Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Hin yaadda’inaa.” Mat. G:25.

    Inni jireenya isiniif kenne jiraachuuf nyaati akka isin barbaachisu beeka. Inni qaama uume waanta isin uffattaniif kan dhimma hin qabne miti. Inni kennaa isa guddaa kenne waan barbaachisu duukaa kennuudhaan guutuu hin godhuu?LGEI 93.3

    Akkuma isaan faarfannaa galataa faarfatanii xumuraniin Yesuus dhaggeeffattoota Isaf waamicha godhe, “Hin facaasan, hin haamanis; haa ta’u malee Abbaan inni samii irraa isaan soora” jedhe. Sana booda isaan gaafate, “isin isaan irra guddaa hin caaltaniiree?”LGEI 93.4

    “Simbirroon Inni hin kunuunsine hin jirtu,
    Lubbuun Yesuus hin beekne hin jirtu,
    Iddoo hundumaatti Inni nu wajjin waan jiruuf,
    Imimmaan keenyas waan galmeessuuf,
    Inni gonkumaa, gonkumaa, gonkumaa
    Lubbuu Isa amanattu hin gatu tasumaa.”
    LGEI 93.5

    Qarqarri gaara sanaa fi dirreen jiran abaaboodhaan miidhaganii jiru, ganamaan isaanitti agarsiisaa Yesuus akkas jedhe, “Biqiloonni dirree irra jiran kun akkamitti akka isaan guddatan yaadaa.” Namoonni tarii bocaa fi halluu isaanii fakkeessanii kaasuu danda’u ta’a; haa ta’u malee, baala tokko ykn marga tokkotti kan jireenya gochuu danda’u eenyu dha? Abaaboon tokkoon tokkoon isaanii humna Isa biyya lafaa kana uume biraa dhufuu isaanii mul’isu. Uumamni hundinuu jireenyaa fi gammachuu qaban Waaqayyo biraa argatan. Abooboon lafa irra jiran hundi uffata miidhagaa mootiin biyya lafaa kam illee uffatee hin beekne kan uffatan harka Waaqayyotiin dha. Egaa isin warra amantii hir’uu, Waaqayyo Inni marga lafaatti akkasitti miidhegsee uffise isiniin immoo ammam caalchisee haa uffisuree?”LGEI 94.1

    Isa abaaboo uumee fi simbirrootaaf faarfannaa kennetu, “Daraaraa bakkee fi simbirroota ilaalaa” jedhe. Uumama ilaaluu qofaan waa’ee Waaqayyoo nama mana barumsaa seenee barate calaa beekuu dandeessu. Daraaraa irratti Waaqayyo ergaa akkas jedhu isiniif barreesseera, yoo ofittummaa fi maal na dhibdeedhaan irraa barachuu dhiifte irraa kan hafe, ergaan sun afaan onneen kee dubbisuu danda’uun barreeffame. Jaalala onnee Abbaa keessaa burqu keessaa, karaa keessan akka ibsaniif, Maaliif dha kan inni simbirrootaa fi daraaraa kan isiniif kenne? Abaaboo fi simbirroonni yoo hin jiran ta’e iyyuu isin jiraachuu ni dandeessu; haa ta’u malee, Waaqayyo waan jireenyaaf isin barbaachisu qofa isiniif kennuu hin barbaadne. Inni jaalala isiniif qabu isinitti agarsiisuudhaaf lafa kanaaf samii kana miidhaginaan guute. Miidhaginni wantota uumamanii hundinuu ulfina Isaa mul’isu. Egaa erga isin gammachiisuuf jecha ogummaa isaatti fayyadamee waan akkasii isiniif hojjetee, wantota jireenyaaf isin barbaachisan isiniif guutuu Isaa irratti shakkii qabduu?LGEI 94.2

    “Daraaraa bakkee ilaalaa.” Abaaboon gurra isaa ifa aduuf saaqu hundinuu seeruma urjiin samii ittiin geggeeffamuun geggeeffama. Akkam salphaa dha, akkam miidhaga, jireenyis akkam itti tolaa dha! Karaa abaaboo, Waaqayyo amala jaalala Kiristoosiin akka qabaannuuf waamicha nuuf godha. Miidhagina abaaboon uffatan caalaa Kiristaanonni amala Kiristoosiin uffatanii ittiin miidhaguu qabu.LGEI 95.1

    Daraaraan bakkee akkamitti akka isaan guddatan ilaalaa, jedhe Yesuus. Lafa diilallaa’uu fi dukkana keessaa biqilanii, ykn dhoqqee qarqara bishaanii keessaa ba’anii jaalalaa fi urgaa kennu. Eenyutu miidhaginni akkasii keessaa ba’a jedhee abjoochuu danda’a? Yeroo Waaqayyo Inni achi keessa dhookatee ture, roobaa fi ifa aduu keessaan achii as ba’u, namni miidhagina achii as ba’u arguudhaan ajaa’ibsiifata. Yeroo jireenyi Waaqayyoo nama keessaan mul’atee ayyaana Isaa tajaajiluu filatuttis eebbi Waaqayyoo akkuma roobaa fi ifa aduutti namoota hundumaa irratti tola dhangala’a. Dubbii Waaqayyooti kan abaaboo uume, dubbiima sanatu ayyaanaa fi Hafuura Qulqulluu isin keessatti uuma.LGEI 95.2

    Seerri Waaqayyoo seera jaalalaati. Inni miidhagina kan isinitti naannesseef akka lafa irra jiraachuun keessan ijaaruuf, soquuf, aramuuf qofa utuu hin taane jaalala Kiristoosiin gammachuu fi miidhagina akka isin qabaachuu qabdan isin barsiisuuf dha. Akkuma abaaboo, tajaajila jaalalaatiin namoota kan biraa akka gammachiiftaniif dha.LGEI 95.3

    Abbootii fi haadhotii, ijoolleen keessan akka isaan abaaboo irraa baratan godhaa. Ijoollee keessan gara maasiitti geessuudhaan gaaddisa muka baala qabuu jala ta’aatii ergaa Waaqayyo isaaniif qabu achi keessaa akka dubbisan taasisaa. Barsiisi Isaa abaaboo, mukeetii fi simbirrootaa wajjin wal haa qabatu. Waan nama gammachiisu hundumaa keessatti ijoollonni jaalala Waaqayyo isaaniif qabu haa argan. Amantiin keessan gammachiisaa ta’uu isaa itti himaa. Seerri gaarummaa hidhii keessan irraa hin dhibamin.LGEI 95.4

    Sababii jaalala Waaqayyootiif jireenyi keenya jijjiiramee kan Isaa fakkaachuu akka danda’u ijoollee keessan barsiisaa. Akkuma abaaboo jireenya isaanii miidhegsuu akka inni danda’u itti himaa. yeroo isaan daraaraatti marsanii ilaalan Inni daraaraa kana uume isaan caalaa miidhagaa ta’uu isaa itti himaa. Sana gochuu dhaan onneen isaanii waa’ee Isaa akka yaadu ni gootu. Isa akka michuu isaaniitti ilaalanii guyyaa guyyaan itti dhiyaachuudhaan jireenyi isaanii gara fakkaattii qullaa’ummaa Isaatiitti jijjiiramuu danda’a.LGEI 96.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents