Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Mootummaan, humni, ulfinnis kan keeti.” Mat. 6:13.

    Himni inni dhumaa akkuma hima isa jalqabaa kan inni xiyyeeffatu isa humnaa fi aangoo hundumaa qabu, isa maqaan hundi ittiin waamamu Abbaa keenya agarsiisa. Fayyisaan keenya waggoota fuula dura bartootaa jiran ilaale. Waggooti fuula isaanii duraa akka isaan itti eeggatan kan aduun badhaadhinaa fi ulfina biyya lafaa argatan utuu hin taane, kan isaan itti jibba namootaa fi dheekkamsa Seexanaatiin dhiphatan ture. Beellii fi miidhamni adda addaa waan ka’uuf, adeemsi bartootaa gufannaa argata, onneen isaaniis sodaadhaan guuta. Gadda Yerusaalemiin, diigamuu mana qulqullummaa, waaqeffannaan dhabamuu isaa, sabni ISaraa’el biyya hundumaa keessa faca’uu isaanii arguuf jiru. Yesuus akkas jedhe, “Lolaa fi oduu lolaa dhaga’uuf jirtu, akka hin naanetti ilaalladhaa! Kan akkasi kun ta’uun irra jira; kun garuu amma illee dhuma isaa miti. Sabni saba iratti, mootummaanis mootummaa irratti ni ka’a; beelli, socho’i lafaa iddoo adda addatti ni ta’a. wanti kun hundinuu garuu jalqaba ciniinsuuti.” Mat. 24:6-8. Haa ta’u malee hordoftootni Kiristoos akka waan abdii hin qabnee fi Waaqayyo isaan dhiiseetti sodaatanii abdii kutachuu hin qaban. Humnii fi ulfinni kan itti fufee jiraatuu fi kan diiinota isaatti gara galee isaan nyaatu kan Waaqayyooti. Kadhannaa isaanii isa waan guyyaa guyyaan isaan barbaachisu caqasu keessatti, bartootni humnaa fi mootummaa hammeenyaa irra qaarsisanii Waaqayyo isa mootummaan isa dhuma hin qabnee fi Abbaa isaanii fi michuu isaanii ta’e akka ilaalaniif gaafataman.LGEI 117.2

    Dhiphinni Yerusaalem dhiphina yeroo dhumaatti addunyaa kana liqimsuuf fakkeenya dha. Raajiin gartokkeen isaa diigamuu Yerusaalem irratti raawwate guutummaatti kan raawwii argatu bara dhumaatti ta’a. Amma ta’umsoota gurguddoo ta’uuf jiran arguuf balbala irra geenyaa jirra. Dhiphinni biyyi lafaa argitee hin beekne ta’uuf jedha. Akkuma yeroo bartootaa ta’e Waaqayyo waan hundumaa irratti akka mo’u nuuf mirkaneessa. Sagantaan ta’umsoota dhufuuf jedhanii harka uumaa keenyaa keessa jira. Waaqayyo dhuma saba isaatii fi dhimma waldaa isaatii of harkaa qaba. Qajelfamni Waaqayyo warra karoora isaa bakka bu’uun raawwachiisaniif akkuma Qiirosiin akkas jedha, “Yoo ati ana beekuudhaa baatte iyyuu ani immoo si hidhachiisee sin jabeessa.” Isa. 45:5.LGEI 118.1

    Mul’ata raajichi Hisqi’el arge keessatti baallee Kiruubel jalaan harki tureera. Kunis kan milkaa’ina isaaniif kennu Waaqayyo ta’uu isaa hojjetaa isaa barsiisuuf ture. Warri bakka Waaqayyoo bu’anii hojii isaa hojjetan ofii isaanii irratti hirkachuu hin qaban. Uumamni ba’aa kana ofii isaatiin akka baatuuf dhiifame tokko illee hin jiru. Warri hin dhiboofne, warri wixinee isaa raawwachuuf yeroo hunda hojjetan, hojii Waaqayyoo hojjetu. Inni kaayyoo warra jal’ootaa ni diiga, marii warra saba irratti jal’ina hojjechuuf yaadaniis waliin maka. Inni Mootii ta’e, gooftaan maccaa, Kirubeloota gidduu inni taa’u, beelaa fi dhiphina keessatti ijoollee isaa jabeessee eega. Inni samii bulchu fayyisaa keenya. Inni qorumsa hundumaa ni safara, ibidda boba’aa lubbuu hundumaa qoru ni madaala. Yeroo mootonni jajjaboon kufan, yeroo xiyyeen dheekkamsaa onnee diinotaa waraanu, sabni Waaqayyoo harka Isaa keessatti nagaa qabu.LGEI 118.2

    “Yaa Waaqayyo, waaqa irraa fi lafa irra kan jiru hundinuu kan keeti; guddinni, aangoon, ulfinni, gooftummaanii fi surraan kan keeti. . . . Mootummaan kan keeti, Ati waan hundumaan oli, mataa hundumaatis. Badhaadhummaaniif ulfinni si biraa namaaf ni dhufa; ati waan hundumaa irratti gooftummaa qabda; namoota hundumaa guddisuuf, jabeessuufis jabinaa fi aangoo situ qaba.” 1 S.Baraa 29:11, 12.LGEI 119.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents