumsaaf fedhii guddaa waan qabuuf dame barnootaa hundumaa keessa seenee barate. Inni falaasama barnootaa qorannoo irratti hundaa, barsiisa waldaa fi seera hawwaasaa, keessattuu kan biyya isaatii barateera. Hojii isaa hundumaa keessatti leenjii inni dursee fudhate kun hunduu murteessoo turan. Falaasama keessa jiru itti dhiyeenyaan qorachuun isaa dogoggoroota jiran saaxiluudhaaf isa gargaare; barnoota seeraa fi biyya isa isaatii barachuun isaa wal’aansoo hawwaasaa fi amantii qabuuf isa gargaare. Yeroo qawwee dubbii Waaqayyoo gadi fuudhe immoo naamusa mana barnootaa fi tooftaa namoota mana barnootaa keessa jiranii hubate. Dandeettiin sammuu isaatii fi beekumsa guddaa qabaachuun isaa akka hiriyyoonni isaas ta’e diinotni isaa isa kabajan taasise. Warri wal’aansoo ittiin qaban illee kan isaaniin mo’ate kan biyya isaanii keessatti sammuu ol’aanaa qabu ta’uu isaatti ni quufan; warri diinota isaatii haara’umsa kana busheessuudhaaf maal nadhibdee ykn dadhabina deggertoota isaatii saaxiluudhaan jibba calaqqisiisuu hin dandeenye.WG 88.1

    Wiikliif utuma kolleejjii keessa jiruu Kitaaba Qulqulluu qorachuutti seene. Bara durii sana keessa, yeroo Kitaabni Qulqulluun afaanota warra durii qofaan jirutti, namootni baratan burqituu dhugaa isa warra hin baranneef cufaa ture bira ga’uu danda’an. Sun karaa Haara’umsaa isa kan Wiikiliifiif dursee qophaa’edha. Namoootni barachuu jaallatan sagalee Waaqayyoo qorachuudhaan dhugaa waa’ee ayyaana isa tola kennamee bira ga’an. Barsiisa isaanii keessatti kana facaasuudhaan namoota biroos gara dubbii Waaqayyoo isa jiraataa kanatti deebisan.WG 88.2

    Yeroo xiyyeeffannaan Wiikliif gara Kitaaba Qulqulluutti harkifametti akkuma barnoota isa kaanii gadi fageenyaan qorachuun isaa akka sirriitti hubatu isa taasise. Kun immoo beekumsi biyya lafaas ta’e barsiisni waldaan qabdus quubsuu kan hin dandeenye fedhii caalaa isa keessatti uume. Sagalee Waaqayyoo keessatti wantin kana dura beeke hunduu akkasumaan ta’uu isaa arge. Amma karoora fayyinaa keessatti kan namootaaf falmu Yesuus qofa ta’uu isaa hubate. Ofii isaa tajaajila Yesuus kanaaf dabarsee kennuudhaan dhugaa bira ga’e kana namoota kan biroof labsuudhaaf murteeffatee ka’e.WG 89.1

    Akkuma haaromsitoota warra kaanii, Wiikliif yeroo kana jalqabe dhumni isaa eessatti akka geessu hin argine. Inni ta’e jedhee warra Roomaatiin mormuuf qofa hin kaane. Dhugaanf of kennuun isaa garuu sobaa wajjin walitti isa buusuu malee filannoo hin qabu. Ammuma dogoggoroota phaaphaasii adda baasaa deeme, caalchisee dhugaa Kitaaba Qulqulluu barsiisaa adeeme. Akka Room barmaata namootaaf jedhee dhugaa Waaqayyoo akka gate ni arge; lubootni ishees ta’e jedhanii dhugaa dhabamsiisuu isaaniitiif fuulaa fuulatti ittiin mormaa akka Kitaabni qulqulluun gara waldaatti deebi’ee humna isaatiin mul’atuuf gaafachaa ture. Inni barsiisaa dandeettii guddaa qabuu fi lallabaa gaarii ture. Jireenyi isaa guyyaa guyyaattiis dhugaa barsiisu kan calaqqisiisu ture. Beekumsi Kitaaba Qulqulluu inni qabu, dandeettiin amansiisuu isaatii, qulqullummaan jireenya isaatii, fi kaka’umsi isaa inni boodatti hin deebine fudhatama guddaa isaaf argamsiise. Namootni baayyeen cubbuu amantii isaanii duraanii, waldaa Room keessatti hojjetamu yeroo arganitti jibbuu jalqaban, kanaafis dhugaa karaa Wiikliif gara isaanii dhufe gammachuudhaan fudhachuu jalqaban; haa ta’u malee, geggeessitootni Room namni kun isaan caalaa fudhatama argachuu dhufuu isaa yeroo argan dheekkamsa guddaadhaan guutamuu eegalan.WG 89.2

    Wiikliif nama dogoggora addaan baasu ture; aangoo isaaniitti akka malee fayyadamuu isaaniifis geggeessitoota Room irratti ija jabinaan dubbata ture. Yeroo tajaajilaa hafuuraa mootihaa ta’ee hojjetaa turetti kaffaltii wladaan Room olaantummaa geggeessitoota biyyaa irratti qabdu argisiisuudhaaf jecha kaffalchiiftu sanaan barbaachisummaa akka hin qabne ifatti morme. Kan Phaaphaasiin isaan irraa barbaadu kun dheekkamsa guddaa kaase; barsiifni Wiikiliifis sammuu geggeessitootaa fudhate. Mootichii fi warri isa jalatti hojjetan Phaaphaasii ganuudhaan kaffaltii gaafatamu sana kaffaluu dhiisuudhaaf murteeffatan. Kanaan biyya Ingilizii keessatti olaantummaa Phaaphaasii irratti haleellaan baname.WG 89.3

    Wanti hamaan kan biroon haaromsaan kun ittiin morme kadhattoota amantaa sana keessa jiranidha. Namootni kadhaa irratti hunda’anii jiraatan kun biyya Inglizii keessatti wal ijaaranii abaarsa qabeenyaa biyyattii irratti fidan. Industiriin, barnootnii fi naamusni sammuu hundi dhiibbaa isaanii jalatti kufe. Jireenyi warra moloksee jedhamanii kunii fi kadhaan isaanii inni dhuma hin qabne qabeenyaa uummataa akka malee duguuguu irra darbee jibba gudaa fide. Dargaggoonni kan hamilee hin qabnee fi amala badaa qaban ta’an. Dhiibbaa kadhattoota kanaatiin namootni baayyeen jireenya isanii moloksee ta’uudhaaf dabarsanii kennuu eegalan; dargaggoonni murtii kana kan murteessan heyyama maatii isaaniitiin utuu hin taane, utuu maatiin isaanii waa’ee kanaayyuu gurraa hin qabaatinidha. Abboota amantaa waldaa Roomaa warra jalqabaa keessaa tokko moloksee ta’uun dirqama maatii ofii jaallachuu fi abboomamuutii olidha jedhee labsuudhaaf akkas jedhee ture: “Yoo murtee kana irraa si dhowwuudhaaf abbaan kee balbala dura ciisee si kadhateyyuu, yookiin haati kee garaa isa itti si baattee fi harma isa si hoosifte sitti argisiiftee sitti boosse iyyuu, ati garuu isaan irra ejjedhuu darbiitii gara Kiristoos kottu.” Kunoo “Moloksummaa namummaatii ba’e” isa booda Luuter immoo “warra Yeeyyii irra hammaatanii fi Kiristaanummaa fi namummaa irra garaa jabaatan” jedhee waametu onnee ijoolleen maatiidhaaf qabaachuu qabdu duraa hate. --Barnas Sears, The Life of Luther, pages 70, 69. Phaaphaasotnis, akkuma farisotni godhan, barmaata isaaniitiin abbommiin Waaqayyoo hojiitii ala akka ta’u godhan. Akkasitti manneetiin onaa ta’anii haadhotii fi abbootiin carraa ijoollee isaanii wajjin jiraachuu sarbaman.WG 90.1

    Dargaggootni Yuuniversitii keessa jiran illee utuu hin hafin barsiisa warra moloksee kanaan gowoomfamanii mana barumsaatii ba’anii itti makamaa turan. Booda baayyeen isaanii jireenya ofii isaanii kan mancaasanii fi maatii isaaniitti gadda kan fidan ta’uu isaanii beekanii qalbii jijjiirrachaa turan; haa ta’u malee, erga takkaa kiyyoo moloksummaa kanaan qabamaniitii keessaa ba’uun isaanii hin danda’amne. Maatii baayyeen warra moloksee kana sodaachuu irraa kan ka’e ijoollee isaanii Yuunversitiitti erguu dhaaban. Mana barnootaa olaanaa kanneen keessatti lakkoofsi barataa haalaan gadi bu’uun isaa ifatti mul’ate. Manni barnootaa onee, barnoota dhabuun dagaage.WG 91.1

    Phaaphaasiin warra moloksee kanaaf aangoo cubbuu namootaa dhaga’uu fi dhiifama gochuu isaaniif kenne. Kun immoo madda hammeenya isa guddaa ta’e. Warri moloksee kunis bu’aa irraa argatan tilmaamuudhaan yakka gurguddoodha jedhamanii beekaman utuu hin hafin dhiifama gochuu eegalan. Sababii kanaaf yakki ittuma hammaachaa adeeme. Hiyyeessii fi dhukkubsataan rakkoo keessatti dagataman; kennaan silaa isaaniif kennamuu male hundi moloksee warra yoo namootni horii isaan dhowwatan akka cubbuun isaanii hin dhiifamne godhu jedhamaniif kennamuu eegale; amma illee molokseewwan kun jalqaabbiin isaanii hiyyuma guddaa haa ta’u malee, yerootii gara yerootti qabeenyi isaanii dabalaa, maaddiin isaaniis fooyya’aa adeeme; kan saba sanaa immoo hiyyummaatti gadi bu’aa adeeme. Yeroo ofii isaanii qannoo fi gammachuutti dabarsanitti, namoota barnoota hin qabne gara uummataatti erganii irra deddeebi’anii oduu fi seenaa isaan irraa dhaga’an irra deddeebi’anii himuudhaan ammayyuu namootni hafan warra molokseetti akka of kennaaniif gochuu itti fufan. Haala kanaan warri moloksee kun saba bal’aa irratti olaantummaa isaanii mirkaneeffachaa, akka dhimmootni amantaa hundi ol’aantummaa phaaphaasiitiin mirkanaa’u, qulqulloota akka faarfatanii fi kennaa isaanii moloksootaaf kennuudhaan bakki ga’aan akka samii irraa isaaniif qabamu amansiisan.WG 91.2

    Namootni baratan ajaja warra moloksee kana keessatti haaromsa fiduuf akkanumaan dhama’an; Wiikiliif garuu sirnichi walumaa gala soba irratti kan hundaa’e waan ta’eef dhabamuu qaba jedhee hundee jal’inaa irratti haleellaa bane. Maree fi qorannaan ni socho’e. Yeroo warri moloksee biyyicha keessa naanna’anii cubbuu dhiisuudhaaf gatii walii galuu itti fufanitti, namootni cubbuuf dhiifama argachuuf qarshiidhaan bitachuu isa jedhu shakkuu eegalan; cubbuu ofiif araara Waaqayyo moo phaaphaasii Room gaafachuutu nurraa eegama jedhanii gaaffii kaasuu jalqaban. (See Appendix note for page 59.) namootni lakkoofsaan muraasa hin taane sassata moloksootaa isa dhuma hin qabnee fi na ga’ee hin beekne kana irratti dammaquu eegalan. “Moloksootnii fi lubootni Room akka kaanserii nu nyaachaa jiru. Waaqayyo nu oolchuu qaba, kanaachi sabni kun baduu isaati” jechuu jalqaban. --D'Aubigne, b. 17, ch. 7. Sassata isaanii dhoksuudhaaf, warri molokseen kadhaa irratti bobba’an kun, nuti fakkeenya fayyisaa keenyaa hordofna; Yesuusii fi bartootni isaa kan jiraataa turan kennaa namoota biraa isaaniif kennamuun ture, jechuu eegalan. Kunimmoo namoota gara dhugaa ofii isaaniitiin barbaadanii argachuutti, gara kitaaba qulqulluutti isaan geggeessudhaan isaanii waraansa hamaa ta’e—kun akka ta’u Room gonkumaa fedhii hin qabdu. Kaayyoon ishee dhugaa duraa dhoksuu yoo ta’e iyyuu sammuun namootaa gara madda dhugaatti geggeeffame.WG 92.1

    Wiikliif warra moloksee wajjin walitti bu’uuf utuu hin taane sammuu namootaa gara dhugaa Kitaaba Qulqulluu fi gara ol’aantummaa sagalee Waaqayyootti harkisuudhaaf jecha barreeffamoota gaggabaaboo barreessee raabsuu jalqabe. Aangoo cubbuu namaaf dhiisuu inni phaaphaasiin luboota isaa hundumaa irra caalchisee fudhate yoo ofii isaa irratti dheekkamsa Waaqayyoo isa caalu dursee harkisuuf ta’e malee gonkumaa waan namni gochuu hin dandeenye akka ta’e ni labse. Karaa inni godhe sana caalaa kan ittiin barsiisaa fi olaantummaa hafuuraa sobaan ijaaramee namoota miliyoona hedduutti lakka’aman of jala galche kan ittiin mo’atan kan biraan hin turre.WG 92.2

    Ammas Wiikiliif xaxaa Room irraa mirga mootii Ingliziif falmuudhaaf waamame; Ambaasaadara ol’aanaa ta’ee muudamuudhaan biyya Neezerlaanditti ergamee wagga lamaaf bakka buutota Phaaphaasichaa wajjin konfiransii irra ture. Yeroo kanatti luboota Room warra Faransaay, Xaaliyaanii fi ISpeen irraa dhufanii wajjin carraa wal argee haasa’uu argate; sana gochuu isaatiin wantota biyya Ingliz yeroo jiru hin beekin hafe, kan golgaa duubatti hojjetaman hunda beekuudhaaf carraa argate. Hojii isaa kana yeroo xumuru maal jechuu akka danda’us ni argate. Bakka buutota phaaphaasii kanneen irraa karoorrii fi caaseffamni isaanii maal akka ta’e isaan irraa ifatti dubbise. Barsiisa isa jalqabee ture sana caalaatti jabeessee ifatti barsiisuudhaaf gara Inliziitti deebi’e; hawwii, koorrii fi gowoomsaan waaqota Room akka ta’es ni labse.WG 93.1

    Barreeffamoota gaggabaaboo kanneen keessaa tokko irratti waa’ee phaaphaasii fi qarshi sassaabduu isaatii akkas jedhee barreessee ture: “Dhimmoota hojii Hafuuraatiif wajjin wal qabsiisanii barsiisa dogoggoraa, isa cubbuu ofiitiif araara qarshiidhaan bitatan, sanaan hiyyeessota irraa bultoo isaanii duguuganii boodas qarshii mootummaa fi mallattoolee beekamoo ta’an biyya keenya keessaa guuruu eegalan. Sana gochuu isaaniitiinis kiristaanummaa gara abaarsa barsiisa dogoggoraatiin guddisan. Qabatamaatti biyyi keenya tulluuwwan warqee hedduu qabdi. Qarshi sassabduu luboota Roomaa warra of tuultuu sana malee kan biraan kan isa irraa fuudhee beeku hin jiru. Akkasitti itti fufnaan yeroo muraasa booda warqeen kun guuramee dhumuuf jira. Qarshii biyya keenya irraa guuruu isaatiin waan gaarii biyya keenyaaf fidu tokko illee hin qabu. Kan inni nuuf dabalu abaarsa Waaqayyoo isa barsiisa dogoggoraa isa cubbuu ofiitiif qarshiidhaan dhiifama bitatan sana irratti dhufuuf jiru nutti fida.WG 93.2

    Akkuma inni gara Ingliziitti deebi’een mootichi Wiikiliifiin waajjira Lutterworth irratti muude (qonnaa Luuter). Kun immoo akka mootichi dubbii Wiikiliif dubbatetti hin gaddine mirkaneessa. Tarkaanfiin Wiikiliif fudhate manni murtii murtii isaanii akka qajeelfatanii fi sabni biyyichaa amantii isaanii akka qajeelfatan taasise.WG 94.1

    Dheekkamsi phaaphaasicha battalumatti isa irratti boba’e. Labsiiwwan sadiis Ingliz irratti labsame. --yuunversitii irrati, mooticha irrattii fi luboota biyyattii irratti, --hunumaafuu ajaji kenname akka isaan ariitiidhaan murtii jabaa nama barsiisa sobaa barsiisu kana irratti fudhatani dha. (Augustus Neander, General History of the Christian Religion and Church, period 6, sec. 2, pt. 1, par. 8. See also Appendix.) Utuu labsiin kun isaan bira hin ga’in iyyuu lubootni biyyattii keessa jiran inaaffaama ofii isaaniitiin qorannaadhaaf Wiikiliifiin waamsisanii turan. Haa ta’u malee geggeessitoota biyyattii keessaa namootni baayyee beekamoon lama isaa wajjin bakka qorannaatti argaman; namootni hedduunis manicha marsanii gara keessaatti seenuudhaaf ariifachaa turan; abbootiin murtii sunis sodaatanii beellama kan biraa kennuudhaan nagaadhaan deebi’ee akka galu godhan. Yeroo yartuu booda, Edward III, inni dulluma isaa keessa luba haarumsa kanaan mormuudhaan dhiibbaa geggeessuuf yaale du’ee jennaan Wiikiliif bakka isaa gorsaa mootichaa ta’e.WG 94.2

    Haa ta’u malee labsiin ingliziin guutummaatti nama barsiisa dogoggoraa barsiisa jedhamu kana qabanii hidhuudhaaf dirqamsiisu dhufetti, tarkaanfiin ballaumatti fudhatame. Amma akka Wiikiliif kiyyoo dheekkamsa Roomaa keessa bu’e beekamaa ta’e. Haa ta’u malee, inni bara duriitti “Hin sodaatin…. Ani gaachana keeti” (Uumama 15:1), ammas hojjetaa isaa kana eeguudhaaf harka isaa diriirse. Haaromsaa kanatti utuu hin taane phaaphaasicha of tuulaa sana, isa du’a irratti labse irratti du’I ni dhufe. Gregory XI duunaan abbootiin murtii warri Wiikiliifiin qorachuudhaaf walitti qabamn tamsa’an.WG 94.3

