Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Warri garaan isaanii gadde haa gammadan: isaan jajjabina ni argatu.” Mat. 5:4.

    Gaddi addanatti ibsame kun gadda waa’ee cubbuutiif onnee irraa gaddani dha. Yesuus akkana jedhe, “Yeroon ol butamu hundumaa gara kootti nan harkisa.” Yoh. 12:32. Namni tokko yeroo Yesuus isa fannoo irratti ol fuudhame ilaalu, cubbamaa ta’uu ilmaan namootaatu itti mul’ata. Kan Gooftaa ulfinaa sana fannoo irratti ajjeese cubbuu ta’u isaa arga. Jaalala hin dubbatamneen jaallatamuu isaa fi ofii ammo walitti fufiinsaan micciramaa fi fincilaa jiraachuu isaa arga. Michuu isaa isa hunda caalu ganuu dhaan kennaa gati jabeessa samiin isaaf kenne dhabeera. Irra deebi’ee ofii isaatii lima Waaqayyoo fannisee, irra deebi’ee waraanee dhiigsee onnee Isaa madeesseera. Lolaa cubbuu isa bal’aa, gurraachaa fi gadi fagoo ta’een Waaqayyoo irraa adda ba’uu isaatiin onneen isaa cabee gaddaa jira.LGEI 9.3

    Gaddi akkasii jajjabina ni argata. Waaqayyo cubbuu keenya kan nutti agarsiisuuf akka nuti gara Kiristoositti baqannee karaa Isaa garbummaa cubbuu jalaa baanee biliisummaa Ilmi Waaqayyoo kennutti akka nuti gammadnuufidha. Qalbii jijjiirrannaa dhugaadhaan fannoo jala dhufnee ba’aa keenya achitti akka gatnuufidha.LGEI 10.1

    Dubbiin Fayyisaa kanaa warra gadadamaniifis jajjabina of keessaa qaba. Gaddi keenya lafa keessaa hin burqu. Waaqayyo, “Namoota rakkisuutti ykn dhiphisuutti hin gammadu.” F.Erm. 3:33. Yeroo rakkinaa fi qorumsa heyyamutti “qulqullummaa Isaa keessaa akka hirmaannuuf dha.” Ibr. 12:10. Yoo amantiidhaan fudhatame, qorumsi inni ulfaataa fi baatamuu hin dandeenye eebba mirkaneessa. Qilleensi hamaan gammachuu lafa irraa haxaa’u karaa nuti ittiin ija keenya gara samiitti deebifnu ta’a. Kan utuu rakkinni itti dhufee jajjabina barbaachaaf gara Yesuus utuu hin dhufne ta’ee Isaa wajjin wal hin barin kan hafan meeqa ta’u laata!LGEI 10.2

    Qorumsi jireenyaa amala keenya keessaa isa rakkisaa fi xura’aa ta’e baasuuf kan Waaqayyo itti dhimma ba’u dha. Muruun, bocuun, olii fi gad darbachuun, fi haxaa’uun isaanii adeemsa nama dhukkubsu dha; Maashina waa daaku keessa buufamuun ulfaataa dha. Haa ta’u malee, dhagaan daakamee ba’u sun mana qulqullummaa samii keessa jiru sanatti guutamuuf qophaa’e. Meeshaa waa’ee hin baafneef Gooftaan isaa hojii of eeggannaa barbaaduu fi dadhabsiisaa ta’e kana hin hojjetu. Dhagaa warra gati jabeeyyii qofatu mana sanaaf akka ta’utti qopheeffama.LGEI 10.3

    Waaqayyo warra isatti amanatan hundumaaf ni hojjeta. Warri amanamoon injifannoo boonsaa ta’e ni argatu. Barumsi gati jabeessa ta’e ni baratama. Muuxannoon gati jabeessa ta’es irraa ni argama.LGEI 11.1

    Waaqayyo warra gaddaniif dhimma dhabee hin beeku. Yeroo Daawwit, “Mataatti aguuggatee, miillatti kophee utuu hin ka’atin bo’aa gaara Ejersaatti ol ba’e” Waaqayyo ija gaddaatiin isa ilaala ture (2 Saam. 15:30). Daawwit keeshaa uffatee, sammuun isaa isa ceepha’aa ture. Bakkeedhaan kan mul’ate gad-of deebisuun isaa haala inni keessa ture kan mul’isu dha. Imimmaanii fi garaa cabaadhaan dhimma isaa Waaqayyotti yeroo dhiyeessetti Waaqayyo hojjetaa Isaa kana hin gatne. Daawwit yeroo irratti kaa’amee, fincila ilama isaatiin qindaa’e jalaa lubbuu isaa oolfachuudhaaf diina isaa jalaa baqate, caalaa jaalala Waaqayyoo isa dhuma hin qabne sana barbaaddatee hin beeku. Gooftaan, “Ammuman jaalladhu dheekkamees nan adaba: kanaaf dhimmiitii yaada garaa kee gedderadhu” jedha. Mul. 3:19. Kiristoos onnee qalbii jijjiirrannaadhaaf gaddu amma iddoo bultii Isaa godhatutti ibiddaan ni qulleessa.LGEI 11.2

    Haa ta’u malee, yeroo qorumsi nutti dhufu ammam keenyatu akka Yaaqob ta’a! Harka diinaati jennee yaadna; dukkana keessattis calluma jennee amma humni keenya dhumutti akkasumaan wal’aansoo qabna, jajjabina ykn furiis hin argannu. Yaaqobiif garuu, Ergamaa Waaqayyoo ture kan itti mul’atee wajjin wal’aansoo qabaa ture - Ergamaa kakuu; inni kan boo’uu fi kan gargaarsa hin qabne ta’us eebba isa lubbuun isaa dheebotte fudhachuudhaaf onnee jaalala dhuma hin qabneetiin irratti kufe. Qorumsi bu’aas akka qabu beekuutu nurra jira malee dheekkamsa Waaqayyoo jibbuun ykn yeroo Isaan ifatamnu of wallaallee kufuun nurra hin jiru.LGEI 11.3

    “Namni Waaqayyo isa ifatu galateeffamaa dha: ... inni ni madeessa, walittis immoo ni hodha; inni ni cabsa, harkuma isaatiin immoo ni fayyisa; rakkina ja’a irraa si oolcha, isa torbaffaattis hamaan si hin tuqu.” Iyyoob 5:17¬19. Warra madaa’an hundumaaf Yesuus tajaajila fayyinaa kennuuf dhufe. Jireenyi dhukkubbii, dhiphinaa fi rakkinaa aragamuu Isaa isa ulfina qabeessaan ifatti ni jijjiirama.LGEI 12.1

    Yesuus gaddaa fi caba onneetiin gadi qabamnee akka hafnu hin fedhu. Inni fuula jaalalaatiin gara keenya ilaala. Fayyisaan keenya baayyina boo’ichaatiin iji isaanii jaamuudhaan kan adda Isa baafachuu dadhaban baayyee bira dhaabatee jira. Ija amantiitiin gara isaa ilaallee akka Inni nu geggeessuuf akka heyyamnuufitti harka keenya qabuuf baayy’ee hawwa. Onneen isaa gadda, dhiphinaa fi qorumsa keenyaaf banaa dha. Inni jaalala bara baraatiin nu jaallate. Gaarummaa jaalala Isaatiinis nu marse. Onnee keenya isa irra tursinee guyyaa guutuu waa’ee jaalala Isaatii irra deddeebinee haa yaadnu. Inni immoo lubbuu keenya gaddaa fi dhiphina keenyaan olitti ol fuudhuudhaan buufata nagaatti ni geessa.LGEI 12.2

    Kana yaadi, ijoollee gaddaa fi dhiphinaa, abdiidhaan gammaduu. “Humni ittiin biyyi lafaa mo’amu, kunis amantii keenya.” 1 Yoh. 5:4.LGEI 12.3

    Warri biyya lafaa fi cubbuu isheef gaddanii Yesuusii wajjin bo’anis kan gammadani dha. Gadda akkasii keessa ofittummaan hin jiru. Yesuus garaa gaddu qaba ture, ho’a Isaa kanas afaanni ibsuu danda’u hin jiru. Irra daddarbaa namootaatiin garaan Isaa tarsa’eera. Inni dhabaa fi wayyoo isaan keessa turan keessaa isaan furuudhaaf inaaffaa aarsaaf Isa dhiyeessuun qabamee ture. Namootni baayyeen jireenya akka argataniif gara Isaa dhufuu diduu isaaniitiin onneen Isaa gaddaan guuteera. Duuka buutotni Yesuus hundinuus muuxannoo kana ni hirmaatu. Yeroo jaalala Isaa keessaa qooda fudhatan lubbuu bade fayyisuudhaafis ni dheebotu. Isaan dhiphina Yesuusiin akkuma hirmaatan ulfina Isaa isa mul’achuuf jedhu keessaas ni hirmaatu. Warri hojii Isaa keessatti Isaa wajjin ta’an, xoofoo gaddaas kan wajjin dhugan, gammachuu Isaa keessaas ni hirmaatu.LGEI 13.1

    Dhiphina keesstti dha kan Yesuus tajaajila warra gaddan jajjabeessuu kan argate. Dhiphina ilmaan namootaa hundumaa keessatti Innis ni dhiphate; “Inni waan ofii Isaatii dhiphatee qoramee arge keessatti, warra qorumsi itti dhufe gargaaruu danda’a.” Isa. 63:9; Ibr. 2:18. Tajaajila kana keessatti dhiphina Isaa keessatti kan hirmaatan hundinuu carraa Isaa wajjin hirmaachuu qabu. “Dhiphina Kiristoos keessaa hammana kan hin jedhamne akkuma hirmaanne akkasuma karaa Kiristoos jajjabina Isaa keessaa hammana kan hin jedhamne ni hirmaanna.” 2 Qor. 1:5. Gooftaan warra gaddaniif ayyaana addaa qaba, lubbuu booji’uudhaaf humni Isaas onnee baqsa. Jaalalli Isaa lubbuu madoofteef banaa dha, gadda isaaniifis qoricha fayyinaa ta’a. “Abbaa araara hundumaa, abbaa jajjabina hundumaa, ... jajjabina isa Waaqayyo biraa arganne sanaan, nuti immoo rakkina akkamii keessatti iyyuu warra kaan akka jajjabeessinuuf, inni rakkina keenya hundumaa keessatti nu jajjabeessa.” 2 Qor. 1:3,4.LGEI 13.2