Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    Boqonnaa 1 - Gaara Cinatti

    Yesuus Beetelihemitti dhalachuu Isaatiin jaarraa 14 dura, ijoolleen Israa’el Sheekem lafa jedhamutti walitti qabamanii utuu jiranii gaara cinaa sagaleen lubootaa eebbaa fi abaarsa utuu labsuu dhaga’ame. ” Seera Waaqayyo Waaqa keessanii yoo eegdaniif, ni eebbifamtu: ... yoo abboomamuu diddan garuu ni abaaramtu.” K.Deebii 11:27,28. Sana irraa kan ka’e gaarren sagaleen eebbaa irraa dhaga’ame sun “Gaara Eebbaa” jedhamuudhaan beekame. Israa’el yaada guddaa ishee dura ka’ame irraa ni kufte. Kan Iyyaasuu irraa adda ta’e saba Isaa gara boqonnaa dhugaatti geggeessuu qaba. Israa’eloonni bakka olaanaa isaniif ka’ame bira ga’uu hin dandeenye. Namni Iyyaasu irra wayyu gara boqonnaa sanaatti isaan geggeessuu qaba.LGEI 1.1

    Mee yaada keenyaan ta’umsa sanatti haa deebinu, akka waan bartootaa wajjin cina gaara sanaa teenyee jirruutti haa yaadnu, yaadaa fi miira bartootni keessa turan keessas haa seennu. Dubbiin Yesuus yeroo sana itti dubbate maal jechuu Isaa akka ta’e hubachuudhaan, miidhaginaa fi kaka’umsa isaanii keessatti arguudhaan, nutis har’a barumsa gad-fagoo ta’e Irraa sassaabbachuu dandeenya.LGEI 1.2

    Yeroo Fayyisaan hojii Isaa jalqabetti, yaadnii fi hubannaan waa’ee Masihichaaf qaban akka uummatni Isa simatan hin taasifne. Hafuurri waaqeffannaa dhugaa barmaatilee fi sirnoota adda addaa keessa baduudhaan raajiin dubbataman of tuulmaa fi onnee biyya lafaa jaallattuun hiikamaa ture. Yihuudotni kan eegaa turan fayyisaa Isa cubbuuttii isaan qulleessu utuu hin taane, mootii leenca Yihuudaa keessaa ka’uudhaan warra kaan jilbeenfachiisu ture. Yohaannis cuuphaan, onnee humna raajota durii barbaaduun, qalbii jijjiirrannaaf isaan waamuun isaa akkasumaan ta’e. Laga Yordaanositti quba itti qabuudhaan ilaa Hoolaa Waaqayyoo cubbuu biyya lafaa kan balleessu jechuun isaas akkasumaan ture. Waaqayyo gara raajii Isaayyaasiin dubbatame, isa waa’ee Fayyisaa Isa dhiphina fudhachuuf jiruutti sammuu isaanii deebisuu barbaada; isaan garuu hin dhageenye.LGEI 1.3

    Utuu barsiisotnii fi geggeessitootni Israa’el ayyaana Isaa isa nama jijjiiruu danda’utti amananiiru ta’eetii Yesuus namoota hundumaa gidduutti ambaasaadaroota Isaa isaan godhata ture. Yihuudaa keessatti jalqaba waa’een dhufaatii mootummaa labsamee ture, sana boodas qalbii jijiirrannaadhaaf waamichi isaaniif godhameera. Warra mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti daldalan ari’ee baasuu isaatiin Yesuus Masii ta’uu Isaa mirkaneesseera. Isa lubbuu hundumaa faalama cubbuuttii qulleessee Gooftaadhaaf mana qulqullummaa qulla’aa ta’e gochuu danda’a. Haa ta’u malee, geggeessitootni Yihuudotaa barsiisaaLGEI 2.1

    gad-of deebise Isa Naazireetii argame kanaaf gadi jechuu hinbarbaanne. Yeroo 2ffaaf gara Yerusaalem yeroo dhufe abboota murtii duratti dhiyeeffamee kan ture yeroo ta’u, isa ajjeessuudhaaf uummata sodaatanii dhiisan. Yeroo sanadha kan Inni Yihuudaadhaa ba’ee Galiioyuiklaatti tajaajila Isaa jalqabe.LGEI 2.2

    Hojii Inni achitti jalqabe sun kan itti fufe lallaba gaara gubbaatti ta’e kana dura ji’oota muraasa dura ture. Biyya sana hundumaa keessatti ergaan Inni lallabe, “Mootummaan Waaqayyoo dhiyaateera” kan jedhu ture (Mat. 4:17). Kun immoo xiyyeeffannaa namoota sadarkaa hundumaa irra jiran kan harkise yeroo ta’u, abdii isaaniis caalaatti qabsiiseera. Seenaan barsiisaa haaraa kanaa biyyicha guutummaa keessa faca’e, sadarkaan garaa gara utuu hin daangessin yaadni furii Isa abdachiifame ta’uu hin oolu jedhu bal’inaan namoota keessa faca’e. Lakkoofsi namoota faana Yesuus hordofanii haalaan baayy’achaa kan deeme yeroo ta’u beekamtiin Isaas daraan dabale.LGEI 2.3

    Akka namootni baayy’atanii duukaa yaa’an kun akka hoolota tiksee hin qabneetti kunuunsa akka hin dhabnetti yeroon itti bartootni caalaatti Yesuusii wajjin tokkummaadhaan hojjetan ni dhufeef. Bartoota Isaa keessaa tokko tokko akkuma Inni tajaajila Isaa jalqabeen kan Isatti makaman yeroo ta’u, bartoota Isaa kudha lamaan isaanii iyyuu Yesuusii wajjin maatii tokko ta’an. Haa ta’u malee, barsiisota yeroo sana turaniin dogoggoranii yaada mootummaan Isaa mootummaa isa biyya lafaa kana irraati kan jedhu amanuu jalqaban. Ademsa Yesuusiin hubachuu hin dandeenye. Akka mootummaa biyya lafaatti deggersa argachuudhaaf lubootaa fi barsiisotaa wajjin walitti dhufeenya uumuudhaaf yaalii Inni agarsiise waan hin turreef jeeqamaniiru. Amantii qulqulla’aa isa yeroo Yesuus ol ba’u qabaachuuf jedhanii qophaa’uudhan dura hojii guddaan bartoota kanaaf hojjetamuu qabu jira. Yesuusiif jaalala qaban yoo agarsiisan iyyuu onneen isaanii amanuudhaaf suuta kan jedhe ture. Haa ta’u malee, Yesuus isaan keessaa kan leenjisee hojii guddaa sanaaf qopheessuu danda’u ni arge. Amma yeroo dheeraa ga’aa ta’eef Isaa wajjin waan turaniif, ergamni Isaa Waaqa biraa akka ta’e amanuu isaaniitiin, humni Isaa kan sabni sun argan gaaffii kan hin kaafne waan ta’eef, amma akka isaan dhugaa isaa hubataniif qajeelfamoota Mootummaa Waaqayyoo isaanitti himuudhaaf karaan qophaa’eera jechuu dha.LGEI 3.1

    Yesuus qofaa isaa gaara galaana Galiilaatti dhiyoo jiru irratti halkan guutuu warra filaman kanaaf kadhachaa bule. Yeroo galgalaa’e gara Isaatti isaan waamee kadhataa fi qajeelfamaan harka Isaa mataa isaanii irra kaa’ee isaan eebbisee, hojii wangeelaatiif adda isaan baase. Sana booda isaanii wajjin gara qarqara galaanaa iddoo itti ganama namootni baayy’een isaanitti makaman dhaqe.LGEI 4.1

    Namota baayyee Galiilaadhaa Isa duukaa bu’an sana malee Yihuudaa irraa, Yerusaalem irraas namoota baayy’eetu itti dabalame; Beeri’aa, Deekaa’oolis, Edoom, Kibba Yihuudaatiin Xiiroosii fi Siidoon, magaalaa Fiinqee, qarqara Galaana Diimaa kan jiran keessaa namoota bayy’eetu dhufee ture. “Wantoota gurguddoo Inni hojjete dhaga’uudhaan, Isa irraa baruudhaaf, dhukkuba isaanii irraa fayyuudhaafis dhufan; ... humni Isa keessaa ba’ee hunduma isaanii fayyise.” Mar. 3:8, luq. 6:17-19.LGEI 4.2

    Qarqara galaanaa sanaa irraa bakka dhaabatee namoota sana hundumaatiis sagalee Isaa dhageesissu dhabnaan Yesuus gara qarqara gaara sanaa dhaqe. Gaara sana irraa iddoo dubbannaafis ta’e namoota amma sana baayy’ataniif dhaga’uudhaaf mijatu yeroo ga’e marga irra teenyaan bartootnii fi sabni sun hundi akkuma isaa marga irra ta’an.LGEI 4.3

    Kanaan dura kan hojjete caalaa waan haraa hojjechuu danda’a jedhanii waan eeganiif bartotni barsiisaa isaanii kanatti dhiyaatanii ta’an. Ganama sana yeroo walitti qabaman waa’een mootummaa akka hundeeffamuuf abdachaa jiranii beeksisni ta’e akka dubbatamu amananii eegaa turan. Yaadni kun namoota hundumaa keessa waan guuteef fuula isaanii irraa kaka’umsi mul’atu fedhii guddaa isaan qabaataniif ragaa ture.LGEI 4.4

    Gaara sana irraa gara cinaacha isaatii bakka magariisa ta’e irra ta’anii dubbii afaan barsiisaa Waaqa ta’e kana keessaa ba’u yeroo eegan onneen isaanii yaada ulfina fuula duraatiin guute. Caaftonnii fi Fariisotni achi jiran guyyaa ittiLGEI 5.1

    mootummaa warra Roomaa warra jibbamoo ta’an harkaa fuudhanii badhaadhina impaayera guddoo sana harka isaanii keessa galfatan eegaa jiru. Qonnaan bultootni fi qurxummi qabdootni hiyyeeyyii ta’an guyyaa itti gadadoon, hanqinni nyaataa, jireenyi gad- deebii fi sodaan hanqinaa isaan irraa ka’ee quufaa fi jireenya salphaadhaan bakka bu’uu isaa abdatu. Qooda uffata tokittii ishee halkanii fi guyyaa uffatanii Yesuus warra booji’aman irraa guuree uffata gati jabeessa baayyee isaa akka isaaniif kennu abdatan.LGEI 5.2

    Onneen namoota hundumaa ulfina Israa’el ishee Waaqayyoon filatamtee arguu fi Yerusaalem magaalaa guddoo guutummaa addunyaa ta’uu ishee arguuf boona abdiitiin guuteera.LGEI 5.3