    Gochaan Waaqayyoo haara’umsi dabalee akka babal’atuuf carraa kenne. Du’a phaphaasichaatiin booda phaaphaasota walii isaaniitiin morman lamatu filame. Humnoota waliin morman lama, kan iddoodhaa hin mixxiqne lamaantu anatu dhaga’amuu qaba jechuu eegale (See Appendix notes for pages 50 and 85.) tokkoon tokkoon isaanii namoota amanamoo ta’aniif abdii badhaasa samiitti isaan eeggatuu kennuudhaan diina isaanii irratti akka ka’aniif waamicha taasisan. Kun ta’uun isaa aangoo phaaphaasii baayyee dadhabsiise. Humnootni lamaan amma danda’an haleellaa wal irratti banuu isaaniitiin Wiikiliif yeroodhaaf boqonnaa argate. Wal himannaa fi hadheessuun phaaphaasota lamaan gidduutti waan tureef deggersa isaaniitiif dhiiga hedduutu dhangala’e. Yakkii fi leeyyoon waldaa keessa guute. Yeroo kanatti Haaromsaan inni hojii Lutterworth irraa achumaan boqonnaa fudhate, carraa kanatti fayyadamuudhaan akka namootni ija isaanii phaaphaasii irraa kaasanii gara Yesuus isa mootii nagaa ta’e ilaalaniif hojii isaa hojjechaa ture.WG 95.1

    Adda cabuun isaanii kana keessatti yakkaa fi malaammaltummaan mul’ate hundi akka namootni phaaphaasii jechuun maal akka ta’e akka argan waan godheef haarumsaaf karaa qopheesse. Ammas barreeffama gabaabaa waa’ee adda cabuu phaaphaasotaa barreesseen, Wiikiliif, akka namootni himannaa sobaa phaaphaasotni kun lamaan “mormituu Kiristoos” jedhanii wal himachaa jiran sana hubataniif waamicha dhiyeesse. “Waaqayyo” jedhe, “kana booda luba tokkicha irratti hidhamee akka hin teenye, akka namootni maqaa Kiristoosiin waamamn hundinuu lamaan isaanii iyyuu saphaatti mo’achuu danda’aniif lamaan isaanii gidduutti gargar cabuu fide.” --R. Vaughan, Life and Opinions of Yohaannis de Wiikliif, vol. 2, p. 6. {GC 86.3}WG 95.2

    Wiikliif, akkuma Gooftaa isaatii, wangeela hiyyeessotatti lallabe. Dhugaa kana mana isaa isa Lutterworth keessa jiru qofaatti qabatee taa’uu hin jaallanne, guutummaa biyya Inglizii wal ga’uu qaba jedhee murteeffate. Kana fiixaan baasuudhaaf lallabdoota muraasa kan dhugaa kana jaallatanii fi labsuudhaaf of kennan walitti qabe. Namootni kunis bobba’anii bakka gabaatti, karaa magaalota keessa jiran hundumaa irrattii fi daandii biyyattii hundumaa irratti labsan. Warra dullooman, hiyyeessotaa fi dhukkubsatootatti sanyicha facaasuudhaan burqaa gammachuu ayyaana Waaqayyoo isaaniif banan.WG 95.3

    Pirofeesera barsiisa amantii Yuunversitii Oxford ta’ee yeroo hojjetetti Wiikiliif sagalee Waaqayyoo dallicha guutummaa keessatti labse. Inni amanamummaadhaan barattoota isa jalatti ramadamaniif dhugaa waan qoodeef, maqaa “Doktera Wangeelaa” jedhu kennaniif. Haa ta’u malee hojii isaa hundumaa keessaa inni caalu Kitaaba Qulqulluu afaan Ingliziitti hiikuu isaati. Hojii isaa isa ‘On the Truth and Meaning of Scripture’ (Dhugaa fi Hiikkaa Kitaaba Qulqulluu Irratti) jedhu keessatti akka namootni biyya nglizii hundinuu hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa afaan ofii itti dhalataniin argatanii dubbisuu danda’anitti yaada isaa Kitaaba Qulqulluu hiikuu irra kaa’e.WG 96.1

    Garuu, akka tasaa hojiin isaa addaan cite. Utuu wal irraa hin kutin hojjechuun, qorachuu fi dhiibbaan diinota isaa irraa itti dhufu hundi wal ga’anii utuu umuriin isaa jaatama illee hin guutin akka dafee fulloomu taasisan. Dhukkuma hamaadhaan qabame. Kun immoo molokseewwan sanaaf gammachuu guddaa ta’e. Amma cubbuu waldaa irratti hojjeteef gaabbii guddaa keessa gala jedhanii waan yaadaniif qalbii jijjiirrannaa isaa dhaggeeffachuudhaaf ariifatan. Bakka buutotni dhaabbilee amantaa arfanii fi aanga’ootni biyyattii afur dhufanii nama du’aaf eegamaa jirutti marsan. “Amma kunoo jal’ina hojjetteen qabamtee du’i hidhiikee irra ga’eera, kanaafuu wantota gootee ittiin nu madeessite hundumaa amma himadhu” jedhan. Haaromsaan kun cal jedhee isaan dhaggeeffate; namoota isa tajaajilaniin siree keessaa ol na qabaa jedhee, ol isa qabnaan, gara namoota qalbii jijjiirrannaa isaa dhaga’uudhaaf afaan keessa isa eeganii ija guutee ilaalaa, sagalee jabaa isa isaan yeroo hunda yeroo dhaga’an roqomaniin itti dubbate: “Ani hin du’u, nan jiraadha; jal’ina moloksootni hojjetanis nan labsa” jedhe. --D'Aubigne, b. 17, ch. 7. Ajaa’ibsiifannaa fi qaanii guddaadhaan moloksootni sun baqatanii mana sana keessaa ba’anWG 96.2

    Dubbiin Wiikliif fiixaan ba’e. Inni waraana humna qabeessa Roomaa ittiin morman, bakka bu’aa Samii isa isaan biliisomsu, isa isaaniif ibsuu fi isa dhugaa namoota biraan ga’u, Kitaaba Qulqulluu harka namoota biyya isaatii keessa kaa’uudhaaf ni jiraate. Hojiin kun akka fiixaan hin baaneef gufuu hedduutu ture. Wiikiliif dhukkubaan baayyee dhiphata ture; hojii kana fiixaan baasuuf waggoota muraasi qofti akka isa haftu beeka ture; mormii isatti dhufuu jirus argeera; haa ta’u malee sagalee abdii Waaqayyootiin jajjabaatee shakkii tokko malee fuula duratti adeeme. Inni muuxannoo fi barnoota qabutti dabalee hojii guddaa kana xumuruudhaaf gargaarsa Waaqayyootiin qusatamee ture. Yeroo Kiristaanummaan dheekkamsaan liqimfamtetti, Haaromsaan kun utuu bubbee bubbisu kanaan hin jeeqamin mana isaa isa Lutterworth keessa taa’ee hojii isa filatamaa kana fiixaan baase.WG 97.1

    Dhuma irrattis hojichi ni xumurame--Kitaaba Qulqulluu afaan Ingliziitiin isa jalqabaa. Dubbiin Waaqayyoo biyya ingliziif ni saaqame. Haaromsaan kun amma hidhaas ta’e du’a hin sodaatu. Amma biyya Inglizii keessa ifa isa yoom iyyuu dhaamuu hin dandeenye dhaabeera. Inni namoota biyya isaatiif kitaaba Qulqulluu afaan isaaniitiin hiikee kennuu isaatiin, doofummaa cabsuudhaaf, biyya isaa biliisa baasuu fi ol kaasuudhaaf, gootummaa eenyu iyyuu dirree lolaa irratti hin raawwatne raawwate.WG 97.2

    Yeroo sana hojiin mana maxxansaa ammayyuu hin beekamne. Haala suuta jedhaa fi dadhabsiisaa ta’een hojiin kitaaba Qulqulluu baayyisuu hojjetame. Kitaaba kana argachuudhaaf fedhiin namootaa guddaa waan tureef namootni fedhiidhaan Kitaaba Qulqulluu kana baayyisuu irratti bobba’an baayyee ta’an illee hanga namootni barbaadan kana baayyisanii waliin ga’uun garuu ulfaataa ture. Namootni qabeenyaa qaban kitaaba qulqulluu guutummaa isaa bitachuuf fedhii guddaa agarsiisan. Warri kaan immoo gar tokkee qofa bitatan. Iddoo hedduutti maatiin adda addaa walitti gurmaa’anii bitatan. Akkasitti Kitaabni Qulqulluu inni Wiikiliif hike battalumatti mana namootaatti qajeele.WG 97.3

    Waamichi sammuu namootaaf godhame akkasumaan phaaphaasichatti of kennuu keessaa isaan dammaqse. Wikiliif amma barumsa bu’uura Pirotestaantii kan ta’an ifatti barsiisuu eegale--Fayyinni Kiristoositti amanuu qofaan akka ta’ee fi Safartuun dhugaa hin jijjiiramne kitaaba Qulqulluu ta’uu isaa barsiise. Lallabdootni inni erge hundi biyyattii keessa naanna’anii Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Wiikiliifiin namoota biraan ga’an; haala mika’aa ta’een amanitin haaraan kun walakkaa uummata Inglizii biratti fudhatama argate.WG 98.1

    Dhiyaannaan Kitaaba Qulqulluu geggeessitoota waldaatti sodaa naqe. Amma bakka bu’aa isa Wiikiliif irra caalu kan qawween isaanii hin dandeenyee wajjin walitti ba’auu isaaniiti. Amma seerri biyya Inglizii keessatti Kitaaba Qulqulluu dhowwu waan hin jiraanneef kan yeroo kami caalaa afaan uummataatiin maxxanfamuu itti fufue. Seerri kana deggeru tumamee hojii irra oole. Yeroo kanatti utuu mormii lubootaatiin gufatee boodatti hin hafin carraa argate kanaan dubbiin Waaqayyoo faca’e.WG 98.2

    Ammas geggeessitootni Phaaphaasummaa sagalee nama haara’umsa geggeessuu kana ukkaamsuuf yaalii godhan. Yeroo sadii walitti fufiinsaan qorannaaf fuula murtiitti dhiyeessanii homaa irraa hin arganne. Jalqaba sinoodiin lubootaa barreeffamni isaa barsiisa sobaati jedhanii labsan. Sana booda mootii dargaggeessa ture, Richard II, amansiifachuudhaan namootni barsiisa sobaa isaan jedhan kana qabatee argame hundi akka hidhamuuf seera tumsiifatan.WG 98.3

    Wiikliif Sinoodii irraa gara mana maree biyyattiitti ol iyyannoo fudate; yaa’ii duratti dhiyaatee sodaa tokko malee caasaa waldattii fi dhiibaa isheen uummata irraan ga’aa jirtuuf tarkaanfiin haara’umsaa akka fudhatamuu qabu falme. Humna amansiisuu danda’uu isaatii fayyadamee malaamaltummaan waldattii keessa jiru maal akka fakkaatu ifatti baase. Diinota isaatti ni bitaacha’e. Michootnii fi deggertootni Wiikiliif dirqamanii biraa hafuudhaan Wiikiliif qofaa isaa akka nama hiriyyaa hin qabnee, dulluma keessa, isaaniif akka jilbeenfatu yaadanii turan. Qooda kanaa, phaaphaasotni ofii isaanii mo’amanii of argan. Miseensotni mana maree waamicha Wiikiliif dhiyeesseen dammaquudhaan ari’annaan akka dhaabatu waan godhaniif, Wiikiliif amas biliisa ba’e.WG 98.4

    Yeroo sadaffaadhaaf biyyattii keessatti sadarkaa waldattiin qabdu isa guddaa irratti qorannaadhaaf dhiyaate. Asitti barsiisa sobaatiif loogiin hin jiru. Asitti Roomaan injifattee, hojiin haaressichaa ni dhaabata. Phaaphaasotni akkas jedhanii yaadan. Utuu akka isaan yaadan isaaniif ta’eetii, gaafa sana Wiikiliif ykn barsiisa isaa sana lafatti gatee ba’a ykn immoo ibiddatti gatamuudhaaf kutaa sana keessaa gadi baafama ture.WG 99.1

    Wiikliif garuu boodatti hin deebine; ittis hin fakkeessine. Inni sodaa malee barsiisa isaa eeggatee himannaa isaanii of irraa faccise. Inni ofii isaa, sadarkaa isaa, haala keessa jiru utuu hin ilaalin, warra dhaggeeffataa jiran hunda teessoo murtii isa kan Waaqayyoo duratti dhiyeesse; gowoomsaa isaaniis madaallii dhugaa irra kaa’e. Humni Hafuura Qulqulluu kutaa yaa’ii sana keessa guute. Sagaleen Waaqayyoo dhaggeeffattoota irra ture. Bakka sanaa deemuudhaaf humna waan hin qabne fakkaatan. Akka eeboo Waaqa biraa darbatamuutti dubbiin afaan Wiikiliif keessaa ba’u onnee isaanii waraana ture. Himannaan barsiisa sobaa isaan irratti dhiyeessan humna amansiisuu isaatiin Wiikiliif mataa isaanii irratti deebise. Maaliif dogoggora keessan facaasuuf yaaltu? jedhee isaan gaafate. Bu’aa argachuudhaaf jecha ayyaana Waaqayyootiin nagadduu? jedhe.WG 99.2

    Dhuma irrattis “Eenyuu wajjin wal’aansoo waan wal qabaa jirtan of seetan?” ittiin jedhe. “namicha dulloomaa afaan owwaalchaa irra jiruu wajjinii? Miti! Dhugaa wajjin — Dhugaa isa isin irra caaluu fi isa isin mo’uu wajjin” jedhe. --Wylie, b. 2, ch. 13. Kana erga dubbatee booda yaa’ii sana gidduudhaa ba’ee adeeme. Diinota isaa keessaa namni tokko illee namni isa ittisuuf yaale hin turre.WG 99.3

    Hojiin Wiikliif gara xumuraatti dhufeera; alaabaan dhugaa kan inni bara dheeraadhaaf ol qabe dhiyootti harka isaa keessaa kufuuf ta’a; haa ta’u malee yeroo dhumaadhaaf ammas wangeelaaf dhuga baatuu ta’a. dhugaan iddoo teessuma dogoggoraa keessaa ni labsama. Wiikiliif qorannaadhaaf Phaaphaasota Roomaa warra kana dura dhiiga qulqullootaa dhangalaasuudhaan beekaman duratti dhiyaate. Waan isa mudachuu danda’u utuma beekuuyyuu fuula isaanii duratti dhiyeeffamuudhaaf adeemuu irraa sodaatee boodatti hin ittifne. Haa ta’u malee, sagaleen isaa Roomaa keessatti akka hin dhaga’amneef xalayaa barreessuu akka danda’u yaadee barreessuufis murteesse. Bakka jiraatu sana irraa xalayaa Phaaphaasichaaf barreesse. Xalayaa kabajaan guute, jechoota Kiristaanummaa agarsiisuun kan barreeffame ta’uun isaa phaaphaasii of tuulaa sanaaf dheekkamsa guddaa ta’e.WG 100.1

    “Dhugumaan amanitiin qabadhee jiru namoota hundumaatti, keessattuu Phaaphaasii Roomaatti yeroon himu gammachuu guddaatu nati dhaga’ama: innis amman beekutti qajeelaa fi dhugaa dha jedhee amantii koo ni mirkaneessa, yoo dogoggora ta’e immoo ni qajeelcha” jedhe.WG 100.2

    “Jalqaba irratti, Wangeelli Kiristoos guutummaa qaama seera Waaqayyooti. . . . Phaaphaasiin lafa irratti afaan Kiristoos waan ta’eef, nama kam iyyuu caalaa seera wangeelaa kanaaf amanamaa ta’uun akka irra jiru nan dubbadha. Bartuu Kiristoos keessaa isa caalu ta’uun ulfinaa fi kabaja biyya lafaatiin utuu hin taane jirreenyattis ta’e adeemsatti Kiristoositti dhiyaatanii sirriitti duukaa bu’uu keessaa argama.... Christoos yeroo lafa kana irra ture hunda caalaa hiyyeessaa fi kana kabaja lafaa hin barbaadne ture.”WG 100.3

    ” Pheexiroosii fi ilmaan zabdiyoos faana Yesuus duukaa bu’uu irra kabaja biyya lafaa waan barbaadaniif eenyu iyyuu isaaniin hordofuu akkuma hin qabne; namni amanamaan kam iyyuu, yoo isaan Kiristoosiin hordofan malee, Phaaphaasiis ta’e nama qulqulluu kamiin iyyuu hordofuun irraa hin eegamu.”WG 100.4

    ” Kiristoosis karaa bartoota isaatii akkuma godhe; Phaaphaasiin aangoo biyya lafaa warra biyya geggeessaniif gad dhiisuudhaan hojjettoota isaa achi keessaa harka sassaabbachiisuutu irraa eegama. Kanaafuu, isaan kana keessaa qaphxii tokkoon illee yoon dogoggoreera ta’e sirreeffamaaf ofiikoo dabarsee nan kenna, yoo barbaachisaadha ta’e amma du’aatti of nan kenna; yoon fedhii fi miira dhuunfaakootiin hordofa ta’e, ofiikoo dhugumaan Phaaphaasii Roomaa duratti nan dhiyeessan ture; Waaqayyo garuu akkas akka hin taane natti mul’ise, namaaf otuu hin taane Waaqayyoof abboomamuu akan qabus na barsiise.”WG 101.1

    Dhuma irrattis akkas jedhe: “Akka phaapaasii Urban VI Kiristoos Yesusiin Jireenyaa fi namummaa isaatiin hordofuuf, Waaqayyo hojii sochoosuu isa keessatti jalqabe akka itti fufuuf , namootas dhugaa akka barsiisanii fi namootnis dhugaa dhuukaa akka bu’aniif Waaqayyoon ni kadhannaaf.”-- John Foxe, Acts and Monuments, vol. 3, pp. 49, 50. {GC 92.1}WG 101.2

    Kana gochuu isaatiinWiikliif, Phaaphaasichaa fi luboota isaatti, akkasumas guutummaa Kiristaanotattii, Furtuu guddaan qajeelummaa fi gad of deebisuu Kiristoos maal akka fakkaatu itti mul’ise.WG 101.3

    Wiikliif jireenyi isaa gatii amanamummaa isaatii akka ta’u guutummaatti eege. Mootii, Phaaphaasii fi lubootni isa balleessuu irratti tokkummaa uuman; Wiikiliifiin iddootti galchuun baatii muraasa qofa fudhata jedhan. Haa ta’u malee ejjennoon isaa hin raafamne. “Maaliif gonfoo aarsaa ta’uu fagootti haasoftuu? Wangeela Kiristoos oftuultotatti lallabi, gaafas aarsaa ta’uun kufaatii hin ta’u. Maal jechuudha! Anatu jiraatti cal jedhaa? . . . Kun gonkumaa hin ta’u! dheekkamsichi haa bu’u, anis dhufaatii isaan eega” jedhe. --D'Aubigne, b. 17, ch. 8. {GC 92.3}WG 101.4

    Haa ta’u malee, Ammas eegumsi Waaqayyoo hojjetaa isaatiif gaachana ta’e. Namni bara isaa guutuu, waraansa guyyaa guyyaatti itti dhufu hunda danda’ee, dhugaadhaaf ija jabinaan falme jibba diinota isaatii harkatti akka kufu hin godhamne. Wiikiliif gaachana tokko iyyuu ofii isaatii hin qabanne, Waaqayyo garuu isa eege; amma yeroo diinotni isaa harka keessa isa galfachuu isaanii mirkaneeffatan kanatti immoo Waaqayyo bakka isaan qaqqabuu hin dandeenyetti garbicha isaa geese. Waldaa isa Lutterworth keessatti, irbaata qulqulluu kennuudhaaf utuu qopha’aa jiruu kufee hafuura ishee dhumaa baafate.WG 101.5

    Wiikiliifiin hojii kanatti kan waame Waaqayyo ture. Waaqayyo dubbii isaa afaan Wiikiliif keessa kaa’uudhaan akka inni namoota biraan ga’utti eegduu isaa ta’ee bira dhaabate. Jireenyi isaa eegumsa jala ture; hojiin isaas amma haara’umsaaf dhagaa bu’uuraa tolchutti akka itti fufu taasifame.WG 102.1

    Wiikliif duwwummaa jaarraa dukkanaa keessaa dhufe. Akka irraa ilaalee hojii haara’umsaa isaa fooyyeffatuuf kan isa dura hojii akkasii hojjete hin turre. Akka yohaannis cuuphaadhaa ergamni inni fudhate jaarraa haaraa kanaaf sagalee lafa onaa keessaa iyyu ta’uudha. Haa ta’u iyyuu malee dhugaan inni lallabaa ture haara’umsoota isa booda, wagga dhibba tokkoon booda, ka’aniin kan bira hin darbamne, kan muraasni isaanii immoo bira ga’uu hin dandeenye, dhugaa qindoominaan dhiyaate ture. Kanaafuu, hundeen isaa bal’inatee fi gadi fagaatee waan dhaabameef, dagaleen isaas jabaa fi dhugaa waan tureef haaressitootni kan biraan isa diiganii kan biraa ijaaruu hin barbaachifne.WG 102.2

    Sochii guddaan Wiikiliif warra baratee fi qajeelina barbaadu, akkasumas uummata garbummaa phaaphaasii jalatti bara dheeraaf qabamee jiraatu biliisa baasuudhaaf taasise, burqa isaa Kitaaba Qulqulluu keessa godhate. Maddi eebbifamaan sun, inni akka bishaan jireenyaa ta’e sun, jaarraa arfaffaa irraa eegalee yaa’ee nu bira ga’eera. Wiikiliif Kitaabni Qulqulluun mul’ata Waaqaatiin kan barreeffame ta’uu isaa fi shaakala amantii fi qajeelfama ga’aa ta’e akka qabu ni amana. Inni kan barsiifamee ture akka waldaan Roomaa Waaqa biraa taatee fi kan hin kufnee fi hin jijjiiramne, akkasumas, barsiisa isheen waggoota kumaaf ijaarte utuu hin morminii fi gaaffii utuu irratti hin kaasin fudhachuu fi kabajuu akka qabu dha. Inni garuu isa dhiisee dubbii Waaqayyoo isa qulqulluu qofa dhaga’uutti deebi’e. Kanadha aangoon inni akka namootni fudhataniif isaan sardu. Qooda Phaaphaasiin Waaqayyoon bakka bu’ee haasa’u, sagaleen Waaqayyoo qofti karaa Kitaaba Qulqulluu akka dubbatuuf falme. Inni kan barsiise Kitaabni Qulqulluu fedhiin Waaqayyoo maal akka ta’e Mulisuu isaa qofa utuu hin taane, kan hiikuu danda’u Hafuura Qulqulluu qofa akka ta’e, namni kam iyyuu dubbii Waaqayyoo qorachuudhaan maal gochuun akka irraa eegamu barachuu akka danda’us barsiiseera. Akkasittidha kan sammuun namootaa Phaaphaasii fi waldaa roomaa irraa gara dubbii Waaqayyootti kan deebi’e.WG 102.3

    Wiikliif haaressitoota warra beekamoo keessaa tokko ture. Beekumsa gadi fagoo qabaachuudhaan, sirriitti ibsee barsiisuudhaan, dhugaa jabeessee iddootti eeguutti, akkasumas ija jabinaan dhugaadhaaf falmuutti haaressitoota warra isa booda ka’an keessaa kan isaan dorgoman muraasa qofadha. Qullaa’ummaa jireenyaatti, qorachuu fi hojechuutti nuffuu dhiisuutti, eenyummaa hin faalamne qabaachuutti, jaalala kan Kiristoos fakkaatu qabaachuu fi tajaajilaaf amanamuutti, haaressitoota keessaa nama sadarkaan duraa kennamuuf dha. Dukkanni wallaalummaa fi malaammaltummaan bara isaa keessa ture isa hin daangessine.WG 103.1

    Amalli Wiikiliif agarsiise eenyummaa barsiisaa isaatii fi humna nama jijjiiru qabaachuu Kitaaba Qulqulluu raga baatuu ta’e. Kan akka sana ta’u isa godhe Kitaaba Qulqulluudha. Mul’ata dhugaa hundumaa fudhachuudhaaf dhamaatii inni godhu akka wanti hundinuu sammuu isaa keessa faca’u taasise. Kitaabni Qulqulluu sammuu isaa bal’isee, ilaalcha isaa qaree, murtii bilchaataa akka inni kennu taasise. Qorannaan kam iyyuu karaa gochuu hin dandeenyeen Kitaaba Qulqulluu qorachuun yaada, miraa fi kaayyoo namootaa beekamaa taasisa. Inni kaayyoo dhaabbataa, obsa, jabinaa fi humna kenna; inni amala namaa qulleessee lubbuus qulqulleessa. Leenjiin falaasama namaatiin qophaa’e kam iyyuu gochuu kan danda’u caalaa, Kitaaba Qulqulluu qorachuun, sammuu barataa sanaa sammuu Waaqayyoo wajjin walitti fiduudhaan qajeelfa kennuun biyya lafaa kanaaf namoota sammuun isaanii hedduu qaroomee fi beekumsaan guute gumaacha. “Saaqamuun dubbii keetii if ani kenna, wallaalota iyyuu ni hubachiisa” jedhe Daawwit abaan faarfannaa (Faarsaa 119:130).WG 103.2

    Barsiifni Wiikiliif itti fufee barsiifame; duukabuutotni isaa Wycliffites fi Lollards jedhamuudhaan beekaman, biyya Ingliz keessatti qofa utuu hin taane biyyoota adda addaa keessa Wangeela baachuudhaan deddeebi’an. Amma geggeessaan isaanii waan isaan duraa fudhatameef, lallabdootni kan duraanii caalchisuudhaan Wangeela humnaan lallabuu eegallaan namootni hedduun isaaniin dhaggeeffachuudhaaf walitti qabamuu eegale. Namoota baayyee beekamoo ta’an kanneen haadha manaa mootii dabalatee, haara’umsa kana fudhachuu jalqaban. Iddoo baayyeetti haara’umsi kun ija godhachuudhaan waaqni tolfamaan Roomaa waldaa keessaa buqqifamuu jalqabe. Haa ta’u malee warra kitaaba Qulqulluudhaan geggeeffamuu filatan irratti dhiyootti ari’atamuu dhufutu jira. Geggeessitootni biyya Inglizii aangoo isaanii jabeeffachuudhaaf Roomaa irraa deggersa waan barbaadaniif namoota haara’umsa geggeessan kana aarsaa gochuu irraa boodatti hin deebine. Biyya Inglizii keessatti yeroo jalqabaatiif seerri haaressitoota Wangeelaatiin mormu tumame. Aarsaa ta’uun walitti fufiinsaan raawwatame. Warri dhugaadhaaf falman yeroo dhiphifamanitti iyya isaanii Gooftaa maccaa duratti qofa dhageessifatan. Akka diina waldaatti yeroo adamfamanitti illee bakka dhookataa fi mana hiyyeessotaa keessa akkasumas holqaa fi bowwaa keessa dhookachaa Wangeela Kiristoosiin lallabuu isaanii ituuma fufan.WG 104.1

    Ari’atamuu jabaachaa dhufeen utuu hin daangeffamin jaarraa hedduudhaaf warri dhugaadhaaf dhaabbatan, tasgabbiidhaan, obsaan, of kennuudhaan mormii amantaa malaammaltummaadhaan faalame kana irratti qaban itti fufiinsaan geggeessan. Kiristaanotni yeroo sana turan dhugaa gar-tokkee ishee qofa kan beekan yoo ta’e illee, dubbii Waaqayyoo jaallachuu fi abboomamuufii barataniiru. Kanuma gochuu isaaniitiifis dhiphina guddaa fudhataniiru. Akkuma bartoota warra jalqabaa, baayyeen isaanii Kiristoosiif jedhanii qe’ee isaanii fi qabeenya isaanii dhiisaniiru. Warri mana isaanii keessa turuu filatan immoo obboloota isaanii warra ari’atamanii fi warra bakkeetti gataman gammachuudhaan mana isaanii keessatti simatanii da’oo ta’aniiruuf. Bara sana keessa kumaatamaan kan lakkaa’aman ari’atamaa fi dheekkamsa isaanitti dhufe sodaachuu isaanii irra kan ka’e amantii isaanii arrsaa godhanii mana hidhaa keessaa ba’uudhaan uffata dhukkubsattootaa uffatanii itti walii galuu isaanii agarsiisuun isaanii dhugaadha. Maatii beekamoo fi dureeyyii irraa kan dhalatanis ta’e hiyyeeyyii irraa kan dhalatan—dhugaadhaaf amma dhumaatti dhaabachuu isaanii irraa kan ka’e, “Gamoo Lollard” keessattii fi dhiphifamuu fi ibidda keessatti, hirmaachuu isaaniitiin “dhiphina Isaa keessaa hirmaachuu keenyaaf carraa arganne” jechuudhaan gammachuu guutuutti kan lakka’anis lakkoofsaan xiqqoo miti.WG 104.2

    Phaaphaasotni yeroo Wiikiliif jiraatti jiru fedhii garaa isaanii raawwachuu hin dandeenye; ammas reeffi isaa nagaadhaan owwaalcha keessa boqochuun isaa nagaa isaan dhowwateera. Yaa’ii Konistance (Constance) jedhamee beekamu irratti murtii murteessaniin lafee isaa iddoo awwaalchaa keessaa baasanii utuu iji namootaa ilaaluu ibiddaan gubanii daaraa isaas laga itti dhiyoo jirutii gatan. Barreessaan bara durii tokko akka barreessetti “Lagni daaraan isaa itti gatame kun laga Avonitti, Avoon immoo Severntti Severn immoo Galaanatti, Galaanni sun immoo Garbatti dabarsee kenne. Kanaaf daaraan Wiikiliif aasxaa barsiisa dhugaa ta’anii biyya lafaa guutummaatti faca’an” jedhe. -- T. Fuller, Church History of Britain, b. 4, sec. 2, par. 54. Gochaan isaanii kun ammam barbaachisaa akka ta’e diinotni isaa hedduu hin hubanne.WG 105.1

    Barreeffamoota Wiikiliif ture kan John Huss nama Bohemiyaa (Bohemia) warra Roomaadhaan mormee gara haara’umsaatti kan geggeesse. Akkasitti kan biyya kenneen lamaan keessa sagniin dhugaa bal’inaan kan facaafame. Bohemiyaa irraa hojichi gara biyyoota kaaniitti bal’ate. Sammuun namootaa gara dubbii Waaqayyoo isa bara hedduuf irraanfatameetti qajeelfame. Harki Waaqayyoo hara’umsa guddaadhaaf daandii qopheessaa ture.WG 105.2

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents