Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Waa’ee boriifis bin yaadda’inaa. . . . rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf ni ga’a.” Mat. 6:34.

    Yoo hojii Isaa hojjechuuf ofii keessan Waaqayyoof kennitaniittu ta’e, waa’ee borii yaadda’uu hin qabdan. Inni isin hojjettaniif jalqabaa amma dhumaatti beeka. Wanti bor ta’uuf jiru ija keessan duraa yoo dhookate iyyuu ija Isa hundumaa danda’uu duratti banaa dha.LGEI 98.1

    Yeroo itti gaafatamummaa keenya Ogummaa ofii keenyaatiin raawwachuuf yaallu, ba’aa Waaqayyo nutti hin kennin gargaarsa malee baachaa jirra. Itti gaafatamummaa Waaqayyoo fudhachaa waan jirruuf bakka Isaa of buusaa jirra. Yeroo akkas goonu balaa fi kasaaraan nu mudachuu danda’a. Garuu, yeroo akka Waaqayyo nu jaallatuu fi nuuf yaadu amannutti waa’ee fuula duraa yaadda’uu ni dhiifna. Akkuma maatii keenya amannu Waaqayyoon amanuu jalqabna. Fedhiin keenya fedhii Waaqayyoon waan liqimfameef boriif dhiphachuun keenya ni hafa.LGEI 98.2

    Kiristoos ba’aa borii har’a akka baannuuf nuuf hin heyyamne. Akkas jedhe, “Ayyaanni koo duwwaan si ga’a” (2 Qor. 12:9); haa ta’u malee, ayyaanni Isaa akkuma mannaa lafa onaa keessatti kennamaa turee kan guyyaa guyyaadhaaf ga’u qofatu kennama. Akkuma saba Israa’eliin buddeen samiidhaa bu’u kan guyyaaf ga’u argachuu dandeenya.LGEI 98.3

    Kan keenya guyyaa tokko qofa. Guyyichattis Waaqayyoof jiraachuu qabna. Guyyaa kanatti dhimma keenyaa fi kaayyoo keenya hundumaa harka Isaa keessa keenyaa Isa tajaajiluuf yoo of kenninne, Inni qooda keenya ofii Isaatii nuuf yaada. “Yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuuti malee yaada isin balleessu miti.” “Isin yoo deebitanii fi yoo gab jettan ni fayyitu; caalumma jettanii yoo Isa amanattaniif ni jabaattu.” Erm. 29:11; Isa. 30:15.LGEI 99.1

    Yoo Waaqayyoon barbaaddanii fi guyyaa guyyaadhaan yoo jijjiiramtan; yoo filannaan keessan Waaqayyotti gammaduu ta’e; yoo gammachuudhaan waanjoo Isaa baachuuf dhuftan,...waanjoo abboomamuu fi tajaajilaa, ...guungummiin kee hundi ni bada, dadhabbiin kee hundinuus balleeffama, rakkoon ati wajjin wal’aansoo qabaa jirtu hundi ni furama.LGEI 99.2

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents