Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Wal’aansoo Isa Guddaa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 40—Oolfamuu Saba Waaqayyoo

    Yeroo seerri mirga dhala namaa kabachiisu namoota seera Waaqayyoof ulfina kennan hundumaa irraa fudhatamu, battaluma sana biyyoota garaa garaa keessatti sochii lubbuu isaanii balleessutu godhamuu eegala. Labsiin seeraan muramee ka’ame as dhi’aachaa yeroo adeemu, namoonni garee warra jibbamanii buqqisanii balleessuudhaaf gamtaa uumu. Halkan tokko keessatti sagalee mormii fi ifataa cal-jechisiisuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e hunda fudhachuuf murteessu.WG 464.1

    Sabni Waaqayyoo — kaan isaanii mana hidhaa keessa ta’anii, kaan isaanii immoo gara bosonaa fi gaarotaatti baqatanii eegumsi Waaqayyoo akka isaaniif ergamuuf itti fufanii kadhachaa yeroo isaan jiran keessa, gareen meeshaa waraanaa hidhatanii kallattii arfan irra jiran immoo ergamoota seexanaatiin geggeffamanii hojii ajjeechaa raawwachuudhaaf bobba’u. Yeroo baay’ee hammaataa ta’e kanatti, Waaqni Israa’el saba Isaa oolchuuf gidduu seena. “Isin garuu yeroo sanatti faarfannaa isa guyyaa ayyaana qulqulluu galgala faarfatan sana in faarfattu; akka isa yeroo sabni ululleedhaan faarfachaa gara tulluu Waaqayyootti isa kattaa Israa'el jedhamee beekameetti ol ba'u sanaatti garaa guutuudhaan in gammaddu. Waaqayyo sagaleen isaa inni surra-qabeessi akka dhaga'amu, irreen isaa inni rukutuudhaaf jedhus akka argamu in godha; inni aarii cimaadhaa fi ibidda nama fixuun, bokkaa yandoodhaa fi qilleensa jabaadhaan cabbiidhaanis isaan in rukuta.” Isa 30:29, 30.WG 464.2

    Yeroo tuuti namoota jal’ootaa sagalee mo’ichaa, kan sookkoo (abarsaa) fi ceephoo dhageessisaa namoota kiyyoo isaanii jalatti kufan irratti lafa dha’uuf jarjaran, kunoo dukkanni jabaan gurraachinni isaa dukkana halkanii irra caalu biyya lafaa irra buufata. Sanaan booda, sabbatni ulfinaa teessoo Waaqayyoo irraa argamu tokkoo tokkoo naannoo namoota kadhannaatti jiranii marsee waan jiru fakkatee mul’ata. Tuutni aaree banbanaa jiru si’a takkaadhaan cal-jedha. Iyyi cooquu (ga’isuu) isaaniis ni du’a. Kaayyoon ajjeechaa isaanii inni aariidhaan guutame ni dagatama. Balaa ta’uuf jiru sodaachuu irraa kan ka’e milikkita kakuu Waaqayyoo ilaalaa, ifa isaa isa humna qabeessa duraa golgamuuf hawwu.WG 464.3

    Saba Waaqayyootti sagalee qulqulluu fi yeedaloo “Gara olii ilaalaa” jedhutu dhagaa’ame, isaaniis ija isaanii ol fudhatanii yeroo gara samii ilaalan sabbata kakuu argan. Duumessi aarii fi dukkanaa inni samii uwwisee ture ni dhabame, isaanis akkuma Isxifaanosiin utuu ija isaanii irraa hin buqqisin gara samii yeroo ilaalan, ulfina Waaqayyoo fi Ilma namaa Isa teessoo irra taa’ee jiru argan. Bifa Waaqummaa Isaa keessatti mallattoo Gad-of-deebiisuu Isaa argan. Hidhii Isaa irraas gaaffii fuula Abbaa Isaa fi qulqulloota ergamoota duratti dhi’aate ni dhaga’an: “Yaa abbaa, isaan ati anaaf kennite kun iddoon ofii jiraadhu haa jiraataniif, ulfina isa ati biyyi lafaa utuu hin uumamin waan na jaallatteef anaaf laattes, haa arganiif nan fedha.” Yoh. 17: 24. Ammas sagaleen muuziqaa fi mo’ichaa akkana jedhu ni dhagaa’ame: “Warri qulqulloonni, warri miidhaa hin geessisnee fi warri hin xuraa’in dhufaniiru! dhufaniiru! Isaan sagalee obsa kootii eeganiiru; isaan ergamoota gidduus ni adeemu.” Hidhiin warra amantii isaanii jabeessanii qabatanii inni daalacha’ee roqomaa jiru guddisee sagalee mo’ichaa dhageessisa.WG 464.4

    Waaqayyo saba Isaa oolchuudhaaf humna Isaa kan inni mul’isu halkan walakkaadha. Aduun humna jabaatiin baatee ni ifti. Milikkinnii fi dinqiwwaan garaa garaa walitti fufanii hatattamaan mul’atu. Warri cubbamoonni naasuu fi raajeffannoo guddaadhaan guutamanii taatee sana hunda ilaalu. Warri qulqulloonni garuu gammachuudhaan milikkita furamuu isaanii ilaalu. Wanti uumama keessa jiru hundinuu waan toora isaa gad-dhiise fakkaata. Lagoonni yaa’uu ni dhaabu. Duumessi gurraachii fi ulfaataan ol-ka’anii walii walii isaaniitti rukutaman. Samii aariidhaan guutame kana walakkaa iddoo ifaa ulfinni (surraan) isaa ibsamuu hin dandeenye tokkotu jira. Iddoo sana irraa sagalee Waaqayyoo isa huursaa bishaanota baay’ee fakkaatutu “Raawwateera” jedhee utuu dubbatuu dhagaa’ame. Mul. 16:17.WG 465.1

    Sagaleen sun samii fi lafa sochoose. Sochii lafaa humna guddaa qabutu ta’e, “laftis guddisee in socho'e; guddinni socho'a lafaa sunis erga namni lafa irratti uumamee, sanyiin isaa takkaa kan hin ta'inii dha.” Lakk. 17, 18. Bantiiwwan waaqaa waan banamee cufamu fakkata. Ulfinni teessoo Waaqayyoo irraa dhufu achi keessaan waan ifu fakkaata. Tulloonni akka shomboqqoo (jajjaba) bubbee keessaa raafaman, kattaawwan babbaqaqoonis kallattii hundumaatti gargar tatamsa’an. Akka waan bubbee jabaan dhufaa jiruutti sagaleen huursaa ni dhagaa’ame. Galaanni aarii guddaadhaan asii fi achi walitti rurrukutaman. Sagaleen obomboleettii akka waca hafuurota hamootaa ergama badiisaa bakkaan ga’uuf bobaa’aa jiraniitti dhagaa’ame. Lafti akka dha’aa galaanaa ni bokoke, akkasumas, olii fi gadi, asii fi achi daddarbatame. Dirri lafaa ni caccabe. Hundeen lafaa waan raafamee iddoo gad-dhiise fakkaata. Gaaronni wal-qabatanii jiran (fuuncaan gaarotaa) gadi liqmfamaa jiru. Odolli bakka jireenyaa namootaa turan ni badan. Buufanni galaanaa warri xuraa’ummaa isaaniitiin akka Sodoomiin ta’an galaanota aaranii banbananiin liqimfaman. “Waaqayyo immoo Baabilon guddittiin xoofoo dheekkamsa Isaa isa sodaachisaa keessaa akka dhugduuf isheedhaaf kennuu in yaadate.” “Cabbiin dhagaa gurguddaa, tokkon tokkon isaa akka kiilo giraamii jaatamaa ulfaatu” hojii balleessuu isaanii hojjechaa jiru. Lakk 19, 21. Magaalonni of-tuuloon biyya lafaa kanaa ni hurraa’an. Galmi moototaa, inni namoonni bebbeekamoon addunyaa ulfina mataa isaaniif jecha qabeenya isaanii irratti dhangalaasanii hojjetan hundinuu ija isaanii duratti caccabee hurraa’a. Keenyan mana hidhaa ni caccaban, sabni Waaqayyoo warri sababii amantii isaaniitiif hidhamanii turanis bilisa ba’an.WG 465.2

    Awwaalonni ni banaman, “Warra obbaafatanii garaa lafaa keessa rafan keessaas baay'een dammaqanii, kaan jireenya bara baraaf, kaanis yeelloo jibbisiisaa bara baraaf in ka'u.” Dan. 12: 2. Ergaa ergamaa sadaffaatti amananii kan du’an hundinuu warra seera Waaqayyoo eegan hundumaa wajjiin kakuu Waaqayyoo isa nagaa dhaga’uudhaaf qaama ulfina qabeessa uffatanii awwalchaa keessaa ni ka’u. “Warri Isa waraananis” (Mul. 1:7), du’a Kiristoos isa dhiphinaan guutametti warri ga’isanii fi qoosan, akkasumas, mormitoonni dhugaa fi saba Waaqayyoo warri baay’ee gara jabeeyyii ta’an hundinuu, ulfina Isaatiin Isa arguudhaaf, akkasumas, warra amanamoo fi abboommii Waaqayyoo eegan irra ulfina ka’ame arguudhaaf ni ka’u.WG 465.3

    Duumessi gobbuun samii uwwisee kan jiru yoo ta’e illee, aduun ilaalcha ijaa baafannaa Waaqayyoo fakkaattee duumessa sana cabsitee baati. Balaqqeessi samii keessaa utaalanii beleshee (ansoolaa) ibiddaatiin biyya lafa uwwisan. Sagalee guungummii qaqawweessaa isa naasisaa gararraadhaan sagalee iccitaa fi sodaachisaa badiisa jal’ootaa labsutu dhagaa’ame. Jechoonni dubbataman namoota hundumaatiin hin hubatamne; haa ta’u iyyuu malee barsiisonni sobduun sirriitti hubataniiru. Namoonni warri yeroo muraasa fuul-duraa dhilbee (of-eeggannoo kan hin goone), koortuu fi mormitoota ta’an, akkasumas, saba Waaqayyoo warra abboommii Isaa eegan cunqursuuf gara- jabina agarsiisaa turanitti warri gammadaa turan hundinuu, amma naasuudhaa fi sodaadhaan liqimfamanii hollatu. Boo’ichi isaanii sagalee naannoo sana ture hundumaa gararaatti ol-ka’ee dhagaa’ame. Seexanoonni Waaqummaa Kiristoosiin beekanii humna Isaa fuul-duratti yeroo isaan roqoman, namoonni immoo yaaddoo abdii kutannaadhaan guutameen gad-jedhanii araara kadhatu.WG 466.1

    Raajonni durii waa’ee guyyaa Waaqayyoo ilaalchisee mul’ata qulqullaa’aa yeroo argan akkana jedhan: “Guyyaan Waaqayyoo dhiyaateera, innis isa hundumaa danda'u biraa badiisa waan fiduuf wawwaadhaa!” Isa. 13: 6. “Naasisuu Waaqayyoo duraa kattaa keessa lixi, surraa isaa duraas lafa keessa dhokadhu! Iji nama mataa irra-keessa qabatuu lafa in ilaala, warri of gurguddisanis gad in qabamu; guyyaa sanatti Waaqayyo duwwaatu ol ol jedha. Guyyaan Waaqayyo gooftaa maccaa warra of bokoksanii, mataa irra-keessa qabatanii fi warra ol ol qabaman hundumaa irratti in dhufa; gadis isaan in qaba; yeroo sanatti namoonni hundinuu waaqayyolii meetiidhaa fi warqee irraa itti sagaduudhaaf hojjechiifatan hundumaa tuqaadhaa fi simbira-halkanii dura in buusu; kana booddees Waaqayyo lafa rom'isiisuudhaaf surraa ulfina isaatiin yommuu ka'u, namoonni na'anii gara holqa kattaa fi holqa dhagaatti in baqatu.” Isa 2:10-12, 20, 21.WG 466.2

    Qaawwa duumessichaa walakkaa, ifa urjii dukkanichaa wajjin yeroo wal-bira qabamee ilaalamu dukkanicha irra dachaa afur caalee ifutu jira. Ifichi warra amanamoo ta’anitti sagalee abdii fi gammachuu kan dubbatu yeroo ta’u, warra seera Waaqayyoo irra dadarbanitti immoo sagalee dheekkamsaa fi dha’ichaa dubbata. Warri Kiristoosiif jedhanii waan hundumaa aarsaa godhan hundinuu, iddoo dhokataa ta’e, dunkaana Gooftaa jala dhokfamanii waan jiraniif nageenyi isaanii amansiisaadha. Isaan biyya lafaa fi warra dhugaa tuffatan fuul-duratti qoramanii ilaalamanii Isa isaaniif du’eef amanamoo ta’uu isaanii agarsiisaniiru. Namoota warra du’a fuul-duratti illee amanamummaa isaanii jabeessanii qabatan hundumaa irratti jijjiirama guddaatu dhufe. Isaan dukkanaa fi hacuuccaa hamaa namoota gara seexanummaatti jijjiiraman irraa isaanitti xiyyeeffate jalaa battalatti baraaramaniiru. Fuulli isaanii, inni daalacha’aa, yaaddoodhaan kan guutamee fi gudunfamaa ture amma dinqisiifannaa, amantii fi jaalalaan ife. Sagaleen isaanii faarfannaa mo’ichaa dhageessise: “Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, inni rakkina keessatti gargaaraa ta'uun isaa beekameera. Kanaafis lafti yoo diddiiramte iyyuu, tulloonnis hurgufamanii galaana walakkaa yoo buufaman iyyuu, nuyi hin sodaannu. Bishaanonni isaa huursanii yoo hoomachaa'an iyyuu, tulloonnis raafamuu isaatiin yoo roqoman iyyuu, [Waaqayyo gooftaan maccaa nuu wajjin jira, Waaqayyo inni kan Yaaqoob da'oo keenya!” Faar 46:1-3.WG 466.3

    Yeroo jechoonni amantii qulqullaa’oo ta’an kun gara Waaqayyootti ol-ba’anii dhagaa’aman, duumessoonni booddeetti deebi’an, samiin urjootaan guutames, samii gurraachaa fi aariidhaan guutamee garanaa fi garasiin mul’atuu wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu ulfinni dubbatamuu hin dandeenye ni argame. Ulfinni magaalaa qulqulluu sanaa kellaa isa banamaa keessaan gadi ifa. Ergasii booda harki gabatee dhagaa walitti dachaa’aa lama baatee jiru tokko bantii waaqaa keessatti ni mul’ate. Raajichi akkana jedhee dubbateera: “Waaqayyo ofii isaa abbaa firdii waan ta'eef, bantiiwwan waaqaa qajeelummaa isaa in labsu.” Far. 50: 6. Seerichi inni qulqullaa’aan, inni qajeelummaa Waaqayyoo ta’e, inni qajeelfama jireenya ilmaan namootaa akka ta’uuf tulluu Siinaa irratti qaqawweessaa fi ibidda keessaan kenname, amma danbii murtiin (firdiin) ittiin kennamu ta’ee namootatti mul’ate. Harkichi gabateewwan dhagaa sana yeroo inni banu seeronni abboommii kurnanii akka waan qalama ibiddaatiin barreeffamaniitti ni argaman. Jechoonni seerichaa akka namoonni hundinuu dubbisuu danda’anitti ifaa ta’ee barreeffamee jira. Birminyiin (Qalbiin yaadannoon sammuu) ni dammaqe, dukkanaa’ummaan tolchatti amanuu fi amantii ganuu sammuu namootaa keessaa haxaa’amee bade, abboommonni Waaqayyoo kurnan, gabaabinaan, guutuu fi aboo guutuu kan qaban namoota biyya lafaa irra jiraatan hundumaatti mul’ifaman.WG 467.1

    Naasuu fi abdii kutannaa warra seera Waaqayyoo isa qulqulluu irra ejjetanii ibsuun hin dandaa’amu. Gooftaan seera Isaa isaaniif kenne; qalbii jijjiirrannaa fi haara’umsaaf utuu carraan jiruu amala isaanii seerichaa wajjin waliin madaalanii ilaaluu fi hir’ina isaanii baruu ni danda’u turan; garuu biyya lafaa irraa oolmaa gaarii argachuuf jecha abboommota seericha keessatti kennaman dhiisanii namoota warra kaaniinis seera irra dadarbuu barsiisan. Humnaan dirqisiisanii akka sabni Waaqayyo Sanbata Waaqayyoo rakasiisan (tufftan) gochuudhaaf dhamaa’aniiru. Amma garuu seerichuma isa isaan tuffataniin isaanitti faradama. Sababii quubsaa kennuu dandaa’an tokko illee kan hin qabne ta’uu isaanii arganii naasuudhaan guutamu. Eenyuun akka tajaajilanii fi eenyuun akka waaqessan fo’annaa isaaniitiin agarsiisaniiru. “Yommus isin garaa garummaa warra qajeelotaa fi warra jal'oota gidduu jiru, warra ana Waaqayyoof hojjetuu fi warra anaaf hin hojjenne gidduu jirus dabaltanii in argitu jedha.” Mil. 3: 18.WG 467.2

    Diinonni seera Waaqayyoo, tajaajiltootaa kaasee hanga nama isa hunda irra baay’ee xinnootti, waa’ee dhugaa fi dirqama raawwachuun isaan irra turee ilaalchisee yaada haaraa argatu. Sanbanni abboommii afuraffaa, mallattoo Waaqa isa jiraataa ta’uu isaa erga baay’ee guyya’ee (yeroon darbee) booda argan. Hundeen isaan irratti ijaaraa turan cirracha ta’uu isaa fi waa’ee maalummaa sanbata isaanii isa sobaa iaalchisee haqni jiru maal akka ta’e erga yeroon barfatee booda hubatan. Waaqayyoo wajjin wal-lolaa kan turan ta’uu isaanii ni hubatan. Barsiisonni amantii namoota gara jannataatti geggeessaa kan jiran ta’uu isaanii utuu dubbatanii, lubbuu danuu gara badiisaatti oofan. Itti gaafatamummaan namoota hojii qulqullaa’aa irra ka’amanii hammam guddaa akka ta’ee fi bu’aan amanamummaa dhabuu isaanii hammam sodaachisaa akka ta’e hanga guyyaa firdii isa dhumaatti hin beekamu. Badiisni lubbuu tokko hamman jibbisiisaa akka inni ta’e kan nuti sirriitti hubannu jireenya bara baraa keessatti qofa. Namni Waaqayyo “Ana irraa fagaadhu, garbicha hamaa nana,” ittiin jedhu badiisni isaa sodaachisaa dha.WG 467.3

    Guyyaa fi sa’atii dhufaatii Yesuusiin kan labsuu fi kakuu bara baraa saba Isaa kan dhageessisu sagaleen Waaqayyoo samii keessaa ni dhagaa’ame. Sagaleen Isaa akka sagalee bakakkaa guddaa waan ta’eef guutummaa biyya lafaatti ni dhagaa’ame. Israa’elonni, warri kan Waaqayyoo ta’an ija isaanii gara samiitti ol-fudhatanii ni dhaggeeffatan. Akkuma fuulli Musee yeroo inni tulluu Siinaa irraa gad-bu’e ifaa ture, fuulli isaanii ulfina Waaqayyoo irraan kan ka’e ni ifa. Warri hamoonni gara isaanii ilaaluu hin dandaa’an. Yeroo warri Sanbata Isaa qulqullinatti eeguudhaan Waaqayyoof ulfina kennan eebbifaman, sagalee mo’ichaatu dhagaa’ama.WG 467.4

    Utuu hin turin duumessi gurraachi xinnoo, hamma walakkaa barruu harka namaa geessu karaa baha biiftuu ni mul’ata. Duumessi fageenya irratti yeroo ilaalamu wanta dukkanaan aguugamee jiru fakkaatu kun duumessa isa Fayisaa marsee jirudha. Wanti kun milikkita ilma namaa ta’uu isaa sabni Waaqayyoo ni beeku. Duumessichi gara lafaatti dhihaachaa yeroo dhufu, hanga inni duumessa adiitti jijjiiramuttis yeroo inni gara ifa guddaa fi ulfina qabeessatti geeddaramaa adeemu, akkasumas, yeroo ulfinni isaa ibidda taph godhu fakkachaa adeemuu fi yeroo sabbatni Waaqayyoo inni milikkita kakuu ta’e gararraa isaa irratti mul’atu, sabni Waaqayyoo callisuu guddaadhaan dhaabbatanii ilaalu. Yesuus akka goota injifataa humna guddaa qabuutti gara fuul-duraatti ba’a. Amma akka kanaan duraa “Nama dhiphinaa” ta’ee xoofoo qaanii fi wawwaannaa isa hadhaa’a dhuguuf hin dhufu. Inni mo’aa waaqaa fi lafaa ta’ee warra jireenyatti jiranii fi du’anii jiranitti faraduuf dhufa. “Amanamaa, dhugaas” “firdiitti, lolattis qajeelummaadhaaf in hojjeta.” akkasumas “Loltoonni waaqa keessaa isa duukaa in bu'an.” Mul. 19:11, 14. Ergamoonni qulqulloonni lakkoofsi isaanii lakkaa’amuu hin dandeenyee fi baay’inni isaanii danuu ta’an faarfannaa samii miidhagaa ta’e faarfachaa Isa duukaa ni bu’u. Bantiin waaqaa bifa calaqqisaadhaan waan guutame fakkaata — “Kumaatama, kuma kumaatamas.” Mul 5:11. Taatee mul’atu kana qalamni harka namatiin hojjetame barreessee ibsuu hin danda’u, ulfina isaas sammuun nama foonii hubachuu hin danda’u. “… surraan isaa bantiiwwan waaqaa, galanni isaas biyya lafaa irra in guuta; ifni ulfina isaatiis akka ifa aduu ti, harka isaa isa humni isaa keessa dhokatee jiru keessaa balaqqeessi as in ba'a.” Anb. 3:3, 4. Ammallee duumessi jiraataan sun yeroo dhi’aachaa adeemu, iji hundinuu Gooftaa jireenyaa ni arga. Mataa Isaa isa qulqullaa’aa irra ka’amee kan jiru gonfoo qoraattii osoo hin taane, gonfoo ulfinaatu adda Isaa qulqullaa’aa irra ka’ama. Ifni fuula Isaa aduu saafaa caalaa ifa. “Uffata isaa irratti, gudeeda isaa irrattis maqaan, “Mootii moototaa, gooftaa gooftotaas” jedhu caafamee jira.” Mul. 19: 16.WG 468.1

    Fuula Isaa duratti “fuulli namoota hundumaa ni gurraacha’e (daaraatti jijjiirame);” warra araara Waaqayyoo tuffatan hundumaa irratti abdii kutannaa bara baraatu kufe. “…sodaattee lapheen dha'ateera; jilbis raafameera,…fuulli hundinuus in geddarama.” Erm 30:6; Naho. 2: 10. Warri qajeelonni hollachaa: “Eenyutu dhabbachuu dandaa’aa?” jedhanii iyyu. Faarfannaan egamootaa waan dhaabbateef, callisuu guddaatu ta’e. Sanaan booda sagaleen Yesuus: “Ayyaanni koo isiniif ga’aadha” jedhee utuu dubbatuu dhagaa’ame. Fuulli warra qajeelotaa ni ife, gammachuunis onnee isaanii keessa guute. Ammas ergamoonni Waaqayyoo noottaa muuziqaa isaanii guddisanii rukutanii faarfachaa gara lafaatti dhi’aachaa adeeman.WG 468.2

    Mootiin moototaa ibidda bobaa’un marfamee duumeessa irra taa’ee gadi ni bu’a. Bantiiwwan waaqaa akka waraqaa maramaatti walitti maraman, lafti fuula Isaa duratti ni roqomte, tulloonnii fi odolli socho’anii iddoo isaanii gadi dhiisan. “Waaqayyo keenya in dhufa, callumas hin jedhu; ibiddi xaph godhu fuula isaa dura, bubbeen humna-qabeessis naannoo isaa jira. Inni saba isaatiif firdii kennuudhaaf, bantiiwwan waaqaa warra gara olii jiran, lafas itti in waama.” Faar 50:3, 4.WG 468.3

    “Kana booddee, mootonni lafa kana irraa, namoonni gurguddoonni abboonni duulaa, sooreyyiin, jajjaboonni, garbichi, birmaduunis hundinuu holqa keessa, kattaa tullootaa gidduus in dhokatan. Tullootaa fi kattaawwanis waammatanii, ‘Nu irratti jigaa, fuula isa teessoo irra taa'uu duraa, dheekkamsa hoolichaa duraas nu dhoksaa! Guyyaan guddaan inni itti isaan kun dheekkaman dhufeera; egaa eenyutu dura dhaabachuu danda'a ree?’ jedhan.” Mul 6:15-17.WG 468.4

    Qoosanii ga’isuun in dhaabbate. Hidhiin sobdootaa callisiifameera. Walitti rurrukutamuu meeshaa waraanaa fi waci lolaa, “kopheen warri loltuu yeroo lolaatti ittiin lafa dhidhiitan hundinuu, qoloon dhiiga keessa gangalfame hundinuu” amma dhabateera. Isa. 9: 5. Amma sagalee kadhannaa, kan boo’ichaa fi wawwaannaa malee sagaleen dhagaa’amu kan biraan hin jiru. Hidhii kanaan dura ga’isaa turan irraa boo’icha “Guyyaan guddaan inni itti isaan kun dheekkaman dhufeera; egaa eenyutu dura dhaabachuu danda'a ree?” jedhutu dhagaa’ame. Mul. 6: 17. Warri cubbamoonni qooda mooticha Isa tuffatanii fi bitamuufii didan simachuu, kattaawwanii fi tulloota jalatti awwaalamuu kadhatu.WG 469.1

    Isaan sagalee isa gurra warra du’anii keessa uree seenu sanaa ni beeku. Sagalichi si’a meeqa qooqa gaddaa fi gara-laafinaatiin gara qalbii jijjiirrannaatti isaan waame. Si’a meeqas akka michuu gaarii, akka obbolleessaa fi fayisaa gaarii ta’ee kadhaa onnee namaa tuquun isaan kadhate. Warra ayyaana Waaqayyoo tuffatanitti, sagalicha isa yeroo dheeraadhaaf “deebi'aa! Isin yaa mana Israa'el maaliif duutu? Karaa keessan isa hamaattii deebi'aa!” (His. 33: 11) jedhee isaan waamaa ture irra caalaa firdii fi ceephoo guddaa kan isaanitti ta’u hin jiru. Oh! Utuu isaaniif sagalee keessummaa ta’ee. Yesuus akkana jedhee dubbate: “Ani isin waamnaan erga diddanii, harka koo bal'ifnaanis gara koo kan dhufu erga dhibee, isin gorsa koo hundumaa tuffattanii, ifata koos erga hin barbaannee.” Fakk 1:24, 25. Sagaleen sun yaadannoo isaan of keessaa haqan, akeekkachiisa tuffataman, afeerraa (waamicha) fudhatama dhabanii, carraa salphaatti ilaalaman isaan keessaa dadammaqsa.WG 469.2

    Salphifamuu Isaa keessatti Yesuusitti kan ga’isan jiru. Yeroo ajaja angafa lubaatiin gidirfamaa ture, jechi fayisaan keenya Inni muddama keessa ture “ilmi namaa ammaa jalqabee mirga isa aango-qabeessaa taa'ee duumessota waaqaa irraa utuu dhufuu arguuf akka jirtan ani isinittan hima” (Maat. 26: 64) jedhee jabeessee dubbate sun ajaa’ibsiifannaa humna qabeessa ta’ee sammuu isaaniitti yaadatama. Amma ulfina Isaatiin Isa argan, yeroo Inni gara mirga Isa aango qabeessa taa’uus immoo arguuf jiru.WG 469.3

    Ilma Waaqayyoo ta’uu Isaa yeroo Inni dubbate warri Isatti ga’isan hundinuu amma waan dubbatan hin qaban. Heerodis inni of-tuulaan, inni waa’ee aankii mootummaa Isaatiif Isatti qoosee fi gonfoo mootummaa akka Isatti ka’aniif loltoota Isatti ga’isaa turan inni abboome achi jira. Namoonni harka isaanii isa xuraa’atiin kafana dhiilgee Isatti uwwisan, adda Isaa isa qulqulluu irra gonfoo qoraattii warri kaa’an, harka Isaa keessa ulee salphinaa warri ka’anii fi warri fuula isaa dura jilbeenfatanii Waaqummaa Isaatti ga’isudhaan kan Isa arrabsan hundinuu achi jiru. Namoonni Gooftaa jireenyaa rukutanii Isatti tufan hundinuu ija Isaa isa waraanee (uree) seenu irraa achi garagalanii ulfina Isaa isa humna qabeessa iddoo sana jiru jalaa baqachuu fedhu. Namoonni harkaa fi miilla Isaa mismaaraan uranii fi loltoonni warri cinaacha Isaa uran naasuu fi gaabbiidhaan godaannisoota kana ilaalu.WG 469.4

    Geggeessitootnii fi luboonni bifa ifaa ta’een taatee Qaraaniyoo yaadatu. Gammachuu hafuura seexanummaa keessaa argamuun guutamanii mataa isaanii raasaa “Inni namoota biraa oolcheera, ofii isaa immoo oolchuu hin danda'u. Inni mootii Israa'el erga ta'ee, mee amma fannoo irraa gad haa bu'u nus isatti in amanna. Inni Waaqayyoon amanateera, Waaqayyo immoo yoo isatti gammade isa haa oolchu; innumtuu ‘Ani ilma Waaqayyooti’ jedheera” jedhanii isa yeroo sana dubbatan naasuu fi rom’aan yaadatu. Maat 27:42, 43.WG 469.5

    Waa’ee warra iddoon dhaabaa wayinii akka kunuunsaniif isaanitti kennamee jennaan ija isaa Gooftaa isaanii dhowwatanii, waa’ee warra hojjetoota Isaa miidhanii fi ilma Isaa ajjeesanii ilaalchise fakkeenya isa Yesuus dubbate mul’inatti yaadatan. Itti dabalees, jecha isa Gooftaan wayinicha “Warra hamoo sana ni balleessa” jedhee dubbatee ture sana ni yaadatan. Luboonnii fi jaarsoliin waldaa cubbuu fi adaba namoota amanamoo hin ta’in qaqqabe keessatti amala isaanii fi badiisa isaanii isa haqa qabeessa argan. Amma dhiphina du’aa irraan kan ka’e boo’ichi ni dhagaa’ama. Iyya isa daandii Yerusaalem guutummaa irratti “Fannisi! Fannisi,” jedhamee dhagaa’amee ture irra caalutu, wawwaannaa dhiphinaa fi abdii kutannaa “Inni ilma Waaqayyooti! Masihii isa dhugaadha!” jedhutu dhagaa’ama. Fuula mootii moototaa duraa baqachuu ni fedhu. Akkasumaan holqa lafaa gad-fagoo keessa gargar tatamsa’anii Isa jalaa dhokachuuf yaalii godhu.WG 470.1

