Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Kadhadhaa isiniif ni kennamaa; barbaadaa ni argattuu; balbala rukutaa isiniif banamaa.” Mat. 7:7.

    Amanuu dhabuu, gar malee hubachuu fi gar malee hiikanii barsiisuu iddoo dhowwachuudhaaf Gooftaan waadaa yeroo sadii irra deebi’ee kenne. Warra Waaqayyoon barbaaddatan utuu argee baayyee hawwa. Kanaaf akkas jedhee itti dabale, “kan barbaadu hundinuu ni argata; isa balbala rukutuuf ni banama.”LGEI 126.2

    Gooftaan keenya, arara isaa beela’uu, gorsa isaa barbaaduu fi jaalala isaa dharra’uu malee ulaagaa biraa hin keenye. “Gaafadhaa.” Gaafachuun wantichi kan si barbaachisu ta’uu isaa ibsuu dha; amantiidhaan gaafannaan ni argatta. Kun dubbii gooftaati waan ta’eef hin raawwatin hin hafu. Yoo tilmamaan utuu hin taane dhugumaan feetee dhiyaatte waadaa inni seene shakkuu hin qabdu. Eebba barbaaddu yeroo gaafattutti, Kiristoosiin fakkaachuuf yoo gaafatte, Kiristoos akka waadaa seenameetti gaafachuu kee siif mirkaneessa. Cubbamaa waan taateef araara isaa gaafachuudhaaf sababa ga’aa akka qabdu beekta. Haalli ati ittiin gara isaa dhuftu qulqulluu erga taatee utuu hin ta’in akka inni cubbuu fi yakka kee hundumaattii si qulqulleessuuf fedha qabaachuu kee agarsiisuu dha. Falmiin nuti ammas ta’e fuula duraaf dhiyeessinu, gargaarsa kan hin qabne ta’uu keenya yeroo ta’u kun immoo humni fayyisuu isaatii caalaatti akka nu barbaachisu mirkaneessa.LGEI 126.3

    “Barbaadaa.” Eebba isaa qofa utuu hin taane Isa barbaadaa. “Waaqayyotti araarami, nagaatti jiraadhu!” Iyyoob 22:21. Barbaadaa, ni argattuu. Waaqayyo si barbaadaa jira. Ati gara isaa dhufuuf fedhun kee garuu harkisa Hafuura Qulqulluutiin ta’a. Harkisa sanatti of gad dhiisi. Kiristoos warra qoraman, warra dogoggoran, fi warra amantii hin qabne kadhataa jira. Inni isaanii wajjin hariiroo qabaachuuf lafaa isaan kaasuu barbaada. “Yoo Isa barbaaddate Isa ni argatta.” 1 S.Baraa 28:9.LGEI 127.1

    “Balbala rukutaa.” Gara Waaqayyoo kan dhufnu waamicha addaani dha, waltajjii dhaggeeffattoota isaatii irratti nu simachuudhaaf nu eega. Bartootni Yesuus warri jalqabaa ariifatanii jijjiiramuutti hin amanne turan; kanaaf akkas jedhan, “Yaa Barsiisa,. . . eessa jiraatta? . . . bartoonni sun dhaqanii iddoo Yesuus buufate arganii guyyaa sana isa bira oolan.” Yoh. 1:38, 39. Waaqayyoo wajjin hariiroo jabaa qabaachuu dandeenya. “Namni golgaa isa hundumaa gararraa jiru keessa jiraatu, gaaddisa isa hundumaa danda’u jala ni buufata.” Far. 91:1. Namni Waaqayyo irraa eebba barbaadu hundinuu balbala rukutee achumatti amantiidhaan haa eegu; Waaqayyo keenya, “kan gaafate hundinuu ni fudhata, balbala kan rukuteefis ni banama” jedheeraho.LGEI 127.2

