Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Yeroo kadhattan, akka warra saba Waaqayyoo hin ta’inii dubbii waa’ee hin baafne keessa hin deddeebi’inaa.” Mat. 6:7.

    Yihuudonni akka waan kadhannaa isaaniitiin cubbuuf dhiifama argamsiisaniitti of ilaalu. Kanaaf, ammuma kadhannaan isaanii dheeratu gatiin isaanii waan guddaa ta’e se’u. Utuu yaalii mataa isaaniitiin qulqulloota ta’uu danda’u ta’eetii keessa isaaniitii waan ittiin gammadanii fi waan ittiin kooran ni qabaatu ture. Kadhannaan akkasii of agarsiisuuf kan godhamuu fi amantii sobaa kan agarsiisu dha. Yihuudonni kadhannaa akkasii kana kan baran warra Waaqa hin beekne irraati. Bara keenyas warruma kiristaanota jedhaman keessaa rakkoon akkasii ni jira. Gaaleewwan arrabni keenya bare calluma jennee irra deddeebinee, garaan keenya Waaqayyoon barbaadaa hin jiru taanaan kun amaluma warra Waaqa hin beeknee, “Akkasumaan irra deddeebi’uu” dha.LGEI 85.1

    Kadhannaan gatii cubbuu hin baasu; ofii isaatii gatii kennu hin qabu; jechoota tarreessuun ykn ajaja baayyee kennuun fedhii onnee wajjin wal hin madaalu. Kadhannaa baayyeen jechootuma akkasumaan irra deddeebi’u waan onnee keessa jiru sirriitti agarsiisuu hin danda’u. Kadhannaan onnee keessaa dhufu garuu, fedhiin lubbuu yeroo ibsamu, akkuma nama hiriyyaa keenya lafa irraa gaafannutti, akka argannu yoo amanne kun kadhannaa amantiidhaan kadhatamu dha. Waaqayyo sirnoota nuti raawwannu arguu miti kan barbaadu, iyya onnee cabee fi waa’ee cubbuu isaatiif gad of deebisee dadhabbii isaa himatutu Waaqayyo bira ga’ee araara argachuuf karaa argata.LGEI 85.2