Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Namni abboommota hundumaa irra xinnaatan keessaa tokko diigee, diigamuu isaas namoota barsiisu mootummaa Waaqaa keessatti isa hundumaa irra xinnaatu ni jedhama.” Mat. 5:19.

    Sana jechuun, achi keessaa iddoo hin qabu. Kan fedha isaatiin seera tokko cabse, hafuuraaf dhugaatti isaan keessaa tokko iyyuu eeguu hin danda’u. “Namni abboommota hundumaa eegee tokko yoo cabse, hunduma isaa akka cabsetti ilaalama.” Yaaqob 2:10.LGEI 52.2

    Cubbuu kan ta’u jabina abboomamuu dhisuu miti, fedhii Waaqayyoo irraa xiqqoo adda ba’uu dha; kunis kan agarsiisu lubbuu fi cubbuu gidduu walitti dhufeenyi jiraachuu isaati. Onneen tajaajila kennutti addaan hirma. Seerota mootummaa isaa irratti fincila kaasuun mul’inatti Waaqayyoon ganuu dha.LGEI 52.3

    Utuu namootni akka safartuu ofii isaanii qopheessaniif eeyyamameeraaf ta’eetii sammuu namoota adda addaaf akka mijatutti safartuu adda addaa baayyeetu jiraatature. Bulchiinsis harka Waaqayyoo keessaa ni fuudhama ture. Fedhiin namaa iddoo ol-aanaa argata ture, inni guddaa fi qulqulla’aan fedhiin Waaqayyoo—kaayyoo fi jaalalli Inni uumama Isaatiif qabu hundinuu ni tuffatama ture.LGEI 52.4

    Namootin yeroo karaa ofii isaanii filatan hundumaatti Waaqayyoo wajjin wal mormu. Qajeelfa samii wajjin waan wal lolaa jiraataniif mootummaa Waaqayyoo keessaa iddoo hin qargatan. Fedhii Waaqayyoo tuffachuu isaaniitiin tarree diina namaa fi diina Waaqayyoo isa ta’e, tarree Seexanaa irra hiriiru. Jecha tokko, ykn jecha baayyeen utuu hin taane, jechoota Waaqayyo dubbate hundumaan namni jiraata. Dubbii Waaqayyoo keessaa tokkittii illee, kan waa’ee hin baafne yoo nutti fakkaate illee, tuffachuu hin qabnu. Lafa kana irrattis ta’e jireenya isa dhufu keessatti, abboommii Waaqayyoo keessaa kan gammachuu fi gaarummaa namaaf hin taane tokko hin jiru. Namni abboommii Waaqayyoo eeguu isaatiin marfamee hamaa irraa eegama. Namni dallaa isa eeguuf dhaabame kana cabsu, humna isa eegu balleessuu isaati; inni karaa diinni ittiin isatti seenee jireenya isaa balleessuu fi xureessu baneef jechuu dha.LGEI 53.1

    Maatiin keenya warri jalqabaa yeroo ta’etti Waaqayyoof abboomamuu dhiisuu filachuudhaan balbala bal’aa bananii ‘wayyoo ykn ofbaasii’ gara biyya lafaatti galchan. Namni fakkeenya isaanii duukaa bu’u hundinuu bu’aa wal fakkaataa haammata. Jaalalli Waaqayyoo seera Isaaf kabaja kennuu kan gaafatu yeroo ta’u, namni seera Isaa irraa adda ba’u hundinuu xuraa’ummaa fi gammachuu dhabuu ofitti fida.LGEI 53.2

    “Qajeelummaan keessan qajeelummaa warra barsiisota seeraatii fi warra Fariisotaa irra guddaa yoo caaluudhaa baate mootummaa Waaqaatti gonkumaa hin galtan” Mat. 5:20.LGEI 53.3

    Caaftonnii fi Fariisonni Yesuusiin qofa utuu hin taane barmaata isaanii duukaa bu’uu waan didaniif bartoota illee cubbamoota jedhanii hadheessaniiru. Warra barsiisota seeraati jedhaman irraa ariannaa fi himannaan baayyeen bartoota irra ga’eera. Yesuus soba saaxile. Qajeelummaan warri Fariisotaa iddoo guddaa kennaniif gatii akka hin qabne labse. Yihuudotni akka saba addaatti, akka saba Waaqayyo filateetti of lakkaa’u turan; Kiristoos garuu, amantiin isaanii akka amantii fayyisuu hin dandeenye ta’etti dhiyeesse. Qulqulluu of fakkeessuun isaanii, sirnoota adda addaa raawwachuun isaanii, kan seerri irra barbaadu kan bakkeedhaan mul’atu raawwachuun isaanii, qulqulloota isaan taasisuu hin dandeenye. Onneen isaanii qulqulluu hin turre, amalli isaaniis Kiristoosiin hin fakkaatu ture.LGEI 54.1

    Amantiin seera irratti hundaa’e lubbuu Waaqayyoo wajjin walitti fiduu hin danda’u. Amantiin warra yihuudotaa jabaa, kan hin wayyoofne, qalbii jijjiirraannaan isaan gaafatan, gaaruummaa fi jaalalli isaanii cubbamootaaf dhagaa gufannaa ture. Isaan akka soogidda minyawummaa isaa dhabee turan; dhiibbaan isaan godhan biyya lfaa kana faalama irraa oolchuu hin dandeenye. Amantii dhugaan lubbuu qulleessuu danda’u isa, “Jaalala dhugaadhaan hojjetu dha” (Gal. 5:6).LGEI 54.2

    Kana hundumaa Yihuudonni barsiisa raajotaa irraa barachuu qabu turan. Jaarraa baayyee dura, lubbuun qajeelummaa barbaachaaf gara Waaqayyootti iyyite deebii isheen argattee wajjin kara raajicha Miikiyaas dubbatamera. “Ani maal fudhadhee Waaqayyo duratti dhiyaadhu? Waaqayyo Isa ol gaara irra jiru durattis akkamitti gugguufu? Qalma gubamuuf jabboota waggaa tokkoo fudhadhee fuula Isaa duratti dhiyaadhuuree? Gooftichi korbeeyyii hoolaa kumatti, dhadhaa ejersaa akkuma bishaaniitti lagoota kuma kudhan keessa yaa’utti ni gammadaaree? . . . Inni wanta gaarii ta’e sitti himeera, yaa namaa, wanta qajeelaa ta’ee fudhatame hojjechuu, gaarummaa jaallachuu, gad of- deebiftees Waaqayyo kee wajjin deddeebi’uu malee Gooftichi maal si irraa barbadaree?” Miik. 6:6-8.LGEI 54.3

    Raajichi Hoose’is barmaata warra Fariisotaa akkas jechuudhaan ibseera, “Warri Israa’elis akka muka Wayinii of jaallatee ija baayyee naqatuuti.” Hos. 10:1. Tajaajila Waaqayyoon akka tajaajilaniif itti kenname keessatti isaan ofii isaanii tajaajilaa turan. Qulqullummaan isaan akka ofii isaaniitii itti yaadanii fi bu’aa mataa isaaniif seera eeguu dha. Haa ta’u malee, eenyummaa isaanii isa duraa irra waan fooyyesse hin qabu. Adeemsa qulqulluu of gochuu keessatti waan xura’aa keessaa waan qulqulluu baasuuf yaalaa turan. Seerri Waaqayyoo akkuma Waaqayyo qulqulluu ta’e qulqulluu dha, akkuma Waaqayyo guutuu ta’e innis guutuu dha. Qajeelummaa Waaqayyoo namootatti agarsiisa. Namni ofii isaatiin seera eeguu hin danda’u; sababiin isaas uumamni namaa sarbamee, jijjiiramuudhaan amala Waaqayyoo fakkaachuu irraa fagaateera. Hojiin onnee ofittoo ta’ee, “Akka waan xuraa’aati;” akkasumas, “Qajeelummaan keenya moofaa abaarsaati.” Isa. 64:6.LGEI 55.1

    Seerichuu qulqulluu ta’ee utuma jiruu, Yihuudotni ofii isaaniitii seera eeguudhaan qajeelummaa argachuu hin danda’an. Bartootnis mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf qajeelummaa kan warra Yihuudotaa irraa adda ta’e qabaachuu qabu. Waaqayyo ilma Isaa keessaan qajeelummaa seeraa guutuu ta’e isaaniif dhiyeesse. Yoo isaan Kiristoosiin fudhachuudhaaf guutummaatti onnee isaanii banan, jireenyi, jaalalli fi isaan keessa buluun Isaa akka isaan Isa fakkaachuutti jijjiiraman isaan taasisa. Kanaaf, kennaa Waaqayyoo isa tola kennamuun qajeelummaa seerri gaafatu guutanii argamu. Haa ta’u malee, Fariisonni Kiristoosiin morman, “Qajeelummaa isa Waaqayyo kennu wallaalanii, qajeelummaa mataa isaanii dhaabbachuu yaalaniiru,” (Rom. 10:3), isaan qajeelummaa Waaqayyotti of kennuu hin dandeenye.LGEI 55.2

    Yessus dhaggeeffattoota Isaatti kan Inni himuu barbaade, amala Kiristoosiin qabaachuu jechuun abboommota Isaa eeguu akka ta’e dha. Sababni isaas, Isa keessatti guyyaatii gara guyyaatti Abbaan mul’achaa ture.LGEI 56.1