Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Duraan dursitanii Mootummaa Waaqayyoo barbaadaa.” Mat. 6:33.

    Namootni Yesuusiin dhaggeeffachaa turan amma iyyuu waa’ee mootummaa biyya lafaa beeksisa himamu yaaddoodhaan eegaa jiru. Yeroo Yesuus qabeenyaa samiitiif balbala isaaniif banu, gaaffiin hunda isaanii keessa ture akkam godhanii sana mootummaa biyya lafaa wajjin wal qabsiisuun danda’ama? kan jedhu dha. Dhimmota lafaa akka dhimma hundumaa caalutti kan ilaalan yoo ta’e, isaanis akkuma saba Waaqayyo jiraachuu isaa hin beekne warra isaan marsanii jiranii ta’uu isaanii itti hime.LGEI 96.2

    “Isaan kana hundumaa,” jedhe Yesuus, “Warri biyya lafaa iyyuu ni barbaadu.” “Abbaan keessan inni Waaqa irraa isaan kun hundinuu akka isin barbachisu ni beeka. Duraan dursitanii motummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa Isaa barbaadaa, isaan kana irraa kan hafe hundinuu itti isiniif dabalama.” Luq. 12:30; Mat. 6:32, 33. Ani kanan dhufe mootummaa jaalalaa, qajeelummaa fi nagaan isiniif hundeessuufiidha. Mootumaa kana fudhachuuf onnee keessan banaa, fedhii keessan isa guddaas isa irra kaa’aa. Ammam illee mootummaa Hafuuraa yoo ta’e, biyya lafaa kana irratti wanta isin barbaachisuuf hin yaadda’inaa. Yoo tajaajila Waaqayyoof of kennitan, Inni samii fi lafa irratti aangoo hundumaa qabu waan isin barbaachisu isiniif kenna.LGEI 96.3

    Yesuus dhama’uu keenyaan hin mormu, garuu akka nuti waan hundumaa keessatti jalqabaa fi dhuma akkasumas filannoo hundumaa caalu akka Isa goonu nu barsiisa. Hojii fi gammachuu akka qajeelummaan Isaa nu keessaa hin mul’anne godhu kam keessaa iyyuu hin hirmaannu. Waan hojjennu hundumaa onnee keenya irraa Gooftaaf hojjechuu qabna.LGEI 97.1

    Yesuus yeroo lafa irra turetti, namoota hundumaa duratti ulfina Waaqayyoo agarsiisuu fi fedha Isaa fedha Abbaa Isaatiif bulchuudhaan ulfinaan dabarse. Yoo fakkeenya Isaa hordofne, wanti lafa irratti nu barbaachisu, “Hundinuu akka nuuf dabalamu” nuuf mirkaneesse. Hiyyumas ta’e badhaadhina, dhukkubas ta’e fayyaa, wallaaluus ta’e Ogummaa hundinuu waadaa Ayyaana Isaatiin kan kennamani dha.LGEI 97.2

    Lubbuun sun ammam dadhabduu yoo taate illee, amma gargaarsaaf gara Isaatti deebitetti irreen Waaqayyoo Inni bara baraa isa marsa. “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu ni darba; namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu, bara baraan jiraata.” 1 Yoh. 2:17. Nama dhabaa fi ari’atama keessatti geggeessaaf, Ogummaaf, jajjabinaa fi abdiidhaaf Waaqayyoon barbaaddachuu bare simachuudhaaf magaalaan Waaqayyoo balbala ishee isa warqee irraa hojjetame ni bantiif. Faarfannaan Ergamootaa isa simata, mukti jireenyaas ija laatuuf. “Tulloonni yoo raafaman iyyuu, gaaronnis yoo socho’an iyyuu, araarri koo si biraa hin mixxiqu, kakuun nagaa koos si biraa hin socho’u, jedha Waaqayyo inni siif ho’u.” Isa. 54:10.LGEI 97.3