Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Dursituu

    Lallabni Gaara gubbaa sun eebba samiin biyya lafaaf erge dha-Sagalee teessoo Waaqayyoo biraa ba’e dha.LGEI i.1

    Seera dirqama isaanii fi ifa samii, gadda keessatti abdii fi jajjabina, adeemsa jireenyaa fi qormaata hundumaa keessatti gammachuu akka isaaniif ta’uuf ilmaan namootaa hundumaaf kenname. Asittti mootiin lallabdootaa, Gooftaan barsiisotaa, dubbii akka inni dubbatuuf abbaan isaaf kenne dubbata.LGEI i.2

    Nagaan Yesuus inni adda ta’e warra amananiif qofa utuu hin taane ilmaan namootaa guutummaaf ture. Samii irra utuu hin taane lafa irra jiraachuu Isaa waan irraanfate fakkaata; nagaan inni fayyadame nagaa biyya ifaa ture. Hidhii Isaa irraa eebba guutee irraa hafetu dhangala’a ture.LGEI i.3

    Kiristoos amaloota gaarii nuti qabnu akka mirkaneessuu fi eebbisu haala hin shakkisiifneen agarsiiseera. Biyya lafaa jaallachuu irraa warra biyya lafaa ganuuf murteessanii ifaa fi jireenya Isaa fudhatan hundumaan kan eebbifamtani dha jedhee labse. Hiyyeessotaan, warra gad-of deebisaniin, warra gadadamoodhaan, warra gaddaniin, warra cunqurfamaniin, warra ari’atamaniin bobaa Isaa isa da’annoo ta’u isaaniif bane “Gara koo kottaa .... Anis isinan boqochiisaa” jedha.LGEI i.4

    Gaaddidduun nama uumuu Isaatiif gadduu utuu isa hin daangessin Kiristoos gadda biyya lafaa ni ilaala. Onnee namootaa keessatti waan cubbuudhaan ol ta’e akkasumas gammachuu dhabuudhaan ol kan ta’e arga. Ogummaa fi jaalala Isaa isa dhuma hin qabne sanaan iddoo ol aanaa namni ga’uu danda’u ilaala. Inni ammam illee ilmaan namoota araara argatan cabsanii namummaa Waaqayyo isaaniif kenne yoo mancaasan, akka uumaan isaanii deebisee isaan fayyisuudhaan ulfina argachuuf akka jiru ni beeka.LGEI i.5

    Yeroo hundumaatti dubbiin Kiristoos Gaara eebbaa sana irraa dubbate humna isaanii iddootti eegaaf. Himi tokkoon tokkoon isaa meetii man-kuusa dhugaa keessaa fuudhame dha. Qajeelfamni as keessatti labsame kun bara hundumaatti namoota hundumaaf kan fayyadu dha. Humna Waaqummaatiin, Kiristoos kutaa hundumaa keessatti sababa amala qajeelummaa tolfameetiin kan eebbifamtani dha jedhee labsuu isaatiin amantii fi abdii qabu muli’iseera. Jireenya isa jireenya kennuu jiraachaa, amantii Isaatti qabaachuudhaan, namni hundinuu safartuu dubbii Isaa keessatti ibsame bira ga’uun ni danda’ama.LGEI ii.1

    E.G.W

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents