Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Obboleessa keetti araarami.” Mat. 5:24.

    Jaalalli Waaqayyoo walitti araaramuun oli dha; qajelfama hojjetu dha, burqituu jiraataa dha, kan warra kaan eebbisuuf yeroo hundaa burqu dha. Yoo jaalalli Kiristoos nu keessa bule, namoota keessa jibba facaasuu dhiisuu qofa utuu hin taane, kallattii hundumaan jaalala isaaniif qabnu itti agarsiisuudhaaf yaalii goona. Yesuus akkas jedhe, “Kennaa aarsaa dhiyeessuudhaaf iddoo aarsaatti yoo fidde, iddoodhuma sanatti akka obboleessa kee waa yakkitee yaada isaa miite sitti ni yaadatama ta’a, kennaa aarsaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisiitii dhaqii obboleessa keetti dura araarami; kana booda deebi’ii kennaa aarsaa kee dhiyeessi.” Aarsaan dhiyaatu kana agarsiisu amantii karaa Yesuus dhiyaatuun namni dhiyeessu sun jaalalaa fi araara Waaqayyoo fudhachuu isaa agarsiisa. Namni tokko garuu, hafuura jibbaa utuu qabuu aarsaa araara Waaqayyo bakka bu’u dhiyeessuun qoosuu dha.LGEI 58.4

    Yeroo namni Waaqayyoon tajaajilu tokko obboleessa isaa yakku, obboleessa sanatti amala Waaqayyoo gar malee agarsiisa, kanaaf cubbuu isaa himachuu qaba, cubbuu ta’uu isaas amanuu qaba, kana gochuudhaanidha kan Waaqayyoo wajjin walii galuu danda’u. obboleessi keenya yakka nuti isa irratti hojjenne caalaa nu yakkeera ta’uu danda’a; haa ta’u malee, kun itti gaafatamummaa keenya hir’isuu hin danda’u. yeroo Waaqayyoon duratti dhiyaannu namni nutti gadde jiraachuu isaa yoo yaadanne, kadhannaa keenya, galata keenya, kennaa jaalalaa keenya sana dhiisnee gara obboleessa wajjin wal dhabnee dhaquudhaan gad of deebifnee cubbuu keenya himachuudhaan dhiifama gaafachuu qabna.LGEI 59.1

    Yoo obboleessa keenya waliin dhoofnee ykn madeessineerra ta’e bakkatti deebisuu qabna. Yoo sobaan irratti dhugaa baaneerra ta’e, yoo jecha isaa jallifnee namatti himeeneerra ta’e, karaa kamiin iyyuu yoo isa miineerra ta’e, namoota biratti sana goone hundumaa bira deemenee dogoggora hojjenne hunda irraa kaasuu qabna.LGEI 59.2

    Utuu dadhabinni obbolootaa namoota biroo duratti himamuun hafee, jaalala kiristaanummaatiin walii isaanii gidduutti ifatti irratti dubbatanii, hammeenyi baayyee ittifama ture. Hadhaa’ummaan namootni baayyeen ittii xuraa’an baayyeen ni bada ture. Duuka buutonni Kiristoosis tokkummaa jaalalaa guddaa qabaatu turan.LGEI 60.1