Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Waaqa irratti akka ta’u, lafa irrattis akkasuma haa ta’u” Mat. 6:10.

    Fedhiin Waaqayyoo seera isaa isa qulqulluu keessaan mul’ate. Qajeelfamni seera kanaa immoo qajeelfama samiiti. Ergamoonn samii keessaa beekumsa hundumaa caalaa beekumsa fedha Waaqayyoo qabu, tajaajila isaan humna Isaanii itti baasan keessaa Inni guddaan fedha Isaa kana raawwachuu dha.LGEI 107.1

    Samii keessatti tajaajilli kennamu garuu, hafuura seera raawwachuutiin kan godhamu miti. Yeroo Seexanni seera Waaqayyoo irratti fincila kaase sana ture kan waa’een seeraa gara sammuu ergamootaatti dhufe. Tajaajila isaanii keessatti ergamootni akka garbootaatti utuu hin taane akka Ilmaan Waaqayyootti hojjetu. Isaanii fi Uumaa isaanii gidduu tokkummaa amansiisaa ta’etu jira. Abboomammuun isaaniif akka hojiitti hin ilaalamu. Jaalalli Waaqayyoo tajaajilla isaanii kan gammachuu godha. Kanaaf lubbuu Yesuus keessa buufate hundumaa keessatti, abdiin ulfinaa keessa buufata, dubbiin Isaas irra deddeebi’amee itti dhaga’ama, “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti tola, seerri kees garaa koo keessa jira.” Far. 40:8.LGEI 107.2

    Kadhannaan, “Samii irratti akka ta’u, lafarrattis akkasuma haa ta’u” jedhu, mootummaan seexanaa lafa kana irraa akka dhabamuuf, cubbuun lafa irraa bara baraan akka balleeffamuuf, Mootummaan qajeelummaa akka lafa irratti hundaa’uuf kan godhamu dha. Sana booda akkuma samii irratti ta’e, “Gammachuun gaarummaa Isaatii” lafa irrattis ni raawwatama. 2 Tas. 1:11.LGEI 107.3

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents