Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Qorumsatti nu hin galchin, hamaa nu oolchi malee.” Mat. 6:13.

    Qorumsi cubbuu hojjechuuf afeerraa dhiyaatu dha, kun immoo Waaqayyo biraa kan dhufu miti, kan inni dhufu seexana biraa fi onnee keenya isa hamaa biraati. “Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda’u, ofii isaatiis nama tokko illee hamaadhaaf hin qoru.” Yaaqob 1:13.LGEI 114.1

    Seexanni qorumsa nutti fiduu barbaada, akka amalli keenya inni hamaan namootaa fi ergamoota duratti mul’atuuf jechuu dha, kan isaa akka taanes ittiin nu falmachuuf kana godha. Raajii Zakkaariyaas keessatti akka mul’atetti, Seexanni harka mirgaa Ergamaa Waaqayyoo dhaabatee ture, Iyyaasuu isa angafa lubootaa ta’e himachuudhaaf, uffata xuraa’aa uffatee kan ture sana hadheessuudhaan tajaajila ergamootni isaaf godhan ittisuu barbaadee ture. Kun ilaalcha seexanni lubbuu Waaqayyo ofitti harkisuu barbaadu hundumaa irratti qabu dha. Diinni cubbuutti nu geggeessa, sana booda immoo jaalalli samii isaaniif hin malu jechuudhaan samii irratti nu hadheessa. Waaqayyo garuu Seexanaan akkas jedha, “seexanana, Waaqayyo si haa ifatu: inni kun mukukkula ibidda keessaa ba’e mitiiree?” Iyyaasuun immoo akkas jedhe, “yakka kee si irraa kaaseera, uffata kees nan jijjiira.” Zak. 3:1-4.LGEI 114.2

    Waaqayyo karaa jaalala isaatii Hafuura isaa nu keessatti guddisuu barbaada. Gufannaan, ari’atamuun, rakkinni akka gara keenya dhufaniif ni hayyama, akka abaarsaatti utuu hin taane jireenya keenyaaf eebba akka fidanitti kana godha. Qorumsii fi gufannaan nutti dhufan hundinuu amala keenya qaruudhaan nu fayyadu. Lubbuun qorumsa of irraa deebisu hundi samii fi ardii kanatti humna Ayyaanni Kiristoos qabu agarsiisa.LGEI 115.1

    Qorumsaan abdii kutachuun yoo nu irra hin jiru ta’e iyyuu, yeroo qorumsi nutti dhufutti onnee keenya isa hamaadhaan harkifamnee akka Waaqayyo irraa hin fagaanneef kadhachuu qabna. Kadhannaa gooftaa keenyaa keessatti, ofii keenya geggeessaa Waaqayyootti dhiifna, karaa amanamaa irra akka inni nu geggeessuuf isa gaafanna. Kara fedha keenya irra deemuuf murteessaa kana yoo kadhanne kadhannaan keenya dhugaa miti. Harki isaa akka nu geggeessuuf eeguu qabna; sagalee akkas jedhu ni dhageenya, “Karichi isa kana, isa irra adeemaa.” ” Isa. 30:21.LGEI 115.2

    Yaada Seexanni kennu duukaa bu’uudhaan ija godhachuun ni danda’ama jedhanii yaaduun gaarii miti. Cubbuun lubbuu hojjetu hundumaaf balaa qaba; amalli isaa garuu gowoomsaa waan ta’eef waan ta’u hundumaa fakkeessee dhiyeesssa. Yoo karaa Seexanaa irra deemne humna isaa erraa eegumsa argachuuf wabii hin qabnu. Qaawwa ittiin seexanni qorumsa fudhatee gara keenya dhufu hunda cufuu qabna.LGEI 115.3

    Kadhannaan “qorumsatti nu hin galchin” jedhu ofuma isaatii iyyuu waadaa dha. Yoo Waaqayyotti of kennine wabii qabna; Inni, “Qorama sana keessatti akka isin dandeessan ni godha; karaa isin ittiin keessaa baatanis isiniif ni kenna” 1 Qor. 10:13.LGEI 115.4

    Karaan amansiisaan ittiin hamaa irraa eegumsa argachuu dandeenyu, akka Kiristoos qajeelummaa isaatiin nu keessa bulu gochuudhaan qofa dha. Waan ofittummaan nu keessa jiruuf qorumsi nurratti aangoo qabaata. Yeroo jaalala Waaqayyoo isa guddaa ilaallu garuu, ofittummaan yeroo amala isaa nutti agarsiisuu jalqabu akka inni lubbuu keenya keessaa ba’u goona. Hafuurri qulqulluu Kiristoosif ulfina kennuu yeroo jalqabu, oneen keenya laafee gad of qabuu jalqaba, qorumsi aangoo isaa dhabaa deema, Ayyaanni Waaqayyoo amala jijjiira.LGEI 116.1

    Kiristoos lubbuu du’eef tokko iyyuu hin gatu. Lubbuun tokko Isa irraa deebitee cubbuudhaan liqimfamuu dandeessi ta’a, Kiristoos garuu lubbuu fannoo irratti lubbuu Isaa kennuudhaan gatii baaseef tokko iyyuu hin gatu. Mul’atni keenya hafuuraa ariifatee, warra ba’aa cubbuu jalatti kufanii jiranii fi abdii kutannaadhaan du’a eeggatan qaqqabuu qaba. Warra qoraman kana gargaaruuf ergamoota balali’an arguu qabna. Ergamootni kun humnoota hammeenyaa lubbuu sana marsanii rakkisan irraa deebisuudhaan miilli isaanii akka hundee isa sirrii ta’e irra dhaabatuuf gargaaru. Lolli humnoota lamaan gidduutti ta’u akkuma waraana biyya lafaa keessatti banamuu dhugaa dha, dhumni keenya kan bara baraas bu’aa waraana sanaa irratti hundaa’a.LGEI 116.2

    Akkuma Pheexirositti dubbatame nuttis dubbatameera, “seexanni akka namni qamadii gingilchu isin gingilchuudhaaf isin falmeera: ani garuu amantiin kee akka iddoodhaa hin badneef siif kadhadheera.” Luq. 22:31, 32. Waaqayyoon haa galatu malee Qofaatti hin hafne. “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa amma kennuufitti biyya lafaa jallate. Isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti” (Yoh. 3:16), waraana Waaqayyoo fi namoota irratti baname keessatti Inni nu hin dhiisu. “Ani kunoo, mar’ataa irra, torbaan qabaa irra, aangoo diinaa hundumaa irras ejjechuu akka dandeessaniif, gooftummaa isiniif kenneera. Homtinuus isin hin miidhu.” Luq. 10:19.LGEI 116.3

    Kiristoos isa jiraataa wajjin hariiroo qabaadhu, Inni harka isaa isa gonkumaa si hin gad dhiifneen si qabaa. Jaalala Waaqayyo nuuf qabu beekuudhaan amani, eegumsa ni argatta; jaalalli sun arrabsoo fi hadheessuu Seexanaatiin kan hin mo’amne dha. “Maqaan Waaqayyoo masaraa jabaa dha: warri qajeelonni isatti baqachuudhaan ni oolu.” Fkn 18:10.LGEI 117.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents