Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Eenyu illee obboleessa isaatti yoo dheekkame, abboota firdii duratti itti ni faradama.” Mat. 5:22.

    Kara Musee Waaqayyo akkas jedhe, “Ati garaa keetti obboleessa kee hin jibbin . . . Ati nama akka ofii keetiitti jaalladhu malee ijaa hin baafatin, ijoollee saba keetii irrattis haaloo hin qabaatin.” Lew. 19:17, 18. Dhugaan Kiristoos isaanitti dubbachaa ture isuma raajonni isaan barsiisan ture, isaan garuu gara jabinaa fi cubbuu jaallachuudhaan haguugaman.LGEI 56.2

    Dubbiin Fayyisaa keenyaa kan Inni dhaggeeffattoota Isaatti mul’ise, yeroo nama kan biraatiin yakka hojjetteetta jedhan isaanis yakka wal qixa hojjechuu isaaniiti; isaanis hammeenyaa fi jibba jajjabeessaa waan turaniif.LGEI 56.3

    Fuullee bakka isaan jiraniitiin galaana gama biyya bosonaan guute kan namootni yakka hojjetan keessa dhookatantu ture. Saamichii fi ajjeechaan nannoo sanatti raawwate kan yeroo dhiyoo fi sammuu namootaa keessa kan jiru ture. Namootni sunis warra akkas godhan balleessuudhaaf hinaaffaa guddaa qabu turan. Haa ta’u malee, isaanis rakkoo qabu turan; warra Roomaa irratti jibba hadha’aa kan qabanii fi saba biyya kan biraas ta’e saba biyya isaanii keessaa kan yaada isaanii wajjin hin deemne jibbuudhaaf eeyyama kan qaban ta’uutti of yaadu turan. Kana hundumaa keessatti isaan seera isa, “Hin ajjeesin” jedhu cabsaa turan.LGEI 56.4

    Hafuurri jibbaa fi haaloo ba’uu kan bu’uureffame seexanaan ture, amma ilma Waaqayyoo ajjeesuttis ittuma fufe. Namni jibbaa fi hammeenya facaasu hundinuu hafuura wal fakkaatu qaba, bu’aan isaa ammo du’a fida. Yaada ijaa baafannaa keessa hojii hamaan akkuma biqilaa guddaan sanyii keessa taa’utti hammeenyi dhookatee ta’a. “Obboleessa isaa kan jibbu hundinuu nama nama ajjeese dha: namni nama ajjeese abdii jireenya bara baraa akka hin qabne isin iyyuu beektu.” 1 Yoh. 3:15.LGEI 57.1

    “Namni obboleessa siaatiin bututtuu uffatta jedhu, yaa’ii duratti ni dhiyaata.” Waaqayyo ilma isaa tokkicha namota hundumaaf kennuu Isaatiin lubbuu tokkoo tokkoo isheef gatii ammam akka kenne agarsiiseera. Kanaaf, nama kamiif iyyuuu nama kan biraa irratti hamaa akka dubbatuuf mirga hin laatne. Namoota sana keessatti dadhabinaa fi dogoggora ni argina ta’a, haa ta’u malee, Waaqayyo qabeenyaa kooti jedhee isaan falmata; uumuu isaatiin kan isaati, irra deebi’ee dhiiga Yesuus isa gati jabeessaan bituu Isaatiinis kan isaati.LGEI 57.2

    Hundinuu akka bifa Isaatti uumaman, namootni warri gad deebi’oon illee kabaja guddaadhaan ilaalamuu qabu. Lubbuu Kiristoos jireenya Isaa aarsaa godheef tokkittii illee salphisuu keenyaaf Waaqayyo nu gaafata.LGEI 57.3

    “Warra kaan irratti immoo eenyutu caalmaa siif kenne? Waan Waaqayyo siif hin kennin maalfaa qabdaree? Isa irraa fudhatte erga ta’ee immoo maaliif akka waan kennaa hin ta’iniitti ittiin of jajjaree?” “Ati inni hojjetaa biraatti faraddu eenyu ati? Inni yoo dhaabates yoo kufes Gooftaa isaatu beeka.” 1 Qor. 4:7; Rom. 14:4.LGEI 57.4

    “Namni gowwaa, namaan jedhe ibiddaan gubata.” Kakuu Moofaa keessatti jechi ‘gowwaa’ jedhu nama cubbuu isaatiif jecha baqataa ta’e ilaallata. Yesuus akka dubbatetti namni obboleessa isaa baqataa ta’uu isaatiif arrabse ofii isaatiis dheekkamsa wal fakkaatu fudhata jedhe.LGEI 58.1

    Kiristoos ofii Isaatii seexanaa wajjin reeffa Musee irratti yeroo wal falme. “Arrabsee itti faraduuf ija hin jabaanne.” Yih. 9. Utuu akkas godheera ta’eetii ofii Isaa bakka seexanaatti gad of buusa ture; sababiin isaa himannaan/hadheessuun meeshaa warra hamaa hojjetaniiti. Seexanni Kitaaba Qulqulluu keessatti, “Hadheessituu Obbolootaa” jedhamee waamameera (Mul. 12:10.) Yesuus meeshaa Seexanaa kamiin iyyuu hin fayyadamne. Akkas ittiin jedhe, “Gooftaan si haa ifatu.” Yih. 9.LGEI 58.2

    Fakkeenyummaan Isaa nuuf dha. Yeroo diinota keenyaa wajjin wal falmuutti dhufnu jechoota hadheessaa ykn himannaa of keessaa qabu fayyadamuu hin qabnu. Namni af-yaa’ii Waaqayyoo ta’ee lafa kana irra jiru jecha samiin hin fayyadamnee fi kan Yesuus yeroo Seexanaa wajjin wal falme itti dhimma hin ba’in fayyadamuu hin qabu. Hojii murtii kennuu Waaqayyoof dhiisuu qabna.LGEI 58.3