    Jireenya warra dhugaa tuffatan hundumaa keessatti yeroo sammuun isaanii itti dammaqu, yeroo birminyiin (yaadannoon) isaanii jireenya isaanii isa itti fakkeessaadhaan darbe mara isaan yaadachiisuu fi yeroo lubbuun isaanii gaabbii bu’aa hin qabneen cunqurfamtu ni dhufa. Garuu isaan kun hundinuu waraansa sammuu (gaabbii) isa yeroo “Naasuun akka bubbeetti dhufuu” fi “badiisi akka qilleensa jabaatti dhufuu “wajjin yeroo wal bira qabamee ilaalamu homaa miti. Fak. 1: 27. Warri Kiristoosii fi saba Isaa warra amanamoo balleessuu hawwanii turan amma ulfina isaan irra buufatee jiru dhugaa ba’u. Utuma naasuu keessa jiranii, qulqulloonni sagalee gammachuutiin: “Ilaa Inni Waaqayyo keenya! Inni nuyi, ‘Nu fayyisa’ jennee eeggachaa turre Isa; Inni nuyi amanannes Isa;” jedhanii yeroo isaan faarfatan ni dhaga’u. Isa. 25: 9WG 470.2

    Raafamuu lafaa, bakakkaan balaqqisuu fi qaqawweessi mandi’uu (guungumuu) keessatti sagaleen Ilma Waaqayyoo qulqulloota rafanii jiran ni waama. Inni gara awwaalcha qajeelotaa ilaalee harka Isaa gara samiitti ol-fudhachuudhaan “Dammaqaa, dammaqaa, dammaqaa, isin warri biyyoo lafaa keessa raftan ka’aa!” jedhee ni dubbata. Bal’inaa fi dheerina lafaa guutummaa ishee keessa du’anii kan jiran hundinuu sagalee isaan waamu kana ni dhaga’u, warri isa dhagaa’an hundinuus ni jiraatu. Guutummaan biyya lafaa sagalee faana (kottee) loltoota danuu sanyii, qomoo, afaanii fi saba hundumaa keessaa walitti sassaabamaniin ni guutamti. Isaan mana hidhaa du’aa keessaa ulfina hin duune uffatanii “Mo'ichi kee meerree, yaa awwaalaa? Arfiin kees meerree yaa du'aa?” jedhanii iyyaa ni ba’u. 1Qor. 15: 55. Qulqulloonni warri jireenyatti jiranii fi warri du’aa ka’an hundinuu sagalee isaanii walitti dabalanii iyya mo’ichaa dheeraa ta’e dhageessisu.WG 470.3

    Warri du’aa ka’an hundinuu bifuma isa yeroo gara awwaalchaa dhaqan fudhatanii ka’u. Addaam inni tuuta warra du’aa ka’an gidduu dhaabbatu (ijaajju), dhaabbanaan qaama isaatii hojjaadhaan dheeraadha, guddina qaamaatiinis dinqisiisaadha, garuu xiqqoo ishee kan ilma Waaqayyoon gadi dha. Dhaloota booddeedhaan dhufanii wajjin wal-bira qabamanii yeroo ilaalaman garaagarumaan jiru sirriitti mul’ata. Sanyiin namaa dhaabbanna qaamaatti hammam akka inni gad-bu’e fakkeenya tokkicha kanaan hubachuun ni dandaa’ama. Garuu hundinuu qaama haara’ee fi jabina dargaggummaa bara baraatiin ka’u. Namni jalqaba yeroo uumame amala isaa qofaan osoo hin taane qaama (bocaa) fi bifaanis Waaqayyoon fakkaatee uumame. Cubbuun fakkaattii Waaqayyoo sana ni balleesse, ni jijjiires; Kiristoos garuu isa bade sana iddootti deebisuuf dhufe. Inni qaama keenya isa jibbisiisaa jijjiiree gara qaama Isaa isa ulfina qabeessaatti deebisa. Qaamni keenya Inni du’u, inni tortoru, inni sababa boca gad-dhiiseef ofitti nama hin harkifnee fi inni cubbuudhaan manca’e amma guutuu, miidhagaa fi kan hin duune ta’a. Mudaa fi hir’inni hundinuu awwaalcha keessatti hafa. Warri fayyan gara muka jireenyaa isa Jannata Eeden keessatti dhabanii turaniitti deebi’anii, gara dhabbannaa qaamaa isa ulfina qabeessa duraan sanyii namootaaf kennamee tureetti “ni guddatu.” (Milk 4:2). Godaannis cubbuu isheen xumuraa illee utuu hin hafin duguugamtee baddi. Warri amanamoon kan Kiristoos ta’an hundinuus sammuu, hafuuraa fi qaamaan “miidhagina Waaqayyo Gooftaa keenyaa” uffatanii fakkaattii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne (guutuu) calaqqisiisaa dhi’aatu. Oh, fayyina dinqisiisaa akkamiiti! Kan yeroo dheeraadhaaf waa’een isaa odeeffame, kan yeroo dheeraadhaaf abdatame, fiixaan ba’umsi isaa fedhii guddaadhaan kan eegamee garuu guutummaatti nuuf hin hubatamin ture.WG 470.4

    Qulqulloonni warri jireenyatti jiran “battala libsuu ijaatti” jijjiiraman. Isaan yeroo sagalee Waaqayyoo dhaga’an gara ulfinaatti jijjiiramanii qaama hin duune uffachuudhaan qulqulloota warra du’aa ka’anii wajjin Gooftaa simuudhaaf duumessa keessatti ol-butaman. Ergamoonni “warra Waaqayyoof fo'aman qixa arfanii, andaara bantii waaqaa gar tokkoo hamma gara isa kaaniittis walitti in qabu”. Maat. 24: 31; Maar 13:27. Ijoollonni xixinnoon qulqulloota ergamoota Waaqayyootiin baatamanii gara kaasuu haadha isaaniitti geeffamu. Hiriyoonni bara dheeraadhaaf du’aan gargar ba’anii turan lammaffaa deebi’anii akka gargar hin baanetti walitti makamanii faarfannaa gammachuu faarfachaa gara magaalaa Waaqayyootti ol-ba’u.WG 471.1

    Konkolaataa duumessaa sana cina- garanaa fi garasiin koochootu jira, jala isaan immoo golollee (gommaa) jireenya qabantu jiru; yeroo konkolaataan sun gara samiitti konkolaatan, gommaan (gololleewwan) sun “Qulqulluu” jedhanii ni iyyu, koochoowwan sunis “Qulqulluu” jedhanii ni iyyu, ergamoonni isaanii wajjin adeemanis “Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqayyo Gooftaan Humna qabeessa” jedhanii ni iyyu. Yeroo konkolaataan sun gara Yerusaalem ishee haaraatti adeemsa itti fufu warri fayyan hundinuu “Haalleeluyyaa” jedhanii iyyan.WG 471.2

    Gara Magaalaa Waaqayyootti utuu hin seenin dura, Fayisaan duuka buutota Isaaf asxaa (faajii) mo’ichaa kenna, akkasums, mallattoo dhaaltota mootummaa ta’uu isaanii agarsiisu isaaniif kenna. Aankiin isaanii inni calaqqisaan akka boca rog-arfee dhooqaatti gara mootii isaanii Isa surraan Isaa surraa qulqullootaa fi ergamootaa irra guddaa caaluu fi Isa ifni fuula Isaa irraa jaalala garraamumaatiin gara isaaniitti ifuutti ol kaafama. Tuuta warra fayyanii lakka’amuu hin dandeenyee sana gidduudhaa mil’annaan ija nama hundumaa Isa irratti xiyyaafate, iji hundinuus gara ulfina Isaa, isa waa’ee isaatiif: “Danaan garbicha kootii waan badeef, bifni isaas kan ilmaan namootaa fakkaachuu waan dideef,” jedhamee caafamee ni ilaala. Isa. 52: 14. Yesuus harka Isaa mirgaatiin mataa warra mo’anii irra goonfoo ulfinaa ni ka’a. Tokkoo tokkoo isaanii irra goonfoo “maqaan haaraa” isa kan isaatii (Mul 2:17) fi caaffata “qulqullummaan kan Waaqayyooti” jedhutu jira. Harka nama hundumaa keessa meexxii mo’ichaa fi Kiraara calaqqisaatu ka’amee jira. Sanaan booda, yeroo ergamoonni warri ajaja kennan sagalee noottaa isa duraa rukutanii dhageessisan, harki hundinuu ogummaadhaan kiraara qabatee jiru rukutuu jalqaba, Sagaleen muuziqaa minya’a ta’ee fi gurratti tolu ni dhagaa’ama. Garaan hundinuu gammachuu ibsamuu hin dandeenyeen ni guutama. Tokkoo tokkoon namootaa sagalee jajannaa akkas jedhu dhageessisu: “Inni nu jaallatee, dhiiga Isaa isa nuuf dhangala'een cubbuu keenya irraa nu fure. Isa mootummaadhaa fi Waaqayyo abbaa isaatiif luboota akka taanu nu godhate sanaaf, ulfinnii fi aangoon baraa hamma bara baraatti haa ta'u! Ameen.”Mul 1:5, 6.WG 471.3

    Tuuta namoota fayyanii fuul-dura Magaalaa Qulqullooftuutu jira. Yesuus keellota callee gati jabeessa bal’isee in bane, sabni dhugaa eegan hundinuu ol ni seenan. Achitti Jannata Waaqayyoo ishee kufaatii fuul-dura mana Addaamiin turte ni argu. Ergasii booda, sagaleen takkaa gurra nama fooniitiin dhagaa’amee hin beekne “Wallaansoon keessan dhumeera” jedhee dubbata. “Isin yaa warra abbaa kootiin eebbifamtanii, kottaa! Mootummaa Isaa isa uumama biyya lafaatii jalqabee isiniif qophaa'etti galaa!” Maat. 25: 34.WG 472.1

    Amma kadhannaa fayisaan bartoota Isaatiif “Isaan ati anaaf kennite kun iddoon ofii jiraadhu haa jiraataniif nan fedha” jedhee kadhate fiixaan ba’e. Yoh. 17: 24. Kiristoos “Kunoo, anii fi ijoolleen koo warri ati anaaf kennite” jechuudhaan warra dhiiga Isaatiin bitaman mara “Mudaa malee gammachuudhaan ulfina isaa dura” (Yih 24) isaan dhaabachiisuudhaaf abbaatti isaan dhi’eesse. “Warra ati anaaf kennite isaan nan eege; waan hamaattii isaan eegeera.” Isa. 8: 18; Yoh. 17: 12. O, jaalala fayyinaa dinqisiisaa akkamiitii! Yeroo Abbaan bara baraa warra fayyanii fakkaatti Isaa calaqqisiisan argu, yeroo walii galtee dhabuun inni maddi isaa cubbuu ta’e badee godaannisi isaa dhabamsiifamuu fi yeroo ilmaan namootaa deebi’anii Waaqaa wajjin tokko ta’an gammachuu guddaatu ta’a!WG 472.2

    Yesuus jaalala dubbatamuu hin dandeenyeen warra amanamoota kan Isaatii gara gammachuu Gooftaa isaaniitti simata. Gammachuun fayisaa mootummaa ulfinaa keessatti lubbuu gaddaa fi dhiphina Isaatiin fayyan arguudha. Warri fayyan hundinuu, yeroo warra eebbifaman keessatti, namoota karaa kadhannaa, dhama’iinsaa fi karaa aarsaa jaalalaa isaanii gara Kiristoositti deebi’an argan, gammachuu Gooftaa isaanii keessaa hirmaatu. Naannoo teessoo adii guddaa sanaa biratti yeroo walitti sassaabaman, gammachuu dubbatamuu hin dandeenyetu onnee isaanii guuta. Yeroo lubbuu gara Kiristoositti deebisan argan, inni tokko immoo warra kaan akka buufate, akkasumas warri kun immoo amma illee namoota kan biroo buufachuu isaanii yeroo argan, hundumti isaanii iyyuu gonfoowwan isaanii miilla Yesuus jalatti gatanii bara dhuma hin qabneef, baraa hamma bara baraatti Isa jajachuudhaaf, gara buufata boqonnaatti (boqonnaa samiitti) fidaman.WG 472.3

    Yeroo warri furaman gara Magaalaa Waaqayyootti simataman, iyyi galataa guddaan isaa qilleensa keessatti dhagaa’ame. Addaamoonni Lamaan wal-arguuf jedhu. Ilmi Waaqayyoo — abbaa qomoo keenyaa, nama isa jalqaba uume, isa uumaa isaa yakke, isa sababii cubbuu isaatiif jecha godaannisi fannifamuu Fayisaa irratti mul’ate, simachuudhaaf harka Isaa diriirsee dhaabbata. Addaam godaannisa Mismaaraa jibbisiisaa ta’e sana yeroo ilaalu, laphee Gooftaa isaa irratti osoo hin taane, gad-of-deebisuudhaan miilla Isaa jalatti kufee: “Hoolicha Isa qalameef ufinni ni mala! Ulfinni ni mala!” jedhee iyya. Fayisaan gara laafinaan ol isa kaasee akka inni mana jannataa, isa yeroo dheeraa dura keessaa ari’ame ilaaluuf isa afeera.WG 472.4

    Jannata keessaa erga ari’amee booda, Addaam lafa kana irratti jireenya gaddaan guutame dabarse. Tokkoon tokkoo baala mukeetii kufanii harca’anii, tokkoon tokkoo horii sirna aarsaatiif qalamanii, tokkoon tokkoo godaannisa cubbuu fuula uumamaa irraa, tokkoon tokkoo xuraa’ummaa (mudaa) namoota qullaa’oo irratti argamuu hundinuu yeroo hundumaa cubbuu inni hojjete Addaamiin yaadachiisu turan. Cubbuun babal’atee baayyachuu isaa gaafa arge, gaddii fi gaabbiin sammuu isaatti dhagaa’ame hammaataa ture. Ka’umsi cubbuu isa ta’uu isaatiif yeroo namoonni isa ceepha’an (qeeqan) ofii isaa ceepha’a ture. Naannoo waggoota kuma tokkootiif, adaba seera irra daddarbuu obsaan gad-of-deebisee baatee jiraate. Fayisaa isa abdachiifameetti amanee, cubbuu isaaf amanamummaadhaan qalbii jijjiirrate. Akkasumas abdii du’aa ka’uu harka isaa keessa galfatee du’e. Ilmi Waaqayyoo kufaatii fi dadhabbii namaa fayyise; amma karaa hojii araarsuu kanaa Addaam gara aangoo mootummaa isaa isa duriitti deebi’uu danda’e.WG 472.5

    Addaam gammachuudhaan guutamee mukeetii warra al-tokko gammachuu isaa turan — mukeetii warra yeroo gammachuu fi qulqullummaa isaa ofiidhuma isaatii ija isaanii cirachaa ture ni ilaale. Mukeetii wayinii warra harki isaa guddisaa ture, warra al- tokko jaalalaan kunuunsa gochaafii ture ni arge. Sammuun isaa dhugummaa waantoota ilaalaa jiruu ni hubate; kun jannata ishee inni duraan keessaa baafame caalaa jaallatamtuu (miidhagduu) ta’uu ishee hubate. Fayisaan erga gara muka jireenyaatti Addaamiin geessee booda, ija isaa isa gaarii akka inni nyaatuuf kutee isaaf kenne. Addaam naannoo isaa ilaalee tuuta miseensota maatii isaa furamanii Jannata keessa dhaabatan ni arge. Ergasii booda gonfoo isaa isa calaqqisaa miilla Yesuus jalatti gatee qoma Isaa irratti kufuudhaan Fayisaa hammate. Yeroo Addaam Kiraara warqee sana tuqu, samiin “Hoolicha isa qalamee tureef, deebi’ees isa jiraatuuf ulfinni ni mala! Ulfinni ni mala! Ulfinni ni mala!” jechaa faarfannaa moo’ichaa dhageessisu. Maatiin Addaam hundinuu gonfoowwan isaanii miilla Fayisaa jalatti gatanii gad-gombifamuun Isaaf sagadan.WG 473.1

    Irra deebi’anii walitti makamuun kun ergamoota warra yeroo Addaam cubbuutti kufe bo’anii turanii fi warra Yesuus erga du’aa ka’ee booda, namoota maqaa Isaatti amanatan hundumaaf balbala awwaalchaa banee gara samiitti ol-ba’uu Isaatti gammadan hundumaan ni do’atame. Amma hojiin fayyinaa xumuramuu isaa arganii faarfannaa galataatiin warra kaanitti makamu.WG 473.2

    “Warri bineensicha, bifa fakkeenya bineensichaa, mallattoo bineensichaa fi lakkoobsa maqaa isaatiif dhaabatu irrattis mo'icha argatan” Mul 15:2 hundinuu galaana cabbii qullaa’aa, isa wanta akka galaana dhoqqee of-ilaalee ibiddaan makaa irraa hojjetame fakkatuu fi isa ulfina Waaqayyootiin calaqqisee jiru irra dhaabbatanii turan. Warri kuma dhibba tokkoo fi afurtamii arfanii, warri saba hundumaa keessaa furaman “kiraara Waaqayyoo harkatti qabatanii” Hoolichaa wajjin tulluu Tsiyoon irra ni dhaabbatu; Achiiti sagaleen akka hursaa bishaanota baay’ee, sagaleen akka guungummii qaqawweessa gudda, “Sagaleen akka sagalee kiraara gurguddaa warri kiraara rukutan dhageessisan” Mul 14:2 fakkaatu ni dhagaa’ame. Isaan “Faarfannaa haaraa” warra kuma dhibba tokkoo fi afurtamii arfan furaman irraan kan hafe namni kan biraan tokko illee hin beekne teessoo sana fuul-duratti ni faarfatan. Faarfannichi faarfannaa Musee fi hoolichaa dha — faarfannaa hurrii ba’uutis. Warra kuma dhibba tokkoo fi afurtamii arfan furaman irraan kan hafe namni kan biraan tokko illee faarfannicha baruu hin danda’u. Sababiin isaa, inni faarfannaa muuxannoo isaaniiti — muuxannoo ulfaataa gareen kam illee takkaa hin qabaatin. “Isaan warra lafa hoolichi dhaqu hundumaatti isa duukaa bu'an” dha. Isaan kun namoota lafa kana irra jiraachaa turan hundumaa keessaa fo’amanii gara samiitti ol- butamanii kan furaman waan ta’aniif “Waaqayyoo fi hoolichaaf, ija jalqabaatti” lakkaa’amu Mul. 15: 2,3; 14: 1-5. “Isaan kun warra rakkina guddaa keessaa ba'anii dhufanii dha” Mul 7:14. Isaan namoota yeroo rakkinaa isa sanyiin isaa erga sabni jiraachuutti ka'ee jalqabee ta’ee hin beekne keessa darbaniidha. Daan 12:1. Isaan warra yeroo gidiraa Yaaqob dandamatanii darbani dha; Isaan yeroo firdiin Waaqayyoo inni xumuraa gad-roobe araarsaa malee dhaabataniiru; Garuu sababa “Uffata isaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniif” baraaramaniiru. “Sobni tokko illee afaan isaanii keessatti hin argamne; isaan” Waaqayyo fuul-duratti “Warra mudaa hin qabnee dha.” Mul. 14: 5. “Kanaaf isaan teessoo Waaqayyoo duratti argamanii, halkanii fi guyyaa mana qulqullummaa isaa keessatti isaaf in hojjetu; inni teessoo irra taa'us godoo isaa diriirsee isaan irra in jiraata.” Mul. 7: 15. Biyyi lafaa beelaa fi dhukkubaan duwwaa yeroo isheen taatu, Aduun ho’a guddaatiin yeroo isheen nama gubdu arganiiru. Ofiidhuma isaaniitii iyyuu dhiphina, beelaa fi dheebuu obsaan baataniiru. Haa ta’u iyyuu malee “Egaa deebi'anii hin beela'an, hin dheebotanis; aduun, wanti gubus isaanitti hin bu'u. Hoolichi teessicha dura gara gidduu jiruus isaan in tiksa, gara burqaa bishaan jireenya kennuuttis isaan in geessa; Waaqayyoos imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa” Mul 7: 16, 17.WG 473.3

    Bara hundumaa keessatti warri Fayisaadhaaf fo’amoon mana barumsaa qorumsaa (rakkinaa) keessatti barsiifamanii sirreeffamaniiru. Isaan karaa dhiphaa irra adeemanii ibidda gidiraa keessatti qulleeffamaniiru. Yesuusiif jedhanii mormii, jibbaa fi maqaan isaa baduu obsaan dandaa’aniiru. Lola madaan isaa ulfaataa ta’e keessatti Isa duukaa bu’anii, mataa isaanii ganuu obsaan dandaa’uudhaan abdii kutannaa hadhaa’aa dhandhamaniiru. Shaakala jireenya isaanii isa dhukkubsachiisaa keessatti hammenya cubbuu, humna isaa, leyyoo isaa, fi wawwaannaa inni qaqqabsiisu baranii balaaleffannaadhaan ilaalaniiru. Aarsaan guddichi fayyina cubbuuf qoricha ta’ee baafame akka isaan keessa onnee isaaniitti gad-of- deebisan gochuu bira darbee, galataa fi jajjannaa warri hin kufin qabaachuu hin dandeenyeen akka garaan isaan guutamu taasisa. Sababa wanti baay’een isaaniif dhiifameef jecha baayyisanii Isa jaallatu. Isaan dhiphina Kiristoos keessatti hirmaattuu waan turaniif, warra Isaa wajjin ulfina Isaa keessaa qooda fudhatan ta’u.WG 474.1

    Dhaaltootni mootummaa Waaqayyoo kutaa dhiphoo fi dukkanaa’oo gamoo jalaa jiran keessaa, godoo xixinnoo duufoo keessaa, manneetii hidhaa keessaa, muka namoonni irratti fannifaman irraa, gaarota irraa, lafa onaa keessaa, holqa lafaa keessaa fi holqa dukkanaa’oo galaana keessa jiran keessaa dhufan. Isaan lafa kana irratti “waan isaan barbaachisu kan hin qabne, kan rakkifamanii fi miidhaman” turan. Ibr 11:37. Namoonni Miliyoonatti lakkaa’aman, sababa jabaatanii barsiisa seexanaa isa sobaatiin mormanii harka kennuu didaniif salphina baatanii gara awwaalchaatti gad-bu’an. Manneetii murtii biyya lafaa keessatti akka yakkamtoota baay’ee hammaatootti isaanitti murtaa’eera. Amma garuu “Waaqayyotu ofii Isaatii abbaa Firdii dha.” Faar 50.6. Amma firdiin biyya lafaa faallaa ta’e. “Guutummaa biyya lafaa irratti arrabsamuu saba isaa irra ture irraa in fageessa.” Isa. 25: 8. Isaan “Saba qulqullaa'aa, isa Waaqayyo fure jedhanii isaan waamu.” “Warri… gadduu irra jiran, qooda daaraa mataatti firfirfatan, uffata miidhaginaa mataa irra akka buufatan, qooda gaddan, dibatanii akka gammadan, qooda hafuura gaddaas, gammachuudhaan akka faarfatan gochuudhaaf” murteesseera. Isa. 62: 12; Isa. 61: 3. Isaan lammaffaa deebi’anii dadhaboo, kan gidirfaman, kan gargar faffacaa’an fi kan hacuucaman hin ta’an. Barabaraan wajjin jiraatu. Uffata gati jabeessa namoonni kabajamoon biyya lafaa takkaa uffatanii hin beekne uffatanii fuula teessichaa dura ni dhaabbatu. Gonfoo gati jabeessa adda mootota biyya lafaa irra takkaa ka’amee hin beeknes ni gonfamu. Guyyoonni waraansaa fi boo’ichaa baraa hamma bara baraatti xumurameera. Mootiin ulfinaa fuula nama hundumaa irraa imimmaan haxaa’eera; maddi gaddaas duguugamee badeera. Utuu damoonni meexxii asii fi achi raafamaa jiranii gidduutti faarfannaa galataa, ifaa, minya’aa fi wal-simataa ta’e faarfatan; sagaleen isaanii guutummaa bantii waaqaa hanga wal-ga’utti ol-fuudhanii “Fayyinni Waaqayyo keenya isa teessicha irra taa'u biraa; hoolicha biraas in argama! jedhan.” Warri waaqa irra jiraatan hundinuus: “Ameen! Waaqayyo keenyaaf hooqubaan, guddinni, ogummaan, galanni, ulfinni, humni, aangoonis baraa hamma bara baraatti haa ta'u! Ameen!” jedhanii faarfannaa qulqullaa’atiin deebii kennu Mul. 7: 10, 12.WG 474.2

    Jireenya keenya isa biyya lafaa kana keessatti waa’ee ergaa fayyinaa isa dinqisiisaa hubachuu qofaan eegalla. Hubannaa keenya isa daangeffamaa ta’e kanaan, waa’ee qaanii fi ulfinaa, waa’ee jireenyaa fi du’aa, waa’ee haqaa fi araaraa, warra fannoo irratti wal-arganii hubachuudhaaf dhamaatii onnee irraa madde gochuu ni dandeenya ta’a; Haa ta’u iyyuu malee, humni sammuu keenyaa hammam yoo diriire illee hiikkaa isaa gad-fageenyaan hubachuu hin dandeenyu. Waa’een jaalala isa fayyisu kanaa, dheerinnii fi bal’inni isaa, gad-fageenyii fi ol-fageenyi isaa bifa dimimmisaa’aa ta’een nuuf hubatama. Yeroo warri furaman akka ofii ilaalamanitti ilaalanii fi akka ofii beekamanitti beekan illee, karoorri fayyinaa guutummaa guutuutti hubatamuu hin danda’u. Garuu sammuu dinqisiifatanii fi gammachuudhaan guutamaniif hamma bara baraatti dhugaa haaraan isaaniif ifa. Gaddii fi waraansi, akkasumas, qoramsi biyya lafaa kan raawwatamee fi maddi isaa duguugamee kan bade yoo ta’e illee, sabni Waaqayyoo waa’ee gatii isa fayyina isaaniif baafamee ilaalchisee beekumsa ifaa fi cimaa ta’e bara baraan qabaatu.WG 475.1

    Fannoon Kiristoos bara baraan saayinsii fi faarfannaa warra furamanii ni ta’a. Kiristoos isa ulfina uffate keessatti Kiristoos isa fannifame ilaalu. Inni humni isaa addunyaa lakkoofsa hin qabne uumee fi inni utubaa malee deggeree isaan qabee jiru, Inni Waaqayyoon jaallatame, Inni mootii samii ta’e, Inni Kiruubeelonnii fi Suraafeelonni calaqqisoon Isaaf sagaduutti gammadan — hamma boo’ichi biyya lafaa badde kanaa onnee isaa cabsee akka Inni jireenya Isaa fannoo Qaraaniyoo irratti dabarsee kennu Isa godhutti, waraansaa fi qaanii cubbuu, akkasumas, fuula Abbaa isaa isa jalaa dhokatee hamma baatutti, sanyii namaa isa kufe ol-qabuuf gad-of-deebisuun Isaa tasa hin irraanfatamu. Guutummaan Yuunivarsii, Yesuus Isa uumaa guutummaa biyya lafaa ta’e, xumura waan hundumaas Isa murteessuu fi namoota jaallachuu Isaa irraan kan ka’e gad-of-deebisee dabarsee ofii Isaa isa kenne bara baraan jajatu, bara baraan waaqessus. Yeroo sabni fayyan hundinuu gara Fayisaa isaanii ilaalanii fuula Isaa isa ifu irratti ulfina Abbaa isa calaqqisaa fi isa bara baraan jiraatu argan, teessoo Isaa isa bara baraa hamma bara baraatti jabaatee dhaabbatu yeroo arganii fi mootummaan Isaa dhuma kan hin qabne ta’uu isaa yeroo hubatan “Hoolicha Isa qalameef, Isa dhiiga Isaa isa gati-jabeessaan Waaqayyotti nu araarseef, ni ta’a! ni ta’a!” jedhanii faaruu gammachuu dhageessisu.WG 475.2

    Iccitiin fannoo iccita (dhoksaa) warra kan biroo hundumaa ibsa. Amalli Waaqayyo inni kanaan dura akka jireenyi keenya naasuu fi sodaadhaan guutamu godhee ture, Ifa fannoo Qaraaniyoo irraa ifu keessatti yeroo ilaalamu miidhagaa fi kan nama ofitti hawwatu ta’ee mul’ata. Araarri, garraamummaanii fi jaalalli abbummaa isaa qulqullummaa, haqummaa fi humna isaa wajjin walitti hidhamee mul’ata. Surraan teessoo Isaatii ol-kaafamee yeroo ilaallu, amallii Isaa gaarummaadhaan guutamee argina. Ulfina maqaa Isaa isa guddaa “Abbaa keenya” jedhus isa kanaan duraa caalaatti hubanna.WG 475.3

    Waaqayyo Inni ogummaan Isaa daanga’aa hin ta’in fayyina keenyaaf Ilma isaa aarsaa godhee kennuu irraan kan hafe karoora kan biraa baasuu kan hin dandeenye ta’uun Isaa ni beekama. Beenyaan aarsaa kanaa, biyyi lafaa kun namoota furaman, qulqullaa’oo, gammadoo fi kan hin duuneen guutamtee arganii gammaduudha. Wallaansoo Fayisaan humna dukkanaa wajjin godhe bu’aan isaa gammachuu warra fayyaniiti, baraa hamma baraattis ulfina Waaqayyootiif ta’a. Aarsaa Abbaan baase lubbuun tokkittiin gatii guddaa akka qabdu agarsiisa, Abbaanis aarsaa kanatti ni gammada. Kiristoosis bu’aa aarsaa Isaa isa guddaa ilaalee ni gammada.WG 475.4

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents