Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Abbaan keessan inni waaqa irraa mudaa malee akkuma ta’e isinis akkasuma mudaa malee ta’aa.” Mat. 5:48.

    Jechii “kanaafuu” jedhu goolabbii akka ta’e agarsiisa. Warra duraan dubbataman kan walitti qabu jechuu dha. Yesuus warra Isa dhaggeeffatanitti jaalalaa fi araara Waaqayyoo isa mudaa hin qabne ibsaa jira. Kanaaf isaanis mudaa malee akka ta’an isaan gaafata. Abbaan keessan Inni samii irraa, “Inni warra galata hinqabnee fi warra hamootaaf iyyuu arjaa dha.” (Luq. 6:35), Inni ol waan si qabeef akkuma Isaa mudaa malee taatanii namotaa fi ergamoota dura dhaabachuu akka dandeessaniif jedhee Yesuus waamicha godha.LGEI 75.3

    Haalli jireenya bara baraa, akkuma isa yeroo Jannata keessa turee ayyaana jala jira; qajeelummaa guutuu ta’e, tokkummaa Waaqayyoo wajjinii, seera Waaqayyoo wajjin guutummaatti wal fudhachuu gaafata. Amalli Kakuu Moofaa keessatti gaafatame isa Kakuu Haaraa keessatti gaafatamee wajjin tokko dha. Safartuun amalaa kunis kan nuti bira ga’uu hin dandeenye miti. Abboommii tokkoo tokkoo isaa wajjin abdii wal qabatutu jira. Waaqayyo akka ofii Isaa nu gochuuf waadaa seeneera; kana immoo namoota ayyaana Isaa hin xureessinee fi warra fedhii Isaa wajjin wal hin mormineef ni raawwata.LGEI 76.1

    Jaalala hin dubbatamneen Waaqayyo nu jaallate. Jaalala Isaa isa ballinni, dheerinni, gadi fageenyi isaa sammuu namaan ol ta’eef yeroo iddoo kennuu jalqabnu akka Isa jaallannuuf nu kakaasa. Mul’achuu jaalala Kiristoosiin, cubbamoota utuma jirruu jaalala Isaa nutti mul’ateef, onneen jabaan baqee gadi jedha, cubbamaanis sanaan jijjiiramee mucaa Waaqayyoo ta’a. Waaqayyo safartii dirqamaa hin fayyadamu; meeshaa Inni fayyadamee onnee keessaa cubbuu haxaa’u jaalala dha. Isaanidha kan inni koormaa gara gad-of deebisuutti, diinummaa fi amantii dhabuu gara jaalalaa fi amantiitti kan jijjiiru.LGEI 76.2

    Yihuudonni yaalii mataa isaaniitiin guutuu ta’uudhaaf baayyee dhama’an iyyuu hin dandeenye. Kiristoos qajeelummaa ofii isaaniitiin mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye itti hime. Amma amala qajeelummaa warri mootummaa Waaqayyootti galuuf jiran qabaachuu qaban itti himuu jalqaba. Lallaba gaara gubbaa irratti lallabe hundumaa keessatti firii isaa ture kan Inni dubbate. Amma garuu, madda isaa itti hime; Waaqayyo guutuu akka ta’e isinis guutuu ta’aa. Seerri amala Waaqayyoo kan agarsiisu dha. Qajeelfamni Waaqayyoo amala Isaa kanagarsiisuu fi hundee mootummaa isaatiiti.LGEI 76.3

    Waaqayyo jaalala. Akkuma qara biiftuu biiftuu jaalallii, ifnii fi gammachuun Isa biraa gara ijoollee Isaatti gadi bu’a. Kana kennuun uumama Isaati. Jireenyi Waaqayyoo jaalala ofittummaa hin qabne burqisiisuu dha.LGEI 77.1

    “Ulfinni Isaa gaarummaa ijoollee Isaatiif ta’u dha. Gammachuun Isaa jaalala abbummaa agarsiisuu dha.”LGEI 77.2

    Akkuma Isaa guutuu akka taanu nutti hima. Akka Inni guutummaa addunyaatti jaalala agarsiise nuti naannoo keenyatti wiirtuu eebbaa fi ifaa ta’uu qabna. Nuti ofii keenyaan waa gochuu hin dandeenyu, ifa jaalala Isaatu nu irratti ifa, nuti immoo if sana calaqqisiifna. “Gaarummaa isa irraa arganneen” safara keenyatti guutuu ta’uu dandeenya, Waaqayyos safara Isaatti guutuu akka ta’e jechuu dha.LGEI 77.3

    Yesuus akkas jedhe, “Abbaan keessan guutuu akka ta’e isinis guutuu ta’aa.” Ijoollee Waaqayyoo yoo taatan eenyummaa Isaa ni hirmaattu, Isa ta’uu hin dandeessan, garuu akka Isaa taatu. Mucaan kam iyyuu jireenya abbaa isaatii jiraata. Isin ijoollee Waaqayyoo yoo taatan, Hafuura Isaatiin kan argamtan, jireenya Waaqayyootiin jiraattu. Kiristoos keessa, “Guutummaan Waaqayyommaa” ni jiraata (Qol. 2:9); Jireenyi Yesuus, “Foon keenya isa dadhabaa” kana keessaan ni mu’ata (2 Qor. 4:11). Jireenyi isin keessa jiru sunis amala Isaa isin keessaan mul’achuu dhaan waan inni hojjetu isin hojjechiisa. Kanaaf qajeelfama seera isaatii hundumaa wajjin walii galtanii adeemtu, “Seerri Waaqayyoo guutuu dha; lubbuu namatti ni deebisa.” Far. 19:7. Karaa jaalalaa, “Wanti seerri nu irraa gaafatu, nu warra akka fedha Hafuuraatti malee fedha fooniitti hin jiraanne keessatti akka raawwatamuuf Waaqayyo kana godhe.” Rom. 8:4.LGEI 77.4