Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    Boqonnaa 5 - Kadhata Gooftaa

    “Egaa Yeroo kadhattan akkas jedhaa kadhadhaa.” Mat. 6:9.

    Kadhati Gooftaa yeroo lama kenname, jalqaba namoota lallaba gaara gubbaa dhaggeeffataniif, ji’oota muraasa booda immoo, bartoota qofaaf. Bartootni yeroo xiqqoof gooftaa biraa hafanii dhufanii Abbaa wajjin utuu Inni haasa’uu argan. Isa bira jiraachuu isaanii akka nama hin beekneetti kadhannaa isaa itti fufe. Fuula Isaa irraa ifatu mul’ate. Isa ijaan hin argamne Sanaa wajjin ture, dubbiin afaan Isaa keessaa ba’u humna waan qabuuf waan Waaqayyoo wajjin dubbatu fakkaata.LGEI 100.1

    Onneen bartoota dhaggeeffachaa turanii ni baqe. Yeroo baayyee Abbaa Isaa wajjin kan wal argu ta’uu mirkaneeffatan. Guyyoota baayyee namoota Isatti marsanii Isa dhiphisan barsiisuutti waan dabarseef baayyee dadhabee ture. Obbolaan Isaa fi haati Isaa illee kana irraa kan ka’e waan Inni du’u isaanitti fakkaatee ture. Haa ta’u malee, guyyaa dadhabsiisaa sana kadhannaadhaan cufee yeroo deebi’u, fuula Isaa irratti nagaa guddaa argan, akka Inni haara’ee dhufes ni hubatan. Ifa samii namootaaf fiduudhaaf ganama ganama yeroo hudumaa sa’atii dheeraadhaaf Waaqayyoo wajjin dabarsa. Bartootni humna dubbii Isaatii humna kadhannaa wajjin wal qabsiisuu jalqaban. Yeroo Inni isaaniif kadhatu dhaga’anii onneen isaanii gad of deebisuu jalqabe. Yeroo Inni kadhannaa Isaa xumuru keessa isaaniitii fedhii guddaan uumame akka isaan, “Yaa Gooftaa akkamitti akka kadhannu nu barsiisi” jedhan isaan dirqisiise. Luq. 11:1. Yesuus Kadhannaa haaraa isaaniif hin kennine. Isuma kanaan dura isaanbarsiise irra deebi’eef. Kana jechuu Isaatiin waanan isiniif kenne hubachuutu isin irrature waan jedhe fakkaata. Hiikkaa gad fagoo isin amma iyyuu hin hubatin jirtan jedhu of keessaa qaba.LGEI 100.2

    Haa ta’u malee, Yesuus jechootuma kana qofa akka jennuuf nu hin daangessine. Yaada kadhannaa qabu isaaniif kenne. Kadhannaan sun kan daa’immanni illee shaakalanii jechuu danda’ani dha. Haa ta’u malee, hiikkaan isaa sammuu ga’eessotaan illee qoratamee dhumuu hin danda’u. Galateeffannaadhaan gara Waaqayyoo akka dhufuu qabnu baranneerra, fedha keenyas Isatti akka himannu, akka abdachiisuu isaatiitti araara akka gaafannu nu barsiise.LGEI 101.1