    Yesuus namoota dubbii isaa dhaga’uuf baayyinaan walitti qabaman ilaalee, araaraa fi jaalala Waaqayyoo utuu hubatanii dharra’e. Akka fakkeenya Waaqayyo waan gaafatame kennuutti, daa’ima beela’ee maatii isaa warra lafa irraa waan nyaatu gaafatuutti fayyadame. “Abbaa ta’ee ilmi isaa buddeena yoo gaafate dhagaa kan kennuuf jiraa?” jedhee gaafate. Jaalala maatiin ijoollee isaaniif qaban erga ibsee booda akkas jedhe, “isin hamoota taatanii utuma jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni samii irraa ammo ammam caalchisee warra isa gaafataniif haa kennuree!” abbaan foonii kam iyyuu mucaa isaa beela’ee buddeena kadhatu irraa hin gara galu. Mucaa isaa akka inni yaada isaa kaasuuf abdii ni kutachiisaa? Waan gaarii kennuufiif abdachiisee dhagaa ni kennaafii? Namni tokko Waaqayyoon akka waan inni dhaga’ee deebii hin kennineetti ulfina dhowwachuu qabaa?LGEI 127.3

    “Isin hamoota taatanii utuu jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni waaqa irraa immoo ammam isin caalaa warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu kenna?” Luq. 11:13. Hafurri Qulqulluun, baka bu’aa Isaa kan ta’e, kennaa jiran hundumaa kan caalu dha. “Wanti gaariin hundinuu” kana keessatti walitti qabamu. Uumaan keenya kan kana irra wayyuu fi kan kana irra caalu waan nuuf kennu hin qabu. Yeroo nuti cubbuu keenyaaf kadhanuu fi akka Inni nu geggeessuuf gaafannu Waaqayyo kadhannaa keenyatti dudda hin gatu. Maatiin daa’ima isaanii beela’e irraa gara galuu ni danda’u ta’a, Waaqayyo garuu onnee isa barbaaddee gara isaatti iyyitu irraa hin gara galu. Sanaan jaalala Isaa isa ajaa’ibsiisaa sana ibse. Namoota yeroo dukkana keessa seenan Waaqayyo waan isaan dagate isaanitti fakkaatuuf ergaan Abbaa keenyaa akkas jedha: “Xiyoon garuu, Waaqayyo na gateera, gooftaankoos na irraanfateera jette; Waaqayyo immoo haati mucaa ishee isa arma hodhu irraanfachuu ni dandeessii? Mucaa ishee isa ofii deesseef hin ho’ituuree? Utuma isheen isa irraanfattee iyyuu, ani matumaa si hin irraanfadhu. Kunoo ani barruu harka koo irratti si caaffadheera.” Isa. 49:14-16.LGEI 128.1

    Waadaan galaman hundi isaanii dubbii Waaqayyoo amanuudhaan akka nuti kadhachuu qabnu nu gaafatu. Eebba Hafuuraa nu barbaachisu hundumaa karaa Yesuusiin gaafachuun nuufcarraa guddaa dha. Waan barbaadnu hundumaa akka mucaatti dhiyaannee Waaqayyoon gaafachuu qabna. Dhimmoota yeroo gabaabaaf nu barbaachisan, buddeena ittiin jiraannuu fi buddeen jireenyaa fi uffata qajeelummaa gaafachuu dandeenya. Abbaan keessan inni samii irraa kun akkaisin barbaachisu waan beekuuf fedha keessan Isa gaafadhaa. Maqaa Yesuusiin waan hundumaa ni arganna. Waaqayyo maqaa sana ni kabaja, waan isin barbaachisus badhaadhummaa isaa irraa isiniif ni kenna.LGEI 129.1

    Haa ta’u malee Waaqayyoon akka Abbaatti yeroo itti dhiyaattu walitti dhufeenya mucaa fi abbaa gidduu jiru hin dagatin. Gaarummaa isaa amanachuu qofa utuu hin taane, waan hundumaatiin fedha isaatti qabamuu fi jaalalli isaa kan hin jijjiiramne ta’uu beekuu dha. Hojii Isaa hojjechuuf of kenni. Yesuus kan inni abdii kenneef warra duraan dursanii mootummaa isaa fi qajeelummaa isaa barbaadaniif dha, “Gaafadhaa, ni fudhattuu.” Yoh. 16:24.LGEI 129.2

    Kennaan Waaqayyo isa hundumaa danda’uu ijoollee Isaatiif man-kuusa keessa jira. Karaa dhiiga furii keenya isa aarsaa ta’ee waan nuuf dhufaniif kennaan isaa gati jabeessa dha; warri akka daa’ima xiqqootti Waaqayyotti dhiyaatan, kennaa onnee quubsu, kennaa bara baraan jiraatu, ni argatu. Waadaa Waaqayyoo kan kooti jedhii fudhadhu, kun dubbii keeti jedhiitii kadhadhu, sana booda gammachuu guutuu ta’e ni argatta.LGEI 129.3

    “Waanuma namootni akka isiniif godhaniif jaallattan, isinis akkasuma namaaf godhaa.” Mat. 7:12.LGEI 130.1

    Akka wabii jaalala Waaqayyo nuuf qabuutti, Yesuus qajeelfama tokkicha nama hundumaa hammatuun akka nuti walii keenya jaallannu nu gaafata.LGEI 130.2

    Yihuudonni waa’ee waan fudhachuu qabanii ni yaadu turan; inaaffaan isaan qaban aangoo, ulfinaa fi tajaajila yaadan mirkaneeffachuu dha. Kirstoos yeroo barsiise garuu dhimmi keenya “ammam fudhachuu dandeenya?” kan jedhu utuu hin taane “ammam kennuu dandeenya?” kan jedhu dha. Dirqamni nuuf kenname ammuma namni biraan nuu gochuuf dirqama qaba jennee yaadnu dha.LGEI 130.3

    Hariiroo warra kaanii wajjin qabdu keessatti ofii kee bakka isaanii of kaa’i. miira isaanii, ba’aa isaanii, abdii kutannaa isaanii, gammachuu fi gadda isaanii hirmaadhu. Akka isaan itti si wajjin jiraachuu qabu jettee yaaddutti isaanii wajjin jiraadhu. Kun seera amanamummaa isa dhugaa dha. Seerris kana nurraa eega. “Olla kee akka mataa keetii jaalladhu.” Mat. 22:39. Kun immoo barsiisa raajotaa ture. Kun qajeelfama samiiti, kanaaf warra Isaa wajjin hariiroo qaban hundumaa irratti hojjeta.LGEI 130.4

    Seerri akka warqeetti ilaalamu kun qajeelfama amala gaarii isa dhugaati, amalli gaarii inni dhugaan immoo Kiristoosiin mul’ateera. Jireenya fayyisaa keenyaa keessatti amala gaarii fi namatti tolu akkamiitu mul’ate! Argamuun isaa jireenya minyeessa ture. Ijoollee Isaa keessaas amaluma akkasiitu mul’achuuf jira. Warri Kiristoos isaan keessa buufatu amala Waaqummaatu naannoo isaanii buufata. Uffati isaanii inni adiin qullaa’ummaa mul’isu urgooftuu maasii gooftaa keessaa ba’u dibama. Fuulli isaanii ifa Waaqayyo biraa dhufu calaqqisiisuudhaan warra mogoleen isaanii laafeef ifa.LGEI 130.5

    Namni amala sana agarsiisuu dadhabe kam iyyuu amala Kiristoosiin mul’isuu hin danda’u. Hafuurri qulqulluun onnee laaffisa, miira namaa abiddaan baqsee qulleessuuf, isa kan samiitiin bakka buusuuf.LGEI 131.1

    Seerri warqeetti fakkeeffamu kun barbaachisummaa kana caalus qaba. Warri imaanaan soortuu amanamaa ayyaana Waaqayyoo itti kenname akka waan ofii isaaniitii dukkana keessa ta’anii gargaarsa barbaadaniitti ayyana sana warra dukkana keessa jiran gargaaruuf oolchuu qabu. Paawulos akkas jedhe, “Ani saba hundumaafuu, warra Giriikotaaf, warra Giriikota hin ta’iniifis, warra beektotaaf, warra wallaalotaafis kanan itti gaafatamu gatiitu ana irra jira.” Rom. 1:14. Jaalala Waaqayyoo erga beektanii kennaa samii irraa kennamu erga fudhattanii lubbuu lafa kana irra jiraniif hiruuf itti gaafatamummaa qabdu.LGEI 131.2

    Jireenya kana keessatti eebba argattanis akkasuma: namoota naannoo kee jiran caalaa qabeenya yoo qabaatte warra naannoo kee jiraniif dirqama qabda. Lafa kana irratti qabeenya yoo qabaanne, warra dhukkubsatan, dubartoota abbaa manaa hin qabne, fi ijoollee abbaa hin qabneef akka waan ofii keenyaa bakka isaanii buunee gargaarsa barbaannuutti yaadnee gargaaruu qabna.LGEI 131.3

    Seerri warqeetti fakkeeffame kun, lallaba gaara gubbaatti lallabame kamii wajjin iyyuu wal fakkaata. Fknf, “safartuu ati itti namaaf safarteen siif ni safarama.” Wanti nuti namootaaf goonu, gaariis ta’e hamaa, eebba ykn hamaa fudhateema gara keenyatti deebi’a. waan kennine deebinee ni fudhanna. Eebbi lafa irraa kan nuti namootaa wajjin hirmaannu gaarummaa fidee dhufa. Kennaan nuti namootaaf kenninu yeroo rakkinaatti dacha afuriin nuuf deebi’a. kennaan nuti kenninu lafa kana irratti illee ulfina samiitiin nuuf deebi’a. Hamaan nuti hojjennus akkasuma deebi’a. Namni akkuma arge nama ceepha’aa fi abdii kutachiisaa ture ofii isaatii yeroo rakkatee argu jaalala agarsiisuu dhabuu isaatiin akka isa miidhe ni hubata.LGEI 131.4

    Jaalala Waaqayyooti kan kana nurratti labse. Inni gara jabina keenya baafnee akka Yesuus nu keessa bulu barbaada. Kanaaf dha kan hamaa keessaa gaariin ba’e, abaarsis eebbatti kan jijjiirame.LGEI 132.1

    Safartuun seera warqeetti fakkeeffamee sfartuu Kiristaanaa isa sirrii dha; wanti isaa gadii hundinuu gowoomsaa dha. Amantiin lubbuu Yesuus gatii kennuufiidhaan lubbuu isaa kenneef gaditti ilaalu; amantiin dhaba, miidhamaa fi mirga namootaaf dhimma hin qabne amantii sobaa dha. Gaaffii hiyyeessotaa, miidhamtootaa fi cubbamootaa gadi qabuu keenyaan Kiristoositti gufuu ta’uu keenya agarsiifna. Kiristaanummaan kan inni lafa kana irratti humna dhabeef keessaa inni guddaan namootni baayyeen maqaa qofaan Kirisaana jedhamanii amala Kiristaanummaa waan hin qabneef dha. Sababa kanaaf maqaan Waaqayyoo ni arrabsama.LGEI 132.2

    Waldaa bartootaa keessatti, guyyoota ifaa kan ulfinni Kiristoos isa du’aa ka’ee keessatti mul’ate, waan isaanii akkasitti barreeffamee jira, “qabeenyaa ofii qaba tureen kan kooti hin jenne.” “homtinuu isaan keessaa waa dhabee hin rakkanne.” “Ergamoonnis humna guddaa argisiisuudhaan du’aa ka’uu gooftaa Yesuus dhugaa ba’an: ayyaana guddaas qabu turan.” “guyyaa guyyaatti yaada tokkoon mana qulqullummaatti deddeebi’anii manuma mana isaaniittis buddeena cabsatan, gammachuudhaanis, garaa qulqulluudhaanis nyaata isaanii waliin ga’ani ni nyaatu turan. Isaan Waaqayyoon ni galateeffatan; saba hundumaa durattis ayyaana argatan. Gooftaanis guyyaa guyyaatti warra fayyan amantootatti ni dabale.” HoE. 4:32, 34, 33; 2:46, 47.LGEI 132.3

    Lafa kana irras ta’e samii irratti yeroo nuti warra o’aa fi gargaarsa keenya barbaadan gargaarru caalaa dhugaan humnaan mul’atu hin jiru. Kun dhugaa isa Yesuus keessa jiru dha. Yeroo namootni Kiristoositti waamaman seera warqeetti fakkeeffame kana hojii irra oolchan akkuma bara bartootaa humni wangeelaa ba’ee ni mul’ata.LGEI 133.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents