Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Yeroo kadhattan akka warra of agarsiisanii hin ta’inaa.” Mat. 6:5.

    Farisoonni yeroo kadhataa adda baasaniiru; yeroon sun yommuu ga’u bakkuma jiranitti dhaabatu; sun immoo karaa irra, bakka gabaa, bakka namni baayyeen argamu ta’uu danda’a achuma dhaabatanii sagalee guddaadhaan kadhata isaanii jalqabu. Kadhannaan akkasii, of agarsiisuu waan ta’eef, Yesuus irraa ceephoo harkise. Haa ta’u malee, bakka namootni baayyeen jiranitti kadhachuun sirrii miti hin jenne. Inni iyyuu iddoo bartootnii fi namootni baayyeen walitti qabamanitti kadhachaa tureera. Kan inni jechaa jiru kadhannaan nama dhuunfaa dhuunfaamatti ta’uu qaba. Kadhannaa dhuunfaa keessatti kadhannaan keenya eenyu bira iyyuu utuu hin taane gurra Waaqa Isa kadhannaa dhaga’uu keessa seenuu qaba. Gurri nama kamii iyyuu ba’aa namaa nama irraa fuudhuu hin danda’u.LGEI 82.2

    “Yeroo kadhattu, mana keetti ol galiitii cufadhu.” Kadhannaa dhuunfaadhaaf iddoo dhoksaa qabaadhu. Yesuus qofaa Isaatti iddoo itti kadhatu qaba akkuma ture nus qabaachuu qabna. Yeroo tokko tokko waan soorama bane nutti fakkaata. Haa ta’u malee, yeroon Waaqayyoo wajjin dhuunfaatti wal arginu murteessaa dha.LGEI 82.3

    “Abbaa keessan Isa dhoksaatti isin dhaga’u kadhadhaa.” Maqaa Yesuusiin akka Ilmaatti ija jabinaan Waaqayyootti dhiyaachuu dandeenya. Namni kam iyyuu nuuf Waaqayyo gidduu dhaabachuu hin qabu. Karaa Yesuusiin onnee keenya isa nu beekuu fi nu jaallatuuf banuu dandeenya.LGEI 83.1

    Iddoo dhookataa, Waaqayyo malee iji namaa iddoo nu hin agarre, Waaqayyo malee gurri namaa nu hin dhageenyetti, abbaa keenya Isa araara qabeessa duratti ba’aa keenyaa fi fedhii keenya isa dhookataa haa dhangalaafnu, lubbuu keenya gab gochuudhaanis deebii Waaqa Isa nuuf deebisu sagalee Inni nutti dubbatuuf onnee keenya haa bannu.LGEI 83.2

    “Waaqani keenya araara qabeessaa fi ho’a qabeessa dha.” Yaaqob 5:11. Inni jaalala Isaa isa dhuma hin qabneen qalbii jijjiirrannaa isaanii fi cubbuu isaanii himachuu isaanii ni eega. Akkuma haati gammachuu ilma isheetii fuula isaa irraa dubbisuuf eegdu Waaqayyos galateeffannaa keenya ni eega. Ammam akka onneen Isaa jaalala akka nuuf qabu hubachuu keenya ni eega. Inni qorumsa keenya mo’icha isaatti, gadda keenya jaalala isaatti, madaa keenya fayyina Isaatti, dadhabina keenya jabina Isaatti, duwwaa ta’uu keenya guutummaa Isaatti jijjiiruudhaaf nu waama. Kan gara Isaa dhufe tokko illee hin yeella’u. “Gara Isaa ilaalaa, fuulli keessan haa ifuu; deebitanii qaaniidhaan lafa hin ilaaltan.” Far. 34:5.LGEI 83.3

    Warri dhoksaatti Waaqayyoon barbaaduudhaan fedhii isaanii itti himanii gargaarsa kadhatan, kadhaan isaanii akkanumaan hin ta’u. “Abbaan keessan Inni dhoksaatti Isa kadhattan mul’inatti isiniif ni ksenna.” Yoo guyyaa hundumaa filannaa keenya Yesuusiin godhanne humni biyya lafaa kan hin argamne nu marsee jiraachuu isaa ni hubanna. Yesuusiin ilaaluudhaan gara fakkaattii isaatiitti jijjiiramna. Isa ilaaluudhaan ni jijjiiramna. Amalli keenya laafaa ta’a, ni qullaa’a, mootummaa Waaqayyoofis kan malu ta’a. Gooftaa keenyaa wajjin walitti dhufeenya dhugaa qabaachuun keenya qulqullummaa keenyaa fi jaalala keenya dabalaa deema. Kadhannaa keessa guddachuutu jira. Barumsa Waaqummaa baranna, kunis of eeggannaa fi kaka’umsa nuti qabnuun mul’ata.LGEI 83.4

    Lubbuun gara Waaqayyootti deebi’uudhaan gargaarsa, deggersa, humna, barbaachaaf yeroo hunda kadhattu, abdii beekama qaba, dhugaa ilaalchisaa ifa ga’aa qaba, humna ittiin hojjetu qaba, itti fufiinsaanis qajeelummaa kan beela’uu fi dheebotu ta’a. Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qabnu mirkaneeffachuudhaan, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabbnu keessatti, ifa, nagaa, dhugaa, isa onnee keenya bitu itti dhangalaasuu dandeenya. Jabinni Waaqayyoon kadhachuudhaan argamu, sammuu ofii of eeggannaa fi yaaduutti leenjisuu dabalatee, nama tokko guyyaatii gara guyyaatti dirqama inni ba’uu qabuu fi haala kam keessatti illee nagaa akka qabaachuu danda’uuf qopheessa.LGEI 84.1

    Yoo gara Waaqayyootti dhiyaanne, Isaaf akka dubbannuuf Inni dubbii dubbannu afaan keenya keessa nuuf ka’a, maqaa Isaas akka galateeffannu nu taasisa. Faarfannaa ergamoonni ittiin Abbaa keenya Isa samii irraa galateeffatan nu barsiisa. Waan gooonu hundumaa keessatti, ifaa fi jaalala Fayyisaa keenya Isa nu keessa buufateetu mul’ata. Jeequmsi bakkeedhaan dhufu jireenya amantiidhaan Ilma Waaqayyoo keessa jiraatan bira hin ga’u.LGEI 84.2