Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Namni tokko gooftaa lamaaf abboomamuu bin danda’u.” Mat. 6:24.

    Kiristoos, namni tokko gooftaa lamaaf hojjechuu hin qabu hin jenne, hin danda’u jedhe. Fedhiin Waaqayyoo fi fedhiin Seexanaa walitti dhufeenya tokko illee hin qabu. Yeroo kiristaanummaan of qabuu, of ganuu, dhaabuudhaaf akeekkachiisu, biyyi-lafummaa ammo ofittummaaf waamicha gooti. Sarara tokko irra duuka buutota Kiristoos warra of ganetu jira; toora kan biraa irra ammo kan ol ofqaban, biyya lafaa kan jaallatan, ammayyummaa duukaa kan bu’an, kan qoosan, fi gammachuu dhowwame keessa kan of buusantu jira. Toora isa kana irra Kiristaanonni deemuu hin danda’an.LGEI 92.1

    Namni kam iyyuu kana lamaan keessaa utuu hin qabaatin gidduu dhaabachuu hin danda’u; kan Waaqayyoon hin jaallanne ta’ee, kan diina qajeelummaa hin tajaajille hin jiru. Kiristoos namoota keessa buluudhaan dandeettii isaanii keessaan hojjechuu barbaada. Fedhiin isaanii fedhii isaaf bitamuu qaba; hafuura isaatiin hojjechuu qabu. Sana booda isaan miti kan jiraatu, Kiristoostu isaan keessa jiraata. Kan guutummaatti jireenya isaa Waaqayyoof hin kennine to’annaa humna kan biraa jala jira, sagalee kan biraa dhaga’a, kan yaadni inni dhiyeessu guutummaatti amala Waaqayyoo irraa faallaa ta’e. Yeroo iddoo lamatti adda hiramu namni tokko guutummaatti garee mootii dukkanaa ta’uu isaati. Warri silaa loltuu Waaqayyoo jedhaman yaada Seexanaatti hirmaatanii isa gargaaruu yeroo jalqaban, diina Kiristoos ta’uu isaanii mirkaneessu. Amanamummaa ganuu isaaniiti. Loltoota Kiristoos warra dhugaa fi Seexana walitti fiduuf yaalu, kara sanaa diinni itti dhimma ba’uudhaan onnee loltoota Kiristoos hatuudhaaf yaalii godha.LGEI 92.2

    Namni jireenya, dhugaa fi ulfina argate, deebi’ee fedha isaatiin Seerota Waaqayoo warra qulqullaa’oo keessaa tokko yoo cabse, kennaa isaaf kenname cubbuutti jijjiiruu isaati. Beekumsi guddaan, kennaan, hubannaan, arjummaan godhamu, deebi’ee kiyyoo seexanaa ta’uudhaan biyya lafaa keessattis ta’e jireenya isa dhufutti gufuu namoota baayyeef ta’uu danda’u.LGEI 93.1

    “Biyya lafaa ykn waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa. Namni tokko biyya lafaa jaallachuutti yoo hidhame Waaqayyo Abbaa jaallachuun isa keessa hin jiraatu. Wanti biyya lafaa keessa jiru hundinuu hawwii fooniiti. Hawwii ijaas, jireenyaan kooruunis biyya lafaa keessaa ba’a malee Abbaa biraa hin ba’u.” l Yoh. 2:15, 16.LGEI 93.2

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents